uz
Feedback
Dr. Abdisa Ejeta

Dr. Abdisa Ejeta

Kanalga Telegram’da o‘tish

Chaanaalii kana keessaan:- Kitaaboleefi barreeffamoota barsiisoo garagaraatu argama. Itti goraa!👇 @Orobook

Ko'proq ko'rsatish

📈 Telegram kanali Dr. Abdisa Ejeta analitikasi

Dr. Abdisa Ejeta (@orobook) Amxar til segmentidagi kanali faol ishtirokchi. Hozirda hamjamiyat 10 564 obunachidan iborat bo'lib, Taʼlim toifasida 18 585-o'rinni va Efiopiya mintaqasida 3 151-o'rinni egallagan.

📊 Auditoriya ko‘rsatkichlari va dinamika

невідомо sanasidan buyon loyiha tez o‘sib, 10 564 obunachiga ega bo‘ldi.

03 Sentabr, 2026 dagi oxirgi ma’lumotlarga ko‘ra kanal barqaror faollikka ega. Oxirgi 30 kunda obunachilar soni -11 ga, so‘nggi 24 soatda esa 4 ga o‘zgardi va umumiy qamrov yuqori darajada qolmoqda.

  • Tasdiqlash holati: Tasdiqlanmagan
  • Jalb etish (ER): Auditoriya o‘rtacha 37.48% darajada jalb etiladi. Nashrdan keyingi dastlabki 24 soatda kontent odatda umumiy obunachilar sonining 5.52% ini tashkil etuvchi reaksiyalarni to‘playdi.
  • Post qamrovi: Har bir post o‘rtacha 3 959 marta ko‘riladi; birinchi sutkada odatda 583 ta ko‘rish yig‘iladi.
  • Reaksiyalar va o‘zaro ta’sir: Auditoriya faol: har bir postga o‘rtacha 0 ta reaksiya keladi.

📝 Tavsif va kontent siyosati

Muallif resursni shaxsiy fikrni ifoda etish maydoni sifatida ta’riflaydi:
Chaanaalii kana keessaan:- Kitaaboleefi barreeffamoota barsiisoo garagaraatu argama. Itti goraa!👇 @Orobook

Yuqori yangilanish chastotasi (oxirgi ma’lumot 04 Sentabr, 2026 da olingan) sababli kanal doimo dolzarb va katta qamrovli bo‘lib qoladi. Analitika auditoriya kontent bilan faol hamkorlik qilishini, uni Taʼlim toifasidagi muhim ta’sir nuqtasiga aylantirishini ko‘rsatadi.

10 564
Obunachilar
+424 soatlar
-127 kun
-1130 kun

Ma'lumot yuklanmoqda...

Taglar buluti
Ma'lumot yo'q
Muammo bormi? Iltimos, sahifani yangilang yoki bizning qo'llab-quvvatlash boshqaruvchimizga murojaat qiling>.
Kirish va chiqish esdaliklari
---
---
---
---
---
---
Obunachilarni jalb qilish
Sentabr '26
Sentabr '26
+7
0 kanalda
Avgust '26
+70
1 kanalda
Get PRO
Iyul '26
+168
5 kanalda
Get PRO
Iyun '26
+301
5 kanalda
Get PRO
May '26
+139
4 kanalda
Get PRO
Aprel '26
+37
0 kanalda
Get PRO
Mart '26
+105
2 kanalda
Get PRO
Fevral '26
+15
0 kanalda
Get PRO
Yanvar '26
+17
0 kanalda
Get PRO
Dekabr '25
+21
0 kanalda
Get PRO
Noyabr '25
+35
2 kanalda
Get PRO
Oktabr '25
+11
2 kanalda
Get PRO
Sentabr '25
+14
6 kanalda
Get PRO
Avgust '25
+287
10 kanalda
Get PRO
Iyul '25
+350
7 kanalda
Get PRO
Iyun '25
+17
1 kanalda
Get PRO
May '25
+13
4 kanalda
Get PRO
Aprel '25
+26
4 kanalda
Get PRO
Mart '25
+1
0 kanalda
Get PRO
Fevral '25
+2
1 kanalda
Get PRO
Yanvar '25
+7
0 kanalda
Get PRO
Dekabr '24
+18
3 kanalda
Get PRO
Noyabr '24
+59
0 kanalda
Get PRO
Oktabr '24
+121
4 kanalda
Get PRO
Sentabr '24
+319
9 kanalda
Get PRO
Avgust '24
+88
7 kanalda
Get PRO
Iyul '24
+145
9 kanalda
Get PRO
Iyun '24
+18
2 kanalda
Get PRO
May '24
+35
1 kanalda
Get PRO
Aprel '24
+83
2 kanalda
Get PRO
Mart '24
+179
11 kanalda
Get PRO
Fevral '24
+130
7 kanalda
Get PRO
Yanvar '24
+152
9 kanalda
Get PRO
Dekabr '23
+253
8 kanalda
Get PRO
Noyabr '23
+169
4 kanalda
Get PRO
Oktabr '23
+253
10 kanalda
Get PRO
Sentabr '23
+185
0 kanalda
Get PRO
Avgust '23
+252
0 kanalda
Get PRO
Iyul '23
+366
0 kanalda
Get PRO
Iyun '23
+277
0 kanalda
Get PRO
May '23
+350
0 kanalda
Get PRO
Aprel '23
+207
0 kanalda
Get PRO
Mart '23
+381
0 kanalda
Get PRO
Fevral '23
+121
0 kanalda
Get PRO
Yanvar '23
+406
0 kanalda
Get PRO
Dekabr '22
+143
0 kanalda
Get PRO
Noyabr '22
+429
0 kanalda
Get PRO
Oktabr '22
+381
0 kanalda
Get PRO
Sentabr '22
+84
0 kanalda
Get PRO
Avgust '22
+295
0 kanalda
Get PRO
Iyul '22
+240
0 kanalda
Get PRO
Iyun '22
+399
0 kanalda
Get PRO
May '22
+594
0 kanalda
Get PRO
Aprel '22
+720
0 kanalda
Get PRO
Mart '22
+976
0 kanalda
Get PRO
Fevral '22
+632
0 kanalda
Get PRO
Yanvar '22
+505
0 kanalda
Get PRO
Dekabr '21
+320
0 kanalda
Get PRO
Noyabr '21
+191
0 kanalda
Get PRO
Oktabr '21
+265
0 kanalda
Get PRO
Sentabr '21
+416
0 kanalda
Get PRO
Avgust '21
+381
0 kanalda
Get PRO
Iyul '21
+668
0 kanalda
Get PRO
Iyun '21
+434
0 kanalda
Get PRO
May '21
+347
0 kanalda
Get PRO
Aprel '21
+534
0 kanalda
Get PRO
Mart '21
+600
0 kanalda
Get PRO
Fevral '21
+274
0 kanalda
Get PRO
Yanvar '21
+206
0 kanalda
Get PRO
Dekabr '20
+2 868
0 kanalda
Sana
Obunachilarni jalb qilish
Esdaliklar
Kanallar
04 Sentabr+2
03 Sentabr+4
02 Sentabr+1
01 Sentabr0
Kanal postlari
Repost from Hakim
ERGAA HUBANNOO HAWAASAA FI OGEESSOTA FAYYAAF QUUFAA MORMAA (GOITER) / HUCCUBA Waa’ee Quufa Mormaa/Huccubaa Waan Beekuu Qabnu 1. Quufni Mormaa/Huccubni hundi qorichoota akka PTU, Propranolol ykn Lugol’s iodine tiin yaalamuu qabaa? Lakki! Quufa Mormaa/Huccuba (Goiter) jechuun xannachi thyroid guddachuu ykn babal’achuu jechuudha. Garuu sababoonni Quufa Mormaa/Huccuba fidaan adda addaa waan ta’aniif, hundi isaanii qoricha tokkoon hin yaalaman. Namni tokko hormooniin thyroid isaa olka’uu danda’a; kan biraan sadarkaan hormoonii isaa sirrii ta’uu danda’a; kan biraan immoo hormooniin thyroid isaa gadi bu’uu danda’a. Kanaaf: DURA SABABAA ISAA ADDA BAASUU → SANA BOODA YAALA SIRRII KENNUU! 2. Quufni Mormaa/Huccubni hundi gosa tokkoo dhaa? Lakki! Quufni Mormaa/Huccubni bifa adda addaatiin mul’achuu danda’a: - Diffuse goiter – xannacha thyroid guutummaatti guddate - Multinodular goiter – qacceewwan/nodules hedduu qabu - Solitary thyroid nodule – qaccee thyroid tokko - Toxic goiter – hormooniin thyroid baay’inaan oomishamu waliin walqabatu - Graves’ disease - Thyroiditis - Hanqina ykn baay’ina iodine waliin walqabatu - Haalota muraasa keessatti kaansarii thyroid Kanaaf, namoonni lama guddina huccubaa wal fakkaataa qaban illee, sababaan rakkoo isaanii fi yaalli isaanii garaagara ta’uu danda’a. 3. Quufni Mormaa/Huccubni hundi kaansarii dhaa? Matumaa miti! Quufni Mormaa/Huccubni baay’een isaanii kaansarii miti. Garuu qacceewwan thyroid tokko tokko kaansarii ta’uu waan danda’aniif, yeroo barbaachisutti qorannoo sirrii gochuun murteessaadha. Mallattoolee xiyyeeffannoo addaa barbaadan: - Guddinni mormaa/huccubni saffisaan dabalaa jiraachuu - Qaccee baay’ee jabaataa ta’uu - Tuutni naannoo isaatti maxxanee sochii xiqqaa qabaachuu - Lymph node mormaa keessatti mul’achuu - Sagaleen jijjiiramuu - Liqimsuun ulfaachuu - Hafuura baafachuun ulfaachuu ykn kara qilleensaa irratti dhiibbaan uumamuu Mallattooleen akkanaa yoo jiraatan, hatattamaan gara ogeessa fayyaa deemuun qorannoo gochuun barbaachisa. 4. Guddinni fuuldura mormaa hundi Quufaa Mormaa/Huccuba dhaa? Lakki! Guddinni mormaa hundi Quufaa Mormaa/Huccuba miti. Sababoota biroo qabaachuu danda’a; fakkeenyaaf: - Thyroglossal duct cyst -Guddina lymph node - Rakkoo salivary gland - Lipoma - Infekshinii fi abscess - Rakkoo parathyroid gland - Rakkoo ujummoo dhiigaa - Tuuta ykn dhukkuba xannachoota mormaa biroo ''Mormi guddate ykn dhita’e hundi Quufaa Mormaa/Huccuba” jedhanii qorannoo malee murteessuun sirrii miti. 5. Quufni Mormaa/Huccubni yoo argame, qoricha kennuu dura maal gochuu qabna? 1️⃣ Seenaa dhukkubsataa gaafachuu - Guddinni huccubaa yoom irraa eegale? - Saffisaan guddataa jiraa? - Liqimsuun itti ulfaataa? - Hafuura baafachuun itti ulfaataa? - Sagaleen jijjiiramee? - Mallattooleen hormoonii thyroid baay’achuu ykn hir’achuu jiraa? 2️⃣ Qorannoo qaamaa - Hammam guddaa akka ta’e - Jabaataa ykn laafaa ta’uu isaa - Qacceewwan meeqa akka jiran - Sochii isaa - Lymph node mormaa - Kara qilleensaa (airway) irratti dhiibbaa qabaachuu isaa ni madaalama. 3️⃣ Qorannoo dhiigaa TSH yeroo baay’ee qorannoo jalqabaa hojii thyroid madaaluuf gargaarudha. Akka haala dhukkubsataa irratti hundaa’een T4 fi T3 illee qorachuun barbaachisaa ta’uu danda’a. 4️⃣ Ultrasound Ultrasound’n: - Hammam guddaa akka ta’e - Qacceewwan meeqa akka jiran - Amaloota qacceewwanii - Lymph node mormaa madaaluuf baay’ee barbaachisaa dha. 5️⃣ FNAC Qacceewwan tokko tokko, bu’aa ultrasound fi qorannoo klinikaa irratti hundaa’uun, FNAC (Fine Needle Aspiration Cytology) barbaaduu danda’u. 6. Qorannoo malee PTU, Propranolol ykn Lugol’s iodine jalqabsiisuun rakkoo maalii qaba? - PTU PTU qoricha haala thyroid hormone olka’e tokko tokko keessatti fayyaduudha. ❌ Quufa Mormaa/Huccuba hundaaf kennamu miti. Miidhaa tiruu cimaa fi rakkoo dhiigaa akka agranulocytosis fiduu danda’a. Kanaaf, sababaa fi haala thyroid osoo hin beekin jalqabsiisuun sirrii miti. - Propranolol Propranolol namoota thyrotoxicosis qaban keessatti mallattoolee akka: - Onneen saffisaan rukutuu - Harki hollachuu - Onneen rukutuun itti dhaga’amuu to’achuuf gargaaruu danda’a. Garuu: Propranolol Quufa Mormaa/Huccuba ofii isaa hin balleessu. - Lugol’s iodine Lugol’s iodine haala yaalaa murtaa’e keessatti qofa fayyadama. ❌ Sababa malee iodine kennuun sirrii miti. Iodine baay’inaan kennamuun hojii thyroid jeequu danda’a. Kanaaf: “Huccubni guddate; iodine haa jalqabsiifnu” jechuun qorannoo malee sirrii miti. 7. Yoo baqaqsanii yaaluu (surgery) karoorfame, dura maal gochuu qabna? Quufa Mormaa/Huccuba hundaaf qorichi baqaqsanii yaaluu dura kennamu tokko miti. Baqaqsanii yaaluu dura: - Sababa isaa adda baasuu - Hojii thyroid madaaluu - Ultrasoundidhan qorachuu - Yoo barbaachise FNAC qorachuu - Kara qilleensaa irratti dhiibbaa jiraachuu madaaluu - Retrosternal/Substernal extension jiraachuu qorachuu - Kaansariin shakkame jiraachuu madaaluu - Dhukkubsataa anesthesia fi baqaqsanii yaaluuf sirriitti qopheessuun barbaachisa. Hyperthyroidism qabuun baqaqsanii yaaluu filannoo (elective surgery) dura, haalli thyroid isaa sirriitti to’atamuu qaba. 8. Quufni Mormaa/Huccubni yoom baqaqsanii yaaluu barbaada? Baqaqsanii yaaluun yeroo: - Kaansariin yoo shakkame ykn mirkanaa’e - Hafuura baafachuu irratti dhiibbaa yoo uume - Liqimsuu irratti rakkoo yoo uume - Quufni Mormaa/Huccubni guddaan mallattoo dhukkubaa yoo uume - Retrosternal/Substernal goiter jiraate - Haala Toxic multinodular goiter filatamoo ta’an keessatti - Haala Graves’ disease filatamoo ta’an keessatti - Rakkoo mul’ataa ykn qulqullina jireenyaa irratti dhiibbaa guddaa yoo uume itti yaadamu danda’a. 9. ERGAA IJOO - Quufni Mormaa/Huccubni hundi qoricha hin barbaadu. - Quufni Mormaa/Huccubni hundi kaansarii miti. - Quufni Mormaa/Huccubni hundi baqaqsanii yaaluu hin barbaadu. - Guddinni ykn dhitoon fuuldura mormaa hundi Quufaa Mormaa/Huccuba miti. DURA QORANNOO ~ SANA BOODA YAALA! Sababa isaa haa beeknu; qorannoo irratti hundaa’uun yaala sirrii haa kenninu. Qorannoo malee qoricha jalqabsiisuun rakkoo dhoksuu ykn miidhaa hin barbaachifne fiduu danda’a. Ergaa Hawaasaaf Guddina mormaa ykn Quufaa Mormaa/Huccuba yoo argitan, ofumaan qoricha hin jalqabinaa. Gara dhaabbata fayyaa deemuun ogeessa fayyaa irraa qorannoo fi gorsa sirrii argadhaa. References 1. Schwartz’s Principles of Surgery. 11th ed. 2. Sabiston Textbook of Surgery: The Biological Basis of Modern Surgical Practice. 21st ed. 3. Bailey & Love’s Short Practice of Surgery. 28th ed. 4. Current Surgical Therapy. 14th ed. 5. Greenfield’s Surgery: Scientific Principles and Practice. 7th ed. 6. The Washington Manual of Surgery. 8th ed Dr. Sinboonaa Araarsaa, MD Gargaaraa Piroofeesaraa, Baqaqsanii Yaaluu Waliigalaa MPH Epidemiology 0942622912 @HakimEthio

2
"#Ni_danda'aa?" ‎"Namni garaacha malee jiraachuu ni danda'aa?" Tokkotu akkana jedhee na gaafate. Deebii isaa siniis haa qoodu. ‎ ‎Sababoota garagaraaf garaachi guutummaa guutuutti baafamuu (Total gastrectomy) danda'a. Yeroo kana, ujummoon nyaataa (Esophagus) gara mari'immaan xiqqaatti qabsiifaama. Haala kanaan nyaanni ujummoo nyaataa irraa gara mir'immaan qal'aa (Small Intestine)-tti kallattiin darba. Kanaafuu, namni garaacha malee jiraachuu ni danda'a. Eeyyeen, ni danda'a! ‎ ‎Fayyaa hin dhabiinaa! ‎ ‎Dr. Abdiisaa Ejjetaati @Orobook
4 677
3
BUNA DHUGUU ******* Bu'aan qorannolee woggoota hedduuf namoota buna dhugan irratti godhaman akka muldhisanitti: Bunni keemikaala 'Kaafiin' jedhamu of keessaa qaba. Keemikaalli kun ammoo sammuu si'eessuun kaka'umsaa fi humna namaa uumuun, miira dadhabbii hirdhisuun, beekama. Hammi 'Kaafiniin' nama si'eessuu fi jijjirraa haalaa-amalaa namaa irratti fidu garuu namaa namatti garaagarummaa qaba. Kaafiniin: ● Kaafiiniin Dhukkuba Tiruu Yeroo Dheera fi Kaansarii Tiruu ittisu irratti gahee qaba. Tiruun dhukkubsatte akka gadaanisa uumtee hin dadhabne tursiisuu irratti faayida qaba ● Baattuun hadhooftuu akka dhangala'aa hadhooftuu bullaayinsa nyaataaf barbaachisu akka gadi lakkiftu waan si'eessuuf uumamuu cirracha hadhooftuu ni hirdhisa. ● Kaafiniin amala "Theophylline" qoricha yeroo tokko tokko dhukkubaa Asmii yaaluuf kennamuun wolfakkaatu waan qabuuf ujummooleen qilleensaa akka babaldhatan gochuun hafuurri nama hanqachuu yeroo Asmi nama mudatu ni hirdhisa. Kaafiniin kana gochuuf garuu buna sinii hanga afuri dhuguu nama barbaachisa. ● Carraa dhukkuba sirna narvii kan qaamni ajaja malee akka sosocho'uu fi hollatu godhu "Parkinson's Disease" ni hirdhisa. Dhukkuba Sukkaara Gosa Lammeessoo, Dhukkuba Onnee Akka Tasaa, Kaansiriilee qaama garagara hirdhisu irratti gahee muraasa wohii qabaachuu akka danda'u qorannoolen dhihoo bahan ni muldhisu. ● Kaafiniin qorichoota dhukkubbi woyyeesan (antipain) heddutti makamuun dhukkubbi woyyeessuu irratti gahee qaba. Akkasumas dhugaatilee humna kennan (energy drink) adda adda keessatti dabalamuun humna akka kennu ni godhama. Qorichoota ulfatinna qaamaa hirdhisuuf tajaajilan irratti dabalamuun namonni humna argatanii sochii qaamaa akka godhan si'eessuf jecha itti dabalamee ni tolchama. --- ● Sammuun keenya si'eessummaa Kaafinii kana barachuu danda'a. Kanaaf araada namatti ta'uu, si'a'inna san argachuuf hamma dhugnus yeroo gara yerootti akka daballu nu gochuu danda'a. Dhuguu barree tasa addaan kutuun ammoo bowwoo, biibbaa, tasgabbii dhabuuf nu saaxila. ● Kaafiniin hobbaatiin godhee daa'ima gadaamessa keessatti guddinna irra jiru bira waan dhaquufi akkasumas haadhootii ulfaa irratti dafee dhiiga keessaa waan hin xuuxamnee fi hamma dhiigaa hobbaatiif daa'imni argatan waan hirdhisuuf yoo baay'ate ulfi akka nama irraa dhangala'u gochuu danda'a. Kanaaf haati ulfaa takkaa fi ulfaayuu barbaaddu guyyatti buna sinii lamaa olii otoo fayyadamuu baattee ni gorfama. ● Hormoonota hirriba akka rafnu godhan irratti dhiibbaa gochuun hirriba sirritti akka hin rafne ykn nu hin qabne gochuu danda'a. Haalli kun garuu adaduma namni bunaa dhugaa Kaafiiniin wolbaratuun hirdhataa deema. Haala kanaaf buna gara galgala yeroo hirribaaf deemanitti dhuguu dhiisuun ni danda'ama. ● Onnee si'eessuun yeroo gababduuf dhahannaan onnee fi sosocho'iinsi dhiigaa akka dabalu gochuu danda'a. Akkasuma yeroo gababduu dhugame san booda jirtuuf dhiibbaa dhiigaa kan olkaasu ta'ullee; dhiibbaa dhiigaa dhaabbiin ol hin kaasu. ● Namoota Yaaddoo garmalee (Cinqaa Sammuu) qaban irratti, kaafiiniin hedumminaan (sinii afurii ol yeroo tokko) yoo fudhatame sodaa, tasgabbii dhabuu, naasuufi cinqaa san itti hammeessuu danda'a. Garuu namoota Muukuu qaban irraa muukuu woyyeessuu irratti gahe qaba. ● Namoota tokko tokko irratti gubaa-laphee aasidiin garaachaa gara kallatti kokkee oldeemuun uumamu (GERD) - 'Singiggoo' hammeessuu danda'a. Akkasuma haadholii garmalee buna baay'isan irratti carraa lafeen haphachuu ni dabala. --- Bunni Kaafiniin alas Vaayitaminoota (B2, B3, B5) fi albuudota akka magnesium, manganese, potassium of keessaa waan qabuuf wolnyaaticha garagara qaama keessatti godhanis garagaaru danda'a. Daa'immaniif ijoollee umriin isaanii woggaa 12 gadi ta'an buna akka hin dhugne gorfama. Dhahanna onnee fi dhibbaa dhiigaa dabaluun, sodaaf cinqaan,hirriba dhabuun, jijjiramni haalaa-amalaa isaan mudachuu waan danda'ufi. --- --- Fayyaa ta'aa! Bunaaf nagaa hin dhabinaa! Horaa, bulaa, deebanaa! --- Via Dr. Nuredin Luke @Orobook
3 241
4
Kabajamtoota miseensoota chaanala kiyyaan nagaa hin dhabiinaa jechaa, yaadaafi gaaffii dhimma fayyaan wal qabatu yoo qabaattan karaa saanduqa yaadaa asii gaditti argamu kanaan naaf barreessuu dandeessu. Gaaffii keessan tarbiibaan siniif deebi'a. Fayyaa hin dhabiinaa! Dr. Abdiisaa Ejjetaati @Orobook
3 131
5
Namni tokko wal-qunnamtii saalaa marsa tokko (single act of unprotected sex) keessatti carraan inni dhukkuba #HIV qabamuu 0.0
Namni tokko wal-qunnamtii saalaa marsa tokko (single act of unprotected sex) keessatti carraan inni dhukkuba #HIV qabamuu 0.08% dha. Kan vaayirasii tiruu gosa B (#HBV) garuu 20–30% dha! Look at how dangerous it's 😳 Fayyaa hin dhabinaa! Dr Abdi Adugna (MD)
3 662
6
Har’a Guyyaa Kulkula Tiruu Addunyaa (World Hepatitis Day) ti! Guyyaan kunis waggaa waggaan akka addunyaatti Adoolessa 28 (Jul
Har’a Guyyaa Kulkula Tiruu Addunyaa (World Hepatitis Day) ti! Guyyaan kunis waggaa waggaan akka addunyaatti Adoolessa 28 (July 28) kabajama. Kaayyoon isaa hubannoo waa’ee kulkula tiruu, keessumaa kulkula tiruu vaayirasiin (viral hepatitis) dhufu uumuu fi babal’isuudha. Kana malees, dhukkuba kana ofirraa ittisuuf, qorannoo yeroo yerootti gaggeessuu, talaallii dhukkubicha ittisuuf gargaaru dursanii fayyadamuu, karaalee dhukkubichi itti daddarbu hubachuu, akkasumas yoo vaayirasiin kun dhiiga keessatti argame ta’e, saffisaan yaala barbaachisaa argachuuf kakaasuudha. Tarkaanfiiwwan kunneen du’aatii dhukkuba kanaan dhufu hir’isuuf gahee olaanaa qabu. Keessumaa biyya keenya keessatti dhukkubni kun baay’inaan mul’achaa kan jiruufi lubbuu namoota hedduu galaafateedha. Kanaafuu, namni hundi qorannoo kulkula tiruu akka godhatu ni gorfama. Odeeffannoo fayyaa argachuuf #link https://t.me/drabdiadugna miseensa ta'aa! Dr. Abdi Adugna(MD) Fayyaa hin dhabinaa!
2 761
7
Atomic Habits_ Tiny Changes, Re - James Clear.pdf
2 770
8
13. Badhaasa Battalaa fi Badhaasa Boodaa Sammuun keenya bu'aa yeroo dheeraa caalaa gammachu/badhaasa battalaatiif dursa kenne. Amala kee itti fufsiisuuf badhaasa battalaa (fkn, amala raawwatte kalandarii irretti mallatteessuu) fayyadam 14. Amala Hordofuu fi Seera "Yeroo Lammaffaa Hin Kufin" Amala kee guyyaa guyyaan galmeessuun kee onnee siif ta'a. Yoo guyyaa tokko sababa adda addaatiin dogoggorte, Lamaffa itti hin deebi'in. 'Lama Nan suufan!' jedhiitii hatattamaan gara sarara keetti deebi'i. 15. Seera Madaallii (The Goldilocks Rule): Namoonni kaka'umsa guddaa kan argatan hojii dandeettii isaaniitiin wal-simate, baay'ee ulfaataa kan hin taane, baay'ee salphaas kan hin taane yoo hojjataniidha. Diinni guddaan guddina keetii nuffiidha malee kufaatii miti. Mohammedamin Jeylan-tu qindeesse. @Orobook
2 628
9
📚 📖 "Atomic Habits" ....Kitaabni Kun Kitaaba akka Daawitiitti keessatti of ilaalani. Ani Cuunfaa kitaabicha akkasiin isiniif fideeera, dubbisaa , yoo jaalattan waliifis qooda, Kitaaba akka isiniif cuunfu barbaaddan mention naaf godhaa. 1. Sirna Irratti Xiyyeeffadhu, Galma Qofa Irratti Hin Rarra’in: Galmi kallattii agarsiisuuf gaariidha, garuu sirni (system) fi adeemsi guyyaa guyyaa guddina dhugaa fida. Gareen injifatuus ta’e kan injifatamu galma walfakkaataa qabaachuu danda'u; waanni isaan gargar baasu sirnaa fi akkaataa itti hojjetaniidha. 2. Seera 1% (Tarkaanfii xinnoo ): Guyyaa guyyaan 1% qofa fooyya’uun, waggaa tokko keessatti dachaa 37 akka jijjiirama guddaa fidu si taasisa. Jijjiiramni xixiqqaan guyyaa tokkoo waan hin mul’anne fakkaatus, yeroo dheeraa keessatti bu’aa ajaa'ibsiisaa fida. 3. Sadarkaa Humna Dhokataa (Plateau of Latent Potential): Bu'aan tattaaffii keetii battalatti argamuu dhiisuu danda'a. Heddun keenya jijjirama Yeroo gabaaba feena. yoo San dhabne 'tattaaffiin koo bu'aa dhabe' jennee abdii kutachuutti fiigna. Atomic Habits garuu "humni kee ifaajeen kee , Si keessatti kuufamaa jira malee hin badne" jedha 4. Jijjiirama Eenyummaa Irratti Hundaa’e: Jijjiirama amala dhugaa jechuun eenyummaa kee jijjiiruudha. "Fiiguun barbaada" jechuu irra , "Ani nama fiigichaati" jedhi. Tarkaanfiin amala kee guyyaa guyyaa eenyummaa kee isa fuulduraatiif sagalee kennuudha. 5. Geengoo Amalaa (Habit Loop): Amalli tokko sadarkaa afur keessa darbee ijaarama: a. Dammaqsituu (Cue): Kun Amala sana akka yaadattu si taasisa. b. Hawwii (Craving): Kaka'umsa amala sana raawwachuuf keessa keetti uumamu. c. Deebii (Response): Amala sana raawwachuu. d. Badhaasa (Reward):bu'aa Amala sana raawwachun argattu. 6. Seerota Afran Jijjiirama Amalaa: Amala gaarii ijaaruuf seerota afran armaan olii irratti xiyyeefadhu, a) (Dammaqsituu), Akkamitti akka mul'atu taasisi. b) (Hawwii), Hawwataa taasisi. c) (Tarkaanfii): Salphaa taasisi. d) (Badhaasa) : Amala haara madaqfatteef badhaasa ofiif kenni. (Amala badaa balleessuuf seerota kana faallaa godhi: Dhoksi, tuffatamaa godhi, ulfaataa godhi, fi of adabi) 7. Murtoo Raawwii Karooraa : Amala badaa ykn gaarii jijjiruuf karoorfatte , 'Yoom? eessatti? fi akkamitti?' akka raawwattu ifatti murteessi. Formulaa kana fayyadami:> "Ani amala [X] yeroo [SA'AATII] iddoo [BAKKAA]tti nan raawwadha. Fkn : Ani [Kitaaba dubbisu] sa'atii [10-11] ,[Library ] keessatti Nan raawadha. 8. Amaloota Walitti Firoomsuu (Habit Stacking) : Amala haarawa amala fiixaan baastee amaleeffatteetti dabalii maxxansiisi. Formulaa :> *"Erga [AMALA DURAAN AAMALEFFATTE] xumuree booda, battalumatti [AMALA HAARAWA] nan raawwadha. Fkn: Akka Hirribaa ka'een cal jedhee [Bilbila ilaaluu /Doomscroling] dhiiseen booda battalumatti , [Kitaaban dubbisa] 9. Haala Qabatama Naannoo kee Caalaa Onnee Qofatti Hin Rarra’in... Haalli naannoo keetii wanta keessatti aadaa fi amala kee bocu keessaa isa tokkoodha. Wanta gaarii hojjechuuf si gargaaru fuldura keetti qopheessi—wanta amala badaatti si geessu ammoo ija kee duraa dhoksi. Kutannoo qofaan amala jijjiiruun ulfaataadha waan ta'eef. 10. Wanta Barbaadduu fi Wanta Si Eeggamu Walitti Makuu Wanta raawwachuu barbaaddu fi wanta akka dabiitiitti si eeggamu walitti maki. Fakkeenyaaf, tapha kubbaa kan ilaaltu yeroo bishaan dhugdu/fiigicha gochuuf utaaltu qofa akka ta'u murteessi. 11. Seera Daqiiqaa 2 Amala haarawa yoo egaltu, daqiiqaa lamaa gad kan fudhatu akka ta'u taasisi. Fakkeenyaaf: "Kitaaba fuula 30 nan dubbisa" jettee daqiqa lama booda lafatti darbuu irra "Har'aaf Fuula tokko nan dubbisa" jedhii egali. Xumuri! 12. Jijjirama Amalaa: Amala badaa gaaridhaan Bakka buusuf , Amala gaariidhaaf daandii salphisi (fkn, uffata hojii irraa galgala qopheessi), amala badaaf ammoo daandii ulfeessi (fkn, bilbila kee siree kee irraa fageessi).
2 532
10
Matn yo'q...
1 995
11
DHIBEE SUKKAARAA Dhibeen kun akka addunyaatti saffisa guddaan dabalaa kan jiru yoo ta'u bara 2040tti namoota Miliyoona 642 tu Dhibee kanaan qabama jedhamee tilmaamama. Dhibeen Sukkaaraa sababa hormoniin Insuliin jedhamu qaama keenya keessatti hangi barbaadamu madduu dhiisuu ykn hojii isaa sirriitti hojjechuu dadhabuu irraa kan dhufuu dha. Sababa kanaan qaamni keenya Sukkaara qaama keenya keessa jiru gara annisaa fi humnaatti jijjiiruu dadhaba. Yeroo kana hangi sukkaara dhiiga keessaa olka'aa ta'a jechuu dha. MALLATTOOLEE DHIBEE SUKKAARAA : Dhibeen kun harki caalaan dafee mallattoo hin agarsiisu. Sababa kanaaf namootni erga sadarkaa walxaxaa irra ga'ee yaala barbaadu. Kaan isaanii immoo dhibee biraaf ilaalamuuf yommuu dhufan dhiiga isaanii keessatti argamee itti himama. Garuu namoota muraasa keessatti mallattooleen akka daddafee beelessuu, bishaan ammaaf amma dheebossuu, fincaan daddafee qabuu, ulfaatinni qaamaa gadi bu'uu fi dadhabsiisuu itti dhaga'amuu danda'u. Dhibeen kun dafee yoo hin yaalamin hafe qaamota akka Kalee, ijaa, onnee fi narvii miidhuu danda'a. Dabalataan dhibeen Sukkaaraa dhibeewwan akka dhiibbaa dhiigaa, Ulfaatina garmalee fi olka'iinsa kolestroolii wajjin walfaana mudachuu danda'a. # DHIBEE KANAAF MAALTU NAMA SAAXILA? 1. Maatii keessaa namni dhibee sana qabu jiraachuu (Kara Sanyii darbuu danda'a). 2. Sochii qaamaa hojjechuu dhabuu 3. Ulfaatina qaamaa garmalee(Obesity). 4. Nyaata sukkaarri itti baay'atuu fi kaalorii olka'aa qaban irra deddeebiin fayyadamuu. 5. Qorichoota ajaja Ogeessota fayyaan ala fudhachuu( Keessumaa Qorichoota steroid jedhaman kanneen akka prednisolone fi dexamethasone). 6. Umurii (gosa 2ffaadhaaf). KANAAF MAAL GOCHUU QABNA? - yeroo yerootti sakatta'amanii ilaalamuu. - Sochii qaamaa hojjechuu - Mallattoo dhibee kanaa yoo ofirratti argine gara dhaabbata Fayyaa deemnee ilaalamuu. - Kuduraalee fi muduraalee baay'inaan fayyadamuu. - Qorichoota ajaja Ogeessota fayyaan ala fudhachuu dhiisuu. FAYYAA HIN DHABINAA @Dr Wakjira Amanu @Orobook
2 803
12
#ARGATINNUU_LAATA...? ‎Abbaa manaafi haadha manaadha. Edda wal fuudhanii waggoota 12 lakkoofsisanii jiru. Haga kana waliin jiraatanillee, dhala godhachuu hin dandeenye. Kun madda dhiphina isaanii yeroo hundumaati. Si'a tokkollee ta'u, dhala dhabuun isaanii kun ajandaa isaanii hin ta'iin oolee bulee hin beeku. Dhiphachuu qofaanis hin dhiifne. Yeroo yerootti mana yaalaa deemuun furmaata barbaadaa turanii jiru. Wareega meeqas wareeganii jiru. Yeroo dheeraaf obsuufi furmaata dhabuun booda, wal hiikuufillee yeroo baay'ee dhumarra gahanii deebi'aa turani. ‎Kana hunduma keessatti, kan dhiphina lama dhiphachaa jiru haadha warraadha. Tokko kan dhala dhabuu, inni biraan dhiibbaa karaa garagaraa irratti ta'u! Abbaan warraa 'dhala naaf godhachuu dhabde' jedhee itti guunguma, maatiin abbaa warraa 'ilma keenya dhala malee habifte' jedhanii guyyaa isheen qe'ee isaanii gadhiiftee deemtu eeggatu, ollaafi naannoon, akkanuma hiriyyoonni 'dhala dhabuu' jedhanii quba itti qabu. Dhiphina maatiin isheen isheef dhiphatanis ni dhiphatti. Kana irraan kan ka'e, si'a baay'ee lubbuu ishee balleessuuf yaalii gootee jirti. ‎ ‎Yeroo mana yaalaa deeman hunda, jalqabaa kaasee akka isheen dhala godhachuu hin dandeenyeetti himatti. Sababa ka'umsa dhala dhabuushee baruuf qorannaan hafe tokko hin jiru. Akanuma wareegni wareegamu hundis akka isheen dhala godhachuu dandeessuufidha malee namni waan biraa shakkee beeku hin jiru. Asittidha dogoggorri guddaan! ‎ ‎Amma qe'ee gadhiiftee deemuun dura carraa dhumaa yaaluu akka qaban irratti walii galani. Bakka dura itti yaalamaa turtee irraa rifeerii fudhatanii hospitaala biraa deemani. Bakki kun bakka itti furmaanni argamedha. Asitti haadha warraa qofa irratti hin turre kan qorannaan guutuun godhame, abbaa warraas kan dabalate ture. Haga ammaayyuu inni qoratamuuf eeyyamamaa hin turre ture. Sababni isaas, osoo haadha warraa isaa ishee kana hin fuudhiin dura haadha warraa biraa irraa mucaa tokko qaba ture. Isheen mucaa tokko deesseen booda boqottee jirti. Kanaaf namni isa shakke tokko hin turre. ‎Waan nama ajaa'ibu garuu, kan dhala godhachuu hin dandeenye abbaa warraa ta'ee argame. Kana qorannoo yaalaatu mirkaneesse. Sanaan booda gara yaala furmaata fiduu danda'utti itti fufame. Argatinnuu laata....? ‎ ‎Argitanii? Dhala dhabuun rakkoo dubartootaa qofa fakkaatee mul'achuu har'allee itti fufee jira. Garuu dubbiin akkana miti; dhala dhabuun dhukkuba sirna wal hormaataa dhiiraafi dhalaati. Rakkoon dhala dhabuu yoo maatii tokko keessatti mudate, abbaan warraafi haati warraa sababa ka'umsa ta'uuf carraa wal qixaa qabu (Sababa dhiiraan 30%, sababa dhalaan 30%, sababa lachaniin 30%, kan sababni isaa hin beekamnen 10 %). Akkanuma, kanaan dura dhala qabaachuun dhala dhabuu jalaa bilisa nama hin baasu. Waan yeroon boodaa mudachuu danda'udha. Kana hundachuu dhabuun miidhama xiin-sammuu gam-tokkee, jeeqama maatiifi hawaasummaafi qisaasa'insa diinagdee hammana hin jedhamne fida. Akkanuma ka'umsi dhibee kanaa akka yeroon hin argamne godha. ‎Kanaaf, dhala dhabuun rakkoo dubartootaa qofaa jennee yaaduufi fudhachuu irraa of qusachuu qabna. Dhala dhabuun dhukkuba sirna wal hormaata dhiiraafi dhalaati. Kana kudhaammadhaa, waliif qoodaas! ‎ ‎Fayyaa hin dhabiinaa! ‎ ‎ Dr. Abdiisaa Ejjetaati ‎@Orobook
9 572
13
Via inbox Please share this! Currently, malaria is presenting with symptoms that differ from the previously recognized signs and symptoms. Case 1: A 67-year-old male patient reported experiencing a squeezing chest pain radiating to his left shoulder, lasting for a total of 10 hours. He experienced one episode of night sweats but had no history of fever or changes in mentation. He resides in a malaria-endemic area and has had previous exposure to the disease. His medical history is unremarkable, and physical examination findings were normal. Initially, a myocardial infarction (MI) was considered; however, both the ECG and troponin levels were normal, along with other investigations. Fortunately, a blood film was sent for analysis, which revealed stage 4 trophozoites of Plasmodium falciparum. After treatment, the patient improved and was discharged. Case 2: A 58-year-old woman presented with a similar scenario and ultimately received the same diagnosis, same treatment improved discharged. Case 3: A 7-month-old female infant came in with vomiting of ingested matter and blood-streaked mucoid diarrhea lasting two days. She exhibited no fever, chills, or rigors, and had no travel history to known malaria-endemic areas. She was well-nourished and alert, with no other significant medical history. On physical examination, she showed signs of dehydration with sunken eyes and tachycardia, but other findings were normal. Investigations revealed no abnormalities except for the presence of Plasmodium vivax, after which she was treated and improved. Dr. Anonymous @Nitsbinteam
2 433
14
+3
21 Lessons for the 21st Century by Yuval Noah Harari provides insights into the challenges faced by humanity in the present age. From politics to technology, Harari offers a timely analysis of issues that affect our society, and suggests ways we can handle them. ✈️✈️✈️#share✈️✈️✈️ 👇👇👇#join👇👇👇 @kitaabotaGaraagara
3 480
15
#Balaa_qaba! Yaaddee, yeroo dhukkubsataan siree dhukkubsataa qabatee ciisuu tokko suuta jedhee dhokatee, uffata ogeessa fayyaa godhatee, dhukkubsataa akkasaa yeroo lilmee waraanuufi qoricha maqaasaa hin beekne akka akaayiitti hammaaree kennuufii? Baay'ee nama sururaamii! Eeyyeen waan baay'ee ulfaatuufi balaa hammana hin jedhamne dhaqqabsiisudha. Balaa qaba! Akkuma kanaa, yeroo namni waan isa hin galchine keessa galu, waan ofii hin baranne nama barsiisu, gorsa ofii hin gorfamne nama gorsu, siyaasa quba hin qabnetti nama oofu, saayinsii hin hubanne nama hubachiisuu yaalu balaan uumamu salphaa miti. Balaa salphaa haga badii lubbuu dhaqqabsiisuu kan danda'udha. Eeyyeen, balaa qaba! Kanaaf xiyyeeffannaa argachuuf, faayidaa dhuunfaa argachuuf, hordoftoota baay'ifachuuf, akkanuma osoo hin beekiin kan goonu hagana balaa akka qabu beeknee of eeggachuun waan dansa. Dhalootaaf of eeggachuun jabina; jabaa ta'aa! Fayyaa hin dhabiinaa! @Orobook
3 983
16
Karaa #YouTube gorsa waa'ee fayyaa gaggabaaboo ta'an argachuuf link gadiin seenaa, #SUBSCRIBE godhaa🙏 Coming soon 👌 👇👇👇
Karaa #YouTube gorsa waa'ee fayyaa gaggabaaboo ta'an argachuuf link gadiin seenaa, #SUBSCRIBE godhaa🙏  Coming soon 👌 👇👇👇 https://www.youtube.com/@drbulti
3 343
17
Alkoolii yeroo dheeraa fi baay'inaan dhuguun qaama hunda irratti miidhaa geessisuu danda'a. Isaan keessaa: 😷Sammuu: yaadanno
Alkoolii yeroo dheeraa fi baay'inaan dhuguun qaama hunda irratti miidhaa geessisuu danda'a. Isaan keessaa: 😷Sammuu: yaadannoo hir'isuu, dandeettii yaaduu gadi buusuu. 😷Onnee: dhiibbaa dhiigaa olkaasuu, onneen guddataa dadhabuu (cardiomyopathy), onneen sirnaan hin rukutamne (arrhythmia). 😷Tiruu: dhibee tiruu dukkanaa'uu (fatty liver), hepatitis alkoolii, fi cirrhosis. 😷Kaansarii: carraa kaansarii afaanii, qoonqoo, ujummoo nyaataa, tiruu, mar'imaanii, fi harmaa dabala. 😷Dandeettii ittisa dhibee: qaamni dhibee ofirraa ittisuu ni laafa. 😷Narvii: harka fi miilli akka mudhii ykn gubatan (peripheral neuropathy). 😷Rakkoo walqunnamtii saalaa. 😷Hanqina nyaataa: keessumaa hanqina Vitamin B1 (Thiamine). 🎵Mallattoolee yeroo dheeraa: 👍Fuulli fi ijaan halluu bifa keelloo (jaundice) 👍Harka raafamuu. 👍Dadhabbii yeroo hunda 👍Miila fi garaa keessaa bishaan kuufamuu.Alkoolii irraa of qusadhaa! Fayyaa hin dhabiinaa! Via Dr Yoosan Abarraa(Hakima waligalaa) @Orobook
4 345
18
"#Waadaakee_hin_nyaanne_Harmee!" Kaalid Haati isaa du*utee osoo reeffi mana jiruu waadaa isheef seene kabajuuf jecha awwalcha
"#Waadaakee_hin_nyaanne_Harmee!" Kaalid Haati isaa du*utee osoo reeffi mana jiruu waadaa isheef seene kabajuuf jecha awwalcha duraafi awwaalcha booda barataa qormaata kutaa 8ffaa qorame!💔 Maqaan isaa Kaalid jedhama. Umriin isaa 14 yoo ta'u, ijoollee dhiiraa quxusuu lamaafi harmee isaa waliin magaalaa Shaggar, kutaa bulchiinsa Eekkaa Xaafoo jiraata. Abbaan isaa gaa'ila biraa ijaarratee isaanirraa fagaatee magaalaa Jijjigaa jiraata. Gidduu kana harmeen Kaalid dhukkubsataa sababa jirtuuf, "Ilma koo yoon maaluu ta'e barnoota kee waggaa guutuu itti dhama'aa baaterraa ooluu hin qabdu!" jettee waadaa galfatte. Haata'umalee, borumtaasaa qormaataaf sa'aatii muraasni wayta hafutti dhibeen itti cimee boqatte.😭 Kaalidis baay'ee gaddullee waadaa isheef gale kabajee reeffa ishee manatti dhiisuun waaree dura qoramee galuun erga awwaalmtee boodas qormaata isaatti deebi'uun qorame. Kunoo addunyaan akkana. Yeroo tokkotti umrii daa'imummaan qormaata garagaraan isa keessummeessite!😥 Waadaan harmee....! @Orobook
4 731
19
Matn yo'q...
1
20
Hey everyone, this is my TikTok account. Join me and don't forget to follow! 👇https://vt.tiktok.com/ZSQ7mxtLu/
2 786