cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Riyaad Raayyaa

@riyaadraayyaa Dabalatas lakk bilb;- 0937178516 Toora You Tube kiyyaa:- https://youtu.be/qqH5VJ-1b1c

Ko'proq ko'rsatish
Finlandiya1 167Til belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
5 837
Obunachilar
+224 soatlar
+77 kunlar
+1230 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Gaaf-tokko naafis, siifis Dabareen nutti dhuftee Duuti nu fuutee deemti Faayila jiruu cuftee. Gariin janaazaa keenya Sodaatee nu baqataa, Kuunis imimmaan naachaa Lolaasee nuuf haqataa, Sireerratti nu baachaa Qabirii nuun dhaqata. Reeffi keenya maramee Firaan boolla ka’ama Biyyeen nutti deebi’ee Miilaan nutti dha’ama Sadaqaanis nyaatamee Taaziyaan nuuf ta’ama. San booda.... Guyyaan ooltee bubbultee Laftis dhiitee bariiti Yaadannoonkee dhumattee Gadda maatii ariiti. Wanti ati dhiiftee deemte Ahlii keetiif qoodama Ati hin yaadatamtu Maqaa keetiin oodama. Inni gaafati jirtu Sagal sitti marmaaru Yaadatee siin mil’atu Qabrii bira darbaaru. Nuun ala biyyi lafaa Hir’uu inni nu seenu, Yaada ofittummaa ture Male, ittiin laga'n ceenu. Hireen anaaf si qofaaf Du’aan faayila cufti Addunyaan warra jiruuf Gammachuun itti fufti... Eeyyee...! Hawwii jiraachuuf qabnuun Haqni isaa nu dhokate, Malee, nu kara-deemaa Yeroof karaa boqate! Walaloo; @Riyaad_Raayyaa
Hammasini ko'rsatish...
Obboloonnikoo muslimaa biyyoota adda addaatti argamtan martinuu baga ayyaana #IID_AL_ADHA baranaa geessanii nagaan offoltan! ayyaana milkii fi gammachuu nuuf haa ta’u! @Riyaad_Raayyaa
Hammasini ko'rsatish...
Woggaa zulhijjaa’n dhufuun Barumaanan kajeelaa Rahmaan yooman fedhakeen~"labbeyka hajjan” jechaa Gara miinaa qajeelaa? Badiinkoo adada dhabee Yaaddoonoo na garafaa Yooman araara argadha? Dhaabbee Ardal-Arafaa Kadhadhee sirraa-n dhabu Dhibeekoo sitti himadhee Yooman umraa jalqaba? Yalamlamitti hidhadhee Dharraa hajjiif umraatiin Gubadhee anoo baqee Yooman "labbeyka" jedha Beytal haramiin dhaqee Hajral aswadiin tuqee Dhungachuu hawwee harka Jaalala mana keetiin Jiruunoo badee narkaa... Ihraama san uffadhee Marxoofi afrii adii Xawaafiikoo eegalee Suksukee marsaa sadii Zambiirraa qulqullaa’ee Ofirraa dhiquuf badii Anoo taa’een dharra’aa Munyuuqee akka naafaa Yooman kaabaakee dhufee Yeroo torba xawaafaa? Anootii tasan qabuu Manakee dhufuuf galaa Yooman dhufee salaata? Maqaama Ibraahim jala Gubaa yaaddoosaa biraa Anoo hin beekuu mugee Yooman qabbaneeffadha Bishaan zamzamaa dhugee Boo’ee kanan sikadhu Imimmaan miti dhiigaa Gidduu safaaf maruwaa Yooman sa’iyii fiigaa? Anoo hawwiin qaata’een Halkanii guyyaa aadaa Yooman umraa xumuree Rifeensa ofirraa haadaa? Waggaa zulhijjaan dhufuun Anootii nan kajeelaa Rahmaan yooman fedhakeen~"Labbeyka hajjan" jechaa Gara Miinaa qajeelaa? Badiinkoo adada dhabee Yaaddoonoo na garafaa Yooman araara kadha? Dhaabbee Ardal-Arafaa Muzdalifaa san bulee Faana ummata akka bahrii Gara miinaa deebi'ee Zulhijjaa guyyaa nahrii Jam'aa hajjii eeggadhee Akka dhala dhabaatti Dhagaa torba darbadhee Jamratul aqabaatti Zikriif du'aayii godhee Mana keetti salaatee Zambiin narraa dhiqamtee Akka hin jirre taatee Rahmata keen dhugoomee Abjuunkoo bara dheeraa Hajjiikoo xumuradhee Eeggadhee dambiif seera Ergamaa keetti buusaa Rahmataafi nageenya Beytal haramii bahee Deemee lafa fageenyaa Ardaa Rabbiin eebbise Mararfattuu nabiinaa Biyya jaalalaaf nagaa Dhaqee biyya madiinaa Nabii keenya qulqulluu (S.A.W) Taliila akka bishaanii Qaamaan dhaqee ziyaaree Masjiidaaf qabrii isaanii Salaamata jedheenii Nabiin caalaa aalamaa Rawdaa bira dhaabbadhee Sagadee rakaa lama Shahiidowwan sahaabaa Warra dhugaan dhiirotaa Itti goree ziyaaree Qubuurii Amiirotaa Makkaas madiinaas dhaqee Osoon galee biyyattii Jettee ruuhiinkoo kullii Kana qofa niyyattii.... Yaa Rabbi hawwii malee Humna-n qabu in argitaa Hanga yoomii kadhaakoo Argaa bira darbitaa? Ni beekta yaadee-n beeku Makiinaa fa’a bituudhaa Hawwiinkoo horee Makkaan, Madiinaa fa’a lixuudha Erga nakeessa keessee Dharraa Beytal-haramii Naaf akeeki yaa Rabbii Karrin dhaquun garami? Gidduutti qadar geessee Nan nyaatin malee lafuu Inshaa allaah fedha keen Dharraa qofaan hin hafu! Hujjaajota baranaa xurree addunyaa mararraa ardii kabajamtuu kanatti wol gahan marayyuu Rabbi nuuf haa milkeessu. Nuunis worra waamicha Nabi Ibraahim (A.S) owwaatan keessaa nuhaa godhu!🤲
Hammasini ko'rsatish...
Sabni tarii firii kee Sitti fakkeessus wacee, Garaankoo nama biraa Sitti'n akkeessu Hacee... Ati qaalii tokkicha Hin jiru kan akka kee Hin dhalanne, hin dhalatu Kan naaf bu’u bakka kee. Gootummaa, ayyaantummaa Guutuu roga hundaanii Namuu fuulduraan mitii Sin fakkaatu dugdaani. Baroodduu akka leencaa Qeerransakoo kutattuu, Dhaloonnikee cimtullee Anaaf sittin butattu. Madaalli kan meeshaati Namni nama, atis sumaa Kanaaf gita'n qabaattu Jalqabaa hanga dhumaa. Goota gaafa aduwaa Hacee gaafa barkumee, Qaroo si ilaalaniin Akkamiin kaan argumee? Guca aartii Oromoo Laambaa nuuf ifee dhaame, Ijji koos suma woliin Kan biraa arguu jaame! ©️ @Riyaad_Raayyaa
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
“Ahliin qur’aanaa, ahlii Rabbiiti” Rasuul (Sallallaahu aleyhii wossallam) Madrasaan #Jaami’atu_Salaam Godina Jimmaa Aanaa Gommaa Jimaateetti kan argamu yoo ta’u, woggoota dheeraaf barattoota baayyee barsiisee eebbisiisaa turuunsaa ni beekama. haa ta’u malee yeroo dhiyoodhaa kaasee humna dhabuu qonnaan bultoota keenyaatiin hanqinni baajataa isa mudatee sadarkaa mindaa mudiirotaa kaffaluu dadhabuurra gaheera. akkasumas manneen keessatti baratamullee dulloomanii caccabuun suphaa dhabaniiru. teessoo, foddaafi balbala illee hin qabu. egaa haala kanaan keessatti barachuuf waan hin mijanneef barattoonni 300 ol kanneen madrasichatti barnoota diinii barataa turan adda kutuuf dirqamaniiru. yeroo ammaas muraasa isaanii qofatu kaka’umsa Mudiira madrasichaatiin rakkinuma keessa jiraataa barachuuf fedhii guddaa waan qabaniif halkan masjiiduma keessatti barataa jiru. Egaa "diinii Rabbii warri utuban muslimoota waan ta’aniif, obboloonni muslimaa biyya keessaafi ala jirtan kanneen rakkoo keenya kana dhageessan hanga humna keessanii nu gargaaraa" isiniin jedhu! Imaamni masjiida Jimaateefi barsiisaan madrasaa Jaami’atu-Salaam Sheek Xaahir A/Saambii (Hafizahullaah). Nama mana Rabbii ijraare, Rabbiin jennata keessatti mana ijaaraaf" kanaafuu obbolootakoo hanga dandeenyu madrasaa kana bira dhaabbannee keyrii addunyaaf aakiraa ittiin milkoofnu kana haa hojjatannu! herrega baankii gadii kanaan waan humna keenyaa haa gumaachinu!👇 SheTahir A/Sambi A/Garo 1000555543658 CBE (Baankii Daldala Itoophiyaa)
Hammasini ko'rsatish...
Nama tokko qofaanin durfamaa jira. kottaamee hiriyoota Facebook keessanii itti naaf waamaa!👇 https://www.facebook.com/100002028524680/posts/pfbid0dwrFsQXr33RUovWZEbwvzbn3gEFeopyPXAeJKaJ2Dy47ZyMoCbeZPpZjymYKM4Jbl/?app=fbl
Hammasini ko'rsatish...
18ኛው missiin 100K ነጻ ፈንድ ተከፍቷል!... - Bejai Nerash Naiker

18ኛው missiin 100K ነጻ ፈንድ ተከፍቷል! ሁለተኛው ዙር በ Etcare CEO Mathios Meba Reta የተዘጋጀላችሁ ውድድር ተከፍቷል! ለሥዕል/ፎቶና ግጥም አርቲሥቶች። 1.ሥዕል/ፎቶና ግጥም በአንድ አዋህዳችሁ...

Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.