HADIISA📚
الذهاب إلى القناة على Telegram
إظهار المزيد
📈 نظرة تحليلية على قناة تيليجرام HADIISA📚
تُعد قناة HADIISA📚 (@hadithofficial) لاعباً نشطاً. يضم المجتمع حالياً 11 765 مشتركاً، محتلاً المرتبة 7 569 في فئة الدين والقيم الروحية والمرتبة 378 في منطقة فنلندا.
📊 مؤشرات الجمهور والحراك
منذ تأسيسه في невідомо، حقق المشروع نمواً سريعاً وجمع 11 765 مشتركاً.
بحسب آخر البيانات بتاريخ 27 أغسطس, 2026، تحافظ القناة على نشاط مستقر. خلال آخر 30 يوماً تغيّر عدد الأعضاء بمقدار 254، وفي آخر 24 ساعة بمقدار 6، مع بقاء الوصول العام مرتفعاً.
- حالة التحقق: غير موثّقة
- معدل التفاعل (ER): يبلغ متوسط تفاعل الجمهور 18.19%. وخلال أول 24 ساعة من النشر يحصد المحتوى عادةً 5.54% من ردود الفعل نسبةً إلى إجمالي المشتركين.
- وصول المنشورات: يحصل كل منشور على متوسط 2 138 مشاهدة. وخلال اليوم الأول يجمع عادةً 651 مشاهدة.
- التفاعلات والاستجابة: يتفاعل الجمهور بانتظام؛ متوسط التفاعلات لكل منشور يبلغ 18.
📝 الوصف وسياسة المحتوى
وصف القناة غير متوفر.
بفضل وتيرة التحديث المرتفعة (أحدث البيانات بتاريخ 28 أغسطس, 2026) تحافظ القناة على حداثتها ومستوى وصول مرتفع. وتُظهر التحليلات تفاعلاً نشطاً من الجمهور، ما يجعلها نقطة تأثير مهمة ضمن فئة الدين والقيم الروحية.
11 765
المشتركون
+624 ساعات
+377 أيام
+25430 أيام
أرشيف المشاركات
11 767
۞« Al-ikhlaas Al-ikhlaas »۞
« Wanti sodaatamu hedduullee taatu irra sodaatamtuun wanti nuti ofirraa sodaachuun akkaan barbaachisuu; wanti nuti sooshaal miidiyaa irratti facaasnu kan rabbiif ﷻ hin qulqulleeyfamin tan fuulli isaa qofti ittiin hin barbaadamin ta'uudha.
Ammallee wanti nuti facaasnu osoo shari'aa fii safuu hawaasaa kan faalleeysitullee taatee wanti nuti namootaaf dhiheessinu sun kan fedhii fii dhandhama isaanii irratti hundaa'e ta'uu fii yaadni keenya yaachisaan hordoftoota heddummeeyfachuu ta'uudha.
Kana jechuun kheeyrii facaasuu irraa dhaabbachuu fii namoota fayyaduu irraa of booda deebi'uu jechuu miti. Waan funaannee miidiyaalee hawaasaa irratti facaasnu keessatti lubbuu teenya of ilaaluu,niyyaa teenya fattashuu fii ikhlaasa qabaachuu irratti lubbuu tana guddisuun leenjisuudha.
Rabbiin ﷻ keessa keenya nu beeka. Waan qalbii keessaati nu laala. Rabbiin ﷻ garbicha deddeebi'ee lubbuu isaa of laalee isii tolchuuf itti tattaafate rahmata godheefiti isa gargaara.
Rabbiin ﷻ jechaa fii gocha keenya keessatti namoota dhugaa ta'uu akkasumas kophaa fii namoota birattiis ikhlaasa qabaachuu nuuf haa kennu.»
توجيهات لطالب العلم صـ ٢
Rabi'al Awwal 16,1448H
11 767
Leenjiin dhimma diiniitiin wal qabattu nama beekumsa shari'aa gad fagoo qabuun ta'uu qabdi.
Leenjiileen namoota ilmii shari'aatii fii qabatama hawaasni keessa jiru nama gad fageenyaan hin beekneen godhamtu tolcha isiitirra badii isiitu irra heddummaata. Yaada doggogoraa hedduudha haaa fakkeessitee hawaasa leenjii fudhatu keessatti hanbifti.
Nama beekhu qofaa miti nama gad fageenyaan beekumsa qabuu fii bal'isaa beekhuu fii waan dhaggeeffattootaaf kennanii fii dhiisan dhimma ka'uu qabuu fii ka'uu hin qabne tolchee beekhu ta'uu qaba. Dhimmi dhimma diin hanga ta'etti daffaarummaan tun yoo hafte wayyaadha. dirqamaasi.
Diin rabbii ﷻ daffaara ta'uu miti kan feesisu. Beekumsaa barbaachisuu fii hikmaa qabaachuu barbaachisa malee.»
Rabi'al Awwal 16,1448H
11 767
Namni guyyaa jumu'aa isaa fajrii jama'aan salaatuun, achuma masjiida turee suura kahf qara'ee eegas wirdii isaa tan qur'aanaa booda geeysee azkaara ganamaa qara'ate dabalataan salawaata arraba isaatirra kaayyachuun bariisifate bareedina guyyaa isaa hin gaafatin.
Isa booda ganamaan dhiqaatee,shittoo isaa dibatee,irra bareedaa uffata isaa uffatee,siwaakkachaa saffaa duraatti yeroo jumu'aa isaa salaattate; namni akka isaa guyyaa san numan jirre.
Eegas salawaata isaa buusuu heddummeeysaa ilaa salaata asrii eeggatee asrii isaa jama'aan salaatee yeroo xiqqoo maghriiba duraa san eeggatee gaafa jirkaa du'aa'ii isaa gad dhiisaa oole; dhugumatti iida guyyaa jumu'aa isaatu akka malutti dabarse.»
Sabaahal kheyr 💜
Rabi'al Awwal 15,1448H
11 767
Du'aa'ii Omar Ibn Al-khaxxaab-Radiyallaahu anhu- godhatu keessaa tokko
۞" Yaa rabbi! Dalagaa tiyya hunda dalagaa gaarii naaf taasisi. Dalagaa fuula kee qofa barbaaduuf qulqulleeyfamtee hojjatamte godhi. Nam-tokkoofillee isii keessatti qooda hin taasiisin.»۞ kan jedhu ture.
۞«اللهم اجعل عملي كله صالحًا، واجعله لوجهك خالصًا، ولا تجعل لأحد فيه شيئًا».۞
|• Yaa garbicha rabbii! Dalagaan teenya dalagaa gaarii sunnaa wajjiin wal simattuu fii ikhlaasa qabdu ta'uu irratti rabbi ﷻ heddummeeysinee kadhachuutu nurra jiraata. Yoo rabbiin ﷻ hin laaffisin hin tolchin wanti toluu fii laafu tokkolleen hin jiru.
Sabaahal kheyr 💜
Rabi'al Awwal 15,1448H.
11 767
« Muslihtoonni warri hawaasa towhiidaa fii sunnaan tolchan akkuma dhiiroota barsiisanii beekumsaan ijaaranitti dubartootallee ilmii fayyadduu barsiisuun isaan ijaaruutu isaanirraa barbaachisa.»
#دورة-العلامة_رسلان
Sabaahal kheyr 💜
Rabi'al Awwal 15,1448H
11 767
Namni hojii badduu osoo badduu ta'uu beekuu hojjete waa badee waa hoongaa'ee. Kan nama akkanaatirra hoongaa'aa fii halaakamaan; nama hojii badduu isaa san gaarii se'ee hojjetuudha.
أَفَمَنْ زُيِّنَ لَهُ سُوءُ عَمَلِهِ فَرَآهُ حَسَنًا
Rabi'al Awwal 9,1448H
11 767
Rasuulli keenna ﷺ dhimma dajjaaliin wal qabatu akka malee haga aduun guyyaa mul'istu caalaa addeessew nuuf ibsee waa'ee ifa godhee deeme. kanumaa wajjiin gaafa dajjaal bahu gosa tokkoo fii magaaluma takka irraa namoota 70000 isa horsofuuf jiraata.
Eega inni biyyootaa addunyaa kanaa hedduu keessa naanna'ee immoo kan maqaa muslimaa himatu meeqaatamtu isa hordofuuf jiraata.
Dajjaal guddaa dhufuuf jiraatu san dura dajjaaloota dhibba meeqaatuu gandootaa lafarraa keessaa fii gandoota miidiyaalee hawaasaa kanarra guute jira. Kan si dhibu namoonni osuma jallina,kijibaa fii badooma isaa beekaaniiti namni kumaatamaan lakkaa'amu isaan hordofa. Yaadaa fii adeemsa isaa fudhatee jala deema. Isaanii dajjaaloota xixiqqoo kana jala bu'ee dafkee harka dhayeefii bira dhaabbatu agarta.
Heddumminni namoota karaa badanii sin dagin. Muraasa ta'uun lakkoofsa warra haqaatilleen karaa haqaa shakkuu keetitti sin geeysin. Kana hunda beekumsaan adda baafadhu. Dhimma diin keetii baradhu. Waan hin beekne beektoota gaafadhu. Namni koofiyyaa kaayate cuftillee beekaa miti. Beekaan nama beektoota zaman isaa ragaa bayaniifi. Dhimma diin keenya dhimma aqiidaa teenyaa keessatti of eegannoo socho'uu nu barbaachisa.
Rabbiin ﷻ karaa haqaa beeknee hubannee qabachuun irratti jiraannee irratti du'uu nuhaa waffaqu.
Rabi'al Awwal 8,1448H
11 767
Barsiisaa diinaa islaamaa hadiisa kana dhaga'ee dalagaa isaa keessatti dantaa dhabuu fii of boodatti harkifatuutu jira jedhee hin yaadu.
Dhaga'i Mee akhii baarakallaahu fiika.
" Rasuulli ﷺ "
Rabbi,malaa'ikootaa fii warri samii fii dachii, mixiin goda isii keessattii fii qurxummiin bahara keessattillee nama kheeyrii namoota barsiisu irratti salawaata buusu (Rahmata isaaf kadhatu).»
"jedhan.
الترمذي
11 767
" Halkan qur'aanaan dhaabbatanii salaatuun sharafa nama mu'minaati. izzaa fii ol'aantummaan isaanii immoo waan harka makhluuqaa keessa jiru irraa duroomuu keessa jirti."
Hasan Al-basrii-rahimahullaah
📒 ابن أبي الدنيا في :
| 📒 التهجد - (19)
11 767
Rasuulli ﷺ " Namni dhiiraa tokko gaafa haadha manaa isaa hirriibarraa khaasee isaan lachuu halkan keessa ka'anii salaatan; Dhiiraa fii dubartoota akkaan heddummeeysanii rabbi zakkaran keessatti barreeffamu" jedhan.
📒 مصنف ابن أبي شيبة - (6675)
من استَيقظَ مِن اللَّيلِ وأيقظَ امرأتَهُ فصلَّيا ركعتَينِ جميعًا كُتِبا مِن الذَّاكرينَ اللَّهَ كثيرًا والذَّاكراتِ
الراوي : أبو سعيد الخدري وأبو هريرة | المحدث : الألباني | المصدر : صحيح أبي داود
الصفحة أو الرقم: 1451 | خلاصة حكم المحدث : صحيح
11 767
Namni yaadannoo bara hijraa nabiyyii ﷺ ayyaaneeffatuu fii kabaju:- Sunnaa Rasuulaa ﷺ irraas ta'ee karaa sahaabootaa,taabi'ootaa,imaamman afranii fii darasoota isaaniitirrallee deemaa hin jiru. Isaanittiis fakkaataa hin jiru. Isaan bara haaraa hijraa hin kabajne niis hin ayyaaneeffanee. Namootallee itti hin waamne zamana isaanii keessa haalli akkanaa niis hin beekkamu.
Inumaa namni akkana dalagu
1ffaa namoota muslima hin ta'initti hidhataa jira. Isaantu akka aadaa isaaniitti taateelee argamte,yeroo jijjiiramni garagaraa argamuu fii yeroolee waa argamtu keessa ayyaana taasifata.
2ffaa. Baaxinoottaa shii'aa raafidaadhatti fakkaachuutti jira. Qorataa fii barreessaan seenaa ijipti Maqriiziin " bara haaraya hijraa kabajuun ayyaaneeffachuun ayyaanootaa dowlaan faaximiyyootaa ofiin jettu dowlaan ubeeydiyyootaa raafidoonni fidaniidha" jechuu dubbatee jira.»
Rasuullii ﷺ warra jallinaatti fakkaachuu irraa sodaachisee baqachiisee jira. Hadiisa keessatti " Namni ummata tokkotti fakkaate isaanumarraayi" jechuun Rasuula ﷺ irraa dhufee jira.»
Sheikh Abdulqaadir Al-Juneid-hafizahullaah.
Muharram1,1447H
