DR. AYU
📈 Analytical overview of Telegram channel DR. AYU
Channel DR. AYU (@naf37fspainbv) in the Javanese language segment is an active participant. Currently, the community unites 73 768 subscribers, ranking 181 in the Medicine category and 446 in the Ethiopia region.
📊 Audience metrics and dynamics
Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 73 768 subscribers.
According to the latest data from 04 September, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by -1 122 over the last 30 days and by -38 over the last 24 hours, overall reach remains high.
- Verification status: Not verified
- Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 8.25%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 4.42% reactions from the total number of subscribers.
- Post reach: On average, each post receives 6 086 views. Within the first day, a publication typically gains 3 259 views.
- Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 34.
📝 Description and content policy
The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
“Baga Nagaan Dhuftan!
Welcome!”
Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 05 September, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Medicine category.
Data loading in progress...
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 05 September | 0 | |||
| 04 September | 0 | |||
| 03 September | 0 | |||
| 02 September | 0 | |||
| 01 September | 0 |
| 2 | No text... | 501 |
| 3 | 🥰DAA’IMMAN XIXIQQOON GUYYAATTI YEROO MEEQA BOBBAA BAASUU QABU?
…………………………………
Maatiin tokko tokko daa’imnikoo turee turee bobbaa baasa ykn ammaa ammaa baasa maalta’eetu jedhanii yaadda’u. Akka waliigalaatti waa’ee kanaa ilaalchisee kan maatiin beekuu qaban-
*Daa’imni dhalate bobbaa jalqabaa sa’a 24 hanga 48 gidduutti baasuu qaba(kun dirqama).Sana booda daa’imman guyyaatti yeroo meeqa akka bobbaa baasan daa’imaa daa’imatti gargari. Tokko tokkoo akkuma harma hodhaniin kanbobbaa baasaan jiru 6 hanga 10..),Akkasumas guyyaa sadii afurittis kan baasan jiru.
*Giddu galeessaan ji’a sadan jalqabaa guyyaa sadii/afur, sana booda tokko yokan lama bobbaa baasu.
*Kanneen aannan harma haadhaa qofa dhugan kanneen aannan daakuu dhugan irra ammaa ammaa baasu. Akkasumas yeroo isaan xiqqoo baasan ariitiin daayiperii jijjiiruu irra xiqqoo eeguu wayya.
*Bobbaan isaanii lallaafaa kan ta’e ta’uu qaba (baay’ees dhangala’aa ta’e ykn gogaa ta’e ta’uu hinqabu).
HAATA’U MALEE;-
*Guyyaa afurii ol osoo hinba’iin ture.
*Garaan kan bokoku yoo ta’e,
*Haqqee qabaatan,
*Bobbaan isaan baay’ee gogaa ta’e ykn dhangala’aa akka bishaanii ta’e
*Bobbaan waan akka dhiigaa makate mana yaalaa geessuun hakiima daa’immanii mariisisuu qabu.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 2 381 |
| 4 | No text... | 2 042 |
| 5 | Nyaata fayya qabeessa fayyaa namaaf…
Nyaata jechuun ilmi namaa gadaamessa keessatti eegalee hanga lubbuun jirutti soorata fayyadamu jechuudha.
Jireenya ilma namaa keessatti hidhata guddaa kan qabu qaama ijaaruu fi dhukkuba ittisuun sosochii namaaf akkaan murteessaa dha.
Nyaata fayya qabeessa jechuun nyaata nyaatamee fayyummaa fi cimina, akkasuma jireenyaa nagaa gaggeeffachuuf kan gargaaru, qalbii namaa kan gammachiisu, dhukkuba kan ittisu, qaama kan ijaaruu fi muudaa fayyaa kan hin qabne jechuudha jedhan Biiroo Fayyaa Oromiyatti Ogeessi Sirna nyaataa fi Qindeessaan Sagantaa Nyaataa Obbo Abarraa Dagafaan.
Nyaatni nyaatamee fayyaa namaa miidhu ammoo nyaata fayya qabeessa hin taane jechuu ta’uu kaasan.
Nyaata fayya qabeessa hin taane jechuun baakteeriyaa yookaa Vaayirasii qaba jechuu osoo hintaane, nyaatni nyaatamu sun simannaan qaama keessatti taasifamuuf sirrii yoo hin taane, yookaa qaamni keenya nyaatichaaf qophaa’ummaa yoo hin qabaanne, qaamoleen sirna bullaa’insa nyaataaf qooda olaanaa qaban sirnaan hin simanne yoo ta’e nyaata fayya qabeessa hin taane ta’uu ibsan.
Keessattuu nyaatawwan sukkaarri itti baay’atu, warshaalee keessatti akkaan gubatanii bahan, zayitaan irra deddeebiin waadaman, alkooliin, nyaatawwan akkaan mi’aawoo ta’an, yeroo dheeraaf akka turaniif nyaanni keemikaalli itti dabalaman nyaata sirrii hin taanedha jedhan obbo Abarraan.
Nyaatawwan kunneen qaamolee bulla’ina sirna nyaataa keessatti gahee olaanaa qabanii fi boqonnaa malee hojjetan kan akka Kalee, Tiruu, Onnee fi Rajiijiif balaa hamaa ta’uu ibsan.
Nyaata ijaan madaaluu fi arrabaan dhandhamuun qofa filatanii nyaachuun miidhaa mataa isaa kan qabu ta’uu hubachiisan.
Nyaatawwan akka kana balattalatti miidhaa qaqqabsiisuu baatanis dhibeewwan qancaroo daddaddarboo hin taane kanneen akka Kaansarii, dhibee Sombaa, Onnee, Tiruu, Sukkaaraa fi Dhiibaa dhiigaa kan namatti fidan ta’uu yaadachiisan obbo Abarraan.
Fakkeenyaaf Bunni qofaa isaa yoo dhugame Soorrata Sirriidha, yoo Sukkaarri itti dabalame ammoo amala isaa jijjiiruun nyaata biraa ta’a.kunis Soorrata ta’uun hafee gara miidhaa qaqqabsiisutti akka jijjiiramu taasisa jedhan.
Nyaataan dhukkubsachuun qoricha bitachuurra, nyaata qoricha godhachuutu caala jedhan.
Nyaatawwan aadaa kan ammayyaa caalaa fayyaa namaaf murteessoo ta’uu ibsan.
Fakkeenyaaf Keekii caalaa Qiixxaan, Chokoleetii caalaa mulluun fayyaa namaaf barbaachisaa ta’uu himan.
Waliigalaan nyaatawwan ooyiruurraa argaman kanneen warshaaleen oomishaman caalaa fayya qabeessas, fayyaa namaafis murteessodhas.
Itiyoophiyaa keessatti sababa hubannaa dhabuu fi itti fayyadamuu wallaaluun daa’immaan % 41 rakkoo hanqina nyaataaf saaxilamuu qorannoon kan agarsiisu ta’uu himan.
Hanqinni hubannoo kan barate biras kan hin baranne biras jiraachuu isaa ibsuun, hojiin hubannoo cimsuu sirna nyaataa bal’inaan hojjetamuu akka qabu yaadachiisan.
Kanaaf jireenya gammachuu fi fayya qabeessa ta’e qabaachuuf:-
1.Soogidda, sukkaara fi zayitii baay’ee fayyadamuurraa of qusachuu.
2. Bishaan gahaa dhuguu:
3.Midhaan akka qamadii, garbuu, boqqolloo, Baaqelaa, missira, Hanqaaquu, aannanii fi foon fayyadamuu.
4. Sochii qaamaa yeroo hunda gochuu:
5. Nyaatawwan Qophaa'e /Warshaan oomishaman daangeessuu.
6.Kuduraa fi fuduraalee baay’inaan fayyadamuun
7. Nyaata Lafee jabeessan kan akka Albuudotaa fi kan dhibee ittisaan Viiytaaminoota hedduminaan fayyadamuun barbaachisaadha.
Siifan Magarsaatiin
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 3 304 |
| 6 | No text... | 2 996 |
| 7 | "Dubartiin butaantaa/paantii dhiiraa uffatuun ulfaa'uu dandeessii?"
*********
Paantii/Butaantaa uffate uffachuu qofaan, ykn butaantii isparmiin irratti goggoge uffachuun carraan ishiin ulfaa'uu baay'ee xiqqaadha. Ulfi uumamuuf isparmiin lubbuu qabuufii baay'ina gahaa qabu, akkasumas fayyummaafii qulqullina qabu, kallattiin gara qaama saalaa seenee gara ujummoo gadameessaa (fallopian tubes) imaluu barbaachisa. Dhangala'aan sanyii kormaa geejjibu(semen) uffata irratti goggoge deemuu hin danda’u, sanyiin kormaan goggogaanis lubbuun jiraatuu dhabu danda'a waan ta'eef ulfeessuu hin danda’u. Kanaaf dubartiin butaantii dhiiraa kaayyatuu qofaan ulfaa'uu hin dandeessu. Galatoomaa!!!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 3 817 |
| 8 | GUYYAA GUYYAAN QAAMA DHIQACHUUN (daily showering) fayidaa moo miidhaa qabaa?
********
Guyyaa guyyaan qaama dhiqachuun fayyaa gogaa keenyaa ni huba! Akkamitti?
1. Qaamni keenya uumamaan dibata ofirraa qabu balleessuudhaan akka gogu taasisa. Qaamni keenya yoo gogu ammoo qaawwa xixiqqoo (crack) baasuudhaan:
● Baakteeriyaan dhukkuba nama qabsiisan qaawwa sanaan seenanii akka infection uumanii fi
● Waantoonni alarjii namatti fidan/kaasan qaawwa sanaan seenanii alarjiif akka nama saaxilan taasisa.
2. Saamunaan nuti guyyaa guyyaan fayyadamnee qaama dhiqannu kan farra bakateeriyaa of keessaa qabu yoo ta'e ammoo baakteeriyoota uumamaan gogaa keenya irra jiraatan (kan ofii isaanii dhukkuba nama hin qabsiifne) dhabamsiisuun, baakteeriyoota hamoo dhukkuba nama qabsiisaniin akka bakka bu'an taasisa!
3. Qaamni keenya maadiinummaa (immunity) waantoota alagaa ta'aniif akka hin horanne taasisuu danda'a. Kunis guyyaa guyyaan qaama dhiqachuun carraa qaamni keenya waantoota naannoo jiraniin wal-argee, maadinummaa haaraa waan arge kana irratti horachuu isaa waan gadi buusuuf dha.
********
Namoonni tokko tokko garuu guyyaa guyyaan qaama isaanii dhiqachuuf sababoota armaan gadiif barbaaduu danda'u:
1. Foolii qaamaa badaa kanneen ofirraa hambisuuf dhiqachuu barbaadan.
2. Hirriba irraa yoo dammaqan miiraa gaariin gara hojii deemuuf warreen dhiqachuu barbaadan.
********
Walumaa galatti, guyyaa guyyaan qaama dhiqachuun fayyummaa qaama keenyaaf gargaarsa kan hin goone; gogaa keenyaa ammoo akka hubuu danda'u beekuun barnaachisaadha.
********
Fayyaan Faaya!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 4 046 |
| 9 | No text... | 3 566 |
| 10 | Araada fedhii wal-qunnamtii saalaa ofiin ofirraa baasuu (gaasee) Akkamitti dhiisuun dandaa’ama?
1.Araadaan qabamaa jirta yoo ta’e dursitee amanuu qabda.
2. Dhiisuudhaaf fedha qabda yoo ta’e dursitee akka dhiisuu dandeessu waadaa ofiif gali.
3. Kutaa dhiqannaa fi mana fincaanii keessa turuu dhiisuu
4. Yeroo gara mana dhiqannaa deemtu muuziqaa dhaggeeffadhu. Kan amantii yoo ta’ee filatamaadha.
5. Hamma itti bartutti nama biraa wajjiin qaama dhiqachuu shaakali(Nama hedduu itti dhiyaattuufi amantu)
6. Yeroo dheeraaf mana keessa qofaa turuu dhiisuu
7. Filmii wal qunnamtii saala kakaasu ilaaluu irraa of qusadhu.
8. Hojiin ala taa’uu dhiisuu
Yoo ofiikee waan hojjettu hin qabaanne namoota biroo gargaaruu baradhu.
9.Saal qunnamtii seera qabeessa raawwadhu. Yeroo si barbaachisetti saal qunnamtii hiriyaakee( hadha manaa, ykn abbaa manaa) waliin raawwachuu hin sodaatiin.
Araadi kun sammuu dhaloota ol adeemoo hedduu mancaasaa jira!
Kanaaf of -eeggadhaa
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 4 075 |
| 11 | No text... | 3 860 |
| 12 | Yaada jaalala cimsuu fi hariiroo hiriyoota gaa’elaa wajjin qaban fooyyessuuf gargaaran tokko tokko...
✅Gorsa hariiroo keessan guddisuuf gargaaran tokko tokko kunooti:
#1. Marii Bu’a qabeessa
#2. Yeroo gahaa ta'e Waliin dabarsuu
#3. Dinqisiifannaa fi Jaalala waliif qooduu
#4. Kaayyoo Wal Deeggaruu sirritti qabachuu
#5. Waldhabdee Nagayaan Furuu
#6. Daangaa fi Walabummaa Kabajuu: Daangaa dhuunfaa waliif beekuu fi kabajuu. Guddina dhuunfaa fi hojiiwwan bohaartii hariiroo sanaan ala ta’aniif bakka hayyami.
#7. Afaan Jaalalaatiin Wal hubachuu.
#8. Waliif Dhiifama gochuu.
#9. Yoo Barbaachise Gargaarsa Ogeessaa Barbaadu.
✅Jaalalli furtuu gammachuu nama hundaati.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 5 147 |
| 13 | Sabakoo saba jaalalaa biyya alaa fi keessa kan jirtan akkam jirtu? Jireenyi badhaadhaa?
Fayyaan keessan faaya keenya.❤
Gammachuun keessan gammachuu keenya.❤
Yaa Sabaa:
Waliin Gammadaa, gaarii waliin/waliif yaadaa, bu'aa xiqqoof yookiin aangoo darbuuf wal hin jibbinaa, wal jajjabbeessaa, waliif hirkoo ta'aa, waliif dhaabbadhaa,
Fayyaa fi nageenya keessaniif dursa kenna.🥰
Love you, guys.🥰
Stay with us.🥰 | 5 448 |
| 14 | Wantoota wal dhaabdee haadha manaafii abbaa manaa jiddutti uuman keessaa ijoon hirriiba halkaniiti. Dubartiin dhiira fedhii ishii hin guunnef odo waan fedhe godheefii hin gammachiisu. Dubartoonni fedhii isaanii himatuuf ni saalfatu waan ta'eef dhimma biraa fakkeessanii jeequmsa kaasu. Kanaaf dhiironni yeroo akkanaa kana dafanii haala hirriiba siree sirreessuu qabu. Walii beekun bultii bareechudha! Halkan Gaarii!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 6 346 |
| 15 | "Dhuufun Faayidaa Qabdi Jechuu Dhagahee Abbaa Manaa Kootti Dhuufnaan Garaa Si Dhukkubaa Jedhee Funyaan Qabate. Foolii Dhuufuu Akkamittin Balleessa?"
************
Dhuufuu dhuufuun faayidaalee hedduu qaba. Garuu, ittananii dhuufuun dhukkuba Kintaarotitiif nama saaxiluu danda'a. Kanaaf, ittananii dhuufuun gaarii miti.. Waa'een dhuufuu yoo ka'u wanti jalqaba sammuutti nama dhufu foolii isaati. Foolii dhuufuu bishaan gahaa dhuguudhaan hir'isuun ni danda'ama. Keessattuu ganama ganama garaa qullatti dhuguudhan. Halkan Gaarii!!!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 5 711 |
| 16 | Stop playing for points that never leave the screen.
In Gram 2048 you merge coins, earn F, and withdraw real TON to your wallet.
Same swipe as classic 2048 — the reward is not.
Open in Telegram and play for free.
PLAY NOW | 5 843 |
| 17 | Faayidaa Burtukaanaa
==================
1. Kalee keenya irratti uumamuu dhagaa ni ittisa.
2. Hangi dhiiga diimaa qaama keenya keessaa akka dabalu ni taasisa.
3. Dhiibbaa dhiigaa keenya gadi buusa.
4. Fayyaa seelii qaama keenyaaf.
5. Utaalloo irraa dafnee fooyya'uuf
6. Dhiphachuu sammuu illee ni fooyyessa.
7. Soorata vitamin C'n badhaadhe dha.
8. Jajjabina lafee fi ilkaan keenyaaf ni gargaara.
9. Daakamuu soorataaf illee ni gargaara.
10. Dhibee onneef
11. Kaanserii nurraa ittisa.
12. Hamma kolestroolii qaama keenya keessaa ni xiqqeessa.
13. Qolli isaa immoo gogaa qaama keenyaaf gaarii dha.
14. Madaa garaa keenya keessaaf.
15. Shukkaara dhiiga keenya keessaa ni to'ata.
16. Caba_lafee nurraa ittisa.
Maddi: WHO healthiest food guidlines and summary researches.
Fayyaan faaya.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 11 211 |
| 18 | Muduraalee 10 kanneen uumamaan fayyaa kalee keenyaa deeggaran
Kaleen kee guyyaa guyyaatti xuraawaa calaluun, dhangala’aa qaamaa madaalawaa gochuu fi fayyaa kee eeguun hojii guddaa hojjatti. Carraan gaariin jiru immoo, muduraaleen tokko tokko farra-summii (antioxidants), vitaaminoota fi dandeettii qaama jiisuu (hydration) uumamaan hojii kalee deeggaran qabu.
1. Aappilii (Apples): Faayibara fi farra-dhiitoo kalee qulqulleessuuf gargaaran qaba.
2. Habhabii (Watermelon): Dhibbeentaa 90 ol bishaan waan ta'eef qaama jiisuu fi xuraawaa baasuuf gaariidha.
3. Rummaana (Pomegranates): Farra-summii dhiibbaa dhiigaa gadi buusuu fi tishuu kalee eegu qaba.
4. Ananaas (Pineapple): Inzaayimii bromelain kan dhiitoo hir'isu qaba, pootasiyeemiin isaas gadi bu'aadha.
5. Kirānbeeriis (Cranberries): Makaa proanthocyanidins jedhaman kanneen baakteeriyaan ujummoo fincaanii irratti akka hin maxxanne dhowwan qabu.
6. Wayinii (Grapes): Farra-summii humna qabeessa kan akka resveratrol jedhamu kan dhiitoo fi dhiphina kalee hir’isu qaba.
7. Buluubeeriis (Blueberries): Dhiphina oksideetivii qaama keessatti uumamu loluuf farra-summii fi flavonoids hedduu qabu.
8. Istirooberiis (Strawberries): Vitaaminii C fi farra-dhiitoo dhibee loluu danda'an qaba.
9. Loomii (Lemons): Qabiyyeen citrate isaa dhagaan kaalsiyeemii kalee keessatti akka hin uumamne gargaara.
10. Cheeriis (Cherries): Makaa anthocyanins jedhamu kan dhiitoo hir'isuu fi hamma asiidii yuriikii gadi buusu qaba.
Yaada Xumuraa: Soorata madaalawaa, bishaan gahaa dhuguu fi ispoortii hojjachuun kalee kee fayyaa gochuuf karaa hunda irra caaludha.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 9 177 |
| 19 | No text... | 7 691 |
| 20 | FAAYIDAA ROOZMARII (Rosemary)
1. Kaansarii Ittisuuf Gargaara:
Roosmariin antioxidant cimaa ta’an of keessaa qaba – fakkeenyaaf carnosol fi rosmarinic acid. Isaan kun hojiirra oolanii rakkoo kaansarii gara garaa akka kaansarii sombaa, garaachaa fi tiruu ittisuuf gargaara.
2. Yaadannoo Sammuu Fooyyessa:
Qorannoon mul’isee jira akka urgaa Roosmarichaa qofaanis yaadannoo fi dammaqinaan yaaduu fooyyessuu danda’u. Akkasumas, dementia fi Alzheimer's ittisuuf ni gargaara.
3. Miira Gaarii Uumuu:
Urgaan Roosmarichaa miira tasgabbaa’aa fi gammachuu namaa uumuun beekamaadha. Stresii hir’isuun, depression xiqqeessuun, qalbii tasgabbeessuuf ni gargaara.
4. Dhukkuba Mataa Bowwoo (Migraine) Ittisuuf:
Roosmarii yeroo baay’ee akka qoricha aadaa dhukkuba mataa fi bowwoo sirreeffachuuf itti fayyadamu. Anti-inflammatory fi pain-relieving ta’uun isaa kana ni deeggara.
5. Immune System (Tumsaa Qaamaa) Cimsuu:
Vitamin C, antioxidant fi antibacterial dhaan, Roosmarii tumsaa qaamaa jabeessuun dhibee ofirraa ittisuuf ni gargaara.
6. Bullaa’ina Nyaataa (Digestion) Gargaara:
Roosmariin nyaata akka sirriitti bulleessinu, akkasumas garaacha tasgabbeessuuf ni gargaara. Akkasumas, dhukkuba garaacha akka bloating, cramps fi indigestion fayyisaa jira.
7. Guddina Rifeensaa Deggaruu:
Yeroo rifeensaaf akka zayitii ykn dhiqannaatti itti fayyadamnaan, dhiibbaa dhiigaa qaama miidhaginaa keessatti dabaluun, humna asxaa rifeensaa cimsuun gargaara. Rifeensa hir’achuu ittisa.
8. Marsaa Dhiigaa (Blood Circulation) Fooyyessa:
Roosmarii dhiibbaa dhiigaa keessatti hojjachuun, dhiibbaa dhiigaa fooyyessuu fi ujummoo dhiigaa bal’isuu danda’a. Kunis qaama hundaaf nyaata ga’aa fi oksijiinii geessisuuf gargaara.
9. Hafuura Gaarii Uumuu (Breath Freshener):
Roosmariin mouthwash ykn cuunfaa isaa gargaaramuun afaan keessatti bakteeriyaan badiin akka hin guddanne ittisa. Kanaaf hafuura gaarii fi afaan qulqulluu namaaf fiduu danda’a.
10. Summii Tiruu Irraa Balleessuuf:
Roosmarii akka diuretic tajaajiluu danda’a – kana jechuun qaama keessaa bishaanii fi summii tiruu irratti hirkatan akka ba’u godha. Tiru fayya-qabeessa akka ta’u ni gargaara.
11. Dhukkuboota Gara Garaaf Falma:
Roosmariin antimicrobial fi anti-inflammatory dhaan dhibee gara garaa akka infection, hargansuu, fi dhukkuba sombaa ni lola. Akkasumas, fincaanii fi kaleessaafis ni tajaajila.
12. Dhibee Garaachaa Fayyisuuf:
Akka aadaa keessatti, roosmariin dhukkuba garaachaa, baala garaacha fi dhukkuba saffisaa keessatti itti fayyadamama. Garaacha tasgabbeessuufi yaala ulfaatina nyaataa kennuu danda’a.
Akkamitti Fayyadamna?
Shaayii Roosmarii – Baala isaa bishaan ho’aa keessa kaa’uudhaan.
Zayitii Roosmarii – Mataa, rifeensa, fi lafee irratti dibuudhaan.
Urgaa (Aromatherapy) – Urgaa isaatiin miira tasgabbeessuu fi sammuu dammaquu.
Nyaataf mi'eessuuf – Foonfi nyaata gara garaa keessatti ittin hojjatamu.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌 | 8 092 |
