3.Wantoonni goginsa garaaf nama saaxiluu danda'an maali fa'adha ?
* Bishaan ga'aa ta'e dhuguu dhiisuu.
* Gosa nyaataa madaalawaa fi kuduraa faayibariin badhaadhan soorachuu dhabuu.
* Sochii jabeenya qaamaa sasalphaa hoojjachuu dhiisuu.
* yeroo sagaraan nama qabate sagaraa deemuu dhiisanii of keessati dhoorkuu.
* Yeroo baay'ee yaadda'uu fi dhiphachuu sammuu qabaachuu.
* Sababa qorichoota tokko tokko fudhachuutiin.
* Dhibee kintaarotii fi kaanserii mar'umaaniitiillee dhufuu kan danda'uu fi kkf fa'adha.
4.Goginsa garaa akkamiti ofirraa ittisuu dandeenya ?
* Bishaan baay'isaanii dhuguu.
* Sochii jabeenya qaamaa sasalphaa hoojjachuu.
* yeroo sagaraan nama qabdee gara sagaraa deemuun osoo ofitti hin qabne firraa buusuu.
* Gosa nyaataa madaalawaa fi kuduraalee faayibariin badhaadhan soorachuu fi kkf fa'a taasisuu qabna.
Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.
@pharmacistrayid
24 نوامبر, 11:41
