Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa
Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!
Show moreπ Analytical overview of Telegram channel Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa
Channel Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa (@ojcvbureau) is an active participant. Currently, the community unites 17 915 subscribers, ranking 11 101 in the Education category and 275 in the Finland region.
π Audience metrics and dynamics
Since its creation on Π½Π΅Π²ΡΠ΄ΠΎΠΌΠΎ, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 17 915 subscribers.
According to the latest data from 06 September, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 37 over the last 30 days and by 3 over the last 24 hours, overall reach remains high.
- Verification status: Not verified
- Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 10.96%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 6.31% reactions from the total number of subscribers.
- Post reach: On average, each post receives 1 964 views. Within the first day, a publication typically gains 1 130 views.
- Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 4.
π Description and content policy
The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
βBarnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!β
Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 07 September, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Education category.
Data loading in progress...
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 06 September | +9 | |||
| 05 September | +4 | |||
| 04 September | +17 | |||
| 03 September | +12 | |||
| 02 September | +3 | |||
| 01 September | +3 |
| 2 | No text... | 1 155 |
| 3 | No text... | 1 532 |
| 4 | Addunyaa har'aa keessatti injifachuuf ogummaan ofdanda'uu, yaada kalaqa haaraa maddisiisuufi jijjiirama waliin tarkaanfachuun murteessaadha- obbo Nasraddin Qaadii.
Hagayya 30, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Poolii Teeknika Shaashamannee leenjifamtoota ogummaalee kudha lamaan leenjisaa ture 471 guyyaa har'aa sirna ho'aan eebbisiisee jira.
Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddin Qaadii, mootummaan karoora ogummaan ofdanda'uu hojiirra oolchuun lammiileen keenya hojii barbaaduurraa gara hojii uumuutti; rakkoof harka kennuurraa gara carraatti jijjiiruun furmaata uumuutti akka ce'an taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Eebbifamtoonni har'aa bara ogummaan xiyyeeffannoo addaa argatee jiruufi ogeessi barbaadamu keessatti eebbifamuun eebba keessan adda taasisa kan jedhan obbo Nasraddin, ogummaan har'aa milkaa'ina borii waanta'eef ogummaa biraa dabalachuun caalmaatti ofgahoomsuuf har'umarraa kaasanii of qopheessuu akka qaban dhaamaniiru.
Addunyaa har'aa keessatti injifachuuf ogummaan ofdanda'uu, yaada kalaqa haaraa maddisiisuufi jijjiirama waliin tarkaanfachuun murteessaa ta'uu himuun, hawaasni naannichaas ofdanda'uufi jireenya isaa injifachuuf dhaabbilee leenjiitti simatamuun ogummaa leenji'uu akka qabu dhaamaniiru.
Haasawaa anaadhufuu kan taasisan Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Dr.Firaa'ol Uddeessaa, eebbi guyyaa gammachuufi agarsiiftuu milkaa'ina firii dadhabbii ta'uu ibsuun, sirni kunis galma xumuraa waan hintaaneef eebbifamtoonni ogummaa horataniin hojii uummachuun hawaasa isaanii tajaajiluufi diinagdeen of cimsuu akka qaban dhaamaniiru.
Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Shaashamannee obbo Abdurahmaan Garee, kolleejjichi bara hundeeffama isaa 1994 irraa kaasee fedhii gabaa hojii irratti hundaa'uun leenjifamtoota hedduu simatee leenjisuun ogummaa hidhachiisee gara addunyaa hojiifi kalaqaatti bobbaasee jiraachuu ibsaniiru.
Guyyaa har'aas leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan simatee leenjisaa ture leenjii xumursiisuun ogummaa gulantaan leenjichaa barbaadu gonfachiisuudhaan leenjifamtoota 471 eebbaaf dhiyeessuu himaniiru.
Eebbifamtoonni kunneen turtii leenjii isaaniitti ogummaa argatan gara carraa hojii uumuu, kalaqaafi oomishaatti jijjiiruu akka qaban obbo Abdurahmaan dhaamaniiru.
Xumura sagantichaattis leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennamee kan jiru yoota'u, industiriiwwaniifi qaamolee milkaa'ina raawwii hojii kolleejjichaa bara 2018 keessatti tumsa ol'aanaa taasisaa turaniif waraqaan ragaa galataa kennameefii jira.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com | 1 411 |
| 5 | No text... | 1 428 |
| 6 | No text... | 1 737 |
| 7 | No text... | 2 302 |
| 8 | Mariin milkaa'ina imala waggoottan shanan darbaniifi karoora hojii waggaa sadii irratti Ministeerri Hojiifi Ogummaa guyoota afuriif gaggeessaa ture goolabame.
Hagayya 28, 2018 (Komn.BCHUOO)-Mariin milkaa'ina imala waggoottan shanan darbaniifi karoora hojii waggaa sadii Ministeerri Hojiifi Ogummaa guyoota afuriif sekteroota itti waamamni isaanii ministeerichaaf ta'an waliin gaggeessaa ture goolabame.
Waltajjicha irrattis hooggantoonni Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaafi diiniiwwan kolleejjota poolii teekinika Oromiyaa hirmaachaa kan turan yoota'u, Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa raawwii hojii olaanaa damee
hundaan galmeessiseef hogganaan Biirichaa injiner Eebbaa Garbaa Β badhaasaafi beekamtii sadarkaa deetaa ministeeraatti gorsituu ministeera Hojiifi Ogummaa Β aadde Nabiyaa Mohaammed harkaa fudhatan.
Sagantichaanis, mariin panaalii matadureewwan adda addaa irratti qooda fudhattootaafi dhimmamtoota sekterichaa hirmaachiise adeemsifamaa kan ture yoota'u, karoorri hojii bara giddugaleessaa dhiyaatee irratti mari'atamuun kallattiin hojii fuula duraa, Β sadarkaa deetaa ministeeraatti gorsituu ministeera Hojiifi Ogummaa Β aadde Nabiyaa Mohaammediin kennamee jira.
Kanamalees, raawwii imala milkaa'ina waggoottan shanan darbanii kan mul'isu egizibiishiniin mataduree "Itiyoophiyaa Ogummeessuu /Skill Ethiopiaβ jedhu kan oomisha intarpiraayizootaa, bu'aa hojii kalaqaafi yaada daldalaa dhiyaatee hoggantoota olaanoofi keessummootaan daawwatamaa tureera.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com | 2 098 |
| 9 | No text... | 2 144 |
| 10 | Yaadama haaraa damee Ogummaa irratti fudhatameen dhaabbilee Leenjii Teeknikaafi Ogummaa giddugala lammiileen gahumsaaf dandeettii qabaniifi dorgomaa ta'an itti horataman taasisuun danda'ameera- Ministeera Hojiifi Ogummaa.
Hagayya 27, 2018 (Komn.BCHUOO)- Ministeerri Hojiifi Ogummaa adeemsa misoomaa waggoottan shanan darbanii ilaalchisee waltajjii marii gaggeessaa jiruun, dameewwan garaagaraa raawwii hojii isaanii dhuunfaan gamaggamaa jiru.
Gamaggama raawwii hojii damee misooma ogummaa taasifameen, yaadama haaraa damee ogummaa irratti fudhatameen dhaabbilee Leenjii Teeknikaafi Ogummaa giddugala lammiileen gahumsaafi dandeettii qaban, akkasumas dorgomaa ta'an itti horataman taasisuun kan danda'ame ta'uun himameera.
Waggoottan shanan darbanitti Imaammataafi Tarsiimoo Leenjii Teeknikaafi Ogummaa hojiirra ooleen damee kana caalaatti guddisuufi cimsuu kan dandaβan bu'uuraaleen seeraafi dambiiwwan fooyyessuuf hojiiwwan balβaan hojjetamaa tureen sadarkaan ogummaa 234 qophaa'uun qophaa'uun, sirna leenjii idileetiin leenjifamtoota miliyoona 1.1 ol simachuun leenjisuun, akkasumas sagantaa leenjii gaggabaabootiin leenjifamtoota miliyoona 20 ol leenjisuun kan danda'ame ta'uunis ibsameera.
Qulqullina leenjii irratti xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojii hojjetameen dhaabbileen Leenjii Teeknikaafi Ogummaa hedduun Ragaa Mirkaneessa Sirna Bulchiinsa Qulqullinaa (ISO) argachuunis himameera.
Kunis leenjifamtoota sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta'an horachuuf buβuura cimaa waggoota shanan darban keessatti kaaβuun dandaβame ta'uu kan agarsiisu taβuunis eerameera.
Milkaa'inoonni kunneenis ilaalchawwan hojii haaraa babalβisuun, akkasumas dhaabbilee teekinoolojiin ammayyeessuun sirna misooma ogummaa dhiyeessii irratti hundaa'erraa gara fedhii gabaafi hojii uumuutti ceesisuuf bu'uura cimaa kan kaa'e ta'uun himameera.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com | 1 866 |
| 11 | No text... | 2 057 |
| 12 | Waggoottan shanan darban haaromsa caasaa, imaammataafi sirna carraa hojiii uumuurratti taasifameen biyya keessaafi biyya alaatti lammiilee miliyoona 20.7 oliif carraan hojii uumamuu Ministeera Hojiifi Ogummaa beeksise.
Hagayya 27, 2018 (Komn.BCHUOO)- Ministeerri Hojiifi Ogummaa raawwii hojii misoomaafi haaromsa waggoottan shanan darbanii Hoggantootaafi raawwattoota damichaa naannolee hundaa bakka argamanitti gamaggamaa jira.
Haaromsa caasaa, imaammataafi sirna carraa hojii uumuu irratti waggoottan shanan darban keessatti raawwatameen lammiileen miliyoona 19 ol carraa hojii biyya keessaa argachuu, akkasumas lammiileen miliyoona 1.6 ol karaa seera qabeessa taβeen hojii biyya alaa argatanii jiraachuun ibsameera.
Carraa hojii babalβisuufi bu'aqabeessummaa intarpiraayizootaa mirkaneessuufis deeggarsi maallaqaa, dhiyeessiin lafaa, buβuuraaleen misoomaafi walitti hidhamiinsa gabaa bal'inaan dhiyaachaa turuun himameera.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com | 1 849 |
| 13 | No text... | 2 881 |
| 14 | Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus leenjifamtoota ogummaalee garaagaraatiin leenjisaa ture 419 eebbisiise.
β
Hagayya 24, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus leenjifamtoota ogummaalee garaagaraatiin leenjisaa ture 419 guyyaa har'aa eebbisiisee jira.
Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddin Qaadii, mootummaan lammiileen yoo xiqqaate ogummaa tokkoofi isaa ol gonfachuun abbaa carraa hojii bal'aa akka ta'an gochuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Leenjifamtoonni guyyaa harβaa eebbifamanis ogummaa horataniin hojiitti galuun hawaasaafi biyya isaanii tajaajiluu akka qaban obbo Nasraddin dhaamaniiru.
Sirnicharratti haasawaa kan taasisan abbaan qabeenyaa Kolleejjii Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus obbo Admaasuu Dirribaa, galma ogummaa dagaagsuun carraa hojii ogummaan durfamu uumuu milkeessuun tumsa qaamolee hundaa kan gaafatu ta'uu ibsuun, kolleejjichis galma kana milkeessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Kolleejjichi leenjifamtoota simatee leenjisu ogummaa gonfachiisuu qofa utuu hintaanee carraa hojii uumuufiin bu'aqabeessa taasisuuf kan hojjetu ta'uus obbo Admaasuun ibsaniiru.
Itti Gaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchiinsa Magaalaa Asallaa obbo Tolaa Hajjii, mootummaan lammiileen intarpiruunara ta'anii sochii diinagdee taasifamurraa fayyadamoo akka ta'aniif dagaagina ogummaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu himuun, eebbifamtoonni kunneen ogummaa gonfataniin hojiitti galuun namoota kaaniif carraa hojii uumuu akka qaban dhaamaniiru.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com | 2 400 |
| 15 | Sagantaa Eebba Leenjifamtootaa KPT Hasaasaa. | 2 314 |
| 16 | No text... | 3 017 |
| 17 | Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa leenjifamtoota ogummaalee afuriin leenjisaa ture 116 eebbisiise.
Hagayya 23, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa leenjifamtoota ogummaalee afuriin leenjisaa ture 116 guyyaa har'aa sirnoota garaagaraan eebbisiisee jira.
Diiniin Kolleejjii Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa obbo Wasanaa Wadaajoo, lammiin gahumsa ogummaa qabu harka namaa hin ilaalu waan ta'eef kolleejjichi dargaggoonni yoo xiqqaate ogummaa tokkoofi isaa ol gonfachuun dinagdee saffisaan guddataa jiru keessatti qooda isaanii akka bahatan gochuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Leenjii gahumsaaf qulqullina qabu dhiyeessuun humna namaa dorgomaa ta'e gabaa hojiif dhiyeessuuf hojjetamaa jira kan jedhan obbo Wasanaan, guyyaa har'aas leenjifamtoonni 116 leenjii isaanii xumuruun eebbaaf dhiyaachuu himaniiru.
Kolleejjichatti hojii misooma ogummaa hojjjetamuun cinattis mooraa kolleejjichaa iddoo oomishaafi kalaqaa gochuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hirnaa obbo Mahaammad Xahaa eebbifamtootaaf gammachuu qaban ibsuun, pooteenshaala carraa hojii magaalichi qabutti gargaaramuun hojiitti akka galan gochuufis deeggarsa walirraa hincinne kan taasisan ta'uu himaniiru.
Xumura sagantichaattis, leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennameera.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com | 1 696 |
| 18 | No text... | 1 789 |
| 19 | Kolleejjiin Poolii Teeknika Baatuu leenjifamtoota ogummaalee saddeetiin leenjisaa ture 181 eebbisiise.
Hagayya 23, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Poolii Teeknika Baatuu leenjifamtoota ogummaalee saddeetiin leenjisaa ture 181 guyyaa har'aa eebbisiisee jira.
Saganticharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa, ogummaafi dhaweessummaan ofdanda'uun bu'uura imala badhaadhinaa ta'uu ibsuun, Kolleejjonni leenjii teeknikaafi ogummaa humna guddina dinagdeefi teekinoolojii Ittiin gabbifatan ta'uun hawaasa tajaajilaa jiraachuu himaniiru.
Addunyaa yeroo ammaa carraafi rakkoodhaan akkasumas saffisaan guddachaa jirtu kana keessatti gama hundaan dorgomaa ta'uun murteessaadha kan jedhan obbo Habtaamuun, leenjifamtoonni guyyaa har'aa eebbifaman ilaalcha hojii eeggachuu keessaa bahuun ogummaa horataniin hojii uummachuun gahee lammummaa bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Ittigaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Baatuu obboo Suruur Hasan, biyyi tokko kan cimu lammii dandeettii, beekumsaafi ogummaa qabu yoo horatte ta'uu ibsuun, eebbifamtoonni kunneen riqicha guddina diinagdee biyyaa ta'uu akka qaban dhaamaniiru.
Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Baatuu obbo Mohaammadsiraaj Hamiid, ogummaan jijjiiramaafi guddina addunyaan har'a irra geesseef bu'uura ta'uu ibsuun, hawaasni magaalichaa faayidaa ogummaa hubatee ijoollee isaa gara kolleejjichaatti erguun abbaa ogummaa akka ta'aniif gahee isaanirraa eeggamu bahuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Sirnicharrattis leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennamee jira.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com | 1 690 |
| 20 | No text... | 194 |
