cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qilingΒ», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
15 024
Obunachilar
+6424 soatlar
+3927 kunlar
+1 10630 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

πŸ‘ 1
Sagantaa cehuumsa intarpiraayizootaa bara 2016 sadarkaa kilaastara Shaashamanneetti gaggeeffame irratti intarpiraayizootni ulaagaa cehumsaa guutan 134 gara invastimantiitti ce'an. Waxabajjii 25, 2016 (Komn.BCHUOO)- Magaalaa Shaashamanneetti sagantaa intarpiraayizoota ulaagaa cehumsaa guutan gara guddattuu giddugaleessaatti ceesisuu kilaastara Shaashamannee mataduree "Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Badhaadhina Waloof," jedhuun gaggeeffamaa jiru irratti intarpiraayizootni 134 gara invastimantiitti cehaniiru. Saganticharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Nasraddin Qaadii, biirichi ogummaa dagaasuun hawaasa ogummaa gonfateen hojii uummatu baay'inaafi qulqullinaan horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsuun, kana dhugoomsuufis inisheetiivii "Oromiyaa Ogummeessuu" bocee hojiitti hiikaa jiraachuu himaniiru. Intarpiraayizootni ulaagaa cehumsaa guutuun guyyaa har'aa gara guddattuu gidduugaleessatti cehanis gosa invastimantii irratti bobba'uuf karoorfatan irratti kutannoo caaluun hojjetanii abbaa qabeenyaa guddina diinagdee biyyaa dhugoomsu ta'uuf qophaa'ummaa horachuu akka qaban dhaamaniiru. Dargaggoonni naannichaas ogummaa qaban irratti leenji'uun ogummaa biraa dabalachuun abbaa madda carraa hojii bal'aa ta'uufi hojii eeggachuu keessaa bahanii muuxannoo intarpiraayizoota waldaan gurmaa'uun waan xiqqaa irraa ka'uun hojjetanii gara abbaa qabeenyummaatti cehanii qooddachuu akka qaban obbo Nasraddin dhaamaniiru. Saganticharrattis sadarkaa kilaastara Shaashamanneetti intarpiraayizootni magaalaa Shaashamannee, Dodolaa, Shaakkisoo, Bulee Horaafi Baatuu, akkasumas godina Arsii Lixaa, Gujii, Gujii Lixaa, Booranaafi Boorana Bahaa irraa ulaagaa cehumsaa guutan 134 gara invastimantiitti cehanii kan jiran yoota'u, intarpiraayizoota moodeela ta'an 31'f immoo beekamtiin kennamee jiraachuu obbo Nasraddin himaniiru. Sagantaa cehumsa intarpiraayizootaa kana sababeeffachuunis Bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti hojiileen carraa hojii uumuun rakkoo hojii dhabdummaa xiqqeessuuf hojjetamaniifi Kolleejjii Poolii Teeknika Shaashamanneetti hojiileen ogummaa dagaagsuufi misooma kalaqa teekinooloojiin hojjetamaa jiran hirmaattota sagantichaan daawwatamanii jiru. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
Hammasini ko'rsatish...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

❀ 1
πŸ‘ 4❀ 3
Sagantaa cehuumsa intarpiraayizootaa bara 2016 sadarkaa kilaastara Naqamteetti gaggeeffamu sababeeffachuun hojiileen carraa hojii uumuun hojjetaman daawwataman. Waxabajjii 25, 2016 (Komn.BCHUOO)- Jilli Hogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaatiin durfamu magaalaa Naqamteetti sagantaa cehuumsa intarpiraayizootaa bara 2016 sadarkaa kilaastara Naqamteetti gaggeeffamu sababeeffachuun hojiilee carraa hojii uumuun hojjetaman daawwateera. Sagantaa daawwannaa kanaanis magaalichatti hojii dhabeeyyiin waldaan gurmaa'uun horsiisa horii aannanii, hodhaa huccuufi oomisha bilookkeetti irratti bobba'uun jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachuu bira darbanii hojiidhabeeyyii kaaniif carraa hojii uumanii jiran daawwatamaniiru. Sagantaa kanaan gidduugalli kalaqaa kalaqaafi cehuumsa teekinooloojii Kolleejjii Poolii Teeknika Naqamteetti hojiileen kalaqa teekinooloojii hojjetamaa jiran daawwatamaniiru. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
Hammasini ko'rsatish...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

πŸ‘ 8πŸ₯° 2
❀ 6πŸ‘ 1
Sagantaa intarpiraayizoota gara guddattuu giddugaleessaatti ceesisuu gaggeeffamaa jiruun kilaastera Hoolataarratti intarpiraayizoonni 127 gara investimentiitti ce'an. Waxabajjii 25, 2016 (Komn.BCHUOO)- Sagantaa intarpiraayizoota gara guddattuu giddugaleessaatti ceesisuu gaggeeffamaa jiruun kilaastera Hoolataarratti intarpiraayizoonni 127 gara investimentiitti ce'an. Hooggantuun Itti aantuu Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa aadde Magartuu Mohaammed , saganticha irratti ergaa dabarsaniin; "Biiroon Carraa Hojii uumuufi ogummaa Oromiyaa ergama ijoo carraa hojii ogummaan durfamu lafa qabsiisuuf ilaalama haaraa carraa hojii daabboon olii, leenjii sartafikeetiin olii jedhuun uummanni keenya injifannoo aarsaa qaaliin argate diinagdeen akka utubamuuf ciminaan hojjetamaa jira," jedhan. Dabalataanis, "intarpiraayizoonni daandii guddinaa eegaltan cimtanii bu'aa caalu galmeessuuf hojjechuu qabdu," jedhaniiru. Kantiibaan I/A Magaalaa Hoolataa Obbo kabbadaa Silashii keessummootaan baga nagaan dhuftan jechuun; Badhaadhina sadarkaa maatii irraa jalqabuun dhugoomsuuf hojii hojjetamaa jiru milkeessuu keessatti intarpiraayizoonni hojii xiqqaa irraa ka'uun qabeenya horachuufi namoota hedduuf carraa hojii uumaa jirtan agarsiiftuu milkaa'ina tarsiimoo keenyaa waan taataniif baga gammaddan jedhan Sagantaa cehumsa intarpiraayizootaa bara 2016 kilaastara Hoolataatti gaggeeffame kanarrattis intarpiraayizootni godina Sh/Lixaa, Sh/Kaabaa, Sh/Kibba Lixaa, magaalaa Amboo fi Hoolataa irraa ulaagaa cehumsaa guutan 127 gara invastimantiitti kan ce'a ta'uun beekameera. Sagantaan ceesisuu kunis akka Oromiyaatti marsaa 14 ffaaf mataduree 'Carraa hojii ogummaan durfamu Badhaadhina waloof!" jedhuun kan gaggeeffamaa jiru yoota'u, intarpiraayizoonni 1,101 ulaagaa cehumsaa guutuun gara invastimantiitti kan cehan ta'uun hubatameera. Sagantaa ceesisuu kanaan cinattis daawwannaan hojiin intarpiraayizoota fakkeenyummaa gaarii qabaniifi sochiin hojii koollejjii Poolii teekiniika Hoolataas Ilaalamee jira. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
Hammasini ko'rsatish...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

πŸ‘ 1
πŸ‘ 6❀ 1
Po'stilar arxiv
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.