uk
Feedback
Pharmacist Rayid Jibril

Pharmacist Rayid Jibril

Відкрити в Telegram

💪This channel created for wellness and awareness of medical and health information issues. For anyone who want advertising can Buy ads: https://telega.io/c/PharmacistRayid

Показати більше
4 292
Підписники
-324 години
-167 днів
-5130 день
Архів дописів
Hanqina Maagniziyeemii(1).PDF0.28 KB

Good morning 🤝 @pharmacistrayid

3. Hanqina albuuda maagniziyeemii akkamiti ittisuu dandeenya ? * Nyaata albuuda maagniziyeemii qaban kan akka kuduraa baala magariisa qaban soorachuu. * Soorata albuudoota hin qabne soorachuu xiqqeessuu. * Alkoolii baay'isanii dhuguu xiqqeessuu ykn dhiisuu. * Yoo mallattoon hanqina albuuda kanaa nurrati mul'atan gara mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa waliin mari'achuun qorichoota dabalataa fi gorsa ga'a ta'e waliin fayyadamuu fi kkf taasisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmacistrayid

Hubannoo waa'ee Hanqina Albuuda Maagniziyeemii | Magnesium Deficiency. ---------------------------------------------- 1.Hanqi
Hubannoo waa'ee Hanqina Albuuda Maagniziyeemii | Magnesium Deficiency. ---------------------------------------------- 1.Hanqinni Albuuda Maagniziyeemii Maali ? Hanqinni Albuuda maagniziyeemii jechuun yeroo hammi albuudaa maagniziyeemii qaama keenya keessaa hamma sadarkaa fayyaaleessa qaamni keenya barbaaduu gadi ta'u jechuudha. 2.Mallattoon Hanqina Albuuda Maagniziyeemii maal fa'adha ? * Dadhabii fi humna dhabuu. * Garaa kaasaa fi haqqisiisuu. * Harki hoollachuu ykn kirkiruu. * Dhiphina sammuu fi hirriiba dhabuu. * Lafeen qaamaa lallaafachuu. * Mataan dhukkubbuu fi kkf mul'achuudha. @pharmacistrayid

Dhibee Gaggabdoo.PDF0.36 KB

Levonorgestrel and ethinyl estradiol.PDF0.54 KB

Hanqina Vaayitaamin B12 .PDF0.31 KB

Fayyaa kalee .PDF0.33 KB

✔️Fayyummaa kalee keenyaa eeggachuuf wantoota ijoo raawwachuu qabnu muraasa? * Guyyati giddugaleessaan bishaan burcuqqoo 8 yk
✔️Fayyummaa kalee keenyaa eeggachuuf wantoota ijoo raawwachuu qabnu muraasa? * Guyyati giddugaleessaan bishaan burcuqqoo 8 ykn hanga litira 2 guyyaa hunda dhuguu qabna. * Nyaata soogidda baay'ee qabu soorachuu hir'isuu. * Kuduraalee fi muduraalee adda addaa soorachuu. * Nyaata coomaa fi sukkaaraa baay'ee qabu soorachuu hir'isuu. * Sochii qaamaa hoojjachuu. * Tamboo xuuxuu dhiisuu. * Alkoolii baay'isaanii dhuguu dhiisuu. * Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e eeggachuu. * Qorichoota kamiyyuu ykn qorichoota dhukkubbii kan akka Ibuproven,Diclofenac fi kkf yeroo dheeraaf fi ajaja ogeessa fayyaa malee fudhachuu dhiisuu. * Dhiibbaa dhiigaa fi hamma sukkaaraa dhiiga keenyaa deddeebinee of ilaaluun hamma sukkaara fi dhiibbaa dhiigaa keenyaa to'achuu fi kkf taasisuun fayyaa kalee keenyaa eeggachuun ni danda'ama. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmacistrayid

Torbee kanaaf insha'allaha Waa'ee qoricha Ethambutol bal'inaan qabannee kan dhiheessinu ta'a. Galatoomaa 🙏🙏🙏 @pharmacistra
Torbee kanaaf insha'allaha Waa'ee qoricha Ethambutol bal'inaan qabannee kan dhiheessinu ta'a. Galatoomaa 🙏🙏🙏 @pharmacistrayid

Torbee kanaaf qorichi sagalee guddaa argate qoricha kana wan ta'eef warroonni qoricha kana filachaa turtan baga gammadan. Gal
Torbee kanaaf qorichi sagalee guddaa argate qoricha kana wan ta'eef warroonni qoricha kana filachaa turtan baga gammadan. Galatoomaa 🙏🙏🙏 @pharmacistrayid

Filannoo keessan comment jala nuuf godhuu hin dagatinaa hanga galgalaattii bu'aan filannoo kan ifoomu ta'aa. Galatoomaa🙏🙏🙏 @pharmacistrayid

Qorichoota armaan gadii keessaa torbee kanaf waa'ee qoricha kamii baruu barbaaduu ?
Anonymous voting

Fayyaa sammuu .PDF0.29 KB

✔️Karaalee fayyaa sammuu keenyaa ittiin eeguu dandeenyuu muraasa.... * Guyyaati hirriiba ga'aa ykn sa'atii 7 ykn 8 hirriiba q
✔️Karaalee fayyaa sammuu keenyaa ittiin eeguu dandeenyuu muraasa.... * Guyyaati hirriiba ga'aa ykn sa'atii 7 ykn 8 hirriiba qulqulluu rafuu. * Sochii qaamaa fi boqonnaa fudhachuu. * Nyaata madaalawaa soorachuu. * Guyyaa hunda bishaan ga'aa dhuguu. * Dhiphina sammuu hir'isuu. * Aarii ofii to'achuu. * Rakkoo fi dhiphina sitti dhaga'aman maatii ykn namoota sitti dhiyaatan waliin haasa'uun. * Hawaasa waliin hariiroo gaarii qabaachuun jiraachuu. * Araada adda addaa irraa fagaachuu. * wanta gaarii irrati xiyyeeffachuu fi kkf fa'adha. @pharmacistrayid

Maqaa qorichootaa fi dhibee waa'ee isaanii baruu barbaadan nuuf erguu hin dagatinaa. Galatoomaa🙏🙏🙏 @pharmacistrayid

Dhibee Gaggabdoo.PDF0.36 KB

3. Haalonni dhibee gaggabdootiif nama saaxilan maali fa'adha? * Miidhama Mataa ykn rukkutaa jabaan mataa irra ga'uu. * Dhukkuboota sammuu kan akka istirookii fa'adhaan. * Inifeekshiinii sammuu kan akka meninjaayitasii fa'adha. * Dhiibbaa dhalootaa irraa dhufuu kan danda'uudha. * Maatii keessaa namni dhibee gaggabdoo qabu yoo jiraate carraa ijoolleen isaanii dhibee kanan qabamuu guddaadha. 4. Maloota ittisaa fi of eeggannoo dhibee gaggabdoof godhamuu qabu maali fa'adha ? * Qorichoota ogeessi fayyaa ajaje osoo addaan hin kutnee sirnaan fayyadamuu. * Yeroo maashinoota adda addaa sochoosan ykn waliin hoojjattan fi meeshaalee ittisoo of eeggannoo mataa fayyadamuu. * Hirriiba hamma sa'atii fayyaaleessa ykn hirriiba ga'aa rafuu. * Wantoota si'eessitoota sammuu ta'an kan akka alkoolii,buna,tamboo aarsuu fi kkf kan sammuu irrati yaada baay'isan fayyadamuu irraa fagaachuu qabna. * Nyaata madaalawaa pirootiinii fi faatii gaarii qaban kan akka hanqaaquu,foon fi kkf nyaachuu. ✔️Gargaarsi Jalqabaa (First Aid) nama dhibee gaggabdoon kufeef godhamuu qabu... * Akka inni salphati hafuura baafatuu danda'uu taasisuuf cinaachaan ciibsuu. * Mataan isaanii akka hin miidhamnee taasisuuf uffata laafaa dachaasanii mata jala kaa'uu. * Meeshaalee qara qaban fi wantoota miidhuu danda'an isaan irraa fageessuu. * Qaama isaanii dirqiin dhoowwuuf qabuu yaaluun lafee isaanii miidhuu wan maluuf humnaan qabuu dhiisuu qabna. * Kibriitii itti aarsuun ni miidha wan ta'eef itti aarsuu dhiisuu fi kkf taasisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmacistrayid

Hubannoo Waa'ee Dhibee Gaggabdoo | Epilepsy Disease. __ 1. Dhibeen gaggabdoo maali ? Dhibeen gaggabdoo dhibee sirna narvii ta
Hubannoo Waa'ee Dhibee Gaggabdoo | Epilepsy Disease. __ 1. Dhibeen gaggabdoo maali ? Dhibeen gaggabdoo dhibee sirna narvii ta'ee ergaan elektirikii sammuu keessaa yeroo jeeqamu kan uumamuudha. Dhibeen kun namarraa namati hin daddarbu,akkasumas jinnii ykn hafuura hamaan kan dhufuu miti ta'ee yaala adda addaatiin to'atamuu kan danda'uudha. 2. Mallattoon dhibee Gaggabdoo maali fa'adha ? * Qaamni hurgufamuu. * Akka tasaa lafatti kufanii of wallaaluu. * Ijji bakkuma takka ilaaluun hafuu. * Maashaaleen qaamaa garmalee diriiranii hafuu. * Afaaniin hoomachaa fi hancufa baasuu. * Ilkaan waliin waqaruu fi kkf fa'adha. @pharmacistrayid