cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

🔊KEYRAL-UMMA-TUBE

«Chaanalii Da'waa Fi Barnootaa @Keyralumma @Ibnutemiya6 Page FB👇 like follow gochuuf https://www.facebook.com/keyralumma Page Youtube 👇Channel Subscribe godhuuf https://youtu.be/N18nEwEcoZY Yaadaaf @Keyralumma_bot

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
8 710
Obunachilar
+124 soatlar
-287 kunlar
-13830 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Dirqiin Kiristaanessuu Marsaa1ffaa(1189_1529) Yeroo darbe  akka seensaatti bifa amantiin Kiristaanaa ittiin biyya kana seene ilaallee turre. Kallattii guddaan bifa dirqiin kiristaanessuu akka ta'es ibsuuf yaalleerra.  Amma immoo ragaa seenaatiin walqabsiifnee kan ilaallu ta'a. Isinis ofsaan dubbisa. Seenaa keenya kaleessaa beekuun harra keenya tolfachuuf, borii keenya karoorfachuuf nu fayyada. Namni seenaa hin beekne waan seenaa ta'u hojjachuuf ni rakkata. Kanaaf seenaa keenya haa qorannu... 1.Dirqiin Kiristaanessuu bara Mootummaa Zaaguwee Barri mootummaa zaaguwee   naannoo Bara 937_ 1137 ALA gidduudha. Teessoon mootummaa Zaaguwee Roohaa(kan booda Laalibalaatti jijjiiramte) dha. Muslimoonni yeroo bara 1000 irraa 1267 ALA keessatti naannoo sana keessaa fi  bakka adda addaa jiraataa turan. Fkn: Naannoo Harar, Haroo laangaanoo, baatee, Tigiraayi, Waagar, Harriibaa fi Indirtaa keessa jiraataa turan. Dhiibbaa Yeroo Mootummaa Zaaguwee Muslimoota Kiristaanessuuf godhame gabaabsine yoo ilaalle... Zabana  aangoo  Mootummaa Garba Masqal Laalibalaa (1189-1229 gidduutti) Muslimoonni lakkoofsaan Kuma 20 ta'an laalibalaa irraa buqqaafamuun Kiristaanonni iddoo isaani akka qubatan godhamee jira. Sababni isaan buqqaafamanis Islaamummaa gadi dhiisuu waan didaniifi. Dabalataan naannoo bara 1077 _1092 gidduutti Masjiidota baay'eetu jijjifame. Muslimoonni barnoota akka wal hin barsiifneeefis dhiibbaan guddaan irratti godhamaa ture.(Kitaaba Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Seenaa Muslimoota Itiyoophiyaa, Fuula 145-158 irraa .) 2.Dirqiin Kiristaanessuu bara Aangoo Atsee Yakuunuu Amlaak (1270-1285 A. L.A) Mootichi kun akkuma aangoo qabateen Mootummaa Islaamaa"Ifaat"jedhamtutti duula bane, Muslimoota baay'ees ajjeese. Haa ta'uu malee qabsoo Muslimoonni isa ofirraa qolachuuf godhaniin   akka barbaadetti abjuu isaa osoo hin mirkaneeffatin bara 1285 A.L.A ofii isaaf du'e. 3. Dirqiin Kiristaanessuu Bara Amda Tsiyoon (1312-1342 A.L.A) Eega Mooticha Habashaa Yikuunuu Amlaak du'e ilmi isaa Yajbiyaa Tsiyoon jedhamu bara 1285-1294 tti aangoo qabate. Eega inni du'ee immoo ilmaan isaa  aangoo irratti waldhabuun wallolaa turan. Booda irraa AmdaTsiyoon aangoo qabate. Kanaan booda hojii isaatiin Muslimoota lafa irraa daguuguu fi Kiristaanota bakka buusuu jalqabe.Kanaanis  Mootummaa Islaamaa "Fatgaar" jedhamtu itti duulee cabsee qabate. Bara 1316/17 tti naannoo Daamotaa kan qabeenyaan badhaate weeraree tooyannaa isaa jala galche. Ummata Hadiyyaa kan Islaama turanis namoota hedduu weerara irratti baneen ajjeese. Amda Tsiyoon bulchiinsa Mootummaa Kiristaanaa babaldhisuuf lola Muslimoota irratti bane ittuma fufe. Masjiidota hedduu diige, haarawas akka hin ijaaramneef dhorge. Qabeenya Muslimoota garmaalee saame. Mootichi  kun Muslimoota miidhuu irratti daangaa darbe. Namoota Kiristaanummaa irraa gara Islaamummaa dhufan gantoota Kiristoos jechuun mormaa fi miila walitti hidhuun adaba adda addaa isaan irratti adeemsisaa ture. Yeroo inni Muslimoota akkas godhu kana Muslimoonnus hin callifne.  Amma  danda'anitti ofirraa faccisaa turan... Harraaf asittan gabaabsa. Yeroo itti aanu bakka dhaabne irraa kan itti fufnu ta'a. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 t.me/Keyralumma
Hammasini ko'rsatish...
🔊KEYRAL-UMMA-TUBE

«Chaanalii Da'waa Fi Barnootaa @Keyralumma @Ibnutemiya6 Page FB👇 like follow gochuuf

https://www.facebook.com/keyralumma

Page Youtube 👇Channel Subscribe godhuuf

https://youtu.be/N18nEwEcoZY

Yaadaaf @Keyralumma_bot

Photo unavailableShow in Telegram
https://www.facebook.com/100008173545323/posts/pfbid0QeuyTnEcrmzwj1tkSd2kbZ6gvyc1J4QnhUHA49Nq2wTEPfDTZVjTFiUHX1AhBqG1l/?app=fbl AL-BADIR SPERPART Dhiheessaa fi Raabsaa zayita konkolaataa fii meeshaalee jijjiirraa Mootoraa Fi Baajaajii 🏍 AL-BADIR ISPER Magaalaa Jimmaa  irraa baayyinaan  namoonni barbaaddan bakka jirtanu teessanii nu ajajuu dandeessuu Bakka jirtanitti isin dhaqqabsiifna oddefannoo dabalataaf lakkoofsa bibilaa ☎️+251923343873  ☎️+251969246085  🚗🚕🚙🚌🚜🚒🛺🚘🚖🚘🚘🛢 Bakki argama keenyaa Naannoo Chaainaa Garaaji Laggasee Huteelii Fuuldura https://www.facebook.com/Ibnusurur2?mibextid=ZbWKwL https://t.me/ALBADR777
Hammasini ko'rsatish...
1
Nu Qunnamuuf
Telegiram AL-BADIR
Fecabook
AL-BADIR
𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩: Amantiin Kiristaanaa Yoomii fi akkamitti Biyya Itiyoophaa gale? Amantaan Kiristaanaa DH.K.B Bara 42itti Biyya  Sooriyaatti hundeeffame.Yeroo hundeeffama isaa irraa kaasee  gidiraa(muddama)baay'ee qunnamaa ture. Namoonni amantaa kana fudhatanis isumaa  wajjin rakkachaa turan. Gariin isaani yoo ajjeefamaan, gariin isaanii immoo baqatanii iddoo  adda addaa jiraataa turan. Yeroo baqatan kanas bakka deemanitti namoota biroo amantaa kana  barsiisaa turan. Biyya keenyas yeroo jajqaba bifuma kanaan dhufe. Gosti amantaa Kiristaanaa  Ortoodoksii jedhamu Gaafa Afirkaa keessatti jalqabuma amantiin Kiristaanaa jalqabe irraa  dhawata dhawaatan babal'ataa deeme yaadni jedhu jiraatus akkaataa barreeffamni hedduun  muldhisutti DH.K.B jaarraa 4ffaa baroota Mootii Aksuum Izaanaa (320_360) dhufe jedhutu irra  amansiisaadha. Namtichi Mootii Izaanaa fudhachiise nama Siiriyaa Firaaminaaxos  jedhamuudhaGaruu namoonni caalaatti Kaaba biyyatti keessa babal'isan kabajamtoota salgan  jedhamuun namoota beekaman Kan jaarraa 5ffaa keessa biyyoota Baha Meediteraaniyaa irraa  dhufaniidhaa. Dhimma kana irratti Ustaaz Ahmaddiin Jabal akkas jedha: "Namoonni amantii Kiristaana  Kaaba Itoophiyaa keessatti barsiisaa turan kabajamtoota salgan jedhamuun beekaman  baqattoota biyya Soriyaa walgahii qaalkidaan 451 booda dhufaniidha. Isaanis: Abbaa  Aftsee, Abbaa Aleef, Abbaa Garimmaa, Abbaa Gubaa, Abbaa Liqaanis,Abbaa  Pheenxeliyon, AbbaaTsahamaa, Abbaa Yemaataafi Abbaa Zemikaa'el Argaawii  jedhamu"(Kitaaba Ahmaddiin Jabal, "Seenaa Muslimoota Itiyoophiyaa" jedhu, Fuula 35 fi Fuula  170 irraan fudhe ). Inni armaan olitti ilaalle kun jalqaba dhufiinsa isaati. Eega biyya keessa galee booda immoo  akka salphaatti ummata biratti fudhatama argachuu hin dandeenye.Barsiisni amantichaa  baay'een aadaa fi amantii ummata biyyattiitiin (naannaa Gaafa Afirkaatiin)waan wal faallesseef  ummatichi fudhachuuf qophii hin turre. Kanaaf abbootiin amantichaa abbootii Siyaasaatiin  arka wal qabatanii amanticha dinqiin ummatatti fe'aa turan. Keesumattuu dameen Ortoodoksii  dirqiin ummata irratti fe'amuuf gaafa jedhu diddaan ummanni yeroo adda addaafi bakka adda  addaatti geggeessaa ture yoo ilaalle baay'ee nama suukkanneessa,Sammuu nama  madeessa. Jarri sun namuma amantii qabu ? Inumaa dhala namaati ? nama jechisiisa. Seenaa  biyya keenyaa keessatti lolli guddaan adeemsifame, Kan guddina biyyatti Quucarse, Kan  Saboota adda addaa gidduutti ibidda diinummaa qabsiise, Kan Saboota baay'ee dhabama  godhee fi Iddoowwan Turizimiif oolan baay'ee mancaase lola dirqiin Kiristaanessuu amantaa  Ortoodoksiiti. Garuu namoonni tokko tokko lolli geggeeffamaa ture sun kan Siyaasaa akka ta'ee  fi kan amantaa akka hin taane dubbatu. Dhugaan jiru kan Siyaasaa qofa osoo hin taane kan  amantaas akka ta'e namatti argisiisa. Inumaa kan amantii qofa jechuu ni dandeenya. Kanaaf  immoo ragaa baay'ee kaasuun ni danda'ama. Fkn Minilik yeroo ummata Harargee lolaan cabsu  gama Magaalaa Harar deemuun Masjiidatti ol bahee itti fincaanee,akka diigame Bataskaanni  iddoo isaatti ijaaramu godhee ture. Osoo Siyaasaaf qofa ummata sanaan lole ta'e eega  ummaticha injifatee maaliif Masjiida diiguun bakka isaatti Bataskaana ijaarsisa?Kun waanta  nama hunda irraa dhokatu miti. Mootoleen Kiristaanaa isaan dura turanis kanuma godhaa  turani. Kanaaf lolli godhamaa ture kun kan amantii Ortoodoksii baballisuuf godhame ta'uun  hubatamuu qaba. Garuu kana jechuun Kiristaanoni hardha jiran Kanneen yaadaan cubbuu kana  hin deeggarre itti gaafatamaa ta'u jechuu miti. Kun waan isaan isaan ilaallatu miti. Sababni  isaas isaan gocha kana hin deeggarre, biras hin jiranu.Akkamitti itti gaafatamaa ta'u ree?  Muslimootas ta'ee Kiristaana irra amma Kan eegamu Seenaa darbe irraa barachuun fuunduraaf  badiin akkanaa akka hin uumamneef ofegannoo chimsuun waljaalalaa fi kabajaan
Hammasini ko'rsatish...
🔊KEYRAL-UMMA-TUBE

«Chaanalii Da'waa Fi Barnootaa @Keyralumma @Ibnutemiya6 Page FB👇 like follow gochuuf

https://www.facebook.com/keyralumma

Page Youtube 👇Channel Subscribe godhuuf

https://youtu.be/N18nEwEcoZY

Yaadaaf @Keyralumma_bot

👍 3
jiraachudha. Keesumatti wantoota godaanisa kaleessaa san kaasuu fi kaasuuf sababa ta'an kan  akka gocha Finxaaleyyii Ortodoksii Amaaraa yeroo dhiheenya deemaa jiru irraa fagachuun  garee lammanii fu baay'ee mirteessaadha.Ta'uu baannaaan dabaree wal haadhaa jiraachuun  waan hafuu miti. Inni kun akka hin taaneef namni hundi ga'ee keenya haa banu jechaa Seenaa  darbe irraa akka fakkeenyatti muraasa kaafne haa ilaallu . Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 t.me/Keyralumma
Hammasini ko'rsatish...
🔊KEYRAL-UMMA-TUBE

«Chaanalii Da'waa Fi Barnootaa @Keyralumma @Ibnutemiya6 Page FB👇 like follow gochuuf

https://www.facebook.com/keyralumma

Page Youtube 👇Channel Subscribe godhuuf

https://youtu.be/N18nEwEcoZY

Yaadaaf @Keyralumma_bot

👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Alhamdulillah new year ,new chance to improve our relation with Allah 🥰🥰🤲 1446H | 1446 هـ t.me/Keyralumma
Hammasini ko'rsatish...
1🥰 1
Kutaan sadaffaa waahe imaanaa itti fufa........ 🙏🙏🤚👆👆👆👆👆👆👇
Hammasini ko'rsatish...
👍 4
Ar-Rahmaan (Rabbiin) Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf malu] ol ta’eera.” Suuratu Xaahaa 20:5 Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa olta’iinsa guddinna Isaatiif malu Arshii ol olta’ee jira. "Akkanatti akkanatti olta’e" jennee gonkumaa dubbachuu hin dandeenyu. Karaan nagahaa dhama’iinsa fi kasaaraa irraa nama baraaru olta’iinsa Rabbii fi sifaata Isaa biroo ilaalchise osoo hin micciriin, wayitti hin fakkeessinii fi akkana akkana osoo hin jedhin akkuma jiruutti itti amanuudha. Kuni karaa salafaa (ummatta gaggaarii darbaniiti). Gaafa tokko namtichi tokko gara Imaamu Maalik dhufuun waa’ee aaya armaan olii ilaalchise gaafate. “Keyfa istawaa (olta’iinsi akkamii)?” jedheen. Ergasii Imaamu Maalik ni jedhe: "Istawaan kan wallaalame miti; akkam akka ta’e sammuudhaan hin beekkamu, isatti (Olta’iinsa Rabbitti) amanuun waajiba (dirqama); waa'ee isaa gaafachuun immoo bid’aadha…” Istawaan kan wallaalame miti- jechuun jechi istawaa jedhu olta’iinsa akka ta’e ni beekkama. Garuu Olta’iinsi Rabbii akkam akka ta’e sammuun ilma namaa hubachuu fi beekuu hin danda’u. Rabbiin Arshii ol olta’iinsa Isaaf malu olta’uutti amanuun dirqama. Akkamitti akka olta’e gaafachuun immoo bida’aa (wanta haarawa argameedha). Sababni isaas, sahaabonni Nabiyyii hin gaafanne. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii fi wanta arshii gadi jiran irraa dureessa, itti hin hajamu. Rabbiin ni jedha: “Dhugumatti, Rabbiin aalama irraa Duroomadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:97
Hammasini ko'rsatish...
👍 5
Allaahatti Amanuu. Jireenya keessatti namni kamiyyuu “Eenyutu dachii, samii fi wantoota isaan jidduu jiran kana hunda uumee?” jechuun of gaafata. Dachii fi samiin ofiin of uumuu ykn tasa argamuu danda’u? Ilmi namaa isaan uumu danda’aa? Guyyaa guyyaan namni dhalatu hoo ofiin of uumuu danda’aa? Gonkuma humna ofiin of uumuu hin qabu, namoonni biroos humna isa uumu hin qaban. Kanaafu, Khaaliqni (Uuman) wanta hundaa irratti Danda’aa ta’ee akka jiru ni amanna. Garuu Rabbitti amanuu jechuun maal jechuudhaa? Rabbiin jiraataa tahuu dhugaoomsuu: Rabbummaa isaatti amanuu, mootii fi khaaliqa waan hundaa tahuu isaa dhugaoomsuudha
Hammasini ko'rsatish...
👍 1 1
Barnootaa aqidaa kutaa tokkoffa waahe imaanaa
Hammasini ko'rsatish...
👍 1🙏 1
Rabbiin jiraataa tahuu dhugaoomsuu: Rabbummaa isaatti amanuu, mootii fi khaaliqa waan hundaa tahuu isaa dhugaoomsuudha. Gabbaramaa haqaa tahuu isaatt amanuu: kana jechuun haqaan gabbaramaan isa malee akka hin jirre mirkaneessuufii, isuma qofa gabbaruu. shirkirraa qulqullaawuu. gabbaramtoota dharaa maqaa malee wahiimiti jedhanii hubachuudha. gabbaramtootni dharaa kun ufii isitiifuu uumamtuudha waa takkallee hin uumtu, warreen isii gabbarurraa hamtuu hindeebistu, toltuu hin fidduuf, jiraachisuufi ajjeesus hin dandeessu jedhanii dhugoomsuudha
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.