Gola Seeraa Sabaa'if Guyyaasaa
Kanalga Telegram’da o‘tish
𝐀𝐛𝐨𝐮𝐭-𝐋𝐚𝐰 𝐢s a 𝐋eading 𝐄-𝐋egal 𝐒ervice 𝐏odium, 𝐖hich 𝐢s 𝐒et 𝐔p 𝐛y 𝐒𝐚𝐛𝐚𝐚'𝐢𝐟 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐭o 𝐏rovide 𝐕arious 𝐋egal 𝐒ervices! (𝐎𝐑𝐎𝐌𝐈𝐀,𝐄𝐓𝐇𝐈𝐎𝐏𝐈𝐀 & 𝐖𝐎𝐑𝐋𝐃) Contact Us:- 𝐅𝐚𝐜𝐞𝐛𝐨𝐨𝐤:
Ko'proq ko'rsatish1 125
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+17 kunlar
+530 kunlar
Postlar arxiv
Abbaan Seeraa osoo dhaddacha gaggeessaa jiruu,;abukaatoon himataa baay'ee waan isa rakkiseef, abukaatoo kanaan "ati seera hin barannee moo?" jedhan.
Sana booda abukaatichi akkas jechuun deebise: "kabajamaan Mana Murtii yoo barbaachise LLB(digirii jalqabaa Seeraa)kiyya Yuunivarsiitii Finfinnee Reejistraala irraa bu'uura SDFHH keewwata 145 tiin fichisiisee ilaaluu danda'a"jedheen jedhama.
😂😂🤪🤪🤪🤪🤪
Yakki shamarran fi ijoollee irratti raawwatu eegeree biyyaaf yaaddoo guddaadha!
Warri biyya bulchitan gocha akka kanaa qaamoolee seeraatiif dabarsitanii yoo hin kennine guyyaa biraa immoo maatii keessanii fi daa'mman keessan irratti raawwachuu hin oolu!
Gochi balafamaan akka kanaa gara kibba Oromiyaatti heddummachaa jira!
Gareen wal falman guutummaatti ykn. Gar-tokko dhihaachuu hafuu isaanii irraan kan ka’e M/Murtii beellama akka jijjiiru seerri gonkumaa hin hayyamu. Haa ta’u malee M/Murtii ammas taanaan darbee darbee dhihaachuu hafuu bitaa fi mirgaa irraa kan ka’e beellama yeroo jijjiiran ni mul’ata. Hojmaatni kun garuu seeraan kan hin deggeramneefi dhimmas gar-malee lafa irra kan harkisu waan ta’eef sirraa’uu qaba.
Sababa gareen wal falman dhihaachuu hafaniif galmeen yoo cufame ykn. himatichi (oliyyannichi) yoo haqame cufamuun galmichaa ykn haqamuun himatichaa bu’aan dhimmicha irratti hordofsiisu ilaalchisee galmeen himannaa tokko bu’uura SDFHH kew 69(2) ykn 70 (d) tiin yoo cufame himataan gatii A/Seerummaa fi kisaaraa barbaachisaa kanfalee galmichi irra deebi’ee bansiisuun dhimmichi akka itti fufu gochuu ni danda’a. Kanaafi himataan sababa kam iyyuu akka dhiheessu irraa hin eegamu. Akkasumas himatichi darbiinsa yerootiin hanga hin daangessaminitti galmicha yeroo kam iyyuu mirga bansiisachuu kan eegameefiidha. Karaa kan biros bu’uura S/D/F/S kew, 73 tiin himati duraa erga haqamee ykn. Kew, 69 (2) ykn. kew ,70 (d) ykn. kew, 73 tiin oliyyannichi erga haqameen booda, himataan himata duraatiif ykn. Oliyyannoof dhimma ka’umsa ta’e bu’uura godhachuun himata haarawaa kan biroo dhiheessuu hin danda’u. Yoo ta’es garuu himatamaan guyyaa beellama duraa hafuu kan danda’e sababa ga’haan ta’uu ibsuun himatni ykn oliyyatni haqame irra deebi’ee socho’uun falmichi akka itti fufu himatichi ykn oliyyannichi haqamee yeroo ji’a tokkoo keessatti dhihaatee M/murtichaa gaafachuu ni danda’a. M/murtichaas iyyata himataa bifa kanaan dhihaate himatamaa akka qaqqabu taasisuun deebii himataa fuudhee erga qorateen booda gaaffii dhihaate qorachuun himataan guyyaa beellama duraa kan hafeef sababa gahaan ta’uu isaa yoo itti amane waa’ee kaffaltii baasii fi kisaaraa ajaja barbaachisaa kennuun galmeen sababa haqamuu himataa fi oliyyannootiif cufame banamee falmichi akka itti fufu ajajuu ni danda’a.Gaaffiin himataa fudhatama yoo dhabe garuu himataan qaphxii kana qofa irratti oliyyannoo gaafachuun ajajicha yoodiigsise malee dhimmicha irratti bifa kamiin iyyu falmiin lammaffaa irratti taasifamuu hin danda’u.
Dialogue can provide a peaceful path for resolving longstanding differences when it is inclusive, credible, and guided by mutual respect. Its success depends not only on the quality of the discussions but also on the willingness of all stakeholders to compromise, build trust, and put the national interest above political differences. Lasting peace is built through dialogue, not violence.
Waajjiraaleen hundi Adooleessa 2018 irraa jalqabee Kaffaltiin Hojii Mootummaa kamiyyuu Baankii Daldala Itoophiyaatiin karaa elektirooniksii ykn 'Internet Banking' qofaan kaffaltaan akka Raawwatamu jedhamee jira.
Kanaafuu, Waajjiraaleen hundi Adooleessa 2018 irraa jalqabee Baankii Daldala Itoophiyaa waliin waliigaltee mallatteessuun sirnichatti akka fayyadamtan beeksifameera.
Repost from Desalegn B.
Waliigalteewwan Abbaan Warraafi Haati Warraa Gaa'ila Keessatti Raawwatan Yoom Mana Murtiitti Dhiyaatee Raggaasifamuu Qabaa? Kanaan Walqabatee Manni Maree Federeeshinii Waan Jedhe Ni Qabaa? ^^^^√√√√√^^^^^^^^√√√√√√√^^^^^^^^ 🔽Seerri Maatii Oromiyaafi Seerri Maatii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiin bahe, duraa duubaan, kwt 89fi 73 jalatti, abbaawarraa fi haatiwarraa walfuudhanii yeroo waliin jiraatan keessatti waligalteewwan jidduu isaaniitti godhan, yoo mana murtiitiin ragga'an malee bu'aa hin qaban jechuun tumaniiru. Tumaan kun raggaauu qabu jechuun ala yoom mana murtiitti dhiyaachuu akka qaban hin ibsu. Manni Maree Federeeshinii Mootummaa FRDI immoo hiikkoo heeraa dhimmichaan walqabsiisee Lakk.Ga.99/13 irratti kenne keessatti: 👉Gama birootiin, waliigaltee dhirsaafi niitiin gaa'ila keessatti raawwatan dursee mana murtiitti dhiyaatee kan hin raggaasifamne ta'ullee, manneen murtii wayita waliigaltichi dhiyaatuutti yeroo kamittuu fedhii guutuu gareewwaniitiin kan raawwatame ta'uufi dhabuu mirkaneeffatee raggaasisuu qaba. Waan ta'eefis, manneen murtii yeruma waliigaltichi dhiyaateefitti mirkaneessuun murteessuu osoo qabanii sababa waliigaltichi dursee mana murtiitiin hin raggaasifamne jedhuun qofa gaaffii qabeenyaa iyyataa kufaa taasisuun isaanii mirga qabeenyaa Heera kwt 34(3)fi 40(1) jalatti ibsame kan sarbudha jechuun hiikkoo seeraa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF lakk.Ga.144441fi 148107 irratti kenne faallaa heeraati jedhee diigeera. (Kitaaba ogeessi seeraa Yaadataa Gizawu bara 2017 keessa mata duree 'የፌዴረሽን ምክር ቤት የሕገ መንግሥት ትርጉም ውሳኔዎች ማጠቃለያ እና ማብራሪያ" jedhuun fooyyessee qopheesse keessaa kan fudhatame) Hubachiisa: ✍🏻Manni Marichaa hiikkoo kenne keessatti, qabeenyi falmiif sababa ta'e maqaa lamaan isaaniitiin galmaa'uu ibsuudhaan, waliigaltichi gatii hin qabu osuma jedhameellee manni kan waliinii taasifamee galmaa'eera waan ta'eef, qabeenya waliiniiti jedhamuu irraa wanti dhorku hin jiru jedheera. ✍🏻Kana malees, Manni Marichaa gareen lachuu fedhii guutuu isaaniitiin waliigalticha raawwachuu amannaan battaluma dhiyaatetti raggaasisuun akka danda'amu ibseera. (Kunis, dhaddachumti adeemsa hiikkaa ykn qooddii qabeenyaa hogganaa jiru raggaasiisuu kan danda'u ta'uufi dhimmi raggaasisuu darbiinsa yerootiin waan hin daangeffamne fakkeessa) Join:-@desberofMM Desalegn B.
Falmiin nama dhaaltuu ta’ee yeroo dhaalchisaan du’utti daa’ima turee fi nama dhaalaa hintaane giddutti ka’u darbiinsa yeroon akkamitti daanga’uu danda'an?
==============================================================================
SHH kwt 1677 fi 1845: Dh Ijbt MMWF glme lkk 239453(jld 27) irratti murtii kenne ilaala.
==============================================================================
Qabeenyi dhaala du’aa tokko nama dhaalaa hintaaneen yeroo qabamu dhaalonni du’aa daa’ima umrii hingeenne turan mirga isaaniin hojjechuu fi qabeenyichi akka gad-lakkifamuuf himannaa dhiyeeffachuu kan danda’an umriin isaanii waggaa 18 eega guute booda dha. Dhimma falmii dhaalaa umriin hingenyee fi nama dhaalaa hintaane giddutti ka’u ilaalchiseetis darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu waggaa 10 SHH kwt 1845 jalatti tumame yemmuu ta’u namoota daa’imman turaniif waggaan 10 lakkaa’amuu kan jalqabu waggaa 18 eega gahan ykn guutan irraan kaaseetidha.
Falmiin akkasii yeroo hedduu abbaan eega du’e booda falmii ijoollee du’aa haadha biroo irraa dhalatanii fi haadha buddeenaa isaanii (Masaanuu haadha isaanii) giddutti ykn eega haati duute booda abbaa isaanii fi ijoollee duutuu yerootti umrii hingeenne giddutti gahee dhaala du’aa abbaa ykn duutuu haadha isaanii ilaalachisee ka’u irratti kan mul’atudha. Kanaan dura falmii dhaaltota giddutti ka’u ilaalchisee darbiinsi yeroo SHH kwt 1000 jalatti tumame kan raawwatu ta’uu fi dhaaltuu yeroo dhaalchisaan du’u daa’ima ta’e ilaalchisee gaafa umriin waggaa 18 gahe irraa kan lakkaa’amu ta’uu Dhaddachi Ijibbaataa kanaan dura galmee biroo irratti murteessee ture.
Hiikkoon inni amma glme Lkk 239453(jld 27) irratti kenname falmii darbiinsa yeroo nama dhaalaa hintaaneen dhaaltota du’aa yeroo sanatti daa’ima turan giddu ka’uu fi akkaataa SHH kwt 1677 fi 1845 n ka’u ilaalchisee kan kennameedha.
Credit :-Jemal Kumbi
Hojii Lotorii (Abbaa Carraa) Hayyama Malee Hojjachuun yakka tahuu beektuu?
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa
Namoonni tokko tokko meeshaa ykn wantoota addaa addaa bituun bu'aa irraa buufachuuf jedhanii ykn tooftaalee addaa addaa fayyadamuun qaamaan ykn bakkoota garaagaraa irraa karaa sarara intarneetaa (Online) irratti tikkeettii gurguruun kuchisiisuun hojii Lotorii (Abbaa Carraa) hayyama malee hojjachuun babal'achaa jira. Gochi kun yakka ta'uu isaa beektu?
Seerri Maal Jedha?
Akka Labsii Lotorii Biyyoolessaa Lakk. 535/2007 Keewwata 17 tti, hayyama Dhaabbata Lootorii Biyyoolessaa irraa argame malee hojii lotorii sochoosuun guutummaatti dhorgaadha.
Adabbii Yakkaa: Namni eeyyama malee hojii lotorii (Abbaa Carraa) hojjatee argame, akkaataa Labsii Lakk. 535/2007 tiin adabbii Hidhaa: Waggaa 3 gad hin taane, waggaa 5 kan hin caalle fi Adabbii Maallaqaa: Qarshii 50,000 gad hin taane, qarshii 100,000 kan hin caallen adabama jechuun tumamee jira.
Hojii seeraan alaa seeraan nama gaafachiisu irraa of qusadhaa!
#Shakkamaan teessoo dhaabbi hin qabu jechuun mirgi wabii dhorkamuu hin qabu,kanaaf mirga wabii dhorkuun immoo dogogora seeraati
Dhaddacha ijibbataa mana murtii waligala federalaa lakk galmee131863
👉⚖HIIKOO DIRQISIISAA DHADDACHA IJIBBAATAA FEDERAALAA DHIMMA LAFA MAGAALAA ILAALCHISEE KENNE:
⚖3️⃣6️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 23ffaa Lakkoofsa Galmee 150803 ta'e irratti "qaamni aangoo qabu qabiyyee Lafa Magaalaa seeraan ala qabame,mana ijaarame akeekkachiisa barreeffamaa guyyoota hojii torba kennuu fi Beenyaa kanfaluun osoo hin barbaachisin ajaja gadi lakkisiisuu kennuu akka danda'u,namni qabiyyee Lafa magaalaa weeraraan/saamichaan qabate sun yakkaanis himatamee adabamuu akka qabu" Labsii keewwata 26(4),27 fi 35(1) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
⚖3️⃣7️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 18ffaa Lakkoofsa Galmee 100671 fi Jildii 22ffaa Lakkoofsa Galmee 141606 ta'an irratti "Lafa duwwaa bituu fi gurguruun seeraan ala akka ta'e,fi lafti waliigaltee akkanaatiin argamuu akka hin dandeenye" heera mootummaa keewwata 40(3) waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
⚖3️⃣8️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 20ffaa Lakkoofsa Galmee 207777 ta'een "qabiyyee Lafa Magaalaa irratti yeroo Liiziin addaan citu,namni qabiyyicha irratti qabeenya horate yeroo waggaa tokko keessatti kaafatee qabiyyee qaama aangoo qabuuf deebisee harkaan gahuu akka qabu" Labsii Lakkoofsa 721/2004 keewwata 25(1)(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo laatee ture.
⚖3️⃣9️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 20ffaa Lakkoofsa Galmee 111311 ta'e irratti "namni kamiyyuu qaama aangoo qabu irraa eeyyama osoo hin argatin qabiyyee seeraan argate cinaa qabiyyee Lafa isaa qabiyyee mootummaa ta'e irratti bal'ifatee qabachuu fi fayyadamuu akka hin dandeenye" Labsicha keewwata 5(2) wallin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
⚖️Mirgoota Daa'immanii:
1️⃣.Daa’ima jechuun akka seeraatti nama umriin isaa waggaa 18 gadi ta’e hunda jechuudha.
2️⃣.Daa'imman kamiyyuu lubbuun jiraachuuf mirga qabu,Heera Mootummaa kew. 36(1)(A).
3️⃣.Daa'imman kamiyyuu maqaa argachuuf, akkuma dhalateen galmaa'uuf mirga qabu,Heera kew. 36,ICCPR kew. 24,fi Seer Maatii Oromiyaa kew. 234.
4️⃣.Daa'imni kamiyyuu Lammummaa argachuuf mirga qaba,HM kew. 36(1)(B) fi ICCPR kew. 24(3).
5️⃣.Daa'imni umuriin isaa waggaa sagal hin guunne yakkaan gaafatamuu dhabuuf mirga qaba,SY kew. 52.
6️⃣.Daa'imni kamiyyuu warra isaa yookiin namoota isa guddisuuf seeraan mirga qaban beekuu fi kunuunsa isaaniis argachuuf mirga qaba,HM kew. 36(1)(C).
7️⃣.Daa'imman yookiin ijoolleen umriin isaanii waggaa 18 gadi ta'an warra isaanii irraa qallaba ykn nyaata,bakka jireenyaa,uffata,fayyaa isaa ittiin eeguu fi akkuma dhimmichaatti barumsaaf wanta barbaachisaa ta'e argachuuf mirga qaba,HM kew. 36(1)(C),SMO kew. 214,215,CRC kew. 3,fi Maanuwaalii MQDMMO bara 2013 bahe.
8️⃣.Daa'imni kamiyyuu gochaawwan humna isaa ittiin saamamu irraa eegamuu, barumsa,fayyaa fi nageenya isaa irratti miidhaa kan qaqqabsiisan akka hojjatu dirqisiifamuu dhabuu ykn hojjachuu irraa eegamuuf mirga qaba.
9️⃣.Daa'imni kamiyyuu Manneen Barnootaa ykn Dhaabbattoota guddisa Daa'immanii keessatti adaba hammeenyaa fi farra namummaa qaama isaa irratti raawwatamu irraa bilisa ta'uuf mirga qaba,HM kew. 36(1)(E).
🔟.Daa'imni kamiyyuu Dhaabbattoota Mootummaatiin ykn Dhaabbattoota dhuunfaatiin,Manneen Murtiitiin,Abbootii Taayitaa Bulchiinsaatiin ykn Qaamota Seera Baasuutiin tarkaanfiiwwan daa'imman ilaallatan yommuu fudhataman nageenyummaan Daa'immanii dursamee itti yaadamuu qaba,HM kew. 36(2).
1️⃣1️⃣.Daa'imni kamiyyuu bifaan , sanyiin, sabaan,sab-lammiidhaan, amantaan, saalaan,dhalootaan,qooqaan,dhufiinsa hawaasummaatiin, qabeenyaan garaagarummaa osoo hin godhamin wabummaa seeraa walqixa argachuuf mirga qabu,HM kew. 25,fi ICCPR kew. 24.
1️⃣2️⃣.Ijoolleen sirna fuudhaaf heerumaa alatti dhalatan ijoollee sirna fuudhaa heerumaa keessatti dhalatan wajjiin mirga walqixa qabu,HM kew. 36(4)
https://t.me/+V-wcz_6531OeMR-o
+1
Himatamtoonni Ogeessa fayyaa irratti Yakka Wanbadummaa raawwatan hidhaa cimaan Adabaman.
Oolmaa Dhaddacha mana murtii Ol'aanaa Magaalaa Roobee Kan Gaafa Guyyaa 30/10/2018 Himataan A/ Alaangaa Godina Baalee fi Himatamtoonni 1ffaa Sulxaan Huseen Jaldoo, 2ffaa Ibraahim Huseen Muhammad fi 3ffaa Boonsaa Awwal Kadiir Kan jedhaman Gaafa Guyyaa 02/08/2018 Ganama Keessa Sa'aatii 1:30 Yoo ta'u Bulchiinsa Magaalaa Roobee Kutaa Magaalaa Addooshee Walashee Ganda Caffee Donsaa Iddoo Addaa Buufata konkolaataa Duraanii Keessatti Miidhamaa Dhuunfaa Waaqoo Kadir Tuggee Jedhamu irratti Yakka Wanbadummaa Cimaa Gareen irratti raawwatan Ilaachiisee Manni murtii olaanaa Magaalaa Roobee Dhaddacha gaafa guyyaa 30/10/2018 ooleen Isaanii fi fakkaattota isaanii ni barsiisa jedhee kan itti amane Himatamaa1ffaa Adabbii hidhaa Waggaa Lamaa( 2), Himatamtoota 2ffaa fi 3ffaan immoo Adabbii hidhaa Waggaa Lamaa (2) fi Baatii sadiin (3) akka adabaman jechuun adabbii irratti dabarseera.
Yakkoota Lubbuu Namaa Irratti Raawwataman (SY keewwata-539-543).
Namni kamiyyuu itti yaadee ykn dagannoon meeshaa miidhaa dhaqabsiisuun ykn tooftaa akaakuu kamiiniyyuu fayadamee nama biroo ajjeesu ni danda’a. Yakkamtooni ajjeechaa lubbuutiin himatamani balleessa jedhaman irratti adabbiin murtaa’u Akkuma salphinaafi ciimina ajjeechaa isaan raawwtan irratti kan hundaa’u yoo ta’uu, keewwatooni seera 539-543Jalatti namni balleessa jedhame firii dubbii kewwatoota keessatti kaa’aman irratti hundaa’uun sadarkaa isaani haala kamiin akka qophaa’e akka armaan gaditti ilaaleera.
A) Ajjeechaa Namaa Cimaa (SY keewwata-539)
Keewwata seeraa kanaaf sadarkaa fi gulantaan kan ba’ee yeroo jalqabaaf ta’ee adabbiin tumamee jiru hidhaa umurii guutuu yookaan du’a waan ta’eef, keewwata 539(1) jalatti A-C ttii keewwata xiqqaa sadaniifuu sadarkaa lama lama qopha’eera. Keewwatni seeraa kun sadarkaan kan ba’eef baayyina firii dubbii yakkiichaa hundeessan fi/ykn haallii raawwii yakkiichaa baay’ee cimaa ykn cimaa ta’uu isaa kan bu’uureeffatee dha.
Haalli raawwii yakkiichaa cimaa yookiin baay’ee cimaa kan jedhamuu haala kamiin yoo raawwatamedha kan jedhuu gaaffii kan kaasisu ta’ulleen dhimma kan qajeelfama adabbiitiin cufuun/tartiibanii xumuruun/ dhimmicha bal’isuun rakkisaa kan taasisu caalaa Manneen Murtii akka qabatama naannoo isaaniitii dhimmicha akka hin madaallee kan isaan taasisu waan ta’eef, kun ammoo kaayyoo qajeelfamichii yaadameef ala waan taasisuuf aangoon kun M/Murtiif akka dhiifamu taasifameera. Kun akkuma jirutti ta’e manni murtii yakkamtoota irratti adabbii du’aa murteessuun dura ulaagaalee SY keewwata-117 jalatti kaa’aman ilaalu qaba. Bu’uura kanaan 539(1) (A) dhaaf Yakkichii dursamee kan itti yaadame ta’ee haalli raawwii isaa cimaa yoo ta’e yookaan yakkiichaa haala keewwata 84 ykn keewwata 86tiin qabxii adabbii cimsu 2 hin caallen kan raawwatamee yoo ta’ee sadarkaan isaa 1ffaa ta’ee adabbiin ka’umsaa isaa umurii guutuu ta’a jechuu dha.
FKN: “C”n SY keewwata-539(1A) jalatti himatame balleessaa jedhameera. Sababoota waliigalaa adabbii cimsan keewwata-84(a, b, d) jalatti kaa’aman Sadii argamaniiru, Sadarkaan yakkiichaa akka armaan gadiitti adda baha:
*Yakkichii dursamee kan itti yaadame dha,
*Baayyina firii dubbii yakkiichaa hundeessan keewwata-84 jalatti sababoota Sadii argamani jiru
* Kun immoo sadarkaan isaa 2ffaa yommuu ta’u gulantaa 39ffaa jalatti kan kufuu ta’a. Kanaafuu, M/murtii gulantaa kana jalatti adabbii murteessuu qaba.
#Haqa
#Dhugaa
#Seera
#Heera
https://t.me/sebaifguyasa
Namni Tokko Sababuma Lafa Nama Biroo Irratti Mana Ijaareef Lafa Manni Irratti Ijaarame Irratti Mirga Ni Argataa? Mirgi Qabiyyee Lafaa Haala Kamiin Argamuu Danda'a? Heerri Mootummaa RDFI Sirna Qabannaa Lafaa Jijjiiruun Isaa Haala Argannaa Mirga Qabiyyee Lafaa Irratti Dhiibbaa Akkamii Qabaataa?°°°°√√√√°°°°°°°√√√√√√°°°°°°°°°°√√√√√√
Manni Maree Federeeshinii FDRI, murtii Bara Paarlaamaa 6ffaa, Waggaa 2ffaa, Yaa'ii Idilee 2ffaa, Lakk.Ga.106/2015 ta'e irratti, Iyyataa-Alebel Siisay fi Waamamaa-Mammiree Siisay Akaalee jedhaman gidduutti ilaalee murteesse keessatti: 👉Namni tokko qabiyyee lafaa itti fayyadamuuf mirga irratti hin arganne (qabne) irratti qabeenya yoo horate, qabeenyichi kan horatame humna isaatiin, maallaqa isaatiinifi dandeettii waa uumuu isaatiin ta'ullee, manicha irratti mirga abbaa qabeenyummaa guutuu kan Heera irratti hundaa'eefi eegumsa qabu kan argatu dursee mirga itti fayyadama lafichaa mootummaa irraa yoo argatedha. Namni tokko qabiyyee kan isaa hin taane irratti mana ijaarratee (horatee) yoo argames, akkaataa hariiroo seera qabeessa namni sun abbaa qabiyyee waliin qabuun dhimmichi furmaata kan argatuufi maallaqa baase kan gaafatu yoo ta'e malee, abbaa qabeenyaa manichaa ta'uu hin danda'u jedheera. Dhaddachi Ijibbaataa MMWF immoo hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 30/11/2017 ooleen Lakk.Ga.242314 irratti (abbootii seeraa torba ta'uun) kenne keessatti xiinxala Manni Maree Federeeshinii taasise keessaa keeyyata (Paragraph) olitti ibsame fudhachuun ibsa dabalataa wayita kennu: 👉Haala hiikkoo kanaatiin qabiyyee lafaa irratti gaaffii mirgaa kaasuuf, abbaa qabeenyaafi bulchaa lafaa kan ta'e mootummaafi uummata irraa argachuu kan qabuufi manni ijaarames yoo jiraate, akkaataa hariiroo seeraa abbaa qabiyyee waliin qabuun mirgichi kan murtaa'u ta'uun jala sararamuu kan qabudha. Kanarraa hubachuun kan danda'amu, sababa Heerri Mootummaa sirna qabannaa lafaa jijjiireera jedhuun mana ijaaruun lafa manni irratti ijaarame irratti akka mirga kennisiisutti tumaalee Seera Hariiroo Hawaasaa hiikuun qabiyyeefi afuura heeraa waliin kan hin deemnedha" jedheera. ❓Akka waliigalaatti, Dhaddachi Ijibbaataa MMWFfi Manni Maree Federeeshinii lafti kan uummataafi mootummaati waan jedhameef qofa lafa nama biroo irratti mana ijaaruudhaan laficha irratti mirga argachuun hin dandaamu gudunfaa jedhurra gahaniirumoo hin geenye? Mee, akkam jettan? Join:-@desberofMM . Desalegn B.
+1
#Miira Gaddaafi Cichoominaan Guutame!
Barattuu Badhaatuu Mallasaa jedhamti. Mana barumsa sadarkaa 2ffaa Tulluboollootti qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Osoo Qormaata Irra jirtu guyyaa 2ffaa Irratti abbaan ishee jalaa Boqatan😭
Haa ta'u malee Badhaatun Dadhabbiin Maatin ishee Waggoota Dheeraf itti Dhama'ani Barsiisani Har'an gahan Olmaa Abbaa ishee Karaatti dhiisuu waan hin Feenef Miira cimaa gadda Hamaa Keessa teesse Qormaaticha Xumurterti😔🙏
Kuni Cimina Gaafata; Obboleettin keenya Badhaauun Fakkeenya Cichoominaati.
Dubartii fakkeenya dubartootaa; jabaadhu!
Labsiin Bunaa Raawwatinsa Qabaatu kan Federaalaa osoo taane kan Oromiyaati
================================
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗮 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗹𝗮𝗸𝗸𝗼𝗳𝘀𝗮 𝗚𝗮𝗹𝗺𝗲𝗲 453309 𝘁𝗮'𝗲 𝗜𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗿𝗮𝗮𝘄𝘄𝗶𝗶 𝗟𝗮𝗯𝘀𝗶𝗶 𝗧𝗼𝗼'𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗚𝗮𝗯𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗤𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗶𝗻𝗮 𝗕𝘂𝗻𝗮𝗮 𝗙𝗲𝗱𝗲𝗿𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗡𝗮𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝘆𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗤𝗮𝗯𝘂 𝗜𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗮 𝗚𝗮𝗮𝗳𝗮 13/9/2016 𝗼𝗼𝗹𝗲𝗲𝗻 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗲𝗲𝘀𝗲
Dhaddachi ijibaataa mana murtii waliigala Oromiyaa lakkofsa galmee kana irratti Labsiin Too'annaa Gabaa fi Qulqullina Bunaa Federaalaa labsiin lakk. 1051/2017 dhimma yakkaa qulqullinaa fi daldala bunaan walqabate naannoo Oromiyaa keessatti raawwatameef raawwii kan hin qabnee fi labsiin roggummaa qabu labsii 234/2013 ta'ee dha jechuun murteesee jira.
