en
Feedback
ABC News Afaan Oromoo

ABC News Afaan Oromoo

Open in Telegram

Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!

Show more

πŸ“ˆ Analytical overview of Telegram channel ABC News Afaan Oromoo

Channel ABC News Afaan Oromoo (@abcoromoo) in the Javanese language segment is an active participant. Currently, the community unites 22 299 subscribers, ranking 5 069 in the Cryptocurrencies category and 224 in the Finland region.

πŸ“Š Audience metrics and dynamics

Since its creation on Π½Π΅Π²Ρ–Π΄ΠΎΠΌΠΎ, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 22 299 subscribers.

According to the latest data from 31 August, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by -293 over the last 30 days and by -10 over the last 24 hours, overall reach remains high.

  • Verification status: Not verified
  • Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 4.37%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 2.92% reactions from the total number of subscribers.
  • Post reach: On average, each post receives 975 views. Within the first day, a publication typically gains 652 views.
  • Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 3.

πŸ“ Description and content policy

The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
β€œBaga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!”

Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 01 September, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Cryptocurrencies category.

22 299
Subscribers
-1024 hours
-807 days
-29330 days

Data loading in progress...

Similar Channels
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
September '26
September '260
in 3 channels
August '26
+27
in 8 channels
Get PRO
July '26
+128
in 11 channels
Get PRO
June '26
+157
in 8 channels
Get PRO
May '26
+2 678
in 7 channels
Get PRO
April '26
+2 310
in 15 channels
Get PRO
March '26
+3 088
in 8 channels
Get PRO
February '26
+1 394
in 8 channels
Get PRO
January '26
+1 611
in 8 channels
Get PRO
December '25
+1 242
in 8 channels
Get PRO
November '25
+2 550
in 12 channels
Get PRO
October '25
+483
in 12 channels
Get PRO
September '25
+2 023
in 7 channels
Get PRO
August '25
+712
in 3 channels
Get PRO
July '25
+115
in 2 channels
Get PRO
June '25
+72
in 5 channels
Get PRO
May '25
+371
in 10 channels
Get PRO
April '25
+1 646
in 1 channels
Get PRO
March '25
+4 757
in 1 channels
Date
Subscriber Growth
Mentions
Channels
01 September0
Channel Posts
Qormaati Ba'uufi Wanti Barattooti Dubbisan Wal Hin Argu Jedhame. Barattootni hedduunis qormaatichi jireenya keenya dukkaneesseera jechuun komii isaanii ibsataniiru. Qorannoon haaraa dhiheenya kana Ministeera Barnootaa fi Yuunivarsiitiiwwan gurguddoo biyyattii tiin qophaa'e akka ifoomsetti, Qormaatni Ba'umsaa (Exit Exam) dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti kennamaa jiru qabxii barattootaa fi sanadoota dubbisaaf kennamuuf waliin akka wal hin simne mirkaneesseera. Qorannoo kana irratti akka eerametti, dhaabbileen barnootaa dhuunfaa sadii sagantaa barnootaa kamiiniyyuu barataa tokko illee dabarsuu kan hin dandeenye yoo ta'u, Itoophiyaan addunyaa irraa biyya qofaatti gosa barnootaa hundaan qormaata ba'umsaa kennitu ta'uun ishee himameera. Waraqaan qorannoo kun kan dhiyaate waltajjii marii Hoteela Iskaay Laayititti taa'ame irratti yoo ta'u, ogeeyyiin Ministeera Barnootaa fi Yuunivarsiitiiwwan adda addaa irraa walitti dhufan hirmaataniiru. Ogeessa qorannoo kana dhiyeessan keessaa tokko kan ta'an Dr. Abirahaam Tulluu akka himanitti, qorannoo kana irratti barattoota kuma ja'a (6,000) ol hirmaachisuun kan danda'ame yoo ta'u, kanaanis barattoonni kuma dhibba tokko fi kuma digdamii saddeet (128,000) ol ta'an qormaata kana kufuu isaanii fi dhibbeentaan darbiinsaa giddu-galeessan harka 33.1 qofa ta'uun isaatu ibsame. Keessumaa dhaabbilee dhuunfaa keessatti lakkoofsi barattoota darbanii harka 14.8 qofa ta'uun isaa yaaddoo guddaa uumeera. Qorannoon kun akka eeretti, barattoonni qormaata kana kufuun waraqaa ragaa dhaban dhibba keessaa harki 64 carraa hojii dhabuun, dhiphina xiinsammuu fi of-qoolluuf saaxilamaniiru; akkasumas maatii isaaniitti ba'aa ta'aniiru. Kana malees, barattoota irra deebi'anii qormaata fudhataniif gargaarsi manneen kitaabaa dabalatee deeggarsi idilee dhaabbilee barnootaa irraa taasifamuuf laafaa ta'uun ibsameera. Dhiibbaan qormaata kanaa gama xiinsammuu qofa osoo hin taane gama dinagdeetiinis kasaaraa guddaa qaba. Akka qorannoon kun agarsiisutti, barattoonni kunniin kufuun isaanii mootummaa irra kasaaraa qarshii biiliyoona saddeetii ol qaqqabsiiseera. Dhumarrattis, rakkoolee kana furuuf yeroo qormaataa rakkoon ibsaa fi neetworkii akka hin uumamne gochuu, kaalkuleeterii heyyamu, barattoota kufaniif leenjii deeggarsaa (Remedial) ji'a lamaa kennuu fi qabiyyeen qormaataa sanadoota barattoonni dubbisan waliin wal simachuu akka qabu yaanni furmaataa dhiyaateera. Barattootni hedduunis qormaatichi jireenya keenya dukkaneesseera jechuun komii isaanii ibsataniiru. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ

2
+2
No text...
27
3
Sa'ud Arabiyaatti Lammiin Itoophiyaa Tamsaasa Kallattii 'TikTok' Irratti Ajjeechaa Raawwachuun Shakkame To'atame Biyya Sa'ud Arabiyaatti lammiin Itoophiyaa tokko tamsaasa kallattii miidiyaa hawaasaa 'TikTok' irratti yakka ajjeechaa suukkanneessaa raawwateera jedhamuun shakkame, namoota gocha kana keessaa harka qaban shan biroo waliin humnoota nageenyaatiin to'atamuun isaa ibsame. Embaasiin Itoophiyaa magaalaa Riyaaditti argamu akka beeksisetti, gochi kun miidiyaa hawaasaarratti ifatti mul'achuun isaa baay'ee kan nama gaddisiisu yoo ta'u, shakkamtoota kana saffisaan to'annoo seeraa jala oolchuun danda'ameera. Akkuma Embaasichi ifa taasiseetti, yeroo dhihoo asitti naannoo daangaa fi gammoojjii Sa'ud Arabiyaa keessatti lammiilee Itoophiyaa gidduutti walitti bu'iinsaa fi yakki ajjeechaa raawwatamaa akka jiru qaamoleen mootummaa dhiyeenyatti hordofaa turaniiru. Maddeen keenya akka ifoomsanittis, taateewwan akkasii hawaasa achi jiraatu gidduutti sodaa fi yaaddoo guddaa uumee jira. Dabalataanis, dhimmuma kana dawoo godhachuun miidiyaa hawaasaa irratti , jibbiinsaa fi jeequmsa babal'isuun kan shakkaman namoonni dhibba tokko (100) ol ta'an to'annoo seeraa jala ooluun dhimmi isaanii mana murtiitti ilaallamaa akka jiru eerameera. Hawaasnis ta'e fayyadamtotiin miidiyaa hawaasaa ergaawwan walitti bu'iinsa uuman irraa of qusachuun, nagaa fi tasgabbii lammiilee akka eegan dhaamameera. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ
27
4
+3
No text...
18
5
Baarseeloonaan Gabreel Jeesuusiin Arseenaal irraa mallatteessise Finfinnee, Hagayya 26, 2018( FMC)- Kilabni Ispeen Baarseeloonaan taphataa sarara fuulduraa Biraaziil Gabreel Jeesuusiin Arseenaal irraa mallatteessisuu ifoomseera. Baarseeloonaan jijjiirraa taphatichaaf Paawundii miiliyoona 8 fi kuma 600 baaseera. Gabreel Jeesuus waliigaltee hanga bara faranjootaa 2029’tti Baarseeloonaa isa tursiisu mallatteesseera. Gabreel Jeesuus Arseenaaliif taphoota 123 taphachuun galchiiwwan 32 lakkoofsiseera. Taphatichi Arseenaal dabalataan Maanchistar Siitiif taphatee akka tures ni yaadatama. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ
483
6
No text...
461
7
Inisheetiviin Misooma Avookaadoo Bu’aa argamsisaa jiru Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa ce’umsa diinagdee mirkaneessuuf damee qonnaatiif xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa jira. Haaluma kanaan, Biiroon Qonnaa Oromiyaa, Biiroon Daldalaa Oromiyaa fi Dhaabbanni Oro Fireesh ibsa waloo miidiyaaleef kennaniin, naannichatti dhiyeessiin oomishaalee dabalaa dhufuun qaala’iinsi gabaa tasgabbaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa, obbo Geetuu Gammachuu, Biiroon Qonnaa Oromiyaa karoora of danda’uu Mootummaa Naannoo Oromiyaa gadi buuse milkeessuuf inisheetiivota garaagaraatiin utubuun hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Biirichi, galmoota gurguddoo afur qabatee hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Geetuun, wabii nyaataa mirkaneessuu, oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuu,alergii guddisuufi carraa hojii bal’aa uumuu irratti xiyyeeffachuun hojjachaa jiraachuu eeraniiru. Sochii waggoottan darban taasifamaa tureen hojiiwwan kuduraa fi muduraa irratti bu’aan gaariin mul’achaa jiraachuu kan ibsan,Obbo Geetuun, inisheetiivii oomisha Avokaadoo lafa hektaara kuma 81 ol irratti misoomaa jiru keessaa hektaarri kuma 43 irratti kan misoomee firii kennuu kan eegale ta’uu himaniiru. Bara kana hojii misooma avokaadoo irratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa tureen, hanga ammaatti oomishni avokaadoo kuntaalli 2,500 gabaa biyya alaatiif dhihaachuu kaasuun milkaa’ina oomisha avokaadoo irratti eegalame gara Muuzii fi oomishaalee birootti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa, Obbo Tasfaayee Gashuu, gamasaaniin, walitti hidhamiinsa gabaa mijeessuun fayyadamummaa oomishtootaa fi daldaltootaa guddisuun walitti dhufeenyi gaariin mul'achaa jiraachuu himaniiru Daldala seeraan alaa ittisuun sirna gabaa fayya qabeessa ta’e akka jiraatu taasisuu fi dhiyeessiin oomishaalee karaa qulqullina qabuun gabaaf akka dhihaatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eerun, too’annoo fi hordoffii cimaa taasifamaa tureen, qarshiin biiliyoona 1.1 mootummaaaf galii ta’uu himaniiru. Hojii Gaggeessaan Olaanaa Dhaabbata Oro Fireesh, Obbo Tasfaayee Waaqjiraa, gamasaaniin, dhaabbanni Oro Fireesh hundeeffama isaa irraa kaasee dhiyeessii kuduraa fi muduraa irratti humna horachuun qaala’iinsa gabaa tasgabbeessaa jiraachuu fi sharafa alaa argamsiisaa jiraachuu ibsuu ragaan BkO ni mul’isa. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ
350
8
+2
No text...
283
9
Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ
276
10
Boqonnaa cichoominaa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaan rakkoolee diinagdee addunyaa fi dhiibbaawwan ji’ooopoolitiksii dandamachuun, qormaata gara carraa seenaa qabeessaatti jijjiiruun kan danda’amu dandeettii keessoo qabaachuu malee, hirkattummaa alaarratti akka hin taane qabatamaan agarsiisteetti. Hammattoowwan misoomaafi riifoormii mootummaan waggoota jijjiiramaa darban keessatti boce biyyattii dhiibaa alaa jalaa baasuun qormaata kam keessattuu kan hin mo’amne, birmadummaa hunda hammataa ta’e ijaaruuf bu’uura kaa’aa jira. Riifoormiin damee qonnaa keessatti taasifame oomishtummaa guddisuu fi hirkattummaa roobaa hir’isuun, seenaa dheeraa gargaaramtummaa Itiyoophiyaa cabsuun, gara boqonnaa haaraa wabii midhaanii nyaataa mirkaneessutti ceesisuu danda’eera. Misooma qamadii jallisii bonee, qonna kilaastaraa fi fayyadama teeknooloojii keessatti milkaa’inni galmaa’e, haala qabatamaa Itiyoophiyaan qamadii gargaarsa alaa irraa argamu irratti hirkachaa turte jijjiiruun, oomisha biyya keessaan of danda’uu bira darbee, bu’aa qabatamaa oomisha irraa hafaa biyyoota ollaaf dhiyeessuu kan dandeessise agarsiiseera. Indaastiriin oomishaa dandeettii oomishuu fi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtummaa fooyyessuun, qulqullinaa fi sona oomisha albuudaa dabaluun, dhiibbaa liqii alaa hir’isuun, akkasumas gabaa sharafa alaa tasgabbaa’aa uumuu fi diinagdee gooroo tasgabbaa’aa mirkaneessuun, qaala’iinsa jireenyaa to’achuurratti milkaa’inni guddaan galmaa’eera. Paarkiin indaastirii ce’umsa teeknooloojii mirkaneessaa jiru. Oomiishaaleen simintoo, sibiilaa fi keemikaalaa fedhiin biyya keessaa gahumsaan akka guutamu taasisaniiru. Kana malees, albuudota gati jabeeyyii kanneen akka warqee fi taantaalamii hojimaata daldala meeshaalee dheedhii jalaa baasuun, biyya keessatti akka qulqullaa’an, sona dabaluun gara biyya alaatti akka ergaman taasisuuf tattaaffiin taasifame, dandamannaa diinagdee keenya cimsaa jira. Imaammanni oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu hojiirra oolee fi fooyya’iinsi sirna gibiraa, dandeettii biyya keessaa cimsaa, bilisummaa baajataa keenya mirkaneessaa itti fufaniiru. Damee dijitaalaa, anniisaa, misooma qabeenya namaa fi fayyaa keessatti fooyya’iinsi bal’aan taasifame, teeknooloojii, anniisaa fi dhiyeessii meeshaalee yaalaan of danda’uuf dandeettii uumeera. Sirni eenyummeessaa biyyaalessaa β€œFaaydaa” fi sirni kaffaltii dijitaalaa, daataa lammiilee to’annoo fi eegumsa dhaabbilee alaa jalaa bilisa baasaniiru. Paarkiin Farmaasiiyuutikaalaa Qilinxoo fi indaastiriiwwan qorichaa biyya keessaa biroon, qorichawwan bu’uuraa, oksijiinii yaala fayyaa fi dhiyeessii talaallii biyya keessatti oomishuun, qorichawwan fi meeshaalee yaala fayyaa alaa galan hambisuun damee fayyaa keessatti dandeettii birmadummaa uumaniru. Kana malees, sirna kalaqaa dargaggootaa fi dandeettii dijitaalaa guddisuuf hojiiwwan Istaartaappii bu’uura humna keessoo keenya ta’aniiru. Hojiileen maddoota anniisaa haaromfamaa, dabalatee Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa, akkasumas sagantaan Ashaaraa Magariisaa, dandeettii dhiyeessii anniisaa guddisuun Itiyoophiyaa maddaa anniisaa haaromfamaa naannichaaf taasisuu danda’aniiru. Saaxilamummaa jijjiirama qabeenya qilleensaatiin dandamachuunis fakkeenya ta’uun danda’ameera. Haala dippilomaasii fi ji’ooopoolitiksii keessattis, biyyattiin miseensa BRICS ta’uun, Naannoo Daldala Walaba Afrikaa (AfCFTA) fi waltajjiiwwan idil-addunyaa biroo keessatti faayidaa waloo fi imaammata hariiroo alaa walaba ta’eef dursa kennuun, ejjennoo birmadummaa ishee cimsatteetti. Dandeettii loltummaa olaanaa dhaabbileen nageenyaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa ijaaran fi dandeettiin keessoo ofiin oomishuus danda’uu keenyaaf ragaa ta’uu bira darbee, mallattoo kabaja biyyaalessaa ta’aniiru. Milkaa’inoota kana hundaaf abbaa kan ta’e uummanni keenya, yeroo ammaa hoggansa mootummaa Ida’amuu, ilaalcha gargaaramtummaa waggoota dheeraa cabsee bahuun, damee hundaan seenaa haaraa barreessuu jalqabeera. Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa.
318
11
+9
No text...
319
12
REMEDIAL 2019πŸ’₯ Ministeerri Barnootaa akka ifoomsetti bara kana barattoota sagantaa fooyya'insaa(Remedial Program) kan simatu yuunivarsiitii muraasa jedhameera; kana jechuun qabxiin darbiinsa barattoota REMEDIAL kan baroota darbaniirra carraan ol kahuu isaa bal'aadha. Adeemsa keessa system remedial kana hambisuuf ykn yuunivarsiitii orii murteessuudhaan remedial qofa akka simatan taasisuutti akka dhufu system tokko tokko ni mul’isa. Tahus bara kana barattoonni qabxii darbiinsaa (seensa yuunivarsiitii) argamsiisan 12.83% fidan barattoota walakkaa ol (300 ol) fidan jedhamee dubbatamu illee, dhibbantaan akka 50%’tti lakkaa’amus 49.5% ol kana jechuun 297/600 ol barattoonni fidan seensa yuunivarsiitii akka argatan ministeerri barnootaa ifoomsee jira. Firiin barattoota Remedial ifoomu illee qabxii darbiinsaa fi yuunivarsiitii kamtu barattoota kanneen simata kan jedhus hanga yoonaa hin ifoomne; armaan dura yuunivarsiitiwwan biyya kanaa martuu dorgommii (galmee) ASTU fi AASTU booddee kana jechuunis Fulbaana 05 booda waamicha akka taasisan dabarseera. Kanuma giddu galeeffachuudhaan placement guutuuf gidduu kana akka ifoomu fi qabxiin barattoota remedial daangessu meeqa akka tahes gidduu kana akka ibsamu abdii qabna. Barattoonni darbitan bara barumsa gaarii isiniif hawwa; warreen carraa kana hin arganne isin ni kuftan miti, jireenya akka barattan, abdii akka horattan, obsa akka qabaattaniif qorumsa isiniif dhufe wanta taheef, dogoggoraaf balleessaa keessan fooyyessuudhaan irra deebiin yaalaa! Nama har’a kanaan abdii muratu osoo hin taane, boru milkaa’uuf mul’ata qabaatu tahaa! Barachuutu akkasi wanta taheef; irra deddeebiin yaalaa!🀝 Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ
727
13
No text...
606
14
Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa ga’ee isaa biyyaalessaa fi hawaasummaa ba’achaa jira - Liqa Tiguhaan Qeesis Taagaay Taaddalaa Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC) - Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa itti-gaafatamummaa isaa biyyaalessaa fi hawaasummaa bahachaa jiraachuu Barreessaa Olaanaan Yaa’ichaa, Liqa Tiguhaan Qeesis Taagaay Taaddalaa ibsan. Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa ayyaana hundeeffama isaa waggaa 15ffaa fi Yaa’ii Waliigalaa 18ffaa gaggeessaa jira. Barreessaa Olaanaan Yaa’ichaa, Liqa Tiguhaan Qeesis Taagaay Taaddalaa, adeemsa Yaa’ichaa waggoota darban ilaalchisee ergaa dabarsaniin, Yaa’ichi nageenyi guutuu biyyattii keessatti akka mirkanaa’uuf gahee isaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Rakkoolee furuuf waliin hojjechuun filannoo biraa kan hin qabne ta’uu amanuun, abbootiin amantaa waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Yaa’ichi naannolee adda addaatti walitti bu’iinsi akka hin uumamneef hojjechaa, gaaffileen yoo jiraatanis mariin karaa nagaa akka furaman agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasa walitti fiduu fi araarsuu irratti hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Naannolee walitti bu’iinsi mudateetti saffisaan qaqqabuun, tasgabbii uumuu fi qaamolee miidhaman jajjabeessuun Yaa’ichi uummata deggeraa jirachuu ibsaniiru. Yaa’ichi itti-gaafatamummaa hawaasummaa isaa sirnaan bahachaa akka jiru eeruun, yaa’iiwwan biyyaalessaa fi idil-addunyaa qopheessuun bu’aa olaanaa galmeessisuu isaas ibsaniiru. Faayidaa biyyaafi uummataatiif xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu akka itti fufus cimsanii hubaciisaniiru. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ
637
15
+3
No text...
490
16
Magaalichatti bara baajataa 2019’tti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob 20 ni banamu Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC)- Magaalaa Finfinneetti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob haaraan 20 bara baajataa qabametti ni banamu jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen. Xumurri waltajjii marii karoora waggoota shanan itti aananiifi kan bara baajataa 2019 Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gaggeeffameera. Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana, filannoo irratti waadaa uummataaf galle raawwachuuf kutannoon hojjechuun magaalaa Finfinnee magaalaa fakkeenya qabdu ni taasifna jedhaniiru. Karoorri tarsiimawaa magaalichaa waggoota shanan dhufanitti hojiirra oolu mul’ata, imaammataafi tarsiimoo biyyaalessaa waliin kan walsimsiifame ta’uus eeraniiru. Haaluma Kanaan ijaarsa dhaabbataa, bu’uuraalee misoomaa qindaa’aafi qulqullina qabu, diinagdee magariisaa cimaa uumuu, dandeettii faayinaansii cimsuufi nageenyaafi tasgabbii waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalicha keessa Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob 11 jiraachuu eeranii, bara baajataa 2019’tti haaraan 20 kan banaman ta’uu kaasaniiru. Tajaajilli Guddugala Tokkoo Masoob kunneen kan banaman aanaalee kilaastaraan gurmeessuun ta’uufi waggoota shanan itti aananitti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob 66 banuuf karoorfamuu eeraniiru. Dameewwan hundaan tajaajila si’ataafi ammayyaa kennuuf tattaaffiin eegalame cimee akka itti fufus mirkaneessaniiru. Masaafint Iyyaayyuutu gabaase. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ
471
17
+6
No text...
612
18
Imalli waloo Dhaabbileeamantaa nageenya, tokkummaa hawaasummaa fi misooma biyyaalessaa keessatti gahee olaanaa qaba – Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee. Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC) – Dhaabbileen amantaa Itiyoophiyaa waggoota 15 darban keessatti tumsa isaanii cimsuun, nageenyaa fi tokkummaa hawaasummaa guddisuun, guddinaa fi misooma biyyaalessaaf gahee murteessaa ba’aniiru jedhan Pireezidaantiin Itiyoophiyaa Taayyee Taayyee Atsqasillaasee. Ayyaanni hundeeffama waggaa 15ffaa fi Walgahiin idilee 18ffaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Pireezidaanti Taayyee Taayyee Atsqasillaasee walgahicharratti akka jedhanitti, yaa’ichi waltajjii abbootii fi hoggantoota amantaa walitti qabu qofa osoo hin taane, seenaa biyyattii, yaada uummataa fi fedhiiwwan waloo kan itti yaadatamuu fi itti mari’atamuu dha. Imalli Yaa’ichaa waggoota 15 ibsituu beekumsa, ogummaa, hubannoo fi waliin jireenyaa ta’ee itti fufuu eeruun, dhaabbileen amantaa barsiisa isaanii, ayyaana hafuuraa fi tokkummaa isaanii akka qabeenyaatti fayyadamuun biyyaaf waliin dhaabbachuu fi waliin mari’achuun dudhaa guddaa dhaloota dhufuuf darbuu dha jedhaniiru. Itiyoophiyaan biyya yaada, humna, dhiigaa, dafqaa fi kadhannaa dhaloota walitti fufaniin ijaaramtee fi dhaabbileen amantaa waggoota dheeraaf naamusaa fi amala gaarii uummataa bocuun, bu’uuraalee hawaasummaa ciccimoo biyyattii keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Dhaabbileen amantaa dhaloota keessumaa daa’immanii fi dargaggoota aadaa fi amala badaa irraa eeguun, dhaloota biyyaafii qalbiisaaf dhaabbatu ijaaruurratti itti gaafatamummaa olaanaa qabu jedhan. Akkasumas, gochaalee aadaa, safuu, naamusaa fi qalbii Oromoo fi Itiyoophiyaanotaa faallaa ta’an kanneen akka badii, saamichaa fi gara jabinaa akka hin babal’anne barsiisuu, akeekuu fi sirreessuun hojiiwwan dursaa dhaabbilee amantaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Hoggantoonni amantaa yeroo rakkoo fi abdii kutannaa madda jajjabinaa, akkasumas yeroo garaagarummaan uumamu marii, tumsa, dhiifamaa fi araaraa kan dabarsan ta’uu ibsanii, maqaa amantaatiin gochoonni fiinxaleessummaa raawwataman faallaa kaayyoo qulqulluu amantaa akka ta’an ibsaniiru. Adeemsa marii biyyaalessaa dhiyeenya kana gaggeeffamerratti bakka buutonni dhaabbilee amantaa gahee olaanaa bahuu isaanii kan eeran Pireezidaant Taayyee Atsiqa-Sillaaseen, yaalii waliigaltee biyyaalessaa fi nageenya deebisuuf taasifame keessattis gaheen dhaabbilee amantaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa dhugaa, dhiifamaa fi waliigaltee irratti akka hundaa’u, akkasumas lammiileen Itiyoophiyaa hundi yaada isaanii bilisaan akka qooddatan taasisuurratti gaheen itti fufiinsa qabu dhaabbilee amantaa murteessaa ta’uu eeraniiru. Kunis nageenya waaraa fi guddina biyyaalessaaf bu’uura cimaa akka uumu ibsaniiru. Guddinaa fi misooma biyyaalessaa deeggaruun itti gaafatamummaa siyaasaa qofa akka hin taane kan ibsan Pireezidaantichi, qaamni hawaasaa hundi ijaarsa biyyaarratti gahee isaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru. Mootummaan gahee dhaabbileen amantaa nageenya waaraa, tokkummaa hawaasummaa fi guddina biyyaalessaa waliigalaa keessatti qaban hubachuun, bilisummaa dhaabbilee amantaa eeguu fi hojii isaanii itti fufsiisuuf tumsa, qindoominaa fi deeggarsa barbaachisaa ta’e akka kennus mirkaneessaniiru. Yoonaas Geetinnatiin Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ
524
19
+5
No text...
524
20
Carraa 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' Addaa Yunivarsiitii Finfinnee! Yunivarsiitiin Finfinnee bara barnootaa 2019 barattoota ciccimoodhaaf carraa barumsa bilisaa addaa, 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' (Presidential Scholarship) iddoo 200 qopheessuu isaa ifoomseera. Carraa kanaaf kan dorgomuu danda'an barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii qabxii 500 fi isaa ol galmeessan, ulaagaalee biroo taa'an guutanii fi qormaata seensaa yunivarsiitichaa (UAT) gahumsaan darban qofa akka ta'e ibsameera. Barattoonni carraa addaa kana argatan sagantaalee digirii jalqabaa kolleejjota yunivarsiitichaa torbaa fi Mana Barumsaa Seeraa jalatti ramadamanii kan baratan ta'a. Faayidaaleen iskoolaarshiippii kanaa barnoota guutummaatti bilisa ta'e, kaffaltii maallaqa harkaa madaalawaa ta'ee fi deeggarsaa fi leenjii dabalataa dhaabbileen michuu ta'an waliin kennamu kan of keessatti hammatuudha. Akkasumas, barattoonni kunniin gara fuulduraatti carraa barnoota digirii lammaffaa (Masters) fi sadaffaa (PhD) yunivarsiitichuma keessatti bilisaan kan argatan ta'uu eereera. Haa ta'u malee, barattoonni carraa kanatti itti fufiinsaan fayyadamuuf, semisteera hundatti qabxii waliigalaa (CGPA) 3.50 fi isaa ol fiduu kan qabanii fi damee barnootaa itti ramadaman irratti itti fufuun dirqama isaaniiti. Akkuma kanaan dura gabaasnee turre, galmeen barattoota haaraa sagantaa digirii jalqabaa bara 2019 hanga Hagayya 29, 2018 qofa kan turu waan ta'eef, barattoonni ulaagaa kana guuttan daftanii akka galmooftan hubachiifameera. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ
896