en
Feedback
Oromia Development Association ODA

Oromia Development Association ODA

Open in Telegram
8 189
Subscribers
-224 hours
+597 days
+18330 days
Attracting Subscribers
August '26
August '26
+291
in 6 channels
July '26
+362
in 1 channels
Get PRO
June '26
+20
in 0 channels
Get PRO
May '26
+16
in 0 channels
Get PRO
April '26
+81
in 1 channels
Get PRO
March '26
+195
in 2 channels
Get PRO
February '26
+114
in 0 channels
Get PRO
January '26
+45
in 0 channels
Get PRO
December '25
+73
in 0 channels
Get PRO
November '25
+39
in 0 channels
Get PRO
October '25
+64
in 0 channels
Get PRO
September '25
+556
in 2 channels
Get PRO
August '25
+140
in 0 channels
Get PRO
July '25
+52
in 0 channels
Get PRO
June '25
+40
in 0 channels
Get PRO
May '25
+32
in 1 channels
Get PRO
April '25
+42
in 0 channels
Get PRO
March '25
+45
in 0 channels
Get PRO
February '25
+41
in 0 channels
Get PRO
January '25
+63
in 0 channels
Get PRO
December '24
+100
in 0 channels
Get PRO
November '24
+136
in 2 channels
Get PRO
October '24
+174
in 2 channels
Get PRO
September '24
+1 983
in 20 channels
Get PRO
August '24
+720
in 4 channels
Get PRO
July '24
+557
in 2 channels
Get PRO
June '24
+639
in 0 channels
Get PRO
May '24
+457
in 1 channels
Get PRO
April '24
+527
in 2 channels
Get PRO
March '24
+489
in 1 channels
Get PRO
February '24
+365
in 3 channels
Get PRO
January '24
+307
in 2 channels
Get PRO
December '23
+284
in 2 channels
Get PRO
November '23
+90
in 1 channels
Get PRO
October '23
+234
in 5 channels
Get PRO
September '23
+662
in 0 channels
Get PRO
August '23
+167
in 0 channels
Get PRO
July '23
+153
in 0 channels
Get PRO
June '23
+161
in 0 channels
Get PRO
May '23
+65
in 0 channels
Get PRO
April '23
+58
in 0 channels
Get PRO
March '23
+51
in 0 channels
Get PRO
February '23
+59
in 0 channels
Get PRO
January '23
+241
in 0 channels
Get PRO
December '22
+119
in 0 channels
Get PRO
November '22
+49
in 0 channels
Get PRO
October '22
+229
in 0 channels
Get PRO
September '22
+308
in 0 channels
Get PRO
August '22
+23
in 0 channels
Get PRO
July '22
+28
in 0 channels
Get PRO
June '22
+22
in 0 channels
Get PRO
May '22
+29
in 0 channels
Get PRO
April '22
+11
in 0 channels
Get PRO
March '22
+19
in 0 channels
Get PRO
February '22
+11
in 0 channels
Get PRO
January '22
+16
in 0 channels
Get PRO
December '21
+33
in 0 channels
Get PRO
November '21
+312
in 0 channels
Get PRO
October '21
+105
in 0 channels
Get PRO
September '21
+33
in 0 channels
Get PRO
August '21
+11
in 0 channels
Get PRO
July '21
+22
in 0 channels
Get PRO
June '21
+13
in 0 channels
Get PRO
May '21
+10
in 0 channels
Get PRO
April '21
+14
in 0 channels
Get PRO
March '21
+658
in 0 channels
Date
Subscriber Growth
Mentions
Channels
31 August+2
30 August+6
29 August+6
28 August+2
27 August+9
26 August+8
25 August+15
24 August+34
23 August+12
22 August+47
21 August+3
20 August+2
19 August+3
18 August0
17 August+1
16 August+3
15 August+10
14 August+3
13 August+11
12 August+5
11 August+7
10 August+7
09 August+2
08 August+4
07 August+15
06 August+14
05 August+37
04 August+6
03 August+6
02 August+9
01 August+2
Channel Posts
2
WALDAA MISOOOMA OROMIYAA (WMO) šŸ¤ Walharkaa Fuudhiinsa Pirojektii Barnootaa ODA GPDI OCHA/ EHF Taasifame Pirojektiin Barnootaa Yeroo Muddamaa ODA-GPDI-OCHA, waggaa tokkoof Godina Gujii, Aanaa Saba Boruu keessatti hojii irra oolaa ture, yeroo raawwii isaa xumuruun sirna walharkaa fuudhiinsaa gaggeesseera. Sagantaa kana irratti argamuun haasawa baniinsaa kan taasisan Daarektarri Olaanaa WMO, Obbo Dajanee Itichaa, WMO hawaasa keenya rakkoolee adda addaatiif saaxilame cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachisaa akka itti fufu ibsaniiru. Pirojektichi yeroo raawwii isaa xumure iyyuu, bu’aawwan argaman itti fufsiisuun murteessaa ta’uu isaanii hubachiisaniiru. Pirojektiin Barnootaa Yeroo Muddamaa kun deeggarsa maallaqaa dhaabbata OCHA irraa argameen WMO fi GAYO waliin ta’uun hojii irra oole. Bu’aawwan Ijoo Pirojektichaa: šŸ“š Daa’imman 1,720 sababa adda addaatiin carraa barnootaa irraa hafan meeshaalee barnootaa barbaachisoo guutuu argachuun gara barnootaatti akka deebi’an taasifameera. šŸ« Manneen barnootaa 34 suphamuun tajaajila barnootaaf akka mijatoo ta’an taasifameera. šŸŖ‘ Meeshaaleen barnootaa adda addaa, keessaa teessoo 852 fi gabateewwan gurraacha 30, raabsamaniiru. šŸ‘©ā€šŸ« Leenjiileen adda addaa dandeettii raawwachisummaa hawaasa barnootaa cimsan kennamaniiru. Dhumarrattis, Itti Aanaa Hogganaan Waajjira Bulchiinsa Aanaa Saba Boruu fi Hogganaan Waajjira Barnootaa Aanaa Saba Boruu, bu’aawwan pirojektichaan argaman itti fufsiisuuf ragaa fi qabeenya pirojektichaa sirnaan walharkaa fuudhanii jiru. WMO jechuun yeroo hunda hawaasa isaa cinaa dhaabbachuun jijjiirama waaraa fiduuf hojjechuu dha! šŸ¤šŸ“š #WaldaaMisoomaOromiyaa #WMO #EducationInEmergency #OCHA #GPDI #GAYO #Guji #SabaBoruu #Barnoota
1 061
3
+3
No text...
946
4
+9
No text...
951
5
🌟 ODA-LEGO Foundation-SCI-CDA National Learning Exchange šŸ“ East Bale & Bale Agarfa | šŸ“… August 19–21, 2026 ODA hosted a National Experience Sharing and Learning Exchange with LEGO Foundation IPs, Regional Education Bureaus, the Ministry of Education, SCI and other education stakeholders. Participants visited Arda Tarre, Oda Roba PPS and Bale Agarfa CoE and directly observed ODA-CDA achievements in child-friendly learning, play-based education, inclusion and Education in Emergencies (EiE). Over the past four years, ODA has reached 60,260 children, trained 18,821 community mothers and 418 teachers/facilitators, and supported 101 children with disabilities. The exchange demonstrated ODA as a practical model for quality, inclusive and play-based education, with tested practices that can contribute to government institutionalization and wider scale-up. Together, creating safe and quality learning opportunities for every child! šŸ“ššŸŒ± #ODA #LEGOfoundation #SCI #CDA #EiE #InclusiveEducation #PlayBasedLearning
1 018
6
https://wmoda.org.et/seenaa-abjuu-irraa-gara-dhugaa/
2 211
7
+4
No text...
2 591
8
Kanaaf, milkaa’inni mana barumsaa kanaa bu’aa mana barumsaa tokkoo qofa osoo hin taane, muuxannoo sirna barnootaa keessatti babal’achuu danda’u ta’ee ilaalamuu qaba. Ogeessota, Hayyoota fi Hoggantoota Egeree Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO yeroo ammaa barattoota qofa osoo hin taane, ogeessota ciccimoo, hayyoota, qorattoota fi namoota naamusa gaarii qaban horachaa jira. Barattoonni mana barumsaa kana irraa bahan damee fayyaa, saayinsii, teeknooloojii, barnootaa, qorannoo fi ogummaa adda addaa keessatti gahee isaanii bahachaa jiru. Kunis mul’ata mana barumsaa kanaa inni guddaan — ijoollee har’aa gara humna namaa fi hoggantoota boruutti jijjiiruu — milkaa’aa jiraachuu agarsiisa. Gahee Hawaasaa fi Deeggarsa Qooda Fudhattootaa Milkaa’inni Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO har’a ga’e hojii nama tokkoo ykn qaama tokkoo qofa miti. Milkaa’ina kana keessatti hawaasni, maatiin barattootaa, mootummaa, Boordiin WMO, hoggantoonni, barsiisotni, hojjettoonni mana barumsaa, deeggartoonni fi qooda fudhattoonni gara garaa gahee olaanaa qabu. Ciminni hojjettootaa, kutannoon barsiisotaa, naamusni fi tattaaffiin barattootaa, akkasumas deeggarsi hawaasaa fi mootummaa, bu’uura milkaa’ina har’aa ti. Abjuu Waggoota 12 Dura Ka’ame – Galmee Har’aa Waggoota 12 dura, namoonni mana barumsaa kana hundeessan abjuu tokko qabu turan: ijoollee dandeettii qaban walitti qabuun, barnoota qulqullina qabu kennuun, gara hayyoota fi hoggantoota biyyaatti guddisuu. Har’a abjuun sun ifatti mul’ateera. Barattoota 200 irraa eegale sun har’a gara dhaloota hayyootaa, ogeessotaa fi abdii biyyaatti guddateera. Galmeewwan barnootaa olaanoo, barattoota yunivarsiitiiwwan adda addaa keessatti milkaa’an, hayyoota sadarkaa olaanaa ga’an fi ogeessota damee gara garaa keessatti gahee isaanii bahatan horachuun, seenaa mana barumsaa kanaa keessatti bu’aa hojii waggoota dheeraa ti. Milkaa’inni barataa Jaalal Girmaa Kuusaa fi galmeen inni haaraa galmeesse, seenaa mana barumsaa kanaa keessatti boqonnaa haaraa banera. Qabxiin isaa ragaa dandeettii barattootaa, cimina barsiisotaa, hoggansa mana barumsaa, deeggarsa maatii fi hawaasaa, akkasumas sirna barnootaa mana barumsaa kana keessatti ijaarameeti. Har’aa Irraa Gara Boruutti Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO har’a dhaabbata barnootaa seenaa fi muuxannoo qabu ta’ee dhaabbatee jira. Garuu milkaa’inni har’aa xumura imalaa miti; bu’uura milkaa’ina boruu ti. Ijoolleen mana barumsaa kanaa ilmaan Oromiyaa fi biyya keenyaa qofa osoo hin taane, abdiilee boruu, hayyoota, ogeessota fi hoggantoota egeree ti. Bakka jiran hundatti naamusa, kaka’umsa, beekumsa fi dandeettii isaanii fayyadamuun hawaasa isaanii fi biyya isaanii tajaajilaa jiru. Kanaaf, seenaa Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO waggoota keessatti ijaare, seenaa mana barumsaa tokkoo qofa miti. Seenaa abjuu gara dhugaatti jijjiirame, seenaa kutannoo, seenaa hojii cimaa, seenaa barnoota qulqulluu fi seenaa dhaloota abdii biyyaati. Waggoota hedduu dura barattoota 200’n jalqabame; har’a immoo gara kumaawwan abdii, hayyootaa fi ogeessota biyyaafi addunyaatti ce’aa jira. Abjuun yeroo sanaa har’a dhugaa ta’eera. Milkaa’inni har’aa immoo abjuu boruu ti. Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO — Seenaa Abjuu, Kutannoo, Barnootaa fi Milkaa’inaa. Tokkummaan Misoomaaf!
2 250
9
SEENAA, GUDDINA FI MILKAA’INA MANA BARUMSAA BULTII ADDAA WALDAA MISOOMA OROMIYAA (WMO) Seenaa Abjuu Irraa Gara Dhugaa Manni Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO) bara 2006 ALI keessa, kaayyoo fi mul’ata guddaa qabuun hundeeffame. Yeroo sanatti, hoggantoonni fi gaggeessitoonni WMO ijoollee Oromiyaa keessaa dandeettii addaa qaban adda baasuun, naannoo barnootaa mijataa keessatti barsiisuu, beekumsa isaanii cimsuu fi gara hoggantoota egeree biyyaatti ceesisuuf abjuu guddaa qabaatanii hojii kana jalqaban. Abjuun sun garuu yaada qofa hin turre. Har’a, waggoota 9 walitti ansuin qabxiitii olanaa halmeessisuun , abjuun hoggantoota yeroo sanaa sun dhugaa qabatamaa ta’ee, bu’aa isaa biyya, Afrikaa fi addunyaa irratti mul’isaa jira. Yeroo mana barumsaa kun hundeeffametti haalli hojii fi qabatama ture ulftafi fi dadhabisisaa ture. Barattoota gara 200 ta’an simachuun, isaan barsiisuu qofa osoo hin taane, dandeettii isaanii adda baasuun, yaada isaanii gara hojii qabatamaatti jijjiiruun, naamusa, kutannoo fi aantummaa keessatti guddifachuun hojii ulfaataa ture. Hojii jalqabaa kana keessatti hirriba malee hojjechuu, rakkoolee adda addaa keessa darbuufi mul’ata fagoo qabaachuun barbaachisaa ture. Yeroo hundeffamu , Kabajamtuun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee anmaa Addee Adaanach Abeebee Daarektara Olaanaa WMO ta’uu olatumman hojjicha kan hogganan , akkasumas hoggantoonni fi ogeessonni WMO biroo hoggansa adde Adanach jalatti cimanii mana barumsaa kanaa hundressuun gahee bakka bu’iinsa Hin qabne bahataniiru. Akkasumas, Obbo Abbaaduulaa Gammaadaa, Walitti Qabaa Boordii WMO, hoggansa bu’uura milkaa’ina har’aa lanaaf gahee olanaa taphataniru. Barattoota 200 Irraa Gara Abdii Biyyaatti Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO, barattoota gara 200 ta’aniin jalqabee, har’a gara mana barumsaa beekamaa fi bu’aa qabeessa ta’eetti guddachuu danda’eera. Kaayyoon isaa ijoollee qofa barsiisuu osoo hin taane, dandeettii, naamusa, kalaqa, hoggansa fi itti-gaafatamummaa isaanii cimsuun, isaan gara abbootii beekumsaa, ogeessota, qorattoota fi hoggantoota egeree biyyaatti ceesisuudha. Har’a, barattoonni mana barumsaa kana irraa bahan daangaa mana barumsaa fi naannoo isaanii qofa keessatti osoo hin daangeffamin, biyya, Afrikaa fi addunyaa keessatti beekumsa fi dandeettii isaanii agarsiisaa jiru. Barattoonni kunneen yunivarsiitiiwwan adda addaa keessatti barachaa, qorannoo gaggeessaa fi ogummaa isaanii keessatti milkaa’ina galmeessaa jiru. Barattoota seenaa mana barumsaa kanaa keessatti gahee olaanaa qaban keessaa, Kadhimamaa PhD Raajii Ashaanaa fi Barataa Caalaa Adaanaa fakkeenya gaarii ta’anii ka’uu danda’u. Isaanii fi barattoonni hedduun biroo, bu’aa hojii mana barumsaa kanaa fi sirna barnootaa isaa keessatti hundeeffame agarsiisu. Seenaa Qabxii Olaanaa fi Galmee Barnootaa Seenaa milkaa’ina mana barumsaa kanaa keessatti qabxiin barattootaa mallattoo guddaa dha. Bara 2007 irraa eegalee, qabxiiwwan olaanoo fi galmeewwan barnootaa adda addaa galmeessuun seenaa isaa keessatti kutaa murteessaa ta’eera. Adeemsi kun waggaa waggaan itti fufuun, har’a gara galmee seenaa biyyaalessaa ga’u danda’eera. Milkaa’inni yeroo ammaa, keessumaa qabxii olaanaa barataa Jaalal Girmaa Kuusaa, mana barumsaa kana qofaaf osoo hin taane, maatii, hawaasa, Oromiyaa fi biyya guutuu keessatti boonsa guddaa uumee jira. Qabxiin kun bu’aa guyyaa tokkoo miti. Bu’aa cimina, naamusa, kutannoo, hojii cimaa barattootaa, barsiisotaa, hoggantootaa, maatii fi hawaasaa waggoota dheeraaf itti fufee hojjetamee dha. Bu’uura muuxannoo gaaruii Babal’achaa Jiru Muuxannoo fi bu’aa Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO waggoota keessatti argamsiise, mana barumsaa damee lama qabnu cinaati hojii barnootaa biyya keenyaa keessatti fakkeenya ta’ee mul’ateera. Hordoffii, deeggarsa fi muuxannoo irraa argameen, mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa birattis xiyyeeffannoon barnoota qulqullina qabu, mana barumsaa dandeettii addaa qaban deeggaruufi manneen barnootaa bultii babal’isuuf taasifamaa jiru cimee jira.
2 183
10
No text...
3 204
11
šŸŽ‰šŸŽ‰ CONGRATULATIONS! BAGA GAMMADDAN! BAGA GAMMANNE! šŸŽ‰šŸŽ‰ We are incredibly proud to celebrate the outstanding achievement of Jalal Girma Kusa, a student of ODA Special Boarding School, who scored an impressive 591.6/600 in the 2018 National Grade 12 Examination. šŸ„‡ Ranked 1st in Ethiopia! šŸ‡ŖšŸ‡¹šŸ† This remarkable achievement is a true reflection of hard work, dedication, discipline, excellence, and the unwavering support of the school community. šŸ‘ Congratulations once again to Jaalal Girmaa Kusaa, his family, teachers, school leadership, and the entire ODA community! 🌟 591.6/600 — A historic achievement! šŸ‡ŖšŸ‡¹ 1st in Ethiopia! Baga Gammaddan! Baga Gammanne! šŸŽ‰šŸŽ‰šŸŽ‰
2 918
12
No text...
2 354
13
No text...
3 753
14
No text...
3 364
15
No text...
2 680
16
šŸ”„ BREAKING NEWS! — 591.6/600! šŸŽ‰šŸ† HERE WE GO… 591. 6/600! šŸš€ ODA Special Boarding School has made history AGAIN! šŸ“ššŸ† What an incredible, impressive, and inspiring result for our school community! šŸŽŠ This outstanding achievement is not the work of one person—it is the result of strong teamwork, committed leadership, dedicated management, passionate staff, and the determination of our brilliant students. šŸ‘ Special appreciation to our Board, ODA Management, School Leadership, teachers, boarding-school staff, support staff, parents, and the entire ODA Special School community for your tireless commitment and belief in our students. ā¤ļø And to our brilliant students: CONGRATULATIONS! šŸŽ“šŸ”„ Your hard work, discipline, resilience, and determination have once again proven what is possible when excellence meets opportunity. 591/600 — THE HISTORY CONTINUES! šŸ† ODA SPECIAL SCHOOL — EXCELLENCE IS OUR TRADITION! 🌟 šŸ‘ Congratulations once again to the entire team! One Team. One Vision. One Historic Result! šŸ’ŖšŸ”„ #ODASpecialSchool #591OutOf600 #HistoricAchievement #Excellence #Teamwork #StudentSuccess #BoardingSchool #ODA #Education #ProudMoment #HistoryMadeAgain
3 381
17
No text...
2 599
18
+3
No text...
3 044
19
+9
No text...
2 126
20
Hagayyaa 16/2018 ALI – Adaamaa šŸ† Sagantaa Beekamtii WMO'n Godinaaleefi aanaaleef kenne gaggaeeffame Sagantaan beekamtii godinaalee fi aanaalee raawwii hojii WMO bara 2018 irratti hundaa’e, Magaalaa Adaamaatti gaggeeffame. Saganticharratti Walitti Qabaan Boordii WMO kab. Obboo AbbaaDuulaa Gammadaa argamuun ergaa isaanii dabarsaniiru. WMO har’aa sadarkaa konkolaataa badhaasa kennu irra ga’eera; kana caalaas seenaa milkaa’inaa guddaa galmeessisuun, miseensota isaa hirmaachisee hojii isaa cimsinee akka itti fufnu dhaamaniiru. Daarektarri Olaanaa WMO, Obbo Dajanee Itichaa, raawwiin hojii bara kanaa seena-qabeessa ta’uu ibsuun, milkaa’ina argame caalaatti cimsuun gara fuulduraatti akka hojjetamu dhaamaniiru. Raawwii hojii waliigalaa irratti Godinni Arsii sadarkaa 1ffaa kan bahe yoo tahu, Godinoota kanaan dura konkolaataan badhaasaaf hin kennamne keessaa, raawwiin isaanii qarshii miliyoona 100 ol ta’an , Godinni Shawaa Lixaa, Godinni Shawaa Bahaa, Magaalaan Shaggar fi Godinni Jimmaa badhaasa konkolaataa haaraa puck 00 argataniiru. Sagantaa kana irratti beekamtii fi badhaasni adda addaa kanneen biroo keessattis kennameera. Deeggarsaa arjoomtoota dhaabbata Midroc group irraa argameen boolla bishaani gad fagoo birrii miliyoonaa 30 olin mooraa mana barnootaa bultii addaa damee Adaamaa keessaati ijaaramees eebbiiffsmee jira. Milkaa’inni kun bu’aa tokkummaa, hirmaannaa fi kutannoo ti. Tokkummaan Misoomaaf! šŸ¤šŸŒ±
1 784