ABC News Afaan Oromoo
📈 Análisis del canal de Telegram ABC News Afaan Oromoo
El canal ABC News Afaan Oromoo (@abcoromoo) en el segmento lingüístico de Javanés es un actor destacado. Actualmente la comunidad reúne a 22 127 suscriptores, ocupando la posición 4 933 en la categoría Criptomonedas y el puesto 226 en la región Finlandia.
📊 Métricas de audiencia y dinámica
Desde su creación el невідомо, el proyecto ha mostrado un crecimiento acelerado, reuniendo a 22 127 suscriptores.
Según los últimos datos del 07 octubre, 2026, el canal mantiene una actividad estable. En los últimos 30 días la variación de miembros fue de -89, y en las últimas 24 horas de 27, conservando un alto alcance.
- Estado de verificación: No verificado
- Tasa de interacción (ER): El promedio de interacción de la audiencia es 4.20%. Durante las primeras 24 horas tras publicar, el contenido suele obtener 2.82% de reacciones respecto al total de suscriptores.
- Alcance de las publicaciones: Cada publicación recibe en promedio 930 visualizaciones. En el primer día suele acumular 623 visualizaciones.
- Reacciones e interacción: La audiencia responde de forma activa: el promedio de reacciones por publicación es 2.
📝 Descripción y política de contenido
El autor describe el recurso como un espacio para expresar opiniones subjetivas:
“Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!”
Gracias a la alta frecuencia de actualizaciones (últimos datos recibidos el 08 octubre, 2026), el canal mantiene la vigencia y un amplio alcance. La analítica demuestra que la audiencia interactúa activamente con el contenido, lo que lo convierte en un punto de referencia dentro de la categoría Criptomonedas.
Carga de datos en curso...
| Fecha | Crecimiento de Suscriptores | Menciones | Canales | |
| 07 octubre | +27 | |||
| 06 octubre | +9 | |||
| 05 octubre | 0 | |||
| 04 octubre | +3 | |||
| 03 octubre | +2 | |||
| 02 octubre | 0 | |||
| 01 octubre | 0 |
| 2 | Sin texto... | 521 |
| 3 | Itiyoophiyaa Karra galaanaarraa adda baasanii tursiisuun hin danda’amu- Obbo Abbaaduulaa Gammadaa
Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 – Itiyoophiyaa Karra galaanaarraa adda baasanii tursiisuun hin danda’amu jedhan Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa duraanii Obbo Abbaaduulaa Gammadaan.
Itiyoophiyaan karra galaanaa kan dhade mariin kamuu osoo irratti hin taasifamiin murtoo namoota muraasaan ta’uu ibsaniiru.
Diinonni seenaa Itiyoophiyaa, Itiyoophiyaan karra galaanaa akka dhabduuf shira raawwachaa turuu dubbataniiru.
Diinonni seenaa Itiyoophiyaa yaalii waraanaa irra deddeebiin taasisaniin, injifachuu akka hin dandeenye wayita hubatan baandota keessoo uumuun itti fayyadamaa turuu eeraniiru.
Kanaaf immoo akka fakkeenyaatti kan kaasan hundeeffama Shaabiyaa fi ABUT duuba harki Ijibti akka ture kaasaniiru.
Humnoota diinonni seenaa uumaniin, faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka salphaatti dabarsanii akka kennan taasifamuu himan.
Keessattuu Itiyoophiyaan marii kamiiyyuu osoo hin taasisiin murtoo namoota muraasaan karra galaanaa dhabuu ibsaniiru.
Dhimma Karra galaanaarratti waltajjiin seera qabeessi irratti mari’anne, waliigallee fi murtoo itti kennine kamuu hin jiru jedhan.
Dhimmoonni kunneen haala mootummaan seera qabeessi hin jirre keessatti uumamuu kaasuun, wayita sana Mootummaan Ce’umsaa Heera mootummaa osoo hin raggaasisiin, dhimma kamuurratti murteessuuf aangoo kan hin qabne ta’uu obbo Abbaaduulaan himaniiru.
Haa ta’u malee kana cabsuun, murtoowwan osoo irratti hin mari’atamin murteessu ,akkasuma hojiira oolanii itti fufu eeran.
Haaluma kanaan Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan ta’e karra galaanaa dhabuun dogoggora seenaa guddaa ta’uu kaasan.
Wayita ammaa Mootummaan Ida’amuu dhimma karra galaanaa karaa nagaa fi hammattoo kennanii fudhachuun mirkaneessuuf tattaaffiin taasisaa jiru kan dinqisifatamu ta’uu ibsaniiru.
Abbummaa karra galaanaa Itiyoophiyaa qaamni kamuu dhaabsisuu kan hin dandeenye ta’uu himuu isaanii ENA’n gabaaseera.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 557 |
| 4 | Sin texto... | 400 |
| 5 | Gaanaan miseensa BRICS ta’uuf gaaffii dhiyeessufi
Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 – Kaabineen Gaanaa Murtoo biyyattiin BRICStti makamuuf gaaffii dhiyeessuuf dandeessisu dabarseera.
Pireezidaandiin biyyattii Joon Diraamaaniin kana yaada dhiyeessuun kaabinee isaaniin raggaasisuun ni yaadama.
Murtoon kun tumsa Idil Addunyaa baay’isuuf guddina diinagdee biyyattiif carraa dabalataa uumuuf ta’uu ibsame.
Gaanaan yeroo itti aanu BRICStti makamuuf ifatti gaaffii kan dhiyeessitu ta’uu Ministirri Alaa biyyattii Saamu’eel Ukkuuzeettoon ibsaniiru.
Gaanaan Baankii Addunyaa, IMF fi dhaabbilee faayinaansii Afrikaa waloon hundeessan keessaa tokko ta’uu ishee kan ibsan yoo ta’u, Gaanaan miseensa Mana Maree BRICS yoo taate, carraawwan misoomaa dabalataa akka isheef uumaman eeraniiru.
Gaanaan biyyoota miseensa BRICS kanneen akka Chaayinaa, Biraaziil fi Hindii waliin hariiroo daldalaa cimaa akka qabdu eeruun, miseensa BRICS ta’uun Gaanaa hariiroo daldalaa biyyoota kanneen waliin qabdu caalaatti akka guddisu himuu isaanii TRT’n gabaaseera.
Miikiyaas Ayyalaatiin
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 414 |
| 6 | Sin texto... | 406 |
| 7 | Manni Marichaa Wixinee labsii Moggaasa, gurmaa’iinsa, aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Federaalaa murteessuuf bahe raggaasise
Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 - Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Wixinee labsii Moggaasa, gurmaa’iinsa, aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Federaalaa murteessuuf bahe raggaasiseera.
Manni Marichaa wixinee labsichaa kan raggaasise walga’ii addaa 1ffaa waggaa 1ffaa marsaa 7ffaa har’a gaggeesseeni.
Wixineen labsichaa qorannoon bal’aan kan irratti taasifame Manneen hojii Ministeerootaa fi dhaabbilee Waamamtootaa waliin marii gaggeessuun galteen gahaan kan irraa argame ta’uu eeraniiru.
Manneen hojii qaama raawwachiiftuu Mootummaa waggoottan shanan darban keessatti hanqinaalee turan furuuf wixineen labsichaa kan deeggaruu fi mirgi namoomaa fi dimookiraasii lammiilee akka kabajamuu fi sadarkaan jireenyaa ummataa akka fooyya’u ni gargaara jedhameera.
Wixineen labsichaa gurmaa’iinsa dhaabbilee ifatti kaa’uun, qabeenya uummataa fi Mootummaa hoggantoonni sirnaan akka itti fayyadaman taasisuuf murteessaa ta’uu eerameera.
Dabalataniis gurmaa’iinsa bu’a qabeessaa fi saffiisa uumuun dandeettii raawwachuu dhaabbilee guddisuuf gaheen qabu olaanaa ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 419 |
| 8 | Sin texto... | 358 |
| 9 | Mikeel Arteettaan waliigaltee Arsenaal waliin qabu haaromse
Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 — Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan waliigaltee hojii yeroo dheeraa Arsenaal waliin qabu haaromseera.
Akka waliigaltee haaraa kanaatti, Mikeel Arteettaan hanga bara 2030tti Arsenaal waliin tura.
Leenjisaan umrii waggaa 44 Mikeel Arteettaan, Arsenaal waggoota 22 booda waancaa Piriimeer liigii akka mo’atu taasisuun ni yaadatama.
Arteettaan erga Arsenaal leenjisuu eegalee taphoota 361 durse keessaa 220 injifachuun, taphoota 67 qabxii qooddachuun taphoota 74 ammoo injifatameera.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 384 |
| 10 | Sin texto... | 327 |
| 11 | Pireezidaantiin Emireetoota Araba Gamtoomanii Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhan
Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 – Pireezidaantiin Emireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Mahaammad Biin Zaayid Alnaahiyaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad irra deebiin filatamuu hordofee baga gammaddan jedhaniiru.
Akkasuma Pireezidaantii Itti aantoonni biyyattii Sheek Mahaammad Biin Rashiid Almaaktoomii fi Mansur Biin Zaayid Alnaahiyaan Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Wiixata darbe Ministira Muummee biyyattii ta'uun irra deebiin moggaafamuun kan yaadatamuudha.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 437 |
| 12 | Sin texto... | 437 |
| 13 | Itiyoophiyaan biyya wayita diinonni kufaatii ishee eegan jabaattee dhaabattu- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 26, 2019 - Itiyoophiyaan biyya wayita diinonni kufaatii ishee eegan jabaattee dhaabattudha jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasawaa sirna hundeeffama mootummaa Ida’amuu haaraa guyyaa kaleessaa gaggeeffamerratti taasisaniin, daandiin waggoottan darban ittiin dhufne akka misooma kooriidarii kan sirratan, akka misooma qarqara lagaa miidhagoo hin turre; qormaatilee hedduu darbineerra jedhan.
Qaamoleen jijjiiramni Itiyoophiyaa isaan rifachiise ija hamaan nu ilaaluu eegalan, biyyi kun eessaa akka kaate, maaliif akka kaateefi eessa gahuuf akka kaate galeefiira; biqiltuun kun odaa erga taatee hin dandeenyuuni jedhanii yaadda’an jechuun ibsaniiru.
Kanaaf daandii lukkuu” yoon nyaachuu baadhe nan bittimsa” jedhuun ka’an; sanyiin osoo hin biqiliin dura, kan biqile firii osoo hin godhatiin, gahee osoo hin haamamiin maseensuu qabna jechuun socho’an jedhaniiru.
Yoo fiigde hin qabnuun jedhanii rasaasa isaanii dhumaa dhukaasuu akka eegalan dubbatan.
Baandaawwan fi diinonni kaayyoo badiif waltumsan baay’ee dhama’an, qofa qofaafi waloon nurratti qabsaa’an, adda waraanaan, miidiyaan, goraadeen, hiriiraan, sobaan, hamiin, dabaan, dirree qabsoo argatan hundaan imala keenyarraa nu gufachiisuuf hedduu dhama’an; garuu Itiyoophiyaa hin dandeenye; hin danda’anis jedhaniiru.
Itiyoophiyaan wayita kufaatii ishee hawwan kan kaatu; dadhabina ishee yeroo eegan jabaattee dhaabattu; dhumateef bittinoofte wayita jedhan tokkummaan ishee jabaatee argamu ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan akka warreen fokkoranii bitamanii osoo hin taane, biyya goototaa qabsaa’anii bilisummaa isaanii kabachiisanii fedhiiwwan ishee daandii mataa isheetiin mirkaneessitu ta’uu ibsan.
Waggoottan darban rakkoolee mudatan furuufi bu’uura gaarii kaa’uuf hojii guddaan hojjetamuu yaadachiisanii, daandiin keenyaafi adeemsi keenya sirrii ta’uu hojii qabatamaan mirkaneessineerra jedhaniiru haasawa isaaniin.
Sirna siyaas-diinagdee rakkooleef hin gufanneefi deebii barbaachisaa itti kennaa deemu ijaaraa akka jirrus qabatamaan mirkaneessineerra jedhan.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#MootummaaIda’amuu
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 795 |
| 14 | Sin texto... | 636 |
| 15 | Kallattiiwwan guddina gama maraa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf qabaman:
Finfinnee, Fulbaana 26, 2019( FMC)- Filannoo waliigalaa 7ffaan sagalee uummataa caalmaa kan argate Paartiin Badhaadhinaa guyyaa kaleessaa mootummaa Ida’amuu haaraa hundeessuun kan yaadatamuu dha.
Guyyaa har’aa ammoo walga’iin waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana Maree Federeeshinii gaggeeffameera.
Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen haasawaa baniinsaa walga’ii waloo Maneen Maree lameenii irratti taasisaniin, waggoottan shanan darban keessa tarkaanfiiwwan guddina gama maraa biyyattii milkeessuuf fudhataman raawwii itti aanuuf bu’uura cimaa ta’uu ibsaniiru.
Kallattiiwwan gara fuulduraa Mootummaan Ida’amuu haaraan imala guddinaa biyyattii dhugoomsuuf bara kana qabates ifoomsaniiru.
Haaluma Kanaan:-
👉 Hojiin nageenyaa gatii nageenyi imala guddina Itiyoophiyaaf qabu qorateefi yeroo kamiyyuu caalaatti hojii gamtaa, tumsaafi Itiyoophiyaaf dursa kennu hojjechuu
👉 Ce’umsi caaseffamaa hundagaleessi qulqullina bu’uureffate akka jiraatuuf hojjechuu
👉Barnoota, fayyaafi eegumsa hawaasummaa baay’inarraa gara qulqullinaatti ceesisuun misooma lammii giddugala godhachuu
👉Guddina biyyattiif faayidaa guddaa kan qaban galteewwan indaastiriifi qonnaaf akkasumas ijaarsi bu’uuraalee ammayyaa ofiin dandeessisuu
👉Raawwii pirojektiifi faayinaansii pirojektii ammayyaa, ariifataafi itti gaafatamummaa gonfachiisuu
👉 Bu’uura taaksii ammayyeessuun idaa haalaan bulchuu, akkasumas dandeettii galiifi baasii mootummaa to’achuu guddisuu
👉Qindoomina hojii mootummaa federaalaafi naannolee gidduu jiru fi raawwiin isaanii kan waltumsu, waldeeggaruu, si’ataafi hanqina kan hin qabaanne gochuu
👉Hariiroo alaa Itiyoophiyaa fudhachuurraa gara dhiibbaa uumuutti ceesisuu, keessumaa michuuwwan baay’isuu; ilaalcha diinummaa kan qaban ammoo kan gorsu nageenya naannawaafi walitti hidhamiinsa diinagdeef yeroo kamiyyuu caalaa dursa kan kennu, kaka’umsa kan qabuufi fudhatamummaa idil-addunyaa keenya guddisuu ta’a.
Walumaagalatti kallattiiwwan kunneen guddina gama maraa biyyattii saffisiisuufi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf qooda olaanaa kan bahataniidha.
#Mootummaa_Ida'amuu
Ayyaanaa Dheeressaan.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 859 |
| 16 | Sin texto... | 721 |
| 17 | Shira Gibtsii bubbule; Imala dippiloomaasii Itoophiyaatiin ribuu abidda buute tahuuf deemu!
AMN PLUS - Fulbaana 26/2019
Maddii bishaanii Laga Abbayyaa dhibbeentaan 86 Itoophiyaa keessati.Ammoo shira Gibtsii waggoota dheeraa tureen Itoophiyaan bishaan dachee isheerraa maddeetti akka barbaaddeetti fayyadamaa hin turre.
Sababa kanaatiin uummatni Itoophiyaa walakkaa ol ta’u humna ibsaa dhabuun dukkana keessa jiraachuuf dirqameera.
Itoophiyaan kan itti hin hirmaatiiniifi imala gita bittaa fakkaatu waliigalteen laga Abbayyaa shira Gibtsiin xaxame itti fayyadama bishaan Abbayyaa irratti Gibtsiif mirgi addaa akka kennameef tahee bocame Itoophiyaa yeroo dheeraaf dadhabsiisuuf yaalii taasifame tahus garuu mul’ata Itoophiyaanotni waloon qaban gara duubaatti deebisuu hin dandeenye.
Yaalii weerara kallattii irraa kaasee hanga humnoota keessaa fayyadamuun Itoophiyaa bittinneessuuf akeekuutti kan imalte Gibtsii, ammoo yaaliirra kan darbe homa tokko fiduu hin dandeenye. Guddummaan Itoophiyaa sanaa ol waan taheef jechuudha.
Gibtsii har’allee shira xaxuuf oliifi gadi kaattee, sana qabdee kana gadi dhiistus boqonnaan dhimma itti fayyadama laga Abbayyaa cichoomina Itoophiyaanotaan cufameera.
Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa Ashaaraan Itoophiyaanotaa dhugoome seenaa keessatti diina Itoophiyaa kan taate Gibtsiin mogolee buuseera.
Kun Itoophiyaanotni qabeenya uumamaa isaaniitti fayyadamuuf qaama kamiyyuu naaf eeyyamiin gaafachuu akka hin barbaachiisne imala tokkummaan taasisaniin ergaa guddaa kan itti dabarsan yoo tahu, Gibtsii biyya shira xaxuu keessatti guddatteefi gochoota inaaffaa isheen ittin guutamte ribuu abidda buute taasiseera.
Kanarra kan caalu imalli Itoophiyaanotni qabeenyi keenya ganamaa balballi galaanaa nuuf deebi’uu qabaan daandii dippiloomaasiirra gara balbala galaanaa argachuutti akka qaama tokkotti qajeelan shira Gibtsii ribuu abidda buute taasisuuf deema jechuudha.
Itoophiyaan balbala galaanaa argachuun waan hin oolle, biyyootni Idil Addunyaallee bu’uura dippiloomaasii, seeraafi seenaan kan deeggaran yoo tahan,qilleensi nagaa dhimma balbala galaanaan walqabatee Itoophiyaa keessaa bubbisuItoophiyaanotaaf kaayyoo, Gibtsiif ammoo yaaddoodha!
Dhimmi balbala galaanaa argachuu Itoophiyaa waa’ee jireenya qananii barbaaduu osoo hin taane, dhimma utuba dinagdee Idil Addunyaa keessaa qooddachuu tahuu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) yeroo garaagaraatti kaasaniiru, lammiileen Itoophiyaa warreen dhugaa kana hubataniis booda isaanirraan hiriiraniiru.
Iddoosaa Abdiitiin
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 953 |
| 18 | Sin texto... | 867 |
| 19 | Kallattiiwwan gurguddoo fuula duraa Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana Maree Federeeshinii irratti kaasan:-
👉 Hojiin nageenyaa gatii nageenyi imala guddina Itiyoophiyaaf qabu qorateefi yeroo kamiyyuu caalaatti hojiin gamtaa, tumsaafi Itiyoophiyaaf dursa kennu ni hojjetamu,
👉 Ce’umsi caaseffamaa hundagaleessi qulqullina bu’uureffate akka jiraatu ni taasifama,
👉Barnoota, fayyaafi eegumsa hawaasummaa baay’inarraa gara qulqullinaatti ceesisuun misoomni lammii giddugala godhate ni saffisiifama,
👉Guddina biyyattiif faayidaa guddaa kan qaban galteewwan indaastiriifi qonnaaf akkasumas ijaarsi bu’uuraalee ammayyaa dandeettii ofiin akka of danda’an ni taasifama,
👉Raawwii pirojektiifi faayinaansii pirojektii ammayyaa, ariifataafi itti gaafatamummaa qabu gochuuf ni hojjetama,
👉 Bu’uura taaksii ammayyeessuun ida’aa haalaan bulchuu, akkasumas dandeettiin galiifi baasii mootummaa haalaan to’achuu ni guddata,
👉Qindoominni hojii mootummaa federaalaafi naannolee gidduu jiru akkasumas raawwiin isaanii kan waltumsu, waldeeggaruu, si’ataafi hanqina kan hin qabne akka ta’u ni taasifama,
👉Hariiroo alaa Itiyoophiyaa fudhachuurraa gara dhiibbaa uumuutti kan ceesisu keessumaa michuuwwan baay’isuuf ni hojjeta; ilaalcha diinummaa kan qaban ammoo kan gorsu nageenya naannawaafi walitti hidhamiinsa diinagdeef yeroo kamiyyuu caalaa dursa kan kennu, kaka’umsa kan qabuufi fudhatamummaa idil-addunyaa keenya kan guddisu ta’a.
Ayyaanaa Dheeressaan.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌 | 887 |
| 20 | Sin texto... | 845 |
