cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

NAN BARADHA

NAN BARADHA!! «Barataan yoo jiraate, barsiisaan eessayyuu jira!» ❏ Barnoota walii galaa ❏ Mul'ata ofii beekuu ❏ Seenaa Namootaa irraa Maal Baranna ❏ Xinsammuu fi Dubbii Hayyootaa Guyyaa Guyyaadhaan channel kanaan dhiyaata!

Show more
Finland641The language is not specifiedEducation15 517
Advertising posts
9 717
Subscribers
+1324 hours
+407 days
+17930 days
Posting time distributions

Data loading in progress...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Publication analysis
PostsViews
Shares
Views dynamics
01
Qabxiillee jajjaboo kudha tokko(11) Lukkuu Haadhoo irraa Barataman👌 ****** 1. Osoo hin hammatin dura jalqaba hanqaaquu gahaa buufti ☞KAROORA QINDAA'AA 2.Yeroo hanqaaquu ishee irra taa'uu jalqabdu/hammattu sochii ni xiqqeessiti ☞NAAMUSA. 3.Sababa hanqaaquu ishee hammachuutiin Nyaatni hir'achuu irraa kan ka'e ulfaatinni qaamaa hir'ata ☞WAREEGAMAA FI OF KENNUU 4.Hanqaaquu lukkuu birootiif irra taa'uu ni dandeessi. ☞ALLOOGUMMAA FI ARJUMMAA. 5.Guyyaa digdamii tokko (21) hanqaaquu ishee irra teessee obsaan eeggatti, yoo jalaa shamtellee deebitee hanqaaquu biroo buufti. ☞AMANTAA, ABDII FI ABDII KUTANNAA DHIISUU 6.Hanqaaquu cuucii hin qabne adda baafattee kophaa baafti ☞XIINXALAA FI HUBANNOO. 7.Hanqaaquu manca'e dhiistee tokko qofa yoo ta'ellee ilmoolee tan qabdu kunuunsuu eegalti ☞OGUMMA, DAMMAQINA FI DHUGAA 8. Cuucii ishee homtuu hin tuqu ☞KUNUUNSAA FI JAALALA. 9. Cuucii ishee hunda walitti qabdi ☞TOKKUMMAA FI KAAYYOO. 10.Ilmoolee ishee osoo of hin dandeenye kophaa hin dhiistu ☞ITTI GAAFATAMUMMAA 11.Yeroo hunda ilmoolee ishee fuuldura deemti. ☞HOGGANSA FI FAKKEENYUMMAA   @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1191Loading...
02
➊ Click join 10K+ Channels    . 👇💐💏❤️❤️💐👇         ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥         █        J O I N          █                   ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ᴄʟɪᴄᴋ ʜᴇʀᴇ ADD FOLDER ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 𝔽ʀᴇᴇ 10ᴋ+ ᴄʜᴀɴɴᴇʟs ᴘʀᴏᴍᴏᴛɪᴏɴ ᴄᴏɴᴛᴀᴄᴛ: @Getu_Abera
2340Loading...
03
KUNIS NI DARBA‼️ ➖➖➖➖➖➖➖ ⛏️Namicha hiyyeessa tokkotu baay'ee rakkachuu irraan kan ka'e gasoodhaan lafa qotee midhaan facaafata. Imaltoonni wayii itti dhufanii "Maali namichoo akkamitti akkasitti dadhabdee lafa kana gasoodhan qottee facaafta, sitti hin ulfaatuu?" jedhaniin. Namichis "kunis ni darba" jedheen. Kana caalaa deebii biraa itti hindeebifne. Imaltootni sunis deebii namichaa ajaa'ibsiifatanii bira kutanii imala isaanii itti fufan. Waggaa muraasa booda namichi lafa gasoon qotaa ture sun sooromee qabeenya horatee jireenya gaarii jiraachuu jalqabe. Guyyaa biraa tokko imaltonni sun ammas osoo karaa deemanii aduun itti dhiinan mana namicha wayii nu bulchaa jedhanii kadhatanii buluuf ol galan. Taa'anii buna dhugaa haasawanii yoo wal qoratan namichi abbaa qabeenyaa mana isaa buufatan kun isa waggoota muraasa dura hiyyeessa gasoodhaan lafa qotu sana ture. Jarri sunis akkamitti haala kanaan jijjiramee sooromuun isaa baay'ee isaan dinqisiisee, akkamitti akkasitti sooromte jedhanii yoo isa gaafatan "Kunis ni darba" ittiin jedhe namichi sooressichi sun.Isaanis achi bulanii daandii imala ofii itti fufan. Yeroo dheeraa booda imaltoonni sun daandii sanarra deebi'anii otoo galuuf jiranii Siidaa (Awwaala) nama tokkoo arganii itti goranii yoo maqaa ilaalan namicha sooressa mana isaa bulaniidha. Maqaa isaa jalatti jecha "KUNIS NI DARBA" jedhutu barreeffamee jira.lmaltoonni sun jecha kana gaafa argan isa inni gaafa gasoodhan lafa qotuu san yaadatanii baay'ee ajaa'bsifatanii du'uu isaatti immoo gaddanii "ayii!" jechaa imala isaanii itti fufan. Ammas yeroo murtaa'en booda imaltootni sun yoo daandii sanarra dhufan Siidaan sun kaafamee daandii asphaaltii ta'ee jira. Ammas taateen sunis darbuu hubatan. MAAL IRRAA BARANNA? Wanti hin darbine akka hinjirre seenaa namicha kanarraa baranna. Kanaaf imalli hundumtuu nidarba:- Rakkinis ta’e quufni, beekumsis ta’e wallaallummaan, argachuus ta’e dhabuun, hiyyumnis ta’e sooromni, tuffachuus ta’e tuffatamuun... nidarba. Wanti hunduu yeroo muraasa booda nidarba. Beekumsi, qabeenyi, guddinni, aangoo, maqaa, bifti, humnifi olaantummaa dhaabbataan dhala namaaf kenname hinjiru. Inni waan hundaan guutuufi dhaabbatee hafuu Waaqayyo qofa. Yeroo siif laatametti gaarii yaadi wanta gaariis godhii darbi. Booda carraan kun akka dhibu beeki. Namni haalli hunduu bitaafi dukkana sitti fakkaatu immoo abdii hinkutin. Akkuma argachuun darbu dhabuunis nidarba. Har’a jechuun boru miti.  Dhukkubnis ta'e qorumsi har'aas nidarba. Obsa yoo qabaatteefi gara Waaqayyoo yoo ilaalte Waaqayyo biiftuu haaraa siif baasa. Yaa firakoo koo inni ati amma keessa jirtu rakkina osoo hintaane daandii jireenyaa dirqama ati keessa darbuu qabduudha. Inni bo’e akka boo’etti, inni kolfes akka kolfeetti hinhafu. Sababni isaas haalli amma keessa jirtu KUNIS NI DARBA. Kanaaf deemsa kee hin dhaabin fuulduratti. Hundumtuu hin darba @Nan_Baradha @Nan_Baradha
8046Loading...
04
Hayyoonni maal jedhan! ➖➖➖➖➖➖➖➖➖ 📌 "Hireen dhimma carraa osoo hin taane, dhimma filannooti."                (Wiiliyam Jeenings Biraayiin) 📌 "Namoonni milkaa'uu barbaadu, garuu namoota milkaa'an ni jibbu."                 (Kaarota Gubbaa) . 📌 "Waanti hin dandaa'amne hin jiru addunyaan mataa ishee an nan dandaa'ama jetti"      (Audrey Hepbum) 📌 "Amaantin kee dhugaa kee Uuma"       (William James) 📌 "Galma kee fageessi ka'i haga bira gessuutti hin dhabbaatin."      (Bo Jackson) 📌 "Egeree kee tilmaamuuf karaan hundarra caalu  eegeree kee uumuudha."                 (Alen Keey) 📌 "Milkaa'inni kan dhufu warra yeroo isaanii harka caalu waan barbaadan irratti dabarsaniidha."                 (Heenrii Deevid) 📌 "Warra guddaa kufuuf ija jabaatan qofatu milkaa'ina guddaa argachuu danda'a."                 (Roobert F. Keeneedii) 📌 "Warri jajjaboon kufanii ka'an, warri dadhabaan garuu gadi hafu."                  (Toomaas Woolfii) 📌 "Mo'achuuf osoo namni biraa sitti hin amanne ofitti amanuu qabda."                  (Sukkaara Reey Roobinsan) 📌 "Karoora jireenyaa mataa keetii yoo hin tolchine karoora namoota biroo keessa jiraachuun siif hiree ta'a."                   (Jim Roon) jedhamu. 📌 "Foormulaa milkaa'ina siif kennuu hin danda'u. Garuu foormulaa kufaatii siif kennuu nan danda'a. Sun nama hunda gammachiisuuf yaaluudha."                 (Haarbart Swoop) 📌 "Sooressa ta'uuf maallaqa argachuu qofa osoo hin taane, maallaqa qabdu akkamitti akka qusattu beekuu qabda."                 (Beeniyaamin Firaankiliin) 📌 "Jireenya salphaa ta'eef hin kadhatin. Haa ta'u malee, jireenya ulfaataa kana fudhachuuf humna qabaachuuf cimsitee kadhadhu."        (Bruusii Lii) Yeroo Gaarii‼️ @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 16610Loading...
05
DOGOGGORTEE JIRTA❗ 🔺Namni tokko si dhiise yoo deeme nama sana malee jiraachuu akka waan hin dandeenyetti yaadda yoo ta'e... Dogoggortee jirta!!! 🔺Sababa namni tokko si miidhe qofaaf, namni hundi na miidhuu danda’a jettee sodaatta yoo ta'e. . . Dogoggortee jirta!!! 🔺Wanti tokko ykn lama waan si jalaa fashalaa’eef qofa akka waan hin milkoofnetti fi carraa hin qabneetti yoo of ilaalte. . . Dogoggortee jirta!!! 🔺Qormaata waan kufteef qofa ani nama waa'ee hin baafne, kufaadha... kan jedhu sitti dhagahama yoo ta'e . . . Dogoggortee jirta!!! 🔺 Namni tokko ykn haalli tokko tokko waan si dhaabeef qofa gara fuulduraatti tarkaanfachuu akka hin dandeenye sitti dhagahama yoo ta'e . . . Dogoggortee jirta!!! ✍️Jireenyi Uumaan siif kenne:- 👉bu'aa bahii guyyaa guyyaa keetin oliidha 👉Waan namoonni sirratti hojjetan, sitti yaadanii fi sitti haasa'an Oliidha 👉Waan ati qabduu fi waan ati hin qabne oliidha 👉Milkaa'uu fi milkaa'uu dhabuu kee oliidha... ✍️ Jireenyi kee wantoota jijjiirramu, namootaa fi haalota jijjiiramaa irratti kan hundaa'u yoo ta'e dogoggora hunda caalaa dogoggora guddaa akka hojjette hin dagatin. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 2314Loading...
06
𝗦𝗔𝗠𝗠𝗨𝗨𝗡 𝗖𝗜𝗠𝗔𝗔 𝗧𝗔'𝗨U𝗙 ➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖ 👉Yeroo kophaa kee jirtu hin sodaatin. 👉Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin. 👉Addunyaan liqii sitti hin dhaga'amin. 👉Bu'aa hatattamaa hin eegin. 👉Balaa shallagame fudhachuu hin sodaatin. 👉Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin. 👉Itti gaafatamummaa irraattii hin qaanfatiin. 👉Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in. 👉Milkaa'ina namoota birootti hin aarin. Namoonni kaan miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin godhin 👉Yeroo kee ofitti gaddun hin gubin. 👉Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna kee hin qisaasessin. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 2408Loading...
07
➊ Click join 10K+ Channels    . 👇💐💏❤️❤️💐👇         ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥         █        J O I N          █                   ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ᴄʟɪᴄᴋ ʜᴇʀᴇ ADD FOLDER ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 𝔽ʀᴇᴇ 10ᴋ+ ᴄʜᴀɴɴᴇʟs ᴘʀᴏᴍᴏᴛɪᴏɴ ᴄᴏɴᴛᴀᴄᴛ: @Getu_Abera
3860Loading...
08
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraaf baga guyyaa yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoosiin Nagaan geessan. ለመላው የክርስትና እምነት ተከታዮች እንኳን ለኢየሱስ ክርስቶስ የስቅለት በዓል በሰላም አደረሳችሁ። Happy Good Friday! @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 8390Loading...
09
MALA HAALA JIREENYA ITTIIN INJIFATAN❗ •••••••••••••••••••••••••••••••••••••• "Jireenyi yoo qaawa lilmoo sitti ta'e, ati immoo kirrii(fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!" 📍Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba. Qabsoo jireenya keessatti salphatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. Injifannoon bu'aa dadhabbii keetiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaaja'ee mijatee sitti dhufaa hin jiru. Kanaafuu, teessee wanta mijataa eegachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda. Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in, akkamitti akka furuu qabdu yaadi. 🌍Addunyaan tun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane, addunyaa yaada haara uumanii ka'anii keessatti waa yaalaniidha. 🚶Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbachatti seenuu dadhabde tokko gadi jedhii seenuuf carraqqi.Yoo dadhabde hulluuqii keessa dabri malee hin danda'u jettee teesse hin daawwatin. Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. 🗡️Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo ammoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba. Wal'aansoo jireenyaa salphatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajii guddoo si gaafata. Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamatii si gaafata. Ciminaa fi dadhabina keeti addaan baastee beekuu qabda. Waaqa, dhugaa, laphee qulqulluu,hubannaa, oogummaa fi beekumsaan jireenya kee hoogganuu qabda. Yaa gurbaa si haa gorsuu! •Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuldurri isaa ammoo dirree bal'aadha. 👉Nama malaan qaawaa qal'aa kana keessa hulluuqee dabretu dirree bal'aa kanatti bahee keessa bashannana! Kanaafuu, rakkinoota Qabsoo jireenyaa keessatti si muudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaata laakkofsa hin qabu obbolee koo! Yeroo Gaarii‼️ @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 7296Loading...
10
Tips☑️ 👉Yaadi Namootaa eenyummaa kee hin ibsu. Eenyummaan kee si keessa jira .Gaarii hojjedhu, isaan kaan dhiisi. 👉Imalli(karaan) nama hundumaa garaagaradha. wanti hundumtuu yeroo qaba. haalota namoota yeroon isaanii gahee ilaaltee hinaafuu hin qabdu. isaan dhiisiitii ofii kee irratti xiyyeeffadhu. kan ati qabdu gahaadhaatii. Bor gaariin siif ta'a🙏. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 5392Loading...
11
Namoonni akka si kabajaniif ati dursii of kabaji! ◾Namoota si barbaadne atis barbaadu dhaabi! ◾Hamma barbaachisuu ol hin dubbatin! ◾Namoota si xiqqeessanii fi bakka siif hin qabne ariifadhuu jireenya kee keessaa baasi! ◾Dubbachuu keen dursii itti yaadi! Sababni isaa namoonni wanta dubbattu ilaalanii bilchina kee murteessu. ◾Akka sirraa bareedutti uffadhu, qulqullina kees eeggadhu! ◾Wanta hojjettu hundumaa xiyyeeffannoodhaan hojjedhu. ◾Namoota biraa waliin dorgommii dhaabi! Ofii kee waliin dorgommii jalqabi. ◾Hamii fi soba irraa fagaadhu, waadaa keef amanamaa ta’i. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 7447Loading...
12
GORSA JIREENYAA!!! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Yeroo Hojjechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattafadhu! ➲ Nama si sobu maalif akka si sobu hin gaafatin. Sababni isaas gaafii kee deebisuuf soba biraa soba waan ta'eef. ➲ Oduu Kuntaala 1 odeessaa oolu irra hojii kilo 1 hojjattee yoo agarsiiste siif wayya. Kanaaf xiqqoo haasa'i baay'ee hojjadhuu agarsiisi! ➲ Gaarummaan ati har'a hojjattu galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu! ➲ Gaafa ol baatu warra sii gadii hin dagatin! Sababani isaas gaafa gadi buutu isaanuma deebitee argatta waan ta'eef. ➲ Lubbuu kee waan hin taanen hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame sin dhabuuti. ➲ Namoonni tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessaa gaafa ba'an galata jedhi malee of hin goolin! ➲ Callisuu kee keessatti wantoonni ati hin dubbanne baay'een akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru. ➲ Waan hunduma amanuu dhaaf hin ariifatin! Sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati. ➲ Nama balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifattee hin banin! Sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef! ➲ Namni kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofa dha. Gaafa milkaa'inni kee baay'atu hinaaftonni kees lakkoofsan danuu dha. kanaaf si hin dinqin! ➲ Nama tokko yeroo jaallattu amma argattutti utuu hin taane amma dhumaatti jaaladhu! Isa har'a akka salbaajii uffatanii boru baafatan dhiisi! ➲ Gaafa qabeenya argattu Uumaa kee yaadadhu! Qabeenyi hiyyummaa irraa malee du'a irraa si hin oolchu waan ta'eef. ➲ Dandeetti kee kan agarsiisuu qabdu warra si dinqisifatanitti utuu hin taane warra si tuffatanitti haa ta'u! ➲ Saree yoo si ciniinte deebitee hin ciniintu. Akkuma kana namoota jal'ina si irratti yaadanis tuffadhuutii bira darbi! Isaan irra wayyaa'uu kee itti agarsiisi! ➲ Nama gaarii yaaduuf gaarii hojjatu yoo taate namni ati dhabdu hin jiru. Garuu namni si dhabu immoo jira. ➲ Jireenya mataa kee oofuu yoo hin dandeenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhiisi kan kee gaggeeffadhu! ➲ Maaliif sitti fakkaata Daawwitiin konkolaataa inni duuba agarsiisu xiqqaatee inni fuuldura agarsiisu kan guddaa ta'eef... Isa dudduubaa irra inni fuulduraa waan caalufi dha. ➲ Atis boriin kee har'aaf kaleessa kee caala waan ta'eef kaleessa kee xiqqoo xiqqoo yaadachaa borii kee fageessii ilaali! ➲ Kufuu kee caalaa shakkuu keetu abjuu kee borii dukkaneessa. Kanaaf abdii horadhuu tiradhuu ka'i karaa kee itti fufi! ➲ Dhalli namaa kan inni hin dabarre guyyaa du'a isaa qofa dha. Guyyaan kun Rabbiin wajjin ni darbama jabaadhu! ➲ Amma hin dhaabbannetti tirachaa deemaa jirta taanan iddoo yaadde inuma geessa. Kanaaf dhaabbachuu irra tirachuun ni caala. ➲ Xiyya gaafa darbatan akka inni fagoo deemuf sirriitti duubatti harkisaniitu gadi dhiisu. Atis akkuma kana haalli keessa jirtu gaafa duubatti si harkisu fageessee fuulduratti si darbachuufi waan ta'eef jabaadhu kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu! ➲ Obbolee koo, jireenyi Guyyaa 3 dha. Isaanis: Kaleessa, har'aa fi bori jedhamu. Kanaaf:- ➛ Kaleessa kee irraa baradhu! ➛ Har'a kee jiraadhu! ➛ Borii kee karoorsi! Sanbata Gaarii isiniif Hawwina!! @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 94716Loading...
13
BEEKUMSA DABALADHU! 🔻🔻🔻🔻🔻🔻🔻🔻🔻🔻 🎓 @Nan_Baradha ┃๛ Namni channel kana keessa jiru carra qabeessa...✍ ┃๛ Namni waa dubbisuu jaalatu beekumsa dabalata! ┃๛ Namni yeroo isaa nu waliin dabarsu ogummaa gonfata! ┃๛ Maatii channel keenyaa ta'aa! Nu waliin turaa!!! ┃๛ Yaadolee fi maxxansa nama barsiisan Qusɑnnɑɑ Tokko mɑlee Isiniif Mɑxxɑnsinɑ! ▬▬▬▬▬▬▬▬ Tips☑️ ➊. Yeroo mijaa'aa hin eeggatin yeruma kana furadhuu mijeeffadhu! ➋. Nama si amanu gonkumaa hin sobin; nama si sobu gonkumaa hin amanin! ➌. Waan darbe irraanfadhu garuu irraa bari! ➍. Wanti of duuba si deebisu ilaalcha mataa keetiiti! ➎. Miira kee to'adhu malee hin garboominiif! ➏. Jiruun kun akka bishaan garbaati; inni yoomillee hin tasgabbaa'u sumatu akkaataa itti daakan barachuu qaba. ➐. Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba. ➑. Namni tokko yoo hin dandeessu siin jedhe, hamma isaa sitti agarsiise malee kan kee miti. #GALATOOMAA Hiriyyoota keef #Share 💯 gochuu hin dagatin! @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 5704Loading...
14
CIMII HOJEDHU❗ 👉Yoo murteessuu hin dandeessu ta'e eessayyuu hin geessu! Nam_tokkoofillee hin taatu! Ofii keetiif hin taatu, nama jaalattuufis hin taatu. Namni duubatti deebi'u yeroo, humnaa fi qarshii isaa qisaassa. Wantoonni ati barbaaddu hundi isaanii sodaa kee duuba taa'anii akka jiran beeki! Kufaatii osoo hin sodaatin waan dandeessu hunda hojjedhu! Dhimma fiigicha yerootis dhiisii. Yeroon yeroo kamiiyyuu abbaa humnaati. Si dhiisi atileetonni ciccimoon kan akka Qananiisa fi Abeba Biqila fa'a yeroodhaf malee yeroo waliin figaa hin turre. Kan darbe darbeera! Duubatti deebitee homaa jijjiiruu hin dandeessu; Fuulduraaf garuu Amma barataa yoo taate dubbisuu fi gaaffii hojjechuu yoo jalqabde bu'aa maatirikii/Exit Exam kee fooyyessuu dandeessa! Akkasumas hojjetaa yoo taate ,Har'a waan hojjechuu qabdu boritti hin dabarsin, har'uma hojjedhu jireenya kee borii jijjiiri. Cimii hojedhu. Jireenyi kee borii harkuma kee keessa jira. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 6776Loading...
15
Tips☑️ 👉Namni nama komatu , karaa dheeraatu isa dura jira; Namni ofii isaa komatu karaa isaa walakkeeffateera; Namni eenyunuu hin komanne karaa isaa xumuree galma isaa gaheera!
1 63711Loading...
16
KANA BEEKTAA LAATA? Ati isa kami? ■ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti. ■ Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee? ■ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu'in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta'ee sababii si jibbaniif hin qaban ture. ■ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu. ⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu! ⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal'ifatu! ⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu! ⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda'anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu! ⁃ Isaan wallaalota, ⁃ Isaan jibbitoota, ⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha. ⁃ Isaan koree jibbiinsaati, ⁃ Isaan gurmii mul'ata sakaalanidha. Kanaaf, namoota akkasii tuffaadhu biraa darbii. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 83014Loading...
17
Tips☑️ Isa facaaffatte hin haammattu! Isa facaaftee kunuunfatte haammatta malee❗
1 5530Loading...
18
Ani ofii koof Jira❗ Al tokko tokko qormaata jireenya nama muudatan irraa dandamachuun ni ulfaata. Abdii kuteen ture, kufeen ture, wanti hundumtuu na gaha jedheen ture. Kana booda jireenyamo? Jedheen ture garuu Nan dammaqe. ➡️Edaa yoon kufe eenyu iyyuu hin miidhamu ➡️Edaa hundumtuu jireenya koo keessatti ormaadha. ➡️Edaa anaaf kan jiru anumaadha. Ofin jajjabeesse💪…nan murteesse! Jireenya moo’achuudhaaf daandii irra deemu haarawa akka ta’e nan beeka garuu haa ta’u. Ani abdii hin kutu. Mo’achuun koo dirqama❗ Kana booda maaliin iyyuu hin kufu. Yoon kufes ka’uuf nama tokkooyyuu hin eegu . Ani ofii koof jira❗ @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 8265Loading...
19
Hariiroo namoota waliin qabdutti milkaa’uuf wantoota ijoo kana shanan hojiitti hiiki. ✳️ Namootaaf ilaalcha gaarii qabaadhu. ✳️ Namootaaf waan gaarii yaadi ✳️ Namoota akka feetee irraa of eeggadhu. ✳️ Mudaa namaa namatti hin himin ✳️ Icciitii namootaa sirritti eegi. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
80Loading...
20
Tips☑️ Dhiphattees barbaaddu Dhimmamtees yaaddu Aannan Dhangala’e, Deebistee hin waraabdu! Kan Uuman jedhetti, Kan guyyaan kennetti, Otoo jaalattuu irra tarta Otoo jibbituus itti barta! @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 7075Loading...
21
Jireenya kee keessatti nama tokkollee hin komatin! 👉Namoonni tokko tokko gammachuu siif kennu, 👉Namoonni tokko tokko ammoo Muuxannoo siif kennu, 👉Namoonni kaan Barumsa siif kennu, 👉Namoonni Gariin ammoo Yaadannoo siif kennu, 👉Yeroo baay’ee nama amanneen ni miidhamna, Nama hin yaadamneen ammoo ni Jaalamtamna, 👉Namoonni tokko tokko Balleessa keenyaa malee nu boossisu, kanneen biroo ammoo balleessaa keenya dagatanii gammachuu keenya barbaadu. 👉Namoonni baay’een yeroo nu barbaachisanitti nu dhiisanii deemu, warri kaan ammoo akka isaan nu dhiisanii deeman utuu barbaadnu nu faana turu. 🌍Addunyaan Kun makaa namoota amala garagaraa qabaniidha. 👉Namoota waa’ee keef Dhiphataniif si jaallatan callisuu kee keessattiyyuu sagalee kee ni dhagahu. 👉Namoonni dhimma kee hin qabne ammo sagalee kee dhagahaniyyuu sin hubatan. Kanaafuu Jireenya kee keessatti nama tokkollee hin komatin! 🎓Yeroo tokko tokko hagamillee namoota tokko tokkoof dhiphadhullee, isaan garuu waa’ee koof dantaa qabaachuu dhiisuu akka danda’an jireenya koo keessatti bareera. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
2 1798Loading...
22
Tips☑️ Jireenyi kee harkuma kee jira! Namoonni biroon waan fedhan siin jechuu danda’u, garuu akka jedhan si gochuu hin danda’an. Akka jedhe si gochuu kan danda’u namni tokko jira. Innis mataa keeti. Yoo feete ofirraa haftee namoota biroof eebba ta’uu dandeessa. Yoo hin barbaadne immoo ofii kee iyyuu dadhabdee gargaarsa namoota biro eeggachuu dandeessa. Jireenyi kee harkuma kee jira. Jireenya keetti bifa gaarii godhi. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 6223Loading...
23
Sitti hadhaa’us dubbisi! Yeroo tokko tokko jireenya kee keessatti Namoonni tokko tokko si jaalachuuf osoo hin taane sitti fayyadamuuf gara kee dhufu. Jireenya keetitti waa si dabaluuf miti, Jireenya kee keessaa waa fudhachuuf malee. Namoonni akkasii Kun yeroo siin wal baran akka nama tokkootti osoo hin taane akka carraa wayiitti si ilaalan. Wanti sirraa argatan baay’eedha. Atis isaanif Lottery dha. Namoonni kunniin Eenyummaa(namummaa) kee osoo hin taane wanta si irraa argatan sana ilaalaniiti kan si jaalatan. Siif abdii miti abdiin isaanii immoo wanta sirraa argatan sana. Isaan gammachuu kee malee gadda keef kan yeroo hin arganne, osoo rakkina isaanif kaattuu kan rakkootti si gatan. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
1 6694Loading...
24
Tips☑️ 👉Jireenya keessatti gaafa ol baatu hiriyoonni kee eenyu akka taate si baru. Akkasuma gaafa gad buutu immoo hiriyyoonni kee eenyu akka ta'an barta.
1 5474Loading...
Qabxiillee jajjaboo kudha tokko(11) Lukkuu Haadhoo irraa Barataman👌 ****** 1. Osoo hin hammatin dura jalqaba hanqaaquu gahaa buufti ☞KAROORA QINDAA'AA 2.Yeroo hanqaaquu ishee irra taa'uu jalqabdu/hammattu sochii ni xiqqeessiti ☞NAAMUSA. 3.Sababa hanqaaquu ishee hammachuutiin Nyaatni hir'achuu irraa kan ka'e ulfaatinni qaamaa hir'ata ☞WAREEGAMAA FI OF KENNUU 4.Hanqaaquu lukkuu birootiif irra taa'uu ni dandeessi. ☞ALLOOGUMMAA FI ARJUMMAA. 5.Guyyaa digdamii tokko (21) hanqaaquu ishee irra teessee obsaan eeggatti, yoo jalaa shamtellee deebitee hanqaaquu biroo buufti. ☞AMANTAA, ABDII FI ABDII KUTANNAA DHIISUU 6.Hanqaaquu cuucii hin qabne adda baafattee kophaa baafti ☞XIINXALAA FI HUBANNOO. 7.Hanqaaquu manca'e dhiistee tokko qofa yoo ta'ellee ilmoolee tan qabdu kunuunsuu eegalti ☞OGUMMA, DAMMAQINA FI DHUGAA 8. Cuucii ishee homtuu hin tuqu ☞KUNUUNSAA FI JAALALA. 9. Cuucii ishee hunda walitti qabdi ☞TOKKUMMAA FI KAAYYOO. 10.Ilmoolee ishee osoo of hin dandeenye kophaa hin dhiistu ☞ITTI GAAFATAMUMMAA 11.Yeroo hunda ilmoolee ishee fuuldura deemti. ☞HOGGANSA FI FAKKEENYUMMAA   @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
👍 2 1👏 1
KUNIS NI DARBA‼️ ➖➖➖➖➖➖➖ ⛏️Namicha hiyyeessa tokkotu baay'ee rakkachuu irraan kan ka'e gasoodhaan lafa qotee midhaan facaafata. Imaltoonni wayii itti dhufanii "Maali namichoo akkamitti akkasitti dadhabdee lafa kana gasoodhan qottee facaafta, sitti hin ulfaatuu?" jedhaniin. Namichis "kunis ni darba" jedheen. Kana caalaa deebii biraa itti hindeebifne. Imaltootni sunis deebii namichaa ajaa'ibsiifatanii bira kutanii imala isaanii itti fufan. Waggaa muraasa booda namichi lafa gasoon qotaa ture sun sooromee qabeenya horatee jireenya gaarii jiraachuu jalqabe. Guyyaa biraa tokko imaltonni sun ammas osoo karaa deemanii aduun itti dhiinan mana namicha wayii nu bulchaa jedhanii kadhatanii buluuf ol galan. Taa'anii buna dhugaa haasawanii yoo wal qoratan namichi abbaa qabeenyaa mana isaa buufatan kun isa waggoota muraasa dura hiyyeessa gasoodhaan lafa qotu sana ture. Jarri sunis akkamitti haala kanaan jijjiramee sooromuun isaa baay'ee isaan dinqisiisee, akkamitti akkasitti sooromte jedhanii yoo isa gaafatan "Kunis ni darba" ittiin jedhe namichi sooressichi sun.Isaanis achi bulanii daandii imala ofii itti fufan. Yeroo dheeraa booda imaltoonni sun daandii sanarra deebi'anii otoo galuuf jiranii Siidaa (Awwaala) nama tokkoo arganii itti goranii yoo maqaa ilaalan namicha sooressa mana isaa bulaniidha. Maqaa isaa jalatti jecha "KUNIS NI DARBA" jedhutu barreeffamee jira.lmaltoonni sun jecha kana gaafa argan isa inni gaafa gasoodhan lafa qotuu san yaadatanii baay'ee ajaa'bsifatanii du'uu isaatti immoo gaddanii "ayii!" jechaa imala isaanii itti fufan. Ammas yeroo murtaa'en booda imaltootni sun yoo daandii sanarra dhufan Siidaan sun kaafamee daandii asphaaltii ta'ee jira. Ammas taateen sunis darbuu hubatan. MAAL IRRAA BARANNA? Wanti hin darbine akka hinjirre seenaa namicha kanarraa baranna. Kanaaf imalli hundumtuu nidarba:- Rakkinis ta’e quufni, beekumsis ta’e wallaallummaan, argachuus ta’e dhabuun, hiyyumnis ta’e sooromni, tuffachuus ta’e tuffatamuun... nidarba. Wanti hunduu yeroo muraasa booda nidarba. Beekumsi, qabeenyi, guddinni, aangoo, maqaa, bifti, humnifi olaantummaa dhaabbataan dhala namaaf kenname hinjiru. Inni waan hundaan guutuufi dhaabbatee hafuu Waaqayyo qofa. Yeroo siif laatametti gaarii yaadi wanta gaariis godhii darbi. Booda carraan kun akka dhibu beeki. Namni haalli hunduu bitaafi dukkana sitti fakkaatu immoo abdii hinkutin. Akkuma argachuun darbu dhabuunis nidarba. Har’a jechuun boru miti.  Dhukkubnis ta'e qorumsi har'aas nidarba. Obsa yoo qabaatteefi gara Waaqayyoo yoo ilaalte Waaqayyo biiftuu haaraa siif baasa. Yaa firakoo koo inni ati amma keessa jirtu rakkina osoo hintaane daandii jireenyaa dirqama ati keessa darbuu qabduudha. Inni bo’e akka boo’etti, inni kolfes akka kolfeetti hinhafu. Sababni isaas haalli amma keessa jirtu KUNIS NI DARBA. Kanaaf deemsa kee hin dhaabin fuulduratti.
Hundumtuu hin darba
@Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
👍 8 4
Hayyoonni maal jedhan! ➖➖➖➖➖➖➖➖➖ 📌 "Hireen dhimma carraa osoo hin taane, dhimma filannooti."                (Wiiliyam Jeenings Biraayiin) 📌 "Namoonni milkaa'uu barbaadu, garuu namoota milkaa'an ni jibbu."                 (Kaarota Gubbaa) . 📌 "Waanti hin dandaa'amne hin jiru addunyaan mataa ishee an nan dandaa'ama jetti"      (Audrey Hepbum) 📌 "Amaantin kee dhugaa kee Uuma"       (William James) 📌 "Galma kee fageessi ka'i haga bira gessuutti hin dhabbaatin."      (Bo Jackson) 📌 "Egeree kee tilmaamuuf karaan hundarra caalu  eegeree kee uumuudha."                 (Alen Keey) 📌 "Milkaa'inni kan dhufu warra yeroo isaanii harka caalu waan barbaadan irratti dabarsaniidha."                 (Heenrii Deevid) 📌 "Warra guddaa kufuuf ija jabaatan qofatu milkaa'ina guddaa argachuu danda'a."                 (Roobert F. Keeneedii) 📌 "Warri jajjaboon kufanii ka'an, warri dadhabaan garuu gadi hafu."                  (Toomaas Woolfii) 📌 "Mo'achuuf osoo namni biraa sitti hin amanne ofitti amanuu qabda."                  (Sukkaara Reey Roobinsan) 📌 "Karoora jireenyaa mataa keetii yoo hin tolchine karoora namoota biroo keessa jiraachuun siif hiree ta'a."                   (Jim Roon) jedhamu. 📌 "Foormulaa milkaa'ina siif kennuu hin danda'u. Garuu foormulaa kufaatii siif kennuu nan danda'a. Sun nama hunda gammachiisuuf yaaluudha."                 (Haarbart Swoop) 📌 "Sooressa ta'uuf maallaqa argachuu qofa osoo hin taane, maallaqa qabdu akkamitti akka qusattu beekuu qabda."                 (Beeniyaamin Firaankiliin) 📌 "Jireenya salphaa ta'eef hin kadhatin. Haa ta'u malee, jireenya ulfaataa kana fudhachuuf humna qabaachuuf cimsitee kadhadhu."        (Bruusii Lii) Yeroo Gaarii‼️ @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
👍 7 3👏 3
DOGOGGORTEE JIRTA❗ 🔺Namni tokko si dhiise yoo deeme nama sana malee jiraachuu akka waan hin dandeenyetti yaadda yoo ta'e... Dogoggortee jirta!!! 🔺Sababa namni tokko si miidhe qofaaf, namni hundi na miidhuu danda’a jettee sodaatta yoo ta'e. . . Dogoggortee jirta!!! 🔺Wanti tokko ykn lama waan si jalaa fashalaa’eef qofa akka waan hin milkoofnetti fi carraa hin qabneetti yoo of ilaalte. . . Dogoggortee jirta!!! 🔺Qormaata waan kufteef qofa ani nama waa'ee hin baafne, kufaadha... kan jedhu sitti dhagahama yoo ta'e . . . Dogoggortee jirta!!! 🔺 Namni tokko ykn haalli tokko tokko waan si dhaabeef qofa gara fuulduraatti tarkaanfachuu akka hin dandeenye sitti dhagahama yoo ta'e . . . Dogoggortee jirta!!! ✍️Jireenyi Uumaan siif kenne:- 👉bu'aa bahii guyyaa guyyaa keetin oliidha 👉Waan namoonni sirratti hojjetan, sitti yaadanii fi sitti haasa'an Oliidha 👉Waan ati qabduu fi waan ati hin qabne oliidha 👉Milkaa'uu fi milkaa'uu dhabuu kee oliidha... ✍️ Jireenyi kee wantoota jijjiirramu, namootaa fi haalota jijjiiramaa irratti kan hundaa'u yoo ta'e dogoggora hunda caalaa dogoggora guddaa akka hojjette hin dagatin. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
👍 12 3
𝗦𝗔𝗠𝗠𝗨𝗨𝗡 𝗖𝗜𝗠𝗔𝗔 𝗧𝗔'𝗨U𝗙 ➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖ 👉Yeroo kophaa kee jirtu hin sodaatin. 👉Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin. 👉Addunyaan liqii sitti hin dhaga'amin. 👉Bu'aa hatattamaa hin eegin. 👉Balaa shallagame fudhachuu hin sodaatin. 👉Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin. 👉Itti gaafatamummaa irraattii hin qaanfatiin. 👉Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in. 👉Milkaa'ina namoota birootti hin aarin. Namoonni kaan miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin godhin 👉Yeroo kee ofitti gaddun hin gubin. 👉Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna kee hin qisaasessin. @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
👍 16 2
Photo unavailableShow in Telegram
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraaf baga guyyaa yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoosiin Nagaan geessan. ለመላው የክርስትና እምነት ተከታዮች እንኳን ለኢየሱስ ክርስቶስ የስቅለት በዓል በሰላም አደረሳችሁ። Happy Good Friday! @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
3🙏 1
MALA HAALA JIREENYA ITTIIN INJIFATAN❗ ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
"Jireenyi yoo qaawa lilmoo sitti ta'e, ati immoo kirrii(fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!"
📍Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba. Qabsoo jireenya keessatti salphatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. Injifannoon bu'aa dadhabbii keetiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaaja'ee mijatee sitti dhufaa hin jiru. Kanaafuu, teessee wanta mijataa eegachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda. Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in, akkamitti akka furuu qabdu yaadi. 🌍Addunyaan tun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane, addunyaa yaada haara uumanii ka'anii keessatti waa yaalaniidha. 🚶Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbachatti seenuu dadhabde tokko gadi jedhii seenuuf carraqqi.Yoo dadhabde hulluuqii keessa dabri malee hin danda'u jettee teesse hin daawwatin. Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. 🗡️Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo ammoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba. Wal'aansoo jireenyaa salphatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajii guddoo si gaafata. Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamatii si gaafata. Ciminaa fi dadhabina keeti addaan baastee beekuu qabda. Waaqa, dhugaa, laphee qulqulluu,hubannaa, oogummaa fi beekumsaan jireenya kee hoogganuu qabda. Yaa gurbaa si haa gorsuu!
•Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuldurri isaa ammoo dirree bal'aadha.
👉Nama malaan qaawaa qal'aa kana keessa hulluuqee dabretu dirree bal'aa kanatti bahee keessa bashannana! Kanaafuu, rakkinoota Qabsoo jireenyaa keessatti si muudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaata laakkofsa hin qabu obbolee koo! Yeroo Gaarii‼️ @Nan_Baradha @Nan_Baradha
Show all...
👍 6 3

👍 7 6