NAN BARADHA
Open in Telegram
NAN BARADHA!! «Barataan yoo jiraate, barsiisaan eessayyuu jira!» ❏ Barnoota walii galaa ❏ Mul'ata ofii beekuu ❏ Seenaa Namootaa irraa Maal Baranna ❏ Xinsammuu fi Dubbii Hayyootaa Guyyaa Guyyaadhaan channel kanaan dhiyaata!
Show more9 453
Subscribers
No data24 hours
-277 days
-14930 days
Posts Archive
9 453
𝐉𝐈𝐉𝐉𝐈𝐈𝐑𝐀𝐌𝐀 ❗️
➖➖➖➖➖
Ka'umsa kee jijjiiruu dhiisuu dandeessa. Garuu jireenya fuuldura kee jiru jijjiiruu dandeessa. Jireenya fuuldura kee kan murteessu wanti bor hojjechuuf karoorsaa jirtu osoo hin taane, wanta har'a hojjechaa jirtutu murteessadha.
🕺Iddoo karoorsite jiraachuu dhiisuu dandeessa. Nama ta'uu barbaaddee osoo hin ta'iin har'a geesseetta ta'a. Lafa yaadde osoo hin ga'iin jirta ta'a. Garuu jijjiirama ni barbaadda. Situ gara jijjiiramaa deemuu qaba moo jijjiiramatu gara kee dhufuu qabaa? Karoora jijjiirama gara keetti fiduu qabda moo karoora siin fuudhee gara jijjiiramaatti geessuu qabdaa?
😔Gaddi kees gammachuun kees galma kee hin murteessan. Gaddi kee dhuma jireenya kee ta'uu hin danda'u. Gammachuunis dhuma jireenya kee hin murteessu. Kaayyoon ati jijjiirama boriif hojjettu garuu eenyummaa keef murteessadha.
⏱Yeroon ammaa kun bara jijjiiramaa ti. Addunyaan yeroo kamillee caalaa jijjiirama halkanii fi guyyaa barbaadaa jirti. Jijjiiramni bu'aa qabeessa akkuma ta'ee miidhaa guddaas of keessaa qaba. Jijjiiramni mallattoo mataa isaa qaba. Ani jijjiirama hin barbaadu jechuu hin dandeessu. Yoo jaallannes jibbines jijjiiramni nu quunnamuun isaa hin oolu.
Yeroo gaarii qabaadha🙏
@Nan_Baradha ✅️
9 453
Waan salphaan nama hin maraachu 🙄
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰
📍Muummichi Ministeeraa guyyaa tokko Mana yaalaa dhukkubsattoota sammuu (Amaanu'eel) daawwachuuf dhaqee, osuma deddeemuu maraataa tokko arge. Itti siqee "maali rakkoon kee kan akka maraattu si godhe?" Jedhee gaafate.
🙆Maraataanis deebisuufii jalqabe "yaa gooftaa kiyya ! balaa kana hunda kan natti buuse, dubartii abaaramtuu takka fuudhuu kiyya jedheen. Rabbi na kaaseetiin dubartii intala bareedduu qabdu takka fuudhe. Intala bareedduu saniif abbaa biddeenaatin ta'e jechuudha.
Guyyaa tokko Abbaan kiyya akkuma na laaluuf dhufeen, intala san jaalatee fuudhe. Kanaafuu intalti an abbaa biddeenaa tahuuf, deebitee haadha biddeenaa naaf taate jechuudha.
Xiqqoo booda haati manaa tiyya ilma dhiiraa naaf deesse. Ilmi kiyya kun haadha biddeenaa tiyyaaf obboleessa waan taheef, abbaa kiyyaaf immoo soddaa tahe, sababni isaa abbaan kiyya intalan ani abbaa biddeenaa tahuuf fuudhe waan taheef.
Akkuman siif himetti gaafa Abbaan kiyya intala ani Abbaa biddeenaa tahuuf fuudhu san, ishiin jalqaba haadha biddeenaa naaf taate. Boodarra immoo ilmi kiyya obboleessa haadha biddeenaa waan taheef, Eessuma naaf tahe.
Haati manaa tiyya immoo harmee haadha biddeenaa tiyyaa waan taateef, Akkoo tiyya taate jechuudha.
🧐Haadha biddeenaa tiyyaaf, Abbaa biddeenaa tahuu kiyya hin irraanfatin. Jaartii tiyyaaf immoo ilma intalaa tahuu kiyyaas quba qabaadhu.
🤔Kana hunda caalaa garuu kan na ajaa'ibe, akkoo biddeenaa tiyya fuudhuu, jaartii tiyyaaf ilma intala ishii tahuu fi jaarsa ishii tahuu qofa osoo hin taane, ofuma kiyyaafuu Akaakoo tahuu kiyya.
Wanni na maraachee gara Amanu'eel na fides kanuma" jedheen. 😂😂😂
@Nan_Baradha ✅️
9 453
Wantoota Namoonni Barachuuf Barfatan
〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰
1. Wanti hundinuu yeroodhaaf
2. Jireenyi sodaa miti
3. Maatiin hiriyoota caalaa gahee taphatu
4. Aariin yeroo hunda sodaadha
5. Jireenyi lafarraa kan bara baraa miti
6. Qisaasamni guddaan qisaasama tokkollee fudhachuu dhabuudha.
7. Wantoonni hangas mara dhiibbaa hin qaban
8. Gammachuun filannoodha
9. Nagaan gahee ati taphattedha
10. Maallaqni Akka of taatu si taasisa. Kanaaf dhaqii fudhadhu.
@Nan_Baradha ✅️
9 453
𝐃𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐮𝐥𝐟𝐚𝐚𝐭𝐨𝐨 𝐭𝐚'𝐚𝐧:
➿➿➿➿➿➿➿➿➿
✅Namni hundumtuu ni miidhama: Jireenya kana namni qabsoo tokko malee dabarsu hin jiru. Barachuu fi guddachuuf as jirra, kana keessaa baay'een isaa qabsoodhaan ta'a.
✅Namna kamuu hin ilaallatu: Jireenya barbaaddu uumtees, uumuu baattes namni kamuu dhimma siif hin qabu. Waan ofii keetif gochuu qabdu hojjechuu qabda.
✅Jireenyi haqa hin qabdu: haalota irratti hin qabamin. Haallonni akka siif mijatu karaa barbaadi. Yookiin haala fooyya’aa uumuuf cimii hojjedhu.
🚀Namni hundi ni dullooma garuu namni hundi hin bilchaatu.
✅Barumsi keenya gurguddoo fi barsiisonni keenya gaariin muraasni,
1)kufaatii keenyaa, fi
2)Miidhama onneeti.
✅Ofii keenya akka gaariitti yoo hin kunuunsine gatii nu kaffalchiisa. (Fayyaa keenya kunuunsuu dhiisuu, qarshii dabalataa qusachuu dhiisuu, namoota jaallannu tuffachuu..kkf)
✅Namni si oolchuuf dhufu hin jiru:
Jireenya keetiif waan si barbaachisu uumuuf hojjetta, yookaan carraan ati hin arganne jira.
Yeroo Gaarii 🩷
@Nan_Baradha ✅️
9 453
1️⃣0️⃣🔤➕𝐒𝐔𝐁𝐒𝐂𝐑𝐈𝐁𝐄𝐑𝐒 !!!!
🔤🔤🪷🔤🌷🔤🔤🔤🔤🔤❕❕
𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐨𝐨, 𝐌𝐢𝐬𝐞𝐞𝐧𝐬𝐨𝐭𝐚 @Nan_Baradha 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐆𝐮𝐝𝐝𝐢𝐧𝐚 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐠𝐮𝐦𝐚𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐟𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐥𝐚𝐭𝐨𝐨𝐦𝐚𝐚🙏 𝐁𝐚𝐚𝐲'𝐞𝐞𝐧 𝐢𝐬𝐢𝐧 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐝𝐡𝐚! 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐦𝐚𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐦𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐚𝐛𝐝𝐢𝐢 𝐡𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚𝐭𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐚𝐝𝐝𝐮𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐚𝐧𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚 𝐠𝐚𝐦𝐦𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐚𝐧 𝐧𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐚! 𝐈𝐬𝐢𝐧 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐦𝐭𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐪𝐪𝐚𝐚𝐥𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐚𝐝𝐝𝐮𝐧𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐮𝐧𝐢 𝐪𝐚𝐛𝐝𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚. 𝐌𝐞𝐞 𝐢𝐬𝐢𝐧𝐚𝐧 𝐞𝐞𝐛𝐛𝐢𝐬𝐚!!
𝐄𝐠𝐚𝐚:
➡️ 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐥𝐥𝐞𝐞 𝐣𝐚𝐣𝐣𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚!
➡️ 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐢𝐧𝐚 𝐦𝐨𝐨'𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚!
➡️ 𝐘𝐨𝐨 𝐠𝐚𝐝𝐢 𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐧, 𝐲𝐨𝐨 𝐨𝐥 𝐠𝐚𝐥𝐭𝐚𝐧𝐢𝐬 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐞𝐞𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐚𝐚!!
➡️ 𝐆𝐮𝐟𝐮𝐮𝐧 𝐢𝐬𝐢𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐡𝐚𝐡𝐢𝐧!
➡️ 𝐇𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐬𝐢𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐢𝐧!
➡️ 𝐆𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢𝐧 𝐢𝐬𝐢𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐡𝐚𝐛𝐢𝐧!
➡️ 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚'𝐚𝐚!
➡️ 𝐁𝐢𝐲𝐲𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚!
➡️ 𝐌𝐮𝐥'𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 𝐡𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐨𝐨𝐦𝐮!
➡️ 𝐁𝐚𝐥𝐛𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚'𝐢𝐧𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐢𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐡𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐧𝐚𝐦𝐮!
➡️ 𝐆𝐮𝐝𝐝𝐢𝐧𝐚𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐢𝐧𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚!
➡️ 𝐎𝐝𝐮𝐮 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐚𝐠𝐚𝐡𝐚𝐚!
➡️ 𝐁𝐨𝐪𝐨𝐧𝐧𝐚𝐚, 𝐧𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚!!! 𝐀𝐦𝐢𝐢𝐢𝐢𝐧🙏🙏🙏
𝐈𝐫𝐫𝐚 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢𝐧 🔤🔤🔤🔤🔤🔤🔤🔤🔤🔤🙏
✍𝐁𝐚𝐫𝐫𝐮𝐮𝐥𝐞𝐞 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨𝐧 𝐢𝐬𝐢𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐦𝐚𝐱𝐱𝐚𝐧𝐬𝐢𝐧𝐮 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐭𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟𝐢 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐚𝐧 𝐚𝐛𝐝𝐢𝐢 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐧𝐚.𝐇𝐢𝐫𝐢𝐲𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 𝐀𝐟𝐟𝐞𝐞𝐫𝐮𝐮𝐧 𝐧𝐮 𝐝𝐞𝐞𝐠𝐠𝐚𝐫𝐚𝐚, 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐬𝐮𝐦𝐚𝐬 𝐇𝐚𝐚𝐦𝐢𝐥𝐞𝐞𝐧 𝐢𝐬𝐢𝐧 𝐧𝐮𝐮𝐟 𝐥𝐚𝐚𝐭𝐭𝐚𝐧 𝐢𝐫𝐫𝐚 𝐜𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐧𝐮 𝐣𝐚𝐣𝐣𝐚𝐛𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐟𝐢 𝐪𝐞𝐞𝐪𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐝𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐜𝐨𝐦𝐦𝐞𝐧𝐭 𝐛𝐨𝐱 𝐧𝐮𝐮𝐟 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚.
#️⃣"𝐊𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐧𝐞 𝐛𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮, 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐮 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐤𝐚𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚"!!
@Nan_Baradha ✅️
9 453
𝐉𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐞𝐞 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐝𝐡𝐚𝐛𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐨𝐧𝐤𝐮𝐦𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐠𝐚𝐝𝐝𝐢𝐧😢, 𝐒𝐚𝐛𝐚𝐛𝐧𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐬 𝐦𝐮𝐤𝐭𝐢 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐛𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐡𝐚𝐫𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐮, 𝐁𝐚𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐡𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐟 𝐛𝐮'𝐮𝐮𝐟 𝐪𝐨𝐩𝐡𝐚𝐚'𝐞𝐞𝐫𝐚.
9 453
🔤🔤🔤🔤🔤🔤❓
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️
📩Jireenya kee keessatti namoota hedduu waliin wal barta. Hundi isaanii kaayyoo galmaan gahan qabaatu.📬⭐️Gariin waan haaraa si barsiisa gariin immoo si miidhe bakkeetti si dhiise deema.
⭐️Gariin kaayyoo ofittummaan ofiif jecha si jaallatu gariin immoo haal-duree tokko malee si jaallatu.
⭐️Gariin si gowwomsu, si sobu yookan immoo si duuba si hamatu.
⏩Barumsa jireenyi si barsiisu irraa baradhu namoota jireenya kee keessatti ofii isaaniif haala mijeessuufi jecha gonkumaa iddoo isiniif hin qabne irratti yeroo kee hin gubin.
👎Namoonni gammachuu isaaniif akka sitti fayyadaman hin hayyaminiif.
💪Jabaa ta'i! wanti si cabsuu ykn si laaffisu jireenya kee keessa hin jiraatin. Jireenya kee keessatti namoota si barbaachisan filadhu.Atis Nama filatamaa ta'i!
Yeroo Gaarii!!
@Nan_Baradha ✅️
9 453
Simbirroon muka irra teesse tokko dameen muka sanaa hin caba jettee hin sodaattu, sababni isaas amantiin ishee damee muka sanaa osoo hin taane koochoo isheeti.
Yeroo hundumaa ofitti amani.
9 453
💪Bakka Humna/Anniisaa Kee Itti Qisaasessuu Hin Qabne Torba(7):⤵️
1️⃣ Humna kee namoota si hin deeggarre irratti hin qisaasessin.🔋
2️⃣ Waan namoonni biroo waa'ee kee yaadan irratti humna kee hin qisaasessin.🔋
3️⃣ Humna kee walitti dhufeenya hiriyummaa gama tokkoon qofaa irratti hin qisaasessin.🔋
4️⃣ Humna kee namoota darbee darbee qofa si barbaadan irratti hin qisaasessin.🔋
5️⃣ Humna kee Rakkoo kan kee hin taane irratti hin qisaasessin.🔋
6️⃣ Yaadni kee akka hin hiramneef qofa waan tokko hojjechuu irratti humna kee hin qisaasessin.🔋
7️⃣Nama kee fedhii hin qabne dinqisiifachuuf humna kee hin qisaasessin.🔋
⏩Humnaa fi yeroo hangam akka gatii qabu caalaatti hubadhu.
@Nan_Baradha ✅️
9 453
Everyone is another chance to change your life. Don't run away from your problem and mistake, accept as it is you will definitely find a way to move on...
9 453
Arbaa fi Funyoo 🐘
〰〰〰〰〰〰
✍Seenaa Kun Nama hundumaa Akka kakaasu fi barsiisu abdiin qaba hamma dhumaatti dubbisaa!
🚶➡️Namichi tokko kaampii Arboonni keessa jiraatan keessa osoo deemuu, 🦣Arboonni kun kaampii kana keessatti akka hin hidhamne ykn sansalataan 🔗akka hin qabamne hubate. Kaampii keessaa akka hin miliqne kan isaan dhorke funyoo〰 xiqqoo miila isaanii tokkotti hidhame qofa ture.
Namichi Arboota sana osoo ilaaluun, Arbi kun maaliif humna isaaniitti hin fayyadamuu? funyoo kan kutee maaliif buufata keessaa hin miliquu? jedhee of gaafachuun, guutummaatti burjaaja’e.
Silaa salphaatti funyoo kana kutuu danda’u turan, garuu tasumaa kutuuf hin yaalle. Maaliif jechuun gaafii keessa gale🤔.
Deebii isaa beekuu waan barbaadeef, leenjisaa naannoo sana jiru tokko bira deemee maaliif akka Arboonni sun achi qofa dhaabbatanii fi miliquuf yaalanii hin beekanii jedhee gaafate.
Leenjisaan sun akkas jedhee deebiseef, “Yeroo isaan baay’ee xiqqaa 🐘turanitti funyoo gosa walfakkaatu fayyadamnee hidhuun, umurii sanatti immoo isaan qabachuun gahaadha. Yeroo guddatan addaan bahuu akka hin dandeenye amananiiru. ➰Funyoon sun ammallee isaan qabachuu akka danda’u waan amananiif, gonkumaa bilisa ba’uuf hin yaalan.”
🔁Arboonni seenaa kana keessatti argaman akkuma baay’ee keenyaa, waan tokko gochuu Akka hin dandeenye amanuun jireenya keenya keessatti jijjiirama Akka hin fidne kan nu taasisuudha. kanaan dura al tokko waan kufneef qofa, waan tokko hojjechuu hin dandeenyu jedhanii amantaa irratti of fannifnee jireenya keessa darbuu hin qabnu.
Kufaatiin qaama barumsaati; jireenya keessatti qabsoo gonkumaa dhiisuu hin qabnu.
💪Seenaan kun amantii keenya isa daangeffame mormuu fi gufuuwwan hammam iyyuu kan hin mo’amne yoo fakkaate iyyuu mo’uuf humna akka qabnu hubachuu nu yaadachiisa.
Yoo irraa barattan react👍 gochuun miira keessan nuuf ibsaa.
Yeroon gaarii isiniif hawwina🙏
@Nan_Baradha ✅️
9 453
Yoo turtes raawwadhu!💪
Haati tokko ilmi ishee yeroo dheeraaf hin argine akka dhufu yoo itti hime, hanga dhufutti balbala balbala utuu ilaaltu hanga dhufutti hawwii guddaan isa eegdi . Barfatee yoo dhufes waan hunda dagattee jaalala ilma isheef qabduuf jecha guutummaatti itti gammaddi;
✍Umriin koo deemera, yeroo kootti hin hojjenne, ... jennee harka dachaasuun nu hin barbaachisu. guyyaan jijjiiramaaf barfatee hin jiru, gonkumaa gochuu dhiisuu irra barfachuu wayya! Kanaaf waan jijjiiruu qabduuf ammayyuu yeroon jira.
Yeroo gaarii qabaadha🙏
@Nan_Baradha ✅️
9 453
Reality of Life
Life is the most difficult exam.many people fail because they try to copy others- not realizing that everyone has a different question paper.
@Nan_Baradha ✅️
9 453
"Beekumsa jechuun kan yoo gaafatamte dubbattu utuu hin taane, kan rakkoo ittiin furuudha"
@Nan_Baradha✅️
9 453
Kufaatiin qaama jireenyaati. Yoo hin kufne hin barattu. Yoo hin baranne yoomiyyuu hin jijjiiramtu.
@Nan_Baradha ✅️
9 453
🐶Dogs $50+ ol naaf kafalee jira .kan itti aanu immoo 📱Cats Airdrop dha yoo hin eegalin ammuma eegala na galateeffattu🙏
Start here 👇👇
t.me/catsgang_bot/join?startapp=WC1BTqYUB0N_dRschFvQP
Meow, 🐈⬛
9 453
⭐Yeroo tokko tokko jireenya keessatti wanti hundi haala gaariin deema
🔴Yeroo tokko tokko immoo wanta hin beeknetu si mudata.
✅Wanti guddaan rakkoo gara carraatti jijjiiruu beekuudha.
@Nan_Baradha ✅️
9 453
📱Yeroo baay'ee dogoggora yoo raawwatte akkamiin deebii ofiif kennita😀
9 453
THE BEST ADVICE⏩
➡️Save money every week! It doesn't matter how much. Just save!
➡️Live within your means. It's one of the most difficult things to master.
➡️Choose your friends wisely as you are the product of your environment.
➡️Learn to be alone and independent, without being lonely. It's a skill few master.
➡️Educate yourself - read, read, read.
➡️Be healthy & look after your body. Cook & eat your own food, and exercise your body.
➡️Don't wait for someone to love you; learn to love YOURSELF first.
Have a good time🙂
@Nan_Baradha ✅
