cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking Β«Accept allΒ», you agree to the use of cookies.

avatar

ABDII SABAA

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ’¬NU QUNNAMUUFπŸ’¬ @AbdiiSabaaDm 🎯MARIIF @Abdiisabaa

Show more
Finland2The language is not specifiedNews & Media263
Advertising posts
335 254Subscribers
+24924 hours
+1 3597 days
+6 23730 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Obbo Taayyee Danda’aan yakka humnoota farreen nageenyaa deeggaruu fi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuun himataman. Ministir Deetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aan yakka humnoota farreen nageenyaa deeggaruu fi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuun himatamaniiru. Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii 1ffaa Lidaataa dhaddacha yakkoota dhimma heera mootummaa fi sirna Heera Mootummaatti himanni kun banamuu ibsameera.
Show all...
πŸ‘ 138😒 36❀ 33😱 15πŸ’˜ 12πŸ₯° 9πŸ”₯ 7🀝 7
Ragaa Sobaa Xaalayaa Sobaa Ministeera Raayyaa Ittisaaf Barreeffame jedhamuun Miidiyaalee hawaasummaarra oliif gadi naanna’aa jiru. Xaalayaan Sobaa Ministeera Raayyaa Ittisaaf Barreeffame jedhamuun Miidiyaalee hawaasummaarra oliif gadi naanna’aa jiraachuu eerameera. Xaalayaan miseensonni duraanii Raayyaa Ittisaa Biyyaa gara dhaabbatichatti akka deebi’an ajaja kennuu jechuun barreeffamee miidiyaalee hawaasummaarraa naanna’aa jiru Xaalayaa sobaa ta’uu ibsameera.
Show all...
πŸ‘ 122❀ 27😱 7πŸ₯° 4🀯 4
#Ads Barattootaaf Assignment Gaaffii Garaa garaa fi Research kamiyyuu hojjechuuf App Kun hedduu Gargaara, App Kana link isaa asii gadii Tuquudhaan Seentanii buufachuu dandeessu. πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://bit.ly/Download-Question-Ai-App https://bit.ly/Download-Question-Ai-App
Show all...
πŸ‘ 143❀ 56πŸŽ‰ 21😱 19
"Namootatu na gowwoomsanii achitti na geessan" - Luba Belaay Mekonnin. Abukaatoon Luba Belaay Mekonnin "Iddoo sanatti argamuun alatti xalayaa qopheessuu fi fudhachuun yakka kana keessa hin hirmaanne" jedhan. Dhaddacha irratti haasa'uuf carraa kan argatan lubi kun, ' "Namootatu na gowwoomsanii achitti na geessan. Ani tumsuuf achi hin dhaqne, sanadni kun 'dokimentii sirrii ta'us ta'uu baatus' jedhee hoggantoota baankii gaafachuufan deeme, garuu sanada kana karaa kamiinuu fayyadamuuf hin yaadne. yeroo hogganaan baankii sanadni sun 'sirrii akka hin taane' naaf ibse "Ani nama battalumatti poolisiitti bilbiledha," jedhaniiru. Namoonni sanada kana qopheessan jedhaman "miliqaniiru", jechuunis dhaddacha kana irratti dubbataniiru. Gaaffiin mirga wabii mana murtiif har'aa dhiyaate kufaa ta'uun guyyoonni dabalataa saddeet poolisootaaf kennameera.
Show all...
πŸ‘ 165❀ 27❀‍πŸ”₯ 3πŸ₯° 2😍 2🀩 1
Gamoon mana jireenyaa jigee lubbuun namoota 7 darbeera. Magaalaa Finfinneetti naannoo Masjiida Xarootti gamoon mana jireenyaa jigee lubbuun namoota 7 darbeera. Miidiyaan @Abdii_Sabaa akka dhagaheetti namoonni balaa halkan sa'aatii 5:00 irratti mudateen lubbuu isaanii dhaban manneen duuba isaanii jiran irratti yeroo manneen kunneen irratti kufanidha.
Show all...
πŸ‘ 137😒 136❀ 52πŸ’” 31πŸ₯° 12πŸ”₯ 10πŸ‘ 7😱 6
Barataa hirriba injifatee dubbisuuf jecha Buna dhugee daqiiqaa muraasa booda du’e Darajjee Baashaa. Barataan Darajjee baashaa Yuunivarsitii Dirree Dawaattii muummee odeeffannoo Teeknooloojii waggaa sadaffaa barataa kan ture yommuu ta’u wiixata gaafa guyyaa 14/8/2016 akka tasaa lubbuun isaa darbuun namoota hedduu gaddisiise. Barataan kun guyyaa guutuu nagaa kan oole yommuu ta’u galgala hiriyoota isaa waliin Irbaata nyaachuun Laayibrarii seenee hanga halkan sa’a Sadiitti dubbisaa ture. Dadhabbii fi hirriba ofirraa ari’uufis hiriyaa isaa kan biraa waliin ba’anii kaaffee shamarranii ykn β€œGirls Caffee” jedhamee bakka beekamuu buna dhuguuf ba’an. Erga buna dhuganii daqiiqaa muraasa booda achumati lafa dhahuun oomichi fuunyaan fi Afaan yaa’uu eegale. Barattooniifi namoonni bakkicha turan barataa kana bakka itti kufee jiruu kasuun kiliniika mooraa qaqqabsiisuuf osoo fiiganii barataan kun lubbuun isaa ba’e. Ergaan maatii miidiyaa @abdii_Sabaa mooricha irra nu qaqqabe akka ibsuttis β€œ Barattonni mooraas battaluma boqachuu barataa kanaa dhaga’aniin halkanuma sana gaaffii garaa garaa Gamtaa barattootaa moorichaaf dhiheessaniiru” Gaaffiiwwan barattooni gafataa jiranis:- β€œMooraa keenya keessatti lubbuun barataa keenyaa waggaa waggaan darba garuu dhugaa barataa keenyaa argachuu hin dandeenye, kanaaf,Shiraa fi soba tokko malee qoratamee dhugaan barataa keenya nuuf haa himamu.” kan jedhudha. Dhimma kanaan walqabachuun gama moorichaatiin qorannoon ifa taassifames hanga ammaatti hin jiru. Dabalataanis barataa kana geggeessuuf yaallus mooraan akka hin hayyamneef odeeffannee jirra. Dhimma barataa kanaan walqabsiisuun odeeffannoo dabalataa argannu hatattamaan kan isin qaqqabsiisnu yommuu ta’u, Irra deebiin maatii, firoottan, hiriyootaafi hawaasa maraaf jajjabina hawwaa, dhugaan barataa kanaa qoratamuun akka ifa taassifamu Yuunivarsitii Dirree Dhawaa fi qaama dhimmi kun ilaallatu mara cimsinee gaafanna. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘ πŸ“šODEEFFANNOO BARNOOTAAF πŸ“š @ABDIISABAA πŸ“š 🌐 abdiisabaa.com 🌐 abdiisabaa.org Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

😒 530πŸ‘ 334❀ 80😱 54πŸ€— 20🀯 15πŸ’” 7🀩 5
Barataan kun akkamitti du’e? Mooraan qorannoo taassisee jiraa? Gaaffiin barattootaas maali? Barataa Darajjee Baashaa Yuunivarsiitii Dirree Dhawaatti, Muummee 'Information Technology' waggaa 3ffaa barachaa kan ture, wiixata halkan naannoo sa’a sadiitti dhukkuba tasa isa muudateen du'aan addunyaa kanarraa boqateera . Miidiyaan @Abdii_Sabaa odeeffannoo hiriyootaafi namoota bakka dhukkubbi itti eegale turan irraa argateefi komii barattoonni kaasaa jiran daqiiqaa muraasa booda kan isiniin ga’u ta’a. Gamanumaanis maatii firoottaniifi hiriyoota isaa maraaf jajjabina hawwina.
Show all...
😒 191πŸ‘ 119❀ 28😱 14πŸ‘ 6πŸŽ‰ 2
#Ads Onlaayin seentanii waan dalagdan yoo dhabdan monbirr.com seenuun beeksisa ilaaluu qofaan karaa salphaan kaardii mobaayilaatiin kaffaltii keessan akkuma beeksisa ilaaltanii xumurtaniin baafadhaa! Kaardii guuttadhaa maatiifi hiriyoota keessan waliin bashannanaa. Odeeffannoo dabalataaf @Monbirr_News hordofaa! Monbirr.com SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘ πŸ“šODEEFFANNOO BARNOOTAAF πŸ“š @ABDIISABAA πŸ“š 🌐 abdiisabaa.com 🌐 abdiisabaa.org Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
Show all...
πŸ‘ 148❀ 28😒 22🀯 8πŸ’” 7😱 2
"Guutummaan guutuutti dhugaa miti" - TPLF β€œAddi Bilisummaa ummata Tigraay (TPLF) Paartii Badhaadhinaatti makamuuf marii walduraa duubaan gaggeessaa jira" jechuun odeeffannoon miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'aa jiru soba akka ta’e paartichi beeksise. Wayyaaneen, "Mariin Badhaadhina waliin taasifamaa jiru kun nagaa Waliigaltee Piritooriyaa booda uumame babal'isuu fi cimsuuf kan kaayyeffatedha" jetteetti. Paartii Badhaadhinaa waliin kaayyoo fi yaadaan garaagarummaa bu’uuraa akka qabdu kan ibsite TPLF "Garaagarummaan jiraatus ajandaawwan paartileen lamaan irratti mari'atan baay'eedha," jedhan. "Wayyaanee paartii badhaadhinaa waliin walitti makamuuf mariin eegalameera" jechuun odeeffannoon naanna'aa jiru guutummaatti dhugaa kan hin taane ta’uus beeksisaniiru.
Show all...
πŸ‘ 159❀ 22πŸ‘ 9πŸ”₯ 4
Odeeffannoo barnootaa qofa hatattamaan argachuuf karaa @ABDIISABAA nu hordofaa
Show all...
πŸ‘ 710❀ 190😒 51πŸ‘ 47🀯 43