cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking Β«Accept allΒ», you agree to the use of cookies.

avatar

Walaloon Jaalala

Youtube Irraattis nu Argattu https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa @Walaloo_bot

Show more
Finland56The language is not specifiedMusic1 123
Advertising posts
51 209Subscribers
+6324 hours
+4937 days
+1 62830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

JAALALA KOO SIMADHU Diyaamendii yoon dhabees Isa gatiinsaa cimaa Onneerraan si jaalladha Jilbeenfadheen sitti hima! ~~~~ Murteessaan warqee mitiim Warqee isa gatii jabaa Jaalalli dhugaa taanan Abaaboon hiika qaba! ~ Utuun onnee siif laadhee Sagal kufee siif cabuu Garaan kee amma kana Natti jabaachuu hin qabu!! ~~ Kennaa waaqaatii malee Jaalalli hin qabu cubbuu Onneerraan si jaalladhaa Tole naaf jedhi lubbu!!! @Oro_Technolgy Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Show all...
Sin jaaladha giiftii koo Jaalallee too dhugaa Waa'ee yaadadheen Halkaniif guyyaa mugaa Guyyaa si argerraa kaasee tan biraa hin laaluu Takka hin agarre Bareeda si caaluu Yoo ati yaalte malee Doktorri fedhe dhufee Dhibee kiyyan yaalu Qashtii nyaara kuulaa Ta funyaan konkonaa Si yaadaan jiraadha Ani gannaaf bona Baddaa baalee kanaa Qamadiin asheetee Fageenyat na dhoowwee Waan si dhiise seetee Halkanillee siyaadaa bakka bulu ciisee Jiraachuun dandayu an ____too dhiisee Abdii Jr Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Show all...
πŸ‘ 21❀ 10πŸ”₯ 2❀‍πŸ”₯ 1
Repost fromΒ Kaachuu Promotion
Sobaan hin beeksisnu Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Show all...
Seenaa
Walaloo
Aadaa
Ispoortii
Oduu
Hojii
Teeknooloojii
Siyaasa
All in one
Repost fromΒ Walaloon Jaalala
Dambalii Jaalalaa Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?
Show all...
❀ 5πŸ‘ 1
Dambalii
Jaalalaa
❀️❀️❀️
❀️Dambalii Jaalalaa❀
Seequun kee ana sobaa An asiin uradhee cobaa Nama anaaf qaaliitti of akkeessitaa Nama 'siifan du'a' jedhu of fakkeessitaa Keessan gurraachoftee Gubbaan natti iftaa Summii hin muldhanne Dhoksitee natti biiftaa Soogiddadha ati Garuu sobdee taata damma Damma jedhee si dhamdhama Garuu soogiddatu natti namma Ajaa'iba! Bitaachi yoo darbu Mirgattin akkeeffamuu Soogiddi soogiddaa Dammattin fakkeeffamuu Ati soogiddadha Kuraa'aa bifaan adii Yoomuu damman taatuu Ija koo duraa badii! Jamaal Rashiid Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Show all...
πŸ₯° 8❀ 5πŸ‘ 4πŸ”₯ 1
Siif maraadhee lachuu dhabee Siif gufadhee kichuu cabee Maraattuu sirnaa tahee Namummaa keessaa bahee Siif marmaaree lafa hundaa Siif abaaree nama guddaa Ati naaf hin hubanneπŸ’” Onneen koo siif gaggabuu Lafeen koo siif caccabuu Siif okkolee, siif meelachuu Siif dhukkaa'ee, siif eelachuu Xiyyaara yaadan siif imaluu Ati hin beekne siif hin galu Gad hin ciisne takkaa dirraan Si jaaladha keessaf irraan...... Jaalala koo naaf hubadhuu Na yaali mee na fudhadhuu BY:- Abdii Nagahoo Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Show all...
πŸ‘ 15❀ 6πŸ’” 3πŸ”₯ 1πŸ₯° 1
OBSII Obsiimee obsaa koo Dandaa'a hundumaa Bara fakkaataa koo Obsii kee addumaa Guyyaa darbuu jirtuu Hundumaa fudhaatte Boruu hundaa argitaa Yoo obsaa qabaattee Soba sitti faarsee Si halluus dhugaa kee Waqayyoo si baasaa Barbaddee Gumaa kee Humnaa obsi qabu Bultuus arguun oltuu Har'af guyyaan hundu Sitti dukkanooftus Sami chalchisa Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Show all...
❀ 26πŸ‘ 14πŸ₯° 6πŸ”₯ 4πŸ‘ 2πŸ—Ώ 2
Repost fromΒ Kaachuu Promotion
Sobaan hin beeksisnu Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Show all...
Seenaa
Walaloo
Aadaa
Ispoortii
Oduu
Hojii
Teeknooloojii
Siyaasa
All in one
Repost fromΒ Kaachuu Promotion
Eenyutu injifata?
Show all...
Arseenaal
Chalsii
Wal qixa ba'u
Balleessaa kee dhoksuudhaaf Dadhabbii koo lakkooftu Jecha kee waa'ee hin baafnen Sababa naaf funaantu Fuulli kee dukkanaa'u Garaan kee fagoo yaaddee Gaafasuma naaf gale Deemuu akka barbaadde Ani!! Dhaabee si hin qabuuf malee Sokkuun kee na dhukkuba Innin foolii kee bare Kan biraattoo na dhiba Na hin hubanneef malee Dhugaa onnee koo  jalaa Iccitii   koodha   ati Sirra maaltu naaf caala! ✍Gemechu Dima Walaloo erguuf πŸ‘‰ @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
Show all...
❀ 14πŸ‘ 6πŸ₯° 4πŸ‘Ž 2πŸ”₯ 1πŸ‘ 1