en
Feedback
Galmo kormoso 👈

Galmo kormoso 👈

Open in Telegram

Oromia Shall be Free

Show more
302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Namni siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad turtii addatti BBC Afaan Oromoo waliin taasiseen dhimmoota garaa garaa irratti kan dubbate yoo ta'u, mootummaan Itoophiyaa amma biyya bulchaa jiruun abbaa irreedha, akkasumas walitti bu'iinsa adeemaa jiru mariin furuuf kan hin barbaadu jechuun himate. : BBC News Afaan Oromoo

Oduu: Mootummaan #Itoophiyaa aanga’oota dhiittaa mirga namoomaan himataman aangoorraa akka kaasu Ambaasaaddarri #Ameerikaa dhaaman Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Ambaasaaddara Haqaa Yakka Idil-addunyaa kan ta’an Beet Vaan Shaak, mootummaan Itoophiyaa aanga’oota dabalatee qaamolee waraanaa dhiittaa mirga namoomaa keessatti hirmaatan aangoorraa akka kaasu hubachiisan. Akkasumas ''mootummaan federaalaa dhiittaa mirga namoomaa raawwatameef ifatti beekamtii akka kennu'' gaafatan. Itti dabaluun, "dirreen siivilii dhiphachaa dhufuufi dhiittaan miga namoomaa keessattuu naannolee #Oromiyaa fi #Amaaraa keessa dabaluu hubanneerra" jedhan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5325

Oduu: Jubaalaand loltoota Somaaliyaa boojite gadhiifte Somaaliyaatti bulchiinsi Jubaalaand walitti bu’iinsa Raaskaambooniitti
Oduu: Jubaalaand loltoota Somaaliyaa boojite gadhiifte Somaaliyaatti bulchiinsi Jubaalaand walitti bu’iinsa Raaskaambooniitti Rooobii darbe mudate hordofee loltoota Somaaliyaa too’annoo jala tursiise gadhiisuu beeksise. Murteen kuni marii mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin akka taasifamu carraa uumas jedhame. Haa ta’u malee, loltoonni mootummaa Somaaliyaa 600 ta’an keeeniyaa keessatti argaman ammas humnoota Keeniyaatiin too’atamanii jiran gara biyyaa deebifamuu eeggachaa jiraachuu ibsameera. Loltoota Gorgor jedhaman kan mootummaa Turkiyeetiin leenjifamaniifi biriigeediin Haraam’aad kan Jubaalaanditti too’atamanii turan gara Mogaadhishootti xiyyaaraan deebifamaniiru. https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0yVzxM5npEUoUnrm39c7D5atvycV7eBSsE8iuHJ19oZiivAzQKjYKoPi5eJ3bWwz1l

Xiinxalaan siyaasaa fi aktivistii beekamaa Jawaar Mahaammad kitaaba haaraa ''Hin Gaabbu'' jedhu maxxansiisee torban dhufu magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti eebbisiisuuf akka jedhu gaaffiifi deebii addatti BBC waliin taasiseen ibseera. : BBC News Afaan Oromoo

ይህው ነው

Oduu: #Goojjam_Lixaatti aanga'oota ji'ootaaf hidhattoota #Faannootin qabamanii turan keessaa 37 ajjeefaman Naannoo #Amaaraa godina Goojjam Lixaa aanaa Dagaa Daamoot magaala Faras Beetiitti aanga'oonni sadarkaa aanaa fi gandaa 37 hidhattootaan ajjeefamuu jiraattonni Addis Standard'tti himan. Hidhattoonni Faannoo ji’oota lama dura aanga'oota aanichaa, bulchaa gandaafi hoggantoota milishaa 97 ta'an to'annoo jala oolchuu kan yaadachiisan jiraataan aanichaa, Jimaata darbe aanga’oota qabaman keessaa 37 ajjeesuu himan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5261

Oduu: Itoophiyaan gurgurtaa Kaarbooniirraa miliyoona $1.8 argatte Itoophiyaan gurgurtaa Kaarbooniirraa Doolaara miliyoona 1.8
Oduu: Itoophiyaan gurgurtaa Kaarbooniirraa miliyoona $1.8 argatte Itoophiyaan gurgurtaa Kaarbooniirraa Doolaara miliyoona 1.8 argachuu Dhaabbanni Mul’ata Addunyaa #(Word_Vision) beeksise. Maallaqni kuni gurgurtaa Kaarboonii bosona naannoo Kibba #Itoophiyaa godina Walaayittaa iddoo Humboonaafi Sooddoo jedhamanii argame ta’uu ibsameera. Gabaasa guutuu https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02hax74ZUVpxaJ7i2FFRy2DPP9KrweS5sA7c1qZoF7SqNsCCEjWE1RSMjVsFmFLeKnl

Oduu: #Finfinneetti sagaleen dhukaasaa miseensota WBO dhageessisaniif poolisiin dhiifama gaafate Finfinnee naannawaa tokko tokkotti sagaleen dhukaasaa kaleessa miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo waliigaltee araaraan booda gara giddugala leenjiitti imalaa turan dhageessisan rifaatuu uumeef poolisiin magaalichaa dhiifama gaafateera. Taatee kana hordofee paartiin #Izeemaa ibsa baaseen hidhattoonni gara giddugala leenjiitti imaluu isaaniin dura dursa meeshaa waraanaa isaanii qaama nageenyaaf dabarsanii kennu akka qaban hubachiiseera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5248

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Hidhattoonni walitti bu'iinsa keessa qooda fudhachaa jiran akka 'hidhattoota Oromiyaa keessaa' akka galan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waamicha dabarsan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/xq3skY5

“...የኦሮሞ ህዝብ በተደጋጋሚ ሲያነሳው የነበረውን የሰላም ጥያቄ ተቀብለን ትጥቃችንን ፈተን በሰላማዊ መንገድ ለመታገል ወስነን ነው የመጣነው። በተለያዩ የመገናኛ መንገዶች አፍራሽ ወሬዎች ይሰራጫሉ። ይሄ ትክክል አይደለም። እኛ ህዝብ አክብረን የህዝብ ጥያቄ ተቀብለን በትጥቅ መንገድ ስንታገልላቸው የነበሩ ዝርዝር ጥያቄዎችን በሰላማዊ መንገድ ምላሽ እንዲያገኙ ልንታገል ወስነን ነው የመጣነው። ከኦሮሚያ መንግስት ጋር የገባነው ባለ #13 አንቀጽ ሥምምነት በአግባቡ እንደሚተገበር እምነታችን የጸና ነው....” — ጃል ሰኚ ነጋሳ 🕊️ [የሰላም መጥፎ የጦርነት ጥሩ የለውም !!]

Torban sadi dura maqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa seentan jedhuun dargaggoota humnaan guuramaa akka jiraniifi, ilmaan isaanii baraaruuf maatiin maallaqa guddaa akka kafalchiifamaa jiru barreessinaan, jarri mootummaa dubbii sobaa akka ta’etti waakkatanii ture. Kaleessa qaamuma mootummaa kan ta’e Komishinii Mirga Namoomaa dubbii san qoratee dhugaa ta’uu mirkaneesse. Daa’immaan waggaa 11 hamma gameessa abbaa maatii umriin 43tti humnaan qabamanii mooratti akka naqaman ifoomse. Gama waraanaa ergamuurraa of baraaruuf birri 20,000 hanga 100,000 kafalamaa akka jirus mirkaneeffate. Har’a hoo jarri mootummaa maal jedhu laata? Soba hin barreessinu dhara hin dubbannu. Yakkootaafi sarbamiinsa mirgaa naannawa keessanitti raaw’ataman ragaa qabatamaa waliin nuuf eeraa. Nuti ammoo ragaa dabalataatiin mirkneessinee saaxiluu cimsinee itti fufna. #By_Jawar _Mohammed

Gaafa murni heddu uumame ejjannoon, gaafiifi fedhiinis akkasuma waan baay’atuuf, haasaa araraaraa daran walxaxaafi rakkisaa taasisa. Kanaafuu, mootummaan kun walwaraansa naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessa jiranitti xumura godhuu yoo barbaade, sababoota siyaasaa jalqabuma biyyattii lolatti seensisan hiddaan furuun dirqama akka ta’e amanee fudhachuu qaba. Kanaan ala karaa qaxxaamuraa Itoophiyaa nagaya waaraatti geessu hin jiru. #By_Jawar_Mohammed

Hamma Caamsaa 2024tti ajajaa WBO Zooni Jiddugaleessaa kan ture Sanyii Nagaasaa mootummaa waliin ifatti waliigaluun kaleessa gabaafameera. Qabsa’aan gameessi kun erga jaallan kaleessa waliin ture waliin itti fufuu dadhabee, murna biraa uumee obboloota isaa waliin walajjeesuu mannaa galuuf murteessuu isaatiif galatatu malaan. Garuu ammoo taarkaanfiin kun akka waan walwaraansa Oromiyaa keessaa dhaabsisuu danda’uutti fudhachuun dogongora. Qondaalonni ABO/WBO mootummaan waliigaluun kun taate amma duras agarre ta’us, nagaya buusuu irratti bu’aa abdatame hin argamsiifne. Fakkeenyaaf, bara 2018 Hayyu Dureen ABO Daawud Ibsaa loltoota 1300 ta’an Eritriyaa irraa galchuun mootummaatti dabarsee kenne. Garuu ammoo ji’oota muraasa booda loltoota kana keessaa hedduun kaampii mootummaatii baduun humna WBO xinnaa bosona Lixa Oromiyaatti hafe kan Marroo Dirribaan hogganamutti dabalamuun daran cimsan. Ittii aansee, bara 2019 Gumii Abootii Gadaa waliin ta’uun, yeroo sanatti Itti Aanaa Marroo kan ture, Diinaraas ( Hundee Dheeressaa) dabalatee loltoota WBOn gaafas qabu keessaa kan gara walkkaatti dhihaatan galchinee turre. Ta’us, sochii WBO bosonatti hafee danquu mannaa, baroota itti aananitti lakkoofsi loltootaafi lafti keesssa socho’an dacha dachaan dabale. Haaluma walfakkaatuun bara 2021, ajajaa WBO Zoonii Kibbaa kan ture, Gollicha Dheengee, mootummaatti harka kennate. Kunis akka mootummaan abdate sochii zoonii sanii laaffisuu hin dandeenye. Daranuu gara Arsiifi Baaletti babal’ate. Waliigalteefi harka kennachuun kunniin sochii riphee loltootaa laaffisuu maaf dhabe laata? Sababoota heddu keessaa lama tuquun ni danda’ama. Kan duraa, mootummaan rakkoolee siyaasaa jalqabummarraa qabsoo hidhannoottii geesse furuuf yaaluu mannaa hammeessuu isaati. Hacuuccaan lammiilee, jumlaan hidhuufi ajjechaan hammachuun, warri hidhate hiikkachuu dhiisii daraggeessii qe’etti hafeeyyuu gariin xiiqiin kuun ammoo lubbuu of baraaruuf bosonatti akka nam’u taasise. Kan lammataa, mootummaan waadaa hogganootaafi loltoota lola dhaabuuf waliigalaniif seene guutuu dhabuu isaati. Warra qawwee lafa kaayanii galan kaambii mootummaa keessatti jechaan salphisuunifi gochaan miidhuun, gaabbiifi dallansuu keessa galchanii bosonatti akka deebi’an taasisan. Kaanneen kaambitti hafan ammoo, leeccalloo jireenya nagayaatti deebisuuf barbaachisu ramaduu dhabuun harka duwwaa facaasan. Ajajoonni olaanoon miidhaa kana caalaaf saaxilaman. Diinaraas galee ji’oota muraasa booda Bishooftutti ajjeefame. Gollicha Dheengee maatii gaafachuu Boorana dhaqnaan reebanii salphisan. Miidhaan warra lola dhaabee daandii nagayaatti deebi’e kanarra gahaa ture kun, kanneen bosonatti hafan qabsoo hidhannootti akka cichan taasisuu bira dabree, dargaggoonni kumatamaan akka itti dabalaman carraa laateef. Faaydaan mootummaan waliigaltee/ harka kennuu qondaalotaa irraa argatus olola torban takkaa qofatti akka murtaa’u godhe. Taatewwaan amma duraa kenneenirraa ka’uun, ‘waliigalteen’ kaleessaa kunis nagaya Oromiyaatiif bu’aa hammasii fida jedhanii hawwuun rakkisaadha. Mootummaan riphee loltoota jireenya nagayaa filatan simachuun gaariidha. Ololaaf fayyadamuunis waanuma eeggamuudha. Ammoo akka waan taateen akkasii walwaraansa deemaa jiru dhaabsisuu danda’uutti yaaduun ofsobuudha. Ajajaan ykn murni tokko jaarmaya riphee lolaa tokkoorraa fottoquun yeroof dirree lolaatti bu'aa hamma tokko qabaachuu mala. Garuu ammoo haala qabataamaa amma jiru kan humni mootummaa hedduu laaffateefi diinaggee biyyaa laamsha’e kanatti, madaala waraana waliigalaa irratti dhiibbaan qabu murtaa’aadha. Jaarmaya riphee lolaa guutuu waliin mari’achuu mannaa, ajajaa tokko/ murna xinnaa hawwachuu irratti fuulleffachuun, nagaya waaraa buusuf danqaa hedduu uuma. Gara fuulduraa ootummaafi riphee lolaa bosonatti hafe jidduutti marii araaraa gochuuf walamantaan akka hin jiraanne taasisa. Mariin Taanzaniyaa fashaluu booda wanti ta’es kanuma. Jaarmaan riphee lolaa ciccituun, murnoonni haaraan uumamuun jeequmsi daran akka babal’atu taasisa. Mootummaafi jaarmya riphee lolaa tokko araarsuunuu ulfaataadha.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa qorannaa dhimma ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti geeggeessaa ture erga xumuree kan bubbule ta'us, gabaasa qophaaye hanga ammaa ukkaamsee irra taa'aa jira. Qondaalonni mootummaan federaalaas ta'ee kan naannoo ajjeechaa gurbaa miskiina sanii keessaa harka akka hin qabne haalaa turan. Yoo dhuguma mootummaan cubbuu san raaw'achuu keessa hin jirre ta'e, gabaasni kun ummata akka hin qaqqabneef ukkaamsuun maaf barbaachise? By #Jawar_Mohammed

Oduu: “Nagaa biyyaatiif jennee qawwee keenya gadi qabnee waliigaltee taasisne” - Sanyii Nagaasaa Tibbana mootummaa waliin waliigaltee araaraa mallatteessanii kan galan qondaala Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) duraanii Sanyii Nagaasaa, waliigalteen “dhimmoota nageenyaafi hiree waraanaa irratti xiyyeeffata” jedhan kun guyyoota lama booda hojiitti akka seenu ibsan. Marii mootummaa waliin taasifameen waliigaltee keeyyatoota 13 qabu mallatteeffamu eeruun, “waraanni waggootaaf dirree #Oromiyaa irratti taasifame ummata nagaa miidhuu malee faayidaa waan hin qabneef” gara waliigalteetti isaan geessuu himan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5243

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Deeggaraan Arsenaal miirasaa ibsachuutti lubbuunsaa gaaga'ame.Tapha Arsenaal fi Maanchistar Yunaayitid Roobii galgala taphatan booda deeggaraan Arsenaal kun miira ho'aa keessa galee osoo gammachuusaa ibsatuu poolisiin Yugaandaa rasaasaan rukute jedhan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Sa3G0r4

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Qondaala Ministeera Nageenyaa Itoophiyaa kan turan Obbo Taayyee Danda'aa har'a waaree booda mana hidhaatii gadhiifamuun manatti galuu haati warraa isaanii aadde Sintaayyoo BBCtti himan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qUBKCTg