uz
Feedback
Pharmacist Rayid Jibril

Pharmacist Rayid Jibril

Kanalga Telegram’da o‘tish

💪This channel created for wellness and awareness of medical and health information issues. For anyone who want advertising can Buy ads: https://telega.io/c/PharmacistRayid

Ko'proq ko'rsatish
4 292
Obunachilar
+124 soatlar
-97 kunlar
-4230 kunlar
Postlar arxiv
3.Sababoonni dhibee kanaaf nama saaxilan maali ? * Dhibee dhiibbaa dhiigaa olka'aa. * Dhukkuba sukkaaraa qabaachuu. * Ulfaatina qaamaa garmaalee qabaachuu. * Tamboo xuuxuu. * Sochii qaamaa gochuu dhabuu. * Umriin guddachuu. * Faatii fi koleestiroolii dhiiga keessaa baay'ee qabaachuu. * Maatii keessaa namni seenaa dhibee onneetiin qabame jiraachuun. * Dhipina sammuu yeroo dheeraa qabaachuu fi kkf mul'achuu fa'adha. 4.Karaalee dhukkubni ujummoo dhiigaa gara onnee geessitu dhipachuu ittiin hir'isuu dandeenyuun kamii ? * Dhukkuba sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa olka'aa yaala barbaachisu fudhachuun to'achuu. * Nyaata madaalawaa kuduraa fi muduraa baay'atuu soorachuu. * Nyaata ashaboo fi cooma baay'ee qabu soorachuu dhiisuu. * Tamboo xuuxuu dhiisuu. * Torbaannirraa yoo xiqqaate guyyaa shaniif guyyaa hunda daqiiqaa 30f sochii qaamaa hoojjachuu qabuu. * Ulfaatina qaamaa keenyaa to'achuu. * Dhiphina sammuu hir'isuu fi boqonnaa fudhachuun sammuu tasgabbeessuudhaan. * Hordoffii fayyaa keenyaa deddeebinee of ilaaluun to'annaa godhuu fi kkf taaasisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa Bulaa. @pharmacistrayid

Hubannoo Waa'ee Dhibee hiddoonnii dhiiga gara onnee geessitu dhipachuu ykn cufamuu |Coronary Artery Disease. 1.Dhukkubni ujum
Hubannoo Waa'ee Dhibee hiddoonnii dhiiga gara onnee geessitu dhipachuu ykn cufamuu |Coronary Artery Disease. 1.Dhukkubni ujummoo dhiigaa gara onnee geessitu dhipachuu maali? Dhukkuba hiddoonni dhiigaa gara onnee soorataa fi dhiiga qulqulluu oksijiinii qabu geessan yeroo coomaa fi wantoota birootiin dhipatan ykn cufaman dhibee dhufuu danda'uudha. 2.Mallattoon dhibee hiddoonni dhiiga gara onnee geessitu dhipachuu ykn cufamuun dhufuu danda'u maali fa'adha ? * Dhukkubbii qomaa. * Hojii salphaa hoojjachuunillee dafnee dadhabuu. * Hafuura baafachuuf rakkachuu. * Onneen saffisa dha'annaa isaa jijiiruu. * Miirri Dhiphinaa fi dhukkubbii mul'achuu fi kkf fa'adha. @pharmacistrayid

Dhukkuba sombaa.PDF0.32 KB

Dhibee Michii sombaa.PDF0.31 KB

3. Dhibee michii sombaa Karaalee akkamitiin ofirraa ittisuu dandeenya ? * Yeroo mallattooleen dhibee kanaa nurratti mul'ate dafanii gara mana yaalaa deemuun qorannoo fayyaatiin rakkoo keenya erga adda baafannee booda ajaja ogeessa fayyaatiin qoricha barbaachisu qofa fudhachuu. * Daa'imman umriin isaanii waggaa lamaa gadii ta'an talaallii kennuufii qabna. * Yeroo hunda harka keenya bishaan fi saamunaan dhiqachuu. * Nyaata madaalawaa soorachuu. * Daa'imman aara tambootiif akka hin saaxilamne gochuu. * Daa'imman umriin isaanii ji'a 6 gadii harma haadhaa hoosisuu. * Mana jireenyaa fooddaa banuun qilleensi gaariin akka galu taasisuu fi kkf taasisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa Bulaa. @pharmacistrayid

Inifeekshiinii Michii Sombaa | Pneumonia. ~~~~~~~~~~ 1.inifeekshiniin michii sombaa maali ? Inifeekshiniin michii Sombaa~ jec
Inifeekshiinii Michii Sombaa | Pneumonia. ~~~~~~~~~~ 1.inifeekshiniin michii sombaa maali ? Inifeekshiniin michii Sombaa~ jechuun inifeekshinii sababa jarmoota adda addaa kan akka baakteeriyaa,vaayirasii,fangasii fi kkf dhufu ta'ee kan yeroo namarrati mul'atu kuusaaleen qilleensa sombaa dhangala'aa ykn malaan guutamee qilleensa harganuuf rakkachuudha. 2.Mallattoon inifeekshinii michii sombaa maali fa'adha ? * Hoo'ii qaamaa dabaluu. * Qufaa gogaa ykn jiidhaa qufa'uu. * Dadhabbii qaamaa. * Qorra qorra namati dhaga'amuu. * Hafuura baafachuu dadhabuu. * Dhukkubbii lappee. * Fedhiin nyaataa hir'achuu fi kkf fa'adha. @pharmacistrayid

Hanqina Maagniziyeemii(1).PDF0.28 KB

Good morning 🤝 @pharmacistrayid

3. Hanqina albuuda maagniziyeemii akkamiti ittisuu dandeenya ? * Nyaata albuuda maagniziyeemii qaban kan akka kuduraa baala magariisa qaban soorachuu. * Soorata albuudoota hin qabne soorachuu xiqqeessuu. * Alkoolii baay'isanii dhuguu xiqqeessuu ykn dhiisuu. * Yoo mallattoon hanqina albuuda kanaa nurrati mul'atan gara mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa waliin mari'achuun qorichoota dabalataa fi gorsa ga'a ta'e waliin fayyadamuu fi kkf taasisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmacistrayid

Hubannoo waa'ee Hanqina Albuuda Maagniziyeemii | Magnesium Deficiency. ---------------------------------------------- 1.Hanqi
Hubannoo waa'ee Hanqina Albuuda Maagniziyeemii | Magnesium Deficiency. ---------------------------------------------- 1.Hanqinni Albuuda Maagniziyeemii Maali ? Hanqinni Albuuda maagniziyeemii jechuun yeroo hammi albuudaa maagniziyeemii qaama keenya keessaa hamma sadarkaa fayyaaleessa qaamni keenya barbaaduu gadi ta'u jechuudha. 2.Mallattoon Hanqina Albuuda Maagniziyeemii maal fa'adha ? * Dadhabii fi humna dhabuu. * Garaa kaasaa fi haqqisiisuu. * Harki hoollachuu ykn kirkiruu. * Dhiphina sammuu fi hirriiba dhabuu. * Lafeen qaamaa lallaafachuu. * Mataan dhukkubbuu fi kkf mul'achuudha. @pharmacistrayid

Dhibee Gaggabdoo.PDF0.36 KB

Levonorgestrel and ethinyl estradiol.PDF0.54 KB

Hanqina Vaayitaamin B12 .PDF0.31 KB

Fayyaa kalee .PDF0.33 KB

✔️Fayyummaa kalee keenyaa eeggachuuf wantoota ijoo raawwachuu qabnu muraasa? * Guyyati giddugaleessaan bishaan burcuqqoo 8 yk
✔️Fayyummaa kalee keenyaa eeggachuuf wantoota ijoo raawwachuu qabnu muraasa? * Guyyati giddugaleessaan bishaan burcuqqoo 8 ykn hanga litira 2 guyyaa hunda dhuguu qabna. * Nyaata soogidda baay'ee qabu soorachuu hir'isuu. * Kuduraalee fi muduraalee adda addaa soorachuu. * Nyaata coomaa fi sukkaaraa baay'ee qabu soorachuu hir'isuu. * Sochii qaamaa hoojjachuu. * Tamboo xuuxuu dhiisuu. * Alkoolii baay'isaanii dhuguu dhiisuu. * Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e eeggachuu. * Qorichoota kamiyyuu ykn qorichoota dhukkubbii kan akka Ibuproven,Diclofenac fi kkf yeroo dheeraaf fi ajaja ogeessa fayyaa malee fudhachuu dhiisuu. * Dhiibbaa dhiigaa fi hamma sukkaaraa dhiiga keenyaa deddeebinee of ilaaluun hamma sukkaara fi dhiibbaa dhiigaa keenyaa to'achuu fi kkf taasisuun fayyaa kalee keenyaa eeggachuun ni danda'ama. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmacistrayid

Torbee kanaaf insha'allaha Waa'ee qoricha Ethambutol bal'inaan qabannee kan dhiheessinu ta'a. Galatoomaa 🙏🙏🙏 @pharmacistra
Torbee kanaaf insha'allaha Waa'ee qoricha Ethambutol bal'inaan qabannee kan dhiheessinu ta'a. Galatoomaa 🙏🙏🙏 @pharmacistrayid

Torbee kanaaf qorichi sagalee guddaa argate qoricha kana wan ta'eef warroonni qoricha kana filachaa turtan baga gammadan. Gal
Torbee kanaaf qorichi sagalee guddaa argate qoricha kana wan ta'eef warroonni qoricha kana filachaa turtan baga gammadan. Galatoomaa 🙏🙏🙏 @pharmacistrayid

Filannoo keessan comment jala nuuf godhuu hin dagatinaa hanga galgalaattii bu'aan filannoo kan ifoomu ta'aa. Galatoomaa🙏🙏🙏 @pharmacistrayid

Qorichoota armaan gadii keessaa torbee kanaf waa'ee qoricha kamii baruu barbaaduu ?
Anonymous voting

Fayyaa sammuu .PDF0.29 KB