en
Feedback
ABC News Afaan Oromoo

ABC News Afaan Oromoo

Open in Telegram

Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!

Show more

πŸ“ˆ Analytical overview of Telegram channel ABC News Afaan Oromoo

Channel ABC News Afaan Oromoo (@abcoromoo) in the Javanese language segment is an active participant. Currently, the community unites 22 770 subscribers, ranking 5 165 in the Cryptocurrencies category and 203 in the Finland region.

πŸ“Š Audience metrics and dynamics

Since its creation on Π½Π΅Π²Ρ–Π΄ΠΎΠΌΠΎ, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 22 770 subscribers.

According to the latest data from 07 July, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by -209 over the last 30 days and by 0 over the last 24 hours, overall reach remains high.

  • Verification status: Not verified
  • Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 9.40%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 4.62% reactions from the total number of subscribers.
  • Post reach: On average, each post receives 2 142 views. Within the first day, a publication typically gains 1 052 views.
  • Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 10.

πŸ“ Description and content policy

The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
β€œBaga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!”

Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 08 July, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Cryptocurrencies category.

22 770
Subscribers
No data24 hours
+207 days
-20930 days
Posts Archive
Oduu nama  Gammachisuun βœ… Shamarree Elsaabet Destaaf Carraan Haaraan Baname Shamarreen Elsaabet Desta, dhalattuun Kambaataa, suuraa ishee miidhagaa ogeessa kaameeraa Misikir Kebeden kaafameen miidiyaa hawaasaarratti beekamtii guddaa argatte. Dhaabbanni Visit Kambata ibsa baaseen, dhaabbileen moodeelingii fi tuurizimii addunyaa hedduun isaanii waliin hojjechuuf fedhii akka qaban beeksiseera. Dhaabbatichis, miidhagina uumamaa Elsaabetiin fayyadamuun Itoophiyaa fi Kambaataa addunyaatti beeksisuuf akka hojjetu, akkasumas leenjii fi deeggarsa ogummaa moodeelingii barbaachisu hunda akka isheef dhiyeessu ibseera. Carraan kun Elsaabet qofaaf osoo hin taane, tuurizimii biyyaas beeksisuuf hojii guddaa ta'uu danda'a. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ

photo content

Hirmaattonni Maree biyyaaleessaa Finfinnee galuu eegalan Finfinnee, Adoolessa 1, 2018 (FMC)- Bakka buutonni Naannoolee kutaalee biyyattii garaagaraa Maree biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 gaggeeffamuurratti hirmaatan Magaalaa Finfinnee galuu eegalaniiru. Hirmaattoota kanneeniif simannaan ho’aan taasifameefira. Hirmaattonni kunneen turtii FMC waliin taasisaniin, yaa’ii seenaa qabeessa yeroo jalqabaaf gaggeeffamu kanarratti ummata bakka bu’uun hirmaachuun miira biyyummaa olaanaa uumuufi dubbataniiru. Marii yaa’icharratti gaggeffamurratti miiraa tasgabbii fi waldhaggeeffachuun rakkoolee furuun barbaachiisaa ta’uu kaasaniiru. Keessattuu dhimmoota adda addaan akkuma Afrikaaf fakkeenya taane ammas marichi akka dhugoomuuf gahee keenya bahachuun fakkeenya ta’uu keenya irra deebiin mirkaneessuu qabna jedhan. Amalawarqi Makuwaniintitu gabaase. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ

photo content
+1

Kakuu seenanii uummata hiyyeessa kana kan saaman jiru –Dooktar Abiy Ahimad Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dhimma mootummaa fi uummatni amananii itti kennan irratti, kakuu seenaanii uummata hiyyeessa kana kan saaman jiru jedhan. Dooktar Abiy yaa'ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa irratti argamuun gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii keessattis; hanni dhimma jibbisiisaa fi yeellasisaa ta'uu ibsaniiru. Hanna ilaalchisee waanti hedduun akka dubbatamu eeranii; namoota gocha kana raawwatan ittigaafachiisuuf ragaa qabatamaa dhiyeessuu irratti hanqinni akka jiru eeraniiru. Namni akka dhaadatu miti kan jedhan dooktar Abiy; namni tokko gabaasa hordoffii ooditii qulqullaa'aa fidee mootummaan tarkaanfii hin fudhanne yoo jedhe, ittigaafatamumma nan fudhada jedhaniiru. Walumaagalatti mana maree qofa keessatti akkasumaan qarshii hangasii hir'iseera jechuu osoo hin taane; dhimmi qabatamaan ittigaafatamummaa hordofsiisuu dhiyaachuu akka qabu hubachiisaniiru. Nama fooyya'aa fi hojii hojjetu yoo ta'e, hannaan maqaa balleessuuf namoonni oduu asii fi achiin akka irratti odeessisan eeranii; mootummaa fi uummatni amananii dhimma itti kennan irratti kakuu seenanii uummata hiyyeessa kana kan saamanis akka jiran ibsaniiru. Tilmaamaan kan murtaa'u yoo ta'e, inni hojjetuu fi inni hatu walitti makamee baduu danda'a kan jedhan Dooktar Abiy, ragaa qabatamaan harka keessan jiru yoo jiraate nuuf ergaa, tarkaanfii yoo fudhachuu baannne nu gaafadhaa jechuun hubachiisaniiru. Hanni hamaa ta'uu isaa amannee, jalqaba ofiin qabsaa'uu, dabees ragaa seeraan ittigaafatamummaa hordofsiisu qabaachuun faayidaa qaba jedhaniiru. Abeel Niwaayiin Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ

photo content

Kufaatii Barnootaa %92, Qaala'iinsa Jireenyaa, Rakkoo Nageenyaa fi 'Lakkoofsa Sobaa' Irratti Dr. Dassaalany MM Dr. Abiyyiin Qeeqan! Miseensi Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Dr. Dassaalany Caanee, walgahii idilee irratti dhimmoota nageenyaa, diinagdee makroo fi hawaasummaa biyyattii ilaalchisuun Ministira Muummee Doktar Abiy Ahimadiif qeeqawwan ciccimoo fi yaada furmaataa itti amanan dhiyeessan. Akka Dr. Dassaalany ibsanitti, waggoota shanan darban keessa ummanni Itoophiyaa gatii ulfaataa kaffaleera. Waadaa nagaa fi badhaadhinaa mootummaan kenne faallaa ta'uun, waraanni, diinagdeen jiguu fi giddu-galeessi hawaasaa dhabamuun biyyattii keessatti hiyyummaa hammaataa uumeera jechuun ibsan. Haqa lafarra jiru dhoksuun lakkoofsa sobaatiin ummata gowwoomsuun balaa caalu akka fidu cimsanii akeekkachiisaniiru. Dhimma diinagdee fi hiyyummaa ilaalchisee, kiraayiin manaa galii ji'aa lammiilee irra caaluu fi yeroo ammaa biyya keenya keessaa gitni hawaasaa giddu-galeessaa (Middle class) badee, namoota muraasa garmalee sooressa ta'anii fi baay'ina ummataa hiyyummaan waxalamaa jiranitti qoodamuu isaa qeeqan. Gabaasni guddina diinagdee %10.2 fi galiiwwan biroo mootummaan dhiyeesse dhugaa lafarraa fi qaala'iinsa jireenyaa biyyattii waliin faallaa ta'uu dubbatan. Gama barnootaatiinis, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan keessaa %8.7 qofti darbuun, dhibbeentaa 92 kufuun isaanii "badiisa dhalootaa (Generational Catastrophe)" ta'uu ibsuun, itti gaafatamummaa kana Ministeera Barnootaatu fudhachuu qaba jedhan. Dabalataan, barattoonni miliyoona torba ta'an ammallee barnoota irraa ala ta'uu isaanii eerraniiru. Nageenyaa fi rakkoo namoomaa ilaalchisuun, waraana Kaaba Itoophiyaa dabalatee waldhabdee walitti fufiinsa qabu naannolee garagaraatti deemaa jiruun mirgi jiraachuu lammiilee sarbamaa jiraachuu eeran. Mootummaan namoota deeggarsa nyaataa barbaadan miliyoona 27 irraa gara 2.3 qofaatti gadi buuseera jedhus, dhaabbileen idil-addunyaa akka WFP fi FAO garuu lammiileen miliyoona 15.8 hanga 21.4 balaa beelaa hamaa keessa akka jiran ragaa ba'uu ibsuun gabaasa mootummaa sobsiisaniiru. Kallattii furmaataatiifis, mariin biyyaalessaa dhiibbaa siyaasaarraa bilisa ta'ee fi qaamolee hidhatan hunda kan hirmaachise akka ta'u, akkasumas haqni ce'umsaa dhugaan akka hojiirra oolu gaafatan. Mootummaan ijaarsa paarkiiwwanii irraa xiyyeeffannaa isaa gara warshaalee gurguddoo fi ijaarsa manneeniitti akka naanneessu, akkasumas waldhabdee humnaan furuurraa gara marii siyaasaa dhugaatti ce'uun bara haaraa 2019 keessatti ummata Itoophiyaaf abdii qabatamaa maal akka qopheesse ifa akka godhuuf Ministira Muummee gaafataniiru. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ

photo content
+1

Qaala’iinsa gatii guutummaan dhabamsiisuun hin danda’amu, tasgabbeessuun garuu ni danda’ama - Dooktar Abiy Ahimad Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018 (ABC) – Qaala’iinsa gatii guutummaan dhabamsiisuun hin danda’amu, tasgabbeessuun garuu ni danda’ama jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad. Dooktar Abiy Ahimad gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018 fi karoora bajaata 2019 ilaalchisee Yaadaa fi gaaffii dhimmoota diinagdeerratti miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Hanqina mana jireenyaa furuuf bara baajataa 2018 keessa manneen jireenyaa miiliyoonni1.2 ijaaramuu fi bara 2019 ammoo manneen jireenyaa miiliyoona1.5 ijaaruuf karoorfamuu kaasan Dookta Abiy Ahimad. Finfinneetti qofaaa Daandiin Asfaalitii Kiiloomeetirri kumni1 ol ijaaramuu ibsan. Ijaarsi Buufataalee xiyyaaraa 7 xumuramuu kaasan. Piroojektoota sababoota garaagaraan harkifatan xumuruuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru. Baajata bara 2019 hanga danda’ametti baasii akkaataa qusatuun hojiirra oolchuuf kan hojjetamu ta’uu himan. Naannoleen galii isaanii akka fooyyeessan deeggarsi barbaachisu akka taasifamuu ibsanii, baajatni dhimma ramadameef akka oolu hojiin hordoffii fi to’annoo akka cimu hubachiisan. Hannaa fi malaammaltummaa dhabamsiisuuf hojiin ragaa fi ragaa qofarratti hundaa’e ni hojjetamas jedhan. Itiyoophiyaa keessa kan jiru hattoonni namoota dhuunfaa malee hanna dhaabbatummaa waan hin taaneef hattoota dhuunfaa to’achuun ammoo daran rakkisaa ta’uu kaasan. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ

photo content
+2

FAAYIDAA BUNA DHUGUU β˜†β˜†HAADHOOLIIN ULFAA BUNA YOO DHUGAAN RAKKOO QABAA?? Faayidaan buna dhuguu maali? Buna dhuguun seenaa ilma namaa keessatti baayyee beekamaadha. Akka ragaan tokko tokko mul'isutti bunni yeroo dheeraaf akka ilma namaatin dhugamaa tureedha. Ammas akka guutuu addunyaatti hedduminaan ni dhugama. Qorannoo baayyeenis yeroo garaagaraatti faayidaa fi miidhaa buna dhuguu irratti godhameera. Mee yaa ilaalluu!! FAAYIDAA BUNA DHUGUU Bunni keemikaalota garaagaraa waan of keessaa qabuf buna dhuguun waan baayyeef nu fayyada; isaan keessaa muraasni:- 1.Dandeettii waa yaadachuu dabala, akkasumas miira dammaqinaa nutti uuma. 2.Carraa Kaanseerii tokko tokkoon qabamuu hir'isa. Akka qorannoon tokko tokko jedhutti buna dhuguun carraa kaanserii kanneen akka Kaanserii Tiruu fi Mar'imaanitiin qabamuu gadi buusa. 3.Carraa dhibee Sukkaaraan (T2DM) qabamuu ni hir'isa. 4.Carraa dhukkuba onnee fi sammuu keessatti dhiiguu (stroke) ni hir'isa. 5.Dhukkuboota dulluma keessa dhufan tokko tokko kanneen akka Alzheimer's disease fi Parkinson's disease ni ittisa. 6.Fayyaa Tiruu keenyaaf baayyee fayyada. 7.Miira mukaa'uu (depression) fi si'aa'ina dhabuu ni ittisa 8.Umrii namaa dheereessuu ni danda'a. 9.Dadhabbiin akka nutti hin dhagahamne godha. 10.Coomni qaama keenyaa akka gubatu gargaara. ✍Buna dhuguun faayidaalee kanneen alatti hariiroo namoota fi maatiis ni cimsa; keessattuu biyya keenyatti; bunni waan baayyeef fayyada.Ollaan buna daffisee walwaamee waliin taphata, keessumaas ta'e namni alaa yoo dhufe nooraa buna dhugduu jedhama mitiree!!. Guyyaatti hangam yaa dhugnu? Akka dhaabbanni "Guideline" nyaata Ameerikaa (Dietary Guidelines of America) ibsutti giddugaleessan ( average) namni ga'eessi tokko Buna shinii 3-5 ykn Kaafeenii 400mg akka dhugan gorfama. πŸ™ˆRakkoolee fayyaa sababa buna dhuguun dhufu ( Side effects of coffee) Addunyaa kanatti wantootni akkuma faayidaa qaban; yoo sirnaan hin fayyadamne miidhaas ni geesisu, bunnis akkasuma. Akka qorannoon garaagaraa agarsiisutti bunni faayidaa garaagaraa nuf kennus rakkoon geesisuu hin dhabamu:- isaanis 1.Hirriibni akka nu hin qabne gochuu ( Insomnia); Rafuun dura Buna dhuguun hirriibni akka dafee nu hin qabne gochuu danda'a. Kunis nama namaatti garagaraa ta'u danda'a. Namoota tokko tokko buna dhuguun hirriiba irratti isaan hin rakkisu ta'a; kan biroo immoo rafuun isaan rakkisuu danda'a, sababni isaas dandeettin namoonni kaafeenii dhiigaa keessa jiru balleessuuf ( metabolism) garaagara. Kanaaf namoonni rakkoo kana qaban kan gorfamu; yoo rafuuf barbaaddan sa'aa 6 dura dhuguu ykn hanga bunaa xiqqeessu qabdu. 2.Buna dhuguun araada nama qabsiisa. Kanaaf buna osoo hin dhugiin yoo hafne, mataa dhukkubbii, miirri dadhabbii nutti dhagahamuu danda'a. 3.Bunni Gubaa laphee ykn singiggoo( heartburn) nutti hammessuu danda'a 4.Buna baay'isanii dhuguun ulfa irratti miidhaa geesisa. Miidhaan bunni ulfa irratti geesisu hamma irratti hunda'a. kanaaf dubartootni ulfa guyyaatti sinii 1-2 caalaa fudhachuu hin qaban(yoo danda'an immoo yeroo ulfaa osoo dhuguu baatani ni filatama), garuu baay'isanii dhugan taanan Rakkoolee akka ba'uu ulfaa (miscarriage), daa'ima ulfaatinni isaa gad aanaa ta'e(low birth weight) dhalachuu fa'a fiduu danda'a. 5, Namoonni lakkoofsan baayyee xiqqoo ta'an bunni alarjii itti ta'uu danda'a. Bunaafi nagaya hin dhabinaa jetti OROMOON tiyya. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ

photo content

Doolaara 260 kaffalee jaalallee kireeffate. Cheen jedhama. Barataa Yuuniversitii ti. Gurbaan kun dhaabbata 'Love acting extra' jedhamu tokko irraa doolaara 260 kaffalee sa'atii 3f jaalallee kireeffate. Yeroo kiraa kana raawwatanitti walii galtee waliif mallatteessanii turani. Qabxiileen walii galteesaanii: Harkashee qabachuu, rifeensashee tuttuquu, fi hammachuu akka danda'u ture. Kana bira yoo darbee garaansaa waa yaade garuu  seeraan gaafatamuu akka danda'u walii galee ture. Haata'u malee Cheen walii galtee kana bira darbee dhungachuuf yaale. Akkuma walii galteensaanii sa'atii 3 xumurameen, shamarreen kun buufata poolisii deemtee, walii galtee keenyaan alatti na dhungachuuf yaaleera jechuun himata irratti bante. Poolisiin qorannaasaa erga xumureen booda mana murtiitti dhiyeesse. Manni murtiis walii galtee keessaniin ala baatee dhungachuuf yaaluukeetiin balleessiteetta jechuudhaan hidhaa ji'a 6 fi adabbii doolaara 6420 akka kaffalu itti murteesse. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ

photo content

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaalee garaagaraan milkaa’inaan kennamaa jira – Tajaajilicha Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (ABC)- Qormaanni Biyyaalesssaa Kutaa 12ffaa bara kanaa marsaalee garaagaraatiin milkaa’inaan kennamaa jira jedhe Tajaajilli Madaalli Barnootaa fi Qormaatilee. Tajaajilichi qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa sadarkaa biyyaalessaatti naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaatti marsaalee garaagaraan milkaa’inaan gaggeeffamaa jiraachuu ibse. Qormaatichi onlaayinii fi marsaa jahatti qoodamuun karaa milkaa’ina qabuun kennamaa jiraachuu eerera. Bakkeewwan hanqina Kompiwuteera qabanitti qormaaticha waraqaan marsaa afuriin kennuuf qophiin taasifameeras jedhe Tajaajilichi. Haaluma kanaan Naannoo Tigraayitii Barattoonni kuma 14 fi 755 Waxabajjii 23, 2018 irraa eegalee onlaayiniin marsaa jahan qoramaa jiru. Gama biraatiin waraqaan qoramuuf kan galma’an barattoonni kumni 14 fi 325 Adoolessa 22- 24 , 2018 Yuunivarsiitiiwwan Maqalee fi Aksuumitti kan qoraman ta’uu ragaan Tajaajilicharraa argame ni mul’isa. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ

photo content

Sirni Fayyaa Diijitaalawaa Itiyoophiyaa Afriikaaf Fakkeenya Kan Ta’uudha – Obbo Tamasgeen Xuruunaa Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xuruunaa sirni fayyaa Itiyoophiyaa sirna diijitaalaa fi hubannoo namtolchee waliin walqabachaa jiru Afriikaaf fakkeenya kan ta’uudha jedhan. Korri Barnoota Yaalaa Afriikaa 2ffaan mataduree "Humna Ogeessa Fayyaa Afriikaa Carraalee fi Qormaatilee Haarawa Gara Fuulduraaf Qopheessuu" jedhuun har'a Finfinneetti gaggeeffamuu jalqabeera. Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xuruunaa kora kana yeroo jalqabsiisan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waggoottan muraasa darban keessatti barnoota ogeessota fayyaa babal'isuuf hojiiwwan gurguddoo hojjetteetti. Manneen barnoota yaalaa haarawaan banamuu fi dhaabbileen turan akka ciman taasifamuu ibsuun, carraawwan dargaggoonni Itiyoophiyaa damee saayinsii fayyaa keessatti akka hirmaatan gargaaru guddisuuf hojjetameera jedhan. Waliigaltee naannawaa cimsuuf Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa dabalatee ogeessota fayyaa biyyoota obboleeyyanii Afriikaa irra dhufaniif leenjiin kennamuus kaasaniiru. Itiyoophiyaan gaggeessummaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin sirna fayyaa Itiyoophiyaa humna uumama diijitaalaa fi hubannoo namtolcheen walitti hidhuun tajaajila fayyaa qulqullina qabuuf hojjetaa jirti jedhaniiru. Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta'e, inforamaatiksiin fayyaa, fayyaa diijitaalaa, roobootiksii fi qorannoo fayyaa hubannoo namtolcheen deeggarame irratti kan xiyyeeffatu Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee kan jalqabaa banuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hubannoon Namtolchee damee fayyaa keessatti jijjiirama ariifachiisaa fidaa jira kan jedhan Obbo Tamasgeen, akka arddiitti jijjiirama kana keessatti kalaqxoota, gaggeessitoota fi babal'istoota ta'uun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Jijjiiramni kun yuunivarsiitota irraa jalqabamuu akka qabu eeranii, hidhata akkaadaamii, warshaa fi shaakala kilinikawaa gidduu jiru cimsuun barbaachisaadha jedhan. Utubaawwan sadan kunniin yeroo waliin hojjetan, kalaqni laaboraatoorii irraa gara dareetti, daree irraa gara ciisicha dhukkubsattootaatti, akkasumas ciisicha dhukkubsattootaa irraa gara gandaa fi magaalaa Afriikaa tokkoon tokkootti ga’uu danda’a jedhan. Afriikaan qormaata fi carraa kanaan dura argamee hin beekne waliin ga’uu irratti akka argamtu eeranii, Itiyoophiyaan yeroo mara guddina damee fayyaa ardichaaf kutannoo qabdu qabatamaan argirsiisaa jirti jedhan. Layikuun Aalamtu gabaase Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ

photo content
+6

Dooktar Abiy Ahimad boru Paarlaamaaf ibsa ni kennu. Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (ABC) - Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad boru gabaasa raawwii hojii mootummaa bara 2018 Mana maree Bakka Bu'oota Uummataaf ni dhiyeessu. Akkaataa Heera Mootummaa keeyyata 55 keeyyata xiqqaa 17 fi danbii hojimaataa fi naamusa miseensota mana marichaa lakk.6/2008 keeyyata 81 keeyyata xiqqaa 1 fi 3'n Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ministira Muummee fi hoggantoota mootummaa federaalaa biroo gaaffiif waamuu fi hojimaata qaama hoji-raawwachiiftuu qorachuu, hordofuu fi to'achuuf aangoo ni qabaata. Bu'uuruma kanaan Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa 6ffaan bara hojii isaa 5ffaan Kibxata Waxabajjii 30, 2018 walga'ii idilee 30ffaa geggeessu irratti Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad argamuun gabaasa raawwii hojii mootummaa bara 2018 fi Baajata waggaa bara 2019 irratti gaaffilee miseensota mana marichaa irraa kaa'aniif deebii fi ibsa akka kennan ibsi Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Faanaa Dijiitaaliif erge ni mul'isa. Haaluma walfakkaatuun, wixinee baajata Koree Dhaabbii Dhimmoota Karooraa, Baajataa fi Faayinaansii Mana Marichaa bara 2019 ilaalchisee gabaasa dhiyaatuu fi yaada murtoo qorate labsii baajatichaa akka raggaasisu ni eegama. Walga'icha irratti keessummoonni afeeraman, Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa fi Bakka bu'oonni dhaabbilee idil addunyaa, abbootiin amantii, namoonni beekamoo fi hoggantoonni paartilee morkattootaa kan argaman yoo ta'u, walga'ichi ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee kallattiin akka tamsa'u ibsichi eerera. Abdiidhaan Jiraadhu!!πŸ₯‡ πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§ ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.πŸ‘‡ @drhoneliat12emπŸ’Œ

photo content

ABC News Afaan Oromoo - Statistics & analytics of Telegram channel @abcoromoo