cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Qaroo Waamaraa

Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa itti hirmaadhaa!

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
14 135
المشتركون
+6324 ساعات
+3097 أيام
+1 62630 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

#DAAWIT_NAMA_AKKA_GARAA_KOO... =================== Iccitiin Waaqayyo Daawitiin, "Nama akka garaa koo!" jedhee waame maal ture? Saa'oliin mootummaa irraa buusee immoo, Waaqayyo, Daawitiin isaaniif moosise. Waa'ee isaatiifis, 'Ani, Daawitiin ilma Iseyi nama akka garaa koo argadheera, inni jaalala koo hundumaa in raawwata' jedhee dhugaa ba'e. (HoE 13:22) Namoonni baay'een iccitiin Daawit nama akka garaa Waaqayyoo ta'uu isaatii, "Yeroo cubbuuwwan keessatti kufu daddafee laphee cabsatee yaada garaa geeddarachuu isaa ti" jedhu. Garuu dhugaa jiru gad itti qabnee yoo illaalle iccitichi sana miti; namootni biroon Macaafa Qulqulluu keessatti arginu amala akkasii qaban waan jiraniif sun Daawitiin adda gochuu hin danda'u. Daawitiin akkas kan jechisiise fulcha (hint) kan nuuf kennu Far 132:1-9 yoo dubbifne xiyyeeffannoo fi waadaa Daawitiin hirriba dhorke waa’ee Sanduuqa Kakuuf iddoo buufataa tolchuun naannoo argama Waaqayyoo keessa jiraachuuf kaayyessuu isaa arganna. Daawit dhimma Waaqayyo irratti xiyyeeffatu irratti xiyyeeffate. Ani matumaa godoo isa ani keessa jiraadhutti hin galu, siree ani irra ciisuttis ol hin ba’u; ani hirriba ija kootti hin fidu, mugaatiifis baallee ija koo wal irra hin buusu. Hamma ani Waaqayyoof iddoo, aango-qabeessa Isa kan Yaaqobiif buufata argutti hin boqodhu” jedhe. Efraataatti waa’ee sanduuqa kakuu dhageenye, bakkee Yaa’arittis isa argine; kottaa gara iddoo buufata isaa in dhaqnaa, ejjeta miilla isaa jalattis isaaf in sagannaa! Yaa Waaqayyo, ati gara iddoo boqonnaa keetti ka’i! Sanduuqi kakuu inni aangoo kee mul’isus sii wajjin haa dhaqu! (Far 132:3-8) Bara Kakuu Moofaatti addunyaa keessaa biyyi Waaqayyo irratti xiyyeeffatee wajjin hojjetaa ture Israa'el, magaalaa Yerusaalem, iddoo buufata manni qulqullummaa itti argamu bakka Sanduuqni Kakuu taa'u ture. Sanduuqni Kakuu Waaqayyoof baay'ee barbaachisaa waan ta'eef akkamitti akka hojjetamuu qabu Waaqayyo qajeelfama addaa Museef kennuun (Bau 25:10-22) eeggannoodhaan akka hojjetamu godhe. Sanduuqni Kakuu namummaa fi hojii Gooftaa keenya Yesus Kristos agarsiisa. Sanduuqni Kakuu sun laaftoo irraa hojjetamuun isaa namummaa Yesus fi warqeen uffifamuun isaa waaqummaa Yesus agarsiisa. Gara wanta Daawit waadaa galetti yommuu deebinu, bara Daawit keessa waggoota digdamaa oliif Sanduuqni Kakuu bakka gaarota baay'ee dirree bosonaa Kiriiyat-Ya’arim jedhamu ture. Bara sana keessa namni tokkollee Sanduuqa Kakuu sana gara iddoo/buufata isaaf maluutti fiduuf kan dubbate hin turre; Saa'olis bara mootii ture dubbii kana achii hin kaafne. Gooftichi gaara Xiyoon waan fo'ateef Daawit Sanduuqicha Kakuu gara Xiyoonitti fiduudhaaf fedhii guddaa godhate. Waaqayyo ofii isaa Xiyooniin, 'Kun bara hundumaaf iddoo boqonnaa koo ti; kanas waanan fedheef, ani addana nan buufadha' jedheera. (Far 132:14) Waaqayyo maaliif gaara Xiyoon fo'ate? Sababni isaa gaarri Xiyoon ayyaana Waaqayyoo bakka bu'a. Faallaa kanaa gaarri Siinaa immoo seera Waaqayyoo bakka bu'a. Ayyaanni Waaqayyoo si'a hundumaa murtii/firdii Waaqayyoo caalee argama. Sanduuqni Kakuu qadaadamee teessoon araaraa irra kaa'amuun dhugaa kana ibsa; namni kam illee Sanduuqicha Kakuu keessa yoo ilaale ho'a malee du'a. Kanaaf Waaqayyo iyyuu teessoo araaraa Sanduuqa Kakuu sana golbobe ilaala. Seerri gaara Siinaa irratti kenname ni ajjeessa; Hafuurri Gooftichaa inni tulluu Xiyoon yookiin Yerusaalemitti dhangala'e immoo ni jiraachisa. Egaa Daawit hamma gaafa Sanduuqa Kakuu deebisee fiduutti of-irraa-bu'aa hin turre. Akkuma Sanduuqa Kakuu fidee Yerusaalem iddoo buufata qopheesseefitti galcheen hamma jedhamuun olitti Waaqayyo duratti sirba hafuuraa sirbe. Akkuma Yerusaalem magaalaa guddaa biyyattii taate, Sanduuqni Kakuu immoo giddu galeessa Waaqeffannaa fi bakka argama Waaqayyoo ture. Dhimmi ijoon Waaqayyo Daawitiin, "Nama akka garaa kootii" jedheen isa inni Sanduuqa Kakuu gara wiirtuutti fidee dha. Akkuma bara Kakuu Moofaatti Sanduuqni Kakuu guutummaa argama Waaqayyoo qabatee ture, bara Kakuu Haaraatti immoo Yesus Kristos guutummaatti fayyina ilmaan namootaa of keessatti qabatee mul'ate.
إظهار الكل...
Bara kanatti Sanduuqni Kakuu yookiin taabotni tokkichi ulfina irraa hin darbine qabatee as ba'e Yesus Kristos dha. Akkuma bara Daawit har'as Taabotni dhugaan yookiin Wangeelli Mootummaa Waaqayyoo kun sababoota adda addaan gara moggaatti baafamuudhaan sirnootni amantaawaan iddoo buufataa wiirtuu qabatanii argamu. Kan ganamaa hamma galgalaatti, halkan guutuus lallabamuu qabu Yesusiin ta'ee utuu jiruu, garuu waldoonni baay'een dhimmoota waa’ee hin baafneef iddoo bal'aa kennuu irraa kan ka'e yeroo itti waa'ee Yesus lallaban waan hin qabneef dhuma sagantaa irratti akka yaadachiisaatti utuu dubbatanii dhaga'uun daran nama gaddisiisa. Haalotni bara keenya kana waldaa keessatti calaqqisan hedduun Yesus Kristos Isa ayyaanaa fi dhugaan guuteen, "Nurraa deemi!" jedhanii waldaa Isaa keessaa waan Isa ari'ataa jiran fakkaata. Yesusiin gara waldaa Isaatti deebifnee fiduu qabna. Kana jechuun barsiisa amantaa irraa gara barsiisa amantiitti, lallaba waa'ee-hin-baafne irraa gara lallaba Wangeela Mootummaa Waaqayyootti, seeratti cichoomuu irraa gara ayyaanaatti, waltajjii gaara Siinaa irraa gara gaara Xiyoonitti gumaa'uun dhugaa bara baraatti walii galuu dha. Barsiisa, lallabaa fi qo'annaa Yesusiin giddu galeeffate waldoota Kristiyaanaa keessatti bu'uureessuun dhimma Waaqayyo xiyyeeffate irratti xiyyaaffachuu dha. Giddu galeessi barsiisa waldaa Kristiyaanaa Yesus Kristos Isa fayyina keenya hojjetee fiixaan baase ta'uu qaba. Faallaa kanaa har'a lallabdoonni baay'een Gooftaa jireenyaa Yesusiin barsiisuu fi lallabuu gara moggaatti darbatanii, tooftaa jireenyaa barsiisuuf fakkeenyota adda addaa kennanii amantoota kakaasaa fi bashannansiisaa ooluu sana, waan ergaa addaatiin as ba'anii laphee amantootaa argatanitti of lakkaa'u. Garuu dhugaan jiru amantootni jireenya mo'ichaa kan gonfatan jalqaba yoo hojii fannoo Yesusiin xumurame irratti of bu'uureessan akka ta'e beekuun dansaa dha. Sanduuqni Kakuu yookiin Yesus Kristos gara wiirtuu waldaa kristiyaanaatti yommuu dhufu mata duree keenya "Hojjedhu!" jedhu sana gara "Hojjetameera" jedhutti jijjiira. Yesus Inni ayyaanaa fi dhugaan guute wiirtuu waldaa kristiyaanaatti haa dhufu maaloo! Bara Kakuu Haaraa kanatti biyya lafaa keessaa iddoon buufata addaa iji Waaqayyoo irra jiruu fi guutummaatti argamuun Isaa keessatti ta'u, dhaqna Kristos kan taate waldaa Kristiyaanaa (amantoota) qofa dha. Dhimmi Waldaa Kristiyaanaa dhimma Waaqayyoo ti. Ayyaanni/Wangeelli/Yesus immoo giddu galeessa waldaa Kristiyaanaa ti. Dhaqni Kristos Baabilon keessaa yaa'ee gara biyya isaatti galuu qaba. Sanduuqni Kakuu Haaraa bosonicha keessaa gara waldaa isaatti ol seenu malee amantootni dhugaan hin boqotan. Dhagichi inni Alaazarii fi Yesus gidduu ture sun erga galagalfameen booda Yesus Alaazaritti dubbatee akka inni boolla du’aa keessaa ba’u ajaje. Hojiin lallabaa fi barsiisaa Kakuu Haaraa dhagicha amantoota irra gangalchuu utuu hin taane, dhagicha amantoota irraa gangalchuu dha. Har’as Alaazaroonni awwaala keessaa yaa’uuf dhagichi galagalfamuu qaba. Yoos kallattiidhaan amantootaa fi Yesus walitti ba’uu danda’u. Kristos Yesus giddu galeessa amantootaa waan ta’eef yommuu Yesusiin gara wiirtuu Waldaa Kristiyaanaatti fidnu akkuma Daawit nama akka garaa Waaqayyoo taana. ✍️ Mark Yadeta
إظهار الكل...
👍 2 1
1657 AKKA AKEEKA WAAQAYYOOTTI ====================== Waaqayyo wanti hundinuu akka akeeka Isaatii fi akka fedha Isaatiitti akka ta’u in godha; nus immoo akka inni yaadee qopheessee of duraa qabutti, karaa Kristos fo’amneerra. (Ef 1:11) Kana irraa kan hubannu:- *Eenyummaa fi kaayyoo jireenya keenyaa hariiroo Yesus Kristos wajjin qabnu keessaan arganna. *Utuu nuyi waa’ee Isaa hin yaadin waggoota hedduu dura Waaqayyo waa’ee keenya yaadee ture. Bakka nuyi hin jirretti Waaqayyo waa’ee keenya karoorse. Kaayyoo jireenya keenyaa tasuma filachuu hin dandeenyu; isa Waaqayyoon nuuf filame jiraachuu qabna malee. *Kaayyoon jireenya keenyaa kaayyoo bara baraa isa Waaqayyo waa’ee keenyaaf qopheesse wajjin wal sima. Dhaalli maatiin Waaqayyoo argannu wantootni inni of keessatti qabatu:- *Bara baraan Waaqayyoo wajjin jiraachuu *Guutummaa guutuutti gara Kristosiin fakkaachuutti geeddaramuu *Gidiraa, du’aa fi dhiphina hundumaa irraa bilisa ba’uu *Badhaafamuun sadarkaa tajaajilaa argachuu *Ulfina Kristosittii hirmaachuu fi kkf dha.
إظهار الكل...
28👍 3🤔 2
JALDEESSAA fi HANTUUTA Dur-dur Jaldeessii fi Hantuutni ooyiruu tokkorra midhaan waliin facaafatan. Midhaan isaaniis gaafa qaqqabu waan hedduu wal amananiif iddoo tokkotti galfachuuf irratti walii galan. Kuusaa midhaanichaaf kan ta'us gaanii guddaa tokko qopheessuun itti kuufachuun yeroo gannaa nyaachuuf murteessan. Kana booda afaan gaanii sanaa cufuun olkaawwatan. Hantuutni garuu jala garagaluun gaanii sana karaa jalaa uruun osoodhuma dhoksaa dhoksaan nyaattuu hunda isaa fixxi. Gaafa ganni qaqqabu amma roobni hammaateera midhaan kuufatne sana haa qooddannu jedhaan Jaldeessichi. Hantuutnis rakkoo maalii qabaree haa qooddannuu jettiin. Kana booda qooddachuuf gaanii sana irraa qadaada banu. Gaafa banan homtuu hin jiru. Midhaan keenya attam ta'e jechuun walitti iyyuun dhufe. Wal shakkuun wal kaksiisuu eegalu, lachuu inuma kakatu. Kana booda Hantuutni bifa aariitiin qulqulluun qulqullummaa isaatiin haa oolu;dhugaan haa baatu; mana sana ofitti cufnee ibidda itti haa qabsiifnu jettiin. Jaldeessi abshaalummaa ishee waan hin hubanneef tole jedheen. Kana booda mana ona wayii keessatti balbala ofitti cufanii ibidda itti qabsiisan. Gaafa manichi boba'uu eegalu hantuutni dursitee waan manicha keessatti boolla tolfatteef boolla lixxe. Jaldeessi gara itti goru waan hin qabneef calliseetuma taa'e. Gidduudhumaan roobni guddaan tokko roobuu eegale. Ibiddichi manicha irraa ni dhaame;jaldeessi ni oole. Lolaan immoo boolla hantuutaatti galuudhaan hantuutittii ajjeese. Akkasitti qulqulluun qulqullummaa isaatiin oolee dhugaanis baate jedhama. Qulqulluu yoo taate qulqulluummaan kee si oolcha, dhugaanis in mul'ata.
إظهار الكل...
👍 24🥰 5 2🔥 1
Qophii Asham-qaroo Shamarree Qaro-Dhabeettii. Intala qaro-dhabeettii sababa jaamummaa isheetiif of jibbitee tokkotu turte. Jaalallee ishee kan baay'ee jaalattu malee nama hunda jibbitee turte. Hiriyaa jaalalaa ishee kanaan akkas jette "yoon addunyaa kana arguu danda'e qofa sittin heeruma" jetti ture. Guyyaa tokko namni ta'e tokko agartuu kenneefi. Aduunyaa kana jaalallee ishee dabalatee arguu dandeesse. Hiriyaan ishee akkas jedhee gaafate "kunoo addunyaa arguu dandeessee jirta, amma hoo natti heerumuu dandeessaa?" jedheen. Intalli gaafa jaalallee ishee kana ilaaltu qaro-dhabeessa (jaamaa) tahuu isaa argite. Qaroon ishee banamee arguun naasuu cimaa isheetti fide. Waan takkaa isheen hin eegne waan ta'eefis hedduu rifatte. Jireenya ishee fuula duraa nama jaamaa waliin jiraachuu yoo yaaddu dukkana itti fakkaate, lakki jettees diduu filatte. Jaalalleen ishee kunis imimmaaniin ishee geggeesse. Baay'ee rifate. Waan jedhu dhabe. Ija ofiin of arguu dhabe. Ija isaatu of tuffate. Dhaamsa akkas jedhus barreesseef "Agartuuwwan koo kanaaf sirritti of eeggadhu!, kunuunsi!. Isaan otoo kan kee hin ta'iin dura kan kiyya turan" jedheen. Lakkaa ija sana kan kenneef isadha jechuudha! Ihim! Oolmaa oolameef dagattee Hiriyaa ishee dukkanaaf qofaatti dhiisuu filatte. Kunigaa akkaataa sammuun keenya gaafa haalli keenya jijjiiramu ittiin yaaduu dha. Gaafa haalli keenya ulfaataan darbu maal keessa akka turree fi eenyu haala sana keessatti akka nu waliin ture kan yaadatu nama muraasa. Galatoomaa! akka irraa barattan abdiin qaba.
إظهار الكل...
👍 32 5🔥 4
Be careful who you help and who love you 💟!
إظهار الكل...
👍 17 4
Biyya kanatti mataa caala; garaatu kabajama. Biyya Itoophiyaa keessatti nama caalaa garaatu iddoo qaba. Hamma garaan kabajamu osoo ilmi namaa kabajamee; beekaan gatii hin dhabu. Ulfinni garaa hamma garaan jirutti. Ulfinni namaa ammoo hamma hojiif namni jirutti. Garaan kabajiin! Ilma namaaf yaada ilma namaa kabaji malee. Itoophiyaan garaa garaa ga'uuf ilmaan namaa gaaga'aa jirti. Namni garaa garaa ga'u hin jiru; abbaa garaa malee. Kanaaf biyyi kun garaa kabajuurra osoo mataa kabajjee gaariidha. Furmaanni garaa keessaa miti, mataa keessaa burqa. Wanti garaa keessaa ba'u waanuma garaan baatu xuriidha. Biyya garaa kabajjuuf safuu, kabaja garaaf kan lubbuu baaftu. Channel keenyaaf fira ta'aa! #Share #Join godhadhaa! Linkiin channel keenyaa...!
إظهار الكل...
👍 25 8👏 1
Jaallattootaaf jaalatamtoota channel keenyaa qophii addaa tokko isiniif qabannee dhufaa jirra. Qophicha #share gochuufi hiriyyoota keessaniif hiraa akka nu waliin turtan abdii guutuu isin irraa qabna. Qophiileen keenya Ammaaf👇 Qophii Torban jechootaa Qophii Ashamqaroo Qophii Qaroo Haqaa Asumaan Qophii Torban jechootaa keenyaa har'aan warreen armaan gadii irraa akka barattan shakkii hin qabnu. Qophicha hordofuun kan sinii dhiheessse #Yoowobsan_Abbabee ti. Torban jechootaa yeroo hundumaa yeroo yerootti haala kanaan kan sin bira ga'u ta'uu asumaan waadaa siniif galla! Hanga qophichaatti nagaan nuuf turaa! Yeroo yerootti jechoota akka misaa'elaa arganne qindeeffannee kan isin biraan geenyu ta'a! Channel keenya hiriyyoota keessaniin ga'a! 1, Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf mirga guutuu qaba. 2,Dhalli namaa guyyaata hedduu bira dhaabachuu kee nii dagatu, garuu guyyaa tokkittii irraa hafuukeef si komatu. 3, Hamma rakkinni dhuftee si rakkiftutti ati rakkinaaf hin rakkatiin. 4, Saree kaattee dhuftee sitti duttu hundatti imala dhaabdee dhagaa itti hin darbatiin, Lafa imalaa jirtu hanqatta. 5, Gaaffii hundumaaf dhaabattee deebii hin kenniin gaaffiin imala kee gufachiisuuf dhufu baay'eedha. 6, Yoo ati ofiikee of kenniteef malee namni kamiyyuu ofiin ka'ee abdiif haamilee kee cabsuu hin danda'u. 7, Namoota abdii si kutachiisuu barbaadaniif harkas fuulas hin kenniin mul'ata keetti cimaa jecha isaanii tuffadhu. Waan guddaa akka irraa barattan shakkiin qabnu! Qophii Torban jechootaa Channel #Qaroo_waamaraa #join godhadhaa! https://t.me/ForAllthingsEye
إظهار الكل...
Qaroo Waamaraa

Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa itti hirmaadhaa!

👍 27 6🥰 5🎃 1
Qophii Qaroo Haqaa "Obsi.....!" Obboleessako! Obboleettiiko! Waa siin jedhuu? Obsi. Eyyee obsi dhugaan siin jedha. Obsi!. Har'aaf yoo akkas ta'e iyyuu hin darba. Hin hafa. Gaddikee, boo'ichikee, hiyyumnikee hafuuf Jira. Kanaaf Obsi. Guyyaa tokko dhiphana har'a keessa jirtu dagachuuf jirta. Gaafa sana waan har'aa kana akka seenaatti dubbatta. Ulfaachuu danda'a. Isa durii caala sitti cimuu danda'a. Jecha Hiriyaa keen miidhamuu dandeessa. Gocha Hiriyaa keen miidhamuu dandeessa. Hojiin namaa si madeessuu danda'a. Arrabni namaa si eelchuu danda'a. Garuu ATI obsaan dabsrsi-Obsi. 𝐀𝐝𝐝𝐮𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐧𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐮! 𝐇𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢 𝗐𝖺𝖺𝗊𝖺 𝗆𝖺𝗅𝖾𝖾 𝐡𝐢𝐫𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 sirrii 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐮! 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐧, 𝐛𝐢𝐟𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐮! 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐪𝐚𝐫𝐬𝐡𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐮 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐦𝐢𝐭𝐢! 𝐍𝐚𝐦𝐧𝐢 ati 𝐛𝐚𝐚𝐲'𝐞𝐞 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐭𝐭𝐮 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚 𝐜𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐬𝐢 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚! Kanaaf obboleeko Obsi. Beela'us dheebochuus dandeessa-Obsi. Ammas Obsi. Nama baay'ee jaalattu irraa mufannaa akka fudhattu dursii of amansiisi. https://t.me/ForAllthingsEye
إظهار الكل...
11👏 1