Olkaa'insi Itiyoophiyaa Haaromsa Afrikaa Labsa ā Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 -Olkaa'insi Itiyoophiyaa Haaromsa Afrikaa Labsa jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Ergaan guutuun tajaajilichaa akka itti aanutti dhiyaateera:
Olkaa'insi Itiyoophiyaa Haaromsa Afrikaa Labsa
Itiyoophiyaan bara haaraatti faayidaa biyyaalessaa isheef dursa kennuun fi sagalee dhugaa Afrikaanotaa taāuun eegalteetti.
Haala walxaxaa fi jijjiiramaa jiāoopoolitikaa addunyaa keessatti imaammata hariiroo alaa cimaa fi walaba taāe hordofuun miseensa BRICS taāuu kan dandeesse Itiyoophiyaan, Yaaāii Hoggantoota BRICS 18ffaa Niwuu Deelhii, Hindii keessatti gaggeeffamerratti, fakkeenya taāuu ishee fi dhageettii tarsiimawaa qabdu qabatamaan mirkaneessiteetti.
Yaaāiin mata-duree āCichoomina, kalaqa, tumsa fi itti fufiinsa ijaaruuā jedhuun gaggeeffame kun, Itiyoophiyaan biyyoota miseensotaa fi biyyoota michuu waliin hariiroo gama hedduu qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu fi sirna addunyaa haqaa fi hunda galeessa taāe ijaaruuf kutannoo qabdu ifatti kan mulāise ture.
Itiyoophiyaan waltajjicharratti ejjennoo mulāisteen, biyyoonni rakkooleen osoo hin uumamin dura dandeettii isaan dandamachuu cimsachuu akka qaban xiyyeeffannoo kenniteetti. Kana ilaalchisee, Itiyoophiyaan mirga wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasisteen, hirkattummaa gargaarsa alaa irraa argamuun qamadii galchuurraa guutumaan guutuutti bilisa taāuu ishee beeksisteetti. Akkasumas, waljijjiirraa midhaan nyaataa Biriiks āBRICS Grain Exchangeā keessatti oomishtuu fi dhiyeessituu taatee hirmaachuuf qophii taāuu mirkaneessiteetti.
Waltajjicharratti Itiyoophiyaan damee teeknooloojii fi kalaqaatiin buāuuraalee misoomaa dijitaalaa, eenyummeessaa dijitaalaa, sirnoota kaffaltii fi marsariitiiwwan odeeffannoo amanamoo balāinaan ijaaraa jiraachuu ibsiteetti. Afrikaaf bara teeknooloojii boruu abbummaan hoogganuu kan dandeessisu Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessaa jiraachuu eeruun, dhaabbilee BRICS waliin waliin hojjechuuf qophii taāuu mirkaneessiteetti.
Afrikaan qabeenya albuudaa hedduu kan qabdu taāuu yaadachiisuunis, qabeenyi albuudaa ceāumsa anniisaa, oomisha sadarkaa olaanaa fi dinagdee dijitaalaatiif murteessaa taāuu Itiyoophiyaan ibsiteetti. Biyyoonni miseensa BRICS taāan kaappitaalaa, teeknooloojii fi filannoowwan gabaa waan qabaniif, qabeenyota kana walitti qindeessuun itti fayyadamuuf, akkasumas qabeenya dheedhii irratti sona dabalataa uumuuf carraa guddaa akka uumu agarsiifteetti.
Itiyoophiyaan damee fayyaatiin dandeettii oomishaa ishee babalāisaa jiraachuu fi albuuda, anniisaa haaromfamaa fi dandeettii indaastirii guddachaa jiru irratti hirmaannaa fi tumsa uumuuf qophii taāuu mirkaneessiteetti.
Dabalataanis, Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Afrikaa fi addunyaa walitti hidhuuf carraa guddaa taāuu, biyyoota ollaa waliin qoodamuun dhiyeessiin anniisaa taasifamuun, akkasumas Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa taāuun walitti hidhamiinsa ardii fi addunyaa keessatti gahee Itiyoophiyaan qabdu ifatti kan agarsiisan taāuu waltajjicharratti ibsiteetti.
Sirna faayinaansii addunyaa ilaalchisee, Itiyoophiyaan haaromsa dinagdee gaggeessaa fi liqii alaa ishee irra deebiin qindeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsiteetti. Dinagdeewwan qormaata keessa jiranif adeemsi qoodinsa liqii saffisaa, ifaa fi kan tilmaamamuu dandaāu taāuu akka qabu yaadachiifteetti. Akkasumas, biyyoonni guddachaa jiran dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa keessatti bakka buāummaa haqaa, dhageettii isaanii mirkaneessu fi buāaa qabatamaa fidu qabaachuu akka qabn waamicha dhiyeessiteetti.
Yaaāii kanarratti hirmaannaa dammaqaa taasisteen, Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (WTO) akka taatu, Mana Maree Dhaabbata Siivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) keessatti teessoo dabalataa akka argattu, akkasumas Yaaāiin Idil-addunyaa Jijjiirama Haala Qilleensaa (COP32) Finfinneetti akka gaggeeffattuuf deeggarsa argatteetti.