ru
Feedback
ABC News Afaan Oromoo

ABC News Afaan Oromoo

Открыть в Telegram

Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!

Больше

📈 Аналитический обзор Telegram-канала ABC News Afaan Oromoo

Канал ABC News Afaan Oromoo (@abcoromoo) языкового сегмента Яванский является активным участником. Сейчас сообщество объединяет 22 162 подписчиков, занимая 5 053 место в категории Криптовалюты и 225 место в регионе Финляндия.

📊 Показатели аудитории и динамика

С момента создания невідомо проект демонстрирует стремительный рост, собрав аудиторию из 22 162 подписчиков.

Согласно последним данным от 15 сентября, 2026, канал показывает стабильную активность. За последние 30 дней изменение числа участников составило -309, а за последние 24 часа — 4, при этом общий охват остаётся высоким.

  • Статус верификации: Не верифицирован
  • Уровень вовлечённости (ER): Средний показатель вовлечённости аудитории составляет 3.88%. В первые 24 часа после публикации контент обычно набирает 2.76% реакций от общего числа подписчиков.
  • Охват публикаций: В среднем каждый пост получает 860 просмотров. В течение первых суток публикация набирает 612 просмотров.
  • Реакции и взаимодействия: Аудитория активно поддерживает контент: среднее количество реакций на один пост — 2.

📝 Описание и контентная политика

Автор описывает ресурс как площадку для выражения субъективного мнения:
Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!

Благодаря высокой частоте обновлений (последние данные получены 16 сентября, 2026) канал поддерживает актуальность и высокий уровень охвата публикаций. Аналитика показывает, что аудитория активно взаимодействует с контентом, что делает его важной точкой влияния в категории Криптовалюты.

22 162
Подписчики
+424 часа
-387 дней
-30930 дней
Архив постов
Kana malees, Waajjirri Baankii Misoomaa Haaraa (NDB) Finfinneetti akka banamu fi dhimmoota dursa kennamaniif gara waliigalteeatti jijjiiruuf “Qindeessaan BRICS” akka hundeeffamuuf yaada dhiyeessiteef fudhatamni bal’aan argameera. Hojiiwwan dipilomaasii bal’oo waltajjii BRICS cinatti gaggeeffaman keessaa mariin hoggantoota addunyaa waliin taasifame, faayidaa biyyaalessaa eeguufi tumsa cimsuu irraa ilaalchisee milkaa’ina guddaan kan galmaa’e ture. Pirezidaantii Raashiyaa Vlaadmiir Puutiin waliin, hariiroo tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru caalaatti cimsuu irratti mariin bu’a qabeessi gaggeeffameera. Mariin kun dameewwan ittisaa fi nageenyaa, daldalaa fi invastimantii, barnootaa, teeknooloojii, akkasumas aadaa fi hariiroo uummataa fi uummataa irratti tumsa jiru guddisuuf kutannoo waloo mirkaneesseera. Dabalataanis, qophii COP32, jijjiirama haala qilleensaa fi galmoota misoomaa irratti tumsa cimsuuf waliigaltee uumuu danda’ameera. Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin immoo, tumsa ittisaa cimsuu, dabarsa teeknooloojii, ijaarsa dandeettii fi misooma albuudaa irratti mariin gaggeeffameera. Hariiroo seenaa dheeraa biyyoota lamaanii gara sadarkaa qabatamaa dinagdee fi misoomaatti ceesisuun akka danda’ame ibsameera. Akkasumas, Ministira Muummee Maaleeshiyaa Anwaar Ibraahiim waliin invastimantii, turizimii, tumsa anniisaa haaromfamuu danda’uu fi muuxannoo damee oomishaa irratti mariin gaggeeffamee, misooma biyya keessaa kan deeggaru carraan guddaan akka banamu taasifameera. Dhaaltuu Gonfoo Mootummaa Abu Dhaabii, Sheek Khaalid bin Mahaammad bin Zaayid Al Naahyaan, waliin dhimmoota dursaa BRICS fi tumsa gama hedduu irratti mariin gaggeeffameera. Pirezidaantii Iraan Mas’uud Pezeeshkiyaan waliin immoo haala yeroo naannawa Galaana Diimaa, tasgabbii nageenyaa naannichaa, akkasumas daldala, dinagdee fi misoomaa irratti waljijjiirraa bu’aa waloo irratti hundaa’e caalaatti babal’isuuf waliin hojjechuurratti waliigalteen irra ga’ameera. Walumaagalatti, Itiyoophiyaan Yaa’ii Hoggantoota BRICS 18ffaa irratti hojii dipilomaasii tarsiimawaa gaggeessitee fi bu’aawwan qabatamaa galmeessite, jijjiirama dipilomaasii fi dinagdee yeroo dheeraa biyyattii dhugoomsuuf utubaawwan murteessoo ta’aniiru. Mootummaan waltajjii seena qabeessa kanarratti Itiyoophiyaan miseensummaa BRICS fayyadamuun faayidaa tarsiimawaa ishee ija jabinaan akka gaafattu, akkasumas misooma Afrikaa, nageenyaa fi tumsa addunyaa haqa qabeessa ta’eef michuu amanamaa ta’uu ishee qabatamaan mirkaneeteetti. Olka’iinsi Itiyoophiyaa Haaromsa Afrikaa labsaa jira! Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

Olkaa'insi Itiyoophiyaa Haaromsa Afrikaa Labsa – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 -Olkaa'insi Itiyoophiyaa Haaromsa Afrikaa Labsa jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa. Ergaan guutuun tajaajilichaa akka itti aanutti dhiyaateera: Olkaa'insi Itiyoophiyaa Haaromsa Afrikaa Labsa Itiyoophiyaan bara haaraatti faayidaa biyyaalessaa isheef dursa kennuun fi sagalee dhugaa Afrikaanotaa ta’uun eegalteetti. Haala walxaxaa fi jijjiiramaa ji’oopoolitikaa addunyaa keessatti imaammata hariiroo alaa cimaa fi walaba ta’e hordofuun miseensa BRICS ta’uu kan dandeesse Itiyoophiyaan, Yaa’ii Hoggantoota BRICS 18ffaa Niwuu Deelhii, Hindii keessatti gaggeeffamerratti, fakkeenya ta’uu ishee fi dhageettii tarsiimawaa qabdu qabatamaan mirkaneessiteetti. Yaa’iin mata-duree “Cichoomina, kalaqa, tumsa fi itti fufiinsa ijaaruu” jedhuun gaggeeffame kun, Itiyoophiyaan biyyoota miseensotaa fi biyyoota michuu waliin hariiroo gama hedduu qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu fi sirna addunyaa haqaa fi hunda galeessa ta’e ijaaruuf kutannoo qabdu ifatti kan mul’ise ture. Itiyoophiyaan waltajjicharratti ejjennoo mul’isteen, biyyoonni rakkooleen osoo hin uumamin dura dandeettii isaan dandamachuu cimsachuu akka qaban xiyyeeffannoo kenniteetti. Kana ilaalchisee, Itiyoophiyaan mirga wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasisteen, hirkattummaa gargaarsa alaa irraa argamuun qamadii galchuurraa guutumaan guutuutti bilisa ta’uu ishee beeksisteetti. Akkasumas, waljijjiirraa midhaan nyaataa Biriiks “BRICS Grain Exchange” keessatti oomishtuu fi dhiyeessituu taatee hirmaachuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Waltajjicharratti Itiyoophiyaan damee teeknooloojii fi kalaqaatiin bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, eenyummeessaa dijitaalaa, sirnoota kaffaltii fi marsariitiiwwan odeeffannoo amanamoo bal’inaan ijaaraa jiraachuu ibsiteetti. Afrikaaf bara teeknooloojii boruu abbummaan hoogganuu kan dandeessisu Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessaa jiraachuu eeruun, dhaabbilee BRICS waliin waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Afrikaan qabeenya albuudaa hedduu kan qabdu ta’uu yaadachiisuunis, qabeenyi albuudaa ce’umsa anniisaa, oomisha sadarkaa olaanaa fi dinagdee dijitaalaatiif murteessaa ta’uu Itiyoophiyaan ibsiteetti. Biyyoonni miseensa BRICS ta’an kaappitaalaa, teeknooloojii fi filannoowwan gabaa waan qabaniif, qabeenyota kana walitti qindeessuun itti fayyadamuuf, akkasumas qabeenya dheedhii irratti sona dabalataa uumuuf carraa guddaa akka uumu agarsiifteetti. Itiyoophiyaan damee fayyaatiin dandeettii oomishaa ishee babal’isaa jiraachuu fi albuuda, anniisaa haaromfamaa fi dandeettii indaastirii guddachaa jiru irratti hirmaannaa fi tumsa uumuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Dabalataanis, Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Afrikaa fi addunyaa walitti hidhuuf carraa guddaa ta’uu, biyyoota ollaa waliin qoodamuun dhiyeessiin anniisaa taasifamuun, akkasumas Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun walitti hidhamiinsa ardii fi addunyaa keessatti gahee Itiyoophiyaan qabdu ifatti kan agarsiisan ta’uu waltajjicharratti ibsiteetti. Sirna faayinaansii addunyaa ilaalchisee, Itiyoophiyaan haaromsa dinagdee gaggeessaa fi liqii alaa ishee irra deebiin qindeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsiteetti. Dinagdeewwan qormaata keessa jiranif adeemsi qoodinsa liqii saffisaa, ifaa fi kan tilmaamamuu danda’u ta’uu akka qabu yaadachiifteetti. Akkasumas, biyyoonni guddachaa jiran dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa keessatti bakka bu’ummaa haqaa, dhageettii isaanii mirkaneessu fi bu’aa qabatamaa fidu qabaachuu akka qabn waamicha dhiyeessiteetti. Yaa’ii kanarratti hirmaannaa dammaqaa taasisteen, Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (WTO) akka taatu, Mana Maree Dhaabbata Siivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) keessatti teessoo dabalataa akka argattu, akkasumas Yaa’iin Idil-addunyaa Jijjiirama Haala Qilleensaa (COP32) Finfinneetti akka gaggeeffattuuf deeggarsa argatteetti.

photo content
+4

Manneen barnootaa bultii addaa bakka lammiileen biyya ijaaran itti uumaman akka ta'aniif hojjetamaa jira– Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 — Manneen barnootaa bultii addaa a mootummaa federaalaa, lammiileen dameewwan garaagaraa keessatti biyya ijaaran bakka itti horataman akka ta’aniif hojjetamaa jiru jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa. Ministeerri Barnootaa barsiisota manneen barnootaa bultii addaa mootummaa federaalaatti haaraa ramadaman waliin marii gaggeesseera. Pirofeesar Birhaanuun, manneen barnootaa addaa kunneen bakka lammiilee gara fuulduraatti biyya hogganan gama hundaan itti horataman akka ta’an ibsaniiru. Manneen barnootaa kunneen bakka lammiileen Itiyoophiyaa boruu teeknooloojii, saayinsii, siyaasaa, falaasamaa fi dameewwan biroon ijaaran fi biyya jaal'atan itti horataman akka ta’an amantaa qaban ibsaniiru. Hunda isaanii walqixa tajaajiluun, lammiilee biyya rakkoo keessaa baasuu danda’an kan horatan akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii odeeffannoon Ministeerichaa ni mul’isa. Barattoonni manneen barnootaa kanneen keessatti baratan kutaalee Itiyoophiyaa hunda irraa kan walitti dhufan yoo ta’an, barsiisonnis naannolee garaagaraa irraa dandeettii isaaniin kan filataman ta’uu ibsaniiru. Addunyaa saffisaan jijjiiramaa jirtu keessatti biyya hirkattummaa irraa bilisa taate ijaaruun akka barbaachisu eeranii, barsiisoti manneen barnootaa bultii addaa kanneenitti ramadaman beekumsa barbaachisaa dabarsuu fi naamusaan barattoota ijaaruu keessatti itti gaafatamummaa akka qaban hubachiisaniiru. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+2

Fooyya’iinsi damee barnootaa bu’aa qabatamaa galmeessaa jira Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 — Itiyoophiyaa keessatti qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota biyyattii bakka bu’uufi gahumsa qabu horachuuf tarkaanfiiwwan fooyya’iinsaa damee barnootaa jalqabaman bu’aa qabatamaa galmeessaa jiru jedhan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa. Piroofeesar Birhaanuun akka jedhanitti, bu’uuraalee misoomaa barnootaa fooyyeessuuf sochiin “Barnoota Dhalootaaf” jalqabamee fi fooyya’insi sirna barnootaa taasifame bu’aawwan jajjabeessoo galmeessisaniiru. Kaayyoon ijoo fooyya’iinsichaa, sadarkaa barnoota daa’immanii, kutaa 1ffaa fi 2ffaa irraa eegalee dhaloota ofitti amanamummaa qabu ijaaruu ta’uu ibsaniiru. Bu’aan fooyya’iinsichaa adeemsa keessa mul’achaa jiraachuu eeruun, hojiiwwan hojjetamaniin qulqullinni barnootaa fooyya’aa jiraachuu fi barattoonni gahumsa sirrii qaban gara yunivarsiitii seenaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis, fooyya’iinsi damee barnootaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa irratti taasifame bu’aa barattootaa fi qulqullina barnootaa waliigalaa yeroo gara yerootti fooyyeessaa dhufuu Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru. Itti fufuunis, barattoonni bu’aa kana caalu akka galmeessisaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Mana barnootaa sadarkaa lammaffaa keessatti barnoota idilee cinaatti hojimaatni barnooti teeknikaa fi ogummaa dabalataan akka kennaman taasisu diriirfamuus kaasaniiru. Sirni barnootaa qindaa’aan kun cimee yoo itti fufe, dhaloota bu’uura cimaa irratti dhaabbatee boru biyya gahumsaan baachuu danda’u horachuuf kan dandeessisu ta’uu amanameera jedhan. Waggoota sadan darban keessatti, sochii “Barnooti Dhalootaaf” jedhuun hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu irraa qabeenyi baay’een maallaqaa fi meeshaalee adda addaatiin walitti qabamuuibsuu isaanii TOI (Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa) gabaaseera. Sochiin kun qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaa mirkaneessuuf tattaaffii mootummaa qofa osoo hin taane, tarkaanfii guddaa hirmaannaa hawaasaa fi maatiiwwanii mul’ise ta’uu ibsaniiru.’ Kana keessatti, manneen barnootaa haaraa gara kuma 17tti dhiyaatan ijaaramuu fi manneen barnootaa kuma 30 ol ta’anis haaromsiifamanii bara baajetaa 2019f qophaa’uu isaanii eeraniiru. Akkasumas, kutaan barnootaa dabalataa ijaaramuun dhiphina barattootaa mana barnootaa keessatti mul’atu hir’isuun danda’ameera jedhan. Sadarkaa manneen barnootaa eegsisuuf hojiiwwan hojjetaman itti fufiinsaan cimanii akka itti fufanis eeranii, maatiin barnoota daa’immanii irratti kaka’umsa fi hordoffii qaban cimsuun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+3

Bunni Itiyoophiyaa addunyaa irratti sadarkaa gatii haaraa qabate Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 — Bunni addaa Itiyoophiyaa gabaa idil-addunyaa irratti fedhii olaanaa qabaachuu isaa kan mirkaneessu sadrkaa gatii haaraa fi seena-qabeessa galmeessuu isaa Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitichaa akka ibsetti, bunni Gujii kiiloo giraamiin tokko doolaara Ameerikaa kuma 200 fi 376n, jechuunis gatii jijjiirraa yeroo ammaatiin tilmaamaan qarshii kuma 300 fi kuma 80tti gurguramuun seenaa buna Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa gatii olaanaa galmeesseera. Bunni gatii galmee haaraa kanaan gurgurame, kan abbaa “Tasty Coffee”, Obbo Faayisal Abdoosh, maqaa addaa “Faayisal Abdosh Signature” jedhuun, karaa interneetii caalbaasii buna addaa gabaa idil-addunyaaf dhiyaate ta’uun ibsameera. Caalbaasichi giddugalli caalbaasii interneetii “M Kaltyvo”, kan teessoon isaa Ingilaandii fi Ameerikaa ta’e, kan geggeessee dha. Gurgurtaan caalbaasii kun sadarkaa qulqullinaa fi barbaadamummaa bunni Itiyoophiyaa gabaa idil-addunyaarratti qabu haala haaraan kan mirkaneesse ta’uu Abbaa Taayitichaa ibseera. Bu'aan argame kunis sadarkaa bunni addaa Itiyoophiyaa gabaa irratti qabu ol guddisuuf karaa guddaa kan saaqu ta’uun ibsameera. Galiin guutuun caalbaasii seena-qabeessa kana irraa argame, karaa Tasty Foundation, Godina Gujii, Aanaa Shaakkisoo, Ganda Dambii Uudootti buufata fayyaa ammayyaa ijaaramuuf akka oolu ibsameera. Hojiin arjoomaa kunis qonnaan bultoota Gujii fi hawaasa qulqullina buna kanaa eeganii turaniif deeggarsaa fi galata kennamu ta’uun ibsameera. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content

Manni Maree Ministirootaa IGAD Yaa’ii isaa 74ffaa gaggeessaa jira Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 — Manni Maree Ministirootaa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa yaa’ii addaa 74ffaa Jibuutiitti gaggeessaa jira. Yaa’ichi dhimma nageenyaafi tasgabbii naannawaa, akkasumas fooyya’iinsa dhaabbataa irratti taa’amaa jira. Yaa’icharratti Ministir Deeetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa dabalatee, Ministiroonni dhimma alaa biyyoota naannawichaa hirmaachaa jiru. Manni Maree Ministirootaa IGAD qaamolee imaammata dhaabbatichaa hojii irra oolchan keessaa tokko yoo ta’u, hojiifi sochiiwwan dhaabbatichaa qindeessuu, akkasumas biyyoota miseensa IGAD gidduutti tumsa jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+1

Tapha eegamaa Liivarpuul fi Tootanhaam akkasumas Arsenaal fi Ipsiwiich Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 - Tapha marsaa 3ffaa waancaa Kaaraabaa’oon taphni har’a Liivarpuul fi Tootanhaam akkasumas Arsenaal fi Ipsiwiich Taawun taphatan ni eegama. Galgala sa’aatii 3:30 irraa eegalee Pitarbooroow Yuunaayitid Barnisleey waliin, sa’aatii 3:45 irraa eegalee ammoo Weestihaam Yuunaayitid Fuulhaam waliin ni morkatu. Galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Poortimaan Rooditti Arsenaal fi Ipsiwiich Taawun waliin kan taphatan ta’a. Arsenaal erga waancaa Kaaraabaa’oo injifatee waggoota 33 kan lakkoofsise yoo ta’u, dorgommii bara Kanaan waancicha gara Eemreetisitti fiduuf morkata. Sa’aatuma walfakkaataatti Liivarpuul dirree isaa Anfiild irratti Tootanhaamiin keessumeessa. Bifuma walfakkaatuun sa’aatii 4:00 irraa eegalee Reediing fi Bireentifoord ni taphatu. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+3

Qabxiin Seensa Sagantaa Deeggarsaa (Remedial) Bara 2019 Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Ifoome Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa qabxii darbiinsaa barattoota sagantaa deeggarsaa ykn 'Remedial' bara barnootaa 2019 dhaabbilee barnoota olaanoo galuuf isaan dandeessisu ifoomseera. Akka ibsa ministeerichaa fi maddeen keenyaatti, qabxiin murtaa'e kun bu'aa qormaata barattootaa, dandeettii simannaa yuunivarsiitiiwwanii bu'uura godhachuun kan murtaa'edha. Haaluma kanaan, barattoonni qabxii ibsame kana irraa eegalee fidan sagantaa kanaan yuunivarsiitii galuuf ga'umsa akka qaban ibsameera. Qabxiin darbiinsaa idilee barattoota saayinsii uumamaa fi saayinsii hawaasaatiif adda bahee kan kenname yoo ta'u, barattoota dhiiraaf qabxii dhibba ja'a keessaa dhibba lamaa fi afurtama ykn dhibbeentaa 40 fi isaa ol akka ta'u murtaa'eera. Akkasumas, barattoota shamarranii gosa barnootaa lamaaniinuu qormaaticha fudhataniif, qabxii dhibba ja'a keessaa dhibba lamaa fi digdamii saddeet (228) ykn dhibbeentaa 38 fi isaa ol akka ta'u ifoomeera. Qabxiin kun barattoota idilee hundaaf kan hojjetu ta'uun ibsameera. Gama biraatiin, barattoota deeggarsa addaa barbaadaniif qabxiin madaalamaa ta'e murtaa'eera. Haaluma kanaan, barattoota dhiiraa fi shamarranii naannolee Affaar, Sumaalee, Beenishaangul-Gumuz, Gaambeellaa fi naannolee horsiisee bultootaa irraa dhufaniif qabxiin darbiinsaa dhibba ja'a keessaa dhibba lamaa fi digdamii lama (222) ykn dhibbeentaa 37 akka ta'u ta'eera. Dabalataanis, barattoota miidhama qaamaa qabaniif xiyyeeffannoon kan kenname yoo ta'u, barattoota qaroo-dhabeeyyii saayinsii hawaasaatiin qormaata fudhataniif qabxii dhibba shan (500) keessaa dhibba tokkoo fi saddeettamii shan (185), akkasumas barattoota dhagahuu hin dandeenye saayinsii uumamaa fi hawaasaatiin qormaata fudhataniif immoo dhibba ja'a (600) keessaa dhibba lamaa fi digdamii lama (222) fi isaa ol akka ta'u Ministeerri Barnootaa murteesseera. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content

Dorgommiiwwan xumura torbee kana sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaniin Atileetoonni Itiyoophiyaa mirgaan galan Finfinnee, Fulbaana 4, 2019 – Dorgommiiwwan Atileetiksii xumura torbee kana sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaniin Atileetoonni Itiyoophiyaa injifannoon galaniiru. Fiigichi Kiiloo Meetira 10 Taayilaanditti gaggeeffame Atileet Sawmahoon Anteenahiin olaantummaan xumureera. Dubartootaan ammoo Atileet Wubirist Aschaalee fi Biqilee Ammasuun sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa bahaniiru. Fiigicha Maaraatoonii Chaayinaa Harabiiniitti gaggeeffameen Atileet Yaamii Daadhiin sa’aatii 2:12.41 xumuruun injifateera. Morkii dubartoota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atileet Burtukaan Yifiruun sa’aatii 2:30.19 xumuruun injifatte. Dorgommii fiigicha Maaraatoonii Jarman Munsitaritti gaggeeffameen Atileet Hagaree Balaachuu olaantummaan golobde. Maaraatoonii Kooloomboo Siriilaankaatti dorgomameen Atileet Ayinaaleem Kaasahuun sa’aatii 2:54:09 xumuruun injifatte. Morkii Atileetoota dhiirootaa gidduutti godhameen Atileet Nagaasii Tuujiin Kormeen sadarkaa 3ffaan xumure. Fiigicha walakkaa Maaraatoonii Taayilaandi Kiraabiitti dorgomameen ammoo Atileeti Tsaggaayee Kiroos 2ffaa fi Gammachuu Daadhii 3ffaa bahuun xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa. Fiigicha Kiiloo Meetira 10 Isloovaakiyaatti dorgomameen Atilee Malkeenahii Azeezeen 1ffaa fi Atileet Shimallis Niguseen ammo 2ffaan bahuun xumuraniiru. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+6

Miseensummaa BRICS Olka’iinsa Itiyoophiyaaf Finfinnee, Fulbaana 4, 2019 – Itiyoophiyaan faayidaa garaagaraa miseensummaa BRICS irraa argattu cimsattee itti fufuuf, tumsa BRICS keessatti hirmaannaa olaanaa taasisaa jirti. BRICS biyyoota dinagdeen isaanii guddaa ta’an hedduu of keessatti qabata. kun oomishaalee Itiyoophiyaa, keessumaa Bunaa, qonnaa, albuudaafi oomisha indaastirii, gabaa addunyaa bal’aatti gurguruuf carraa dabalataa uuma. Hariiroo invastimantii cimsuun, keessattuu albuuda, humna ibsaa, qonna, indaastirii fi teknooloojii irratti invastimantii haaraa argachuuf carraa guddaa qaba. Itiyoophiyaan pirojektoota bu’uuraalee misoomaa daandii, humna ibsaa, bishaan, geejjibaa fi indaastiriif carraa maallaqaa argachuu dandeessi. Gabaa tasgabbaa’aa fi daldala biyyoota BRICS waliin jiru babal’isuuf carraa uuma. Tumsi gama saayinsii, teknooloojii, qonna, fayyaa, barnoota, anniisaa fi jijjiirama qilleensaan BRICS keessa jiru Itiyoophiyaan beekumsaafi teeknooloojii haaraa akka argattuuf carraa bana. Sagalee Itiyoophiyaa addunyaa irratti cimsas. Itiyoophiyaan Chaayinaa, Hindii, Raashiyaa, Biraaziil, Ijipti, Imiroota Araba Gamtoomanii, Indooneezyiyaa fi biyyoota biroo waliin hariiroo ishee caalaatti akka cimsattuu dandeessi. kunis dippilomaasii fi tumsa biyyoota Kibba Kibbaa jabeessa. Dinagdee gara garaa irratti hirkachuurra daldalaa fi maallaqa maddoota adda addaa irraa argachuuf carraa dabalataa qaba. kun yeroo rakkoo dinagdee addunyaa keessatti balaa hir’isuuf gargaaruu danda’a. Walgahiin BRICS Itoophiyaan dhimma ishee ofii ishee afaan isheetiin hawaasa idil-addunyaatti akka dubbattuuf carraa kennuu qofa osoo hin taane, carraawwan hedduu kan isheef fida. BRICS sirna faayinaansii addunyaa olaantummaa garee tokko irratti hundaa’e jijjiiruuf hojjechaa jira. Kanaafis, biyyoonni guddachaa jiran sagaleefi dhiibbaa walqixa akka qabaatan gochuuf Baankii Misooma Haaraa (New Development Bank) hundeessee hojii irra oolchaa jira. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌

photo content
+4

Itiyoophiyaa – Falmituu Cimtuu Afrikaa Finfinnee, Fulbaana 3, 2019 — Itiyoophiyaan seenaa dipilomaasii ishee keessatti sagalee waloo Afrikaa dhageessisuu fi faayidaa ardichaa kabachiisuuf falmuu irraa boodatti jettee hinbeektu. Wayita Afrikaanonni kolonummaa jalaa bilisa ba’uuf qabsoo geggeessantti Itiyoophiyaan qabsoo sana keessatti hiriyaa dhugaa turte. Biyyoonni Afrikaa tokkummaa isaanii cimsatanii sagalee isaanii akka dhageessisan, Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa jalatti walitti qabuudhaan seenaa ifaa galmeessiteetti. Mootummaan Ida’amuu, karaa dipilomaasii biyyoota hedduu hirmaachisuun gahee seenaa kana caalaatti mul’isuun, har’as Itiyoophiyaan mirgaa fi faayidaa Afrikaa fi Afrikaanotaa irratti waltajjiiwwan addunyaa isheen argamtu hunda irratti sagalee Afrikaa taatee itti fufuu ibsameera. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Hindii Niwuu Deelhii keessatti waltajjii 18ffaa BRIIKS irratti haasaa taasisaniin, bakka bu’ummaa haqa qabeessaa fi fayyadamummaa Afrikaa irratti cimsanii falmaniiru. Ministirri Muummee haasaa isaanii keessatti, Afrikaaf Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa jiraachuu irraa kaasee, sirna faayinaansii idil-addunyaa Afrikaa irratti xiyyeeffatu diriirsuutti, dhimmoota ijoo fi jajjaboo kaasaniin Itiyoophiyaan gahee seenaa ishee cimsattee itti fufuu mirkaneessaniiru. Isaanis, haaromsa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti Afrikaaf bakka bu’ummaa dhaabbataa akka jiraatu ilaalchisee, ejjennoo waliinii Gamtaa Afrikaatiin qabame akka qooddatan ibsanii; BRIIKS gaaffii Afrikaa bakka bu’ummaa haqa qabeessaa argachuuf qabdu akka deeggaru cimsanii gaafatan. Afrikaan misooma anniisaa, qonna, industirii fi daldala naannawaa keessatti carraawwan murteessoo akka qabdu eeruun, ardichi bu’uuraalee misoomaa bal’aa akka barbaadu waltajjicharratti fedhii Afrikaa dhageessisaniiru. Baankii Misoomaa Haaraa BRIIKS Afrikaa keessatti hirmaannaa bal’aa taasisuu akka qabu kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiy, kaka’umsi kun misooma Afrikaa deeggaru akka dhugoomuuf Finfinneen, magaalaa guddittii ardichaa taatee, baankiichaaf giddugala mijataa ta’uu akka dandeessu mirkaneessaniiru. Kaleessaa irraa eegalee hanga har’aatti waltajjii addunyaa irratti sagalee Afrikaa ta’uun kan ishee ibsu Itiyoophiyaan, karaa qajeelfama dipilomaasii Mootummaa Ida’amuutiin naannawaa walitti hidhuuf tattaaffii taasisaa jirti. Pirezidaantiin Raashiyaa Vladimir Putin fi Ministirri Muummee Hindii Narendra Modi, waltajjii BRIIKS kana irratti, hariiroo isaanii Afrikaa waliin qaban cimsuuf Itiyoophiyaan hiriyaa ijoo ta’uu ishee ragaa bahuun, gahee ardawaa Itiyoophiyaan qabduuf beekamtii kennuu isaanii agarsiiseera. Hayilemaariyaam Taganyiin Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌