uz
Feedback
HADIISA📚

HADIISA📚

Kanalga Telegram’da o‘tish

📈 Telegram kanali HADIISA📚 analitikasi

HADIISA📚 (@hadithofficial) kanali faol ishtirokchi. Hozirda hamjamiyat 11 158 obunachidan iborat bo'lib, Din & Maʼnaviyat toifasida 8 297-o'rinni va Finlandiya mintaqasida 366-o'rinni egallagan.

📊 Auditoriya ko‘rsatkichlari va dinamika

невідомо sanasidan buyon loyiha tez o‘sib, 11 158 obunachiga ega bo‘ldi.

10 Iyun, 2026 dagi oxirgi ma’lumotlarga ko‘ra kanal barqaror faollikka ega. Oxirgi 30 kunda obunachilar soni 458 ga, so‘nggi 24 soatda esa 0 ga o‘zgardi va umumiy qamrov yuqori darajada qolmoqda.

  • Tasdiqlash holati: Tasdiqlanmagan
  • Jalb etish (ER): Auditoriya o‘rtacha 14.05% darajada jalb etiladi. Nashrdan keyingi dastlabki 24 soatda kontent odatda umumiy obunachilar sonining 7.30% ini tashkil etuvchi reaksiyalarni to‘playdi.
  • Post qamrovi: Har bir post o‘rtacha 1 569 marta ko‘riladi; birinchi sutkada odatda 815 ta ko‘rish yig‘iladi.
  • Reaksiyalar va o‘zaro ta’sir: Auditoriya faol: har bir postga o‘rtacha 17 ta reaksiya keladi.

📝 Tavsif va kontent siyosati

Kanal uchun tavsif kiritilmagan.

Yuqori yangilanish chastotasi (oxirgi ma’lumot 11 Iyun, 2026 da olingan) sababli kanal doimo dolzarb va katta qamrovli bo‘lib qoladi. Analitika auditoriya kontent bilan faol hamkorlik qilishini, uni Din & Maʼnaviyat toifasidagi muhim ta’sir nuqtasiga aylantirishini ko‘rsatadi.

11 157
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+2137 kunlar
+45830 kunlar
Postlar arxiv
Hojiilee sunnaa feete lubbu teetiif irraa bu'i. Raka'aa witrii qiyaama leeyliitirraa gonkumaa gad hin bu'in.

« Qur'aanni yeroo kamuu yoo qara'an,bira taa'anii yoo safhaalee isa garagaggalchan qalbii jeeqamteef tasgabbii tan danfitee owwitee hudhamtee hidhamtee bakka seentu dhabdee duniyaan bal'oon tun itti dhiphatteef immoo qabbanaa fii haara galfii obaasa. Halkan yeroo namni hundi sirraa rafe isaa wajjiin maqoo bahuun immoo....akka itti ibsamtu hin qabdu... Subhaanallaah. Akhii guyyaa sababa dalagaatiif olii fii gad fiigaa kitaaba rabbii keetii ﷻ babbanuun qara'uu irraa shaaghalamta... Halkan yeroo maatii fii namni si cinaa sirraa rafe carraa isaa waliin walitti baatu argatte kana dhiistee biraa hin rafin. Hanga hamma haajaa teetii irraa dheebuu baatutti.»
Zul'Hijjaa 25,1447H

Repost from HADIISA📚
|• Ibaadaan dukkana halkanii keessa raawwatan mi'aa kophaa qabdi. Salaatni halkan cillimii keessaa khushuu'aa fii bareedinaa
|• Ibaadaan dukkana halkanii keessa raawwatan mi'aa kophaa qabdi. Salaatni halkan cillimii keessaa khushuu'aa fii bareedinaa adda qaba. Kana daran qaraatiin qur'aanaa ati tartiilaan sagalee mi'eeyfachaa laagaa qarachaa qaraatu lazzaa fii dhandhamaa gosa biraa qabdi. Yaa hoongoo nama kanarraa boodatti harkifatee laaffisee ilaalee. Lazzaa,mi'aa fii dhandhama addaa ibaadaa halkanii kanarraa of agabsitee ruuhii tee dheebuu hin bulchin.»ღ |• Mowlaaya! Nu waffaqi. Irratti sabaata nuuf kenni. Nu dhandhamsiisi. Irraa nu habbuuqqachiisi»
{ إِنَّ نَاشِئَةَ اللَّيْلِ هِيَ أَشَدُّ وَطْئًا وَأَقْوَمُ قِيلًا } [سُورَةُ المُزَّمِّلِ: ٦]
 #Ramadan1447H
Ramadan 3,1447H

وَعَينُ الرِضا عَن كُلِّ عَيبٍ كَليلَةٌ وَلَكِنَّ عَينَ السُخطِ تُبدي المَساوِيا وَلَستُ بِهَيّابٍ لِمَن لا يَهابُني وَلَستُ أَرى لِلمَرءِ ما لا يَرى لِيا فَإِن تَدنُ مِنّي تَدنُ مِنكَ مَوَدَّتي وَإِن تَنأَ عَنّي تَلقَني عَنكَ نائِيا كِلانا غَنيٌّ عَن أَخيهِ حَياتَهُ وَنَحنُ إِذا مِتنا أَشَدُّ تَغانِيا

Ergaa Of eeggannoo!. Jidduu kana Akkaawuntiin Telegiraamaa namoota hedduu butamuun too'annaa isaaniitiin ala taatee mul'aataa jirti. Sababa butamuu akkaawuntiilee telegiraamaa kanaatiin liinkiileen garagaraa maqaa nama akkaawuntiin isaa butamteetiin gara hiriyyootaa fii firoota nama saniitti ergamti. Namni liinkiileen kun itti ergame gaafa liinkiilee san xuqee banu kan isaatilleen sekondii muraasa keessatti butamtee too'annaa isaatiin ala baatee liinkiilee garagaraa nama adda addaatti ergiti. •. Liinkii hin beekne kamuu kan isinitti ergamu hin tuqinaa hin baninaa.»

مختصر حلية طالب العلم.pdf2.95 KB

Repost from HADIISA📚
« Salaata leeylii» •. Namni tokko halkan hunda raka'aa 4 salaate witrii raka'aa tokkoon yoo goolabate,waggaa tokko keessatti
« Salaata leeylii»
•. Namni tokko halkan hunda raka'aa 4 salaate witrii raka'aa tokkoon yoo goolabate,waggaa tokko keessatti qiyaama leeylii qofa keessatti raka'aa 1770 salaate jechuudha.
« Rabbi biratti irra caaltuun dalagaa; Osoo waa xiqqoollee taatee kan walitti fufiinsaan dalagmteedha.»
✓. Osoo Rakaa'aalee tokkollee taatee Qiyaama leeylii salaata halkanii hin dhiisin
.» #الوتر Jumadal-Ula 22,1446H

•« Qur'aanaa Wajjiin akkas turan»• «Nama akka Abuu Sahli kan aayata qur'aanaa barbaade bakka barbaadee fii yeroo barbaadetti filatu fudhatu tokkollee hin argine. Inni ollaa keenya ture. Yeroo hunda halkan salaatuu fii qur'aana qara'uu kan addaan hin murre ture. Qur'aana heddummeeysee qara'uu isaatirraan kan ka'e qur'aanni akka waan ija isaa dura isaaf kaa'ameeti." Jechuun Imaamni muslimtootaa Abuu Abdillaah Ahmad Ibn Hanbal-rahimahullaah dubbata. Bakka "qur'aanni akka waan ija isaa dura isaaf kaa'ameeti." Jettu san irra deebi'i gad lallaali. Qalbuma akkamiin deema ture? Qalbii saniin nuuruma akka ilaalaa ture! Rabbiin ﷻ nuufii isaafillee rahmata haa godhu» [المشوق إلى القرآن ص٤٦]

« Yaa saahibii! Kasaaraan gariin bakka buufamti. Dogoggorri gariilleen ni sirreeyfama. Haa ta'uu malee kisaaraan guddoon namni tokko umrii isaa guutuu karaa sirriidha jedhee yaadu tokkorra deemaa turee; dhumarratti karichi seetoo fii siribii bishaan sehe qofa ta'uun isaaf mul'atuudha.» « Sa warra dhugumaan hojii isaanii kasaaran isiniif hin himnuu?. Isaan sun warra kan isaan tolchinee hojjenne jechuu osoo yaadanii hojiin isaan duniyaa keessatti hojjechaa turan duraa badeedha.» • aayata qaamaa fii qalbii nama sochoostu,tan dagataa dammaqsituu fii tartiibaa duraa duuba jireenyaa haarayatti deebiste nama sirreeysisiistuudha. Harka meeqaatu waggaa meeqa waa ijaaruu irratti dhukkaa'ee. Garuu cirrachaa fii hallayyaa jalaan gad cittu irratti ijaaraa ture malee. Sammuu meeeqaatu karoorsaa fii yaadaa ture; garuu kallattii dogoggoreet laffaatiin isaa daaraa bubbetti ol ida'an taate malee. Dubbiin dalagaa heddummeeysuu miti; dubbiin dalagaa sun sirreessysanii akka silaa barbaadamee kallattii silaa fedhame irratti dalaguudha. Gariin namaa humna,yeroo fii maallaqa qabu baaseeti hedduu laffa'ee waan tokko dalaguuf,galma piroojeektii tokkoo gahuuf tattaafatee qabsaa'a. Kallattii dogoggoraa irratti ta'aabaa waan jiruuf hoongoo,cabaa fii kasaaratti malee waan biraatti hin bahu.» • Yoo jaalala rabbii ﷻ keessatti hin taane faayidaan laffaatii maali? tattaaffii fii qabsoon yoo karaa haqaa keessatti hin ta'in bu'aan isii maali?. Namni tokko duniyaa isaa keessatti laffa'ee hedduu ta'aaba. Haa ta'uu malee yoo rabbi ﷻ biraa ajrii barbaaduuf hin ta'in; wanti inni ijaaraa ture hundi siriibii dheebootaan bishaan se'e qofa ta'uu arguuf jiraata. Akki jireenyi kun gabaabaadha. Qajeelfama rabbii fii rasuula irraa siif ta'een maletti imaluurraa eeggadhu. Dalagaa ilmaan namaa dalagu hundi fuula rabbii ﷻ barbaaduu fii akkaataa qajeelfama nabiyyiin isaa Muhammad ﷺ hawaasa addunyaatti fideen yoo hin ta'in; hawwitoota fii eegdoonni bu'aa dalagaa isaanii hundi kasaaraa booda sirreeysuu fii keessa bahuun hin jirre arguuf jiraatan.» • Meeqaatu shirkii,bid'aa,zulmii,ma'siyaa dalaguu ,baaxila fii ku.f.r.i.i babal'isuuf hanga danda'een humna,yeroo,qabeenyaa fii bishaan sammuu isaa itti dhangalaasa. Kan si ajaa'ibu kana gochuu isaatiin aakhiratti rabbi ﷻ biraa badhaasaa fii kabajaa guddoo hawwee eeggata. Meeqaatuu sunnaadha je'ee umrii isaa guutuu bid'aa dalagaa fii hojjachiisaa jira. Kanaan ammoo sawaaba gurguddaa kajeelaa. Meeqaatu shirkii ibaadaa sehee isiirratti umrii fixaa jira?. Namni fuula rabbii ﷻ barbaaduu fii qajeelfama nabiyyiitiin ﷺ maletti laffa'ee turr hundi; kheeyrii dalagaa turree jechuun wanti isaan itti laffa'aa turan kisaaraa fii hoongoo ta'uu arguuf jiraatu. Akhii nutu kan nurra jiru ammummaan kompaasii laffaatii fii ta'aabaa sunnaa gara fuula rabbii ﷻ barbaaduuf laffa'uutii fii qajeelfama rasuulaatiin ﷺ imaaluu irratti sirreeyfachuu qabna. Rabbiin ﷻ garboota waan dalagan hunda laffaatii diinii fii duniyaa isaanii hunda akka qajeelfamni rasuulaa ﷺ jedhuu fii fuula rabbii isaanii ﷻ itti barbaadan nuuf haa taasisu.»
{ قُلْ هَلْ نُنَبِّئُكُمْ بِالْأَخْسَرِينَ أَعْمَالًا } { الَّذِينَ ضَلَّ سَعْيُهُمْ فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَهُمْ يَحْسَبُونَ أَنَّهُمْ يُحْسِنُونَ صُنْعًا } [سُورَةُ الكَهْفِ]
Zul'Hijjaa 21,1447H

Irra caaltuun khidmaa hojjettoonni rabbii isaanii qofaaf dalagan ummataa fii biyya isaaniitiif dhiheeysan kheeyrii barsiisuu fii tarbiyaa gaariidha. Isaan kun lamaan sullama jireenyaatii fii qoricha milkiiti.» Sheikh Bashiir Al-ibraahiimii في آثاره ۞- akhii kan Rabbiin ﷻ ilmaan islaamaa tarbiyaa barsiisuu fiu dhimma diin isaanii isaan leenjisuu irratti si ramade; wawallaahi bakka fii qaawa qulfii fii hangafa khidmaa diinaa islaama irra rabbiin ﷻ si kaa'ee jira. tolchii bareechii ilmaan islaamaa diin isaanii aqiidaa isaanii akhlaaqa islaamummaa fii khaayyoo jireenya isaanii isaan keessa gad dhaabi. firii achirraa biqiltu hanga guyyaa qiyaamatti irraa funaannattaa.»ღ ✓. Qabatamni ilaalcha hawaasa keessa jiru kan isaan nama ijoollee bu'uura diin isaanii barsiisuu fii nama aqiidaa isaaniitirratti daa'imman guddisuuf qaban si lallaafisee qaawwaa fii hojii hangafaa irra jirturraa hamilee si cabsee of boodatti si hin deebisin. Zul-Hijjaah 11,1446H

۞« TOWBAtti Daddafi Osoo yeroon hin Dabarre»•
🎙️ Sheikh Abdurrahman AhmadSaadiq-hafizahullaah
⏱️ Muhaadaraa Gaafa 19/12/1447H yookiin 04/06/2026GC yookiin 27/09/2018EC Galgala Jumu'aa godhamteedha.

« Abuu Abdirrahmaan Al-Umariin-rahimahullaah akkana jedha " garaa haadha tiyyaa keessattiin ulfa ture. Achitti rizqiin tiyyaa fidamteeti afaan na kaa'amti. Gaafaan guddadhee rabbii kiyya ﷻ beekhe booda zannii tiyya badde. Mee garbichuma kamtu ana caalaa sharriidha.» "كنتُ جنينًا في بطن أمي، وكان يؤتى برزقي حتى يوضع في فمي، حتى إذا كبرت وعرفت ربي ساء ظني، فأي عبد أشر مني". =موسوعة ابن أبي الدنيا (٢/ ٢٧٢). •. Har'a gariin rizqii rabbiin ﷻ osoo inni hin kadhatin,kan dalagachuu hin dandeenye,kan of hin beekne isa sooraa ture san rabbi ﷻ zannii baduun irraan ka'e karaa hin taanee rizqii barbaada dhama'a. Rabbiin ﷻ har'allee akkuma gaafa garaa haadha teenyaa keessa turre sanitti nu nyaachisuutti jira. Nuti garuu yaada baduu keenya irraan kan ka'e waan laffaatii teenya qofaan of tajaajillee of sooraa jirru nutti fakkaate. Namni rabbii isaatti ﷻ yaada badu irra baduu garbootaa keessaa tokkoodha. Haala keenya rabbiin ﷻ nuuf haa sirreeysu. Zannii isatti tolfatuu nuuf haa kennu.»ღ
Zul'Hijjaa 20,1447H

۞« TOWBAtti Daddafi Osoo yeroon hin Dabarre»•
🎙️ Sheikh Abdurrahman AhmadSaadiq-hafizahullaah
⏱️ Muhaadaraa Gaafa 19/12/1447H yookiin 04/06/2026GC yookiin 27/09/2018EC Galgala Jumu'aa godhamteedha.

« Duniyaan tun dukkana heddummaatti. Gurraachoominni dukkana isii akkaan hamaa fii ulfaataadha. Minaaraa TOWHIIDAA irra yoo ol bahan malee gonkumaa ifaan isii kheeysa hin jiru.» « Rabbi! Garboota TOWHIIDA fii SUNNAA beekhanii,tolchanii bareechani qabatanii ittiin jiraatanii irratti du'an nu taasisi.»ღ
Zul'Hijjaa 20,1447H

« Namni ilmii Aqiidaa barsiisuu fii baratulleen gara jalqabaa ilmiin aqiidaa baratamtuu fii barsiifamtutti barsiisaa fii barataalleen moggaa تقرير عقيدة أهل السنة والجماعة tti xiyyeeffachuu qaban. Dhimmi تحرير fii الإتيان بأقوال المخالفين وشبهاتهم والرد عليه sadarkaa nama reefuu ilmii jalqabuutti barsiisuuf ta'ee barachuun miidhaa malee faayidaa tokkolleen hin qabu. barataa ilmii aqiidaa dhimmoota lamaan boodarra dubbadheen barnoota isaa eegale ta'abaa hedduu fii yeroo dheeraa booda malee aqiida warra sunnaa tolchee sirreeysee hin qabatu. Dhimmuma kanaan wal qabatuun barataa ilmii shari'aa gara jalqabaa barnoota isaatti ofii isaatiifiis ta'ee sheikhni isaa dhimma raddii fii namoota walirratti raddii godhaniin of shaaghaluu fii shaaghalamuu hin qabu. Dhimmi 2ffaan Aqiidaan barataa reefu ilmii kana jalqabeef gaafa barsiifamtu Sheikhni yookiin ustaazni isa barsiisu جانب الإيماني والتربوي tti ta'aabu qaba. جانب الكلامي الجدالي munaaqashaa masaa'ilootaa barataa reefu ilmii tana eegalurra fiduun sirrii miti. Addatti biyya teenya keessatti barataa ilmii aqiidaa waggaa 4,5,6,7 faa barate kan ammallee Masaa'iloota hedduu keessatti Aqiidaa warra sunnaa ciniinee hin qabatin hedduutu mul'ata. Dhimmi kun dhimma itti yaadamuu qabuudha. والله أعلم
Zul'Hijjaa 20,1447H

Isinitti dheeraatee dhiifama baarakallaahu fiikum

Warri sagaleen isin bira hin turin ammallee eega baatanii deebitan booda akkasumaa?...

Namni sagaleen isin biratti hin dhaga'amne bahaa deebi'aa