en
Feedback
Pharmacist Rayid Jibril

Pharmacist Rayid Jibril

Open in Telegram

💪This channel created for wellness and awareness of medical and health information issues. For anyone who want advertising can Buy ads: https://telega.io/c/PharmacistRayid

Show more
4 293
Subscribers
No data24 hours
-57 days
-4130 days
Posts Archive
INDOMETHACIN 25MG_50MG .PDF0.62 KB

Maqaa qorichootaa fi dhukkuboota waa'ee isaanii hubannoo argachuu barbaadannii nuuf erguu hin dagatinaa. Galatooomaa🙏🙏🙏 @pharmacistrayid

Ethambutol 100mg.PDF0.54 KB

* Dhukkubbii qomaa fi hafuurrii nama hanqachuu. * Funyaanniin dhiiguu ykn hidhiin dhiiguu. * Fincaan dhabuu ykn xiqquma finca'uu. * Dhukkubbii cabsannaalee qaamaa. * Nyaanni namarraa dalaguu dhabuu. * Rakkoo tiruutiin dhukkubbii garaachaa,fincaan gurraacha'uu,halluun gogaa ykn ijaa gara keelloottii jijjiiramuu fi kkf mul'achuudha. ↪️ Kanaafuu yeroo mallattoolee armaan olii kana ofirrati arginee qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmacistrayid

3️⃣.Qoricha Ethambutol yaalaaf fayyadamuun durati maali beekuu qabna ? ✔️Namoonni alarjii qoricha Ethambutol fi rakkoo fayyaa ijaa qabu qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabanii. ✔️Akkasumas namoonni rakkoo fayyaa biroo kanneen akka dhukkuba kalee,dhibee tiruu,kulkula rakkoo ijaa,rakkoo ijaa sababa dhibee sukkaaraan dhufu,dhibee cabsannaalee qaamaa fi kkf qabu ogeessa fayyaa beeksisuu malee qoricha ethambutol yaalaaf jalqabuu hin qabanii. ✔️Qorichi Ethambutol rakkoo ijaan arguu cimaaf sababa ta'uu kan danda'u waan ta'eef yeroo yaalaaf fudhachaa jirru yoo ija keenya tokkorrati ykn lamaan irrati rakkoolee kanneen akka ........... * Ijji waararra'uun sirritti arguu dadhabuu. * Ijji takka turtii sa'atii 4 ykn sanii oliif arguu dadhabuu. * Ijji halluu addaan baasee arguu dadhabuu. * ijji keenya yeroo socho'uu nama dhukkubbuu fi kkf yoo nurrati mul'ate qoricha kana yaalaaf fudhachuu dhaabnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna. ✔️Qoricha Ethambutol qorichoota farra asiidii garaachaa waliin yeroo wal-fakkaataa keessa osoo waliin hin fayyadamnee qoricha Ethambutol sa'atii takka dursinee ykn sa'atii lama qoricha farra asiidii garaachaa booda aansinee fudhachuu qabna. ✔️Dubartiin ulfaa ykn ulfaa'uuf karoora qabdu qoricha Ethambutol yaalaaf fayyadamuun daa'ima ishii irra miidhaan inni geessisuu malu wanti beekkame hin jiru ta'uullee ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabduu. ✔️Haati hoosiftuu ykn hoosisuuf karoora qabdu qoricha kana yaalaaf fudhachaa daa'ima ishii harma yoo hoosiftee qorichi kun gara harma haadhaatiin gara daa'ima ishii darbuun wan miidhuu maluuf qoricha kana fayyadamuu hin qabduu. ✔️Qoricha ethambutol daa'imman umriin isaanii waggaa 13 gadi ta'aniif kennamuu hin qabuu. ✔️ Qoricha kana iddoo hoo'aa fi jiidhaa irraa fageeysinee iddoo tempireechara dareettii kuusuu qabna. 4️⃣.Qoricha Ethambutol akkamiti yaalaaf fayyadamuu qabna ? ✔️Akkaatuma ogeessii fayyaa itti nuuf ajajeti sirritti dhageeyfannee fudhachuu qabna . ✔️Qoricha Ethambutol doosii isaa osoo hin guddisnee ykn hin xiqqeeysine hamma ogeessii fayyaa nuuf ajaje qofa fudhachuu qabna. ✔️Qorichoota dhibee Daranyoo sombaa yaalu kamiyyuu ammaa dura yoo fudhachaa turre doosiin isaa jijjiiramuu wan danda'uuf ogeessa fayyaatiif himuu qabnaa. ✔️Qoricha Ethambutol kiniinii isaa afaaniin nyaata waliin ykn nyaata malees kophaa isaa fayyadamuu ni dandeenya. ✔️ Dhibee Daranyoo sombaa namoota ga'eessa ta'anii kan qoricha sombaa kamiyyuu amma dura fudhachaa hin turin yoo ta'e qoricha Ethambutol kiiniinii isaa ulfaatinaa qaamaa irrati hundaa'uun afaaniin doosii 15mg/kg qorichoota TB biroo waliin guyyati yeroo takka qofa turtii yeroo Ji'a lamaaf fayyadamuu ni dandeenya. ✔️Dhibee Daranyoo sombaa namoota ga'eessa qoricha sombaa amma dura fudhachaa turan yoo ta'e qoricha Ethambutol kiiniinii isaa ulfaatina qaamaa irrati hundaa'uun afaaniin doosii 25mg/kg qorichoota farra TB biroo waliin guyyati yeroo takka qofa turtii yeroo ji'a lamaaf fayyadamuu ni dandeenya. ✔️Qoricha Ethambutol yaalaaf fudhachuu ergaa jalqabnee booda yeroo hanga fudhatamuu qabu hanga xumurruu mallatoolee Inifeekshiniichaa fooyya'insa ofirrati arginani jidduun dhaabuu hin qabnuu inifeekshiniichii qorichaan wal- baree wan cimuu danda'uuf. 5️⃣.Qorichi Ethambutol miidhaalee akkamii fiduu mala/ danda'aa ? * Janja'uu. * Harganuuf rakkachuu. * Dhukkubbii mataa. * Laftii namaan maruu. * Lolloocuu/ haqqisuu. * Fedhiin nyaataa hir'achuu. * Qufaan namati hammaachuu fi tempireecharri qaamaa dabaluu. * Gogaan nyaatee hooksisuu. * Dhukkubbii garaachaa. * Harka ykn miila keessaan nama hadooduu. * Hubannoon sobaa kan dhugaan hin argamnee namati dhaga'amuu fi mul'achuu.

Hubannoo Waa'ee qoricha Ethambutol 100/400mg ---------------------------------------------------------- 1️⃣.Qorichi Ethambuto
Hubannoo Waa'ee qoricha Ethambutol 100/400mg ---------------------------------------------------------- 1️⃣.Qorichi Ethambutol maali ? ✔️Ethambutol~jechuun qoricha gosa garee farra baakteeriyaa ( antituberculosis) jedhamuu ta'ee kan inifeekshinii sababa baakteeriyaatiin dhufan yaaluuf gargaaruudha. 2️⃣.Qorichi Ethambutol rakkoolee fayyaa akkamii yaaluuf gargaara ? * Dhukkuba TB sombaa Fi TB naannoo qaamota biroo kan baakteeriyaa myobacterium tuberculosis jedhamuun dhufu yaaluuf. * Inifeekshinoota biroo kan sababa baakteeriyaa myobacterium avium jedhamuun dhufu yaaluu fi ittisuuf. * Qorichoota TB biroo waliin ta'uun Resistance qorichootaa akka hin uumamnee ittisuu fi kkf yaaluuf gargaara. @pharmacistrayid

Waa'ee qoricha Ethambutol bal'inaan qabannee insha'allaha dhufaa jirra. @pharmacistrayid
Waa'ee qoricha Ethambutol bal'inaan qabannee insha'allaha dhufaa jirra. @pharmacistrayid

Dhibee coronary artery disease.PDF0.32 KB

3.Sababoonni dhibee kanaaf nama saaxilan maali ? * Dhibee dhiibbaa dhiigaa olka'aa. * Dhukkuba sukkaaraa qabaachuu. * Ulfaatina qaamaa garmaalee qabaachuu. * Tamboo xuuxuu. * Sochii qaamaa gochuu dhabuu. * Umriin guddachuu. * Faatii fi koleestiroolii dhiiga keessaa baay'ee qabaachuu. * Maatii keessaa namni seenaa dhibee onneetiin qabame jiraachuun. * Dhipina sammuu yeroo dheeraa qabaachuu fi kkf mul'achuu fa'adha. 4.Karaalee dhukkubni ujummoo dhiigaa gara onnee geessitu dhipachuu ittiin hir'isuu dandeenyuun kamii ? * Dhukkuba sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa olka'aa yaala barbaachisu fudhachuun to'achuu. * Nyaata madaalawaa kuduraa fi muduraa baay'atuu soorachuu. * Nyaata ashaboo fi cooma baay'ee qabu soorachuu dhiisuu. * Tamboo xuuxuu dhiisuu. * Torbaannirraa yoo xiqqaate guyyaa shaniif guyyaa hunda daqiiqaa 30f sochii qaamaa hoojjachuu qabuu. * Ulfaatina qaamaa keenyaa to'achuu. * Dhiphina sammuu hir'isuu fi boqonnaa fudhachuun sammuu tasgabbeessuudhaan. * Hordoffii fayyaa keenyaa deddeebinee of ilaaluun to'annaa godhuu fi kkf taaasisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa Bulaa. @pharmacistrayid

Hubannoo Waa'ee Dhibee hiddoonnii dhiiga gara onnee geessitu dhipachuu ykn cufamuu |Coronary Artery Disease. 1.Dhukkubni ujum
Hubannoo Waa'ee Dhibee hiddoonnii dhiiga gara onnee geessitu dhipachuu ykn cufamuu |Coronary Artery Disease. 1.Dhukkubni ujummoo dhiigaa gara onnee geessitu dhipachuu maali? Dhukkuba hiddoonni dhiigaa gara onnee soorataa fi dhiiga qulqulluu oksijiinii qabu geessan yeroo coomaa fi wantoota birootiin dhipatan ykn cufaman dhibee dhufuu danda'uudha. 2.Mallattoon dhibee hiddoonni dhiiga gara onnee geessitu dhipachuu ykn cufamuun dhufuu danda'u maali fa'adha ? * Dhukkubbii qomaa. * Hojii salphaa hoojjachuunillee dafnee dadhabuu. * Hafuura baafachuuf rakkachuu. * Onneen saffisa dha'annaa isaa jijiiruu. * Miirri Dhiphinaa fi dhukkubbii mul'achuu fi kkf fa'adha. @pharmacistrayid

Dhukkuba sombaa.PDF0.32 KB

Dhibee Michii sombaa.PDF0.31 KB

3. Dhibee michii sombaa Karaalee akkamitiin ofirraa ittisuu dandeenya ? * Yeroo mallattooleen dhibee kanaa nurratti mul'ate dafanii gara mana yaalaa deemuun qorannoo fayyaatiin rakkoo keenya erga adda baafannee booda ajaja ogeessa fayyaatiin qoricha barbaachisu qofa fudhachuu. * Daa'imman umriin isaanii waggaa lamaa gadii ta'an talaallii kennuufii qabna. * Yeroo hunda harka keenya bishaan fi saamunaan dhiqachuu. * Nyaata madaalawaa soorachuu. * Daa'imman aara tambootiif akka hin saaxilamne gochuu. * Daa'imman umriin isaanii ji'a 6 gadii harma haadhaa hoosisuu. * Mana jireenyaa fooddaa banuun qilleensi gaariin akka galu taasisuu fi kkf taasisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa Bulaa. @pharmacistrayid

Inifeekshiinii Michii Sombaa | Pneumonia. ~~~~~~~~~~ 1.inifeekshiniin michii sombaa maali ? Inifeekshiniin michii Sombaa~ jec
Inifeekshiinii Michii Sombaa | Pneumonia. ~~~~~~~~~~ 1.inifeekshiniin michii sombaa maali ? Inifeekshiniin michii Sombaa~ jechuun inifeekshinii sababa jarmoota adda addaa kan akka baakteeriyaa,vaayirasii,fangasii fi kkf dhufu ta'ee kan yeroo namarrati mul'atu kuusaaleen qilleensa sombaa dhangala'aa ykn malaan guutamee qilleensa harganuuf rakkachuudha. 2.Mallattoon inifeekshinii michii sombaa maali fa'adha ? * Hoo'ii qaamaa dabaluu. * Qufaa gogaa ykn jiidhaa qufa'uu. * Dadhabbii qaamaa. * Qorra qorra namati dhaga'amuu. * Hafuura baafachuu dadhabuu. * Dhukkubbii lappee. * Fedhiin nyaataa hir'achuu fi kkf fa'adha. @pharmacistrayid

Hanqina Maagniziyeemii(1).PDF0.28 KB

Good morning 🤝 @pharmacistrayid

3. Hanqina albuuda maagniziyeemii akkamiti ittisuu dandeenya ? * Nyaata albuuda maagniziyeemii qaban kan akka kuduraa baala magariisa qaban soorachuu. * Soorata albuudoota hin qabne soorachuu xiqqeessuu. * Alkoolii baay'isanii dhuguu xiqqeessuu ykn dhiisuu. * Yoo mallattoon hanqina albuuda kanaa nurrati mul'atan gara mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa waliin mari'achuun qorichoota dabalataa fi gorsa ga'a ta'e waliin fayyadamuu fi kkf taasisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmacistrayid

Hubannoo waa'ee Hanqina Albuuda Maagniziyeemii | Magnesium Deficiency. ---------------------------------------------- 1.Hanqi
Hubannoo waa'ee Hanqina Albuuda Maagniziyeemii | Magnesium Deficiency. ---------------------------------------------- 1.Hanqinni Albuuda Maagniziyeemii Maali ? Hanqinni Albuuda maagniziyeemii jechuun yeroo hammi albuudaa maagniziyeemii qaama keenya keessaa hamma sadarkaa fayyaaleessa qaamni keenya barbaaduu gadi ta'u jechuudha. 2.Mallattoon Hanqina Albuuda Maagniziyeemii maal fa'adha ? * Dadhabii fi humna dhabuu. * Garaa kaasaa fi haqqisiisuu. * Harki hoollachuu ykn kirkiruu. * Dhiphina sammuu fi hirriiba dhabuu. * Lafeen qaamaa lallaafachuu. * Mataan dhukkubbuu fi kkf mul'achuudha. @pharmacistrayid

Dhibee Gaggabdoo.PDF0.36 KB

Levonorgestrel and ethinyl estradiol.PDF0.54 KB