Barruulee
Open in Telegram
𝐀𝐬𝐨𝐨𝐬𝐚𝐦𝐚 𝐠𝐚𝐠𝐠𝐚𝐛𝐚𝐚𝐛𝐨𝐨, 𝐰𝐚𝐥𝐚𝐥𝐨𝐨, 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚, 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐮𝐮𝐥𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐛𝐚𝐬𝐡𝐚𝐧𝐧𝐚𝐧𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐧 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐧𝐢𝐢 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐮! Inbox @burruusa
Show more854
Subscribers
No data24 hours
-27 days
+1230 days
Posts Archive
854
Gaaffii daa'ima xiqqoo tokkoo ture:
"Gaafa ciisnu maaltu nu raffisaa?" Battala liphsuu-ijaa hin beekne gidduutti of beekuu irraa gara of wallaaluutti seenna. Eenyullee, "Kunoo ani rafeera" jedhee rafuu hin danda'u. Akka rafuuf deemnu beekna malee battala itti hirribni nu fudhatee sokku hin beeknu!"
854
Dhibaa'ummaa akka sirraa balleessuuf waaqa kadhachuun mataan isaa mallattoo dhibaa'ummaati. Dhibaa'ummaa abbaatu injifata!🤷♂️
854
Nama dubbannaa isaatiin caalaa gochaa isaatiin jaalala siif qabu siif mirkaneessuuf carraaqu filachuun hubannaadha!🌼
854
Dagachiistuu dhibee har'aa Abdachiistuu eebba borii Sin jaalladha abdii koo Na keessatti kuma hori!
Abdii 👌854
⚠️ Hubachiisa!
Lafan si beellametti Yeroon si beellametti Yeroodhaan mul'adhu! Kanan si argadhe Utuun ishee eeguu Ta'uusaa yaadadhu!🤷♂️
854
Onnee kee keessa na kaawwadhu Siin hin jedhu; qabamaadha Sammuu kee keessa na kaawwadhu Anoo beeka; inni duwwaadha! .
854
Yeroo tokko keessummonni ciccimoon mana Sooqiraaxes dhufnaan haati warraa isaa waan dhiyeessituuf gaarii dhabdee sodaattee Sooqiraaxesiin fala gaafatte. Yeroo kana Sooqiraaxes, " Yoo dhuguma michuu keenya ta'an wanti isaan nyaatan isaan hin dhibu. Yoo michuu keenya hin taanemmoo, wanti isaan dubbatan nu hin dhibu" jedheen jedhani.
@barruulee
854
Oduu gammachiisaa addunyaa kanaa!
Waaqayyo si jaallata! Yaada gaariis jireenya keetiif qaba!🙏
854
"Si'ool abidda jira" jedhu
Seexana achii sodaatu
Gaaffii sodaa isaanitiif
Sababa lameen laatu!
Ana, garuu osoo na gaafatanii
Deebii biraan laadha
Waan namni achitti baayyatuufan
Si'ooliin sodaadha!
@barruulee
854
Durba miidhagduu tokkotu gara falaasfaa tokkoo deemtee namichaan, " Sin jaalladha" jetteeni jedhan. Yeroo sana falaasfichi, " Utuu dargaggeessi ana caalaa miidhagaan kun dudduuba kee dhaabatuu maalif ana jaallatta?" jedheen jedhan. Isheenis gara duuba ishee yeroo garagaggaltee ilaaltu homtuu hin turre.
Yeroo kana falaasfichi, " Utuu na jaallattee duuba kee hin ilaaltu turte" jedheeniin jedhama.
Good night, family 🙋♂️854
Gowwoonni yeroo mara jiraachuuf qophaa'u! Senekaa Jecha Senekaa kana hedduun jaalladha! "Gowwoonni yeroo mara jiraachuuf qophaa'u malee jiraachuu hin eegalan" jechuu isaati. Jireenya isaanii keessa karooraa fi qophii malee jalqabbiin hin jiru. Karoorsuun qofti ga'aa miti; hojiitti hiikuu eegaluus qabda!
Good morning, family 🌤854
Wanti Phaawuloos waa'ee Pheexiroosiin nutti hime, waa'ee Pheexiroosiin caalaa waa'ee Phaawuloosiin nutti hime! SpiinoozaaGabaasni ati amala namootaarratti laattu amala namoota sanaa caalaa amala kee saaxila. Ati waa'ee namaa dubbatta, garuu waa'ee namaa dubbachuun kee iyyuu waa'ee kee dubbata. Jechootaa fi miirri ati yeroo dhimma namootaa dubbattu filattu eenyummaa isa kan keetii saaxila!
854
.
Addunyaa bal'oo namni dhimma kee sirnaan hin qabne kana keessatti yoo namni tokko addunyaa isaa yoo si taasifate, atimmoo garaa maaliitiin isaan irratti 'cheat' gootaa?
.
854
Barannoo har'aa
Tarii gammachuu guutuu wanti jedhamu dachee kanarra hin jiru. Gammachuuma qabdutti gammadi!@barruulee
