uz
Feedback
Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Kanalga Telegram’da o‘tish

Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

Ko'proq ko'rsatish

📈 Telegram kanali Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa analitikasi

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa (@ojcvbureau) kanali faol ishtirokchi. Hozirda hamjamiyat 17 907 obunachidan iborat bo'lib, Taʼlim toifasida 11 109-o'rinni va Finlandiya mintaqasida 276-o'rinni egallagan.

📊 Auditoriya ko‘rsatkichlari va dinamika

невідомо sanasidan buyon loyiha tez o‘sib, 17 907 obunachiga ega bo‘ldi.

05 Sentabr, 2026 dagi oxirgi ma’lumotlarga ko‘ra kanal barqaror faollikka ega. Oxirgi 30 kunda obunachilar soni 36 ga, so‘nggi 24 soatda esa 4 ga o‘zgardi va umumiy qamrov yuqori darajada qolmoqda.

  • Tasdiqlash holati: Tasdiqlanmagan
  • Jalb etish (ER): Auditoriya o‘rtacha 11.14% darajada jalb etiladi. Nashrdan keyingi dastlabki 24 soatda kontent odatda umumiy obunachilar sonining 6.36% ini tashkil etuvchi reaksiyalarni to‘playdi.
  • Post qamrovi: Har bir post o‘rtacha 1 996 marta ko‘riladi; birinchi sutkada odatda 1 139 ta ko‘rish yig‘iladi.
  • Reaksiyalar va o‘zaro ta’sir: Auditoriya faol: har bir postga o‘rtacha 4 ta reaksiya keladi.

📝 Tavsif va kontent siyosati

Muallif resursni shaxsiy fikrni ifoda etish maydoni sifatida ta’riflaydi:
Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

Yuqori yangilanish chastotasi (oxirgi ma’lumot 06 Sentabr, 2026 da olingan) sababli kanal doimo dolzarb va katta qamrovli bo‘lib qoladi. Analitika auditoriya kontent bilan faol hamkorlik qilishini, uni Taʼlim toifasidagi muhim ta’sir nuqtasiga aylantirishini ko‘rsatadi.

17 907
Obunachilar
+424 soatlar
+577 kun
+3630 kun

Ma'lumot yuklanmoqda...

Taglar buluti
Ma'lumot yo'q
Muammo bormi? Iltimos, sahifani yangilang yoki bizning qo'llab-quvvatlash boshqaruvchimizga murojaat qiling>.
Kirish va chiqish esdaliklari
---
---
---
---
---
---
Obunachilarni jalb qilish
Sentabr '26
Sentabr '26
+48
1 kanalda
Avgust '26
+136
3 kanalda
Get PRO
Iyul '26
+78
1 kanalda
Get PRO
Iyun '26
+38
1 kanalda
Get PRO
May '26
+91
4 kanalda
Get PRO
Aprel '26
+81
4 kanalda
Get PRO
Mart '26
+49
3 kanalda
Get PRO
Fevral '26
+68
3 kanalda
Get PRO
Yanvar '26
+416
3 kanalda
Get PRO
Dekabr '25
+460
4 kanalda
Get PRO
Noyabr '25
+54
1 kanalda
Get PRO
Oktabr '25
+150
1 kanalda
Get PRO
Sentabr '25
+140
3 kanalda
Get PRO
Avgust '25
+141
2 kanalda
Get PRO
Iyul '25
+104
2 kanalda
Get PRO
Iyun '25
+70
0 kanalda
Get PRO
May '25
+135
1 kanalda
Get PRO
Aprel '25
+216
1 kanalda
Get PRO
Mart '25
+109
0 kanalda
Get PRO
Fevral '25
+75
3 kanalda
Get PRO
Yanvar '25
+92
1 kanalda
Get PRO
Dekabr '24
+498
2 kanalda
Get PRO
Noyabr '24
+734
2 kanalda
Get PRO
Oktabr '24
+760
7 kanalda
Get PRO
Sentabr '24
+309
3 kanalda
Get PRO
Avgust '24
+1 224
5 kanalda
Get PRO
Iyul '24
+1 498
1 kanalda
Get PRO
Iyun '24
+1 475
4 kanalda
Get PRO
May '24
+1 580
2 kanalda
Get PRO
Aprel '24
+1 370
2 kanalda
Get PRO
Mart '24
+1 538
0 kanalda
Get PRO
Fevral '24
+1 118
3 kanalda
Get PRO
Yanvar '24
+449
0 kanalda
Get PRO
Dekabr '23
+812
3 kanalda
Get PRO
Noyabr '23
+501
6 kanalda
Get PRO
Oktabr '23
+351
4 kanalda
Get PRO
Sentabr '23
+709
0 kanalda
Get PRO
Avgust '23
+465
0 kanalda
Get PRO
Iyul '23
+249
0 kanalda
Get PRO
Iyun '23
+167
0 kanalda
Get PRO
May '23
+242
0 kanalda
Get PRO
Aprel '23
+152
0 kanalda
Get PRO
Mart '23
+564
0 kanalda
Get PRO
Fevral '23
+5 003
0 kanalda
Sana
Obunachilarni jalb qilish
Esdaliklar
Kanallar
06 Sentabr+9
05 Sentabr+4
04 Sentabr+17
03 Sentabr+12
02 Sentabr+3
01 Sentabr+3
Kanal postlari
2
Matn yo'q...
1 155
3
+9
Matn yo'q...
1 532
4
Addunyaa har'aa keessatti injifachuuf ogummaan ofdanda'uu, yaada kalaqa haaraa maddisiisuufi jijjiirama waliin tarkaanfachuun murteessaadha- obbo Nasraddin Qaadii. Hagayya 30, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Poolii Teeknika Shaashamannee leenjifamtoota ogummaalee kudha lamaan leenjisaa ture 471 guyyaa har'aa sirna ho'aan eebbisiisee jira. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddin Qaadii, mootummaan karoora ogummaan ofdanda'uu hojiirra oolchuun lammiileen keenya hojii barbaaduurraa gara hojii uumuutti; rakkoof harka kennuurraa gara carraatti jijjiiruun furmaata uumuutti akka ce'an taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Eebbifamtoonni har'aa bara ogummaan xiyyeeffannoo addaa argatee jiruufi ogeessi barbaadamu keessatti eebbifamuun eebba keessan adda taasisa kan jedhan obbo Nasraddin, ogummaan har'aa milkaa'ina borii waanta'eef ogummaa biraa dabalachuun caalmaatti ofgahoomsuuf har'umarraa kaasanii of qopheessuu akka qaban dhaamaniiru. Addunyaa har'aa keessatti injifachuuf ogummaan ofdanda'uu, yaada kalaqa haaraa maddisiisuufi jijjiirama waliin tarkaanfachuun murteessaa ta'uu himuun, hawaasni naannichaas ofdanda'uufi jireenya isaa injifachuuf dhaabbilee leenjiitti simatamuun ogummaa leenji'uu akka qabu dhaamaniiru. Haasawaa anaadhufuu kan taasisan Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Dr.Firaa'ol Uddeessaa, eebbi guyyaa gammachuufi agarsiiftuu milkaa'ina firii dadhabbii ta'uu ibsuun, sirni kunis galma xumuraa waan hintaaneef eebbifamtoonni ogummaa horataniin hojii uummachuun hawaasa isaanii tajaajiluufi diinagdeen of cimsuu akka qaban dhaamaniiru. Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Shaashamannee obbo Abdurahmaan Garee, kolleejjichi bara hundeeffama isaa 1994 irraa kaasee fedhii gabaa hojii irratti hundaa'uun leenjifamtoota hedduu simatee leenjisuun ogummaa hidhachiisee gara addunyaa hojiifi kalaqaatti bobbaasee jiraachuu ibsaniiru. Guyyaa har'aas leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan simatee leenjisaa ture leenjii xumursiisuun ogummaa gulantaan leenjichaa barbaadu gonfachiisuudhaan leenjifamtoota 471 eebbaaf dhiyeessuu himaniiru. Eebbifamtoonni kunneen turtii leenjii isaaniitti ogummaa argatan gara carraa hojii uumuu, kalaqaafi oomishaatti jijjiiruu akka qaban obbo Abdurahmaan dhaamaniiru. Xumura sagantichaattis leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennamee kan jiru yoota'u, industiriiwwaniifi qaamolee milkaa'ina raawwii hojii kolleejjichaa bara 2018 keessatti tumsa ol'aanaa taasisaa turaniif waraqaan ragaa galataa kennameefii jira. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
1 411
5
Matn yo'q...
1 428
6
Matn yo'q...
1 737
7
+4
Matn yo'q...
2 302
8
Mariin milkaa'ina imala waggoottan shanan darbaniifi karoora hojii waggaa sadii irratti Ministeerri Hojiifi Ogummaa guyoota afuriif gaggeessaa ture goolabame. Hagayya 28, 2018 (Komn.BCHUOO)-Mariin milkaa'ina imala waggoottan shanan darbaniifi karoora hojii waggaa sadii Ministeerri Hojiifi Ogummaa guyoota afuriif sekteroota itti waamamni isaanii ministeerichaaf ta'an waliin gaggeessaa ture goolabame. Waltajjicha irrattis hooggantoonni Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaafi diiniiwwan kolleejjota poolii teekinika Oromiyaa hirmaachaa kan turan yoota'u, Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa raawwii hojii olaanaa damee hundaan galmeessiseef hogganaan Biirichaa injiner Eebbaa Garbaa  badhaasaafi beekamtii sadarkaa deetaa ministeeraatti gorsituu ministeera Hojiifi Ogummaa  aadde Nabiyaa Mohaammed harkaa fudhatan. Sagantichaanis, mariin panaalii matadureewwan adda addaa irratti qooda fudhattootaafi dhimmamtoota sekterichaa hirmaachiise adeemsifamaa kan ture yoota'u, karoorri hojii bara giddugaleessaa dhiyaatee irratti mari'atamuun kallattiin hojii fuula duraa,  sadarkaa deetaa ministeeraatti gorsituu ministeera Hojiifi Ogummaa  aadde Nabiyaa Mohaammediin kennamee jira. Kanamalees, raawwii imala milkaa'ina waggoottan shanan darbanii kan mul'isu egizibiishiniin mataduree "Itiyoophiyaa Ogummeessuu /Skill Ethiopia” jedhu kan oomisha intarpiraayizootaa, bu'aa hojii kalaqaafi yaada daldalaa dhiyaatee hoggantoota olaanoofi keessummootaan daawwatamaa tureera. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
2 098
9
+6
Matn yo'q...
2 144
10
Yaadama haaraa damee Ogummaa irratti fudhatameen dhaabbilee Leenjii Teeknikaafi Ogummaa giddugala lammiileen gahumsaaf dandeettii qabaniifi dorgomaa ta'an itti horataman taasisuun danda'ameera- Ministeera Hojiifi Ogummaa. Hagayya 27, 2018 (Komn.BCHUOO)- Ministeerri Hojiifi Ogummaa adeemsa misoomaa waggoottan shanan darbanii ilaalchisee waltajjii marii gaggeessaa jiruun, dameewwan garaagaraa raawwii hojii isaanii dhuunfaan gamaggamaa jiru. Gamaggama raawwii hojii damee misooma ogummaa taasifameen, yaadama haaraa damee ogummaa irratti fudhatameen dhaabbilee Leenjii Teeknikaafi Ogummaa giddugala lammiileen gahumsaafi dandeettii qaban, akkasumas dorgomaa ta'an itti horataman taasisuun kan danda'ame ta'uun himameera. Waggoottan shanan darbanitti Imaammataafi Tarsiimoo Leenjii Teeknikaafi Ogummaa hojiirra ooleen damee kana caalaatti guddisuufi cimsuu kan danda’an bu'uuraaleen seeraafi dambiiwwan fooyyessuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamaa tureen sadarkaan ogummaa 234 qophaa'uun qophaa'uun, sirna leenjii idileetiin leenjifamtoota miliyoona 1.1 ol simachuun leenjisuun, akkasumas sagantaa leenjii gaggabaabootiin leenjifamtoota miliyoona 20 ol leenjisuun kan danda'ame ta'uunis ibsameera. Qulqullina leenjii irratti xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojii hojjetameen dhaabbileen Leenjii Teeknikaafi Ogummaa hedduun Ragaa Mirkaneessa Sirna Bulchiinsa Qulqullinaa (ISO) argachuunis himameera. Kunis leenjifamtoota sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta'an horachuuf bu’uura cimaa waggoota shanan darban keessatti kaa’uun danda’ame ta'uu kan agarsiisu ta’uunis eerameera. Milkaa'inoonni kunneenis ilaalchawwan hojii haaraa babal’isuun, akkasumas dhaabbilee teekinoolojiin ammayyeessuun sirna misooma ogummaa dhiyeessii irratti hundaa'erraa gara fedhii gabaafi hojii uumuutti ceesisuuf bu'uura cimaa kan kaa'e ta'uun himameera. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
1 866
11
+7
Matn yo'q...
2 057
12
Waggoottan shanan darban haaromsa caasaa, imaammataafi sirna carraa hojiii uumuurratti taasifameen biyya keessaafi biyya alaatti lammiilee miliyoona 20.7 oliif carraan hojii uumamuu Ministeera Hojiifi Ogummaa beeksise. Hagayya 27, 2018 (Komn.BCHUOO)- Ministeerri Hojiifi Ogummaa raawwii hojii misoomaafi haaromsa waggoottan shanan darbanii Hoggantootaafi raawwattoota damichaa naannolee hundaa bakka argamanitti gamaggamaa jira. Haaromsa caasaa, imaammataafi sirna carraa hojii uumuu irratti waggoottan shanan darban keessatti raawwatameen lammiileen miliyoona 19 ol carraa hojii biyya keessaa argachuu, akkasumas lammiileen miliyoona 1.6 ol karaa seera qabeessa ta’een hojii biyya alaa argatanii jiraachuun ibsameera. Carraa hojii babal’isuufi bu'aqabeessummaa intarpiraayizootaa mirkaneessuufis deeggarsi maallaqaa, dhiyeessiin lafaa, bu’uuraaleen misoomaafi walitti hidhamiinsa gabaa bal'inaan dhiyaachaa turuun himameera. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
1 849
13
+6
Matn yo'q...
2 881
14
Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus leenjifamtoota ogummaalee garaagaraatiin leenjisaa ture 419 eebbisiise. ‎ Hagayya 24, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus leenjifamtoota ogummaalee garaagaraatiin leenjisaa ture 419 guyyaa har'aa eebbisiisee jira. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddin Qaadii, mootummaan lammiileen yoo xiqqaate ogummaa tokkoofi isaa ol gonfachuun abbaa carraa hojii bal'aa akka ta'an gochuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Leenjifamtoonni guyyaa har’aa eebbifamanis ogummaa horataniin hojiitti galuun hawaasaafi biyya isaanii tajaajiluu akka qaban obbo Nasraddin dhaamaniiru. Sirnicharratti haasawaa kan taasisan abbaan qabeenyaa Kolleejjii Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus obbo Admaasuu Dirribaa, galma ogummaa dagaagsuun carraa hojii ogummaan durfamu uumuu milkeessuun tumsa qaamolee hundaa kan gaafatu ta'uu ibsuun, kolleejjichis galma kana milkeessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Kolleejjichi leenjifamtoota simatee leenjisu ogummaa gonfachiisuu qofa utuu hintaanee carraa hojii uumuufiin bu'aqabeessa taasisuuf kan hojjetu ta'uus obbo Admaasuun ibsaniiru. Itti Gaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchiinsa Magaalaa Asallaa obbo Tolaa Hajjii, mootummaan lammiileen intarpiruunara ta'anii sochii diinagdee taasifamurraa fayyadamoo akka ta'aniif dagaagina ogummaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu himuun, eebbifamtoonni kunneen ogummaa gonfataniin hojiitti galuun namoota kaaniif carraa hojii uumuu akka qaban dhaamaniiru. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
2 400
15
Sagantaa Eebba Leenjifamtootaa KPT Hasaasaa.
Sagantaa Eebba Leenjifamtootaa KPT Hasaasaa.
2 314
16
+7
Matn yo'q...
3 017
17
Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa leenjifamtoota ogummaalee afuriin leenjisaa ture 116 eebbisiise. Hagayya 23, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa leenjifamtoota ogummaalee afuriin leenjisaa ture 116 guyyaa har'aa sirnoota garaagaraan eebbisiisee jira. Diiniin Kolleejjii Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa obbo Wasanaa Wadaajoo, lammiin gahumsa ogummaa qabu harka namaa hin ilaalu waan ta'eef kolleejjichi dargaggoonni yoo xiqqaate ogummaa tokkoofi isaa ol gonfachuun dinagdee saffisaan guddataa jiru keessatti qooda isaanii akka bahatan gochuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Leenjii gahumsaaf qulqullina qabu dhiyeessuun humna namaa dorgomaa ta'e gabaa hojiif dhiyeessuuf hojjetamaa jira kan jedhan obbo Wasanaan, guyyaa har'aas leenjifamtoonni 116 leenjii isaanii xumuruun eebbaaf dhiyaachuu himaniiru. Kolleejjichatti hojii misooma ogummaa hojjjetamuun cinattis mooraa kolleejjichaa iddoo oomishaafi kalaqaa gochuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hirnaa obbo Mahaammad Xahaa eebbifamtootaaf gammachuu qaban ibsuun, pooteenshaala carraa hojii magaalichi qabutti gargaaramuun hojiitti akka galan gochuufis deeggarsa walirraa hincinne kan taasisan ta'uu himaniiru. Xumura sagantichaattis, leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennameera. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
1 696
18
+7
Matn yo'q...
1 789
19
Kolleejjiin Poolii Teeknika Baatuu leenjifamtoota ogummaalee saddeetiin leenjisaa ture 181 eebbisiise. Hagayya 23, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Poolii Teeknika Baatuu leenjifamtoota ogummaalee saddeetiin leenjisaa ture 181 guyyaa har'aa eebbisiisee jira. Saganticharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa, ogummaafi dhaweessummaan ofdanda'uun bu'uura imala badhaadhinaa ta'uu ibsuun, Kolleejjonni leenjii teeknikaafi ogummaa humna guddina dinagdeefi teekinoolojii Ittiin gabbifatan ta'uun hawaasa tajaajilaa jiraachuu himaniiru. Addunyaa yeroo ammaa carraafi rakkoodhaan akkasumas saffisaan guddachaa jirtu kana keessatti gama hundaan dorgomaa ta'uun murteessaadha kan jedhan obbo Habtaamuun, leenjifamtoonni guyyaa har'aa eebbifaman ilaalcha hojii eeggachuu keessaa bahuun ogummaa horataniin hojii uummachuun gahee lammummaa bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Ittigaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Baatuu obboo Suruur Hasan, biyyi tokko kan cimu lammii dandeettii, beekumsaafi ogummaa qabu yoo horatte ta'uu ibsuun, eebbifamtoonni kunneen riqicha guddina diinagdee biyyaa ta'uu akka qaban dhaamaniiru. Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Baatuu obbo Mohaammadsiraaj Hamiid, ogummaan jijjiiramaafi guddina addunyaan har'a irra geesseef bu'uura ta'uu ibsuun, hawaasni magaalichaa faayidaa ogummaa hubatee ijoollee isaa gara kolleejjichaatti erguun abbaa ogummaa akka ta'aniif gahee isaanirraa eeggamu bahuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru. Sirnicharrattis leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennamee jira. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
1 690
20
Matn yo'q...
194