cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

نمایش بیشتر
فنلندة433زبان مشخص نشده استآموزش11 507
پست‌های تبلیغاتی
13 386
مشترکین
+4524 ساعت
+4127 روز
+1 32130 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

20:47
Video unavailableShow in Telegram
Sagantaa "Hojiifi Ogummaa" walta'iinsa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa fi OBN'tiin torbanitti yeroo tokko guyyaa Kamisaa galgala sa'aatii 2:40 irraa eegalee dhiyaatu kan Bara 2016 kutaa 13ffaa. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
نمایش همه...
👍 9 1
👍 23👎 1
👍 5 4
Misoomaafi kalaqa teekinooloojii cimsuun rakkoo hawaasaa furuufi abbootii kalaqaa diinagdeen humneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiran jedhan injiner Eebbaa Garbaa. Caamsaa 10, 2016 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa dorgommii yaada kalaqaa haaraa "Biruh Itoophiyaa" sadarkaa naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa turerratti yaada kalaqa haaraa dhiyeessuun kanneen mo'ataniif badhaasaafi beekamtii kenne. Saganticharratti argamuun mo'attoota dorgommichaaf badhaasaafi beekamtii kan kennan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, mootummaan misoomaafi kalaqa teekinooloojii cimsuun rakkoo hawaasaa furuufi abbootii kalaqaa diinagdeen humneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Mo'attootni dorgommichaas mo'atanii badhaafamuu akka galmaatti fudhachuu qofa osoo hin taane dandeettii kalaqaa qabaniin rakkoo hawaasaa furuun yaada kalaqaa isaanii madda diinagdeetti jijjiiruufi biyya keenya tarree addunyaan teknoolojiin irra geesserra geessisuuf kutannoon hojjechuu akka qaban injiner Eebbaan dhaamaniru. Hogganaan Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa obbo Adam Kamaal, saganticharratti argamuun akkaataa dargaggootni yaada kalaqaa isaanii madda biizinasii taasifachuu danda'an irratti leenjii kennaniin jaarraan amma keessa jirru jaarraa dijitaalaafi teekinooloojiin durfamu ta'uu himaniiru. Dargaggoonnis ogummaa gabaan hojii barbaadu gonfachuufi dandeettii kalaqa teekinooloojii madda carraa hojii ta'uu danda'u hidhachuu akka qaban dhaamaniiru. Sagantaa badhaasaafi beekamtii gaggeeffame kanarrattis kanneen yaada kalaqa haaraa dhiyeessuun 1ffaa hanga 3ffaa bahuun xumuraniif walduraa duubaan badhaasni maallaqaa ka'umsa hojii qarshiin kuma 20, kuma 15 fi kuma 10 kennameefii jira. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
نمایش همه...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👍 7 4
👍 22 6🔥 2
Sagantaan dorgommii yaada kalaqaa haaraa "Biruh Itoophiyaa" sadarkaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffame. Caamsaa 07, 2016 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa sagantaa dorgommii yaada kalaqaa haaraa "Biruh Itoophiyaa" sadarkaa naannoo Oromiyaatti gaggeeffamu magaalaa Adaamaatti eegalchiiseera. Saganticharratti argamuun haasawaa saaqinsaa kan taasisan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa, mootummaan qorqalbii biizinasii hawaasaa ijaaruun yaada daldalaa isaanii gara diinagdeetti akka jijjiirratan taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Kaayyoon sagantaa kanaas dargaggoota yaada kalaqaa qaban waldorgomsiisuun leenjisuu, gahoomsuufi kanneen mo'ataniif deeggarsa maallaqa ka'umsa hojii  taasisuun yaada isaanii madda carraa hojii akka taasifatan gochuurratti kan xiyyeeffate ta'uu himaniiru. Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaatti Daarekteerri Daarektoreetii Qorannoofi Ce'umsa Teekinooloojii obbo Lammii Bayyanaa, dorgommichi sadarkaa aanaa irraa kaasee hanga godinaaleefi bulchiinsa magaalotaatti gaggeeffamaa kan ture ta'uu ibsaniiru. Dorgomtoonni dorgommii sadarkaa garaagaraatti gaggeeffamaa ture irratti mo'atan 112 dorgommii sadarkaa naannootti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiraachuus himaniiru. Dorgommii sadarkaa naannootti gaggeeffamu kana irratti kanneen sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaan injifatan badhaasa maallaqaafi beekamtii kan argatan yoota'u, dorgomtootni 49 naannoo Oromiyaa bakka bu'uun dorgommii yaada daldalaa sadarkaa biyyaatti gaggeeffamu irratti kan hirmaatan ta'uun ibsameera. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
نمایش همه...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👍 15 3
10
Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa sirna dhalootaaf ce’u ijaaruufi ol'aantummaa seeraa mirkaneessuun  alseerummaa hojimaata keessatti mul'atu furuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa waliin hojjechaa jiraachuu beeksise. Caamsaa 06, 2016 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Bu'aa Sakatta'insa hojiirra oolmaa seerotaa kan Sektara Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa gaggeessaa ture bakka hooggansiifi miseensonni manajimentii isaanii argamanitti dhiyeessaa jira. Kaayyoo waltajjichaa kan ibsan  Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kabajamoo obbo Guyyoo Waariyoo aangoofi hojii bu’uura Labsii Lakk.214/2011 keewwata 7(4) tiin Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiif kenname keessaa seeronni bahan hojiirra ooluufi hojiirra oolmaan isaaniis walfakkaatinsa kan qabu ta'uu mirkaneessuun isa bu’uuraa ta'uu ibsuun, ogeeyyiin seeraa biirichaas sakatta'iinsa hojiirra oolmaa seerotaa kan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa gaggeessuun argannoo jirus dhiyeessuu himaniiru. Qaamoleen dhimmi kun ilaalus argannoo kana karaa saffisaafi qulqullina qabuun tarkaanfii sirreeffamaa bakka taasifamuu qabutti sirreessuun hojiitti akka hiikamu taasisuuf kutannoon hojjechuu akka qaban obbo Guyyoon dhaamaniiru. Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, biirichi sirna dhalootaaf ce’u ijaaruufi ol'aantummaa seeraa mirkaneessuun  alseerummaa hojimaata keessatti mul'atu furuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa waliin xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa bu’uura labsii 242/2014 baheefi danbii labsii kana hojiirra oolchuuf bahe bu’uureffachuun hojiileen hojjetaman kamuu heera, seera, labsii, danbiifi qajeelfama hojii kan bu’ureeffate akka ta’u gochuuf danbiiwwaniifi qajeelfamoota barbaachisaa biroo qopheessuuf hojjechaa jiraachuu injiner Eebbaan ibsaniiru. Garee qorannaa sakatta’iinsa hojiirra oolmaa seerota BCHUOO gaggeessaa ture bakka bu’uun argannoo qorannichaa kan dhiyeessan Abbaa Alangaa Addisuu Laggaasaa akka waliigalaatti qorannoo gaggeefameen raawwiin jiru gaarii ta’us hanqinoota hojiirra oolmaa seerotaa jiran tokko tokko fooyyessuun akka barbaachisu eeranii tajaajila ogummaa Biiroon CHUO Oromiyaa barbaadu kennuuf yeroo kamuu qophii ta’uu ibsaniiru. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
نمایش همه...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👍 8 4
20:39
Video unavailableShow in Telegram
Sagantaa "Hojiifi Ogummaa" walta'iinsa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa fi OBN'tiin torbanitti yeroo tokko guyyaa Kamisaa galgala sa'aatii 2:40 irraa eegalee dhiyaatu kan Bara 2016 kutaa 12ffaa. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
نمایش همه...
👍 5 5👏 1
19:32
Video unavailableShow in Telegram
Sagantaa "Hojiifi Ogummaa" walta'iinsa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa fi OBN'tiin torbanitti yeroo tokko guyyaa Kamisaa galgala sa'aatii 2:40 irraa eegalee dhiyaatu kan Bara 2016 kutaa 11ffaa. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
نمایش همه...
👍 4