Booka Beekumsaa
Chaanaalii kana keessaan:- Kitaaboleefi barreeffamoota barsiisoo garagaraatu argama. Itti goraa!👇 @Orobook
نمایش بیشتر📈 تحلیل کانال تلگرام Booka Beekumsaa
کانال Booka Beekumsaa (@orobook) در بخش زبانی امهری بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 10 512 مشترک است و جایگاه 18 793 را در دسته آموزش و رتبه 3 172 را در منطقه أثيوبيا دارد.
📊 شاخصهای مخاطب و پویایی
از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 10 512 مشترک جذب کرده است.
بر اساس آخرین دادهها در تاریخ 12 ژوئیه, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر 209 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر 6 بوده و همچنان دسترسی گستردهای حفظ شده است.
- وضعیت تأیید: تأیید نشده
- نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 16.24% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 5.81% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب میکند.
- دسترسی پستها: هر پست به طور میانگین 1 706 بازدید دریافت میکند. در اولین روز معمولاً 610 بازدید جمعآوری میشود.
- واکنشها و تعامل: مخاطبان بهطور فعال حمایت میکنند؛ میانگین واکنش به هر پست 0 است.
📝 توضیح و سیاست محتوایی
نویسنده این فضا را محل بیان دیدگاههای شخصی توصیف میکند:
“Chaanaalii kana keessaan:- Kitaaboleefi barreeffamoota barsiisoo garagaraatu argama. Itti goraa!👇
@Orobook”
به لطف بهروزرسانیهای پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 13 ژوئیه, 2026)، کانال همواره بهروز و دارای دسترسی بالاست. تحلیلها نشان میدهد مخاطبان بهطور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته آموزش تبدیل کردهاند.
در حال بارگیری داده...
| تاریخ | رشد مشترکین | اشارات | کانالها | |
| 13 ژوئیه | +4 | |||
| 12 ژوئیه | +6 | |||
| 11 ژوئیه | +6 | |||
| 10 ژوئیه | +1 | |||
| 09 ژوئیه | +2 | |||
| 08 ژوئیه | 0 | |||
| 07 ژوئیه | +6 | |||
| 06 ژوئیه | +19 | |||
| 05 ژوئیه | +1 | |||
| 04 ژوئیه | +10 | |||
| 03 ژوئیه | +17 | |||
| 02 ژوئیه | +2 | |||
| 01 ژوئیه | +8 |
| 2 | Alkoolii yeroo dheeraa fi baay'inaan dhuguun qaama hunda irratti miidhaa geessisuu danda'a. Isaan keessaa:
😷Sammuu: yaadannoo hir'isuu, dandeettii yaaduu gadi buusuu.
😷Onnee: dhiibbaa dhiigaa olkaasuu, onneen guddataa dadhabuu (cardiomyopathy), onneen sirnaan hin rukutamne (arrhythmia).
😷Tiruu: dhibee tiruu dukkanaa'uu (fatty liver), hepatitis alkoolii, fi cirrhosis.
😷Kaansarii: carraa kaansarii afaanii, qoonqoo, ujummoo nyaataa, tiruu, mar'imaanii, fi harmaa dabala.
😷Dandeettii ittisa dhibee: qaamni dhibee ofirraa ittisuu ni laafa.
😷Narvii: harka fi miilli akka mudhii ykn gubatan (peripheral neuropathy).
😷Rakkoo walqunnamtii saalaa.
😷Hanqina nyaataa: keessumaa hanqina Vitamin B1 (Thiamine).
🎵Mallattoolee yeroo dheeraa:
👍Fuulli fi ijaan halluu bifa keelloo (jaundice)
👍Harka raafamuu.
👍Dadhabbii yeroo hunda
👍Miila fi garaa keessaa bishaan kuufamuu.Alkoolii irraa of qusadhaa!
Fayyaa hin dhabiinaa!
Via Dr Yoosan Abarraa(Hakima waligalaa)
@Orobook | 2 466 |
| 3 | "#Waadaakee_hin_nyaanne_Harmee!" Kaalid
Haati isaa du*utee osoo reeffi mana jiruu waadaa isheef seene kabajuuf jecha awwalcha duraafi awwaalcha booda barataa qormaata kutaa 8ffaa qorame!💔
Maqaan isaa Kaalid jedhama. Umriin isaa 14 yoo ta'u, ijoollee dhiiraa quxusuu lamaafi harmee isaa waliin magaalaa Shaggar, kutaa bulchiinsa Eekkaa Xaafoo jiraata.
Abbaan isaa gaa'ila biraa ijaarratee isaanirraa fagaatee magaalaa Jijjigaa jiraata. Gidduu kana harmeen Kaalid dhukkubsataa sababa jirtuuf, "Ilma koo yoon maaluu ta'e barnoota kee waggaa guutuu itti dhama'aa baaterraa ooluu hin qabdu!" jettee waadaa galfatte. Haata'umalee, borumtaasaa qormaataaf sa'aatii muraasni wayta hafutti dhibeen itti cimee boqatte.😭 Kaalidis baay'ee gaddullee waadaa isheef gale kabajee reeffa ishee manatti dhiisuun waaree dura qoramee galuun erga awwaalmtee boodas qormaata isaatti deebi'uun qorame.
Kunoo addunyaan akkana. Yeroo tokkotti umrii daa'imummaan qormaata garagaraan isa keessummeessite!😥
Waadaan harmee....!
@Orobook | 4 084 |
| 4 | بدون متن... | 1 |
| 5 | Hey everyone, this is my TikTok account. Join me and don't forget to follow!
👇https://vt.tiktok.com/ZSQ7mxtLu/ | 2 588 |
| 6 | Hey everyone, this is my TikTok account. Join me and don't forget to follow | 1 |
| 7 | https://vt.tiktok.com/ZSQ7mxtLu/ | 1 |
| 8 | GOSOOTA MATAA DHUKKUBBII
*******
Mataa dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta'u, kanneen armaan gadii kun sadan warreen hawaasa baay'inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabudha.
*******
1. GOSA MATAA DHUKKUBBII TEENSHINII (Tension Type Headache) [Fakkii: A] kan jedhamu kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha. Mataa dhukkubbiin kun, mallattoo dabalataa hin qabu, mataa dhukkubbii qofa! Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka “paracetamol” fi kkf (ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutumaa guututti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uufaa waliin walqabata. [Fakkii A]
*******
2. MATAA DHUKKUBBII MAAYIGIREENII (Migraine Headache) [Fakkii: B]: Inni kun dhukkubbii isaa baayyee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha. Mataa dhukkubbii isa yeroo hedduu mataa gama tokkoon hiree kan dhukkubu, dhukkuubbii mataa keessaa nama dha’atu (throbbing), kan namatti cimaa deemu, yoo takkaa dhukkubuu eegalu sa’atii muraasaa haga guyyaa sadillee turuu kan danda’u, sochii (activity) irraan kan nama eegalu dha. Maayigreeniin mataa dhukkubbii irratti dabalataan, mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuun isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan ziig zaag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dadhabuu fi kanneen biroo argisiisa. Yeroo kana namoonni mataa dhukkubbii gosa kana qaban akka mataan dhukkubbii kun isaanitti ka'uuf jedhu ni beeku.
Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee ol ka’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha. Waan nutti kaasu beeknee, akkuma dhuunfaa keenyaatti irraa fagaachuu qabna. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha xixiqqaa mataa dhukkubbiif fudhannuun yoo dhiisuu dide hospitaala deemnee qoricha ogeeyyii yaalaan ajajamu fudhachuu qabna.
*******
3. MATAA DHUKKUBBII KILAASTERII (Cluster Headache) [Fakkii: C]: Inni kun gosoota mataa dhukkubbii bal'aa trigeminal autonomic cephalgia jedhamu keessatti kan argamu ta'ee, mataa gam tokko (bitaa ykn mirga) qofa, naannoo ijaa kan dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan mallattoowwan: ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu, ija diimessuu fi funyaan cufuu agarsiisa. Ciminni dhukkubbii isaa garmalee hamaa, dhukkubbii mataa kanneen biroo irra kan caaludha. Dhukkubbiin isaa yoo jalqabu naannoo ijaa irraan kan eegalu, akka mataa dhukkubbii gosa kaanii suuta jedhee osoo hin taane, akka tasaa takkaa dhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’uudha. Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuu fi yeroo tokko tokko irriba keessaallee nama kaasa. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hin beekamne yoo ta’u, kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan akkka darbu ibsu. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan ni kennamu.
*******
Via Dr Mohammed Kedir
Fayyaa hin dhabinaa
https://t.me/drabdiadugna | 2 406 |
| 9 | FOROFORII (Seborrheic dermatitis)
#Foroforiin maali?
☆☆☆☆☆
Foroforiin gosoota dhukkuba gogaa keessaa tokko kan ta'eefi namarraa namatti kan daddarbudha.
Foroforiin amalasaarratti hunda'uun jabaataa kan hin taaneefi mallattoo hedduus kan hin qabne (dandruff)jedhamuun kan beekamuufi jabaataa kan ta'e yeroo hedduu gogaa sammuu keenyaafi kutaa qaama keenyaa kan biroorrattillee kan mul'achuu danda'udha.
#Foroforiin namoota akkamiirratti mul'achuu danda'a?
-Daa'imman torban 2 hanga waggaa 1 jidduu jiraniifi namoota umurii ga'eessummaa ol jiran irratti mul'achuu danda'a.
- Yeroo hedduu namoonni foroforii qaban dhibee biroo hin qaban garuu, namoonni tokko tokko HIV, Parkinson, gaggabdoo, dhiphina waliin walqabatee uumamuu danda'a.
#Sababoonni foroforii fidan maalfaati?
-Sababnisaa sirriitti kanadha jedhamuu baatus fangasii gogaa keenya wajjin waliigalanii jiraatan (normal flora)Malassezia jedhamuun dhufuu danda'a jedhamee yaadama.
-Xannachoonni gogaa keenyaa bakkatti walitti qabamanitti (gogaa sammuu, fuula, naannoo qomaa, dugda gara olii, gurra gara alaa, bobaa, harma jala)tti uumamuu danda'a.
#Foroforiin akkamitti yaalama?
- Shaampoowwan dhiqannaaf oolan kanneen akka ketoconazole 2%, Selenium sulfied, Ciclopirox , Zinc pyrithione of keessaa qaban fayyadamuun to'achuu dandeenya.
- Shaampoo kana dibannee daqiiqaa 5-10 tursiifnee dhiqachuu, torbee tokkotti yeroo 2-3 deddeebisanii ittiin dhiqachuun barbaachisaadha.
- Dabalataanis, yoo kan hooqsisuu ta'eefi, jabaataa ta'e, gogaa sammuun alattiifi dhukkubni biroon yoo jiraate, gorsa ogeessa gogaatiin qorichoota dabalataa fudhachuun barbaachisaadha.
#Foroforiin maaliif namatti deddeebi'a?
-Sababni fidu sirriitti waan hin beekamneefi fangasiin kun gogaa keenya waliin waliigaluun foroforiin akka hin fayyine (not curable) godha. Kanaafi kan namatti deddeebi'u; garuu, mallattoosaa to'achuufi hir'isuun ni danda'ama.
#Foroforiin akka nutti hin deddeebineef maal haa goonu?
-Hanga mallattoonsaa badutti shaampoon dhiqachuu barbaachisa(ogeessi gogaa qoricha dabalataa ajajuu danda'a), mallattoonsaa erga badees shaampoon torbeetti altokko ykn torban lamatti altokko dhiqachuun akka nutti hin deddeebineef nu gargaara.
#Foroforiin akka rifeensi bubuqqa'u ni godhaa?
-Sababa foroforiin rifeensi bubuqqa'uun kan barame miti garuu, kan hedduu nama hooksisuu yoo ta'e rifeensi bubuqqa'uu danda'a.
#Dabalataanis, ogeessa gogaa osoo hin mari'atiin qorichoota fayyadamuu dhiisuun, gogaan keessan akka hin miidhamneef gargaara.
🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
© Dr. Bulti Likisa, 2026
#YouTube keenya #Subscribe godhaa!
👇👇👇
https://www.youtube.com/@drbulti | 1 818 |
| 10 | Gaaffiin kun namoota hedduu irraa, iddoo hedduuttis na muudata!
Innis, "Doktora, marsaa laguu tokko keessatti yeroon itti ulfi uumamuu danda'u fi yeroon itti ulfi uumamuu hin dandeenye yoomi?" kan jedhu dha.
✍️Deebiin isaa: Marsaa laguu tokko keessatti yeroon carraan ulfaa'uu 100% ta'u yookaan ammoo 0% ta'u hin jiru.
Dubartiin tokko marsaa laguu tokko keessatti carraa ulfaa'uu 20%–25% qabdi. Carraan kun yeroo murtaa'e keessatti caalaatti ol ka'a; yeroo kana "fertility window" (yeroo carraan ulfaa'uu olaanaa ta'e) jechuun beekama.
Yeroon kunis hanqaaquun (ovum) oovaarii irraa gad dhiifamuuf (ovulation) dura guyyoota 5 fi erga gad dhiifamtee booda guyyaa 1 keessatti kan argamu dha. Kanaafuu, guyyoonni kun yeroo carraan ulfaa'uu caalaatti ol ka'u dha.
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Abdi Adugna (MD)
https://t.me/drabdiadugna | 1 820 |
| 11 | Sababoota Hafuu Marsaa Laguu (Amenorrhea)
1. Sababoota Uumamaa (Natural Causes)
* Ulfa qabaachuu.
* Harma hoosisuu.
* Umurii marsaa laguu itti argan gahuu dhabuu (waggaa 15 gadi).
* Umurii marsaan laguu itti dhaabbatu(waggaa 49 ol (menopause)) ga'uu.
2. Sababoota Dhukkuboota Garaagaraatiin Walqabatan (Medical Conditions)
* Dhukkuboota akka xannacha mormaa (thyroid disease) fi dhukkuba sukkaaraa (Diabetes Mellitus).
* Jeeqamuu hormoonota marsaa laguu to'atan; fakkeenyaaf, hormoonota xannacha #pituitary, #hypothalamus fi ovaarii irraa maddan.
* Madaa'uu ykn miidhamuu keessoo gadameessaa.
* Qaamni walhormaataa uumamaan cufamuu , fknf (imperforate hymen).
3. Haala Jireenyaa (Lifestyle Factors)
* Ulfaatinni qaamaa garmalee gadi bu'uu ykn ol ka'uu (underweight ykn overweight).
* Sochii qaamaa garmalee taasisuu; fakkeenyaaf, atileetota irratti yeroo baay'ee mul'ata.
* Dhiphina sammuu garmalee (stress ykn depression).
Hubachiisa
Hafuun marsaa laguu mallattoo dha malee dhukkuba miti. Kanaafuu, yeroo mallattoon kun mul'atu, sababni isaa maali akka ta'e adda baasuuf mana yaalaa deemanii qorannoo gahaa taasisuun barbaachisaadha. Kunis fayyaa ofii eeguuf murteessaadha.
Fayyaa hin dhabinaa!
Dr Abdi Adugna!
Odeeffannoo fayyaan wal qabatu argachuuf: https://t.me/drabdiadugna | 2 205 |
| 12 | HIR'INA VITAMIN B12
👍👍👍👍👍
MALLATTOO
1. Qaama ofii keessumaa harkaaf miilaa miira nama waraanuu, gubuu fi kkf namatti dhaga'amuu.
2. Sammuun daddafee waa hirraanfachuu.
3. Salphaatti aaruu, dheekkamuu, of jibbuu gadda garmalee (depression)
4. Dadhabbii garmalee.
5. Onneen daddaftee dha'achuu.
6. Afaan keessa madaa'uu yokaan afaan nama gubuu.
VITAMIN B12 MAAL IRRAA ARGANNAA?
Vitaamin B 12 kan argamu yeroo hedduu bu'aa beeyladaa kan ta'an akka: 🎵Hanqaaquu
🎵Foon diimaa
🎵Qurxummii
🎵Foon lukkuu fi kk irraa sirriitti arganna.Yoo kanneen dhabne mana yaalaa deemnee bifa qorichaatin fudhachuu qabna.
Dr. Yoosan Abarraatin
Fayyaa hin dhabiinaa! | 4 041 |
| 13 | “Mataa yaada obaasanii,
Fiduu dadhabnaan furii,
Qalbii ofii qoraasanii,
Kuusuu ta'a dhama xurii.
Imaltuu guyyuu lootu,
Raafamtuu dhabde dhaabbii;
Nyaattuu dhiiga hootu,
Safuu qoraasuma qalbii!”
📚 #QORAASUMA_QALBII
Gaafa 14/10/2018 magaalaa Beddellee, galma hoteela hagereselaamitti, waaree booda sa'atii 7 irraa eegalee ni eebbifama.
Hundinuu affeeramtanii jirtu!
@Orobook | 3 299 |
| 14 | Hafuu Marsaa Laguu (Amenorrhea)
Yeroo baay’ee, dubartoonni umurii walhormaataa keessa jiran (waggaa 15–49) gaafa marsaan laguu isaanii hafu, keessumaa ammoo yoo abbaa warraa isaanii waliin jiraatan, guutummaatti sababa ulfaa’aniif akka ta’e amanu. Kun garuu yeroo hunda dhugaadhaa?
Deebiin isaa: dhugaa miti!
Sababni isaas, ulfaa’uun alatti, marsaan laguu sababoota garaagaraatiin hafuu mala.
Mee akka fakkeenyaatti, muudannoo lafa hojii kootti na muudate tokko isiniif haa qoodu.
✍️ Dubartiin giddu-galeessaan umurii waggaa 27 taate tokko, marsaa laguu ji’oota 8f hin argin, kutaa yaala ariifachiisaa (Emergency Room) dhufte. Sababni isheen dhufteefis (chief complaint), “dhiigni gara qaama walhormaatan narraa dhangala’aa jira!” kan jedhu ture. Itti dabaltees, ulfa ji’a saddeetii garaatti baattee akka jirtu, erga heerumtee waggaa lama akka ta’e fi hordoffii yeroo ulfaa akka hin qabne naaf himte.
Nutis, dhiiguun yeroo ulfaa dahuumsaan dura muudatu (antepartum hemorrhage) mallattoolee yeroo ulfaa hamoo keessaa tokko waan ta’eef, atattamaan waan isheef barbaachisu erga goonee booda gara qorannoo qaamaa (physical examination)tti ceene. Achiinis, yeroo qorannoo garaa (abdominal examination) irra ga’u, wanti ani arge, waanan kana dura baradhe irraa adda ture.
Yeroon harka koo garaa haadha kanaa irra kaa’u, garaan ishee natti lallaafaa ture. Jechuunis, miciree ulfaa osoo hin taane, waan akka dhangala’aan guutame fakkaata ture. Wanti isheen natti himte fi wanti ani qorannoo qaamaa irratti arge wal hin simne waan ta’eef, anis dafee gara qorannoo laaboraatoorii (laboratory) fi ultraasoondii (ultrasound) erge.
Yeroo bu’aan qorannoo dhufes, haati kun ulfa akka hin taane mul’ise. Kana qofa osoo hin taane, bishaanichi garaa keessatti walitti qabame kan ture sababa kalladoo oovaarii (ovarian tumor) irraa akka ta’e agarsiisa.
Kun ana baay’ee na rifachiise. Sababni isaas, isheenis ta’e maatiin ishee, “ilmoo arganna!” jechuun gammachuudhaan ishee waliin gara hospitaalaa dhufanii turan; kanaafuu, bu’aa qorannoo akkanaa fudhachuuf qophaa’oo hin turre.
ERGAA (MESSAGE)
Kanaafuu, marsaan laguu hafuun sababa hedduudhaan ta’uu danda’a. Waanuma tokko qofa jechuun murteessuun sirrii miti. Keessumaa dubartoota umurii walhormaataa keessa jiraniif, hordoffiin yeroo ulfaa hangam barbaachisaa fi murteessaa akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.
“Sababoonni hafuu marsaa laguu maal fa’i?” kan jedhuuf kutaa itti aanu keessatti walitti deebina.
Fayyaa hin dhabinaa!
Dr. Abdi Adugna (MD)
Odeeffannoo fayyaa argachuuf gara link armaan gadii kanaan miseensa ta'a.
https://t.me/drabdiadugna | 2 699 |
| 15 | Hafuu Marsaa Laguu (Amenorrhea)
Yeroo baay’ee, dubartoonni umurii walhormaataa keessa jiran (waggaa 15–49) gaafa marsaan laguu isaanii hafu, keessumaa ammoo yoo abbaa warraa isaanii waliin jiraatan, guutummaatti sababa ulfaa’aniif akka ta’e amanu. Kun garuu yeroo hunda dhugaadhaa?
Deebiin isaa: dhugaa miti!
Sababni isaas, ulfaa’uun alatti, marsaan laguu sababoota garaagaraatiin hafuu mala.
Mee akka fakkeenyaatti, muudannoo lafa hojii kootti na muudate tokko isiniif haa qoodu.
✍️ Dubartiin giddu-galeessaan umurii waggaa 27 taate tokko, marsaa laguu ji’oota 8f hin argin, kutaa yaala ariifachiisaa (Emergency Room) dhufte. Sababni isheen dhufteefis (chief complaint), “dhiigni gara qaama walhormaatan narraa dhangala’aa jira!” kan jedhu ture. Itti dabaltees, ulfa ji’a saddeetii garaatti baattee akka jirtu, erga heerumtee waggaa lama akka ta’e fi hordoffii yeroo ulfaa akka hin qabne naaf himte.
Nutis, dhiiguun yeroo ulfaa dahuumsaan dura muudatu (antepartum hemorrhage) mallattoolee yeroo ulfaa hamoo keessaa tokko waan ta’eef, atattamaan waan isheef barbaachisu erga goonee booda gara qorannoo qaamaa (physical examination)tti ceene. Achiinis, yeroo qorannoo garaa (abdominal examination) irra ga’u, wanti ani arge, waanan kana dura baradhe irraa adda ture.
Yeroon harka koo garaa haadha kanaa irra kaa’u, garaan ishee natti lallaafaa ture. Jechuunis, miciree ulfaa osoo hin taane, waan akka dhangala’aan guutame fakkaata ture. Wanti isheen natti himte fi wanti ani qorannoo qaamaa irratti arge wal hin simne waan ta’eef, anis dafee gara qorannoo laaboraatoorii (laboratory) fi ultraasoondii (ultrasound) erge.
Yeroo bu’aan qorannoo dhufes, haati kun ulfa akka hin taane mul’ise. Kana qofa osoo hin taane, bishaanichi garaa keessatti walitti qabame kan ture sababa kalladoo oovaarii (ovarian tumor) irraa akka ta’e agarsiisa.
Kun ana baay’ee na rifachiise. Sababni isaas, isheenis ta’e maatiin ishee, “ilmoo arganna!” jechuun gammachuudhaan ishee waliin gara hospitaalaa dhufanii turan; kanaafuu, bu’aa qorannoo akkanaa fudhachuuf qophaa’oo hin turre.
ERGAA (MESSAGE)
Kanaafuu, marsaan laguu hafuun sababa hedduudhaan ta’uu danda’a. Waanuma tokko qofa jechuun murteessuun sirrii miti. Keessumaa dubartoota umurii walhormaataa keessa jiraniif, hordoffiin yeroo ulfaa hangam barbaachisaa fi murteessaa akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.
“Sababoonni hafuu marsaa laguu maal fa’i?” kan jedhuuf kutaa itti aanu keessatti walitti deebina.
Fayyaa hin dhabinaa!
Dr. Abdi Adugna (MD)
Odeeffannoo fayyaa argachuuf gara link armaan gadii kanaan miseensa ta'a.
https://t.me/drabdiadugna | 1 |
| 16 | #Dhukkubni_garaachaa ykn madaa'uu mar'immaanii (Peptic ulcer disease)maali?
☆☆☆☆☆
Dhukkubni garaachaa, madaa'uu garaachaafi kutaa mar'ummaan keenyaa gara olii yeroo ta'u, biyyoota guddachaa jiran keessatti haalaan dabalaa jira.
Madaa'uun mar'immaanii kun, yoo yaalaafi of eeggannoo gaariin godhameef, torbee 6 hanga 8 gidduutti fayyuun ni danda'ama.
👉Dhukkuba garaachaa ykn madaa'uu mar'immaanii kana maaltu fida?
1) Baakteriyaa H.pylori jedhamu.
2) Qorichoota NSAIDS jedhaman, isaan gurguddoodha.
👉Mallattoon dhukkuba garaachaa maali?
📌 Dhukkubbii gubaa garaa gara olii
📌 Gosa isaarratti hundaa'uun, nyaata erga nyaannee dhukkubbiin hammaachuu ykn itti wayyaa'uu danda'a.
📌 Miira nyaanni bullaa'uu diduu namatti dhaga'amuu
📌 Fedhiin nyaataa hir'isuu
📌 Akka waan haqqisiisuu ykn haqqisaa illee qabaachuu ni danda'a.
📌 Deeffachiisuufi yeroo garaan duwwaa ta'utti ykn yeroo beelaatti dhukkubbiin hammaachuufi kkf. ta'uu danda'a.
👉Namni dhukkuba garaachaa qabu tokko maal gochuu qaba?
📌 Nyaata mi'eessituun itti baay'ateefi foon diimaa xiqqeessuu qabu.
📌 Nyaata altokkotti baay'isanii nyaachuurra, xixiqqeessanii deddeebi'anii nyaachuun gaariidha.
📌 Sigaaraa xuuxuu dhiisuu, buna, alkoolii, dhugaatii lallaafaafi nyaata asiidiin badhaadhan hir'isuu.
📌 Aarii ykn of dhiphisuu dhiisuu.
📌 Yoo rafuuf jedhan sa'aa 2-3f nyaata nyaachuu dhiisuu.
📌 Guyyaa guyyaan ispoortii hojjechuu
📌 Qorichoota ogeessaan ajajaman haalaan fayyadamuu.
📌 Nyaata tasgabbaa'anii sirriitti bulleessanii nyaachuu.
📌 Dhukkuboota dhukkubbii hir'isan baay'isanii fayyadamuu dhiisuufi nyaata akka daabboo,paastaa, mokorooniifi kkf.hir'isuu.
👉Yaala dhukkuba garaachaa(Drug treatment);
📌Qorichoota antiacids jedhaman.
📌Baakteeriyaa H.pylori jedhamu barbaadeessuu(H.pylori eradication triple therapy).
👉Rakkoolee walxaxaa dhukkuba garaachaan dhufan maal fa'i?
📌Dhiiguu garaachaa ykn kutaa mar'immaan gara olii(UGIB)
📌Urachuu ykn manca'uu mar'immaani(perforation)
📌Cufamuu qaawwaa garaachaa(GOO)
📌Kaanserii garaachaafaa ta'uu danda'a.
🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏
☆☆☆☆☆
© Dr.Bulti Likisa (Bultoo),2023
#JOIN & #SHARE🙏
👇👇👇
@Fayyaa_egeree | 3 442 |
| 17 | "THE FEAR OF BEING DIFFERENT PREVENTS MOST OF PEOPLE FROM SEIKING NEW WAYS TO SOLVE THEIR PROBLEMS." #ROBERT T. KIYOSAKI
@Orobook | 3 593 |
| 18 | Karaa #YouTube gorsa waa'ee fayyaa gaggabaaboo ta'an argachuuf link gadiin seenaa, #SUBSCRIBE godhaa🙏
Coming soon 👌
👇👇👇
https://www.youtube.com/@drbulti | 3 878 |
| 19 | Dhiiguun yeroo ulfaa (keessumaa torbee 37 booda) maaliif mallattoo hamaa jedhama?
Yeroo ulfaa, keessumaa torbee 37 booda (ji’a 9 booda), hangi dhiiga gara gadaameessaatti daqiiqaa tokko keessatti deemu giddu-galaan miliiliitira 700 ta’a. Namni tokko ammoo giddu-galaan dhiiga liitira 6 qaba jedhamee tilmaamama. Kanaaf, yeroo kanatti yoo haadha ulfaa tokko dhiigni muudate, dhiigni daqiiqaa tokko keessatti gara gadaameessaatti deemu kun irraa hir’achuu ykn jiguu danda’a. Kunis walumaagalatti yeroo gabaabaa keessatti dhiiga baay’ee dhabuu akka dandeessu agarsiisa.
Namni dhiiga baay’ee dhabe ammoo carraan lubbuun turuu isaa gadi aanaa ta’uu danda’a. Kanaafuu, dhiiguun yeroo ulfaa mallattoolee hamaa fi hatattamaan yaala barbaadan keessaa isa tokko jedhamee beekama.
Dr Abdi Adugna (MD)
Fayyaa hin dhabinaa!
Haati fayyaan, maatiif faayyaadha!
https://t.me/drabdiadugna | 3 536 |
| 20 | Ulfa gadameessaan alaa (Ectopic Pregnancy)
***
Sanyiin kormaa (Sperm) fi hanqaaquun dhalaa ujummoo gadameessaa keessatti wal argachuun fartilaayizeeshinii gaggeessu. Akka bu'aa fartilaayizeeshiniittis micireetu uumama. Micireen kun keessa gadameessaatti maxxanuun guddachuu isaa itti fufa. Kun adeemsa sirrii jalqaba ulfaati.
Kanarraan addatti, jechuun micireen uumame keessoo gadameessaan alatti kan maxxanu yoo ta'e, ulfa gadameessaan alaa jedhama.
Ulfi gadameessaan alaa kun, gadameessaan alatti bakkeewwaan garagaraa akka; ujummoo gadameessaa, ovarii, garaa keessaafi fiixee gadameessaatti mul'achuu danda'a.
•#Waantonni ulfa gadameessaan alaaf nama saaxilan maal fa'i?
:-
~> Miidhamuu yookan godaannisaa'uu ujummoo gadameessaa
~>Infeekshinii gadameessaa fi ujummoo gadameessaa
~>Dhibeewwan wal quunnamtii saalaan daddarban
~>Ulfa gadameessaan alaa kanaan dura mudatee beeku
~>Tamboo aarsuu
~>Ulfa umuriin 35 booda uumamu
~>Yaalii baqaqsanii yaaluu garaa gara gadiifi kkf dha.
•#Ulfi gadameessaan alaa mallattoolee akkamii qabaata?
- Dhukkubbii garaa gara gadii
- Dhaabachuu laguu
- Dhiigni qaama saalaan yaa'uufi kkf
#Hub: Ulfi gadameessaan alaa yeroo tokko tokko dho'uun rakkoo hamaa haga du'aa geessisuu danda'a. Kanaaf dubartiin tokko mallattoolee armaan olii kana of irratti argite jennaan ariitiin gara mana yaalaa deemtee ilaalamuufi yaala fayyaa argachuun irra jiraata.
•Yeroodhaan qoratamuufi yaalamuun dhibee hamaa itti aanurraa nama oolcha.
Fayyaa hin dhabiinaa!
Dr. Abdiisaa Ejjetaati
@Orobook | 5 909 |
