cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Biiroo Barnoota Oromiyaa

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

Show more
Finland421The language is not specifiedEducation11 232
Advertising posts
14 472
Subscribers
+3724 hours
+3387 days
+2 40830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Qormaatni Madaallii Gahumsa Ogummaa Barsiisummaa Har'a Kennamaa Oole Nagaan Xumurame”.
---------------------------------------- BBO-13/10/2016 Qormaatni Madaallii Gahumsa Ogummaa Barsiisummaa barsiisota Naannoo Oromiyaa kuma 30 ol ta'aniif kennamaa oole nagaan xumurameera. QMGOB waraqaafi 'online'n kennama jedhamee ture sababa Rakkoo 'Sarvarii' Ministeera Barnotaaatiin 'online'n milkaa'uu waan dhabeef waraqaa qofaan kennuun galmaan gahameera. Qormaatni MGOB kun yeroo jalqabaatiif bal'inaan kan kenname ta'uurraa kan ka'e harcaatiin dabree dabree jiraatullee fuulduraaf kan muuxannon guddaan irraa argame ta'uun hubatameera. Milkaa'ina qormaata kanaatiif jalqaba irraa kaasee hanga har'aatti qaama hirmaataa ture hunda kan #galateeffatan BBOtti, Daayirektara Daayirektoreetii Kenniinsaafi Haaromsa Heyyama Gahumsa Ogummaa obbo Isheetuu Laggasaa yoo ta'an, haaluma walfakkaatuun, barsiisotni 'online' n qormuuf galmooftanii sababa rakkoo Sarvarichaatiin waraqaan qorman hunda #dhiifama gaafataniiru. Dhumarratti, Barsiisota Qormaata fudhatan hundaaf carraa gaarii hawwineerra. #share      t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa      t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa      t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
Show all...
Biiroo Barnoota Oromiyaa

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

👍 21🔥 3🤔 2
Qormaatni_Gahumsa_Ogummaa_Barsiisummaa_Akka_Naannoo_Oromiyaatti_Kennamuu_Eegale.”
BBO Waxabajjii,13/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisotaafi Hoggansa Manneen Barnootaa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaafi hoggansaa fudhachuuf  galmaa'anii turan #Barsiistota_Dippiloomaa  24,703fi  #Digirii 8,816 ; #Walitti 33, 519 ta'aniif guyyaa har'aa buufata qormaataa 192 keessatti  qormaata kennuuf akkaatuma qophiin taasifamaa tureen barsiistonni keenya haala gariifi bifa tasgabbii qabuun qormaata isaanii fudhachuu eegalanii jiru. CARRAA GAARII!! BBO #share      t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa      t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa      t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
Show all...
👍 6
Odeeffannoon wayitaawaa bakka jirtanitti akka isin qaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa
Biiroo Barnoota Oromiyaa
irraa argachuu yoo feetan: Feesbuukii:- Teeleegraamii:- https://t.me/+pVMHIiMIRMA3ZmZk Teeleegraamii:- https://t.me/+kYiNT_9gsOg0NjJk
“Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa”.
Show all...
Biiroo Barnoota Oromiyaa

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

👍 17
Show all...
Barattota Qaxalee Horachuuf Hojiin Hojjatamaa Jiru Mana Barnootaa Addaa Sad 2ffaa Nagaasoo Gidaadaa(Dambi Doolloo) Keessatti Mul'ateera jedhame.
----------------------------------------- BBO- Waxabajjii 11/2016 Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo dabalatee,Jilli Af-Yaa'ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa aadde Sa'aadaa Abdurahmanin durfamu guyyaa har'aa Magaala Dambi Doollootti argamuun Mana Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Nagaasoo Gidaadaa Yunivarsiitii Dambi Doollotiin hogganamu daawwataniiru. Manni Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Nagaasoo Gidaadaa Yunivarsiitii Dambi Dollootiin kan bulu yoo ta'u, Yunivarsiitiin Dambi Doolloo barattootni isaanii qormaata biyyoolessaa bara 2016tiif haala gaariin waan qophaa'aniif qabxii gaarii fiduu akka danda'an abdii qaban himaniiru. Jilli Af- Yaa'iin durfamu daawwannaa taasisaniin barattootni haala gaarii irra kan jiran hubachuun barattoota jajjabeessaniiru. Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo deeggarsa Yunivarsiitiin Dambi Doolloo barattootaaf taasisaa jiru dinqisiifachuun, hoggansa Yunivarsiitichaa galateeffataniiru. Barattootni MB Addaa Sad. 2ffaa Nagaasoo Gidaadaas qophiin qormaataaf taasisaa jiran gammachiisaa ta'uu ibsuun, qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa tasgabbooftanii yaadaafi qalbiin yoo hojjattan qabxii olaanaa galmeessisuun keessan hin hafu jechuun carraa gaarii hawwuun jajjabeessaniiru. Walumaagalatti, MB Addaa Sad. 2ffaa Nagaasoo Gidaadaa Yunivarsiitiin Dambi Doolloo haalli itti kunuunsaa jiru tarsiimoofi karoora mootummaan naannoo keenyaa barnoota irratti qabu galmaan gahuuf abdii kan namatti hore ta'ee mul'ateera. #share      t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa      t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa      t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
Show all...
Biiroo Barnoota Oromiyaa

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

👍 9 1
Don’t forget to subscribe this channel.👇 subscribe 🙏 https://t.me/+QGQtsHG5rWk2N2I0  👍
Show all...
BBC News Afaan Oromoo

🌐 Oduu - BBC News Afaan Oromoo BBC Afaan Oromoo irratti Oduu, odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koottaa, waan isinitti dhagahamus nutti himaa. 📩

👍 10
Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 Akka Biyyaatti Kennamu Barattootni 35% ol Oromiyaa Irraa Ta'uun Beekame.
----------------------------------------- BBO- 10/10/ 2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa #qormaata_biyyoolessaa_kutaa_12ffaa_bara_2016_barattoota 246,575 kan qorsiisu yoo ta'u, #akka_biyyaatti_barattoota_qormaata_fudhatan_jedhamanii_eegaman 701,489 keessaa naannoon Oromiyaa 35% ol ta'uun beekameera. Oromiyaa keessatti baay'inni barattoota qormaata fudhatanii hedduu waan ta'eef xiyyeeffannoo Biiroon Barnootaa Oromiyaa kennee hojjataa jiru cinatti karaa loojistikiifi humna namaa bobbaasu irratti Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa hordoffiifi deeggarsa olaanaa gochuu akka qabu waliigalameera. Kanaafuu, hawaasni naannoo keenyaa, maatiin barattootaa, barsiisotni, hoggansi barnootaa, GTB, GMB, BBLG, Caasaan Mootummaa, Qaamni Nageenyaafi Yunivarsiitiwwan Naannoo keenyaa hundi qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 nagaafi milkiin akka xumuramu akkuma kanaan duraa deeggarsi keessan cimee akka itti fufu dhaamsa dabarsineerra. #Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa (GTBO) sadarkaan jirtan, Komishiiniin Poolisii Oromiyaa, Maatiin Barattootaa, Barsiisotni, Hoggansi Barnootaa sadarkaan jiru, qaamni nageenyaafi caasaan mootummaa naannoo keenyaa sadarkaan jiru hundi #haaluma_kanaan_dura_qormaata_naannoo_kutaa_6ffaafi_8ffaa(barattoota milyoona 1.4 ol ta'an) milkeessineen #ammas_milkaa'ina_ammaffaa_akka_galmeessiftan gamanumaa abdii guddaa qabna. Muuxannoo darberra waan hedduu waan hubanneef kan darbe caalaa qulqullinaafi iftoomaan barattoota keenya jajjabeessuu qabna. - Qormaatn kan qophaa; #Sirna_Barnootaa_Darbe(Moofaa) keessaa- Barnoota kutaa 9ffaa - 11ffaa jiru yoo ta'u, #Sirna_Barnootaa_Haaraa keessaa immoo - Barnoota Kutaa 12ffaa ti. - Guyyaa Qormaataa; #Barnoota_Saayinsii_Hawaasaa - Adoolessa 03-05/2016 #Barnoota_Saayinsii_Uumamaa - Adoolessa 09-11/2016tti Waraqaafi 'Online'n kennama. Barattoota keenyaaf: #CARRAA_GAARII_HAWWINEERRA! - BBO - t.me/OromiaEducation_Bureau t.me/OromiaEducation_Bureau t.me/OromiaEducation_Bureau
Show all...
👍 22 1
Odeeffannoon wayitaawaa bakka jirtanitti akka isin qaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa
Biiroo Barnoota Oromiyaa
irraa argachuu yoo feetan: Feesbuukii:- Teeleegraamii:- https://t.me/+pVMHIiMIRMA3ZmZk Teeleegraamii:- https://t.me/+kYiNT_9gsOg0NjJk
“Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa”.
Show all...
👍 30🔥 2🥰 2
Hojii_Barnootaa Naannoo Keenyaa Milkeessuu Keessatti #Pirojektiin "One Wash" #Deeggarsa Guddaa Taasisaa Jira.
###### BBO-Waxabajjii 8/2016 Rakkoo Raawwii hojii barnootaa naannoo keenyaa furuuf Pirojektiin "One Wash" hojii manneen barnootaa keessatti hojjetamu ijaarsa pirojektootaa gaggeeffamuufi leenjiiwwaan kennamaa turan irratti bu'aa qabatamaa argamsiiserratti mariifi leenjii godinaaleefi Aanaalee Wallaggaa Bahaa, (Leeqaa Dullachaa), Jimmaa,(Gumaay), Shawaa Lixaa(Calliyaa)fi Gujii Lixaa,(Abbayyaa)waliin gaggeessaa jira. Hojii misooma barnootaa Biiroon Barnootaa Oromiyaa Inisheetivoota gara garaa bocuun hojjetaa jiru akka galma gahuuf Sagantaan "One Wash" akka qaama deeggaraatti tumsa guddaa taasisaa jira. BBOtti Ogeessi Saaniteeshiniifi Haayijinii (Sanitation and Hygeine) WASH Obbo #Tafarii #Dejenee kaayyoofi #barbaachisummaa marii raawwii hojii ijaarsa pirojektootaafi leenjiiwwan hojii qopheessa qulqullinaa barattoota dubaraa kennamaa turaniifi ammas kennamaa jiru bu'aa maalii akka argamsiisefi Faayidaan isaa akkamiin ibsama waan jedhu irratti qaamolee fayyadamtoota ta'an waliin guyyaa har'aa gaggeessaa jiru. Hojii pirojektii kanaan hojjetamuun Qulqullinni manneen barnootaa balfa gara garaa irraa akka eegamu, mooraan manneen barnootaa hawwataa yoo ta'e, barattoonni mana barumsaa irraa akka hin hafne, akka hin harcaane gochuurra darbee qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gahee guddaa ni qabaata. leenjiin leenjistootaa kanaan dura dhimmuma kanaan walqabatu akka naannoofi aanaatti kennamaa ture xiyyeeffannoon irratti hojjetamee qulqullina mooraa manneen barnootaa keessaa fooyya'uu isaa ibsu. Pirojektiin "One Wash" godinaalee naannoo Oromiyaa keessaa irratti xiyyeeffatanii hojjetan keessatti manneen barnootaatiif bajata ramaduun bishaan dhugaatii, mana fincaaniifi mana qulqullina shamarranii sadarkaa isaa eeggate ijaaruun barattoonni akka itti fayyadaman taasisanii jiru. Akkasumas leenjiiwwan ogummaa gara garaa kennuun keessattuu barattoonni dubaraa mana barumsaarraa akka hin hafneefi hin harcaaneef rakkoo isaanii furuu keessatti pirojektiin kun hojii guddaa hojjechaa jiraachuun hubatameera. HOJII #PIROJEKTICCHI_HOJJETU: #Bishaan Dhugaatii Galchuu #Mana fincaanii dhiiraafi dubartootaa adda addatti ijaaruu #Mana qulqullina barattoota shamarranii ijaaruu #Leenjii qophii Oomisha moodeesii barattoota dubaraa #COWASHiin kennamu #Bakka balfi itti gatamuufu gubamu #Dabalataanis qulqullina_eegumsaafi kunuunsa naannoo manneen barnootaa irratti waan hojjatuuf hawaasa manneen barnootaaf bu'aa olaanaa kan qabu ta'uun hubatameera. Godinaaleefi aanaalee hojiin pirojektii kun keessatti jojjetamu mijaa'ina manneen barnootaafi hojiin baruu barsiisuu rakkoo malee akka milkaa'u taasiseera. Pirojektichi rakkoowwan hawaasaa furuuf baajata ramadamuun ijaarsi pirojektoota manneen barnootaa kun Bara 2011 irraa eegalee Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa, Biiroo Maallaqa Oromiyaafi Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa waliin ta'uun maallaqa deeggarsaan 85% biyya alaarraa argamufi Mootummaa irraa 15%n hojiin ijaarsa pirojektootaa godinaaleefi aanaalee gammoojjii qaban irratti xiyyeeffachuun hojjetaa jira. Itti fayyadamni baajatichaas bakka hooggansi BBO, Godinaaleefi aanaalee argamanitti hojiin ijaarsaa keessatti raawwatamaa jiru gamaaggamamaa tureera. Hanqinaalee raawwii keessatti mul'atan hordoffiifi deeggarsa taasisuun yeroo jedhame keessatti akka furamu gochuunis danda'ameera. Haaluma kanaan hojiin karoorfame yeroo jedhame keessatti raawwatee fayyadamummaan akka mirkanaa'u ta'ee jira. Hojiin Pirojektii kanaan hojjetamaa jiru suuraadhaan deeggaramee dhiyaateera. Akka walii galaatti manneen barnootaa pirojektii kanaan deeggaraman #mijaa'ina mooraa #manneen_barnootaafi #naannawa manneen barnootaa bira darbee #Qulqullinni_Barnootaa akka mirkanaa'uuf tumsa guddaa kan taasisu ta'uu marii gaggeeffame keessatti hubatameera. Akkasumas hojiileen ijaarsa pirojektootaa jalqabamanii jiran hatattamaan yeroo muraasa keessatti raawwachuu akka qabanis kallattiin marii guyyaa har'aan kennameera.
Show all...
Biiroo Barnoota Oromiyaa

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

👍 17
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.