es
Feedback
ABC News Afaan Oromoo

ABC News Afaan Oromoo

Ir al canal en Telegram

Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!

Mostrar más

📈 Análisis del canal de Telegram ABC News Afaan Oromoo

El canal ABC News Afaan Oromoo (@abcoromoo) en el segmento lingüístico de Javanés es un actor destacado. Actualmente la comunidad reúne a 22 160 suscriptores, ocupando la posición 5 039 en la categoría Criptomonedas y el puesto 225 en la región Finlandia.

📊 Métricas de audiencia y dinámica

Desde su creación el невідомо, el proyecto ha mostrado un crecimiento acelerado, reuniendo a 22 160 suscriptores.

Según los últimos datos del 16 septiembre, 2026, el canal mantiene una actividad estable. En los últimos 30 días la variación de miembros fue de -308, y en las últimas 24 horas de -5, conservando un alto alcance.

  • Estado de verificación: No verificado
  • Tasa de interacción (ER): El promedio de interacción de la audiencia es 3.88%. Durante las primeras 24 horas tras publicar, el contenido suele obtener 2.79% de reacciones respecto al total de suscriptores.
  • Alcance de las publicaciones: Cada publicación recibe en promedio 859 visualizaciones. En el primer día suele acumular 619 visualizaciones.
  • Reacciones e interacción: La audiencia responde de forma activa: el promedio de reacciones por publicación es 2.

📝 Descripción y política de contenido

El autor describe el recurso como un espacio para expresar opiniones subjetivas:
Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!

Gracias a la alta frecuencia de actualizaciones (últimos datos recibidos el 17 septiembre, 2026), el canal mantiene la vigencia y un amplio alcance. La analítica demuestra que la audiencia interactúa activamente con el contenido, lo que lo convierte en un punto de referencia dentro de la categoría Criptomonedas.

22 160
Suscriptores
-524 horas
-347 días
-30830 días

Carga de datos en curso...

Canales Similares
Sin datos
¿Algún problema? Por favor, actualice la página o contacte a nuestro gerente de soporte.
Nube de Etiquetas
Sin datos
¿Algún problema? Por favor, actualice la página o contacte a nuestro gerente de soporte.
Menciones Entrantes y Salientes
---
---
---
---
---
---
Atraer Suscriptores
septiembre '26
septiembre '26
+17
en 7 canales
agosto '26
+27
en 8 canales
Get PRO
julio '26
+128
en 11 canales
Get PRO
junio '26
+157
en 8 canales
Get PRO
mayo '26
+2 678
en 8 canales
Get PRO
abril '26
+2 310
en 15 canales
Get PRO
marzo '26
+3 088
en 8 canales
Get PRO
febrero '26
+1 394
en 8 canales
Get PRO
enero '26
+1 611
en 8 canales
Get PRO
diciembre '25
+1 242
en 8 canales
Get PRO
noviembre '25
+2 550
en 12 canales
Get PRO
octubre '25
+483
en 12 canales
Get PRO
septiembre '25
+2 023
en 7 canales
Get PRO
agosto '25
+712
en 3 canales
Get PRO
julio '25
+115
en 2 canales
Get PRO
junio '25
+72
en 5 canales
Get PRO
mayo '25
+371
en 10 canales
Get PRO
abril '25
+1 646
en 1 canales
Get PRO
marzo '25
+4 757
en 1 canales
Fecha
Crecimiento de Suscriptores
Menciones
Canales
17 septiembre+1
16 septiembre0
15 septiembre+4
14 septiembre0
13 septiembre0
12 septiembre+10
11 septiembre0
10 septiembre+1
09 septiembre0
08 septiembre0
07 septiembre0
06 septiembre0
05 septiembre0
04 septiembre+1
03 septiembre0
02 septiembre0
01 septiembre0
Publicaciones del Canal
Ijaarsa Bu’uuraalee Misooma Daandii Bifa Magaalota Itiyoophiyaa Jijjiire Finfinnee, Fulbaana 6, 2019 — Imala jijjiiramaa biyyaalessaa waggoota darban keessatti gaggeeffameen, dameewwan diinagdee, siyaasaa, dipilomaasii fi hawaasummaa keessatti bu’aawwan qabatamoon galmaa’aniiru. Milkaa’inni biyyaalessaa galmaa’e kun carraaqqii waloo mootummaa, hoggansaa fi lammiilee  irraa kan maddeedha. Waggoota darban keessatti dameewwan Itiyoophiyaan bu’aa qabatamaa galmeessite keessaa dameen bu’uuraalee misoomaa isa tokko. Damee bu’uuraalee misooma daandii irratti hojiiwwan bu’a qabeeyyiin hojjetaman, dorgommummaa Itiyoophiyaa bu’uura cimaa irratti ijaaruuf gumaacha olaanaa taasisaniiru. Itiyoophiyaan waggoota jijjiiramaa darban keessatti seenaa ijaarsa magaalaawwan ishee keessatti boqonnaa haaraa galmeessiteetti. Waggoota darban keessatti Finfinnee dabalatee magaalaawwan naannolee garaagaraa keessatti hojiiwwan bifa magaalotaa haalaan jijjiiranii fi guddina gama hundaa mirkaneessan hojjetamaniiru. Dameewwan bu’aa gaarii galmeessisanii fi ammayyummaan magaalaa akka mirkanaa’u gargaaran keessaa hojiin  bu’uuraalee misooma daandii isa ijoodha. Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa fi hojiiwwan babal’isuu hojjetaman, baay’ina tiraafikaa hir’isuu fi sochii guyyaa guyyaa uummataa saffisiisuufi miijessuu keessatti gumaacha olaanaa gumaachaniiru. Hojiiwwan gurguddoo damee kanaan hojjetaman keessaa ijaarsa daandiiwwan asfaaltii haaraa, suphaa daandiiwwanii fi Babal'inni daandiiwwan koobilii isaan muraasa. Kana malees, daandiiwwan koobilii keessa keessa walqunnamsiisan ,  daandiiwwan miilaa nageenya lafo deemtotaa, daandiiwwan biskileetii akkasumas geejjiba uummataa saffisaafi si’ataa kan taasisan sararootni baasiwwan saffisaa diriirfamaniiru. Umurii daandiiwwanii mirkaneessuu fi balaa lolaa ittisuuf sararoonni bishaanii diriirfamanii fi dallaawwan deeggersaa ijaaramanis hojiiwwan misoomaa waliigalaa kana keessaa ti. Keessumaa, waggoota darban keessatti Magaalaa Finfinneetti marsaawwan lamaan pirojektoonni misooma koridoorii hojiirra oolan, bifa magaalaa Finfinnee gara boqonnaa haaraatti ceesisaniiru. Haaluma walfakkaatuun, hojiiwwan misooma koridoorii magaalota naannolee keessatti hojiirra oolan bifa magaalotaa kanneen jijjiiruun jiraattotaaf mijataa akka ta’aniif gumaachaniiru. Pirojektoonni kunneen babal'ina daandii, miidhagina naannoo, misooma magariisaa fi ibsaa daandii waliin qindeessuun mijataa fi qulqullina jireenyaa Finfinnee haalaan fooyyeessaniiru. Walumaagalatti, bu’aawwan damee bu’uuraalee misooma daandii keessatti galmaa’an dorgommummaa Finfinnee sadarkaa ardiitti jiru cimsuun, magaalaan kun teessoo Afrikaa ta’uu ishee bu’uura cimaa irratti akka ijaartuuf gargaareera. Milkaa’inni bu’uuraalee misooma daandii keessatti Finfinnee fi magaalaawwan naannolee keessatti galmaa’e bu’aa qabatamaa  kan argamsiise yoo ta’u, bu’aawwan argaman kana caalaatti guddisuuf kutannoo fi cichoominaan hojjechuun barbaachisaadha. Itiyoophiyaan dameewwan misoomaa hunda walitti qindeessuun badhaadhina saffisaa fi milkaa’inoota garaagaraa galmeessaa akka jirtu hubachuun, milkaa’inootaa fi injifannoowwan argaman caalaatti cimsuuf hojii guddaan hojjetamuu qaba. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

2
+8
Sin texto...
100
3
Nagaa bultanii? Ulaa Galaanaa fi Gootummaa Dhaloota Ammaa Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti waggoota dheeraaf olka’iinsaa fi gadi bu’iinsa, akkasumas qormaata ishee mudatan hunda, tokkummaa cimaa fi jaalala biyyaa ummatni ishee qabuun ofirraa ittisaa turteetti. Bara ammaa kanas, haalli qabatamaan sadarkaa ardii fi addunyaatti Itiyoophiyaan keessatti argamtu, boqonnaa qabsoo fi seenaa haaraa akka banu ishee dirqisiiseera. Kunis gaaffiin ulaa galaanaa faayidaa dinagdee bira darbee, jiraachuu biyyaa fi carraa dhaloota egeree waliin walqabsiisuun, “sosochii gootummaa dhaloota ammaa” gochuun fudhachuun itti gaafatamummaa seenaa ti. Biyya saffisaan guddachaa jirtuu fi uummata miliyoona 130 ol qabduuf, ulaa galaanaa argachuun dhimma qananii ykn fedhii siyaasaa yeroo gabaabaa miti. Kana caalaa, bu’uura misooma, nageenyaa, dhiibbaa naannawaa fi bilisummaa dinagdee egeree ijaaruuf murteessaa ta’ee dha. Biyyi ulaa galaanaa mataa ishee hin qabne kiraa buufataa fi Loojistiksii irratti sharafa alaa guddaa baasuun, gatiin oomishaa akka dabaluufi jireenyi akka qaala’u taasisa. Mirga ulaa galaanaa mirkaneessuunis dhiibbaa kana karaa waaraan furuuf gargaara. Kallattiin gara daandiiwwan galaanaa idil-addunyaa gahuun daldala alaa galtee fi ba’umsaa Itiyoophiyaa saffisaa fi gabaa addunyaa irratti dorgomaa akka ta’u taasisa. Kana malees, walitti hidhamiinsa uummataa fi uummataa naannawaa cimsuun, yaaddoowwan nageenya biyyaa waaraan ittisuuf carraa uuma. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii haqaa dhalootaa irraa dhalootaatti darbu ta’ee kan ture yoo ta’u, mirga kana kabachiisuu fi mirga Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamu dirqama biyyaalessaa lammiilee hundaa ta'uun xiyyeeffannoo argateera. Itoophiyaanonni qormaata seenaa keessatti isaan mudate hunda keessa darbanii biyya isaanii jabeessuu kan danda’an, garaagarummaa keessoo cinaatti dhiisuun dhimmoota biyyaalessaa gurguddoo irratti cichoomina qaban irraa kan madde dha. Humna dinagdee, teeknooloojii, dipilomaasii fi walitti hidhamiinsa cimaa uummataa yeroo ammaa irraa eegamu ijaaruun, mirga fayyadamummaa ulaa galaanaa kabachiisuu fi kabaja biyyaalessaa cimsuuf humna guddaa uuma. Gootummaan dhaloota ammaa hojii, kalaqa, ijaarsa dinagdee fi tokkummaa biyyaalessaa cimaa irratti hundaa’uun biyya gara fuulduraatti tarkaanfachiisuudha. Mirga fayyadamummaa ulaa galaanaa mirkaneessuunis, qaama daandii gootummaa dhaloota ammaa kanaa ta’a. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
114
4
Sin texto...
103
5
Ramaddiin barattoota Yuunivarsiitii seenanii ifoome! Finfinnee, Fulbaana 6, 2019 (FMC) – Ramaddiin Yuunivarsiitii barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii qabxii darbiinsaa argatanii ifoomeera. Barattoonni Yuunivarsiitii itti ramadaman beekuuf sirna Onlaayinii dhimma kanaaf qophaa’e fayyadamuu kan danda’an ta’uu Ministeerri Barnootaa ibseera. Ramaddiin kun bu'aa fi filannoo barattootaa, hanga simannaa Yuunivarsiitiiwwanii, faca'iinsa manneen barnootaa naannoo, godinaa fi aanaa akkasumas madaallii saalaa xiyyeeffannoo keessa galchuun kan taasifame ta'uu Ministeerichi himeera. Dabalataan barattoota qormaata biyyaalessaa 600 keessaa 500 fi isaa ol fidaniif filannoonjalqabaa eegamuufii ibse. Haaluma kanaan Yuunivarsiitii itti ramadaman beekuuf ፦ https://student.ethernet.edu.et/view-placement Komii dhiyeessuuf:- https://student.ethernet.edu.et/complaints fayyadamuun kan danda'amu ta'uu ifoomseera. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
631
6
Sin texto...
566
7
Kana malees, Waajjirri Baankii Misoomaa Haaraa (NDB) Finfinneetti akka banamu fi dhimmoota dursa kennamaniif gara waliigalteeatti jijjiiruuf “Qindeessaan BRICS” akka hundeeffamuuf yaada dhiyeessiteef fudhatamni bal’aan argameera. Hojiiwwan dipilomaasii bal’oo waltajjii BRICS cinatti gaggeeffaman keessaa mariin hoggantoota addunyaa waliin taasifame, faayidaa biyyaalessaa eeguufi tumsa cimsuu irraa ilaalchisee milkaa’ina guddaan kan galmaa’e ture. Pirezidaantii Raashiyaa Vlaadmiir Puutiin waliin, hariiroo tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru caalaatti cimsuu irratti mariin bu’a qabeessi gaggeeffameera. Mariin kun dameewwan ittisaa fi nageenyaa, daldalaa fi invastimantii, barnootaa, teeknooloojii, akkasumas aadaa fi hariiroo uummataa fi uummataa irratti tumsa jiru guddisuuf kutannoo waloo mirkaneesseera. Dabalataanis, qophii COP32, jijjiirama haala qilleensaa fi galmoota misoomaa irratti tumsa cimsuuf waliigaltee uumuu danda’ameera. Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin immoo, tumsa ittisaa cimsuu, dabarsa teeknooloojii, ijaarsa dandeettii fi misooma albuudaa irratti mariin gaggeeffameera. Hariiroo seenaa dheeraa biyyoota lamaanii gara sadarkaa qabatamaa dinagdee fi misoomaatti ceesisuun akka danda’ame ibsameera. Akkasumas, Ministira Muummee Maaleeshiyaa Anwaar Ibraahiim waliin invastimantii, turizimii, tumsa anniisaa haaromfamuu danda’uu fi muuxannoo damee oomishaa irratti mariin gaggeeffamee, misooma biyya keessaa kan deeggaru carraan guddaan akka banamu taasifameera. Dhaaltuu Gonfoo Mootummaa Abu Dhaabii, Sheek Khaalid bin Mahaammad bin Zaayid Al Naahyaan, waliin dhimmoota dursaa BRICS fi tumsa gama hedduu irratti mariin gaggeeffameera. Pirezidaantii Iraan Mas’uud Pezeeshkiyaan waliin immoo haala yeroo naannawa Galaana Diimaa, tasgabbii nageenyaa naannichaa, akkasumas daldala, dinagdee fi misoomaa irratti waljijjiirraa bu’aa waloo irratti hundaa’e caalaatti babal’isuuf waliin hojjechuurratti waliigalteen irra ga’ameera. Walumaagalatti, Itiyoophiyaan Yaa’ii Hoggantoota BRICS 18ffaa irratti hojii dipilomaasii tarsiimawaa gaggeessitee fi bu’aawwan qabatamaa galmeessite, jijjiirama dipilomaasii fi dinagdee yeroo dheeraa biyyattii dhugoomsuuf utubaawwan murteessoo ta’aniiru. Mootummaan waltajjii seena qabeessa kanarratti Itiyoophiyaan miseensummaa BRICS fayyadamuun faayidaa tarsiimawaa ishee ija jabinaan akka gaafattu, akkasumas misooma Afrikaa, nageenyaa fi tumsa addunyaa haqa qabeessa ta’eef michuu amanamaa ta’uu ishee qabatamaan mirkaneeteetti. Olka’iinsi Itiyoophiyaa Haaromsa Afrikaa labsaa jira! Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
1 084
8
Olkaa'insi Itiyoophiyaa Haaromsa Afrikaa Labsa – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 -Olkaa'insi Itiyoophiyaa Haaromsa Afrikaa Labsa jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa. Ergaan guutuun tajaajilichaa akka itti aanutti dhiyaateera: Olkaa'insi Itiyoophiyaa Haaromsa Afrikaa Labsa Itiyoophiyaan bara haaraatti faayidaa biyyaalessaa isheef dursa kennuun fi sagalee dhugaa Afrikaanotaa ta’uun eegalteetti. Haala walxaxaa fi jijjiiramaa ji’oopoolitikaa addunyaa keessatti imaammata hariiroo alaa cimaa fi walaba ta’e hordofuun miseensa BRICS ta’uu kan dandeesse Itiyoophiyaan, Yaa’ii Hoggantoota BRICS 18ffaa Niwuu Deelhii, Hindii keessatti gaggeeffamerratti, fakkeenya ta’uu ishee fi dhageettii tarsiimawaa qabdu qabatamaan mirkaneessiteetti. Yaa’iin mata-duree “Cichoomina, kalaqa, tumsa fi itti fufiinsa ijaaruu” jedhuun gaggeeffame kun, Itiyoophiyaan biyyoota miseensotaa fi biyyoota michuu waliin hariiroo gama hedduu qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu fi sirna addunyaa haqaa fi hunda galeessa ta’e ijaaruuf kutannoo qabdu ifatti kan mul’ise ture. Itiyoophiyaan waltajjicharratti ejjennoo mul’isteen, biyyoonni rakkooleen osoo hin uumamin dura dandeettii isaan dandamachuu cimsachuu akka qaban xiyyeeffannoo kenniteetti. Kana ilaalchisee, Itiyoophiyaan mirga wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasisteen, hirkattummaa gargaarsa alaa irraa argamuun qamadii galchuurraa guutumaan guutuutti bilisa ta’uu ishee beeksisteetti. Akkasumas, waljijjiirraa midhaan nyaataa Biriiks “BRICS Grain Exchange” keessatti oomishtuu fi dhiyeessituu taatee hirmaachuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Waltajjicharratti Itiyoophiyaan damee teeknooloojii fi kalaqaatiin bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, eenyummeessaa dijitaalaa, sirnoota kaffaltii fi marsariitiiwwan odeeffannoo amanamoo bal’inaan ijaaraa jiraachuu ibsiteetti. Afrikaaf bara teeknooloojii boruu abbummaan hoogganuu kan dandeessisu Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessaa jiraachuu eeruun, dhaabbilee BRICS waliin waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Afrikaan qabeenya albuudaa hedduu kan qabdu ta’uu yaadachiisuunis, qabeenyi albuudaa ce’umsa anniisaa, oomisha sadarkaa olaanaa fi dinagdee dijitaalaatiif murteessaa ta’uu Itiyoophiyaan ibsiteetti. Biyyoonni miseensa BRICS ta’an kaappitaalaa, teeknooloojii fi filannoowwan gabaa waan qabaniif, qabeenyota kana walitti qindeessuun itti fayyadamuuf, akkasumas qabeenya dheedhii irratti sona dabalataa uumuuf carraa guddaa akka uumu agarsiifteetti. Itiyoophiyaan damee fayyaatiin dandeettii oomishaa ishee babal’isaa jiraachuu fi albuuda, anniisaa haaromfamaa fi dandeettii indaastirii guddachaa jiru irratti hirmaannaa fi tumsa uumuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Dabalataanis, Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Afrikaa fi addunyaa walitti hidhuuf carraa guddaa ta’uu, biyyoota ollaa waliin qoodamuun dhiyeessiin anniisaa taasifamuun, akkasumas Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun walitti hidhamiinsa ardii fi addunyaa keessatti gahee Itiyoophiyaan qabdu ifatti kan agarsiisan ta’uu waltajjicharratti ibsiteetti. Sirna faayinaansii addunyaa ilaalchisee, Itiyoophiyaan haaromsa dinagdee gaggeessaa fi liqii alaa ishee irra deebiin qindeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsiteetti. Dinagdeewwan qormaata keessa jiranif adeemsi qoodinsa liqii saffisaa, ifaa fi kan tilmaamamuu danda’u ta’uu akka qabu yaadachiifteetti. Akkasumas, biyyoonni guddachaa jiran dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa keessatti bakka bu’ummaa haqaa, dhageettii isaanii mirkaneessu fi bu’aa qabatamaa fidu qabaachuu akka qabn waamicha dhiyeessiteetti. Yaa’ii kanarratti hirmaannaa dammaqaa taasisteen, Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (WTO) akka taatu, Mana Maree Dhaabbata Siivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) keessatti teessoo dabalataa akka argattu, akkasumas Yaa’iin Idil-addunyaa Jijjiirama Haala Qilleensaa (COP32) Finfinneetti akka gaggeeffattuuf deeggarsa argatteetti.
737
9
+4
Sin texto...
659
10
Manneen barnootaa bultii addaa bakka lammiileen biyya ijaaran itti uumaman akka ta'aniif hojjetamaa jira– Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 — Manneen barnootaa bultii addaa a mootummaa federaalaa, lammiileen dameewwan garaagaraa keessatti biyya ijaaran bakka itti horataman akka ta’aniif hojjetamaa jiru jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa. Ministeerri Barnootaa barsiisota manneen barnootaa bultii addaa mootummaa federaalaatti haaraa ramadaman waliin marii gaggeesseera. Pirofeesar Birhaanuun, manneen barnootaa addaa kunneen bakka lammiilee gara fuulduraatti biyya hogganan gama hundaan itti horataman akka ta’an ibsaniiru. Manneen barnootaa kunneen bakka lammiileen Itiyoophiyaa boruu teeknooloojii, saayinsii, siyaasaa, falaasamaa fi dameewwan biroon ijaaran fi biyya jaal'atan itti horataman akka ta’an amantaa qaban ibsaniiru. Hunda isaanii walqixa tajaajiluun, lammiilee biyya rakkoo keessaa baasuu danda’an kan horatan akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii odeeffannoon Ministeerichaa ni mul’isa. Barattoonni manneen barnootaa kanneen keessatti baratan kutaalee Itiyoophiyaa hunda irraa kan walitti dhufan yoo ta’an, barsiisonnis naannolee garaagaraa irraa dandeettii isaaniin kan filataman ta’uu ibsaniiru. Addunyaa saffisaan jijjiiramaa jirtu keessatti biyya hirkattummaa irraa bilisa taate ijaaruun akka barbaachisu eeranii, barsiisoti manneen barnootaa bultii addaa kanneenitti ramadaman beekumsa barbaachisaa dabarsuu fi naamusaan barattoota ijaaruu keessatti itti gaafatamummaa akka qaban hubachiisaniiru. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
655
11
+2
Sin texto...
597
12
Fooyya’iinsi damee barnootaa bu’aa qabatamaa galmeessaa jira Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 — Itiyoophiyaa keessatti qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota biyyattii bakka bu’uufi gahumsa qabu horachuuf tarkaanfiiwwan fooyya’iinsaa damee barnootaa jalqabaman bu’aa qabatamaa galmeessaa jiru jedhan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa. Piroofeesar Birhaanuun akka jedhanitti, bu’uuraalee misoomaa barnootaa fooyyeessuuf sochiin “Barnoota Dhalootaaf” jalqabamee fi fooyya’insi sirna barnootaa taasifame bu’aawwan jajjabeessoo galmeessisaniiru. Kaayyoon ijoo fooyya’iinsichaa, sadarkaa barnoota daa’immanii, kutaa 1ffaa fi 2ffaa irraa eegalee dhaloota ofitti amanamummaa qabu ijaaruu ta’uu ibsaniiru. Bu’aan fooyya’iinsichaa adeemsa keessa mul’achaa jiraachuu eeruun, hojiiwwan hojjetamaniin qulqullinni barnootaa fooyya’aa jiraachuu fi barattoonni gahumsa sirrii qaban gara yunivarsiitii seenaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis, fooyya’iinsi damee barnootaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa irratti taasifame bu’aa barattootaa fi qulqullina barnootaa waliigalaa yeroo gara yerootti fooyyeessaa dhufuu Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru. Itti fufuunis, barattoonni bu’aa kana caalu akka galmeessisaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Mana barnootaa sadarkaa lammaffaa keessatti barnoota idilee cinaatti hojimaatni barnooti teeknikaa fi ogummaa dabalataan akka kennaman taasisu diriirfamuus kaasaniiru. Sirni barnootaa qindaa’aan kun cimee yoo itti fufe, dhaloota bu’uura cimaa irratti dhaabbatee boru biyya gahumsaan baachuu danda’u horachuuf kan dandeessisu ta’uu amanameera jedhan. Waggoota sadan darban keessatti, sochii “Barnooti Dhalootaaf” jedhuun hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu irraa qabeenyi baay’een maallaqaa fi meeshaalee adda addaatiin walitti qabamuuibsuu isaanii TOI (Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa) gabaaseera. Sochiin kun qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaa mirkaneessuuf tattaaffii mootummaa qofa osoo hin taane, tarkaanfii guddaa hirmaannaa hawaasaa fi maatiiwwanii mul’ise ta’uu ibsaniiru.’ Kana keessatti, manneen barnootaa haaraa gara kuma 17tti dhiyaatan ijaaramuu fi manneen barnootaa kuma 30 ol ta’anis haaromsiifamanii bara baajetaa 2019f qophaa’uu isaanii eeraniiru. Akkasumas, kutaan barnootaa dabalataa ijaaramuun dhiphina barattootaa mana barnootaa keessatti mul’atu hir’isuun danda’ameera jedhan. Sadarkaa manneen barnootaa eegsisuuf hojiiwwan hojjetaman itti fufiinsaan cimanii akka itti fufanis eeranii, maatiin barnoota daa’immanii irratti kaka’umsa fi hordoffii qaban cimsuun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
726
13
+3
Sin texto...
709
14
Bunni Itiyoophiyaa addunyaa irratti sadarkaa gatii haaraa qabate Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 — Bunni addaa Itiyoophiyaa gabaa idil-addunyaa irratti fedhii olaanaa qabaachuu isaa kan mirkaneessu sadrkaa gatii haaraa fi seena-qabeessa galmeessuu isaa Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitichaa akka ibsetti, bunni Gujii kiiloo giraamiin tokko doolaara Ameerikaa kuma 200 fi 376n, jechuunis gatii jijjiirraa yeroo ammaatiin tilmaamaan qarshii kuma 300 fi kuma 80tti gurguramuun seenaa buna Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa gatii olaanaa galmeesseera. Bunni gatii galmee haaraa kanaan gurgurame, kan abbaa “Tasty Coffee”, Obbo Faayisal Abdoosh, maqaa addaa “Faayisal Abdosh Signature” jedhuun, karaa interneetii caalbaasii buna addaa gabaa idil-addunyaaf dhiyaate ta’uun ibsameera. Caalbaasichi giddugalli caalbaasii interneetii “M Kaltyvo”, kan teessoon isaa Ingilaandii fi Ameerikaa ta’e, kan geggeessee dha. Gurgurtaan caalbaasii kun sadarkaa qulqullinaa fi barbaadamummaa bunni Itiyoophiyaa gabaa idil-addunyaarratti qabu haala haaraan kan mirkaneesse ta’uu Abbaa Taayitichaa ibseera. Bu'aan argame kunis sadarkaa bunni addaa Itiyoophiyaa gabaa irratti qabu ol guddisuuf karaa guddaa kan saaqu ta’uun ibsameera. Galiin guutuun caalbaasii seena-qabeessa kana irraa argame, karaa Tasty Foundation, Godina Gujii, Aanaa Shaakkisoo, Ganda Dambii Uudootti buufata fayyaa ammayyaa ijaaramuuf akka oolu ibsameera. Hojiin arjoomaa kunis qonnaan bultoota Gujii fi hawaasa qulqullina buna kanaa eeganii turaniif deeggarsaa fi galata kennamu ta’uun ibsameera. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
669
15
Sin texto...
607
16
Manni Maree Ministirootaa IGAD Yaa’ii isaa 74ffaa gaggeessaa jira Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 — Manni Maree Ministirootaa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa yaa’ii addaa 74ffaa Jibuutiitti gaggeessaa jira. Yaa’ichi dhimma nageenyaafi tasgabbii naannawaa, akkasumas fooyya’iinsa dhaabbataa irratti taa’amaa jira. Yaa’icharratti Ministir Deeetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa dabalatee, Ministiroonni dhimma alaa biyyoota naannawichaa hirmaachaa jiru. Manni Maree Ministirootaa IGAD qaamolee imaammata dhaabbatichaa hojii irra oolchan keessaa tokko yoo ta’u, hojiifi sochiiwwan dhaabbatichaa qindeessuu, akkasumas biyyoota miseensa IGAD gidduutti tumsa jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
783
17
+1
Sin texto...
687
18
Tapha eegamaa Liivarpuul fi Tootanhaam akkasumas Arsenaal fi Ipsiwiich Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 - Tapha marsaa 3ffaa waancaa Kaaraabaa’oon taphni har’a Liivarpuul fi Tootanhaam akkasumas Arsenaal fi Ipsiwiich Taawun taphatan ni eegama. Galgala sa’aatii 3:30 irraa eegalee Pitarbooroow Yuunaayitid Barnisleey waliin, sa’aatii 3:45 irraa eegalee ammoo Weestihaam Yuunaayitid Fuulhaam waliin ni morkatu. Galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Poortimaan Rooditti Arsenaal fi Ipsiwiich Taawun waliin kan taphatan ta’a. Arsenaal erga waancaa Kaaraabaa’oo injifatee waggoota 33 kan lakkoofsise yoo ta’u, dorgommii bara Kanaan waancicha gara Eemreetisitti fiduuf morkata. Sa’aatuma walfakkaataatti Liivarpuul dirree isaa Anfiild irratti Tootanhaamiin keessumeessa. Bifuma walfakkaatuun sa’aatii 4:00 irraa eegalee Reediing fi Bireentifoord ni taphatu. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
859
19
+3
Sin texto...
855
20
Qabxiin Seensa Sagantaa Deeggarsaa (Remedial) Bara 2019 Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Ifoome Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa qabxii darbiinsaa barattoota sagantaa deeggarsaa ykn 'Remedial' bara barnootaa 2019 dhaabbilee barnoota olaanoo galuuf isaan dandeessisu ifoomseera. Akka ibsa ministeerichaa fi maddeen keenyaatti, qabxiin murtaa'e kun bu'aa qormaata barattootaa, dandeettii simannaa yuunivarsiitiiwwanii bu'uura godhachuun kan murtaa'edha. Haaluma kanaan, barattoonni qabxii ibsame kana irraa eegalee fidan sagantaa kanaan yuunivarsiitii galuuf ga'umsa akka qaban ibsameera. Qabxiin darbiinsaa idilee barattoota saayinsii uumamaa fi saayinsii hawaasaatiif adda bahee kan kenname yoo ta'u, barattoota dhiiraaf qabxii dhibba ja'a keessaa dhibba lamaa fi afurtama ykn dhibbeentaa 40 fi isaa ol akka ta'u murtaa'eera. Akkasumas, barattoota shamarranii gosa barnootaa lamaaniinuu qormaaticha fudhataniif, qabxii dhibba ja'a keessaa dhibba lamaa fi digdamii saddeet (228) ykn dhibbeentaa 38 fi isaa ol akka ta'u ifoomeera. Qabxiin kun barattoota idilee hundaaf kan hojjetu ta'uun ibsameera. Gama biraatiin, barattoota deeggarsa addaa barbaadaniif qabxiin madaalamaa ta'e murtaa'eera. Haaluma kanaan, barattoota dhiiraa fi shamarranii naannolee Affaar, Sumaalee, Beenishaangul-Gumuz, Gaambeellaa fi naannolee horsiisee bultootaa irraa dhufaniif qabxiin darbiinsaa dhibba ja'a keessaa dhibba lamaa fi digdamii lama (222) ykn dhibbeentaa 37 akka ta'u ta'eera. Dabalataanis, barattoota miidhama qaamaa qabaniif xiyyeeffannoon kan kenname yoo ta'u, barattoota qaroo-dhabeeyyii saayinsii hawaasaatiin qormaata fudhataniif qabxii dhibba shan (500) keessaa dhibba tokkoo fi saddeettamii shan (185), akkasumas barattoota dhagahuu hin dandeenye saayinsii uumamaa fi hawaasaatiin qormaata fudhataniif immoo dhibba ja'a (600) keessaa dhibba lamaa fi digdamii lama (222) fi isaa ol akka ta'u Ministeerri Barnootaa murteesseera. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
1 147