en
Feedback
Gola Seeraa Sabaa'if Guyyaasaa

Gola Seeraa Sabaa'if Guyyaasaa

Open in Telegram

๐€๐›๐จ๐ฎ๐ญ-๐‹๐š๐ฐ ๐ขs a ๐‹eading ๐„-๐‹egal ๐’ervice ๐odium, ๐–hich ๐ขs ๐’et ๐”p ๐›y ๐’๐š๐›๐š๐š'๐ข๐Ÿ ๐†๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ฌ๐š๐š ๐‡๐ฎ๐ง๐๐š๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ญo ๐rovide ๐•arious ๐‹egal ๐’ervices! (๐Ž๐‘๐Ž๐Œ๐ˆ๐€,๐„๐“๐‡๐ˆ๐Ž๐๐ˆ๐€ & ๐–๐Ž๐‘๐‹๐ƒ) Contact Us:- ๐…๐š๐œ๐ž๐›๐จ๐จ๐ค:

Show more
1 120
Subscribers
+124 hours
-37 days
-630 days
Posts Archive
Mirgoolee Adeemsaa Namni Shakkamee Qabame Tokko Qabu 1.Mirga Mana Murtii Idileen Haqa Argachuu. Namni tokko yeroo himatamu mirga heeraa kan taโ€™e dhimmi isaa mana murtii idileen bifa dhaddacha ifa taโ€™een yeroo gabaabaa keessatti ilaalamuu qaba. Heerri RDFI kew 20(1) jalatti himatamaan mirga dhimmi isaa manneen murtii idilee fi dhaddacha ifa taโ€™een akka ilaalamuuf taโ€™uu qaba.Tumaan heeraa kunis tumaa Heera RDFI kew 78(1) irratti yaada manni murtii addaa adeemsa idilee hin hordofne hundaaโ€™uu hin qabu jedhu waliin kan deemuu dha. Dabalataan, waliigaltee mirga namoomaa siivilii fi siyaasaa kew 14(1) jalatti tumameen himatamaan mirga dhimmi isaa mana murtii bilisa, al-loogessaa fi gahuumsa qabuun ilaalamuu qaba jedhu tumaa Heera RDFI kew 20(1) jalatti himni โ€œmana murtii idileeโ€ jedhu waliin kan wal simuu dha.Aangoon abbaa seerummaa kan manneen murtii qofa akka taโ€™ee fi abbootiin seeraa jiddu lixummaa qaama mootummaa ykn nama kamiyyuu irraa bilisa taโ€™uun dirqamaa fi itti gaafatamummaa isaanii bahu akka qaban Heera RDFI kew 79(2)(3) jalatti kan tumame waan taโ€™eef, heerirchi himatamtooni mirga dhimmi isaanii mana murtii bilisa, al-logaa fi dandeettiin tajaajila kana kennuu dandaโ€™uun ilaalamuuf akka qaban agarsiisa.Dhaddacha haala adda taโ€™een cufaan akka gaggeeffamu waanti dirqisiisu yoo jiraate ala ifaan gaggeeffamuu kan qabu taโ€™uu fi koppii himata irratti dhihaatee argachuu fi tarree yakkichaa hubachuu, ragoolee irratti dhihaatan gaafachuu fi itti dhihaate ilaaluuf mirga akka qabu Heerri RDFI kew 20(2) fi (4) jalatti tumeera. Namni shakkame tokko mirga ragooleen ittisaa isaa akka dhihaatan gochuu fi dhageessifachuuf mirga qaba.Namni himatame tokko abukaattoo dhuunfaa isaa dhaabuu fi kanas gochuu kan hin dandeenye taanaan mirga mootummaa irraa abukaattoo mootummaa argachuu akka qabu Heera RDFI kew 20(5) jalatti tumameera.Tumaaleen heerichaa kun himatamaa fi himataan falmii fi dhaddacha gaggeeffamu irratti beekumsaa fi carraa falmii wal madaalaa taโ€™e akka qabaatan gochuu kan dandeessisuu dha.

Repost from Desalegn B.
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa kanaan dura lakk.Ga.249795 ta'e irratti kennee tureen "hojjetaan guyyaa shaniif itti fufiinsaan hojiirraa yoo hafellee osoo tokkoon tokkoon guyyaa inni hafe irratti hojjechiisaan akeekachiisa osoo hin kennin (warning in writing) waliigaltee hojii addaan kutuu hin danda'u" jechuun murteessee ture. Ta'us, dhaddachichi hiikkoo seeraa, abbootiin seera lakkoofsaan 7 ta'an irratti moggaafamaniin Lakk.Ga.271726 irratti, hiikkoo seeraan duraan kenname jijjiiruun labsii lakk.1156/2011 kwt 27(1)(b) irratti hundaa'ee hojjetaan guyyaa hojii shaniifi isaa oliif itti fufiinsaan yoo hojiirraa hafe, akeekachiisa barreeffamaa kennuun osoo hin barbaachisin waliigaltee hojii akeekachiisa malee addaan kutuun akka danda'amu murteesseera. Kunis, hiikkoon seeraa duraan kenname jijjiiramuu isaa agarsiisa      Join:-@desberofMM             Desalegn B.

Murtii Ijibbaataa MMWF Dh/Ijibbaataa MMWF murtii dirqisiisaa galmee lakk.249569 ta'e irratti dhaddacha gaafa guyyaa 6/2/2017 oolerratti kenneen "lafa qabiyyee nama tokkoo ta'e dantaa uummataaf jecha bu'uura seeraan diriireen akka gad lakkisu osoo hin taasisin irraa fuudhuun nama 3ffaatiif dabarsanii ragaa abbaa qabiyyummaa kennuufiin mirga qabiyyee irratti dabaluu(darrabuu) waan taheef mirga qabiyyee dura horatame irratti jijjiiramni fidu hin jiru. Lafa haala kanaan abbaa qabiyyeerraa fuudhanii nama 3ffaatti dabarsuun gocha seeraa alaati. Namni 3ffaan haala kanaan qabiyyee sana qabate ragaa abbaa qabiyyummaa lafichatti qabaachuu kaasuun falmuun fudhatama hin qabu. Abbaan qabiyyee duraanii mirga beenyaa fi lafa bakka bu'iinsaa gaafachuu eeguufiin mirgi qabiyyummaa qabaachuu nama goonfachiisu beenyaa gaafachuu qofa akka ta'etti hubachuun kan murtaa'e waan taheef kunimmoo dogoggora. kanaafuu laficha abbaa qabiyyee abbaa qabiyyee duraatiif gad lakkifamuu qaba"jechuun murtii MM/Aanaa Magaalaa Sulultaa kenne cimsuun kan manneen murtii sadarkaan jiran murteessan diigee murteesseera.

Kakuun deeggarame iyyannoo sobaan dhiheessun yakkaan akka nama akka adbsiisuu ni beektuu? Namni tokko qabeenya kafaltii abba seerummaa kafaluu kan hin qabne yoo tahe mirga haqa argachuu sababa maallaqaatin dhabuu waan hin qabneef seerri deemsa falmii hariiroo hawwaasaa kwt. 468 fi tumalee itti aanan, akkasumas kewata 205 bu'uurefachuun himanna dhiheessu akka danda'uu tumamee argama. Haa tahu malee namoonniย  tokko tokkoo osoo qabeenya gahaa qabanii, soban qabeenya akka hin qabne ofi fakkeessu bu'uura sdfhh kewata 205tin jecha kakuutinย  deggaranii himanna yeroon dhiheessan ni mullata. Kanaf himataan osoo qabeenya qabuu hin qabu jechuun himanna isaa sobaan dhiheesse fi dhaddacha dhihachunย  himanna kakuudhan dhihaate kana kan mirkaneesse yoo tahe argamee, himanna yakka haaraa hundessuun osoo hin barbachiifne galmee laalama jiruย  sana irratti hidhaa salphaa waggaa 1 hin caalleen adabamuu akka danda'uu tumaa seera dfhh, kewata 481 fi seera yakkaa bara 1996 bahe kewata 452 jalatti tumame kan argamu, akkasumas manni murtii waliigalaa dhaddachii ijjibataa federaalaa lk.galmee 220108 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kenne argama. Himanna sobaa dhiheessu irraan ofii haa qusannuu Credit:- Qixxeessaa

Unkaa/Foormii Waliigaltee kiraa lafa qonnaa baadiyaa!
Unkaa/Foormii Waliigaltee kiraa lafa qonnaa baadiyaa!

Adabbii Daangessuuf Miidhamaa Waliin Araaraamuu fi Beenyaa Kanafaluun Haal-duree taโ€™uu ni Dandaโ€™aa? =========================
Adabbii Daangessuuf Miidhamaa Waliin Araaraamuu fi Beenyaa Kanafaluun Haal-duree taโ€™uu ni Dandaโ€™aa? ================================== Adabbii yakkaa daangessuuf yakkamaan daangaa yeroo fi akeekkachiisaan yoo gad-lakkifame irraa barata, yakka biroo hinraawwatu, amalli isaa bisirraaโ€™a jedhee Manni Murtii yoo itti amane gahaa akka taโ€™ee fi kanaan ala yakkamaan miidhamaa waliin araaramuus taโ€™ee beenyaa kanfaluu fi dhiisuun akka haaldureetti akka fudhatamu buโ€™urri seeraa gaafatu akka hinjirre balโ€™inaan ibsuudhaan Dh Ijbt MMWF glme Lkk 185700 fi glme Lkk 266395 irratti hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.

Qajeel. qabiyyee durii seeraa qabsisuu.pdf

Qajeelfama lakk.37.2018.pdf

#Guca_iyyannoo_gidduu_lixxummaa ittin dhiyaatu!
#Guca_iyyannoo_gidduu_lixxummaa ittin dhiyaatu!

#Guca_Baadiinsa_nama (declaration of absence) Labsisiisuuf Iyyannaa Dhihaatu.
#Guca_Baadiinsa_nama (declaration of absence) Labsisiisuuf Iyyannaa Dhihaatu.

Foormii Waliigaltee Fuudhaa fi Heerumaaโคต๏ธ Akkaataa buโ€™ura SMO kewt. 60 jalatti tumamee jiruun, waliigalteen fuudhaa fi heerum
Foormii Waliigaltee Fuudhaa fi Heerumaaโคต๏ธ Akkaataa buโ€™ura SMO kewt. 60 jalatti tumamee jiruun, waliigalteen fuudhaa fi heerumaa tokko barreefamaan yoo taโ€™uu baatee fi ragaan namni 4, ragaan namni 2 gara Haadha Warraatii, ragaan namni 2 ammoo gara abbaa warraatiin yoo irratti mallatteessan malee buโ€™aa hin qabaatu jechuun ifatti tumameera. โžก๏ธ Waliigalteen tokko foormii seeraan kaayame kana guutuu baannaan fudhatama hin qabu. โ›”๏ธ Waliigalteen tokko yeroo godhamu foormii fi ulaagaa seeraan kaayame kan guutamuu qabu osoo hin guutin yoo godhame buโ€™aa seeraa kan hin qabneedha.

Mana yeroo kireeffattan waligaltee barreeffamaa taasisaa! Sababni isaas; wabii gahaa argachuuf ykn itti gaafatamummaa hordofs
Mana yeroo kireeffattan waligaltee barreeffamaa taasisaa! Sababni isaas; wabii gahaa argachuuf ykn itti gaafatamummaa hordofsiisuuf Nama gargaara! Foormiin waligaltee kiraa manaa kinooti!

Shakkamaan Yoo Bade A/Alangaa Galmee Qorannoo Bu'uura SDFY kwt 42(1) tiin Cufuu Ni Danda'aa โ“ โœ… Akkaataa Sdfy kwt 42(1) tiin himannaa dhiyeessuun kan hin danda'amne: ๐Ÿ…ฐ๏ธ A/Alangaa ragaa gahaan balleessaa taasisu kan hin jirre ta'uu yoo hubate. ๐Ÿ…ฑ๏ธ Nama shakkame argachuun kan hin danda'amne yoo ta'ee fi bakka hin jirretti himannaa ilaaluun kan hin danda'amne yoo ta'eedha โœ… Egaa Haala ijaarama tumaawwan SDFY kwt 42 [1{A Fi B}] hubachuun akkuma danda'amu; tumaa xiqqaa (b)'n k raawwatiinsa kan qabaatu galmeen qorannoo yeroo qoratamu gochi Yakkaa raawwachuu isaaf ragaa gahaan jiraachuu fi eenyummaan raawwataa yakkichaa ragaadhaan mirkanaa'ee garuu immoo raawwataa yakkichaa argachuuf kan hin danda'amne yoo ta'ee fi Himannicha bakka hin jirretti dhagahuun kan hin danda'amne yoo ta'eedha. ๐Ÿ‘‰ Raawwataan yakkichaa argamuu dhabuuni fi bakka inni hin jirretti ilaalamuu dhabuun himannaa walitti hidhamee dubbifamuu qaba. โœ…A/Alangaa Galmee Qorannoo kana qorachuun ragaan dhiyaate gochi Yakkaa raawwatamuu haala gahaa ta'een kan mirkaneessu fi eenyu akka raawwate kan agarsiisu yoo ta'e; hojiin A/A inni itti aanu 'himannichi bakka himatamaan hin jirretti ilaalamuu ni danda'a moo hin danda'u ' kan jedhu adda baasuun bakka himatamaan hin jirretti kan hin ilaalamne yoo ta'e Murtii "hin himachiisu" jedhu dabarsuu akka qabu kan agarsiisudha. ๐Ÿ‘ Kanaafuu, eenyummaan raawwataa yakka tokkoo mirkanaa'ee garuu raawwaticha argachuun kan hin danda'amne yoo ta'ee fi dhimmichi bakka himatamaan hin jirretti kan hin ilaalamne yoo ta'e A/A galmee Qorannoo kana bu'uura Sdfy kwt 42(1)(B)tiin Cufuu qaba. ๐Ÿ‘ Maddi ๐Ÿ‘‰ A/A Waliigala Federaalaa

Wareegamuu Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Walmaraa kan turan aadde Warqee Fakkansaa ilaalchisee gadda guddaa fi ulfaataatu na
+1
Wareegamuu Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Walmaraa kan turan aadde Warqee Fakkansaa ilaalchisee gadda guddaa fi ulfaataatu natti dhaga'ama๐Ÿ˜ญ Aadde Warqee waliin kan wal barre leenjii ILQSO marsaa 16ffaa irratti ture ;Nama gaarii fi hubattuu turte! Eegaa jiruun biyya lafaa hirkoo sobaati nama ganti nagaan boqodhu๐Ÿ˜ญ Maatii fi firoottan ishiifis jajjabinaan hawwa๐Ÿ˜ญ

Kun Foormii waligaltee bitta manaati. Yeroo mana walirraa bittan, waligalteen keessan ulaagaa armaan gadi kana guutuu isaa mi
+1
Kun Foormii waligaltee bitta manaati. Yeroo mana walirraa bittan, waligalteen keessan ulaagaa armaan gadi kana guutuu isaa mirkaneeffadha. suuraan lammaffaa irra jiru, akka fakkeenyaatti kan hojjetameedha. Bifa sanaan guutamu qaba jechuudha. Itti fayyadamaa. Dhimmoota seeraa biroo baruudhaaf page kana follow godha. Galatoomaa.

Maqaa dhuunfaa ofii jijjirrachuun Ni danda'ama? Eeyyeen ni danda'ama garuu,maqaa abbaa ofii fi akaakayyuu jijjiruun tasuma hi
+1
Maqaa dhuunfaa ofii jijjirrachuun Ni danda'ama? Eeyyeen ni danda'ama garuu,maqaa abbaa ofii fi akaakayyuu jijjiruun tasuma hin danda'amu! Guci armaan gadii kan jijjirraa maqaati!

โœ…โœ…แ‹จแˆ›แˆตแˆจแ‹ณแ‰ต แ‹ฐแˆจแŒƒ แ‰ แแ‰ตแˆ แ‰ฅแˆ”แˆญแค แ‰ แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆ แŠฅแŠ“ แ‰ แˆตแˆซ แŠญแˆญแŠญแˆญ Abrham Yohannes ๐Ÿ‘‰แ‰ แแ‰ตแˆ แ‰ฅแˆ”แˆญ แˆฐ/แˆ˜/แ‰. 215100 แ‰ แแ‰ตแˆ แ‰ฅแˆ”แˆญ แŠญแˆญแŠญแˆญ แ‹จแˆแŠ•แŠจแ‰ฐแˆˆแ‹ แ‹จแˆ›แˆตแˆจแ‹ณแ‰ต แ‹ฐแˆจแŒƒ แŠจแˆแˆˆแ‰ฑ แ‹ˆแŒˆแŠ• แ‹จ
โœ…โœ…แ‹จแˆ›แˆตแˆจแ‹ณแ‰ต แ‹ฐแˆจแŒƒ แ‰ แแ‰ตแˆ แ‰ฅแˆ”แˆญแค แ‰ แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆ แŠฅแŠ“ แ‰ แˆตแˆซ แŠญแˆญแŠญแˆญ Abrham Yohannes ๐Ÿ‘‰แ‰ แแ‰ตแˆ แ‰ฅแˆ”แˆญ แˆฐ/แˆ˜/แ‰. 215100 แ‰ แแ‰ตแˆ แ‰ฅแˆ”แˆญ แŠญแˆญแŠญแˆญ แ‹จแˆแŠ•แŠจแ‰ฐแˆˆแ‹ แ‹จแˆ›แˆตแˆจแ‹ณแ‰ต แ‹ฐแˆจแŒƒ แŠจแˆแˆˆแ‰ฑ แ‹ˆแŒˆแŠ• แ‹จแ‰ฐแˆปแˆˆ แ‹ซแˆตแˆจแ‹ณแ‹ แˆ›แŠ• แАแ‹ (preponderance of evidence) แ‹จแˆšแˆˆแ‹แŠ• แ‰ แˆ˜แˆ˜แˆญแˆ˜แˆญ แАแ‹แข ๐Ÿ‘‰แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆย  แˆฐ/แˆ˜/แ‰. 37256 แ‰…แŒฝ 8 แ‹จแ‹ˆแŠ•แŒ€แˆ แŠญแˆต แ‹จแˆ›แˆตแˆจแŒƒ แˆแ‹˜แŠ“ แˆ˜แˆญแˆ… แŠจแˆแŠญแŠ•แ‹ซแ‰ณแ‹Š แŒฅแˆญแŒฃแˆฌ แ‹จแ€แ‹ณ /Beyond reasonable doubt/ แ‹จแˆšแˆ แˆฒแˆ†แŠ• แ‰ แ‹šแˆ… แ‹จแˆ›แˆตแˆจแŒƒ แŠ แˆ˜แ‹›แ‹˜แŠ• แˆ˜แˆญแˆ… แˆ˜แˆ แˆจแ‰ต แ‰ แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆ แŒฅแ‹แ‰ฐแŠ› แˆˆแˆ›แˆฐแŠ˜แ‰ต แŒ แŠ•แŠซแˆซแŠ“ แ‹จแˆ›แ‹ซแˆปแˆ› แˆ›แˆตแˆจแŒƒ แ‹ซแˆตแˆแˆแŒ‹แˆแข ๐Ÿ‘‰แŠ แˆฐแˆชแŠ“ แˆฐแˆซแ‰ฐแŠ› แˆฐ/แˆ˜/แ‰. 37256 แ‰…แŒฝ 8 แ‹จแŠ แˆ แˆชแŠ“ แˆ แˆซแ‰ฐแŠ› แŠ แ‹‹แŒ…แŠ• แˆ˜แˆ แˆจแ‰ต แ‹จแˆšแ‹ซแ‹ฐแˆญแŒ แŠญแˆต แ‰ แ‰ฃแˆ•แˆชแ‹ญแ‹ แŠจแ‹ฒแˆฒแ•แˆŠแŠ• แŠฅแˆญแˆแŒƒ แŒ‹แˆญ แŠฅแŒ…แŒ‰แŠ• แ‹จแ‰ฐแ‰†แˆซแŠ˜ แ‰ แˆ˜แˆ†แŠ‘ แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆ›แŠ•แŠ›แ‹แˆ แ‹จแ‹ฒแˆฒแ•แˆŠแŠ• แŠญแˆต แ‰ฐแˆแƒแˆšแАแ‰ต แ‹จแˆšแŠ–แˆจแ‹ แ‹จแˆ›แˆตแˆจแŒƒ แˆแ‹˜แŠ“ แˆ˜แˆญแˆ… แŠจแ‹ˆแŠ•แŒ€แˆ แŠญแˆต แ‹จแˆ›แˆตแˆจแŒƒ แˆแ‹˜แŠ“ แˆ‹แˆ‹ แ‹ซแˆˆ แАแ‹แข แ‰ แˆ˜แˆ†แŠ‘แˆ แ‰ แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆ แ‰ฐแŠจแˆถ แАแƒ แ‹จแˆšแ‹ˆแŒฃ แˆ แˆซแ‰ฐแŠ› แ‰ แ‹ฒแˆฒแ•แˆŠแŠ• แ‰ขแŠจแˆ แˆต แŠ แŒฅแŠ แˆ†แŠ– แ‹จแˆ˜แŒˆแŠ˜แ‰ต แ‹•แ‹ตแˆ‰ แˆ แŠ แˆŠแˆ†แŠ• แ‹ญแ‰ฝแˆ‹แˆแข แ‰ แ‹šแˆ…แˆ แˆแŠญแŠ•แ‹ซแ‰ต แŠจแ‹ˆแŠ•แŒ€แˆ แŠญแˆต แАแƒ แ‰ แˆ˜แ‹แŒฃแ‰ต แ‰ฅแ‰ป แŠ แŠ•แ‹ต แˆ แˆซแ‰ฐแŠ› แ‹ˆแ‹ฐ แ‰€แ‹ตแˆž แˆฅแˆซ แˆแˆ˜แˆˆแˆต แ‹ญแŒˆแ‰ฃแˆ แ‰ แˆ›แˆˆแ‰ต แ‹จแˆšแ‹ซแ‰€แˆญแ‰ แ‹ แŒฅแ‹ซแ‰„ แ‹จแˆ•แŒ แ‹ตแŒ‹แ แŠ แ‹ญแŠ–แˆจแ‹แˆแข แˆตแˆˆแˆ†แАแˆ แ‹จแˆ แˆซแ‰ฐแŠ›แ‹ แŒฅแ‹ซแ‰„ แˆŠแˆตแ‰ฐแŠ“แŒˆแ‹ต แ‹จแˆšแŒˆแ‰ฃแ‹ แˆ‹แˆ‹ แ‹ซแˆˆ แ‹จแˆ›แˆตแˆจแŒƒ แˆแ‹˜แŠ“ แˆ˜แˆ แˆจแ‰ต แ‰ฐแ‹ฐแˆญแŒŽ แˆˆแŠ แ‹ตแˆซแŒŽแ‰ฑ แ‰ฐแŒ แ‹ซแ‰‚ แˆ†แŠ– แˆ˜แŒˆแŠ˜แ‰ต แŠ แˆˆแˆ˜แŒˆแŠ˜แ‰ฑแŠ• แˆ˜แˆ แˆจแ‰ต แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒ แАแ‹แข

โžคแ‹แ‰ƒแ‰ค แˆ•แŒ #แ‹จแˆ™แˆตแŠ“ #แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆŽแ‰ฝ แŠ แ‹‹แŒ… แ‰แŒฅแˆญ 881/2007 แˆ˜แˆฐแˆจแ‰ต แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒ แŠญแˆต แˆฒแ‹ซแ‰€แˆญแ‰ฅ แ‰ แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆ แˆ•แŒ แŠ แŠ•แ‰€แŒฝ 23/2 แˆ˜แˆ แˆจแ‰ต #แ‹จแŠ แŠ•แ‹ต #แ‰ฐแŠจแˆณแˆฝ #แ‹จแˆƒแˆณแ‰ฅ #แŠญแแˆ #แŠฅแŠ•แ‹ฒแ‹ซแˆจแŒ‹แŒˆแŒฅ #แ‹จแ‰ฐแŒฃแˆˆแ‰ แ‰ต #แ‹จ
+9
โžคแ‹แ‰ƒแ‰ค แˆ•แŒ #แ‹จแˆ™แˆตแŠ“ #แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆŽแ‰ฝ แŠ แ‹‹แŒ… แ‰แŒฅแˆญ 881/2007 แˆ˜แˆฐแˆจแ‰ต แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒ แŠญแˆต แˆฒแ‹ซแ‰€แˆญแ‰ฅ แ‰ แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆ แˆ•แŒ แŠ แŠ•แ‰€แŒฝ 23/2 แˆ˜แˆ แˆจแ‰ต #แ‹จแŠ แŠ•แ‹ต #แ‰ฐแŠจแˆณแˆฝ #แ‹จแˆƒแˆณแ‰ฅ #แŠญแแˆ #แŠฅแŠ•แ‹ฒแ‹ซแˆจแŒ‹แŒˆแŒฅ #แ‹จแ‰ฐแŒฃแˆˆแ‰ แ‰ต #แ‹จแˆ›แˆตแˆจแ‹ณแ‰ต #แˆธแŠญแˆ #แˆˆแˆ™แˆตแŠ“ #แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆŽแ‰ฝ #แ‰ แ‰ฐแˆ˜แˆณแˆณแ‹ญ #แ‰ฐแˆแŒปแˆš #แ‹จแˆ›แ‹ญแˆ†แŠ• #แˆตแˆˆแˆ˜แˆ†แŠ‘ แŠฅแŠ“ แ‰ แˆ™แˆตแŠ“ แ‹ˆแŠ•แŒ€แˆŽแ‰ฝ แŠ แ‹‹แŒ… แ‰ แ‰ฐแ‹ฐแАแŒˆแŒˆแ‹ แˆ˜แˆฐแˆจแ‰ต แŒแ‹™แ‹แ‹Š แแˆฌแАแŒˆแˆญ แˆ˜แˆแŒธแˆ™ แ‰ แ‰ฐแˆจแŒ‹แŒˆแŒ  แŒŠแ‹œ #แ‰ฐแŠจแˆณแˆน แ‰ แ‹ตแŠ•แŒ‹แŒŒแ‹ แ‹จแ‰ฐแˆ˜แˆˆแŠจแ‰ฐแ‹แŠ• แŒแ‹™แ‹แ‹Š แแˆฌแАแŒˆแˆญ #แˆˆแˆ˜แˆแŒธแˆ แ‹จแАแ‰ แˆจแ‹แŠ• #แ‹จแˆ€แˆณแ‰ฅ #แŠญแแˆ #แ‰ฐแ‰ƒแˆซแŠ’ #แˆ›แˆตแˆจแŒƒ #แ‰ แˆ›แ‰…แˆจแ‰ฅ #แŠฅแŠ•แ‹ฒแ‹ซแˆตแ‰ฐแ‰ฃแ‰ฅแˆ แ‹จแˆ›แˆตแˆจแ‹ณแ‰ต แˆธแŠญแˆ™ แ‹ˆแ‹ฐ #แ‰ฐแŠจแˆณแˆน #แ‹จแˆšแ‹žแˆญ แˆตแˆˆแˆ˜แˆ†แŠ‘แค แˆฐ/แˆ˜/แ‰. 162738 โžฒ แ‰…แ… 24 Ale hig

Beeksisa Hojii Ogeeyyii Seeraa tiif Now Hiring: Legal Officer | Badreg Pvt. Ltd. Co. โ€” Addis Ababa Badreg Pvt. Ltd. Co. is looking for a qualified and motivated Legal Officer to join our team in Addis Ababa. Position: Legal Officer Employment Type: Permanent (after probation) Location: Addis Ababa Deadline: June 1, 2026 Requirements: LLB Degree in Law 0โ€“1 years of experience (certified) Strong knowledge of Ethiopian laws and regulations Experience in drafting, reviewing, and negotiating contracts Excellent communication and negotiation skills Ability to manage disputes, claims, and compliance matters High ethical standards and professional integrity Salary: As per company scale How to Apply: Submit your CV and relevant documents in person at our head office โ€” Somale Tera, near Teklehaymanot Hospital, Addis Ababa โ€” or send via email to hrbadreg@gmail.com within 5 working days of this announcement. For inquiries: +251 111 264 031 / +251 911 400 575 ---------------------------------------