Gola Seeraa Sabaa'if Guyyaasaa
Открыть в Telegram
𝐀𝐛𝐨𝐮𝐭-𝐋𝐚𝐰 𝐢s a 𝐋eading 𝐄-𝐋egal 𝐒ervice 𝐏odium, 𝐖hich 𝐢s 𝐒et 𝐔p 𝐛y 𝐒𝐚𝐛𝐚𝐚'𝐢𝐟 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐭o 𝐏rovide 𝐕arious 𝐋egal 𝐒ervices! (𝐎𝐑𝐎𝐌𝐈𝐀,𝐄𝐓𝐇𝐈𝐎𝐏𝐈𝐀 & 𝐖𝐎𝐑𝐋𝐃) Contact Us:- 𝐅𝐚𝐜𝐞𝐛𝐨𝐨𝐤:
Больше1 116
Подписчики
-124 часа
-17 дней
-430 дней
Архив постов
Seerrii Biyya Keenyaa Maal jedha?
gochi akkanaa seera biyyattiitiin itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisuu danda’a.
Akkaataa Labsii Nyaataa fi Qorichaa Lakk. 1112/2011 keessatti:
• “Alkoolii” jechuun dhugaatii qabiyyeen alkoolii isaa 0.5% ykn isaa ol ta’e kamiyyuu dha.•Namni kamiyyuu dhugaatii alkoolii nama umurii waggaa 21 gadi ta’eef gurguruun, dhiyeessuu, kennuu ykn karaa kamiiniyyuu akka inni argatu ykn fayyadamu gochuu hin qabu.
•Namni seera kana cabsuun alkoolii nama umurii waggaa 21 gadi ta’eef gurgure, dhiyeesse ykn kenne, hidhaa salphaa ji’a sadii gad hin taanee ykn qarshii 1,000 hanga 3,000 adabama.
Eenyutu akkaataa Labsii Nyaataa fi Qorichootaa Lakk. 1112/2011kanaan gaafatama?
A. Namni alkoolii daa’imaniif kenne ykn akka dhugu godhe
Namni dhuunfaa, hiriyyaan, maatiin sababa ayyaana jechuun kan dhugaatii obaasan yookaan nama biraa kamiyyuu daa’ima umurii waggaa 21 gadi ta’eef alkoolii yoo kenne, dhiyeesse, gurgure ykn akka inni dhugu yoo godhe, seeraan gaafatama.
“Ani ayyaanuma kana walumaan bashananuuf jedheen kennef” ykn “innis ofii isaatiin dhuguu filate” jechuun itti gaafatamummaa seeraa jalaa isin hin baasuu.
B. Abbaa qabeenyaa ykn hojjetaa mana dhugaatii
Abbaan qabeenyaa, manajarri ykn hojjetaan mana dhugaatii daa’ima umurii waggaa 21 gadi ta’eef alkoolii yoo gurgure ykn dhiyeesse seeraan gaafatama.
Kanaaf Abbaa qabeenyaa fi Manajarri Hoteelaa:
Dhugaatii gurguruu ykn dhiheesuun dura umurii maamiltootaa mirkaneessuu qabu
namoota umurii waggaa 21 gadi ta’anitti alkoolii gurguruu ykn kennuu irraa of qusachuu; hojjettoota isaanii gocha kana irraa ittisuu; fi seera, qajeelfama fi ulaagaalee hayyama hojii kabajuu qabu.
Xumura irratti namoonni suuraa ykn viidiyoo daa'imman hoteela keessa taa'anii dhugaatii dhugaa osoo jiranii viidiyoodhaan waraabee miidiyaa hawaasaa irratti tamsaase, gochaan isaanii akkaataa haala dhimmichaan itti gaafatamummaa seeraa biraa kan hordofsiisu tahuu Keessumattuu, daa’ima salphisuuf, gocha akkanaati kakaasuuf, gocha yakkaa babal’isuuf ykn faayidaa argachuuf tamsaasuun miidhaa dabalataa geessisuu danda’a.
3. Miidiyaa hawaasaa fayyadamuun maal hubachuu qabna?
Gocha seeraan alaa mul’ate gabaasuuf ragaa barbaachisaa ta’e, fakkeenyaaf yeroo, bakka, maqaa namaa fi odeeffannoo dhimmicha adda baasu, karaa nageenya isaanii eegamuun qaama seeraatti dabarsuun eeruu kennuun ni danda’ama. Garuu: suuraa ykn viidiyoo daa’imaa maqaa, fuula ykn eenyummaa isaa haala ifa godhu ummataaf tamsaasuu irraa of qusadhaa; gocha sana akka bashannanaatti babal’isuuf “share” ykn “like” hin godhinaa; fi
ragaa jiru qaama poolisii, Waajjira Abbaa Alangaa ykn qaama mootummaa dhimmi ilaallatuuf karaa sirrii ta’een dabarsaa.
4. Ergaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa abbootii qabeenyaa manneen dhugaatii, maatii, dargaggoota, barsiisota, hoggantoota hawaasaa fi jiraattota hundaaf waamicha kana dabarsa
Daa’ima umurii waggaa 21 gadi ta’eef alkoolii hin gurgurinaa, hin kenninaa, hin dhiyeessinaa; akka inni dhugus hin godhinaa.
Abbootiin qabeenyaa manneen dhugaatii bu’aa daldalaa caalaa nageenya daa’immanii fi kabaja seeraa dursuu qabu. Maatiin daa’imman isaanii hordofuu fi eeguu qabu. Namni kamiyyuu gocha akkanaa yoo arge, callisee bira darbu hin qabu odeeffannoo karaa qaama Poolisii, Waajjira Abbaa Alangaa ykn qaama seeraa dhimmi ilaallatu beeksisuu qaba.
Daa’imman keenya eeguuf hirmaannaan nama tokkoo qofti gahaa miti. Hawaasni hundi waliin dhaabbatee, gocha seeraan alaa kana ittisuu fi gabaasuu qaba.
Seerri daa’ima eega — nutis eeguu qabna!
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa
Arrabsoo fi Salphisuu
✍️Seerrii hoo maal jedha 👇
✍️Seeraa Yakkaa kewwata 615 jalatti ifaan tumee jira 👇
Gochichi bu'uuraa Dambii Darbuun kan Adabsisuu yoo ta’e malee Namnii Kamiyyuu Midhamattii kallattiin dubbachuun ykn wagiboon, Arrabsoon kabajaa isa kan tuqe ykn Mallattoon ykn haala biroo kamiiniyyuu kan salphisee yoo ta'e;
Iyyannoon dhunfaa yommuu irratti dhihatuu hidhaa salphaa ji'a sadii hin caalleen ykn Adabbii maallaqaa Qarshii dhibbaa sadii hin caalleen ni adabama.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇💯👇👇#Waliigaltee_Mana_Siree_fi_Seera
================
® Namoonni sababa garaaraatiin imala, wal-gayii, leenjii kkf yeroo deemaan hoteelatti siree qabatanii buluun kan baratameedha. Akka seeraatti, hariiroo kana keessa mirgaa fi dirqamoota akkamiitu jira laata? Hoteela bultanii meeshaan keessan yoo isin jalaa bade eenyutu itti gaafatama? Hangamiif? Warri abbaa hoteelaa itti gaafatamummaa jalaa kan bahu danda’an yoomiidha? Qabxii jedhu seera rogummaa qabu waliin haa ilaallu.
-------------------
® Maamilli siree qabachuuf gara hoteelaa/mana ciisichaa dhaqe tokko guyyaa sa’a 6:00 hanga bariituu isaa guyyaa irraa sa’a 6:00tti mana ciisichaa sana turuuf mirga qaba. Sa’aatii kana darbaa yoo ture guyyaa itti aanufis siree akka qabatetti lakkaa’ama [SHH kwt 2654, 2655].
------------------------
® Yeroo turtii maamilaa kana keessatti abbaan hoteelaa nageenyaas ta’ee qabeenya maamilaaf eegumsa gochuuf dirqama qaba. Keessattuu, abbaan hoteelaa nyaataa fi dhugaatii maamila isaaf kan dhiyeessu yoo ta’e, nyaannii fi dhugaatii inni dhiyeessu qulqullinna kan qabuu fi fayyaa maamilaa irraan miidhaa kan hin geenya ta’uu qaba. Akkasumas meeshaaleen maamilli qabatee gara hoteelaa deemes akka maamila jalaa hin banne eeguuf dirqama ni qabaata. Sababa nyaataa fi dhugaatii hoteelli dhiyeesseef miidhaa maamila irra gahuuf akkasumas meeshaan maamilli qabatee gara hoteelichaa deeme kan jalaa bade yoo ta’e abbaan hoteelaa itti gaafatamummaa ni qabaata [Seera Hariiroo Hawaasaa kew.2657, 2658 fi 2663].
---------------------
® Haa ta’u malee meeshaan maamilli qabatee gara hoteelaa dhaqe yoo jalaa bade abbaan hoteelaa hangamiif itti gaafatamuu danda’a? yoo maal godhe itti gaafatamummaa jalaa bahuu danda’a? kan jedhu ilaaluun murteessaadha. Akka qajeeltootti, itti gaafatamummaan abbaa hoteelaa murtaa’aa (limited) dha. Kana jechuun meeshaan maamila jalaa bade hanga fedhes yoo ta’e hangi itti gaafatamummaa abbaa hoteelaa Qr. 500 (dhibba shan) qofaadha [Seera Hariiroo Hawaa
🌼🌼 🌼🌼🌼🌼 🌼🌼
Baga bara haaraa 2019 nagaan isin gahe!
Barri haaraa kun kan nagaa, kan itti walii yaadnu, kan milkaa’inaafi kan guddinaa akka isiniif ta’u hawwina!
🌼🌼 🌼🌼🌼🌼 🌼🌼
እንኳን ለ2019 ዓ.ም የዘመን መለወጫ በዓል በሠላም አደረስዎ! አዲሱ ዓመት የሠላም፣ የመተሳሰብ: የስኬትና የዕድገት ዘመን እንዲሆንልዎ እንመኛለን፡፡
አዋሽ ባንክ!
🌼🌼 🌼🌼🌼🌼 🌼🌼
Safuudhabboo:
Miidiiyaan "General Facts" jedhamuu akka jedhe:
Namni tokko bara jireenya isaatti, jechuun waggoota 75-80 gudduutti "kaakkaa" kiiloogiraamii kuma kudha lama (kuntaala 120) gad xuruursa jedhe.
Kiiloogiraamiin kumni kudha lama ulfaatina arboota gugguddaa lamaatiin qixxeedha.
'አንዳንድ ከርሳም'
---------------------------------
የሽሚያ አለም ኑሮ በረከት የነሳው፣
እበላለሁ ብሎ ስስት ያሰከረው፣
ትውልድ የበዛበት ዘመነ ጠማማ፣
እጎርሳለሁ ብሎ ከከርሱ ሲስማማ
ይዞት የነበረው የእሱ አይደለምና፣
እውነቱ ሲታወቅ ሀቁ ሲወጣበት፣
ሳይጎርሰው ተቀማ።
💥Miseensi milishaa nama dirqisiisuun maallaqa qr. 2100 nama irraa fudhate hidhaa salphaa baatii 6 (jaha) tiin adabamee.
⚖️Murtii Barsiisaa
Himatamaan maqaan isaa Caalaa Ahmad Aadam jedhamu yakka Dirqisiisuun fayyadamuu raawwachuuf itti yaadee gaafa guyyaa 21/12/2018 guyyaa irraa tilmaamaan toora sa’aatii 2:00 yoo tahu, Godina Harargee Bahaa Aanaa Gurawaa Araddaa Magaalaa Gurawaa Ganda Qaxanaa 05 iddoo addaa gidduu gala gurgurtaa Itiyoo telekoom jedhamu keessatti miidhamaa dhuunfaa maqaan isaa Mubaarak Haqiil Ahmad jedhamu sababa tokkoon malee humnaan dirqisiisuun qarshii 2,100 (kuma lama fi dhibba tokkoo) waan irraa fudhateef jecha himatamaan seera yakkaa kwt 713 biraa darbuun/cabsuun faayidaa hin malle argachuuf yookiin argamsiisuuf yakkaa dirqisiisuu fayyadamuu raawwateen himatamee jira kan jedhu yoo ta’u.
Kanumaan himatamaan dhaddachaaf dhiyaatee eenyummaan isaa qulqulla’ee dhaddacha irratti garagalchi himannaa kennameefi dubbifameefi naaf galeera jedhe abukatoon falmatta moo ofiif falmatta jedhamee gaafatamee ofiifan falmadha jedhe, mormii sadarkaa duraa akka qabu gaafatamee hin qabu jedhe, jecha amantaa fi waakkii gaafatamee gochan ittin himatamee kana hin raawwanee jedhe waakkatee, ragaan abbaa alangaa dhiyaatee dhagahamuun kan irratti mirkaneesse yo tahu, himatamaan ragaa ittisaa akka dhiyeefatu gaafatamuus hin qabu jedhe guca guutee kan mallatteesse waan taheef kanuman manni murtii Aanaa Gurawaas ragaa abbaa alangaa madalee murtii balleessuma kenne, yaada adabbii abbaa alangaa fi himatamaa dhagahuun dhaddachaa gaafa guyyaa 25/12/2018 oleen adabbii himatamaa ni barsiisa akkasumas fakkatoottaa akka isaa ni akeekkachisaa kaayyoo seeraa yakka galmaan ni gaha jechuun itti amanee adabbii hidhaa salphaa baatii 6 (jaha) adabee jira.
Haqaan Haqaaf Haa Hoojjannuu ❗
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa
~ Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu
osoo hin taane, barumsi nama keessa
darbuudha!
~ Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya
immoo qoramtee baratta!
~ Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu,
irra nama dhugaa sitti himu wajjiin gadditee
boohuu si wayya!
~ Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan
galaana keessatti darbaniiyyuu, Qurxummii
afanitti qabatee keessaa baha!
Quba qabduu?
Hojjataan National ID hin qabne ji'a fulbanaa irraa Miindaan hin kaffalamuuf jedhameera.
Mormii Sadarkaa Duraa
1. Dhimmi himati ittiin dhihaate M/Murtii kan birootti dhihaatee ilaalamaa kan jiru ta’uu isaa.
Dhimmi tokko seerummaan isaa ilaalamee murtaa’uu kan qabu yerooma tokko dha. Kanaafis dhimmicha irratti falmiin geggeeffamee murtiin dhumaa kenname yoo ta’e, dhimmicha irratti gareen komiin itti dhaga’ame, komii isaa sirna seerri hayyamuun M/murtii oliyyannoo dhaga’utti bifa oliyyannootiin dhiheeffatee kan qorachiisuun ala guyyaa eeggatee dhimmichuma irratti himata haaraa akka dhiheessu seerichi hin hayyamuuf. Kanaafis dhimma murtiidhaan dhume irratti himatni irra deebi’ee kan dhihaate yoo ta’e himatamaan qaphxii kana mormii sadarkaa duraatiin kaasuun himatichi fudhatama akka dhabu gochuu ni danda’a. Kanaafis himatni siivilii tokko ilaalamuun kan irra jiru, m/murtii siivilii tokko qofaatti ta’uu isaa SDFHH kew, 7 kan tumu yoo ta’u, dhimma tokko irratti m/murtii lamatti himatni yoo dhihaate M/murtii himatni dursee dhihaateef qofti dhimmicha ilaaluuf aangoo A/Seerummaa akka qabu SDFHH Kew, 8 ni tuma. Sababii ijoon kun barbaachiseefis dhimmi tokko M/murtii lamatti ilaalamee tarii murtiileen wal hin simne yoo kennaman rakkoo raawwii irratti uumamuu danda’u hambisuuf yaadameeti. Kanaafis M/Murtiitti dhimma falmii irra jiru irratti himatni haarawaa kan biroon yoo dhihaate himatmaan qaphxii kana mormii sadarkaa duraatiin kaasuun himatichi fudhatama akka dhabu gochuu ni danda’a.
2.Dandeettii Seerummaa Dhabuu Himataa ta’uu mormiin dhihaatu gama tokkoon himataan dandeettii seerummaa dhabuu (incapacity) ykn. Himataa dhimmicha keessa kan isa hin galchine (no vested interest) ta’uu isaa kan ilaallatuu dha. s/s/d/s lakk 33 (1) jalatti akkuma tumame namni himata dhiheessuu dandeettii seeraa qabaachuu isa gaafata. Kanaafis namni dandeettii hin qabne bu’uura s/s/d/s lakk. 34 jalatti tumameen bakka bu’aadhaan himata dhiheessuun kan irra jiraatuun ala ofii isaatiin dhuunfaan himata dhiheessuu hin danda’u. Akkasumas kan dandeettii qabus yoo ta’e himatichaaf ka’umsa kan ta’e irratti ykn. dhimma himanni irratti dhihaate irratti mirga ykn. faayidaa kan qabu ta’uun isaa yoo mirkanaa’e malee himata dhiheessuu hin danda’u. Kana irra darbees yeroo tokko-tokko himata dhiheessuuf hayyama dursaa barbaachisa. Fakkeenyaaf dursaa hojii dhaabbata daldalaa itti gaafatamaa taasisuuf dhaabbatni daldalichaa himata dhiheessuu kan danda’u walga’iin waliigalaa yoo murteesse qofa ta’uu isaa seerri daldalaa lakk. 365 ni tuma.
+5
Yaa'ii Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa Marsaa 8ffaa Bara 2018/2026
Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jiru suuraan!
Bu'uura Qajeelfama Calallii fi Raawwii Dhiifama Sirreeffamtoota Seeraa Naannoo Oromiyaa Lakk. 6/2010tiin...
👉Haala Addaatiin Sirreeffamtoota seeraa Dhiifamni ilaallatu
=========
Ragaa sobaatiin itti murtaa’uu isaa ragaa qabatamaadhaan kan mirkanaa’e.
2) Dubartoota daa’imman qabatanii mana sirreessaa jiran keessaa yakkoota qajeelfama kana
keewwata 16(1 fi 2) kan ittii murtaa’een ala adabbii itti murtaa’e keessaa (1/3) kan raawwatan.
3) Sirreeffamtoota Seeraa umriin isaanii waggaa 60 fi sanaa oli ta’uun yakkoota qajeelfama kana keewwata 16(1 fi 2) kan itti murtaa’een ala (1/3) kan raawwatanii fi adabbii umurii
guutuu kan itti murtaa’e ammoo waggaa 10 fi sanaa ol kan raawwatan ,
4) Dhibee hin fayyine kan akka HIV, kaansarii fi dhibee sammuutiin baay’ee dhukubsachuun humna namaatiin kan socho’anii fi adabbii ittii kenname raawwachiisuuf rakkisaa ta’uu isaa ragaa boordii Hospitaalaan yoo deeggaramee dhiyaatee kan keewwata
16(1 fi 2) ala jiran yakkoota birootiin kan adabamanis yoo ta’e dhiifamaaf calalamee
dhiyaachuu ni danda’a.
5) Dhiifamni waggaatti yeroo lama kan kennamu ta’ullee haala addaatiin pireezidaantiin Naannichaa Koree dhimma sirreeffamtootaa xiinxalu hundeessuun dhiifamaaf calalanii
akka dhiyeessan qajeelfama kennuu ni danda’a.
Abbaan Seeraa osoo dhaddacha gaggeessaa jiruu,;abukaatoon himataa baay'ee waan isa rakkiseef, abukaatoo kanaan "ati seera hin barannee moo?" jedhan.
Sana booda abukaatichi akkas jechuun deebise: "kabajamaan Mana Murtii yoo barbaachise LLB(digirii jalqabaa Seeraa)kiyya Yuunivarsiitii Finfinnee Reejistraala irraa bu'uura SDFHH keewwata 145 tiin fichisiisee ilaaluu danda'a"jedheen jedhama.
😂😂🤪🤪🤪🤪🤪
Yakki shamarran fi ijoollee irratti raawwatu eegeree biyyaaf yaaddoo guddaadha!
Warri biyya bulchitan gocha akka kanaa qaamoolee seeraatiif dabarsitanii yoo hin kennine guyyaa biraa immoo maatii keessanii fi daa'mman keessan irratti raawwachuu hin oolu!
Gochi balafamaan akka kanaa gara kibba Oromiyaatti heddummachaa jira!
Gareen wal falman guutummaatti ykn. Gar-tokko dhihaachuu hafuu isaanii irraan kan ka’e M/Murtii beellama akka jijjiiru seerri gonkumaa hin hayyamu. Haa ta’u malee M/Murtii ammas taanaan darbee darbee dhihaachuu hafuu bitaa fi mirgaa irraa kan ka’e beellama yeroo jijjiiran ni mul’ata. Hojmaatni kun garuu seeraan kan hin deggeramneefi dhimmas gar-malee lafa irra kan harkisu waan ta’eef sirraa’uu qaba.
Sababa gareen wal falman dhihaachuu hafaniif galmeen yoo cufame ykn. himatichi (oliyyannichi) yoo haqame cufamuun galmichaa ykn haqamuun himatichaa bu’aan dhimmicha irratti hordofsiisu ilaalchisee galmeen himannaa tokko bu’uura SDFHH kew 69(2) ykn 70 (d) tiin yoo cufame himataan gatii A/Seerummaa fi kisaaraa barbaachisaa kanfalee galmichi irra deebi’ee bansiisuun dhimmichi akka itti fufu gochuu ni danda’a. Kanaafi himataan sababa kam iyyuu akka dhiheessu irraa hin eegamu. Akkasumas himatichi darbiinsa yerootiin hanga hin daangessaminitti galmicha yeroo kam iyyuu mirga bansiisachuu kan eegameefiidha. Karaa kan biros bu’uura S/D/F/S kew, 73 tiin himati duraa erga haqamee ykn. Kew, 69 (2) ykn. kew ,70 (d) ykn. kew, 73 tiin oliyyannichi erga haqameen booda, himataan himata duraatiif ykn. Oliyyannoof dhimma ka’umsa ta’e bu’uura godhachuun himata haarawaa kan biroo dhiheessuu hin danda’u. Yoo ta’es garuu himatamaan guyyaa beellama duraa hafuu kan danda’e sababa ga’haan ta’uu ibsuun himatni ykn oliyyatni haqame irra deebi’ee socho’uun falmichi akka itti fufu himatichi ykn oliyyannichi haqamee yeroo ji’a tokkoo keessatti dhihaatee M/murtichaa gaafachuu ni danda’a. M/murtichaas iyyata himataa bifa kanaan dhihaate himatamaa akka qaqqabu taasisuun deebii himataa fuudhee erga qorateen booda gaaffii dhihaate qorachuun himataan guyyaa beellama duraa kan hafeef sababa gahaan ta’uu isaa yoo itti amane waa’ee kaffaltii baasii fi kisaaraa ajaja barbaachisaa kennuun galmeen sababa haqamuu himataa fi oliyyannootiif cufame banamee falmichi akka itti fufu ajajuu ni danda’a.Gaaffiin himataa fudhatama yoo dhabe garuu himataan qaphxii kana qofa irratti oliyyannoo gaafachuun ajajicha yoodiigsise malee dhimmicha irratti bifa kamiin iyyu falmiin lammaffaa irratti taasifamuu hin danda’u.
Dialogue can provide a peaceful path for resolving longstanding differences when it is inclusive, credible, and guided by mutual respect. Its success depends not only on the quality of the discussions but also on the willingness of all stakeholders to compromise, build trust, and put the national interest above political differences. Lasting peace is built through dialogue, not violence.
