en
Feedback
Mul'isaa Ejjetaa

Mul'isaa Ejjetaa

Open in Telegram

Dhugaan qofa Ammas dhugaa qofa

Show more
253
Subscribers
No data24 hours
+87 days
+1930 days
Posts Archive
Decision Of The House Of Federation..pdf1.34 MB

Leenjii Mata Duree "Yakkoota Malaammaltummaa fi Qabeenya Bu'aa Yakka Malaammaltummaa Deebisiisuu."

ለአዲሱ ቦሌ ምድብ ችሎት ተገልጋዮች በሙሉ ********** በቀድሞ ቦሌ (በአሁኑ ለሚ ኩራ ምድብ ችሎት) ጉዳያችሁን ስተከታተሉ የነበራችሁ እና በአዲሱ ቦሌ ምድበ ችሎት አዲስ ስያሜ የተሰጣቸው ችሎቶ
ለአዲሱ ቦሌ ምድብ ችሎት ተገልጋዮች በሙሉ ********** በቀድሞ ቦሌ (በአሁኑ ለሚ ኩራ ምድብ ችሎት) ጉዳያችሁን ስተከታተሉ የነበራችሁ እና በአዲሱ ቦሌ ምድበ ችሎት አዲስ ስያሜ የተሰጣቸው ችሎቶች በቀድሞ ሲስተናገዱ የነበሩበት ችሎቶች ስያሜ መግለጫ እንደሚከተለው የተገለጸ ሲሆን ከህዳር 3/2016 ዓ.ም ጀምሮ ጉዳያችሁን የተመደበበት ችሎት በማረጋገጥ እንድታቀርቡ እና እንድትስተናገዱ በአክብሮት እናሳውቃለን ፡፡ ፍርድ ቤቱ

"የመንግስት ( የቀበሌ/የኪራይ) ቤቶችን በተመለከተ የፌደሬሽን ምክር ቤት የሰበር ውሳኔን በመሻር ውሳኔ አስተላለፈ። ከዚህ ቀደም የፌደራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ሰ/ሰሚ ችሎት በሠ/መ/ቁ. 189707 እና በሠ/መ/ቁ. 228002 ጠቅለል ሲደረግ ቤትን ለረጅም ግዜ መያዝ ብቻውን የባለቤትነት መብት አያጎናጽፍም ሠ/መ/ቁጥር 228002     አንድን ቤት ለረጅም ግዜ መያዝ ብቻውን የባለቤትነት መብት የማያጎናጽፍ በመሆኑ እንዲሁም ቤቱ የቀበሌ / የመንግስት / ቤት መሆኑን የሚያሳይ ቅጽ 003 እና ቅጽ 004 በሌሉበትሁኔታ በተቋሙ የመረጃ ስርአት ቅጽ 008 በቀበሌ ቤትነት መመዝገቡ ብቻ ቤቱ በመንግስትየተወረሰ የቀበሌ /የመንግስት ቤት ነው ሊያስብለው አይችልም። በአዋጅ ቁጥር 47/67 ተወርሶ ለረጅም ግዜ በመንግስት እጅ የነበረ ቤትን በሚመለከት በስህተት አላግባብ ያለህጋዊ ምክንያት ተሰጥቷል የተባለው የይዞታ ማረጋገጫ ካርታ የመከነና በመንግሰት ባለቤትነት የሚታወቅ ስለመሆኑ በተገለጸበት በአዋጅ ቁጥር 47/67 መሰረት መንግስት የወረሰው መሆኑን የሚያሳይ ቅጽ 003 እና ቅጽ 004 በሌለበት ቤቱን የመንግስት ንብረት አያሰኘውም። የሚል ውሳኔ ወስኖ የነበረ ሲሆን ይህንን ውሳኔ የኢፌድሪ የፌደሬሽን ምክር ቤት መስከረም 29 ቀን 2016 ዓ.ም. ባደረገው 6ተኛ የፓርላማ ዘመን 3ተኛ አመት 1ኛ መደበኛ ጉባኤው በህገ መንግስት አጣሪው በቀረበለት መሰረት በመ/ቁጥር 108/15 የሠ/መ/ቁ .189707 ህገመንግስታዊነት አጣርቶ ውሳኔውን ሽሮታል። ስለሆነም የመንግስት ቤትን ለረጅም ጊዜ ከአዋጅ 47/67 በኋላ ይዞ ያስተዳድር የነበረ ሁለቱ ቅፃች ቅፅ 003 እና 004 ባይኖሩትም ባለይዞታነቱ ይቀጥላል" Credit to Adil law office Murtiin dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin galmee lakkoofsa 189707 ta'e irratti: "Akkaataa Labsii Lakk.47/67tiin mootummaan dhaaluu isaa unki agarsiisu (Unki 003fi 004) osoo hin jiraatin qabeenyichi kan mootummaati jechuun sirrii miti" jedhamee murtaa'ee ture Mana Maree Federeeshiniitiin (Lakk.Ga.108/15 ta'e irratti yaa'ii gaafa 29/01/2016 gaggeeffameen), unkoonni lamaan jiraachuu baatanis mootummaan labsii eerameen booda waggaa dheeraadhaaf bulchaa turuun isaa mirkanaa'eera taanaan abbaa qabiyyummaa isaa hin dhabu (abbaan qabiyyummaa mootummaa itti fufa) jedhamee diigameera. (Akka Adil Law Office madda biroo caqasee olitti bifa gabaabaa ta'een ibsetti) Murtiin dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin kenname Heera waliin wal faallessuufi faallessuu dhabuu isaa hubachuuf (Tumaa Heeraa murtichi bu'uura taasifate ilaaluuf) guutummaa murtii Mana Maree Federeeshinii argachuun murteessaadha. Murticha kan of harkaa qabdan nuuf ergaa!🙏🙏

Qajeelfama Addaa Bittaa Galtee Meeshaalee Ijaarsaa Murteessoo Ta'an irratti Sirreeffama Gatii Taasisuuf Qophaa'e Lakk. 29/2016. Cred to Elias

Repost from Oromia Bank
We’re Hiring

Repost from Desalegn B.
👆👆👆👆👆👆👆👆👆 Aangoo Baankiin Qabeenya Wabummaan Qabate To’annoo Isaa Jala Oolchuun Gurguruuf Qabu (Foreclosure Sale) Ilaalchisee Rakkoolee Qabatamaan Mul’atan Muraasa                           Desalegn B.            https://t.me/desberofMM =======//======//======//========//=====//======= ………itti fufuun…. Qabatama hojii manneen murtii keessatti rakkooleen tokko tokko ni mul’atu. Darbee darbee, iyyannoowwan gama nama dhuunfaa qabeenya qabsiiseetiin ykn abbaa idaatiin manneen murtiitti dhiyaatu irraa akka hubatamutti; namoonni tokko tokko baankiin qabeenya nuti wabummaan hin qabsiifne itti dabalee nu jalaa gurguruuf waan ta’eef akka nurraa dhaabbatu nuu haa ajajamu, qabeenya keenya ofuma isaaniitii tilmaamanii gatii gabaa gadiin nu jalaa gurguruuf waan ta’eef kunis akka nuuf dhorkamu, qabeenya wabummaan qabatan osoo hin gurgurin simatanii waggaa dheeraa of harka waan tursaniif dhalli akka nurratti hin shallagamne nuuf haa murtaa’u, dursee kan gurguramuu qabu qabeenya nama liqeeffatee ta’uu osoo qabuu kan nama biroo qabsiisee gurguruun sirrii miti jedhu. Kana malees, erga gurguramee booda himannaa haarayaa baankii irratti hundeessuun baankiin gatii gabaa gaditti nu jalaa gurgure waan ta’eef gurgurtaan taasifame haqamee akka naaf sirraa’u, gama tokkoon seerota ‘foreclosure’tiin, gama birootiin immoo adeemsa mana murtiitiin yeruma tokkotti tarkaanfiin nurratti fudhatamaa waan jiruuf kunis akka nuuf sirraa’u jechuun yommuu iyyatan ni mul’ata. Komiiwwan adeemsaan wal qabatan, kanneen olitti ibsaman, manneen murtiitti wayita dhiyaatan manneen murtii adeemsa baankii jidduu hin seennu, miidhaan yoo isinirra gahe bu’uura kwt 7tiin booda gaafachuu dandeessu jechuun wayita galmee cufanis ni argama. Labsiileen Baankii aangessan kun qaama adeemsa irratti komii dhagahuu qabu osoo adda baasanii hin kaa’in, qaamni aangoo abbaa seerummaa qabu kan biroonis osoo hin aangeffamin, ykn tumaaleen manni murtii akka hin ilaalle dhorkan (daangessanis) osoo hin jiraatin manneen murtii komiiwwan (falmiiwwan) akkasii hin ilaallu jechuun Heera mootummaa FDRI kwt 37 qixaan hubachuu dhabuu irraa waan maddu fakkaata. Gama birootiin, bu’uurummarraayyuu labsiileen baankiidhaaf mirga (aangoo) qabeenya to’atanii gurguruu kennan kun ija Heera Mootummaa FDRI keewwattoota 25, 37fi 40tiin akkamitti ilaalamu? Baankiin loogii irraa bilisa ta’ee dhimmuma ofiif garee itti ta’e irratti sirnaan komii keessummeessuu ni danda’aa? Mijataadhaa? kan jedhu ilaalchisee ogeessota seeraa gidduutti addaan baateen ni jira.           Bal’inaan dubbisuuf pdf olii banaa!!                Desalegn B.

Repost from Gonfa Atoma
Dambiilee Adda Addaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin Bahan (kanneen isin fayyadu buufadhaa itti fayyadamaa)

LEENJII YAKKOOTA DIINAGDEE IRRATTI QOPHAA’E.pptx2.40 KB

Repost from Milki M
Himannaa Abbaa Qabiyyummaafi Mirga Abbaa Qabiyyummaa Lafa Magaalaa: Xiinxala Dhimmaa A Case Comment by Dessalegn Berhanu (Published on Oromi Law Journal and African Journals Online - AJOL https://www.ajol.info/index.php/olj/article/view/255521

Jijjiirraa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Ol'aanaa ----------------------

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaaa_Federaalaa Lakkoofsa Galmee 219736 ta'e irratti "maalummaa gocha jeequmsaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1149(1) jalatti tumameen ijoowwan jeequmsa jechisiisuuf taa'an malee maalummaa jeequmsaa ifatti hiikoo hin kennine.Tumaa seeraa kanarraa kan hubatamuu danda'u,gocha jeequmsaa kanneen hundeessuu danda'an lama akka ta'aniidha.Inni 1ffaa abbaan qabiyyee mirga nagaan fayyadamuu isaa irratti jeequmsi giddu seentummaan (interference) yoo uumameedha.Inni 2ffaa ammoo qabeenya abbaa qabiyyee harka ture guutummaan yookiin gartokkeen qabachuun abbaa qabiyyee qabeenyaan ala (dispossession) gochuu kan ilaallatuudha.Bu'uuruma kanaan abbaan qabiyyee qabeenya isaarratti jeequmsi uumame qabeenyi isaaf akka deebi'uuf yookiin jeequmsi ka'e irraa dhoorkamee akka dhaabbatuu fi gocha jeequmsaan miidhaa gaheef beenyaan akka kafalamuuf darbiinsa yeroo seeraan kaa'ame keessatti gaafachuu akka danda'uu fi abbootiin seeraa gochoonni kunneen raawwatamuu erga mirkaneeffatanii booda jeequmsi akka dhaabbatuu fi barbaachisaa ta'ee yoo argame beenyaan akka kanfalamu murteessuu akka danda'an tumaa waliigalaa SHH kwt 1149 irraa hubachuun ni danda'ama" jechuun hiikoo kennee ture. #Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaaa_Federaalaa Lakkoofsa Galmee 201235 ta'e irratti "seerummaa jeequmsi qabiyyee kiyya irratti uumame narraa haa dhaabatu jedhamee gaafatame,waliigaltee gurgurtaa qabiyyeef ka'umsa ta'e ykn waliigaltee biraa akka diigamu jedhamee seerummaa gaafatame bakka hin jirretti,waliigalteen diigamee bitaa mirgi bakka duraan turanitti haa deebi'an jedhamee murtiin kennamuu hin qabu;akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1140 fi 1149 tiin jeequmsi qabiyyee nama tokko irratti uumame kan jedhamu qabiyyee tasgabbaa'aa hayyama(fedhii) abbaa qabiyyee malee gocha humnaan qabeenya abbaa qabiyyee irratti raawwatamu kan akka hin fayyadamne daangeessuu ykn gidduu lixuu fi buqqisuu ykn fudhachuu(dispossession) akka ta'e ni hubatama.Seerummaa jeequmsi uumame haa dhaabatu jedhamee gaafatame jeequmsi jiraachuu yoo mirkanaa'e,bu'uura shh keewwata 1149(3) tiin jeequmsi akka dhaabatu ajajama" jechuun sagalee caalmaan hiikoo kennee ture. (Murtiilee Jildiidhaan hin maxxanfamne haaraadha). Hiikoo Dhaddacha Ijibbaataa haarawa dhiheenya kana murtaa'an baay'ee karaa Telegiraamaatiin ni maxxansa buufadhaa dubbisaa! Beekumsa waliigalaatiif nama fayyadas.Maddi M/Teyib Nureti