fa
Feedback

فریب کلاهبرداران را نخورید! تل‌متریو این کانال‌ها را شناسایی و برچسب‌گذاری می‌کند 👉 برای مشاهده برچسب، اشتراک تهیه کنید 👈

Gola Seeraa Sabaa'if Guyyaasaa

Gola Seeraa Sabaa'if Guyyaasaa

رفتن به کانال در Telegram

𝐀𝐛𝐨𝐮𝐭-𝐋𝐚𝐰 𝐢s a 𝐋eading 𝐄-𝐋egal 𝐒ervice 𝐏odium, 𝐖hich 𝐢s 𝐒et 𝐔p 𝐛y 𝐒𝐚𝐛𝐚𝐚'𝐢𝐟 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐭o 𝐏rovide 𝐕arious 𝐋egal 𝐒ervices! (𝐎𝐑𝐎𝐌𝐈𝐀,𝐄𝐓𝐇𝐈𝐎𝐏𝐈𝐀 & 𝐖𝐎𝐑𝐋𝐃) Contact Us:- 𝐅𝐚𝐜𝐞𝐛𝐨𝐨𝐤:

نمایش بیشتر
1 144
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+57 روز
+1730 روز
آرشیو پست ها
Adabbii du'aa fi seera biyya keenyaa(Death penality & our laws) Heera biyya keenyaa fi Naannoo Oromiyaa keewwata 15 jalatti namni kamiiyyuu mirga lubbuun jiraachuu akka qabu tumamee jira.Mirgi lubbuun jiraachuu kun immoo haala addaatiin nama yakka cimaa raawwate irraa mulqamuu akka danda'us tumameera.Seera yakkaa biyya keenyaa keewwata 117 jalatti adabbiin du'aa nama tokkorratti kan murtaa'u:- 1ffaa Yakkichi dhuma kan argate(yakka yaalii ta'uu hin qabu), 2ffaa Yakkichi daran cimaa kan ta'e, 3ffaa Yakkamtichi balafamaa addaa yoo ta'e, 4ffaa Seeraan ifatti tumamee yoo jiraate(yakka akkasii raawwachuun adabbii du'aa nama adabsiisa) jechuun ifatti tumamee yoo jiraate,5ffaa Yakkamtichaaf yaadni adabbii hir'isuuf kan hin jirre(fkn yakka erga raawwateen booda mana murtitti kan hin amanne,erga yakka raawwatee ofii isaaf qaama seeratti kan harka hin kennanne, kuusaa yakkaa kan qabu kkf yaada adabbii hir'isu seera yakkaa keewwata 82,83 fi 86 jalatti tarreeffaman kan hin qabne),6ffaa Yakkamtichi yommuu yakka kana raawwatu waggaa 18 fi sanii ol kan ta'e,7ffaa adabbiin kun erga Mana murtiitiin murtaa'een booda Pireezidaantii biyyattiitiin mirkanaa'uu qaba, 8ffaa Haalli raawwii isaa immoo haala kabaja namummaa eegeen(addabaayitti baasanii uummata fuulduratti fannifamuun irra hin jiraatu) ,9ffaa Adabbiin du'aa itti murtaa'e kun dhiifama ykn baraarsaan kan diigamu ta'uu hin qabu!

"Baargamoo taatee nama of jalatti hin nyaatiin". Dr.Otukannaa Odaa Prize.MMWO
"Baargamoo taatee nama of jalatti hin nyaatiin". Dr.Otukannaa Odaa Prize.MMWO

ዜና ሹመት ======= ዶ/ር ዐቢይ አህመድ በድጋሜ የኢትዮጵያ ፌዴራላዊ ዲሞክራሲያዊ ሪፐብሊክ ጠቅላይ ሚኒስትር ሆነው ተመርጠዋል። የኢትዮጵያ ሕገ-መንግሥት አሠራርን ተከትሎ የሕዝብ ተወካዮች ምክር
ዜና ሹመት ======= ዶ/ር ዐቢይ አህመድ በድጋሜ የኢትዮጵያ ፌዴራላዊ ዲሞክራሲያዊ ሪፐብሊክ ጠቅላይ ሚኒስትር ሆነው ተመርጠዋል። የኢትዮጵያ ሕገ-መንግሥት አሠራርን ተከትሎ የሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት ዶ/ር ዐቢይ አህመድን ለቀጣይ የሥራ ዘመን ጠቅላይ ሚኒስትር አድርጎ መርጧል። መልካም የሥራ ዘመን እንዲሆንላቸው እመኛለሁ!!

Baga Ayyaana Irreechaa bara kanaatiin nagaan geessan! Irreechi irree keenya! Ayyaana gammachuu, nagayaa fi tokkummaa isiniif
+1
Baga Ayyaana Irreechaa bara kanaatiin nagaan geessan! Irreechi irree keenya! Ayyaana gammachuu, nagayaa fi tokkummaa isiniif haa ta'u. Nuuf haa ta’u!!! እንኳን ለኢሬቻ በዓል በሰላም አደረሳችሁ! የኢሬቻ በዓል የሰላም፣ የፍቅር፣ የኅብረትና የእርቅ በዓል ይሁንላችሁ: ይሁንልን!!!

‎Heerri FDRI naannoleen caasaa bulchiinsaa seera baastuu fi seera raawwachiistuu akka isaaniif tolutti akka hundeeffatan naan
‎Heerri FDRI naannoleen caasaa bulchiinsaa seera baastuu fi seera raawwachiistuu akka isaaniif tolutti akka hundeeffatan naannoleef dhiise(kwt.50(4)). Fkn godina dhiisanii aanaa fi ganda qofa taasisuu danda'u. ‎ ‎seera hiiktuu (Mana Murtii) garuu naannoleen akkas taasisuu hin danda'an. Manneen murtii sadeen (sadarkaa jalqabaa, Ol'aanaa fi Waliigalaa) Heera FDRI tiin murtaa'an(kwt.78(3)). ‎Kanaafuu, naannoleen caasaa mana murtii sadarkaa sadeen kana hir'isuu (2 ykn 1 tti ) ykn dabaluu (4, 5, 6) hin danda'an. ‎

#Dhimma_Ragaa_Jijjiirachuu Ilaalchisee Murtii Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Galmee Lakkoofsa 45984 ta’e irratti Murteesse Murtii kana keessatti ragaa al tokko akkaataa SDFHH kwt 224n himannaa ykn deebii waliin walqabatee dhiyaate akkaataa SDFHH kwt 91n himannaan ykn deebiin yoo fooyya’e malee jijjiiruun hindanda’u seerri jedhu kan hin jirree fi ragaa qofa jijjiirachuuf iyyannoo dhiyaate akkaataa kwt 91 himannaa ykn deebiin fooyya’u malee hinjijjiirattu jedhamuun bu’ura seeraa kan hinqabne akka ta’e Dhaddachi Ijbta murtii kana keessatti ibsee jira. Akkasumas ragaa jijjiirachuuf sababiin kan barbaachisu ta’uu fi akka fakkeenyaattis ragaan teessoo keessaa dhabamuun ykn jijjiirachuun, sababa dahuumsa irra jiraachuu fi kkf ragaa jijjiirachuuf sababa gahaa ta’uu akka danda’u murticha keessatti ibsamee jira. Kana malees himannaa ykn deebii sababa ragaa jijjiirachuun barbaadameef qofa fooyyessuu otuu honbarbaachisin iyyannoo kakuun deeggarame qofaan ragaan jijjiirachuu kan danda’amu akka ta’ee fi MM iyyannoo dhiyaate garee faallaa beeksisuun akka yaada kennu carraa kenneefii dhagahuun irraan kan hafe ragaa ibsa tarree ragaa SDFHHA kwt 224 dhiyaate irra hinjirre jijjiiruu hindandeessu jedhee akka feeteen mirga ragaa jijjiirachuu daangessuu akka hinqabnes Dhaddachi Ijbta hiikkoo ifa ta’e kennee jira

Dhugaa (Truths) (Sabaa'if Guyyaasaa tiin) “Dhugaan ilmoo Waaqaati” jechuun, akka mammaaksa ykn yaada safuu Oromoo keessatti h
Dhugaa (Truths) (Sabaa'if Guyyaasaa tiin) “Dhugaan ilmoo Waaqaati” jechuun, akka mammaaksa ykn yaada safuu Oromoo keessatti hubatamutti, dhugaan waan qulqulluu, kabajamaa fi dhuma irratti injifatu jechuu dha. Hiikni isaa bal’inaan: Dhugaa dubbachuun amala gaarii fi safuu dha. Namni dhugaa dubbatu amanamummaa argata. Dhugaan yeroo tokko tokko namaaf ulfaachuu danda’a; garuu sobaan dhugaa bakka bu’uu hin qabu. “Ilmoo Waaqaati” jechuun dhugaan akka waan Waaqa biraa dhufe, qulqulluu fi haqaa ta’e fakkeessanii ibsuu dha. Kanaaf, jechi kun nama dhugaa jallisuun ykn sobaan dhoksuun sirrii akka hin taane barsiisa. Gabaabumatti: “Dhugaan ilmoo Waaqaati” = dhugaan qulqulluu fi haqaa waan ta’eef, dhugaa irratti cichuun safuu fi amala gaarii dha.

SAFUU Vs SEERA (Sabaa'if Guyyaasaa tiin) Seeraa fi Safuu jechuun lamaan isaanii hawaasa keessatti naamusa, nageenya, haqaa fi walitti dhufeenya sirrii eeguuf gahee guddaa qabu. Garuu seerri fi safuun wal fakkaataa miti. 1. Seera jechuun maal? Seerri jechuun dambii mootummaa ykn qaama aangoo qabuun tumamee, namoonni ittiin bulmaataa fi dirqama isaanii ittiin beekanidha. Seerri: Waan hayyamame fi dhoorkame adda baasa; Mirgaa fi dirqama namaa ni murteessa; Yakka fi adabbii isaa ni qajeelcha; Qabeenya, jireenya fi nageenya namaa ni eega; Namni seera cabsuuf itti gaafatamummaa seeraa qaba. Fakkeenya: Namni qabeenya nama biraa hatuun seeraan dhoorkaadha; yoo raawwate, itti gaafatamummaa seeraa qabaachuu danda'a. 2. Safuu jechuun maal? Safuun immoo duudhaa, naamusa, kabaja, qajeelummaa fi amala gaarii hawaasni fudhatee ittiin of qajeelchudha. Aadaa Oromoo keessatti safuun: Nama kabajuu; Dhugaa dubbachuu; Nama hin miidhuu; Jaarsa fi nama guddaa kabajuu; Waadaa eeguu; Haqaaf dhaabbachuu; Lafa, uumamaa fi qabeenya hawaasaa kabajuu; Waliif obsa qabaachuu; Araara fi nagaa jajjabeessuu kanneen fakkaatan of keessatti qaba. 3. Garaagarummaa Seeraa fi Safuu Seera Safuu Qaama aangoo qabuun tumama Hawaasa fi duudhaa keessatti dagaaga Cabsuun adabbii seeraa fiduu danda'a Cabsuun qeeqa, salphina ykn hawaasa irraa fudhatama dhabuu fiduu danda'a Barreeffamaan jiraachuu danda'a Yeroo baay’ee duudhaa fi naamusa keessatti darba Hawaasa hundaaf dirqama ta'uu danda'a Hawaasa, aadaa fi naannoo irratti hundaa'uu danda'a Mana murtii fi qaamolee seeraatiin raawwatama Maatii fi hawaasaan jajjabeeffama 4. Walitti dhufeenya isaanii Seerri safuu gaarii deeggaruu danda'a; safuun immoo namni seera kabajuuf bu'uura naamusaa ta'uu danda'a. Fakkeenyaaf, “nama hin miidhin” jedhu safuu keessatti qajeelfama naamusaa ta'uu danda'a; seerri immoo miidhaa qaamaa fi yakka biroo irratti daangaa fi itti gaafatamummaa kaa'a. Kanaaf, seerri “maal gochuu qabda?” jedhee dirqama fi daangaa kaa'a; safuun “akkamitti nama ta'uu qabda?” jedhee amala fi naamusa qajeelaa barsiisa. 5. Akka yaada Oromoo tokkootti “Seerri hawaasa bulcha; safuun hawaasa nama godha.” Seerri yoo jiraatee safuun yoo dhabame, namni seera sodaachuu danda'a garuu naamusa gaarii dhabuu danda'a. Safuun yoo jiraatee seerri yoo hin jirre immoo rakkoo tokko tokkoof daangaa fi itti-gaafatamummaa ifa ta'e dhabuu danda'a. Kanaaf, hawaasa haqaa, nagaa fi wal-kabaju ijaaruuf seeraa fi safuun wal deeggaruun barbaachisaadha.

#Aangoo_Nama_Hidhuu ‎Qaamni angoo nama hidhuu hin qabne yoo nama hidhe/tursiise seeri maan jedha ? ‎Seera Yakkaa Biyya Keenna
#Aangoo_Nama_Hidhuu ‎Qaamni angoo nama hidhuu hin qabne yoo nama hidhe/tursiise seeri maan jedha ? ‎Seera Yakkaa Biyya Keennaa ↪️ Kewt- 423 – Seeraan ala nama qabuu hidhuun adabbii hidhaa hanga waggaa 10 ↪️ Kewt- 585 – Seeraan ala nama tursiisuun adabbii Hidhaa hanga waggaa 10 ↪️ Kewt- 586 - Nama ugguruun adabbii hidhaa hanga waggaa 7 ↪️ Labsii malaammaltummaa 881 kewt-9 Angotti fayyadamuu hidhaa hanga waggaa 25tti adabsiisa. ‎Ilaallataa Sirbaa Jechuuf!

Repost from Desalegn B.
Seerri Adeemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa kwtni 216(2) Maal Jedhaa? Waraabbii Afaan Oromoo, Amaaraafi Ingilishii Gidduu Garaagarummaan Ni Jiraa? ====°°°°=====°°°°°=====°°°°°°°==== Seerri Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa kwt 216(2) jalatti (Waraabbiin Afaan Ingilishii): 👉"Every suit shall include the whole of the claim which the plaintiff is entitled to make with respect to the cause of action unless he intentionally relinquishes any portion of his claim so as to bring the suit within the jurisdiction of any court" jedha. Waraabbiin Afaan Oromoo (kan hiikkoon isaa Biiroo AAWOtiin mirkanaa'e) immoo: 👉"Himannaan kamiiyyuu sababa himannaan walqabatee mirga himataan qabu hunda kan hammate ta’uu qaba. Waan ta’eefis, himataan beekaa himannaa isaa aangoo Mana Murtii biraa keessatti dhiyeeffachuuf gariin mirga himannaan gaafatuu keessaa dhiisee himachuu ni danda’a" jedha. Waraabbiin Afaan Amaaraa: 👉"ማናቸውም ክስ ክሱን ለማቅረብ ምክንያት የሆኑትን ሁሉ በክሱ ማመልከቻ ላይ አጠቃሎ መግለጽ አለበት። ስለሆነም ከሣሹ ክሱን የሚያቀርብበት የመጀመሪያ ደረጃ ፍርድ ቤት ነገሩን ለመቀበል ሥልጣኑ የሚፈቅድለት እንዲሆን ከፈለገ በክሱ ከሚጠይቀው ሀብት ውስጥ ቀንሶ ለመክሰስ ይችላል።" jedha.   (የፍ/ሥ/ሥ/ሕግ ቁጥር 216(2)) ✅Seerota kana, Waraabbii Afaan Oromoofi Amaaraa, yoo ilaalle, kan himannaa keessatti walitti qabamee dhiyaachuu qabu "Sababoota himannaa" (Cause of action) akka ta'etti ibsu. Waraabbiin Afaan Ingilishii garuu kan walitti qabamee dhiyaachuu qabu "seerummaawwan (claims) sababa himannaa tokkorraa maddan hunda akka ta'e ibsa. ✅Kana malees, gaaleen waraabbii Afaan Ingilishii keessatti 'Intentionally relinquishes' jedhamee caqasame waraabbii kanneen biroo keessatti ifatti hin ibsamne. (Afaan Ingilishii haala sammuu waliin walqabsiisuuf yaale) ✅Bu'aa isaa ilaalchisee seerichi kwt xiqqaa (3)fi (4) jalatti kan tume yemmuu ta'u, seerummaawwan sababa himannaa tokko irraa maddan ilaalchisee tokkuma qofa gaafatee isa kaan yoo dhiise (mana murtii yoo hayyamsiifate malee) seerummaa dhiise ykn hambise sana ilaalchisee mirga himannaa haarayaa dhiyeeffachuu hin qabaatu. (Fooyyeffachuun garuu kan dhorkame hin fakkaatu) ✅Gama kanaan, ogeessi seeraa tumaalee seera deemsaa irratti 'Commentary' barreesses (R.A.Sedler) kan walitti qabamee himannaa tokko keessatti dhiyaachuu qabu 'Cause of Action' osoo hin taane 'Claim' dha jedha. (Kwt 216(2) ilaalchisee) ✅Kaayyoon qajeeltoo kanaa dhimmuma bu'uuraan tokko ta'e irratti himannaawwan hedduun akka hin dhiyaanne ittisuufi dhimmuma tokkoon himatamaanis irra deddeebiin akka hin dhiphanne taasisuudha.(Kitaaba Sedler ilaali) ✅Dhimmi ijoon tumaa kanarraa hubatamu immoo gaaffiiwwan mirgaa ykn seerummaawwan sababa himannaa tokko irraa maddan haala addaa seerichaan tumameen yoo ta'e malee qoqqodamanii dhiyaachuu hin qaban kan jedhudha. ✅Haalli itti barreeffamoonni tokko tokko (Fakkeenyaaf, Kitaaba Kaasee Malkaam) wayita Afaan Amaaraatti gaalee 'Splitting of claims' ykn 'Splitting of a Cause of action' jedhamu hiikan 'ክስን አለመነጣጠል' jechuun waamanis tumaan kun sirriitti akka hin hubatamne waan taasise fakkaata. ✅Dhimmi sababoota himannaa bakka tokkotti walitti qabuun himachuu (joinder of Causes of Action) seericha kwt 217 jalatti kan hogganamedha.     Join:-@desberofMM         Desalegn B.

Seerrii Biyya Keenyaa Maal jedha? gochi akkanaa seera biyyattiitiin itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisuu danda’a. Akkaataa Labsii Nyaataa fi Qorichaa Lakk. 1112/2011 keessatti: • “Alkoolii” jechuun dhugaatii qabiyyeen alkoolii isaa 0.5% ykn isaa ol ta’e kamiyyuu dha.•Namni kamiyyuu dhugaatii alkoolii nama umurii waggaa 21 gadi ta’eef gurguruun, dhiyeessuu, kennuu ykn karaa kamiiniyyuu akka inni argatu ykn fayyadamu gochuu hin qabu. •Namni seera kana cabsuun alkoolii nama umurii waggaa 21 gadi ta’eef gurgure, dhiyeesse ykn kenne, hidhaa salphaa ji’a sadii gad hin taanee ykn qarshii 1,000 hanga 3,000 adabama. Eenyutu akkaataa Labsii Nyaataa fi Qorichootaa Lakk. 1112/2011kanaan gaafatama? A. Namni alkoolii daa’imaniif kenne ykn akka dhugu godhe Namni dhuunfaa, hiriyyaan, maatiin sababa ayyaana jechuun kan dhugaatii obaasan yookaan nama biraa kamiyyuu daa’ima umurii waggaa 21 gadi ta’eef alkoolii yoo kenne, dhiyeesse, gurgure ykn akka inni dhugu yoo godhe, seeraan gaafatama. “Ani ayyaanuma kana walumaan bashananuuf jedheen kennef” ykn “innis ofii isaatiin dhuguu filate” jechuun itti gaafatamummaa seeraa jalaa isin hin baasuu. B. Abbaa qabeenyaa ykn hojjetaa mana dhugaatii Abbaan qabeenyaa, manajarri ykn hojjetaan mana dhugaatii daa’ima umurii waggaa 21 gadi ta’eef alkoolii yoo gurgure ykn dhiyeesse seeraan gaafatama. Kanaaf Abbaa qabeenyaa fi Manajarri Hoteelaa: Dhugaatii gurguruu ykn dhiheesuun dura umurii maamiltootaa mirkaneessuu qabu namoota umurii waggaa 21 gadi ta’anitti alkoolii gurguruu ykn kennuu irraa of qusachuu; hojjettoota isaanii gocha kana irraa ittisuu; fi seera, qajeelfama fi ulaagaalee hayyama hojii kabajuu qabu. Xumura irratti namoonni suuraa ykn viidiyoo daa'imman hoteela keessa taa'anii dhugaatii dhugaa osoo jiranii viidiyoodhaan waraabee miidiyaa hawaasaa irratti tamsaase, gochaan isaanii akkaataa haala dhimmichaan itti gaafatamummaa seeraa biraa kan hordofsiisu tahuu Keessumattuu, daa’ima salphisuuf, gocha akkanaati kakaasuuf, gocha yakkaa babal’isuuf ykn faayidaa argachuuf tamsaasuun miidhaa dabalataa geessisuu danda’a. 3. Miidiyaa hawaasaa fayyadamuun maal hubachuu qabna? Gocha seeraan alaa mul’ate gabaasuuf ragaa barbaachisaa ta’e, fakkeenyaaf yeroo, bakka, maqaa namaa fi odeeffannoo dhimmicha adda baasu, karaa nageenya isaanii eegamuun qaama seeraatti dabarsuun eeruu kennuun ni danda’ama. Garuu: suuraa ykn viidiyoo daa’imaa maqaa, fuula ykn eenyummaa isaa haala ifa godhu ummataaf tamsaasuu irraa of qusadhaa; gocha sana akka bashannanaatti babal’isuuf “share” ykn “like” hin godhinaa; fi ragaa jiru qaama poolisii, Waajjira Abbaa Alangaa ykn qaama mootummaa dhimmi ilaallatuuf karaa sirrii ta’een dabarsaa. 4. Ergaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa abbootii qabeenyaa manneen dhugaatii, maatii, dargaggoota, barsiisota, hoggantoota hawaasaa fi jiraattota hundaaf waamicha kana dabarsa Daa’ima umurii waggaa 21 gadi ta’eef alkoolii hin gurgurinaa, hin kenninaa, hin dhiyeessinaa; akka inni dhugus hin godhinaa. Abbootiin qabeenyaa manneen dhugaatii bu’aa daldalaa caalaa nageenya daa’immanii fi kabaja seeraa dursuu qabu. Maatiin daa’imman isaanii hordofuu fi eeguu qabu. Namni kamiyyuu gocha akkanaa yoo arge, callisee bira darbu hin qabu odeeffannoo karaa qaama Poolisii, Waajjira Abbaa Alangaa ykn qaama seeraa dhimmi ilaallatu beeksisuu qaba. Daa’imman keenya eeguuf hirmaannaan nama tokkoo qofti gahaa miti. Hawaasni hundi waliin dhaabbatee, gocha seeraan alaa kana ittisuu fi gabaasuu qaba. Seerri daa’ima eega — nutis eeguu qabna! Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa

Arrabsoo fi Salphisuu ✍️Seerrii hoo maal jedha 👇 ✍️Seeraa Yakkaa kewwata 615 jalatti ifaan tumee jira 👇 Gochichi bu'uuraa Dambii Darbuun kan Adabsisuu yoo ta’e malee Namnii Kamiyyuu Midhamattii kallattiin dubbachuun ykn wagiboon, Arrabsoon kabajaa isa kan tuqe ykn Mallattoon ykn haala biroo kamiiniyyuu kan salphisee yoo ta'e; Iyyannoon dhunfaa yommuu irratti dhihatuu hidhaa salphaa ji'a sadii hin caalleen ykn Adabbii maallaqaa Qarshii dhibbaa sadii hin caalleen ni adabama.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇💯👇👇#Waliigaltee_Mana_Siree_fi_Seera ================ ® Namoonni sababa garaaraatiin imala, wal-gayii, leenjii kkf yeroo deemaan hoteelatti siree qabatanii buluun kan baratameedha. Akka seeraatti, hariiroo kana keessa mirgaa fi dirqamoota akkamiitu jira laata? Hoteela bultanii meeshaan keessan yoo isin jalaa bade eenyutu itti gaafatama? Hangamiif? Warri abbaa hoteelaa itti gaafatamummaa jalaa kan bahu danda’an yoomiidha? Qabxii jedhu seera rogummaa qabu waliin haa ilaallu. ------------------- ® Maamilli siree qabachuuf gara hoteelaa/mana ciisichaa dhaqe tokko guyyaa sa’a 6:00 hanga bariituu isaa guyyaa irraa sa’a 6:00tti mana ciisichaa sana turuuf mirga qaba. Sa’aatii kana darbaa yoo ture guyyaa itti aanufis siree akka qabatetti lakkaa’ama [SHH kwt 2654, 2655]. ------------------------ ® Yeroo turtii maamilaa kana keessatti abbaan hoteelaa nageenyaas ta’ee qabeenya maamilaaf eegumsa gochuuf dirqama qaba. Keessattuu, abbaan hoteelaa nyaataa fi dhugaatii maamila isaaf kan dhiyeessu yoo ta’e, nyaannii fi dhugaatii inni dhiyeessu qulqullinna kan qabuu fi fayyaa maamilaa irraan miidhaa kan hin geenya ta’uu qaba. Akkasumas meeshaaleen maamilli qabatee gara hoteelaa deemes akka maamila jalaa hin banne eeguuf dirqama ni qabaata. Sababa nyaataa fi dhugaatii hoteelli dhiyeesseef miidhaa maamila irra gahuuf akkasumas meeshaan maamilli qabatee gara hoteelichaa deeme kan jalaa bade yoo ta’e abbaan hoteelaa itti gaafatamummaa ni qabaata [Seera Hariiroo Hawaasaa kew.2657, 2658 fi 2663]. --------------------- ® Haa ta’u malee meeshaan maamilli qabatee gara hoteelaa dhaqe yoo jalaa bade abbaan hoteelaa hangamiif itti gaafatamuu danda’a? yoo maal godhe itti gaafatamummaa jalaa bahuu danda’a? kan jedhu ilaaluun murteessaadha. Akka qajeeltootti, itti gaafatamummaan abbaa hoteelaa murtaa’aa (limited) dha. Kana jechuun meeshaan maamila jalaa bade hanga fedhes yoo ta’e hangi itti gaafatamummaa abbaa hoteelaa Qr. 500 (dhibba shan) qofaadha [Seera Hariiroo Hawaa

🌼🌼 🌼🌼🌼🌼 🌼🌼 Baga bara haaraa 2019 nagaan isin gahe! Barri haaraa kun kan nagaa, kan itti walii yaadnu, kan milkaa’inaa
🌼🌼 🌼🌼🌼🌼 🌼🌼 Baga bara haaraa 2019 nagaan isin gahe! Barri haaraa kun kan nagaa, kan itti walii yaadnu, kan milkaa’inaafi kan guddinaa akka isiniif ta’u hawwina! 🌼🌼 🌼🌼🌼🌼 🌼🌼 እንኳን ለ2019 ዓ.ም የዘመን መለወጫ በዓል በሠላም አደረስዎ! አዲሱ ዓመት የሠላም፣ የመተሳሰብ: የስኬትና የዕድገት ዘመን እንዲሆንልዎ እንመኛለን፡፡ አዋሽ ባንክ! 🌼🌼 🌼🌼🌼🌼 🌼🌼

Safuudhabboo: Miidiiyaan "General Facts" jedhamuu akka jedhe: Namni tokko bara jireenya isaatti, jechuun waggoota 75-80 guddu
Safuudhabboo: Miidiiyaan "General Facts" jedhamuu akka jedhe: Namni tokko bara jireenya isaatti, jechuun waggoota 75-80 gudduutti "kaakkaa" kiiloogiraamii kuma kudha lama (kuntaala 120) gad xuruursa jedhe. Kiiloogiraamiin kumni kudha lama ulfaatina arboota gugguddaa lamaatiin qixxeedha.

'አንዳንድ ከርሳም' --------------------------------- የሽሚያ አለም ኑሮ በረከት የነሳው፣ እበላለሁ ብሎ ስስት ያሰከረው፣ ትውልድ የበዛበት ዘመነ ጠማማ፣ እጎርሳለሁ ብሎ ከከርሱ
'አንዳንድ ከርሳም' --------------------------------- የሽሚያ አለም ኑሮ በረከት የነሳው፣ እበላለሁ ብሎ ስስት ያሰከረው፣ ትውልድ የበዛበት ዘመነ ጠማማ፣ እጎርሳለሁ ብሎ ከከርሱ ሲስማማ ይዞት የነበረው የእሱ አይደለምና፣ እውነቱ ሲታወቅ ሀቁ ሲወጣበት፣ ሳይጎርሰው ተቀማ።

□》Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa himatu hin amaniin!
□》Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa himatu hin amaniin!

💥Miseensi milishaa nama dirqisiisuun maallaqa qr. 2100 nama irraa fudhate hidhaa salphaa baatii 6 (jaha) tiin adabamee. ⚖️Murtii Barsiisaa Himatamaan maqaan isaa Caalaa Ahmad Aadam jedhamu yakka Dirqisiisuun fayyadamuu raawwachuuf itti yaadee gaafa guyyaa 21/12/2018 guyyaa irraa tilmaamaan toora sa’aatii 2:00 yoo tahu, Godina Harargee Bahaa Aanaa Gurawaa Araddaa Magaalaa Gurawaa Ganda Qaxanaa 05 iddoo addaa gidduu gala gurgurtaa Itiyoo telekoom jedhamu keessatti miidhamaa dhuunfaa maqaan isaa Mubaarak Haqiil Ahmad jedhamu sababa tokkoon malee humnaan dirqisiisuun qarshii 2,100 (kuma lama fi dhibba tokkoo) waan irraa fudhateef jecha himatamaan seera yakkaa kwt 713 biraa darbuun/cabsuun faayidaa hin malle argachuuf yookiin argamsiisuuf yakkaa dirqisiisuu fayyadamuu raawwateen himatamee jira kan jedhu yoo ta’u. Kanumaan himatamaan dhaddachaaf dhiyaatee eenyummaan isaa qulqulla’ee dhaddacha irratti garagalchi himannaa kennameefi dubbifameefi naaf galeera jedhe abukatoon falmatta moo ofiif falmatta jedhamee gaafatamee ofiifan falmadha jedhe, mormii sadarkaa duraa akka qabu gaafatamee hin qabu jedhe, jecha amantaa fi waakkii gaafatamee gochan ittin himatamee kana hin raawwanee jedhe waakkatee, ragaan abbaa alangaa dhiyaatee dhagahamuun kan irratti mirkaneesse yo tahu, himatamaan ragaa ittisaa akka dhiyeefatu gaafatamuus hin qabu jedhe guca guutee kan mallatteesse waan taheef kanuman manni murtii Aanaa Gurawaas ragaa abbaa alangaa madalee murtii balleessuma kenne, yaada adabbii abbaa alangaa fi himatamaa dhagahuun dhaddachaa gaafa guyyaa 25/12/2018 oleen adabbii himatamaa ni barsiisa akkasumas fakkatoottaa akka isaa ni akeekkachisaa kaayyoo seeraa yakka galmaan ni gaha jechuun itti amanee adabbii hidhaa salphaa baatii 6 (jaha) adabee jira. Haqaan Haqaaf Haa Hoojjannuu ❗ Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa

~ Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha! ~ Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta! ~ Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti himu wajjiin gadditee boohuu si wayya! ~ Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbaniiyyuu, Qurxummii afanitti qabatee keessaa baha!

Quba qabduu? Hojjataan National ID hin qabne ji'a fulbanaa irraa Miindaan hin kaffalamuuf jedhameera.
Quba qabduu? Hojjataan National ID hin qabne ji'a fulbanaa irraa Miindaan hin kaffalamuuf jedhameera.