ru
Feedback
Barruulee

Barruulee

Открыть в Telegram

𝐀𝐬𝐨𝐨𝐬𝐚𝐦𝐚 𝐠𝐚𝐠𝐠𝐚𝐛𝐚𝐚𝐛𝐨𝐨, 𝐰𝐚𝐥𝐚𝐥𝐨𝐨, 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚, 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐮𝐮𝐥𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐛𝐚𝐬𝐡𝐚𝐧𝐧𝐚𝐧𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐧 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐧𝐢𝐢 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐮! Inbox @burruusa

Больше
821
Подписчики
+224 часа
+47 дней
+430 день
Архив постов
Akka dhalli namaa eenyummaa isaa dhugaa dhoksee namoota kan biroo faana jiraatu namni sirnaan hin beekne, " Nama akka keetii argee hin beeku" jechuuf ariifata. Eenyummaa namaa inni dhugaan hariiroo cimaa yoo ta'e ji'oota sadii booda dhimmisuu eegala. Namoonni eenyummaa isaanii waggootaaf dhoksuu danda'anis jiru. Maaltu beeka kan bara jireenya isaanii guutuu fakkaatanii qofa jiraatanis hin dhiban. Ati akka nama hubataa tokkootti kan ati gochuu qabdu, Namni adda ta'e akka hin jirre hubachuudhaan warra wal fafakaatan kana keessaa kan siif wayyu filachuudhaaf qophaa'uudha! 📚

Yeroo tokko tokko ibsa barreessite hunda balleessitee, " Tole" qofa jettee deebisuu qabda!

Amala koo kana naaf dandeessaa?
Hin dubbatin naan jedhi Nan callisa Hin barreessin naan hin jedhin Na rakkisa!

" Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga'u in fedha. "

Utuu dhugaa dubbannee...
Baayyee keenyaaf jireenyi kun akka nuti itti dur ishee yaadaa turre miti. Ammas fakkiin jireenyaa sammuu keenya keessa jiru kun isa dhugaa akka ta'e beekuu hin dandeenyu. Tarii dulluma keenya keessa ilaalcha keenya ammaa kanatti saalfachuu dandeenya ta'a! Jireenya kana tarii utuu sirnaan hin hubatinis darbuu dandeenya! Kanas ta'u sana, hubannaa argachaa adeemtutti gammadi!

Yaadannoo #143
Jaalalli dhugaan yoo si bira jiraate jalqaba ofii kee ittiin jaallachuuf fayyadami!

Wallaalummaan dhukkuba Qoricha barbaachisaa Waan baqachuu qabdu faana si kaachisa

Yeroo tokko kitaaba baayyee iftoomina qabdu tokkorraa kanan dubbise.
Namni hundi ofittoodha kanaafuu yeroo akka isaan si gargaaran barbaaddu, si gargaaruu isaaniitiin maal akka isaan fayyadamanis itti dabali itti himi!

Boqonnaan milkaa'inarraa dhufa
Qalbii kee kaayyoo qabatte sana hanga milkeessitutti gowwoomsitee gammachiisuu hin dandeessu. Nagaa argachuuf kaayyoo keetti cichuun dirqama! .

. Halkan abjuudhumaan akkan si hin agarreefillee jaalalli kee hirriba na hin qabsiisu! .

Si baruun barbaada hin jedhu. Si beeka; kana caalaan si beeku fedha. Si arguun fedha hin jedhu. Si argeera; kana caalaan si arguu fedha. Si dhaga'u fedha hin jedhu. Si dhaga'eera; kana caalaa si dhaga'u fedha. Si amanuun fedha hin jedhu. Si amaneera; kana caalaan si amanuu fedha! 🙏

Caaltuu kalaqa hundumaa Furtuu muuziqaa onnee Nuuf jiraadhu "barreeffamaa" Baguma si qabaanne! 📚❤
Barreeffama

Gaafa duuti dhufu jiraadhuu isa eegi! Mammaaksa Afiriikaanotaa!

Murtoon bor irratti dhiibbaa hin qabne hin jiru. Hubannoo, miirefannaanii fi filannoon keenya marti humna guyyaa borii geeddaruu qabu. Kanaafuu murtoon borii kee bocuu hin dandeenye hin jiru. Murtoon callistee taa'uuyyuu borii kee nii boca !

Akka Bud'haan barsiisutti,
" Fedhiin keenya madda dararamuu keenyaati. Namni fedhii isaa xiqqeessu, gammachuu isaa guddisa. Sababnisaa milkaa'inni waan fedhan argachuu yoo ta'u, gammachuun immoo waanuma argatan barbaaduu jechuudha!"

. Gammaduu gammadi, garuu qofaa kee gammaddee jiraachuun si hin gaddisiisuu?! .

Goolabni jalqaba waan duubaati Jalqabnis goolaba waan duraati! 🚶‍♂️

Si gammachiisuu jalqabde taanaan 'block' godhi! 🤷‍♂️

Maal naan jedhuun tokko tokko gaafa daangaa isaa ce’u, Yoo nu miidhe maleessaa waan nu gargaaru hin se’u! Sababni isaa; Hanga hamminaaf hin taane wanti nuni namaaf goonu, Nu hubachuu dhabuu namaa utuma maal goone hin moonu! @barruulee

Baayyina namoota gaariitti nama tokko dabaluu dandeessa! (Innis ofuma keeti) Marcus Aerulius