HADIISA📚
📈 Telegram kanali HADIISA📚 analitikasi
HADIISA📚 (@hadithofficial) kanali faol ishtirokchi. Hozirda hamjamiyat 11 812 obunachidan iborat bo'lib, Din & Maʼnaviyat toifasida 7 563-o'rinni va Finlandiya mintaqasida 381-o'rinni egallagan.
📊 Auditoriya ko‘rsatkichlari va dinamika
невідомо sanasidan buyon loyiha tez o‘sib, 11 812 obunachiga ega bo‘ldi.
04 Sentabr, 2026 dagi oxirgi ma’lumotlarga ko‘ra kanal barqaror faollikka ega. Oxirgi 30 kunda obunachilar soni 234 ga, so‘nggi 24 soatda esa 0 ga o‘zgardi va umumiy qamrov yuqori darajada qolmoqda.
- Tasdiqlash holati: Tasdiqlanmagan
- Jalb etish (ER): Auditoriya o‘rtacha 17.75% darajada jalb etiladi. Nashrdan keyingi dastlabki 24 soatda kontent odatda umumiy obunachilar sonining 5.12% ini tashkil etuvchi reaksiyalarni to‘playdi.
- Post qamrovi: Har bir post o‘rtacha 2 097 marta ko‘riladi; birinchi sutkada odatda 605 ta ko‘rish yig‘iladi.
- Reaksiyalar va o‘zaro ta’sir: Auditoriya faol: har bir postga o‘rtacha 18 ta reaksiya keladi.
📝 Tavsif va kontent siyosati
Kanal uchun tavsif kiritilmagan.
Yuqori yangilanish chastotasi (oxirgi ma’lumot 05 Sentabr, 2026 da olingan) sababli kanal doimo dolzarb va katta qamrovli bo‘lib qoladi. Analitika auditoriya kontent bilan faol hamkorlik qilishini, uni Din & Maʼnaviyat toifasidagi muhim ta’sir nuqtasiga aylantirishini ko‘rsatadi.
Ma'lumot yuklanmoqda...
| Sana | Obunachilarni jalb qilish | Esdaliklar | Kanallar | |
| 05 Sentabr | 0 | |||
| 04 Sentabr | +3 | |||
| 03 Sentabr | +4 | |||
| 02 Sentabr | +15 | |||
| 01 Sentabr | +6 |
| 2 | 💥ODUU GAMMACHIISAA💥
📍إعلان عن محاضرة بعنوان:- التقوى
📍MUHAADARAA MATAA DUREE :
📍Sodaa rabbii
🎙الشيخ إسماعيل عمر حفظه الله
🎙Sheikh Ismaa'iil Umar -Hafizahullaah-
۞«Sagantaa Muhaadaraa Torbanii - 27ffaa »۞
🗓Guyyaa jimaataa 22/03/1448 A.L.H (29/12/2018 A.L.I)
⏰halkan sa'aa 3:00 irraa eegalee
..
© Jama'aa Garee ❝Majmuu'atu Ijtimaa'is-Salafiyyiin❞ tin Kan Qophaahe.
Telegram
https://t.me/Gareewalittiqabamasalafiyyootaa | 343 |
| 3 | Hawaasa muslimaa dhimma ilmii shari'aa jumlatti malee gad fageenyaan hin beekne biratti qabxiileen waa'ee shari'aa yeroo kaafaman osoo tokko tokkoo isii gad fageenyaan keessa hin seenne dimshaashumaan jumlatti dubbatamuu qabu.»
Sheikh Salih Sindii-hafizahullaah.
✓. Sheekkanii fii dua'aatni hedduun dhimma kana osoo mirgaa qabatanii jiraatanii kheeyrii guddoo qaba ture.
Rabi'al Awwal 22,1448H | 437 |
| 4 | Dalagaa kheeyrii ibaadaa rabbiin ﷻ jaalatu kan isaa fii si jiddutti malee namni tokkolleen hin beekne qabaadha. Dalagaan kheeyrii akkanaa galaa tee jabduu guyyaa cinqii duniyaa fii aakhiraati.»
Rabi'al Awwal 22,1448H | 432 |
| 5 | Da'waan salafiyyaa kursii fii aangoorratti wal-qabuu fii meeshaa duniyaa irratti qabsoo qabuu irraa haajaa hin qabdu. Kan isii yaachisuu fii dhimmi isii ijoon alaabaa Towhiidaa fii sunnaa ol fuudhuu,gara karaa salaftootaa namoota yaamuu irratti qabsooyti. Baaxila kamuu fuul-dura miizaana ragaa shari'aatti bishaan itti neeyxi.
Kuni karaa nabiyyootaa rabbiin ﷻ garboota isaatii fii biyya ,hogganaa fii hogganamaallee tolchuudha.
Yaa daa'iiwwan sunnaa isin kan isinirra jirra obsaa fii yaqiinaa qabaachaa gara towhiidaa,sunnaa fii karaa salaftootaatti hawaasa yaamuudha. Firiin da'waa teeysanii mul'achuu fii mul'achuu dhabuun harka rabbii ﷻ jirti.
Firii da'waa arguun ulaagaa da'waa ittiin godhanii miti. Obsuu fii yaqiina qabaachuun isinirra haa jiraatu. Hin dadhabinaa hin lallaafinaa isintu warra baaxilaa warra bid'aatii fii kkf hunda irra aanoodha.
Rabi'al Awwal 22,1448H | 459 |
| 6 | Taajni zikriilee guyyaa jumu'aa Rasuula ﷺ irratti salawaata buusuu heddummeeysuudha. Salawaa buusuu irraa heddummeeyfadhu.
Rabi'al Awwal 22,1448H | 508 |
| 7 | Umriin tee irra qaalii waan qabduuti. Hangi kute hin deebi'u bakkaas siif hin bu'u. Qabeenyi kee immoo yoo badellee bakka bu'a deebi'ee dhufa. Guyyoota keetirraa galaa duniyaa fii aakhiratti si fayyadu guduunfadhu. Asara bareeda eega duute boodallee siif hafu hambifadhu.
Rabi'al Awwal 24,1448H | 472 |
| 8 | Dhimmoota haaraya dhufan kan murtiilee shari'aa barbaadan ( نوازل) hedduutu argamaa mul'achaa oola. Kanaaf immoo xaaliba ilmii ilmii keessa gad dhaabbate kan gosa barnoota shari'aa barbaachisu hunda irraa bakka qubatu jabduu mijjeeyfateetu dura dhaabbata. Haala darasaan hedduun itti jirtu kanaan Xaaliba ilmii tolchee gaaffii gaafatullee argatuun ni ulfaata. Xaaliba ilmii mussaqafa oomishuu yoo taate rakkoon qabu. Garuu xaaliba ilmii dubbii hunda addaan dhilee qabxii hundaaf murtii barbaachisu kennu argachuun fagoodha. Biyyi yeenya akkaan ulamaa'iitti haajamti. Ulamaa'iin gurguddoon amma jiran umriin isaanii hedduu deemtee jirti lakkoofsi isanaiitilleen muraasa. Isaan kana eenyuutu bakka bu'uuf taa'a laata?. Xaaliba ilmii sa'aa 4:00 online irratti dabarsuutu isaan bakka bu'a jettee hin eegin. Dhimma ulamaa oomishuu dhimma bakki itti kennamtee ulamaa'iin gurguddoo akka irratti dalaganiif tumsi godhamuufii qabuudha.
Rabi'al Awwal 23,1448H | 642 |
| 9 | Daa'ima Rahmatiin Ha Baraarru!
Waamicha Gargaarsaa Barattoota DDUMSJ-tiif Dhihaate!
• Obboleettiin keenya jireenya jema'aa keenya keessatti bara 2013-2015-tti waggoota sadiif amiirummaan tajaajilte, akkasumas miseensa shuraa ta'uun waggoota dheeraaf tajaajilaa turte yeroo ammaa kana deggersa keessan barbaaddi.
• Obboleettiin keenya dhiheenya kana Rabbii mucayyoo ishee jalqabaa kan kenneef yoo ta'u, dhibee onneetarraa kan ka'e daa'imti kun yaala barbaachisaa ta'e yoo hin arganne torban 2 ol kan hin jiraanne ta'uu Hospitaalli Tikur Anbessaa beeksiseera.
• Biyyaa alaa deemtee yaala barbaachisaa ta'e yoo argatte fayyuu akka dandeessuu fi abdiin gaariin akka jiru ogeeyyii yaalaatiin nutti himameera.
• Yaalichaa qofaaf baasiin barbaachisu qarshii miliyoona 3 ol waan ta'eef maatiin ishee dhiphina guddaa keessa galanii jiru.
• Rabbii gaditti nutis obboleettii keenya dhiphina kana keessaa baasuuf, qarshiin keenya kurnis dhibbis gatii guddaa waan qabuuf, dandeettii keenyaan akka wal bira dhaabbannu maqaa Rabbiitiin isin gaafanna.
Lakk. Herrega Baankii kana fayyadamaa:
CBE: 1000139136164 (Hamid Mohammed)
Odeeffannoo dabalataaf:
+251924585748
+251994247701 | 701 |
| 10 | Matn yo'q... | 630 |
| 11 | Maalummaan Rabbi ﷻ sodaachuudhaa kan mul'ata ma'siyaa lakkisuu keessattiidha. Irra hedduun namaa kheeyrii dalaguu fii toltuu irraa baay'ifachuu keessatti jabaadha. Garuu fuuldura waan haraam lakkisuutti hedduu dadhabaadha.
Masaa'al Kheeyri
Rabi'al Awwal 19,1448H | 1 379 |
| 12 | Matn yo'q... | 1 471 |
| 13 | « Osoo hin azaanamneen duratti gara salaataa deemi. Akka garbicha badaa hanga yaamanitti hin dhufnee hin ta'in.»
« Osoo hin iqaamamneen duratti gara salaataa dhufuun kee salaata guddisuu fii kabajuudha.»
شيخ الإسلام الإمام الزاهد العابد سفيان بن سعيد الثوري رحمه الله.
📚 فتح الباري لابن رجب
Rabi'al Awwal 17,1448H | 1 443 |
| 14 | «أنتَ أحفظُ منّا.. وأنتَ أفقهُ منّا!» | أدب الكبار بين ابن عثيمين وابن جبرين رحمهما الله | 1 292 |
| 15 | Yeroo dhihootti gara Darsiilee teenya deebina inshaa allaah. | 1 405 |
| 16 | |• Barattoota shamarranii darsii nu biratti qara'an keessaa isaan lamaan kun warra waggaa kana qormaata biyyooleessaa kutaa 12 fudhataniidha. Isaan hafan ganaadha.
Wagguma kana keessa:-
1. Qur'aana hifzii xumuranii ( gaafa haffazan guyyatti fuula 60-75 jidduu guyya guyyaan haffazaa turan.
2. Hanga qormaataaf guyyaan 5 moo akkani hafutti guyyaa tokko darsii irraa hafanii hin beekan.
2. Darsii nahwii ( aajurruumiyyaa yeroo 2 wagguma kana keessa wajjiin qaraanee xumurre. Moggaa tokko haffazanii)
3. Darsii Mumti'i Sharhii aajurruumiyyaa yeroo lama wajjiin qaraanee xumurre wagguma kana keessa ( garii qawaaida aajurruumiyyaa keessa hin jirree haffazaa).. Qormaata isaa qoramaa.
4. Darsii Sarfii صرف الصغير matnii isii yeroo 4 ol wajjiin qaraanee wagguma kana kana.. irra guddaa isii haffazanii
5. Risaalaa lama dhimma adaba ilmii shari'aatiin wal qabattu ( بهجة الطلب fii خلاصة تعظيم العلم wajjiin qaraane gad qabaa qara'an.
6. Kitaaba fiqhii Manahaju Saalikiin ustaaza tokkoo wajjiin qarana'anii xumuranii turan.
7. Kitaaba fiqh Al-Muyassar hanga kitaaba Salaata walakkaatti wajjiin qara'aa turre. Kitaabuma fiqh al-muyyasar irraa dowraa faraaidaa takka kitaaba mawaariisaa tolchanii qara'anii xumuran.
8. Musxalaha hadiisa beeyquunii fii Al-mulakhas an nafiis itti makaa haffazaa qara'an.
9. Kitaaboota aqiidaa fii manzuumaalee akka ahsanil akhlaaq laamiyyaa ibn teeymiyaa fii kkf Ustaazoota dubartootaa fii kanneen biraa irratti hedduu qara'aatuma as bahan. Sababa kutaa 12 tahaniif namoota isaan biraa qur'aana hifzii addaan mureetu ture. Garuu hanga isaanii kana takka qabxii hin dalayne.
Takka 544
Takkammoo 502 fidan.
Rabbiin ﷻ beektoota ummata isaa fayyadan kanneen towhiidaa fii sunnaa ol fuudhan isaan haa taasisu.
8. | 1 622 |
| 17 | Matn yo'q... | 1 174 |
| 18 | ۞« Al-ikhlaas Al-ikhlaas »۞
« Wanti sodaatamu hedduullee taatu irra sodaatamtuun wanti nuti ofirraa sodaachuun akkaan barbaachisuu; wanti nuti sooshaal miidiyaa irratti facaasnu kan rabbiif ﷻ hin qulqulleeyfamin tan fuulli isaa qofti ittiin hin barbaadamin ta'uudha.
Ammallee wanti nuti facaasnu osoo shari'aa fii safuu hawaasaa kan faalleeysitullee taatee wanti nuti namootaaf dhiheessinu sun kan fedhii fii dhandhama isaanii irratti hundaa'e ta'uu fii yaadni keenya yaachisaan hordoftoota heddummeeyfachuu ta'uudha.
Kana jechuun kheeyrii facaasuu irraa dhaabbachuu fii namoota fayyaduu irraa of booda deebi'uu jechuu miti. Waan funaannee miidiyaalee hawaasaa irratti facaasnu keessatti lubbuu teenya of ilaaluu,niyyaa teenya fattashuu fii ikhlaasa qabaachuu irratti lubbuu tana guddisuun leenjisuudha.
Rabbiin ﷻ keessa keenya nu beeka. Waan qalbii keessaati nu laala. Rabbiin ﷻ garbicha deddeebi'ee lubbuu isaa of laalee isii tolchuuf itti tattaafate rahmata godheefiti isa gargaara.
Rabbiin ﷻ jechaa fii gocha keenya keessatti namoota dhugaa ta'uu akkasumas kophaa fii namoota birattiis ikhlaasa qabaachuu nuuf haa kennu.»
توجيهات لطالب العلم صـ ٢
Rabi'al Awwal 16,1448H | 1 087 |
| 19 | Matn yo'q... | 923 |
| 20 | Leenjiin dhimma diiniitiin wal qabattu nama beekumsa shari'aa gad fagoo qabuun ta'uu qabdi.
Leenjiileen namoota ilmii shari'aatii fii qabatama hawaasni keessa jiru nama gad fageenyaan hin beekneen godhamtu tolcha isiitirra badii isiitu irra heddummaata. Yaada doggogoraa hedduudha haaa fakkeessitee hawaasa leenjii fudhatu keessatti hanbifti.
Nama beekhu qofaa miti nama gad fageenyaan beekumsa qabuu fii bal'isaa beekhuu fii waan dhaggeeffattootaaf kennanii fii dhiisan dhimma ka'uu qabuu fii ka'uu hin qabne tolchee beekhu ta'uu qaba. Dhimmi dhimma diin hanga ta'etti daffaarummaan tun yoo hafte wayyaadha. dirqamaasi.
Diin rabbii ﷻ daffaara ta'uu miti kan feesisu. Beekumsaa barbaachisuu fii hikmaa qabaachuu barbaachisa malee.»
Rabi'al Awwal 16,1448H | 1 338 |
