cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️

Gorsa fayyaa💊💉,Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoo💪, Walaloowwan🗒 Qoosaawwan😂 garaagaraafi kkf yoo feetan👇 'Join' fi 'share' gochuu hin dagatiinaa❣️ Yoo gaaffii qabaattan👉 @dr_bultoo Fb page👇 https://www.facebook.com/bultooliko/

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
7 099
Obunachilar
+1824 soatlar
+757 kunlar
+18630 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

#Dhukkuba_SAAYINESII (#SINUSITIS) ☆☆☆☆☆ Dhukkubni kun kutaalee qilleensaan guutamaniifi keessoo funyaan keenyaa marsuun kan argaman saayineesota kan jedhaman akka dhiita'an taasisa. Saayineesonni kun bakkeewwan banaa ija keenya lamaan gidduu, lafee maddii keenyaa duubaan, lafee adda keenyaarratti kan argamanidha. Saayinesoonni kunis keessoon funyaan keenyaa jiidhina akka qabaatu kan taasisuufi dhangala'oo kan maddisiisanidha. Dhangala'oon kunis dhukkee, alerjiiwwaniifi faalama garagaraa kan dhorkanidha. Saayineesonni fayyaan qilleensaan kan guutamanidha; garuu, gaafa cufaman dhangal'oo kuusachuun yeroo baay'ee sababa vaayirasiin infeekshiniin akka uumamu godha. Baakteriyaan illee infeekshinii saayinesii fiduu danda'a. #Maaltu_infeekshinii_saayinesiif_nama_saaxila? 📌Utaalloo 📌Alerjii saayinesii kan waqtiirratti hundaa'u 📌Sigaaraa xuuxuu ykn kan xuuxu bira ooluu 📌Rakkoo uumama saayineesotaa(structural prblms) 📌Rakkoo funyaanii ykn saayinesii (polyp,... 📌Dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa hir'achuu ykn qorichoota immunity hir'isan fayyadamuu. #Mallattoolee_infeekshinii_saayinesii 🔷️Funyaan cufamuu 🔷️Dhukkubbii lafee fuularraa 🔷️Mataa dhukkubbii 🔷️Dhukkubbii qoonqoo 🔷️Qufaa 🔷️Foolii afaanii balleessuu #Yaala_infeekshinii_saayinesii 📎Dhukkuboota saayinesii muraasaaf qorichoota farra baakteeriyaa fayyadamuun ni danda'ama; garuu, hedduu isaaniif barbaachisaa miti. 📎Baay'eensaa ofumasaa kan itti wayyaa'udha. 📎Ogeessa fayyaa mariisisuun qoricha ajajamuuf fayyadamuun gaariidha. #Dhukkuba_saayinesii_mana_keessatti_akkamitti_yaalla? ✅️Funyaan akka hin cufamneef nasal decongestants ykn nasal spray kan jedhaman fayyadamuu ✅️Bishaan danfisanii aarasaa ulachuu ✅️Dhangala'oo baayisanii dhuguu ✅️Qaawwaa funyaanii of eeggannoon qulqulleessuu ✅️Mataa siree irra ciisanii ol qabuu ykn boraatii fayyadamuu ✅️Qorichoota ogeessa fayyaan hin ajajamne fayyadamuu dhiisuu qabu ✅️Yeroo furrii baafatan suuta jechuun baafachuu; qaawwaa funyaanii keessaa dabaree dabareen baafachuudha. 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓 ☆☆☆☆☆ © Dr.Bulti Likisa (Bultoo), 2024. #JOIN & #SHARE🙏 👇👇👇👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Hammasini ko'rsatish...
13👍 7🥰 1
Fayyaa "TIRUU" Keenyaaf: 1. Dhukkuba vaayiresota tiruu ofirraa ittisuu, kunis qulqullina naannoof dhuunfaa eeguudhaan (Hepatitis A ittisa), walqunnaamtii saalaa of eeggannoo hin qabne irraa fagaachuu (hepatitis B fi C ittisa), qoratamanii ilaalamanii talaallii fudhachuun (hepatitis B ittisa) ta'uu mala. 2. Qorichoota ajaja ogeessaa fayyaa malee sababa gara garaaf (keessumaa dhukkubbiif) fudhatam yeroo hedduu fudhachuu irraa of qusachuu (Miidhaa tiruu "Drug induced hepatitis" waan nutti fiduuf). 3. Diina tiruu kan ta'e Alkoolii kam irraa fagaachuu (Dhukkuba tiruu "Alcholic liver disease" waan nutti fiduuf). 4. Nyaata cooma hedduu of keessaa qabu nyaachuu dhiisuu fi sochii qaamaa sirriitti taasisuu (Ulfaatinni humnaa olii dhukkuba tiruu "Non Alcoholic Fatty Liver Disease" jedhamu waan nutti fiduuf). 5. Qorichoota aadaa kan hagi isaanii (dose) hin beekamne irraa of qusachuu. 6. Buna dhuguu! Qorannoowwan hedduun fi kitaaboonni fayyaa buna dhuguun fayyummaa tiruu keenyaaf hedduu gaarii akka ta'e ibsu, keessuma gosa dhibee tiruu "Non Alcoholic Fatty Liver Disease" jedhamuuf. Via: Dr. Gurmeessaa 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Hammasini ko'rsatish...
9👍 4🥰 1
#Abbaankoo_gadi_na_hin_lakkisu❗️ ☆☆☆☆☆ Ogeessa qoricha biqiltoota adda addaarra qopheessutu ture. Ogeessi kunis dhukkuba ta'eef qoricha qopheessuuf biqiltuu tokko barbaadee dhabe. Akka tasaa kutaa baadiyaa tokko keessaa boolla gadi fagoo keessatti biqiltuu sana arge. Garuu, biqiltuu kana ogeessi sun seenee fudhachuu waan hin dandeenyeef, tiksee horii naannoo sana taphatan waamee, "dugda keetti funyoo hidheen seentee yoo biqiltuu sana cabsitu harkiseen ol si baasa qarshiis siifan kenna" jedhee waadaa galeef. Tikseen sunis, "tole seeneen siif cabsa garuu, dursa Abbaakoo waamuun qaba" jedheen! Ogeessichis, "Abbaankee maal siif godha, anatu harkisee ol si baasa akka ati cabsiteen" jedheen. Tikseen sunis, "lakki Abbaakoo waammachuun qaba sababnisaas, ergan seenee siif cabsee booda yeroo ol na harkistu, yoon sitti ulfaadhe ati gadi na lakkista, Abbaankoo garuu hammamuu yoon itti ulfaadhe gadi na hin lakkisu" jedhee deebiseef. ☆☆☆☆☆ Haalli har'a keessa jirru, rakkinniif bu'aa bahiin jireenyaa har'a wal'aansoo qabaa jiraannu, hammam ulfaataa yoo ta'eyyuu, #Waaqayyo_Abbaan keenya inni gara lafa kanaa nu fide gonkumaa gadi nu hin dhiisu! Nu hin gatus! ~~~~ © Dr. Bulti Likisa Muleta, 2024 #JOIN & #SHARE🙏❤ 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Hammasini ko'rsatish...
👍 19💔 10 6💯 3
Photo unavailableShow in Telegram
#Faayidaa_bishaan_qorraan_dhaqna_dhiqachuu! ~~~~~~~~~~~ 🔴Bishaan qorraan dhiqachuun faayidaa hedduu qabaata. 🔷️Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa ni dabala. 🔷️Fayyaa gogaafi rifeensa keenyaaf gaariidha. Bishaan hoo'aan dhiqachuun garuu gogaa keenya goggogsuufi rifeensa keenya miidhuu danda'a. 🔷️ Sammuu keenya dadammaksuun hormooniin dhiphina nurraa ittisu akka maddu godha. 🔷️ Anniisaa gahaa ta'e qaamota keenyaaf raabsuun; hojii oolmaa guyyaa guyyaa irratti xiyyeeffannoon akka hojjennuuf nu gargaara. 🔷️ Ganamaan bishaan qorraan dhiqachuun seelota keenya dadammaksuun, dhiigni siirriitti akka raabsamu gochuun miira dadhabbii nurraa qolata. ~~~~~~~~~~~~~ © Dr. Bulti Likisa Muleta, 2024 #JOIN & #SHARE🙏❤ 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Hammasini ko'rsatish...
28👍 10
Photo unavailableShow in Telegram
Deeppoo pirooveeraa/lilmoo ji’a sadii sadiin waraanamu *** 👉Kan mala ittisa da’umsaa ji’a sadiif gargaaru dha. 👉Lilmoodhan harka Irratti kan keennamu yommuu ta’u, qabiyyeedhan hormonii proojeestiroonii jedhamu of-keessatti qabata. 👉Malli ittisa da’umsaa kun hojii isaa kan hojjetu: ✅Ovuleeshiniin akka hin gaggeeffamne/hanqaaquun akka hin geejibamnee/ godha. ✅Mukasii yookin dhangala’aa afaan gadameessaa irratti argamu furdisuun mi’oon/semen/ akka haala salphaan hin dabarre taasisa. ✅Dhaabni gadameessaa micireedhaaf haala mijataa akka hin uumne taasisa. 👉Faayidaa isaa ✅Torbaan 12f da’uumsa ittisa ✅Yeroo dubartiin harma hoosiftu yoo fudhatame dhiibbaa geessisu hin qabu. 👉Dhiibbaa inni uumu ✅Marsaan laguu yeroo isaa eeggatee dhuufuu dhiisuu danda’a. ✅Dubara tokko tokko irratti ulfina qaamaa dabaluu danda’a. ✅Erga dubartiin mala ittisa da’umsaa kana fudhachuu dhabde booda ulfi yeroo muraasaaf turuu danda’a. Lemi Medical Center Dr.Lemi B Tolu @Fayyaa_egeree
Hammasini ko'rsatish...
26👍 8🥰 5
🛑#Qoricha_ulfa_akkatasaa_ittisu (#Post_Pill) ☆☆☆☆☆ ♦️Qorichi ulfa akkatasaa ittisuuf faarmaasii irraa bitamu(Post Pill)'n carraa ulfaa'uu percent meeqaan ittisa jettanii yaaddu❓ ➢Post Pill'n maloota ulfa ittisan keessatti ramadama. ➢Dubartiin tokko walqunnamtii saalaa akka tasaa booda ykn qorichi ulfa ittisuuf duraan fayyadamaa jirtu yoo hojjechuu dide kan fudhachuu dandeessudha. #Gosoota qorichoota ulfa akkatasaa dhorkan ▶ Combined oral contraceptives(COC)- Kan hormoonota estrogen fi progestrone of keessaa qabu yoo ta'u, yoo sa'aa 72 keessatti fudhatame carraa ulfaa'uu 75% hir'isuu danda'a. ▶ Progestron only pills (POPs)- Plan B jedhamuunis ni beekama. Kan progestron qofa of keessaa qabuufi yoo sa'aa 72 keessatti fudhatame carraa ulfaa'uu 88% hir'isuu danda'a. ▶ Cu IUCD - Kan gadameessa keessa kaa'amu yoo ta'uufi guyyaa 5 keessatti yoo kaa'ame carraa ulfaa'uu 99.9% hir'isuu danda'a. ➢Biyya keenya keessatti baay'inaan faayidaarra kan oole kan Plan B jedhamuun beekamudha. Innis gosoota 2tu jiru. 1) Plan B One step: kan altokko qofa fudhatamu (kiniinii 1) 2)Plan B: Garaagarummaa sa'aa 12'n si'a 2 kan fudhatamudha ( kiniinii 2) ♦️Of-eeggannoo! ➢Qoricha ulfa akkatasaa dhorkuuf (Post Pill)fudhatanii yoo marsaan laguu osoo hin dhufiin torban 3 oliif walitti aansuun yoo ture, gara mana yaalaa ykn ogeessaa deemanii qoratamuun gaariidha. ➢Ulfi erga uumamee booda qoricha ulfa ittisu (Post Pill)fudhachuun faayidaa hin qabu. ➢Walqunnamtiin karoora malee raawwatame yoo jiraate, qorichoota ulfa ittisan dafanii fudhachuun gaariidha. Sababnisaas, sa'aa 72'n qaba jedhanii lafarra harkisuun, dandeettii qorichasanaa dadhabsiisaa deema waan ta'eef. ~~~~~ © Dr. Bulti Likisa Muleta, 2024 #FOLLOW & #SHARE🙏❤ 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Hammasini ko'rsatish...
👍 24❤‍🔥 3 3🤔 1
Gaafa aarte daftee hin murteessiin; gaafa gammaddemmoo ariifattee waadaa hin seeniin! @Fayyaa_egeree
Hammasini ko'rsatish...
29👍 9