ABC News Afaan Oromoo
Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!
Ko'proq ko'rsatish📈 Telegram kanali ABC News Afaan Oromoo analitikasi
ABC News Afaan Oromoo (@abcoromoo) Yava til segmentidagi kanali faol ishtirokchi. Hozirda hamjamiyat 22 786 obunachidan iborat bo'lib, Kriptovalyutalar toifasida 5 165-o'rinni va Finlandiya mintaqasida 203-o'rinni egallagan.
📊 Auditoriya ko‘rsatkichlari va dinamika
невідомо sanasidan buyon loyiha tez o‘sib, 22 786 obunachiga ega bo‘ldi.
07 Iyul, 2026 dagi oxirgi ma’lumotlarga ko‘ra kanal barqaror faollikka ega. Oxirgi 30 kunda obunachilar soni -209 ga, so‘nggi 24 soatda esa 0 ga o‘zgardi va umumiy qamrov yuqori darajada qolmoqda.
- Tasdiqlash holati: Tasdiqlanmagan
- Jalb etish (ER): Auditoriya o‘rtacha 9.40% darajada jalb etiladi. Nashrdan keyingi dastlabki 24 soatda kontent odatda umumiy obunachilar sonining 4.62% ini tashkil etuvchi reaksiyalarni to‘playdi.
- Post qamrovi: Har bir post o‘rtacha 2 142 marta ko‘riladi; birinchi sutkada odatda 1 052 ta ko‘rish yig‘iladi.
- Reaksiyalar va o‘zaro ta’sir: Auditoriya faol: har bir postga o‘rtacha 10 ta reaksiya keladi.
📝 Tavsif va kontent siyosati
Muallif resursni shaxsiy fikrni ifoda etish maydoni sifatida ta’riflaydi:
“Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!”
Yuqori yangilanish chastotasi (oxirgi ma’lumot 08 Iyul, 2026 da olingan) sababli kanal doimo dolzarb va katta qamrovli bo‘lib qoladi. Analitika auditoriya kontent bilan faol hamkorlik qilishini, uni Kriptovalyutalar toifasidagi muhim ta’sir nuqtasiga aylantirishini ko‘rsatadi.
Ma'lumot yuklanmoqda...
| Sana | Obunachilarni jalb qilish | Esdaliklar | Kanallar | |
| 07 Iyul | +6 | |||
| 06 Iyul | +2 | |||
| 05 Iyul | +14 | |||
| 04 Iyul | +3 | |||
| 03 Iyul | +18 | |||
| 02 Iyul | +1 | |||
| 01 Iyul | +3 |
| 2 | Matn yo'q... | 649 |
| 3 | Kufaatii Barnootaa %92, Qaala'iinsa Jireenyaa, Rakkoo Nageenyaa fi 'Lakkoofsa Sobaa' Irratti Dr. Dassaalany MM Dr. Abiyyiin Qeeqan!
Miseensi Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Dr. Dassaalany Caanee, walgahii idilee irratti dhimmoota nageenyaa, diinagdee makroo fi hawaasummaa biyyattii ilaalchisuun Ministira Muummee Doktar Abiy Ahimadiif qeeqawwan ciccimoo fi yaada furmaataa itti amanan dhiyeessan. Akka Dr. Dassaalany ibsanitti, waggoota shanan darban keessa ummanni Itoophiyaa gatii ulfaataa kaffaleera. Waadaa nagaa fi badhaadhinaa mootummaan kenne faallaa ta'uun, waraanni, diinagdeen jiguu fi giddu-galeessi hawaasaa dhabamuun biyyattii keessatti hiyyummaa hammaataa uumeera jechuun ibsan. Haqa lafarra jiru dhoksuun lakkoofsa sobaatiin ummata gowwoomsuun balaa caalu akka fidu cimsanii akeekkachiisaniiru.
Dhimma diinagdee fi hiyyummaa ilaalchisee, kiraayiin manaa galii ji'aa lammiilee irra caaluu fi yeroo ammaa biyya keenya keessaa gitni hawaasaa giddu-galeessaa (Middle class) badee, namoota muraasa garmalee sooressa ta'anii fi baay'ina ummataa hiyyummaan waxalamaa jiranitti qoodamuu isaa qeeqan. Gabaasni guddina diinagdee %10.2 fi galiiwwan biroo mootummaan dhiyeesse dhugaa lafarraa fi qaala'iinsa jireenyaa biyyattii waliin faallaa ta'uu dubbatan. Gama barnootaatiinis, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan keessaa %8.7 qofti darbuun, dhibbeentaa 92 kufuun isaanii "badiisa dhalootaa (Generational Catastrophe)" ta'uu ibsuun, itti gaafatamummaa kana Ministeera Barnootaatu fudhachuu qaba jedhan. Dabalataan, barattoonni miliyoona torba ta'an ammallee barnoota irraa ala ta'uu isaanii eerraniiru.
Nageenyaa fi rakkoo namoomaa ilaalchisuun, waraana Kaaba Itoophiyaa dabalatee waldhabdee walitti fufiinsa qabu naannolee garagaraatti deemaa jiruun mirgi jiraachuu lammiilee sarbamaa jiraachuu eeran. Mootummaan namoota deeggarsa nyaataa barbaadan miliyoona 27 irraa gara 2.3 qofaatti gadi buuseera jedhus, dhaabbileen idil-addunyaa akka WFP fi FAO garuu lammiileen miliyoona 15.8 hanga 21.4 balaa beelaa hamaa keessa akka jiran ragaa ba'uu ibsuun gabaasa mootummaa sobsiisaniiru.
Kallattii furmaataatiifis, mariin biyyaalessaa dhiibbaa siyaasaarraa bilisa ta'ee fi qaamolee hidhatan hunda kan hirmaachise akka ta'u, akkasumas haqni ce'umsaa dhugaan akka hojiirra oolu gaafatan. Mootummaan ijaarsa paarkiiwwanii irraa xiyyeeffannaa isaa gara warshaalee gurguddoo fi ijaarsa manneeniitti akka naanneessu, akkasumas waldhabdee humnaan furuurraa gara marii siyaasaa dhugaatti ce'uun bara haaraa 2019 keessatti ummata Itoophiyaaf abdii qabatamaa maal akka qopheesse ifa akka godhuuf Ministira Muummee gaafataniiru.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 1 194 |
| 4 | Matn yo'q... | 889 |
| 5 | Qaala’iinsa gatii guutummaan dhabamsiisuun hin danda’amu, tasgabbeessuun garuu ni danda’ama - Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018 (ABC) – Qaala’iinsa gatii guutummaan dhabamsiisuun hin danda’amu, tasgabbeessuun garuu ni danda’ama jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018 fi karoora bajaata 2019 ilaalchisee Yaadaa fi gaaffii dhimmoota diinagdeerratti miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Hanqina mana jireenyaa furuuf bara baajataa 2018 keessa manneen jireenyaa miiliyoonni1.2 ijaaramuu fi bara 2019 ammoo manneen jireenyaa miiliyoona1.5 ijaaruuf karoorfamuu kaasan Dookta Abiy Ahimad.
Finfinneetti qofaaa Daandiin Asfaalitii Kiiloomeetirri kumni1 ol ijaaramuu ibsan.
Ijaarsi Buufataalee xiyyaaraa 7 xumuramuu kaasan.
Piroojektoota sababoota garaagaraan harkifatan xumuruuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru.
Baajata bara 2019 hanga danda’ametti baasii akkaataa qusatuun hojiirra oolchuuf kan hojjetamu ta’uu himan.
Naannoleen galii isaanii akka fooyyeessan deeggarsi barbaachisu akka taasifamuu ibsanii, baajatni dhimma ramadameef akka oolu hojiin hordoffii fi to’annoo akka cimu hubachiisan.
Hannaa fi malaammaltummaa dhabamsiisuuf hojiin ragaa fi ragaa qofarratti hundaa’e ni hojjetamas jedhan.
Itiyoophiyaa keessa kan jiru hattoonni namoota dhuunfaa malee hanna dhaabbatummaa waan hin taaneef hattoota dhuunfaa to’achuun ammoo daran rakkisaa ta’uu kaasan.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 939 |
| 6 | Matn yo'q... | 879 |
| 7 | FAAYIDAA BUNA DHUGUU
☆☆HAADHOOLIIN ULFAA BUNA YOO DHUGAAN RAKKOO QABAA??
Faayidaan buna dhuguu maali?
Buna dhuguun seenaa ilma namaa keessatti baayyee beekamaadha. Akka ragaan tokko tokko mul'isutti bunni yeroo dheeraaf akka ilma namaatin dhugamaa tureedha. Ammas akka guutuu addunyaatti hedduminaan ni dhugama. Qorannoo baayyeenis yeroo garaagaraatti faayidaa fi miidhaa buna dhuguu irratti godhameera. Mee yaa ilaalluu!!
FAAYIDAA BUNA DHUGUU
Bunni keemikaalota garaagaraa waan of keessaa qabuf buna dhuguun waan baayyeef nu fayyada; isaan keessaa muraasni:-
1.Dandeettii waa yaadachuu dabala, akkasumas miira dammaqinaa nutti uuma.
2.Carraa Kaanseerii tokko tokkoon qabamuu hir'isa. Akka qorannoon tokko tokko jedhutti buna dhuguun carraa kaanserii kanneen akka Kaanserii Tiruu fi Mar'imaanitiin qabamuu gadi buusa.
3.Carraa dhibee Sukkaaraan (T2DM) qabamuu ni hir'isa.
4.Carraa dhukkuba onnee fi sammuu keessatti dhiiguu (stroke) ni hir'isa.
5.Dhukkuboota dulluma keessa dhufan tokko tokko kanneen akka Alzheimer's disease fi Parkinson's disease ni ittisa.
6.Fayyaa Tiruu keenyaaf baayyee fayyada.
7.Miira mukaa'uu (depression) fi si'aa'ina dhabuu ni ittisa
8.Umrii namaa dheereessuu ni danda'a.
9.Dadhabbiin akka nutti hin dhagahamne godha.
10.Coomni qaama keenyaa akka gubatu gargaara.
✍Buna dhuguun faayidaalee kanneen alatti hariiroo namoota fi maatiis ni cimsa; keessattuu biyya keenyatti; bunni waan baayyeef fayyada.Ollaan buna daffisee walwaamee waliin taphata, keessumaas ta'e namni alaa yoo dhufe nooraa buna dhugduu jedhama mitiree!!.
Guyyaatti hangam yaa dhugnu?
Akka dhaabbanni "Guideline" nyaata Ameerikaa (Dietary Guidelines of America) ibsutti giddugaleessan ( average) namni ga'eessi tokko Buna shinii 3-5 ykn Kaafeenii 400mg akka dhugan gorfama.
🙈Rakkoolee fayyaa sababa buna dhuguun dhufu ( Side effects of coffee)
Addunyaa kanatti wantootni akkuma faayidaa qaban; yoo sirnaan hin fayyadamne miidhaas ni geesisu, bunnis akkasuma. Akka qorannoon garaagaraa agarsiisutti bunni faayidaa garaagaraa nuf kennus rakkoon geesisuu hin dhabamu:- isaanis
1.Hirriibni akka nu hin qabne gochuu ( Insomnia); Rafuun dura Buna dhuguun hirriibni akka dafee nu hin qabne gochuu danda'a. Kunis nama namaatti garagaraa ta'u danda'a. Namoota tokko tokko buna dhuguun hirriiba irratti isaan hin rakkisu ta'a; kan biroo immoo rafuun isaan rakkisuu danda'a, sababni isaas dandeettin namoonni kaafeenii dhiigaa keessa jiru balleessuuf ( metabolism) garaagara.
Kanaaf namoonni rakkoo kana qaban kan gorfamu; yoo rafuuf barbaaddan sa'aa 6 dura dhuguu ykn hanga bunaa xiqqeessu qabdu.
2.Buna dhuguun araada nama qabsiisa. Kanaaf buna osoo hin dhugiin yoo hafne, mataa dhukkubbii, miirri dadhabbii nutti dhagahamuu danda'a.
3.Bunni Gubaa laphee ykn singiggoo( heartburn) nutti hammessuu danda'a
4.Buna baay'isanii dhuguun ulfa irratti miidhaa geesisa. Miidhaan bunni ulfa irratti geesisu hamma irratti hunda'a. kanaaf dubartootni ulfa guyyaatti sinii 1-2 caalaa fudhachuu hin qaban(yoo danda'an immoo yeroo ulfaa osoo dhuguu baatani ni filatama), garuu baay'isanii dhugan taanan Rakkoolee akka ba'uu ulfaa (miscarriage), daa'ima ulfaatinni isaa gad aanaa ta'e(low birth weight) dhalachuu fa'a fiduu danda'a.
5, Namoonni lakkoofsan baayyee xiqqoo ta'an bunni alarjii itti ta'uu danda'a.
Bunaafi nagaya hin dhabinaa jetti OROMOON tiyya.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 1 069 |
| 8 | Matn yo'q... | 841 |
| 9 | Doolaara 260 kaffalee jaalallee kireeffate.
Cheen jedhama. Barataa Yuuniversitii ti. Gurbaan kun dhaabbata 'Love acting extra' jedhamu tokko irraa doolaara 260 kaffalee sa'atii 3f jaalallee kireeffate.
Yeroo kiraa kana raawwatanitti walii galtee waliif mallatteessanii turani. Qabxiileen walii galteesaanii: Harkashee qabachuu, rifeensashee tuttuquu, fi hammachuu akka danda'u ture. Kana bira yoo darbee garaansaa waa yaade garuu seeraan gaafatamuu akka danda'u walii galee ture.
Haata'u malee Cheen walii galtee kana bira darbee dhungachuuf yaale. Akkuma walii galteensaanii sa'atii 3 xumurameen, shamarreen kun buufata poolisii deemtee, walii galtee keenyaan alatti na dhungachuuf yaaleera jechuun himata irratti bante.
Poolisiin qorannaasaa erga xumureen booda mana murtiitti dhiyeesse. Manni murtiis walii galtee keessaniin ala baatee dhungachuuf yaaluukeetiin balleessiteetta jechuudhaan hidhaa ji'a 6 fi adabbii doolaara 6420 akka kaffalu itti murteesse.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 963 |
| 10 | Matn yo'q... | 974 |
| 11 | Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaalee garaagaraan milkaa’inaan kennamaa jira – Tajaajilicha
Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (ABC)- Qormaanni Biyyaalesssaa Kutaa 12ffaa bara kanaa marsaalee garaagaraatiin milkaa’inaan kennamaa jira jedhe Tajaajilli Madaalli Barnootaa fi Qormaatilee.
Tajaajilichi qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa sadarkaa biyyaalessaatti naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaatti marsaalee garaagaraan milkaa’inaan gaggeeffamaa jiraachuu ibse.
Qormaatichi onlaayinii fi marsaa jahatti qoodamuun karaa milkaa’ina qabuun kennamaa jiraachuu eerera.
Bakkeewwan hanqina Kompiwuteera qabanitti qormaaticha waraqaan marsaa afuriin kennuuf qophiin taasifameeras jedhe Tajaajilichi.
Haaluma kanaan Naannoo Tigraayitii Barattoonni kuma 14 fi 755 Waxabajjii 23, 2018 irraa eegalee onlaayiniin marsaa jahan qoramaa jiru.
Gama biraatiin waraqaan qoramuuf kan galma’an barattoonni kumni 14 fi 325 Adoolessa 22- 24 , 2018 Yuunivarsiitiiwwan Maqalee fi Aksuumitti kan qoraman ta’uu ragaan Tajaajilicharraa argame ni mul’isa.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 1 409 |
| 12 | Matn yo'q... | 1 243 |
| 13 | Sirni Fayyaa Diijitaalawaa Itiyoophiyaa Afriikaaf Fakkeenya Kan Ta’uudha – Obbo Tamasgeen Xuruunaa
Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xuruunaa sirni fayyaa Itiyoophiyaa sirna diijitaalaa fi hubannoo namtolchee waliin walqabachaa jiru Afriikaaf fakkeenya kan ta’uudha jedhan.
Korri Barnoota Yaalaa Afriikaa 2ffaan mataduree "Humna Ogeessa Fayyaa Afriikaa Carraalee fi Qormaatilee Haarawa Gara Fuulduraaf Qopheessuu" jedhuun har'a Finfinneetti gaggeeffamuu jalqabeera.
Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xuruunaa kora kana yeroo jalqabsiisan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waggoottan muraasa darban keessatti barnoota ogeessota fayyaa babal'isuuf hojiiwwan gurguddoo hojjetteetti.
Manneen barnoota yaalaa haarawaan banamuu fi dhaabbileen turan akka ciman taasifamuu ibsuun, carraawwan dargaggoonni Itiyoophiyaa damee saayinsii fayyaa keessatti akka hirmaatan gargaaru guddisuuf hojjetameera jedhan.
Waliigaltee naannawaa cimsuuf Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa dabalatee ogeessota fayyaa biyyoota obboleeyyanii Afriikaa irra dhufaniif leenjiin kennamuus kaasaniiru.
Itiyoophiyaan gaggeessummaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin sirna fayyaa Itiyoophiyaa humna uumama diijitaalaa fi hubannoo namtolcheen walitti hidhuun tajaajila fayyaa qulqullina qabuuf hojjetaa jirti jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta'e, inforamaatiksiin fayyaa, fayyaa diijitaalaa, roobootiksii fi qorannoo fayyaa hubannoo namtolcheen deeggarame irratti kan xiyyeeffatu Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee kan jalqabaa banuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hubannoon Namtolchee damee fayyaa keessatti jijjiirama ariifachiisaa fidaa jira kan jedhan Obbo Tamasgeen, akka arddiitti jijjiirama kana keessatti kalaqxoota, gaggeessitoota fi babal'istoota ta'uun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Jijjiiramni kun yuunivarsiitota irraa jalqabamuu akka qabu eeranii, hidhata akkaadaamii, warshaa fi shaakala kilinikawaa gidduu jiru cimsuun barbaachisaadha jedhan.
Utubaawwan sadan kunniin yeroo waliin hojjetan, kalaqni laaboraatoorii irraa gara dareetti, daree irraa gara ciisicha dhukkubsattootaatti, akkasumas ciisicha dhukkubsattootaa irraa gara gandaa fi magaalaa Afriikaa tokkoon tokkootti ga’uu danda’a jedhan.
Afriikaan qormaata fi carraa kanaan dura argamee hin beekne waliin ga’uu irratti akka argamtu eeranii, Itiyoophiyaan yeroo mara guddina damee fayyaa ardichaaf kutannoo qabdu qabatamaan argirsiisaa jirti jedhan.
Layikuun Aalamtu gabaase
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 1 471 |
| 14 | Matn yo'q... | 1 252 |
| 15 | Dooktar Abiy Ahimad boru Paarlaamaaf ibsa ni kennu.
Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (ABC) - Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad boru gabaasa raawwii hojii mootummaa bara 2018 Mana maree Bakka Bu'oota Uummataaf ni dhiyeessu.
Akkaataa Heera Mootummaa keeyyata 55 keeyyata xiqqaa 17 fi danbii hojimaataa fi naamusa miseensota mana marichaa lakk.6/2008 keeyyata 81 keeyyata xiqqaa 1 fi 3'n Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ministira Muummee fi hoggantoota mootummaa federaalaa biroo gaaffiif waamuu fi hojimaata qaama hoji-raawwachiiftuu qorachuu, hordofuu fi to'achuuf aangoo ni qabaata.
Bu'uuruma kanaan Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa 6ffaan bara hojii isaa 5ffaan Kibxata Waxabajjii 30, 2018 walga'ii idilee 30ffaa geggeessu irratti Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad argamuun gabaasa raawwii hojii mootummaa bara 2018 fi Baajata waggaa bara 2019 irratti gaaffilee miseensota mana marichaa irraa kaa'aniif deebii fi ibsa akka kennan ibsi Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Faanaa Dijiitaaliif erge ni mul'isa.
Haaluma walfakkaatuun, wixinee baajata Koree Dhaabbii Dhimmoota Karooraa, Baajataa fi Faayinaansii Mana Marichaa bara 2019 ilaalchisee gabaasa dhiyaatuu fi yaada murtoo qorate labsii baajatichaa akka raggaasisu ni eegama.
Walga'icha irratti keessummoonni afeeraman, Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa fi Bakka bu'oonni dhaabbilee idil addunyaa, abbootiin amantii, namoonni beekamoo fi hoggantoonni paartilee morkattootaa kan argaman yoo ta'u, walga'ichi ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee kallattiin akka tamsa'u ibsichi eerera.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 1 372 |
| 16 | Matn yo'q... | 1 242 |
| 17 | Shallaggiin qoodinsa qabeenyaa sirriitti hojiirra ooluu itti dhiheenyaan hordofuun danda'ameera - Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Waxabajjii 28, 2018 (ABC) - Bara baajetaa kanatti shallaggiin qoodinsa qabeenyaa sirriitti hojiirra ooluu itti dhiheenyan hordofuun danda'ameera jedhan Mana Maree Federeeshiniitti walittiqabaqn Koree Dhaabbii Dhimma Baajeta deggersaa fi Galii Waloo Obbo Shimallis Abdiisaa.
Obbo Shimallis Abdiisaa akka dubbatanitti bara baajetaa 2018 keessatti naannolee gidduutti guddina madaalawaa fi fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuuf hojiileen bu'a qabeessa ta'an hedduun hojjetamaniiru.
Sirni qoodinsa bajata gargaarsaa fi galiiwwan waloo qorannoo fi karoora gurmaa'een akka hoogganamu gochuu qofa osoo hin taane, qabeenyawwan naannolee fi bulchiinsa magaalaatti darban haala ifa fi haqa qabeessa ta'een akka qoodaman hordoffii fi deeggarsi taasifamuu dubbataniiru.
Bara bajatichaa keessatti shallaggiin qoodinsa qabeenyaa haala sirriin hojiirra ooluu itti dhiheenyaan hordofuun danda'amuu ibsaanii, kunis qabeenyawwan darban irratti iftoomina guddisuu fi mootummoota gidduutti sirna ce'umsa fiiskaalaa cimsuuf gumaacha guddaa taasisuu ibsaniiru.
Dabalataanis, raabsama bu'uraalee misooma federaalaa haqa qabeessa gochuu fi gargaarsi addaa iftoomina fi itti gaafatamummaan naannoleef qoodamuu isaanii mirkaneessuun hojiilee tarsiimoof qajeelfama ijoo korichaa akka turan eeraniiru.
Guddina dinagdee fi hawaasummaa ariifachiisuu fi naannolee gidduutti fayyadamummaa haqa qabeessa dhugoomsuun carraaqqii yeroo dheeraa akka gaafatu ibsaanii, hudhaalee adda baasuu fi odeeffannoo yeroon walitti qabuun furmaata waaraa fiduuf akka hojjetamu ibsuu isaanii odeeffannoon Mana Maree Federeeshinii agarsiiseera.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 1 819 |
| 18 | Matn yo'q... | 1 535 |
| 19 | Shamarran akka hin dubbifne maxxansa kana. Dhiironnimmoo akka bira hin dabarre.
Biraazer waanan qophaatti si barbaadeef maal seete? shamara tokko jaallattee sin fuudha jetteenii isheen mataakoo miillakoo hinyinyi jetti taanaan hin kadhatiin. Daqiqaa tokko miti second tokkoyyuu bira hin dhaabatiin.
Maaliif hin jettuu? Ati daayimendii fi warqii miti Meerkuriidha. Gatiiikee gad hin buusiin.
Yeroo kana dhiirri akkuma addunyaattuu badaa dhalachaa hin jiru. Biyya keenyattis daa'imni 10 yoo dhalatte, achi keessaa dhiirri yoo baayate 2 qofa. Maal argaa oolla mitii?
Innumti dhalatee guddatemmoo, baayeensaa dirree waraanaa jira. Baayeensaa dubaayii dhaqnee hojii hojjenna jedhee akka qamadii fe'amee biyyaa bahaa jira. Inni kaan mana hidhaa jira. Inni kaanimmoo baratee hojii waan dhabeef hojii malee jiraata. Kaanimmoo suusii fi araadaan sammuun isa badeera. Innumti hojii qabuyyuu jireenya fuudha boodaa maaliinan daayipperii bita? Maaliinan cidha qopheessa, maalinan sana kana godha jedhee akka hattuu polisii baqatuutti fuudha baqataa jira.
Atumtu daffartee qaala'insa kana ija dhiibdee itti deemtee, waan namni akka qoraattiitti baqatu kana utuu hin sodaatiin, daayipperii bituuf aannan mucaa bituu, ayyanatti hoolaa bituu fi ollaa waamtee nyaachisuu, xaafii bituu, zayitii bituu kana ofitti murtee fuuudha murteessitee jennaan isheenimmoo si diddi taanaan Lootoriitu miliyoona keessaa baheefi jennaan fudhachuu wallalte jechuudha. Isheen akkuma durii isa mana qabu, isa konkolaataa qabu, isa bifa bareedaa qabu, isa miindaa gaashaa qabu minaamin jetti taanaan seexanatu muudii itti qabachaa jira. Abaarsa akkoof akaakileetu sanyii lakkaa'atee itti darbe waan ta'eef dhiisiiti darbi. Kan biraaf biddeen baasi obboleessakoo.
Biraazer yeroo ammaa kana dhiirri waggaa 40 fixee qophaa mana banatee galaa jira. Fakkenyaaf hintinaa faa. Inni umuriinsaa 37 olii akka mucaa waggaa 15 ttii mana warrasaatii nyaatee dhugee jiraataa jira. Fuudha baqatee kana godhaam! Yeroo dargaggeessii akkas akkasii fuudha baqatee taa'utti ati murteessiteema fuudhatti deemuukeefuu siidaan gootummaa siif dhaabachuu qaba.
Kanaafuu atumtuu muudii qabachuu dhiisiti fuudhaaf murteessi malee abbaa barbaadde gaafadhuuti yoo isheen tole siif jechuu didde natti ergi gorsa obbolummaan ishee gorsa!
Ani haadhoonkee si wajjinan jira biraazer...!
Warri dubaraa garuu hin dubbifne mitii maxxansa kana? 😂
Horaa bulaa!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 1 892 |
| 20 | Matn yo'q... | 1 594 |
