ABC News Afaan Oromoo
Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!
Ko'proq ko'rsatish📈 Telegram kanali ABC News Afaan Oromoo analitikasi
ABC News Afaan Oromoo (@abcoromoo) Yava til segmentidagi kanali faol ishtirokchi. Hozirda hamjamiyat 22 093 obunachidan iborat bo'lib, Kriptovalyutalar toifasida 5 003-o'rinni va Finlandiya mintaqasida 228-o'rinni egallagan.
📊 Auditoriya ko‘rsatkichlari va dinamika
невідомо sanasidan buyon loyiha tez o‘sib, 22 093 obunachiga ega bo‘ldi.
05 Oktabr, 2026 dagi oxirgi ma’lumotlarga ko‘ra kanal barqaror faollikka ega. Oxirgi 30 kunda obunachilar soni -139 ga, so‘nggi 24 soatda esa -5 ga o‘zgardi va umumiy qamrov yuqori darajada qolmoqda.
- Tasdiqlash holati: Tasdiqlanmagan
- Jalb etish (ER): Auditoriya o‘rtacha 4.21% darajada jalb etiladi. Nashrdan keyingi dastlabki 24 soatda kontent odatda umumiy obunachilar sonining 2.79% ini tashkil etuvchi reaksiyalarni to‘playdi.
- Post qamrovi: Har bir post o‘rtacha 930 marta ko‘riladi; birinchi sutkada odatda 616 ta ko‘rish yig‘iladi.
- Reaksiyalar va o‘zaro ta’sir: Auditoriya faol: har bir postga o‘rtacha 2 ta reaksiya keladi.
📝 Tavsif va kontent siyosati
Muallif resursni shaxsiy fikrni ifoda etish maydoni sifatida ta’riflaydi:
“Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!”
Yuqori yangilanish chastotasi (oxirgi ma’lumot 06 Oktabr, 2026 da olingan) sababli kanal doimo dolzarb va katta qamrovli bo‘lib qoladi. Analitika auditoriya kontent bilan faol hamkorlik qilishini, uni Kriptovalyutalar toifasidagi muhim ta’sir nuqtasiga aylantirishini ko‘rsatadi.
Ma'lumot yuklanmoqda...
| Sana | Obunachilarni jalb qilish | Esdaliklar | Kanallar | |
| 06 Oktabr | 0 | |||
| 05 Oktabr | 0 | |||
| 04 Oktabr | +3 | |||
| 03 Oktabr | +2 | |||
| 02 Oktabr | 0 | |||
| 01 Oktabr | 0 |
| 2 | Matn yo'q... | 546 |
| 3 | Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaanti Siiriil Raamaafoosaa waliin mari'atan
Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa simachuun waliin mari'ataniiru.
Obboleessa Koo Pireezidaanti Siiriil Raamaafoosaa gammachuun simadheera jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Sirna Hunfeeffama Mootummaa Ida’amuu kabajuu keenyaaf ergaa baga gammaddaniif isaan nuuf dabarsaniif nan galateeffadha jedhuun ibsan.
Itiyoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa tokkummaa, nageenya, Misoomaa fi abdii ardichaaf murannoon kan hojjetaan ta’uu eeran.
Biyyoota hariiroo seenaa qabeessaa fi cimaa qaban ta’uu ibsuun, michummaan biyyoota laman gidduu jiru caalmaatti akka cimu abdii qabaachuu himan.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 454 |
| 4 | Matn yo'q... | 376 |
| 5 | Pireezidaanti Hasan Sheek Mahaammud Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhan
Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 – Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad har’a Ministira Muummee FDRI ta’uun irra deebiin filatamuu hordofee Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud erga baga gammaddanii dabarsaniiru.
Irra deebiin filatamuu keessaniif gammachuu guddaa qabaachuu koo ibsuun barmaada, bara hojii gaarii akka isiniif ta’un hawwa jedhan.
Hariiroo Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru cimsuu, akkasuma nageenya naannawaa Afrikaa fi badhaadhina waloo ummattoota keenyaa mirkaneessuf tumsan hojjenna jechuun ibsan.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 324 |
| 6 | Matn yo'q... | 293 |
| 7 | Baankiin Awaash Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhe
Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad irra deebiin filatamuu isaaniin Baankiin Awaasha ergaa baga gammaddanii dabarseera.
Boordiin Daayrektarootaa, miseensotni hoggansaa fi hojjettootni baankichaa guutuun Dooktar Abiy Ahimad irra deebiin filatamuu isaanitti gammadduu ibseera.
Yeroo itti aanu, hoggansa isaanii bilchaataa jalatti, Itiyoophiyaan Afrika keessatti sirna dinagdee fi faayinaansii bal’aa fi cimaa itti fufsiisti jedhee kan amanu ta’uu ibsameera.
Itiyoophiyaan jijjiirama adda ta’e akka galmeessitu amantii guutuu qabaachuu eeruun, hawaasni Baankii Awash yeroo hojii isaanii itti aanu caalaatti milkaa’aa akka ta’u hawwii qaban jedhe.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 350 |
| 8 | Matn yo'q... | 340 |
| 9 | Fedhiin keenya Itiyoophiyaan guddattee arguudha - Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 – Itiyoophiyaan sirna mataa isheen fedhii ishee ni mirkaneeffatti jedhan Ministirri Muummee fdri Dooktar Abiy Ahimad.
Har’a irra deebiin Ministira Muummee FDRI ta’uun kan filataman Dooktar Abiy Ahimad haasawa baniinsaa taasisaniin fedhiin keenya Itiyoophiyaan guddattee arguudha jedhan.
Rakkoolee jiran waaraan furuun kan danda’amu Itiyoophiyaan qaroomina mataa ishee yoo diriirsite qofa ta’uu hubachiisan.
Kaayyoon keenya hiyyummaa injifachuu, barnoota babal’isuu, fedhii mana jireenyaa guutuu, dhiyeessii tajaajila fayyaa fooyya’aa taasiisuu fi carraa hojii ba’aa uumadha jedhan.
Mul’ata seenaa jijjiiruu danda’u qabannee Itiyoophiyaa guddoo ijaaruuf ni hojjenna jechuun dubbatan.
Jijjiiramni argamaa jirus Itiyoophiyaarraa darbee addunyaa dinqiiseera jedhan.
Guddinni dinqiisaan galmaa’aa jiru kun diinoota Itiyoophiyaa hunda boqonnaa dhorkuu kaasan.
Sababa kanaan diinonni hundi gurmaa’uun waraana nurratti banan.
Itiyoophiyaan garuu haqa waan qabduuf qormaata kamiiyyuu ni injifatti jechuun himan.
Misooma itti fufiinsa qabu galmeessuu fi nageenya waaraa mirkaneessuu yaadama Ida’amuun eeggalle caalmaatti cimsinee itti fufna jedhan.
Siifan Magarsaatiin
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 629 |
| 10 | Matn yo'q... | 527 |
| 11 | Itiyoophiyaan lammii injifataa malee lammii injifatamu hin qabaattu- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaan lammii injifataa malee lammii injifatamu hin qabaattu jedhan.
Sirni hundeeffama mootummaa Ida'amuu haaraa fi baniinsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaggeeffamaa jira.
Manni Marichaa Yaa'ii isaa kanaan Dooktar Abiy Ahimadiin Ministira Muummee Rippabiliika Dimokraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa gochuun muudeera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, haasaa Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kana irratti taasisaniin, filannoo waliigalaa 7ffaan sagalee isaanii kennuun mootummaa fudhatama qabu hundeessuuf sagalee isaanii kennan lammiilee miliyoona 54 ol ta’aniif galata dhiyeessaniiru.
Akkuma warqeen ibiddaan qoramu, aadaan diimokraasii immoo yeroo filannoo akka qoratamu Dooktar Abiy ibsaniiru.
Ummanni filannoo waliigalaa 7ffaa haala ulfaataa keessatti gaggeeffame irratti, birmadummaa isaa cimsachuuf sagalee kennuu eeraniiru.
Adeemsi waliigalaa kun hundee aadaa diimokiraasii keenya caalaatti cimaa dhufuu isaa ifatti agarsiiseera jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy, filannoon kamiyyuu paartii injifatuu fi injifatamu qabaachuu akka danda’u eeranii, Itiyoophiyaan garuu lammii injifataa malee lammii injifatamaa akka hin qabaannes mirkaneessaniiru.
Qormaata akka biyyaatti nu eeggatu ce’uu kan dandeenyu, akka obbolaatti walqabannee walqixa yoo tarkaanfanne qofa jechuun cimsanii hubachiisaniiru.
Malaakuu Gaddifiin
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 591 |
| 12 | Matn yo'q... | 478 |
| 13 | Obbo Dastaa Leeddaamoo Afyaa’ii itti aanaa Mana maree Federeeshinii ta’uun moggaafaman
Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 - Obbo Dastaa Leeddaamoo Af-yaa'ii Itti aanaa Mana Maree Federeeshinii ta'uun moggaafamaniru.
Sirna hundeeffama Mootummaa marsaa 7ffaa har'a geggeeffamaa jiruun manni marichaa Aadde Mufariyaat Kaamiiliin af-yaa'ii, obbo Dastaa Leeddaamoo ammoo af-yaa'ii itti aanaa gochuun moggaaseera.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 538 |
| 14 | Obbo Ahimad Shiideen Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta’uun moggaafaman
Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Yaa’ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa har’a gaggeessaa jiruun obbo Ahimad Shiidee Af Yaa’ii mana marichaa taasisuun moggaaseera.
Obbo Ahimad Shiideen waggoottan shanan itti aanaaniif Af Yaa’ii ta’uun tajaajiluuf Mana marichaa fuulduratti sirna kakuu raawwachuun hojii eegalaniiru.
Malaakuu Gaddifiin
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 495 |
| 15 | Mariin Galaana Diimaa ilaalchisee gaggeeffamu Faayidaa Itiyoophiyaa yaada keessa kan galche ta’uu qaba – Ministeera Dhimma Alaa
Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 – Mariin naannawaa fi hariiroowwan tarsiimawaa Gaanfa Afrikaa fi Yaa’a Laga Abbayyaa irratti taasifamu kamiiyyuu, dhugaa uumamaa fi seenaa lafa irratti mul’atan bu’uura godhachuu qabu jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.
Dhugaa kanaan Itiyoophiyaan madda laga abbayyaati.
Lagni Abbayyaa ka’umsi isaa guutummaan guutuutti garreen Itiyoophiyaati. Abbayyaa Laga Naayiil keessatti gumaacha % 85 ol qaba.
Haa ta’uu malee haala itti fayyadama, bulchiinsaa fi haqa qabeessummaa laga abbayyaa ilaalchisee mariin taasifamu kamiiyyuu kana bu’uura kan godhate ta’uu qaba.
Akkasuma Itiyoophiyaan seenanis ta’ee teessuma lafaan karra galaanaa waliin hidhata qabdi.
Haalli siyaasaa fi jijjiiramoonni yoo uumaman illee, Itiyoophiyaan hanga ammaatti Galaana Diimaa waliin hidhata guddaa qabdi.
Itiyoophiyaan Kiiloo Meetira 50 qofa galaanaa diimarraa faggaattee argamti.
Kanaaf mariin dhimmoota Maariitaayimii, daldalaa fi nageenya Ulaa Galaanaa ilaalchisee gaggeeffamu kamiiyyuu bu’aa qabeessa ta’uu kan danda’u, fedhii haqaa Itiyoophiyaa, mirgoota seenaa fi hidhata Galaanaa Diimaa waliin qabdu yoo bu’uura godhate qofaadha.
Murteewwanii fi mariiwwan dhugaa kanneen bu’uura hin taasifne rakkoo hamaa naannawaa kan qaqqabsiisu ta’a.
Shirrii fi sosochiin humnoota bakka bu’aan raawwataman ta’ees gochaawwan walitti bu’iinsa kaasan kamiiyyuu dhuga qabatamaa lafarra jiru jijjiiruu hin danda’an, akkasuma fedhii seeraa, gahee naannawaatti qabduu fi itti gaafatamummaa seenaa Itiyoophiyaa goonkuma hir’isuu hin danda’an jedhe Ministeerri Dhimma Alaa ibsa har’a baaseen.
Itiyoophiyaan yeroo hunda hariiroo karaa nagaa, walkabajaa fi qajeeltoo naannawaa irratti hundaa’e tarkaanfachiisuu itti fufti.
Itiyoophiyaan Birmadummaa, tokkummaa bulchiinsaa fi faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuu fi eeguuf qophummaa gahaa qabdi jedhe.
Kana cinattis, qaamoleen naannawaa hundi rakkoolee fi qormaatilee waliinii walitti bu’iinsaa fi ilaalcha inni tokko yoo fayyadame, inni biraa ammoo dirqama miidhamuu qaba jedhurra, fagaachuun marii ijaarsaa, tumsaafi qajeelfama ollummaa gaarii irratti hundaa’uun akka furan waamicha dhiyeessera.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 606 |
| 16 | Matn yo'q... | 520 |
| 17 | Sirni Baniinsa Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa 7ffaa fi Mana Maree Federeeshinii Har'a Gaggeeffama
Sirni baniinsa yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa 7ffaa fi Mana Maree Federeeshinii har'a kan gaggeeffamu yoo ta'u, haaluma kanaan hundeeffamni Mootummaa Federaalaas ifatti ni raawwatama.
Guyyoota darban keessa mootummootni naannoolee adda addaa sirna hundeeffama mootummaa isaanii kan gaggeessan yoo ta'u, pirezidaantota naannichaa hoogganan fi miseensota kaabinee isaanii muudaniiru. Har'a immoo haaluma walfakkaatuun sirni hundeeffama Mootummaa Federaalaa ni gaggeeffama.
Sirna kanaanis, paartii filannoo injifate (Paartii Badhaadhinaa) irraa kaadhimamaan dhiyaatu Muummee Ministiraa ta'uun kan muudamu yoo ta'u, muudamni miseensota kaabinee Muummee Ministirichaan dhiyaatanis ni ragga'a jedhamee eegama.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 671 |
| 18 | Matn yo'q... | 515 |
| 19 | Waltajjii Gibxii fi Deebii Cimaa Mootummaa Itoophiyaa - "Haqni Lafa Jiruu Shira Dippilomaasiin Hin Jijjiiramu"
Waamicha Pirezidaantii Gibxii Abdulfattaa Al-Sisiitiin, walga'iin hoggantoota biyyoota olla Itoophiyaa kan ta'an Sudaan, Eertiraa fi Somaaliyaa magaalaa 'New El-Alamein' keessatti gaggeeffameera. Waltajjii kana irratti Pirezidaantii Gibxii dabalatee, Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii, Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad fi Dura Taa'aan Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Abdulfattaa Al-Burhaan hirmaataniiru. Ibsi waliinii walga'icha booda ba'e maqaa nagaa naannichaa eeguu jedhuun kan dhiyaate yoo ta'eyyuu, hayyoonni siyaasaa garuu kun shira dippilomaasii Gibxiin biyyoota ollaa qindeessuun Itoophiyaa dhiibbaa jala galchuuf xaxxe ta'uu ibsu.
Ibsi waliinii hoggantoota kanaa, dhimmi Bulchiinsa Galaana Diimaa itti gaafatamummaa biyyoota qarqara galaanichaa qofa ta'uu ibsuun, tattaaffii seera qabeessaa fi seena qabeessa Itoophiyaan karaa nagaatiin buufata galaanaa argachuuf gootu ukkaamsuuf kan yaadamedha. Gama biraatiin, dhimma itti fayyadama bishaan Laga Abbaay irrattis, mirga biyyoota yaa'a gubbaatiin (keessattuu Itoophiyaan) qabeenya ofii irratti murteeffachuuf qaban dhiibbaa jala galchuu fi bishaanicha dhuunfachuuf yaalii taasisan akka ta'e qaamoleen dhimma kana dhihootti hordofan ni addeessu. Kunis tarkaanfii misoomaa Itoophiyaan uummata ishee hiyyummaa keessaa baasuuf taasistu akka waan qophaa-galaatti (unilateral) laaluun gufachiisuuf kan karoorfamedha.
Shira dippilomaasii kana hordofuun, Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen deebii cimaa kenneera. Ministeerichi akka ibsetti, Itoophiyaan madda bishaan Laga Abbaay yoo taatu, gumaachi isheen laga Naayiliif gootu harka 85 akka ta'e addeesseera. Haaluma walfakkaatuun, Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin hidhata seenaa fi ji'oogiraafii cimaa akka qabdu ibsuun, daangaan biyyattii inni dhiheenyaan argamu qarqara galaanichaa irraa kiiloo meetira 48 (maayilii 30) qofa akka fagaatu ifoomseera.
Dhugaawwan ji'oogiraafii fi seenaa kunniin haasaa siyaasaatiin, tarkaanfii dirqisiisaa, gochoota biyya jeequun yookiin shira qindoomina alaa kaminiyyuu akka hin jijjiiramne mootummaan Itoophiyaa cimsanii beeksisaniiru. Itoophiyaan hariiroo nagaa, wal-kabajaa fi tumsa naannichaa cimsuuf yeroo hunda qophii ta'uu ishee fi, birmadummaa ishee, tokkummaa daangaa ishee fi faayidaa biyyoolessaa ishee eegsisuuf cichitee kan dhaabbattu ta'uu mirkaneessiteerti.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 538 |
| 20 | Matn yo'q... | 515 |
