cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking Β«Accept allΒ», you agree to the use of cookies.

avatar

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

Show more
Finland411The language is not specifiedEducation10 930
Advertising posts
14 979
Subscribers
+4524 hours
+4167 days
+1 10030 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Sagantaan intarpiraayizoota ulaagaa cehumsaa guutan gara guddattuu giddugaleessaatti ceesisuu kilaastara Jimmaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffame. Waxabajjii 24, 2016 (Komn.BCHUOO)- Sagantaan intarpiraayizoota ulaagaa cehumsaa guutan gara guddattuu giddugaleessaatti ceesisuu kilaastara Jimmaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar, mootummaan interpiraayizoota gara invastimantiitti ce'an cinaa dhaabbatee imala badhaadhina milkeessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Injiner Eebbaa Garbaa, biyyi tokko biyya cimtuu taatee addunyaa irratti dorgomuuf diinagdee cimaa qabaachuu akka qabdu ibsuun, diinagdee cimaan immoo lammiilee ogummaan gahoomuun harka hojjatuufi sammuu yaadu qabaachuun xiiqiin hojjetanii diinagdee horachuun galma badhaadhinaa milkeessuu danda'aniin kan dhugoomu ta'uu himaniiru. Interpiraayizoota ulaagaa cehuumsaa guutuun gara guddattuu giddugaleessaatti cehaniif gammachuu qaban ibsuun, gara fuulduraattis gosa invastimantii irratti bobba'anirratti kutannoon hojjechuun guddina biyyattii dhugoomsuu akka qaban injiner Eebbaan dhaamaniiru. Sagantaa cehuumsa intarpiraayizootaa bara 2016 kilaastara Jimmaatti gaggeeffame kanarrattis intarpiraayizootni Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa, Mattuu, Aggaaroo, akkasumas Godina Jimmaa, Iluu Abbaa Boor fi Buunnoo Beddellee irraa ulaagaa cehuumsaa guutan 376 gara invastimantiitti ce'anii jiraachuun ibsameera. Saganticharratti gabaasa cehuumsa intarpiraayizootaa bara 2016 kan dhiyeessan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa, bara kana akka Oromiyaatti intarpiraayizootni 1,101 ulaagaa cehuumsaa guutuun gara invastimantiitti kan cehan ta'uu ibsaniiru. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
Show all...

04:18
Video unavailableShow in Telegram
Qaxaramuu Irraa Gara Qaxaruutti
Show all...
8.47 MB
πŸ‘ 15πŸ‘ 2
πŸ‘ 12❀ 1πŸ₯° 1
Mootummaan carraa hojii itti fufiinsa qabu uumuun fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan injiner Eebbaa Garbaa. Waxabajjii 22, 2016 (Komn.BCHUOO)- Jilli Hogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Injiiner Eebbaa Garbaatiin durfamu Bulchiinsa Magaalaa Jimmaafi Godina Jimmaa aanaalee garaagaraatti hojiilee carraa hojii uumuu hojjetaman daawwateera. Dawwannicharrattis Hogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa dabalatee hoggantoonniifi keessummootni garaagaraa hirmaataniiru. Sagantaa daawwannaa kanaanis kilaastaroonni horsiisa lukkuu, misooma beeyladaa, misooma muuziifi waldaaleen hojii sibiilaa irratti hojjecgaa jiran daawwatamaniiru. Mootummaan carraa hojii itti fufiinsa qabu uumuun fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Hogganaan BCHUOO injiner Eebbaa Garbaa ibsaniiru. Daawwannaa gaggeeffameenis godinaafi bulchiinsa magaalichaatti hojiileen carraa hojii uumuu hojjetamaa jiran fakkeenyummaa qabu kan jedhan injiner Eebbaan, sochii gaariin jalqabame cimee itti fufuu akka qabus dhaamaniiru. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

❀ 4
❀ 4πŸ‘ 1
Mootummaan wabii nyaataa mirkaneessuufi badhaadhina maatii milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan aadde Magartuu Mahaammad. Waxabajjii 22, 2016 (Komn.BCHUOO)- Waajjirri Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa magaalaa Adaamaa hojiidhabeeyyii kuma 10 waldaan gurmeessuun manneen lukkuu 2000 lukkuulee kuma 12 dhiyeessuufiin hojiitti galcheera. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hoggantuu ittaantuun Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa aadde Magartuu Mahaammad, mootummaan wabii nyaataa mirkaneessuufi badhaadhina maatii milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsuun, bulchiinsi magaalaa Adaamaa inisheetiivota misoomaa bocamanii gadi bu'an hojiitti hiikuurratti sochiin taasisaa jiru fakkeenyummaa gaarii babal'achuu qabu ta'uu himaniiru. Kantiibaan magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee imala badhaadhinaa milkeessuuf humnootni misoomaa sadan badhaadhina maatii mirkaneessuuf qindoominaan karoorsuufi raawwachuun manneen lukkuufi sheediiwwan ijaaraman keessatti carraa hojii bal'inaan uumuun kan danda'ame ta'uu ibsaniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Adaamaa obbo Abdulqaadir Xayyibuu magaalichatti bara kana lammiilee kuma 94 oliif gosa hojii garaagaraa irratti carraa hojii dhaabbiifi yeroon uumuun kan danda'ame ta'uu ibsaniiru. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

πŸ‘ 9
πŸ‘ 21❀ 8
Magaalaa Dirre Dhawaa maneen garagaraa keessatti qacaramee hojjechaa ergan turee booda hoteela keessa akkan hojjedhuuf karaa namaatiin haalli naaf mijatee gara magaalaa Finfinnee deeme. Haa ta’u malee hoteelichi waan kasaareef hojii biraa barbaaddachuu eegale. Guyyaa tokkos hojii dallaalummaa hojjechuun birrii 4,000 argadhe. Isaanis magaaluma Finfinnee keessatti daldala jimaa eegale. Itti aansuunis haadhawarraakkoo yeroo sana gaa’ila godhanne waliin daldala jimaa cinatti buna danfisnee gurguruu eegalle. Dabalataan ciree qopheessinee gurguruufii hojii dallaalummaa hojjechuu itti fufe. Maallaqa argadhurraayis iqqubii seenuun qusachuu eegale. Bifa kanaan diinagdeekoo guddifachaa adeeme, magaalaa Finfinnee iddoo Boolee Mikaa’el jedhamutti mana cuunfaa banadhe. Yeroo ammaas damee mana cuunfaa isa lammaffaa naannoo Boolee Bulbulaa jedhamutti banuun hojjechaan jira. Manneen cuunfaa lamaan kanaan namoota 13’f carraa hojii uumeera. Dabalataan hojii horsiisa lukkuufii omisha qamadiis hojjechaan jira. Amma karoorrikoo inni ijoon ijoollee daandiirra jiraatan daandiirraa kaasuudha. Hojii kanas mootummaan akka nagargaaru nan barbaada. Ijoollee kunneen walitti qabuun giddugala tokkotti hojiilee ogummaa leenjisuufii sammuu isaaniis wal’aanuun hojiitti galchuun ni danda’ama. Gama biraatiin nuti dargaggoonni hojii tuffanna garuu hojii tuffachuu hinqabnu. Ergaan dargaggootaaf qabus β€˜hojii hinqabnu’ jettanii taa’uu osoo hintaanee hanga harkarraa qabdaniin hojiitti bobba’uu qabdu kan jedhudha.” Maddi: BBC Afaan Oromoo "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

πŸ‘ 13❀ 1
Sabboonaa Bulloo: Dargaggeessa jireenya daandiirraa ka'ee kaaniif hojii uumaa jiru. Jireenyi daandii gubbaa, soorata barbaacha kadhachuunfii araadni maastishii hadhaa jireenyaa dargaggoon kun keessa darbe keessaa isaan muraasa. Har’a garuu dargaggoon kun dhaabbilee isaa keessatti namoota 10 oliif carraa hojii uumeera, dargaggoota hoji dhabdummaan rakkachaa jiraniifis muuxxaannoo jireenyaa kuufaterraa gorsa kenna. β€œMaqaankoo Sabboonaa Bulloo jedhama. Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamanneerraa kilomeetira 18 fagaattee kan argamtu magaalaa Kofalee jedhamtu keessattin dhaladhe. Ani xiqqeenya kootti naannoo umrii wagga saddeetitti maatiikoo biraa bahe. Umriikoo sana boodaas alattin guddadhe. Maatii biraa ergan bahee booda magaalaa keessa daandiirra jiraachuun eegale. Daandiirratti ijoollee maastishii (araada) harkisan waliin walitti makamee isaanuma waliin karaarratti guddadhe. Iddoon jalqaba daandiirratti itti jiraadhe magaalaa Adaamaati. Achitti yeroo dheeraaf maastishii harkisaa ijoollee maastishii harkisan waliin ture. Bifa kanaanis magaalicha keessa yoo xiqqaate waggoota afuriif jiraadheera. Magaalaa Adaamaa keessa ujummoo dhangala’aa magaalaa keessa bulaa turre. Ujummoo kana bishaanfii balfa magaalaatu jala yaa’a. Ijoolleen maastishii harkisan qaamnisaanii doomee halbeedhaanfaa wal diran. Haa ta’u malee ani isaanuma keessattuu naamusan qaba ture. Waqti sanatti ujummoo bishaanfii balfi keessa yaa’u dhiisee barandaa manneeniirra buluufis yaalii taasisaan ture. Haata’u malee, barandaarra yeroo ciistu waardiyyaan si ari’a, abbaan manaa akkasumas hojjetaan si ari’a. Yeroo tokko hirriiba rafuu barbaadee barandaa irra rafu waanin dhabeef festaalii jimaa guuree mataa, morma fi harkarratti maree maraataa of fakkeessee barandaarra ciisee bule. Wayita daandiirra jiraannu nyaata namoonni manneen nyaataatti sooratanii irraa hafe sooranna. Warri mana nyaataa, nyaata osoo hin sooratamiin deebi’e saafaa isa guddaatti walitti qabanii nuuf kennu. Nutimmoo manicha fuldura teenyee eegganna. Bishaan namni harka ittiin dhiqate narratti dhangalaaste… Magaalaa Adaamaa keessa daandiirra yemmuun jiraadhu akkuma barame guyyaa tokko nyaata kadhachuuf gara ganda 11 deeme. Mana tokko deemees nyaata akka naaf laatan gaafadhe. Haata’u malee, dubartiin β€œhojjettee hinyaattuu?” jettee bishaan namni harka irratti dhiqatee, lulluuqqatee irratti tufe fuutee narratti jigsite. Gaafa sana baay’ee natti dhagahame, baay’een boohes. Bariitu guyyaa sanaa β€˜hojii barbaaddachuun qaba’ jedhee hojii guyyaa barbaaddachuu eegale. Mana kuusaa nyaatni namootaaf bifa gargaarsaan laatamu itti kuufamu deemee midhaan baachuu eegale. Haa ta’u malee ani yeroo lama yookiin sadi qofa baadhee qaamni nan dandeenye, midhaanicha baadhee olbahee sadaffaarra yeroon gadi deebi’u achi keessatti nan kufe. Humnikoo dadhabee kufus hojii guyyaa hojjechuu hindhiisne. Itti aansee iddoo ijaarsaattis hojii guyyaa hojjechuu eegale. Haa ta’u malee hojii kanallee hojjechuu hindandeeye. Imala gara Baha Itoophiyaa Magaalaa Adaamaatii ergan bahee booda magaalota akka Bordoddee, Ciroofii Dirre Dhawaa keessa jiraadheera. Magaalota kunneen keessatti hojiilee garagaraa hojjadheera. Keessattuu magaalaa Dirre Dhawaa keessa naannoo Taayiwaan jedhamuun beekamutti namicha bishaan gurguruuf bishaan baachuun hojjadheera. Bishaan jaarikaan baachuu guyyaa naannoo sa’aa torbatti eegalee hanga halkan keessaa sa’aa saddeetitti hojjechaa ture. Kanaanis gateettiinkoo bishaan ittiin baadhu gara tokkotti hanga dabutti gahe. Itti aansuunis karaa namoota wayita bishaan waraabu walbeeknuun mana shaayee keessatti qacaramee hojjechuu eegale. Yeroo tokko guyyaatti iddoo saditti qacaramee hojjechaan ture. Ganamaa mana shaayee tokkotti, waaree booda mana shaayee kan biraatti halkan ammoo waldaa jimaa biyya alaatti erguuf hojii jimaa qixeessuu hojjechaan ture. Jireenyikoo jijjiirame
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

πŸ‘ 12❀ 1
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.