cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Qaroo Waamaraa

Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa itti hirmaadhaa!

Більше
Рекламні дописи
14 586
Підписники
+6124 години
+3147 днів
+1 54730 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

#Nii_gahamas Haalota dadhabsiisaa Fuula kootti mil'adhee Abdii koos kutadhee Karaa badiis filadhee Yaada koon dhiibamee Utubaa qalbiis dhabee! Yeroon mankaraaretu Wal guuree narraa darbe. ~ Warran boriif abdadhee Ilaalee of biraa dhabee Harkaa sanaan dhiibamee Yaadaanis gad-qabamee ~ Ceephooshee danda'ee Ulfaataa ba'aas baadhee Summiishee dhandhamee Ittiin du'uuf wareegamee! Garuu faallaa warra kanaa Addunyaattan beekame!! ~ Gogduu bulte nyaadhee Garaachaan miidhamee Barii qorraan gubadhee Guyyaa aduun waxalamee Rakkoof gurra laadhee Haqa koof hidhamullee Cinqiishee hurgufadheera Yesuustu simboo natti tuule ~ Hidhaan ittiin qabame Keessaa ka'uu jalqabeera Innan of dura buufadhe Yesuus harka na qabeera Innumtimmoo gargaaree Kunoo Riqaa naaf ta'eera Amma burraaqeen utaala Abdii jireenyaa argadheera Kun ulaagaa warra lafaati Qoodan qaba~ ~ gubbaa waaqa irraatii 🌷💯💯💯💯💯💯💯💯
Показати все...
👍 16 6
Oromoof Oromiyaan qoricha biyyaafi hawaasa kanaati.
Показати все...
16👍 4
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Ifakoo dhaamsitee Yoo na keessu qullaa Qaamaa qalbii hiitee Natti laatte dullaa Maal haa baasuuf Dhama raafta Wanta bu'aan qabne Gu'aa naa raafta An ifakoo qabsiisee Nan ibsa abdiikoo Inni an si mariisise Edaa waa badiikoo Anarraa Fagaachuu Situ jedheef malee Sirrii-n turre beekta Na gatuun kee kalee Gu'aa elmanii raasu Abdii bara egeree Ekeraa boollaa baasu Abdiin maal maqeree
Показати все...
👍 13🥰 1
Eessa jirta?
Показати все...
👍 31😢 7👎 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Biqiltuu xiqqoo fileen Si obaase burqaa carii Kunuunsi duruu Jira Inni kan kee gargarii Olbaatee qoree baafte Utuu hin baasiin firee Natu qabee si dhaabe Isa ormi arame si ciree ATI tulluu natti taate Wanta wantoonni guute Waa seetee achi baate Duutee qalbii na fuute Akka arganitti beeku Gochaafi jecha walii Du'aa du'atti seequ Qalbii qallatte akka calii Abdii qallatte akka calii Haqxi qallatte akka calii Maal kan orma eegdu Kutii jibbaaf soba qalii Jedhee utuun sossobuu Utuu ijikoo coccobuu Onnee koo kichuu sana Gaafa jaalalaan bantu Yooman tilmaame kana Akka turtee nas gantu Ilmaan gogorrii taate Kan sagal bultee facaatu Eelaa sammuun baate Wanta garaa na nyaatu Erga filattee beenukaa Baala kee harcaafatta Erga warqeekee gattee Baala-gee hiyyaafatta Jireenya haqaa gantee Jiraa duutee obbaafatta
Показати все...
👍 32🥰 7🔥 4💯 2🤗 2
Fala walii falla Ofiin ofin faallu Dhaba walii dhalla Ibidda waliin dhallu Karaa cuuroo baate Qaroon mimil'attu Garaakoo na nyaate Isa qooqaan imaltu Eda na hirqifachiisa Maaltu maqaa na dha'e Siifuu na hollachiisa Yaanni morma na ga'e Faloo waliif falla Falaasama cabaa cabsi Dhaba waliif dhalla Utuu duutuu hin du'iin Hubadhumee ya nabsi
Показати все...
👍 22 9😁 1
Utuu waliif qabaannee Wanta gatii guddaa Akka taanu taanee Horannee qalbii furdaa Bannee baduu dinnee Utubaa dhugaaf ijaarra Kaayyoo ofitti cichinee Lubbuu walii baraarra Karaa du'aa gannee Dhugaaf karra banna Dhaba waliif dhallee Xiqqoo galateeffanna Utuu fala faluun jiruu Mala walittu mallekaa Utuu fala faluun jiruu Maqaa walii faallekaa Maaltu faale maqaakee Maqaa jireenya cophu Eentu dhaale golakee Galaa dhangaa cophu?
Показати все...
13👍 10
YAADDEE BEEKTAA? ➛ Jiraachuuf jettee sobda. ➛ Nyaachuuf jettee hatta. ➛ Gammachuuf jettee ejjita. ➛ Boonaa ta'uudhaaf fiigda. ➛ Sooressa ta'uuf dhagaan ati gara hin galchine hin jiru. ➛ Keessan jiraadha jettee mana ijaarratta. ➛ Beekumsan argadha jettee ni baratta. ➛ Mucaan godhadha jettee fuuta; naaf hin taane jettee hiikta. ➛ Miillaan hin deemu jettee konkolaataa bitatta. ➛ Haadha manaa osoo qabduu kan biraa hawwita. ➛ Mucaa tokko yoo qabaatte lammaffaa yaadda. ➛ Dippiloomaa yoo qabaatte digiriidhaaf dhiphatta. ➛ Digirii yoo qabaatte Maastersii yaadda. ➛ Maastersii yoo qabaatte PhD yaadda. ➛ Mana tokko yoo qabaatte lammaffaaf dhiphatta. ➛ Konkolaataa tokko osoo qabduu kan biraa yaadda. ➛ Baadiyyaa yoo jiraatte magaalaa naannoo kee galuu hawwita. ➛ Magaala naannoo kee yoo galtu Finfinnee galuu hawwita. ➛ Finfinnee yoo galte immoo Awurooppaa, Ameerikaa hawwita. ➛ Ameerikaa yoo deemtu immoo pilaaneeti biraa arguuf wargamta. ➛ Aangoo xiqqoo yoo qabaatte guddaatti darbuuf yaadda. ➛ Bulchaa gandaa yoo taate bulchaa aanaa ta'uuf dhiphatta. ➛ Bulchaa aanaa yoo taate bulchaa godinaa ta'uuf dhiphatta. ➛ Bulchaa godinaa yoo taate pireezidaantii ta'uuf yaadda. ➛ Pireezidaantii yoo taate Ministeera muummee ta'uuf yaadda. . . . Obboleessa (Obboleettii koo) ➬ Guyyaa duutu yaaddee beektaa? ➬ Yooman du'a jettee of gaafattee beektaa? Ati nama har'aati waan bor ta'u hin beektu garuu waa'ee boriif garmalee dhiphatta. Kanaaf yeroo hundumaa dhimma borii qofa yaaduu osoo hin taane yoon har'a du'e qoodni koo mootummaa waaqayyoo keessatti maal ta'a? kan jedhu yaadaa deemuutu nurra jiraata.  Yoom akka duunu waan hin beekneef akka itti deemnu beekuu qabna. Macaafni  akkas jedha "Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa! Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!"        (Efesoon 5:15) ➬  Yoom akka gooftaan nutti dhufu hin beekneef yeroo hunda qophaa'oo ta'uu qabna. Akkas jedha macaafni qulqulluun Maatewos 24:42 "Kanaafis gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa! Abbaan manaa halkan keessaa yeroo hattuun itti dhuftu utuu beekee in dammaqa, mana isaas hin qochisiisu ture; kanas immoo yaadadhaa! Kanaaf isinis immoo qophaa'oo ta'aa! Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa" jedhe. ➦ Kanaaf Obboloota koo akka duunu itti yaadnee waan gaarii haa hojjennuun dhaamsa kooti!      ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Yeroo Gaarii
Показати все...
43👍 28🥰 9
Kuftee kaatee hin dhama'iin Na qabuu miti na qaqqabdu
Показати все...
👍 13🥰 4
Addunyaa jaallatamtuu, "osoo addunyaan boru xumuramtee natti tola". Ta'us hin ta'u. Ta'uus hin qabu. Achiis baabura itti aanutti fudhannee, balbala keenya jireenyatti Galla. “Miilanaa, na wajjin koottu. Nuti shakkii ykn sodaa ykn of qabuu malee wal jaallachuuf jirra. Sababni isaas addunyaan boru xumuramti yoo ta'e jibbaan jiraachuu hin dandeenyu. Tarii yeroo qabna jennee waan yaadneef sababa malee hin jaallannu ta’a, ykn yeroo wajjin herrega gochuu qabna ta’a. Garuu yoo yeroo dhabne hoo? Moo yeroon akkuma beeknu barbaachisaa yoo ta’e hoo? Ahaa, osoo addunyaan boru xumuramtee. Baayyee wal gargaaruu dandeenya turee? Utuu yeroon jiruu wal jaalannee, wal haa gargaarru. Yeroon kamuu amma.
Показати все...
👍 17 8🥰 2👏 2