en
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

Open in Telegram

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university

Show more

📈 Analytical overview of Telegram channel ABDII SABAA

Channel ABDII SABAA (@abdii_sabaa) in the Javanese language segment is an active participant. Currently, the community unites 599 451 subscribers, ranking 39 in the Education category and 2 in the Ethiopia region.

📊 Audience metrics and dynamics

Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 599 451 subscribers.

According to the latest data from 04 October, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 3 875 over the last 30 days and by 172 over the last 24 hours, overall reach remains high.

  • Verification status: Not verified
  • Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 15.12%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 7.38% reactions from the total number of subscribers.
  • Post reach: On average, each post receives 90 627 views. Within the first day, a publication typically gains 44 236 views.
  • Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 364.

📝 Description and content policy

The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
“SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university”

Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 05 October, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Education category.

599 451
Subscribers
+17224 hours
+7477 days
+3 87530 days
Posts Archive
Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform

Fooyya'iinsi Heera Mootummaa akka Taasifamuu fi Malaammaltummaa Irratti Tarkaanfiin Cimaan akka Fudhatamu Akkasumas Mootummaa
+1
Fooyya'iinsi Heera Mootummaa akka Taasifamuu fi Malaammaltummaa Irratti Tarkaanfiin Cimaan akka Fudhatamu Akkasumas Mootummaan Daandii Mariifi Dhiifama Akka Filatu Dr. Abiy Ahimad Beeksisan Muummeen Ministiraa FDRI Dr. Abiy Ahimad haasaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif taasisaniin, yeroo itti aanu keessatti yaada furmaataa Marii Biyyaalessaatiin dhiyaatu bu'uura godhachuun fooyya'iinsi Heera Mootummaa kan taasifamu ta'uu ifoomsaniiru. Kana malees, mootummaan isaanii malaammaltummaa, hanna, sirna fira qaxaruu fi loogii guutummaatti dhabamsiisuuf tarkaanfii ulfaataa fi cimaa kan fudhatu ta'uu akeekkachiisaniiru. Dhimma baajataatiin walqabatees, sirna itti fayyadama baajataa to'annoo fi hordoffii cimaan irratti taasifamu hojiirra akka oolchan addeessaniiru. Gama nageenyaatiin, biyyattii keessatti nagaa waaraa fiduuf mootummaan daandii marii fi dhiifamaa kan hordofu ta'uu kaasaniiru. Muummeen Ministirichaa qaamolee bosona jiran gara daandii nagaatti akka deebi'anii fi gareewwan mufatanis hafuura dhiifamaatiin gara ijaarsa biyyaatti akka dhufan waamicha dhiyeessaniiru. Haa ta'u malee, cinaatti qophii, hordoffii fi bobbiin qaamolee nageenyaa fi tikaa caalaatti cimee kan itti fufu ta'uu ibsaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

"Itoophiyaan Buufata Galaanaa Argachuuf kennaa yookiin arjooma qaama kaminiyyuu osoo hin taane, humna fi dandeettii Ofiitiin"
+2
"Itoophiyaan Buufata Galaanaa Argachuuf kennaa yookiin arjooma qaama kaminiyyuu osoo hin taane, humna fi dandeettii Ofiitiin" - Dr. Abiy Ahimad Muummeen Ministiraa FDRI Dr. Abiy Ahimad erga waggoota shanan dhufaniif biyyattii akka hooggananiif Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiin irra deebi'amee muudamanii booda haasaa taasisaniin, Itoophiyaan karaa nagaa fi qajeeltoo fudhatanii-kennuutiin buufata galaanaa argachuuf cimsitee kan hojjettu ta'uu beeksisan. Biyyoota ollaa akka fira uumamaatti kan ibsan Muummeen Ministirichaa, nageenya, faayidaa waliinii fi tumsaan hojjechuu akka itti fuftu eeruun, qaroominni Itoophiyaa buufata galaanaa malee dhugoomuu waan hin dandeenyeef biyyattiin balbala ittiin baatuu fi seentu qabaachuuf tattaaffii cimaa ni taasisti jedhaniiru. Dabalataanis, Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa fi naannichatti gahee murteessituu qabdu kennaa yookiin arjooma qaama kaminiyyuu osoo hin taane, humnaa fi dandeettii ofiitiin kan mirkaneessitu ta'uu ibsaniiru. Biyyattiin rakkoolee keessaa fi dhiibbaawwan alaa, akkasumas duula miidiyaa, kijibaa fi shira isheerratti baname hunda dandamachuun birmadummaa ishee kabachiifachuu kan dandeesse ta'uu kaasaniiru. Seenaa ishee keessatti yeroo kufteetti jedhamtutti walitti qabamtee jabaattee ka'uun kan beekamtu Itoophiyaan, faayidaa biyyoolessaa fi birmadummaa ishee eegsisuuf akkasumas karoora misoomaa fi walitti hidhamiinsa naannichaa dhugoomsuuf dandeettii guutuu akka qabdu mirkaneessaniiru. Gama ijaarsa raayyaatiinis, guddina Itoophiyaa, haala yeroo addunyaa fi naannichaa giddugaleessa kan godhate, akkasumas olaantummaa qilleensaa Gaanfa Afrikaa mirkaneessuu kan danda'u humna ittisaa ijaaruuf hojjetamaa akka jiru addeessaniiru. Raayyaan kunis ammayyaawaa, kalaqaa, fi yeroo hunda qophaa'aa ta'uun balaa osoo hin uumamin dursee eeguu, yoo dhufe ittisuu fi yoo hammaate immoo aadaa abbootii isaa eeggatee injifachuu kan danda'u ta'uu eeraniiru. Dhumarrattis, gufuuwwan biyyattii mudatan injifachuun tokkummaa keessaa cimsuu fi qaroomina haaraa itti fufiinsa qabu ijaaruuf uummanni hundi gahee isaa akka ba'u waamicha dhiyeessaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Dr. Abiy Ahimad Irra Deebi'uun Muummee Ministiraa FDRI Ta'uun Muudaman Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa'ii har'a gaggee
+2
Dr. Abiy Ahimad Irra Deebi'uun Muummee Ministiraa FDRI Ta'uun Muudaman Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa'ii har'a gaggeesseen Dr. Abiy Ahimad irra deebi'uun Muummee Ministiraa mootummaa FDRI taasisuun muudeera. Haaluma kanaan, Dr. Abiy Ahimad waggoota shanan dabalataatiif Itoophiyaa hoogganuuf mana marichaa fuulduratti dhihaachuun sirna kakuu isaanii raawwataniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Obbo Ahimad Shidee Af-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ta'uun Filataman Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa'ii har
+1
Obbo Ahimad Shidee Af-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ta'uun Filataman Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa'ii har'a gaggeesseen Obbo Ahimad Shidee Af-yaa'ii mana marichaa taasisuun filateera. Haaluma kanaan, Obbo Ahimad Shideen kan kanaan dura Ministeera Maallaqaa hoogganaa turan, Obbo Taagasaa Caafoo bakka bu'uun waggoota shanan dhufaniif mana marichaa kan hoogganan ta'a. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Sirni Baniinsa Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa 7ffaa Gaggeeffamuu Eegale Yeroo ammaa kana, sirni baniinsa yaa'ii Man
+1
Sirni Baniinsa Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa 7ffaa Gaggeeffamuu Eegale Yeroo ammaa kana, sirni baniinsa yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa 7ffaa ifatti gaggeeffamuu eegaleera. Odeeffannoo dabalataa waltajjicha irraa bahan yeroo nu dhaqqaban isiniif kan dhiyeessinu ta'a. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Manni Maree Federeeshinii Af-yaa'ii fi Itti Aanaa Haaraa Filate Manni Maree Federeeshinii FDRI yaa'ii har'a gaggeesseen Aadde
+1
Manni Maree Federeeshinii Af-yaa'ii fi Itti Aanaa Haaraa Filate Manni Maree Federeeshinii FDRI yaa'ii har'a gaggeesseen Aadde Mufariyaat Kamiil Af-yaa'ii mana marichaa taasiisuun filateera. Haaluma walfakkaatuun, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa kan turan Obbo Dastaa Leedaamoo immoo Itti Aanaa Af-yaa'ii mana marichaa taasiisuun filachuu isaa beeksiseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Hir'ifama Gatii Beeksisa Miidiyaa Abdii Sabaa Irratti %80 Taasifneerra! Tajaajilaa fi oomishaalee keessan beeksifachuuf hir'i
Hir'ifama Gatii Beeksisa Miidiyaa Abdii Sabaa Irratti %80 Taasifneerra! Tajaajilaa fi oomishaalee keessan beeksifachuuf hir'ifama gatii guddaa dhibbantaa 80 (%80) taasifnee akka jirru isin beeksifna. Oomishaafi Tajaaila keessan beeksifachuuf @abdiisabaadm irratti ragaawwan qulqullina tajaajila keessanii mirkaneessan erguun harra irraa eegaltanii carraa kanatti fayyadamuu ni dandeessu. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Waltajjii Gibxii fi Deebii Cimaa Mootummaa Itoophiyaa - "Haqni Lafa Jiruu Shira Dippilomaasiin Hin Jijjiiramu" Waamicha Pirez
+3
Waltajjii Gibxii fi Deebii Cimaa Mootummaa Itoophiyaa - "Haqni Lafa Jiruu Shira Dippilomaasiin Hin Jijjiiramu" Waamicha Pirezidaantii Gibxii Abdulfattaa Al-Sisiitiin, walga'iin hoggantoota biyyoota olla Itoophiyaa kan ta'an Sudaan, Eertiraa fi Somaaliyaa magaalaa 'New El-Alamein' keessatti gaggeeffameera. Waltajjii kana irratti Pirezidaantii Gibxii dabalatee, Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii, Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad fi Dura Taa'aan Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Abdulfattaa Al-Burhaan hirmaataniiru. Ibsi waliinii walga'icha booda ba'e maqaa nagaa naannichaa eeguu jedhuun kan dhiyaate yoo ta'eyyuu, hayyoonni siyaasaa garuu kun shira dippilomaasii Gibxiin biyyoota ollaa qindeessuun Itoophiyaa dhiibbaa jala galchuuf xaxxe ta'uu ibsu. Ibsi waliinii hoggantoota kanaa, dhimmi Bulchiinsa Galaana Diimaa itti gaafatamummaa biyyoota qarqara galaanichaa qofa ta'uu ibsuun, tattaaffii seera qabeessaa fi seena qabeessa Itoophiyaan karaa nagaatiin buufata galaanaa argachuuf gootu ukkaamsuuf kan yaadamedha. Gama biraatiin, dhimma itti fayyadama bishaan Laga Abbaay irrattis, mirga biyyoota yaa'a gubbaatiin (keessattuu Itoophiyaan) qabeenya ofii irratti murteeffachuuf qaban dhiibbaa jala galchuu fi bishaanicha dhuunfachuuf yaalii taasisan akka ta'e qaamoleen dhimma kana dhihootti hordofan ni addeessu. Kunis tarkaanfii misoomaa Itoophiyaan uummata ishee hiyyummaa keessaa baasuuf taasistu akka waan qophaa-galaatti (unilateral) laaluun gufachiisuuf kan karoorfamedha. Shira dippilomaasii kana hordofuun, Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen deebii cimaa kenneera. Ministeerichi akka ibsetti, Itoophiyaan madda bishaan Laga Abbaay yoo taatu, gumaachi isheen laga Naayiliif gootu harka 85 akka ta'e addeesseera. Haaluma walfakkaatuun, Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin hidhata seenaa fi ji'oogiraafii cimaa akka qabdu ibsuun, daangaan biyyattii inni dhiheenyaan argamu qarqara galaanichaa irraa kiiloo meetira 48 (maayilii 30) qofa akka fagaatu ifoomseera. Dhugaawwan ji'oogiraafii fi seenaa kunniin haasaa siyaasaatiin, tarkaanfii dirqisiisaa, gochoota biyya jeequun yookiin shira qindoomina alaa kaminiyyuu akka hin jijjiiramne mootummaan Itoophiyaa cimsanii beeksisaniiru. Itoophiyaan hariiroo nagaa, wal-kabajaa fi tumsa naannichaa cimsuuf yeroo hunda qophii ta'uu ishee fi, birmadummaa ishee, tokkummaa daangaa ishee fi faayidaa biyyoolessaa ishee eegsisuuf cichitee kan dhaabbattu ta'uu mirkaneessiteerti. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Sirni Baniinsa Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa 7ffaa fi Mana Maree Federeeshinii Har'a Gaggeeffama Sirni baniinsa ya
Sirni Baniinsa Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa 7ffaa fi Mana Maree Federeeshinii Har'a Gaggeeffama Sirni baniinsa yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa 7ffaa fi Mana Maree Federeeshinii har'a kan gaggeeffamu yoo ta'u, haaluma kanaan hundeeffamni Mootummaa Federaalaas ifatti ni raawwatama. Guyyoota darban keessa mootummootni naannoolee adda addaa sirna hundeeffama mootummaa isaanii kan gaggeessan yoo ta'u, pirezidaantota naannichaa hoogganan fi miseensota kaabinee isaanii muudaniiru. Har'a immoo haaluma walfakkaatuun sirni hundeeffama Mootummaa Federaalaa ni gaggeeffama. Sirna kanaanis, paartii filannoo injifate (Paartii Badhaadhinaa) irraa kaadhimamaan dhiyaatu Muummee Ministiraa ta'uun kan muudamu yoo ta'u, muudamni miseensota kaabinee Muummee Ministirichaan dhiyaatanis ni ragga'a jedhamee eegama. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Herregawwan Baankii Naannoo Tigraay Uggura Irraa Bilisa Ta'uun Hojiitti Deebi'an Herregawwan baankii naannoo Tigraay keessatt
+1
Herregawwan Baankii Naannoo Tigraay Uggura Irraa Bilisa Ta'uun Hojiitti Deebi'an Herregawwan baankii naannoo Tigraay keessatti ugguramanii turan gadhiifamuun hojii eegaluu isaanii ibsameera. Yeroo ammaa kana hawaasni tajaajila baankii socho'aa (Mobile Banking) argachuu kan eegale yoo ta'u, tajaajilli idilee qaamaan gara dameewwan baankii deemuun kennamus har'a yookiin boru ni eegalama jedhamee eegama. Keessumaa jiraattotni magaalaa Shiree fi naannawa ishee kaleessa irraa eegalanii tajaajila baankii guutuu argachuu eegaluu isaanii ibsaniiru. Tajaajila baankiitti dabalataan, bu'uuraaleen misoomaa kan akka ibsaa, bilbilaa fi intarneetii deebi'anii hojii eegaluun isaanii, dadammaqiinsa sochii hawaasummaa fi dinagdee naannichaatiif boqonnaa guddaa uumee jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Irreecha Hora Harsadee Bara 2019 Baga Geessan . SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
+9
Irreecha Hora Harsadee Bara 2019 Baga Geessan . SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Raayyaan Ittisa Biyyaa Maqalee Keessa Darbuun Gara Daangaa Eertiraatti Imalaa Jira Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalaa Maqalee ke
+1
Raayyaan Ittisa Biyyaa Maqalee Keessa Darbuun Gara Daangaa Eertiraatti Imalaa Jira Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalaa Maqalee keessa darbuun imala isaa gara daangaa Eertiraatti taasisaa akka jiru dhaga'ameera. Haaluma kanaan, raayyichi Maqaleedhaan achitti iddoowwan Saafiyaa fi Addi Akal jedhaman to'annoo jala oolchuu isaa ragaaleen bahaa jiran ni addeessu. Dabalataanis, magaalaa Hagare-Salaam dabalatee daandiiwwan magaalaa Maqalee bahaa guutummaatti to'achuu isaa ibsameera. Gama biraatiin, miseensonni Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Humna Nageenyaa Tigraay waliin qindaa'uun, dhaabbilee magaalaa Maqalee keessa jiran saamicha irraa eeguuf bobbii isaanii taasisaa akka jiran beekameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Irreecha Hors Finfinnee Bara 2019 Baga Geessan . SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
+9
Irreecha Hors Finfinnee Bara 2019 Baga Geessan . SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

AMMEE: Magaalaan Maqalee To'annoo Jala Ooluu fi Hoogganaan Kominikeeshinii TPLF Qabamuu Dhaga'ame Yeroo ammaa kana magaalaan
AMMEE: Magaalaan Maqalee To'annoo Jala Ooluu fi Hoogganaan Kominikeeshinii TPLF Qabamuu Dhaga'ame Yeroo ammaa kana magaalaan Maqalee guutummaatti to'annoo miseensota duula addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humna Nageenyaa Tigraay jala galuu ishee dhaga’ame. Akka insa madda keenyaatti, komaandoowwan raayyichaa uffata siivilii uffachuun ganama gara magaalattii kan seenan yoo ta'u, waaree booda sa'aatii 11:00 irratti naannoo Kuhaa fi Buufata Xiyyaaraa to'ataniiru. Yeroo ammaa kana hojiin nageenya magaalaa Maqalee kabachiisuu hojjetamaa akka jiru himameer. Dabalataanis Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Tigraay garee TPLF'n ijaaramee ture Dr. Abrahaam Hagos, haala yeroo irratti ibsa kennuuf osoo qophaa'aa jiranii miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaatiin to'annoo jala oolfamaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform

Ayyaana Irreechaa Sababeeffachuun Daandiiwwan Cufaman fi Daangaa Sochii Konkolaattotaa Poolisiin Oromiyaa ayyaana Irreechaa H
Ayyaana Irreechaa Sababeeffachuun Daandiiwwan Cufaman fi Daangaa Sochii Konkolaattotaa Poolisiin Oromiyaa ayyaana Irreechaa Hora Harsadee Fulbaana 24, bara 2019 magaalaa Bishooftuutti kabajamu sababeeffachuun, daandiiwwan cufamanii fi konkolaattota sochii irraa dhorkaman ifoomseera. Haaluma kanaan, konkolaattonni fe'umsaa ulfaataa kamiyyuu Fulbaana 22 guyyaa sa'aatii 10:00 irraa eegalee hanga Fulbaana 24, 2019 guyyaa sa'aatii 6:30tti: Karaa Sulultaatiin gara Finfinnee kan seenan magaalaa Caancoo fi Ficheetti akka dhaabatan, Karaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitiin gara Finfinnee kan seenan magaalaa Shanoo fi Sandafaatti akka dhaabatan, Karaa Buraayyuutiin gara Finfinnee kan seenan magaalaa Holotaatti akka dhaabatan, Karaa Sabbataatii gara Finfinnee kan seenan magaalaa Walisootti akka dhaabatan, fi Karaa Adaamaatiin gara Finfinnee kan seenanii fi Finfinnee irraa bahan daandii saffisaa (qofa akka fayyadaman Poolisiin dhaamsa dabarseera. Gama biraatiin, taaksiiwwanii fi baajaajonni magaalaa Bishooftuu keessatti argaman Fulbaana 23, 2019 ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee manneen ofiitti akka dhaabbatan (sochii irraa akka of qusatan) ajajameera. Konkolaattota geejjiba uummataa fi manaa ayyaanichaaf dhufaniif, kallattii ittiin dhufanitti iddoon dhaabbannaa gahaan waan qophaa'eef, iddoowwan kanneeniin alatti daandii irraa fi hoteelota cinaatti dhaabuun guutummaatti dhorkaa ta'uu Poolisiin Oromiyaa akeekkachiiseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Koloneel Tinsaa'ee Birhaanee Ajjeefamuu 'Sudan Times' Gabaase Naannoo Tigraay keessatti mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF
Koloneel Tinsaa'ee Birhaanee Ajjeefamuu 'Sudan Times' Gabaase Naannoo Tigraay keessatti mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti waraanni haaraan deebi'ee eegaluu isaa hordofuun, ajajaan TPLF Koloneel Tinsaa'ee Birhaanee tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa fudhateen ajjeefamuu isaa gabaasni oduu 'Sudan Times' ifoomseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Obbo Ashaadilii Hasan Irra Deebi'uun Pirezidaantii Naannoo Benishaangul-Gumuz Ta'uun Muudaman Manni Maree Naannoo Benishaangu
+1
Obbo Ashaadilii Hasan Irra Deebi'uun Pirezidaantii Naannoo Benishaangul-Gumuz Ta'uun Muudaman Manni Maree Naannoo Benishaangul-Gumuz yaa'ii hundeeffama mootummaa har'a, Fulbaana 22, 2019 gaggeessaa jiruun, Obbo Ashaadilii Hasan irra deebi'uun Pirezidaantii Mootummaa Naannichaa taasisuun filatee muudeera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

#Ads Maashinii rifeensaa fi areedaa qarshii 1,850 qofaan bakka jirtanitti! Maashinii rifeensaa fi areedaaf mijataa ta'e ✅ Ilk
+1
#Ads Maashinii rifeensaa fi areedaa qarshii 1,850 qofaan bakka jirtanitti! Maashinii rifeensaa fi areedaaf mijataa ta'e ✅ Ilkaan (koombee) geeddaramu 4 ✅ Zayitii maashinicha laaffisu ✅ Burushii ittiin qulqulleessan ✅ Chaarjarii orijiinaala #Hunda_isaa qarshii 1,850 qofaan fudhadhaa! ‼️ Meeshaa muraasa qofatu nu harka jira Dafaa nuuf bilbilaa‼️ 👉📞0936085727 👉📞0936085727 #Finfinnee keessa bakka jirtanitti tola isiniif ergina; kutaalee biyyaa biroof immoo poostaadhaan ni ergina. ✂️ Ibsaatu bada, mana rifeensaatti dabaree eeguun na nuffisiise jettanii osoo hin yaadda'in, yeroo manaa baatan hunda rifeensaa fi areeda keessan ofumaa haalaan bareechuuf. ✂️ Rifeensa kutaa qaamaa kamiyyuu irra jiru qulqulleessuu kan danda'u. ✂️ Chaarjii tokkoon guyyaa 45 ol kan tajaajilu. ✂️ Chaarjarii mataa isaa fi ilkaan geeddaramu 4 kan qabu. ✂️ Orijiinaalaa fi fayyadamuuf salphaa kan ta'e. ✂️ Rifeensaa fi areedaaf bifa (sarara) baasuuf filatamaa. ✂️ Rifeensa daa'immaniitiifis mijataa kan  ta'e. ✂️ Dhiirri hundi qabaachuu kan qabu meeshaa filatamaa. 🎁 Namoonni bitatan hundi jaalataniiru🙏 ‼️Ajajuu fi ragaa dabalataa argachuuf‼️ 👇👇👇👇👇👇👇 📞ዐ936085727 📞ዐ936085727 nuuf bilbilaa! ✍Yookiin bilbilaa fi teessoo keessan karaa 👉@dubai_sell13 nuuf ergaa! 🎁 Meeshaalee biroo ilaaluuf 🎁 @Dubai_tera2 👆👆👆 join godhaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA