uk
Feedback

Не попадись на ботовода! Telemetrio знаходить і позначає такі канали мітками 👉 Хочеш бачити мітку, оформляй підписку 👈

ABC News Afaan Oromoo

ABC News Afaan Oromoo

Відкрити в Telegram

Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!

Показати більше

📈 Аналітичний огляд Telegram-каналу ABC News Afaan Oromoo

Канал ABC News Afaan Oromoo (@abcoromoo) у мовному сегменті Яванська є активним учасником. На даний момент спільнота об'єднує 22 160 підписників, посідаючи 4 980 місце в категорії Криптовалюти та 227 місце у регіоні Фінляндія.

📊 Показники аудиторії та динаміка

З моменту свого створення невідомо, проект продемонстрував стрімке зростання, зібравши аудиторію у 22 160 підписників.

За останніми даними від 08 жовтня, 2026, канал демонструє стабільну активність. Хоча за останні 30 днів спостерігається зміна кількості учасників на -62, а за останні 24 години на 13, загальне охоплення залишається високим.

  • Статус верифікації: Не верифікований
  • Рівень залученості (ER): Середній показник залученості аудиторії становить 4.23%. Протягом перших 24 годин після публікації контент зазвичай збирає 2.84% реакцій від загальної кількості підписників.
  • Охоплення публікацій: В середньому кожен допис отримує 937 переглядів. Протягом першої доби публікація в середньому набирає 628 переглядів.
  • Реакції та взаємодія: Аудиторія активно підтримує контент: середня кількість реакцій на один пост – 2.

📝 Опис та контентна політика

Автор описує ресурс як майданчик для висловлення суб'єктивної думки:
“Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!”

Завдяки високій частоті оновлень (останні дані отримано 09 жовтня, 2026), канал підтримує актуальність та високий рівень охоплення публікацій. Аналітика показує, що аудиторія активно взаємодіє з контентом, що робить його важливою точкою впливу в категорії Криптовалюти.

22 160
Підписники
+1324 години
+237 днів
-6230 днів
Архів дописів
Yaaddessaa Diinaa: Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Finfinnee, Fulbaana 29, 2019 – Mootummaan Ida’amuu Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa seenaa dheeraa qabu caalmaatti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjeteera. Humna namaa Teeknooloojiitti beekumsaan fayyadamu, yeroo sirriitti murtoo sirrii murteessuu fi imaanaa biyyaa itti gaafatamummaan cimaan bahatu ijaareera. Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa hundeeffama isaa irraa eegalee waggoota 90f birmaddummaa fi tokkummaa daangaa biyyattii kabachiisuurratti gahee seena qabeessa bahaa tureera; ammas itti fufeera. Mallattoon Gootummaa Yaaddessaan diinaa Humni Qilleensa Itiyoophiyaa yeroo gara garaatti qormaata walxaxaa isa mudate ciminaan darbuun gaachana Itiyoophiyaa samii irraa ta’ee itti fufeera. Dhaabbanni kun birmaddummaa biyyattii kabachiisuu qofa osoo hin taane, Afrikaa guutuuf fakkeenya ciminaafi kabajaa ta’ee tajaajilaa jira. Waggoota dhiyoo asitti hojiiwwan fooyya’iinsaa fi deebisanii ijaaruu bal’inaan gaggeeffamaniin, dhaabbatichi humna namaa dandeettii teeknooloojii olaanaa gonfatan horachuu danda’eera. Xiyyaarota waraanaa sadarkaa olaanaa, sirnoota raadaarii fi ittisa qilleensaa ammayyaa, xiyyaarota nama maleessa, akkasumas waltajjiiwwan leenjii teeknooloojii dijitaalaan deeggaraman walitti makuun, gara dandeettii teeknooloojii meeshaalee waraanaa dhaloota afraffaatti ce’eera. Hanga bara 2030tti sadarkaa teeknooloojii meeshaalee waraanaa dhaloota shanaffaatti ce’uuf kutannoon hojjechaa jira. Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa dandeettii haleellaa ittisuu fi nageenya kabachiisuu cimsuu ta’us, diinni kamiyyuu birmaddummaa biyyattii tuqu yoo jiraate, dirqama Heera Mootummaan itti kenname ga'umsaan ba’uuf yeroo hunda guutummaatti qophaa’ee jira. Mootummoonni dhufaa darbaan guddina dhaabbatichaa keessatti gahee mataa isaanii bahatanus, jijjiramaa asi Riifoormii Raayyaa Ittisaa Mootummaa Ida’amuun hogganamuun hojiileen humna qilleensichaa bu’uura cimaa qabsiisaan hojjetamaniiru. Ga’umsa dhaabbatichaa sadarkaa olaanaan guddisuuf leenjiin yeroo fi sadarkaa isaa eeggate kennamaa kan jiru yoo ta’u, xiyyaarotaa fi meeshaalee adda addaa hojii isaa ga’umsaan raawwachuuf dandeessisanis hidhateera. Leenjii balaliiftootaa, injinarootaa, teeknishaanotaa fi ogeeyyii damee qilleensaa biroo irratti xiyyeeffannoo kennee hojjeteera. Kanaanis Humna Qilleensaa akkaan gurmaa’e fi Afrikaaf fakkeenya ta’e ijaaruun danda’ameera. Humna Namaa ga’umsa ogummaa waraanaa, namuusaa fi duudhaalee tokkummaa biyyaalessaa qaban ijaaruun dhaabbatichi nageenyaa fi birmadummaa biyyaaf gaachana ta’eera. Yeroo ammaa Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa meeshaalee waraanaa fi xiyyaarota waraanaa gosa adda addaa hidhachuun sadarkaa daran amansiisaa ta’erratti argama. Sirna hojii anaaloogii irraa gara tekinooloojii dijitaalaatti guutummaatti ce’uun, xiyyaarota waraanaa dhaloota afraffaa kanneen akka Su-30 fi J-10, xiyyaarota ammayyaa nama maleessaa fi sirnoota raadaaraa ga'umsaan walitti qindeessuun, dandeettii Itiyoophiyaan balaa nageenyaa kamirraayyuu eeguuf qabdu olaantummaan guddisuu danda’eera. Kanaanis, Itiyoophiyaan naannawichatti olaantummaa tarsiimawaa fi wabii nageenyaa ta’uu ishee ifatti labsuun diinaaf yaaddoo, lammiileef ammo abdii, biyyaafis gaachana birmddummaa ta’eera. Qoccolloo diinaa sadarkaa olaanaan biyyarraa qolachuun, birmadummaa daangaa biyyattii yeroo kamuu caalaa kabajchisuuf abdii fi imaanaa guddaan itti kennameera. Siifan Magarsaatiin Mootummaa Ida'amuu Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+9

Dooktar Geediyoon gita isaanii Hindi waliin mari’atan Finfinnee, Fulbaana 29, 2019 –Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar
+3
Dooktar Geediyoon gita isaanii Hindi waliin mari’atan Finfinnee, Fulbaana 29, 2019 –Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos gita isaanii Hindii Dooktar Suubraamaaniyaam Jaay Shaankaar waliin mari’ataniiru. Dhimmoota waloo biyoota lamaanii fi Naannawaarratti mari’ataniiru. Ministiroonni lamaan dhimmoota hariiroo damee barnootaa, daldalaa, aadaa fi Invastimantii,akkasuma Diijitaalaayizeeshinii fi kanneen biroo caalmaatti cimsuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru. Mootummaa Ida'amuu Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

Hojiilee riifoormii damee barnootaan eegalaman caalmaatti itti fufsiisuuf murannoon nan hojjedha – Piroofeesar Birhaanuu Naggaa Finfinnee, Fulbaana 28, 2019 (FMC) – Hojiilee riifoormii damee barnootaan eegalaman caalmaatti itti fufsiisuuf murannoon nan hojjedha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan. Piroofeesar Birhaanuu Naggaan har’a Ministira Barnootaa ta’uun irra deebiin muudamaniiru. Hojiileen Riifoormii damee barnootaan eegalaman kan hin xumurame ta’uu kan eeran Piroofeesar Birhaanuun, hojiilee eegalaman galmaan ga’uuf xiyyeeffannoon olaanaan kan hojjetan ta’uu dubbatan. Qulqullina barnootaa mirkaneessuun hojii ijoo yeroo itti aanuu ta’uu himan. Itiyoophiyaa giddugaleessa godhachuu, faayidaa biyyaalessaa dhimma kamiifuu dabarsanii kennuu dhiisuu, akkasumas garaagarummaa jiru mariidhaan furuuf muuxannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan. Malaakuu Gaddifiin #MootummaaIda'amuu Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+1

Ministira Barnootaa dabalatee Ministeroonni 19 bakkuma jiranitti irra deebiin muudaman; Ministeeronni sadii ammoo haaraa moggafaman Dhugaa Media Finfinnee, Onkolooleessa 08, 2026: Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiy Ahimad walaga'ii idilee Bakka Bu’oonni uummataa guyyaa har'aa gaggeessa jiran irratti argamuun kaabinoota mootummaa federaalaaf muudama kennan raggaasisan. Bu'uuruma Kanaanis: 1)Obbo Tamasgeen Xurunaa Ministira Muummee Itti Aanaa FDRI 2)Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Ministira Dhimma Alaa 3)Obbo Addisuu Araggaa Ministira Qonnaa 4)Dooktar Fitsum Asaffaa Ministira Maallaqaa 5)Obbo Mahaammad Idiris Ministira Raayyaa Ittis Biyyaa 6)Piroofesar Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa 7)Aadde Haannaa Ara’ayaasillaasee Ministira Haqaa 8)Aadde Yasminii Wasrabbii Ministira Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa 9)Dooktar Fissahaa Yittaaggasuu Ministira Indaastirii 10)Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa Ministira Bishaaniifi Inarjii 11)Dooktar Maqdas Dhaabaa Ministira Fayyaa 12)Obbo Awwaluu Abdii Ministira Hojiifi Ogummaa 13)Aadde Ayinaalem Nugusee Ministira Galiiwwan 14)Obbo Barakat Fissaatsiyoon Ministira Istiraateejii Biyyaalessaa 15)Aadde Salaamaawwit Kaasaa Ministira Aadaafi Tiruzimii Aadde Alamtsahaay Phaawuloos Ministira Albuudaa 16)Obbo Saadaat Nashaa Ministira Ministira Loojistiksii 17)Aadde Shawwit Shaankaa Ministira Dubartootaafi Hawaasummaa 18)Obbo Muusaa Adam Ministira Nageenyaa 19)Aadde Fireehiwoot Taammiruu Ministira Innooveeshiniifi Teeknoloojii 20)Injinar Mahaammad Abdurahaaman Ministira Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa 21)Dooktar Injinar Sulxaan Walii Ministira Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii 22)Dooktar Akililuu Taaddasaa Ministira Dargaggootaafi Ispoortii Odeeffannoo keenya kanneen biroof liinkota armaan gadiin nu hordofaa!⬇ Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+4

Naareendiraa Moodiin Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammadde jedhan Finfinnee, Fulbaana 28, 2019 - Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhaniiru. Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Yaa'ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa gaggeesseen Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad irra deebiin moggaasuu hordofee Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin baga gammaddan jechuun hawwii gaarii qaban ibsaniiru. Hindi hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabduuf iddoo olaanaa kan laattu ta'uu ibsuun, tumsii fi michummaan biyyoota lamaanii caalmaatti cimee kan itti fufu ta'uu mirkaneessan. Yeroon hojii isaanii kan milkii akka ta'u hawwaniiru. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content

Keeniyaatti Namni Vaayirasii Eeboolaatiin Qabame Lubbuun Darbuu fi Qophii Itoophiyaa Ministeerri Eegumsa Fayyaa Keeniyaa namni vaayirasii Eeboolaa (Bundibugyo) tiin qabame tokko biyyattii keessatti lubbuun darbuu mirkaneesseera. Namni kun lammii Keeniyaa yoo ta'u, waggoota torban darban Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessa jiraachaa ture. Namtichi karaa lafaatiin DRC irraa gara Kaampaalaa Yugaandaa erga imalee booda, Onkoloolessa 3, 2026 xiyyaaraan gara buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Jomoo Keeniyaataa, Naayiroobii seene. Erga ga'ees hospitaalatti adda baafamee yaalamaa osoo jiruu qorannoodhaan mirkanaa'ee dhibee kanaan lubbuun isaa kan darbe yoo ta'u, yeroo ammaa mootummaan Keeniyaa maatii isaa, ogeeyyii fayyaa fi namoota xiyyaara keessatti dhiheenyaan isa waliin tuttuqaa qaban adda baasuun to'annoo jala oolchuu eegaleera. Dhibeen kun biyya ollaa Keeniyaatti mudachuu isaa hordofuun Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa qophii cimaa taasisuu beeksiseera. Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa akka ibsanitti, Itoophiyaan weerara dhibee kanaa ittisuuf yeroo hunda qophooftee kan jirtu yoo ta'u, keessumaa kellaawwan seensaa daandii qilleensaa fi lafaa hunda irratti hojiin sakatta'iinsa idilee cimee itti fufeera. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akeekkachiisa yeroo kennuu fi biyyoonni dhibeen kun keessatti mul'ate yeroo ifoomsanitti, namoota biyyoota sana irraa gara Itoophiyaa dhufan irratti sakatta'iinsii fi hordoffiin addaa battaluma kan taasifamu ta'uu eeraniiru. Dhibeen Eeboolaa kun jalqaba DRC fi Yugaandaatti yeroo mul'atetti tarkaanfiin of eeggannoo duraanii eegalamuu isaa kan yaadachiisan Dr. Maqdas, amma immoo gara biyya ollaa Keeniyaatti darbuun isaa erga mirkanaa'ee booda hojiin kun caalaatti sadarkaa isaa ol guddisuun cimee itti fufuu addeessaniiru. Haaluma kanaan, qaamolee dhimmi ilaallatu fi ogeeyyii naannoo daangaa irratti hojjetan waliin qindoominaan hojjechuun, waljijjiirraan odeeffannoo, qophiin duraanii fi hojiin sakatta'iinsaa guutummaatti gara hojiitti galuu isaa mirkaneessaniiru. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+1

Itiyoophiyaa Karra galaanaarraa adda baasanii tursiisuun hin danda’amu- Obbo Abbaaduulaa Gammadaa Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 – Itiyoophiyaa Karra galaanaarraa adda baasanii tursiisuun hin danda’amu jedhan Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa duraanii Obbo Abbaaduulaa Gammadaan. Itiyoophiyaan karra galaanaa kan dhade mariin kamuu osoo irratti hin taasifamiin murtoo namoota muraasaan ta’uu ibsaniiru. Diinonni seenaa Itiyoophiyaa, Itiyoophiyaan karra galaanaa akka dhabduuf shira raawwachaa turuu dubbataniiru. Diinonni seenaa Itiyoophiyaa yaalii waraanaa irra deddeebiin taasisaniin, injifachuu akka hin dandeenye wayita hubatan baandota keessoo uumuun itti fayyadamaa turuu eeraniiru. Kanaaf immoo akka fakkeenyaatti kan kaasan hundeeffama Shaabiyaa fi ABUT duuba harki Ijibti akka ture kaasaniiru. Humnoota diinonni seenaa uumaniin, faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka salphaatti dabarsanii akka kennan taasifamuu himan. Keessattuu Itiyoophiyaan marii kamiiyyuu osoo hin taasisiin murtoo namoota muraasaan karra galaanaa dhabuu ibsaniiru. Dhimma Karra galaanaarratti waltajjiin seera qabeessi irratti mari’anne, waliigallee fi murtoo itti kennine kamuu hin jiru jedhan. Dhimmoonni kunneen haala mootummaan seera qabeessi hin jirre keessatti uumamuu kaasuun, wayita sana Mootummaan Ce’umsaa Heera mootummaa osoo hin raggaasisiin, dhimma kamuurratti murteessuuf aangoo kan hin qabne ta’uu obbo Abbaaduulaan himaniiru. Haa ta’u malee kana cabsuun, murtoowwan osoo irratti hin mari’atamin murteessu ,akkasuma hojiira oolanii itti fufu eeran. Haaluma kanaan Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan ta’e karra galaanaa dhabuun dogoggora seenaa guddaa ta’uu kaasan. Wayita ammaa Mootummaan Ida’amuu dhimma karra galaanaa karaa nagaa fi hammattoo kennanii fudhachuun mirkaneessuuf tattaaffiin taasisaa jiru kan dinqisifatamu ta’uu ibsaniiru. Abbummaa karra galaanaa Itiyoophiyaa qaamni kamuu dhaabsisuu kan hin dandeenye ta’uu himuu isaanii ENA’n gabaaseera. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content

Gaanaan miseensa BRICS ta’uuf gaaffii dhiyeessufi Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 – Kaabineen Gaanaa Murtoo biyyattiin BRICStti makamuuf gaaffii dhiyeessuuf dandeessisu dabarseera. Pireezidaandiin biyyattii Joon Diraamaaniin kana yaada dhiyeessuun kaabinee isaaniin raggaasisuun ni yaadama. Murtoon kun tumsa Idil Addunyaa baay’isuuf guddina diinagdee biyyattiif carraa dabalataa uumuuf ta’uu ibsame. Gaanaan yeroo itti aanu BRICStti makamuuf ifatti gaaffii kan dhiyeessitu ta’uu Ministirri Alaa biyyattii Saamu’eel Ukkuuzeettoon ibsaniiru. Gaanaan Baankii Addunyaa, IMF fi dhaabbilee faayinaansii Afrikaa waloon hundeessan keessaa tokko ta’uu ishee kan ibsan yoo ta’u, Gaanaan miseensa Mana Maree BRICS yoo taate, carraawwan misoomaa dabalataa akka isheef uumaman eeraniiru. Gaanaan biyyoota miseensa BRICS kanneen akka Chaayinaa, Biraaziil fi Hindii waliin hariiroo daldalaa cimaa akka qabdu eeruun, miseensa BRICS ta’uun Gaanaa hariiroo daldalaa biyyoota kanneen waliin qabdu caalaatti akka guddisu himuu isaanii TRT’n gabaaseera. Miikiyaas Ayyalaatiin Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+1

Manni Marichaa Wixinee labsii Moggaasa, gurmaa’iinsa, aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Federaalaa murteessuuf bahe raggaasise Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 - Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Wixinee labsii Moggaasa, gurmaa’iinsa, aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Federaalaa murteessuuf bahe raggaasiseera. Manni Marichaa wixinee labsichaa kan raggaasise walga’ii addaa 1ffaa waggaa 1ffaa marsaa 7ffaa har’a gaggeesseeni. Wixineen labsichaa qorannoon bal’aan kan irratti taasifame Manneen hojii Ministeerootaa fi dhaabbilee Waamamtootaa waliin marii gaggeessuun galteen gahaan kan irraa argame ta’uu eeraniiru. Manneen hojii qaama raawwachiiftuu Mootummaa waggoottan shanan darban keessatti hanqinaalee turan furuuf wixineen labsichaa kan deeggaruu fi mirgi namoomaa fi dimookiraasii lammiilee akka kabajamuu fi sadarkaan jireenyaa ummataa akka fooyya’u ni gargaara jedhameera. Wixineen labsichaa gurmaa’iinsa dhaabbilee ifatti kaa’uun, qabeenya uummataa fi Mootummaa hoggantoonni sirnaan akka itti fayyadaman taasisuuf murteessaa ta’uu eerameera. Dabalataniis gurmaa’iinsa bu’a qabeessaa fi saffiisa uumuun dandeettii raawwachuu dhaabbilee guddisuuf gaheen qabu olaanaa ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+2

Mikeel Arteettaan waliigaltee Arsenaal waliin qabu haaromse Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 — Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan waliigaltee hojii yeroo dheeraa Arsenaal waliin qabu haaromseera. Akka waliigaltee haaraa kanaatti, Mikeel Arteettaan hanga bara 2030tti Arsenaal waliin tura. Leenjisaan umrii waggaa 44 Mikeel Arteettaan, Arsenaal waggoota 22 booda waancaa Piriimeer liigii akka mo’atu taasisuun ni yaadatama. Arteettaan erga Arsenaal leenjisuu eegalee taphoota 361 durse keessaa 220 injifachuun, taphoota 67 qabxii qooddachuun taphoota 74 ammoo injifatameera. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content

Pireezidaantiin Emireetoota Araba Gamtoomanii Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhan Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 – Pireezidaantiin Emireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Mahaammad Biin Zaayid Alnaahiyaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad irra deebiin filatamuu hordofee baga gammaddan jedhaniiru. Akkasuma Pireezidaantii Itti aantoonni biyyattii Sheek Mahaammad Biin Rashiid Almaaktoomii fi Mansur Biin Zaayid Alnaahiyaan Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhaniiru. Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Wiixata darbe Ministira Muummee biyyattii ta'uun irra deebiin moggaafamuun kan yaadatamuudha. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌