Pharmacist Rayid Jibril
Открыть в Telegram
💪This channel created for wellness and awareness of medical and health information issues. For anyone who want advertising can Buy ads: https://telega.io/c/PharmacistRayid
Больше4 239
Подписчики
-424 часа
-157 дней
-4530 дней
Архив постов
✔️Fayyummaa garaacha keenyaa eeguuf wantoota taasisuu qabnu?
* Nyaata kuduraa fi muduraa faayiberiin badhaadhan soorachuu.
* Sochii jabeenya qaamaa taasisuu.
* Nyaata Coomaa fi Zaayita baay'ee qabu soorachuu dhiisuu.
* Nyaata barbaree qabu baay'isanii soorachuu hir'isuu.
* Qulqullina dhunfaa eeggachuu.
* Wantoota dhibee garaachaa namati kaasuu danda'an irraa fagaachuu.
* Guyyaa guyyaan bishaan ga'aa dhuguu.
* Tamboo fi alkoolii baay'isanii dhuguu dhiisuu.
* Buna garmalee baay'isanii dhuguu dhiisuu.
* Yaaddoo fi dhipina sammuu hir'isuu.
* Qorichoota dhukkubbii kamiyyuu ajaja ogeessa fayyaa malee baay'isanii fayyadamuu dhiisuu fi kkf taasisuu qabna.
Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.
@pharmacistrayid
3.Dhibeen Jaardiyaa karaalee akkamiitiin daddarbuu danda'a ?
* Bishaan laggeen,haroowwan,boollaa fi jallisii keessaa osoo hin qulqulleessin fayyadamuu.
* Mana fincaanii erga fayyadamnee booda harka keenya saamunaan qulqulleeffachuu dhabuu.
* Kuduraalee fi muduraalee bishaan qulqulluun osoo hin dhiqnee soorachuu.
* Manneen nyaataa fi dhugaatiin itti qopheeffamu qulqulleessuu dhabuu fi kkf daddarbuu danda'aa.
4.Dhukkuba Jaardiyaa karaalee akkamiitiin ofirraa ittisuu dandeenya ?
* Harka keenya sirritti saamunaan dhiqachuu.
* Bishaan fi nyaata qulqulluu ta'e qofa fayyadamuu.
* Qulqullina naannoo fi dhunfaa keenyaa eeggachuu.
* Kuduraalee fi muduraalee bishaan qulqulluun sirriti qulqulleessinee soorachuu.
* Qulqullina mana fincaanii sirritti eeggachuun sirnaan fayyadamuu.
* Qulqullina iddoo nyaataa fi dhugaatii itti qopheessanii eeggachuu fi kkf taasisuu fa'adha.
Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.
@pharmacistrayid
Hubannoo Waa'ee Dhukkuba Jaardiyaa | Giardiasis.
------------------------------------------------------------
1.Dhibee jaardiyaa maali ?
Dhibeen jaardiyaa inifeekshinii sababa maxxantuu pirootoozowaa giardia lamblia jedhamuun dhufuudha.dhukkubni kun dhibee garaachaa fi mar'imaanii ta'ee baay'inaan sababa nyaataa fi dhugaatii faalamaniin kan daddarbuudha.
2.Mallattoon Inifeekshinii jaardiyaa maali fa'adha ?
* Garaa kaasaa.
* Garaan ciniinuu fi dhukkubuu.
* Ol-deebisuu ykn haqqisuu.
* Dadhabbii qaamaa qabaachuu.
* Ulfaatinni qaamaa hir'achuu.
* Fedhiin nyaataa hir'achuu.
* Foolii sagaraa baay'ee ajaa'u qabaachuu fi kkf mul'achuudha.
@pharmacistrayid
Torbee kana insha'allaha waa'ee qoricha Terbinafine jedhamuu bal'inaan qabannee kan dhiheessinu ta'a.
Galatoomaa🙏🙏🙏
@pharmacistrayid
