en
Feedback
HADIISA📚

HADIISA📚

Open in Telegram

📈 Analytical overview of Telegram channel HADIISA📚

Channel HADIISA📚 (@hadithofficial) is an active participant. Currently, the community unites 11 427 subscribers, ranking 7 943 in the Religion & Spirituality category and 379 in the Finland region.

📊 Audience metrics and dynamics

Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 11 427 subscribers.

According to the latest data from 23 July, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 209 over the last 30 days and by 13 over the last 24 hours, overall reach remains high.

  • Verification status: Not verified
  • Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 11.51%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 4.49% reactions from the total number of subscribers.
  • Post reach: On average, each post receives 1 316 views. Within the first day, a publication typically gains 513 views.
  • Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 11.

📝 Description and content policy

Channel description not provided.

Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 24 July, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Religion & Spirituality category.

11 427
Subscribers
+1324 hours
+647 days
+20930 days
Posts Archive
مختصر حلية طالب العلم.pdf2.95 KB

photo content

photo content

« Dubartiin takka gaafa if tolchuun dhaabbatte hawaasa guutuu tolchiti. Dubartiin madrasaa gaafa ati tolchitee sirreeysite is
« Dubartiin takka gaafa if tolchuun dhaabbatte hawaasa guutuu tolchiti. Dubartiin madrasaa gaafa ati tolchitee sirreeysite isiin immoo hawaasa sirraawaa,tolaa fii qajeelaa oomishuun qopheeysituudha.» الأمُّ مَدْرَسَـةٌ إِذَا أَعْدَدْتَهَـا . . . أَعْدَدْتَ شَعْبًا طَيِّبَ الأَعْـرَاقِ •Dubartiin muslimaa dhiibbaa isiin ilmaan isii irratti qabdu beekhuu qabdi. • Isiin nama dhugaa tahuun ijoollee isii dhugummaa irratti guddisuudha. • Isiin nama amanamaa amaanaa eeggatu ta'uun ilmaan isii amanamummaa fii amaanaa eeggachuu irratti guddisuudha. • Isiin diin isii irratti,gaarummaa,toliinsa, dhugummaa, waan hin taane irraa of qabuu ( Afiifummaa) irratti eeggachuun ijoollee isii wantoota kan hunda irratti isii guddisuudha. • Barnoota diin barachuu,barsiisuu,jaalachuu,guddisuu fii isarratti namoota biraa kakaasuun ilmaan isiitiif barnoota guddaadha. Isaan barsiisuu jabduu fii ijoodha.» كتاب البيت السلفي صـ 487

Darsii FiQh Al-Muyassar 2:55 irraa eegallee bakka itti dhaabne irraa itti fufna inshaa allaah

« Ummata biyya tokkootiif roobe gaafa jedhamu hedduu nama gammachiisa. Addatti haqiiqaa ani hedduun gammada. Namni baaddiyyatti dhalatee guddatee umrii isaatirraa hanga tokkollee ta'u baadiyyaa jiraate gaaf tokko hoongee ( dhabamiinsa roobaa) agare ni'imaan roobaa hangam guddoota akka taate sirriitti hubata. Jabeenyi oowwa aduutii dhabsuun bishaanii akkam akka isaan namaa fii beeyladaa godhan nama beekhuu fii arge qofaatu hubata. Wawallaahi! Akkaan azaabni duniyaarratti hin hafinii namatti fakkaata. Ta'ullee gorsa guddaatu nama muslimaatiif achi keessa jira. Biyya hoongeen akkaaan hamtuun jirtu kan haroo nama tokkoo malee bishaan biraa dhaphiin takka hin jirretti; abbaan haroo sun durseeti seera muraasa baasee " namni seera kana cabsee fii faalleeyse bishaan haroo kanaa ofiifiia ta'ee beeyladaa isaatiif hin fayyadamu. Yoo dhuguu fii obaafachuufiia dhufe irraa ari'ama" jechuun dursee seera laafaa tokko lafa kaaya. Gaafa hoongeen hammaattee sababaa seera cabsuu fii faalleeysuu keetiitiin haroo san irra bishaan barbaaduuf sii fii beeyladaan tee dhuftanii ari'amtan akkami mee?. Yaadadhu! Guyyaa qiyaamaa oowwu aduu kan amma juru caalaa oowwuutu ilmaan namaatti gad siiqxee gubaa takkaa arganii fii dhagayaniu hin beekne isaan gubuut teeysi. Gaafas namoonni sunnaa nabiyyii ﷺ faalleeysaa diin keessatti waan haarayaa dabalaa turan; haroo Rasuulaa ﷺ kan namni yeruma tokko isii dhuge achi booda zalaalam hin dheeboonne san irraa dhuguuf yeroo dhufan ari'amuuf jiraatu. Bakka silaa akkaan dheebuu bahuutti haajamanitti dheebuu dheebuun akka isii takkaa isaan hin mudatinii fii hoongee hoongeen akka isii takkaa ilmaan namaatti hin bu'in san keessa dhaphaa takkaa howdii Rasuulaa ﷺ irraa dhoorkamanii ari'amuuf jiraatu. Sunnaa nabiyyii keetii ﷺ baradhu,isii qarriffaan ciniinii qabadhu. Jallataa fii jallisaa isiirraa gara biraa si dabsuu fii si maqsuu irraa eeggadhu. Wawallaahi! Nagaya bahuu wanti jedhamu hundi sunnaa qabachuu keessa jirti. Bid'aa xiqqoo fii guddoo isiitirraa fagaadhu. Beekii irraa eeggadhu. Haallii namoota bid'aa dalaganii fii heddumminni isaanii sin dagin. Rabbiin ﷻ sunnaa nabiyyii isaatirra ﷺ gad nuhaa dhaabu. Isii barannee qabannee itti hojjechuu,isii tamsaasuu fii isiif tumsuu nuuf haa kennu. Bid'aa irraa nu fageeysee howdii Rasuulaa ﷺ irraa dhugnee guyyaa gaafa jabduu san dheebuu bahuu nuhaa waffaqu. Rabbiin ﷻ nagayaa fii salawaata ergamaa isaatirratti haa buusi.»
Safar 10,1448H

« Guyyooleen duniyaa,torbanootaa fii ji'oonni isii walitti gurmaa'aniiti gamaa gama bahanii gara xumura guyyaa du'a teenyaa n
« Guyyooleen duniyaa,torbanootaa fii ji'oonni isii walitti gurmaa'aniiti gamaa gama bahanii gara xumura guyyaa du'a teenyaa nu oofaa jiran. Beellamni guyyaa du'a teenya taa'eeti nu eegaa jira. Milkaawaan isa osoo kheeyrii hojjetuu towbachaa sunnaarratti osoo jiraatu duuti itti dhufteedha. Khaatimaan bareedduun irra bareedduu fii irra qaalii waan duniyaa tanarraa xumura guyyaa addunyaa ofiitti fudhatanii bahaniidha. Rabbiin ﷻ khaatimaa nuhaa tolchu. Sunnaarratti jiraachuu,sunnaan jiraachuu fii sunnaarratti du'uu nuhaa waffaqu. »
Safar 10,1448H

Darsii FiQh Al-Muyassar itti fufnee qaraana inshaa allaah

Repost from HADIISA📚
مختصر حلية طالب العلم.pdf2.95 KB

💡 فائدة ونظمها لفضيلة الشَّيخ ابن طوق المُرِّي: • تخفيفُ تا قولك يا سَتِيرُ ‏هو الذي قرّره الكثيرُ.. • ‏كابنِ الأثيرِ في النهايةِ اعلمِ ‏وانظُره في نونيَّة ابنِ القَيِّمِ • ‏وابنُ عثيمينَ لشَدِّ التَّا أبى ‏والوَلَّوي في شرحه للمجتبى • ‏وذاك في أسمائه كثيرُ ‏مثلُ سميعٍ وكذا بصيرُ.. • ‏وهْو الذي جاءَ عنِ العُرْب الأُوَلْ ‏فخُذْ به ولا تُبالِ مَن عَذَلْ • ‏ووزنُ فِعِّيلٍ لدى مَن قد طَلَبْ ‏يُعْوِزُه سماعُهُ عنِ العربْ فيَا سَتِيرُ استُرْ بهذا أخْتِمُ نَقْلِيَ والله تعالى أعلَمُ ◄ [الشيخ محمد بن سعيد ابن طوق المري]

Asselaamu Aleykum Ustaazni Dubartootaa kan ulaagaa armaan gadii guuttu karaa bot yookiin bilbilaan isaan dubbisuu dandeessi. Nama naannoo Shaggar kinteerii jiruuf yookiin Jiraachuu danda'uufi. Kafaltiin ji'aa 13K dha. አሰላሙ አሌይኩም ወራህመቱላሂ ወበረካቱህ በአስቸኳይ 1 ሴት ኡስታዛ እንፈልጋለን፦ *አል ኢምራን መድረሳ 1ሴት ኡስታዝን ይፈልጋል። ቀጥሎ የሚጠቀሱትን መስፈርት የምታሟላ 1 ሒፍዝ በኢትቓን የሐፈዘችና ተጅዊድ ላይ ጎበዝ የሆነች። 2 የተጅዊድ ኪታቦችንና ለጀማሪ የሚሆኑ ሪሳላዎችን ማስቀራት የምትችል ተማሪዎችን በደንብ መያዝ የምትችል 3 በአቂዳዋም በመንሐጅም ሱኒየህ የሆነች 4 በእድሜም በሰል ያለች: ተማሪዎችን ተርቢያና አደብ ማስያዝ ላይ ልምድ ያላት። 5 በአካዳሚክ ት/ት ከ12 በላይ የሆነች      እንፈልጋለን። ክሪምት ላይ ከሰኞ - ቅዳሜ ፡ ከ2:15-6:00 እና ከሰዓት ከ8፡00-9፡30 ጁሙዓና እሁድ እርፍት ነው) #የበጋ_ፕሮግራም ደግሞ #የስራ  ግዜ፦ ከሰኞ እስከ ሐሙስ ከሰዓት 10:00-12:30 (የተማሪዎች) #ቅዳሜና እሁድ ከ2:00-6:00 (የተማሪዎች) #ደሞዝ ለተማሪዎች እራሱን የቻለ አለው ተጨማሪ 3ሺ ድጎማም አለ። ከላይ የተዘረዘሩትን መስፈርት የምታሟላ እህት ከታች ባሉት አድራሻዎች ታናግረን +251708046413 @Aalimranmedresa_bot አለም -ገና ኬንቴሪ ሶስና ት/ቤት አካባቢ የሚገኘው ዓል-ኢምራን ኢስላማዊ መድረሳ 

Asselaamu Aleykum Ustaazni Dubartootaa kan ulaagaa armaan gadii guuttu karaa bot yookiin bilbilaan isaan dubbisuu dandeessi. Nama naannoo Shaggar kinteerii jiruuf yookiin Jiraachuu danda'uufi. Kafaltiin ji'aa 13K dha.

يا مُوْجِدَ الأشْيَاءِ مَن ألَقْى إلَى أبْوَابِ غَيرِك فَهُو غٍِرٌ جَاهِلُ ومَن اسْتَرَاحَ بِغَيرِ ذِكْرِكَ أَوْ رَجَا أحَدًا سِوَاكَ فَذَاكَ ظِل زَائِلُ عَمَلٌ أرِيْدَ بِه سِوَاكَ فإنَّهُ عَمَلٌ وإنْ زَعَمَ المُرَائِيْ بَاطِلُ

« Namoota hanga fii sadarkaa aqlii isaaniitiin dubbisuutu hikmaadha.»ღ Al-Rabii'i Ibn Suleiman Al-Muraadiin Rahimahullah akkana jedha " Imaamu Shaafi'iidhaa akkana jedhuun dhagahe " Silaa Muhammad ibn Hasan Al-Sheeybaaniin hanga aqlii isaa kan nu dubbisuu fii nutti dubbatu ta'ee homaa irraa hin hubannu ture. Haa ta'uu malee hanga sammuu fii aqlii teenyaatiin akka hubannaa keenyaa wajjiin wal gitutti nutti dubbata ture.» ‏[الآداب الشرعية لابن مفلح -رحمه الله ٢/١٥٥] •. Da'waan miidiyaalee hawaasaa irratti godhamtuu fii hawaasa muslimaa barattoota ilmii shari'aa hin ta'in irratti haasa'amuu fii isaan duratti tamsaasamu akka isaan hubatanaitii fii waan isaan hubachuu danda'an qofa irraa ta'uu qaba. Qabxiilee xullaaboonni ilmii wal jiddutti kophatti irraa dubbatanii fii kkf midiiyaalee hawaasaa irra oofuu fii hawaasa aammiidhaan dhamaasuun hin barbaachisu.» •. Hawaasa tokko waan sammuun isaanii ba'achuu hin dandeenye itti fiddeetuma isiin fataman malee hin hafan. Diin keessatti namootatti fitinaa ta'uu irraa rabbiin ﷻ nuhaa eegu.»ღ Safar 5,1448H

« Wanti hedduun ofii isitiif hin jiraattu. lagni bishaan isaa hin dhugu,mukni firii isaa ofiif hin nyaatu,aduun ofiif ofii hin baatu,abaaboon ofiifii miti kan urgooytuu fii bareeddu. Wanti dilli lun hundi waan biraa khaddamuuf uumamte. irra hedduun isaa ilmaan namaa khaddamtee ilmaan namaa immoo akka khaayyoo uumamaniif saniif jiraataniifi. Wawallaahi! makhluuqni dilli kun ilmaan namaa khaddamuuf akkasitti of fayyaduu dhiisanii ilmaan namaa tajaajiluuf tolfamanii ilmaan namaa immoo khaayyoo uumameef irraa dagatee lubbuu isaa khaddamuu qofatti goruun eeybii hamtuu ta'uu bira kutee diddummaadha. Rabbiin ﷻ ilmaan nama towhiida isaatiif isaan uume. waan biraa hedduu immoo akka isaan khaddamtuuf isii uume. ilmi nama hedduu garuu seera rabbiin ﷻ lafa isaaf kaa'e kana bira darbeeti lubbuu isaa khaddamuurra gad taa'e. Rabbiin ﷻ garboota akka rabbiin ﷻ isaanii irraa jaalatutti jiraatanii fii waan inni irraa barbaaduuf jiraatan nuhaa taasisu.»ღ Safar 5,1448H

« Qabeenyi qaaliin tokkoon keenyaa qabu kan ol isa kaayyachuun hin taane yoo jiraate guyyoota umrii teenyaa kan dhufaa nurra
« Qabeenyi qaaliin tokkoon keenyaa qabu kan ol isa kaayyachuun hin taane yoo jiraate guyyoota umrii teenyaa kan dhufaa nurra darbaa jiruudha. Sa'atiilee guyyoota keetii kana magaalaa ulfinaa fii bu'aa duniyaa fii aakhiraa ol'aantuu taate keessaa bitattee itti of gurgurtu keessatti baasuu qabda. Yookiin immoo fuuluma kee duratti bittinfamtee badii fii waan duniyaa fii aakhira tee keessatti rakkoo sitti ta'u yookiin gonkumaa si hin fayyadne irra oolchuudha. Mee ganama kanaan siinii bunaa ol fudhatte san achumatti qabii; sa'atiilee 24n dhufaa jirtu maal keessatti fixuu yaadde?. »
Safar 5,1448H

« irra dhihoon karaa ittiin rabbitti ﷻ gahaniin; sunnaa qabachuun keessaa fii gubbaan isii wajjiin dhaabbachuu,rabbitti haajamummaa mul'ifachuu walitti fufiinsa qabdu qabachuu fii jechaa fii gocha ofii hundaan fuula isaa qofa barbaaduudha. Namni rabbitti ﷻ gahe kamuu karaa sadeen kana qabachuuni. Namni kamuu kan rabbi ﷻ irraa cite karaalee sadeen kana irraa cituun yookiin tokkoo karaa sadeen kanaa irra maquudhaani.»ღ
بن القيم || الفوائد صـ 94
Safar 5,1448H

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته Obboleewwan Keenya Kabajamoo Akkam Jirtan Rabbiin Hunda Keessan Bakka Jirtaniitti Nagaya Isin Haa Godhu. Kheeyrii Isin Haa Waffaqu Jechaa, Akkuma Beekamu, Guyyaa Jimaataa, Sanbataa Fii Dilbataa Darsii Kitaaba Fiqh Al-Muyassar Kan Qabnu Ture. Haa Ta'u Malee, Sababa Ustaaza Keenyaaf Mijachuu Dhabuutiin Darsii Guyyaa Muraasaaf Adda Kunnee Turree Inshaa Allaah, Torbee Dhufu Irraa Eegallee Darsii Keenya Itti Fufnee Baranna. Akkasuma, Darsii Kitaaba Biraas Yeroo Dhihootti Jalqbnee Barnoota Keenya Kan Waliin Itti Fufnu Ta'a
Baarakallaahu Fiikum