cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

NAN BARADHA

NAN BARADHA!! «Barataan yoo jiraate, barsiisaan eessayyuu jira!» ❏ Barnoota walii galaa ❏ Mul'ata ofii beekuu ❏ Seenaa Namootaa irraa Maal Baranna ❏ Xinsammuu fi Dubbii Hayyootaa Guyyaa Guyyaadhaan channel kanaan dhiyaata!

Show more
Finland606The language is not specifiedEducation15 299
Advertising posts
9 668
Subscribers
+1024 hours
+707 days
+12230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraaf baga guyyaa yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoosiin Nagaan geessan. ለመላው የክርስትና እምነት ተከታዮች እንኳን ለኢየሱስ ክርስቶስ የስቅለት በዓል በሰላም አደረሳችሁ። Happy Good Friday! @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
2🙏 1
MALA HAALA JIREENYA ITTIIN INJIFATAN❗ ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
"Jireenyi yoo qaawa lilmoo sitti ta'e, ati immoo kirrii(fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!"
📍Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba. Qabsoo jireenya keessatti salphatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. Injifannoon bu'aa dadhabbii keetiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaaja'ee mijatee sitti dhufaa hin jiru. Kanaafuu, teessee wanta mijataa eegachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda. Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in, akkamitti akka furuu qabdu yaadi. 🌍Addunyaan tun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane, addunyaa yaada haara uumanii ka'anii keessatti waa yaalaniidha. 🚶Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbachatti seenuu dadhabde tokko gadi jedhii seenuuf carraqqi.Yoo dadhabde hulluuqii keessa dabri malee hin danda'u jettee teesse hin daawwatin. Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. 🗡️Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo ammoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba. Wal'aansoo jireenyaa salphatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajii guddoo si gaafata. Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamatii si gaafata. Ciminaa fi dadhabina keeti addaan baastee beekuu qabda. Waaqa, dhugaa, laphee qulqulluu,hubannaa, oogummaa fi beekumsaan jireenya kee hoogganuu qabda. Yaa gurbaa si haa gorsuu!
•Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuldurri isaa ammoo dirree bal'aadha.
👉Nama malaan qaawaa qal'aa kana keessa hulluuqee dabretu dirree bal'aa kanatti bahee keessa bashannana! Kanaafuu, rakkinoota Qabsoo jireenyaa keessatti si muudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaata laakkofsa hin qabu obbolee koo! Yeroo Gaarii‼️ @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
👍 4 2
Tips☑️ 👉Yaadi Namootaa eenyummaa kee hin ibsu. Eenyummaan kee si keessa jira .Gaarii hojjedhu, isaan kaan dhiisi. 👉Imalli(karaan) nama hundumaa garaagaradha. wanti hundumtuu yeroo qaba. haalota namoota yeroon isaanii gahee ilaaltee hinaafuu hin qabdu. isaan dhiisiitii ofii kee irratti xiyyeeffadhu. kan ati qabdu gahaadhaatii. Bor gaariin siif ta'a🙏. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
👍 5 5
Namoonni akka si kabajaniif ati dursii of kabaji! ◾Namoota si barbaadne atis barbaadu dhaabi! ◾Hamma barbaachisuu ol hin dubbatin! ◾Namoota si xiqqeessanii fi bakka siif hin qabne ariifadhuu jireenya kee keessaa baasi! ◾Dubbachuu keen dursii itti yaadi! Sababni isaa namoonni wanta dubbattu ilaalanii bilchina kee murteessu. ◾Akka sirraa bareedutti uffadhu, qulqullina kees eeggadhu! ◾Wanta hojjettu hundumaa xiyyeeffannoodhaan hojjedhu. ◾Namoota biraa waliin dorgommii dhaabi! Ofii kee waliin dorgommii jalqabi. ◾Hamii fi soba irraa fagaadhu, waadaa keef amanamaa ta’i. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
👍 6 5
GORSA JIREENYAA!!! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Yeroo Hojjechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattafadhu! ➲ Nama si sobu maalif akka si sobu hin gaafatin. Sababni isaas gaafii kee deebisuuf soba biraa soba waan ta'eef. ➲ Oduu Kuntaala 1 odeessaa oolu irra hojii kilo 1 hojjattee yoo agarsiiste siif wayya. Kanaaf xiqqoo haasa'i baay'ee hojjadhuu agarsiisi! ➲ Gaarummaan ati har'a hojjattu galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu! ➲ Gaafa ol baatu warra sii gadii hin dagatin! Sababani isaas gaafa gadi buutu isaanuma deebitee argatta waan ta'eef. ➲ Lubbuu kee waan hin taanen hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame sin dhabuuti. ➲ Namoonni tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessaa gaafa ba'an galata jedhi malee of hin goolin! ➲ Callisuu kee keessatti wantoonni ati hin dubbanne baay'een akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru. ➲ Waan hunduma amanuu dhaaf hin ariifatin! Sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati. ➲ Nama balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifattee hin banin! Sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef! ➲ Namni kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofa dha. Gaafa milkaa'inni kee baay'atu hinaaftonni kees lakkoofsan danuu dha. kanaaf si hin dinqin! ➲ Nama tokko yeroo jaallattu amma argattutti utuu hin taane amma dhumaatti jaaladhu! Isa har'a akka salbaajii uffatanii boru baafatan dhiisi! ➲ Gaafa qabeenya argattu Uumaa kee yaadadhu! Qabeenyi hiyyummaa irraa malee du'a irraa si hin oolchu waan ta'eef. ➲ Dandeetti kee kan agarsiisuu qabdu warra si dinqisifatanitti utuu hin taane warra si tuffatanitti haa ta'u! ➲ Saree yoo si ciniinte deebitee hin ciniintu. Akkuma kana namoota jal'ina si irratti yaadanis tuffadhuutii bira darbi! Isaan irra wayyaa'uu kee itti agarsiisi! ➲ Nama gaarii yaaduuf gaarii hojjatu yoo taate namni ati dhabdu hin jiru. Garuu namni si dhabu immoo jira. ➲ Jireenya mataa kee oofuu yoo hin dandeenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhiisi kan kee gaggeeffadhu! ➲ Maaliif sitti fakkaata Daawwitiin konkolaataa inni duuba agarsiisu xiqqaatee inni fuuldura agarsiisu kan guddaa ta'eef... Isa dudduubaa irra inni fuulduraa waan caalufi dha. ➲ Atis boriin kee har'aaf kaleessa kee caala waan ta'eef kaleessa kee xiqqoo xiqqoo yaadachaa borii kee fageessii ilaali! ➲ Kufuu kee caalaa shakkuu keetu abjuu kee borii dukkaneessa. Kanaaf abdii horadhuu tiradhuu ka'i karaa kee itti fufi! ➲ Dhalli namaa kan inni hin dabarre guyyaa du'a isaa qofa dha. Guyyaan kun Rabbiin wajjin ni darbama jabaadhu! ➲ Amma hin dhaabbannetti tirachaa deemaa jirta taanan iddoo yaadde inuma geessa. Kanaaf dhaabbachuu irra tirachuun ni caala. ➲ Xiyya gaafa darbatan akka inni fagoo deemuf sirriitti duubatti harkisaniitu gadi dhiisu. Atis akkuma kana haalli keessa jirtu gaafa duubatti si harkisu fageessee fuulduratti si darbachuufi waan ta'eef jabaadhu kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu! ➲ Obbolee koo, jireenyi Guyyaa 3 dha. Isaanis: Kaleessa, har'aa fi bori jedhamu. Kanaaf:- ➛ Kaleessa kee irraa baradhu! ➛ Har'a kee jiraadhu! ➛ Borii kee karoorsi! Sanbata Gaarii isiniif Hawwina!! @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
👍 14 6🙏 2👏 1🎉 1
BEEKUMSA DABALADHU! 🔻🔻🔻🔻🔻🔻🔻🔻🔻🔻 🎓 @Nan_Baradha ┃๛ Namni channel kana keessa jiru carra qabeessa...✍ ┃๛ Namni waa dubbisuu jaalatu beekumsa dabalata! ┃๛ Namni yeroo isaa nu waliin dabarsu ogummaa gonfata! ┃๛ Maatii channel keenyaa ta'aa! Nu waliin turaa!!! ┃๛ Yaadolee fi maxxansa nama barsiisan Qusɑnnɑɑ Tokko mɑlee Isiniif Mɑxxɑnsinɑ! ▬▬▬▬▬▬▬▬ Tips☑️ ➊. Yeroo mijaa'aa hin eeggatin yeruma kana furadhuu mijeeffadhu! ➋. Nama si amanu gonkumaa hin sobin; nama si sobu gonkumaa hin amanin! ➌. Waan darbe irraanfadhu garuu irraa bari! ➍. Wanti of duuba si deebisu ilaalcha mataa keetiiti! ➎. Miira kee to'adhu malee hin garboominiif! ➏. Jiruun kun akka bishaan garbaati; inni yoomillee hin tasgabbaa'u sumatu akkaataa itti daakan barachuu qaba. ➐. Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba. ➑. Namni tokko yoo hin dandeessu siin jedhe, hamma isaa sitti agarsiise malee kan kee miti. #GALATOOMAA Hiriyyoota keef #Share 💯 gochuu hin dagatin! @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
3👍 2
CIMII HOJEDHU❗ 👉Yoo murteessuu hin dandeessu ta'e eessayyuu hin geessu! Nam_tokkoofillee hin taatu! Ofii keetiif hin taatu, nama jaalattuufis hin taatu. Namni duubatti deebi'u yeroo, humnaa fi qarshii isaa qisaassa. Wantoonni ati barbaaddu hundi isaanii sodaa kee duuba taa'anii akka jiran beeki! Kufaatii osoo hin sodaatin waan dandeessu hunda hojjedhu! Dhimma fiigicha yerootis dhiisii. Yeroon yeroo kamiiyyuu abbaa humnaati. Si dhiisi atileetonni ciccimoon kan akka Qananiisa fi Abeba Biqila fa'a yeroodhaf malee yeroo waliin figaa hin turre. Kan darbe darbeera! Duubatti deebitee homaa jijjiiruu hin dandeessu; Fuulduraaf garuu Amma barataa yoo taate dubbisuu fi gaaffii hojjechuu yoo jalqabde bu'aa maatirikii/Exit Exam kee fooyyessuu dandeessa! Akkasumas hojjetaa yoo taate ,Har'a waan hojjechuu qabdu boritti hin dabarsin, har'uma hojjedhu jireenya kee borii jijjiiri. Cimii hojedhu. Jireenyi kee borii harkuma kee keessa jira. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
👍 9 3
Tips☑️ 👉Namni nama komatu , karaa dheeraatu isa dura jira; Namni ofii isaa komatu karaa isaa walakkeeffateera; Namni eenyunuu hin komanne karaa isaa xumuree galma isaa gaheera!
Show all...
👍 14👏 5
KANA BEEKTAA LAATA? Ati isa kami? ■ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti. ■ Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee? ■ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu'in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta'ee sababii si jibbaniif hin qaban ture. ■ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu. ⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu! ⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal'ifatu! ⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu! ⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda'anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu! ⁃ Isaan wallaalota, ⁃ Isaan jibbitoota, ⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha. ⁃ Isaan koree jibbiinsaati, ⁃ Isaan gurmii mul'ata sakaalanidha. Kanaaf, namoota akkasii tuffaadhu biraa darbii. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
5👍 4
Tips☑️ Isa facaaffatte hin haammattu! Isa facaaftee kunuunfatte haammatta malee❗
Show all...
👍 9 4