302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Repost from Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Ogeessotni Fayyaa Itiyoophiyaa osoo beelofnuu osoo dheebonnuu waadaa Ogummaa keenyaaf seenneef jecha ofii jireenya gadadoo jiraanna kanaaf furmaata barbaanna jedhaa jiru.
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Namoota hidhattoonni Faannoo Dilbata darbe ALI Ebla 26, 2017 godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti butan keessaa jaha eessa buuteensaanii hanga ammaatti hinbeekamne jedhame.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/aYOSXRU
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Dhaabbanni Baqattoota Addunyaa (IOM) akka jedhuutti, godaantoonni hedduun gaaffiinsaanii diinagdee ta'ulleen, godaantoonni Itoophiyaa hedduun keessattuu naannoo Oromiyaa fi Amaaraa irraa sababii walitti bu'iinsaa fi hidhaa baqachuuf godaanaa jiru.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/wLql5dk
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Tibba kana haala hin baratamneen maqaan Kaapteen Ibraahim Tiraawore, hogganaa dargaggeessa Burkinaa Faassoo kan mirga Afrikaaf qabsaa'aa ta'uu of ibsu miidiyaa hawaasaa irratti akkaan qodamaa jira. Ofii eenyuudha inni?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/syL6O4g
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Biyyoota meeshaa waraanaa niwukilaraa hidhatan lameen, Indiyaa fi Paakistaan gidduutti dubbiin hammaateera.
Indiyaan kutaalee Paakistaan fi qaama Kaashmiir kan Paakistaan jalatti bulu misaa'elaan haleelte.
Maaltu biyyoota lameen walitti buuse? 👇👇 https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c5ygy8mgyjyo?at_campaign=ws_whatsapp
Repost from Jawar Mohammed
FIINXAALEYYII: Albeen abbaan qare
Bara dardara turre san gaaf tokko gaazexessaa VOA Nugusuu Taammiree waliin afgaafii taasisuuf osoo qoohaayaa jirru jecha fundamentalist/ extremist jedhuuf hiika Afaan Oromoof osoo barbaannuu haayuuu seerlugaa Dr Abdusamad Mohammad qunnamne. Innis hiikkaan jecha sanii fiinxaalesaa / fiinxaalesasummaa akka ta’e nuuf hime. Nama yaadni isaa kan hawaasa bal’aa irraa fiinxatti bahe ta’uu isaati. Nus jecha kana irra deddeebiin waan fayyadamneef dhaadheffame.
Xiqqo turees kaadireefi kaabineen OPDO/EPRDF jecha kana anuma ittiin abaaruuf fayyadamuu jabeessite. Kunoo ammas raayyaan miidiyaa Bilxiginnaa haarayatti gabaatti as baaftee jirti. Jarana har’a gaafa rifeensi nu addaate jilba qabannee lafaa kaanu dhiisaa gaafa dargaggummaa lafaa-dhufaa nafaa-cufaa sanuu ejjanno finxaalessa ta’e calqisiisnee akka hin beekne ni irraanfattanii laata?
Waa maraafuu gaafii haqa qabeessa ogeeyyota fayyaa deeggaruun finxaalessummaa taanaan, daran fiiniinsina!
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Televijiinii #EBS fi Birtukaan Tamasgen dabalatee namoota 16 irratti himannaan sadii baname
Televijiinii EBS fi dhaabbata abbaa qabeenyummaan isaa kan EBS waliin tokko ta’e kan biraa haasawa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa tamsaasuun yoo himataman, Ma’azaa Mohaammad fi Birtukaan Tamasgen dabalatee shakkamtoonni 6 himata shororkeessummaa irratti banameera.
Himannaan kun kan dhiyaate dokumantarii sagantaa televijiinii EBS “Boqonnaa Haaraa” jedhamu irratti Bitooteessa 14, 2017 ALI tamsa’ee fi hawaasa biratti dheekkamsa kaase hordofeeti.
Himatamtoonni “barattoota Oromoo yuunivarsiiti naannoo #Amaaraa adda addaatti baratan irratti haleellaan akka raawwatamu, dabaree isaatiinis dhaltoonni Amaaraa naannoo #Oromiyaa keessa jiraatan irrattis miidhaan akka gahu gochuun biyyattii keessatti jeequmsa guddaa uumuuf shira xaxuu” himatni kun agarsiisa.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6193
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Wallagga_Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti “hidhattoonni #Faannoo” imaltoota 10 butuu jiraattonni himan
Naannoo Oromiyaa godina Wallagga Bahaa aanaa #Giddaa_Ayyaanaatti Dilbata Caamsaa 04, 2025 hidhattoonni “Faannoo” konkolaataa geejjiba uummataa gara Finfinnee imalaa ture karaatti dhaabsisuun imaltoota 10 butuu kanneen ijaan argan himan.
Namni yeroo taateen kun raawwatu konkolaataa kana keessa ture tokko yaada Addis Standard’tti lateen, “imalarra osoo jirruu karaatti humnoonni Faannoo bosona keessaa bahuudhaan konkolaataa dhaabsisan” jedhe. Ergasii namoota 10 fudhatanii deemuu himeera.
Waa’ee hidhattoota gocha kana raawwatan yeroo ibsu, “ani ija kootiin kan arge namoota hidhatan 4 turan. Meeshaalee akka bireenii, kilaashii fi isnaayparii qabatanii bosona keessaa bahuun konkolaaticha fuuldura dhaabbatan” jedhe.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6182
Repost from Jawar Mohammed
The government better address these demands, and do it sooner. Health professionals have proved that they are united and determined to stand firm. They have overcome the fear that engulfed the country. So far the harassment, intermediation, demotion and arrest of doctors have not deterred them. Once this sector goes on strike in 7 days, it will likely have a domino effect on other professions such as teachers.
The regime cannot beat, jail and kill out of this one!
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Danda'aa paartiin badhaaninaa qajeeltoo ittiin taliigamu waan sarbeef akka ugguramu ykn haqamu gaafataniiru.
Xalayaa Boordii Filannoof barreessan kan BBCn argaterratti kora lammaffaa paartii badhaadhinaa qeeqaniiru.
Sababni gaaffii kana dhiyeessaniif maali? 👇👇 https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cp31v3521l9o?at_campaign=ws_whatsapp
Repost from Jawar Mohammed
+2
Ethiopian Human Rights Commission’s new director Brehanu Adelo claims the commission has began investigating the ongoing forced conscription into the military. We shall see if they could follow through and release report of their findings.
NB: the picture shows a child soldier belonging to ENDF recieving treatment in hospital after being wounded at battlefield. Will the ENDF leadership stop denying the obvious and end this shameful recruitment of child soldiers ?
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Gamtaa_Awurooppaa fi Imbaasiiwwan Finfinneetti teessoo godhatan 14 #Itoophiyaatti bilisummaan pireesii haalaan gadi bu’uu isaan yaaddeessuu ibsan
Guyyaa Bilisummaa Pireesii Addunyaa waggaa waggaan Caamsaa 03 kabajamu sababeeffachuun Gamtaan Awurooppaa fi Imbaasiiwwan 14 kanneen teessoo isaanii Finfinneetti godhatan ibsa waloo baasaniin, Itoophiyaa keessatti bilisummaan pireesii haalaan gadi bu’uu isaatiin yaaddoo guddaa akka qaban ibsaniiru.
Gareen Rippoortaroota Daangaa Maleeyyii gama isaatiin Indeeksii Bilisummaa Pireesii Addunyaa bara 2025 irratti “bilisummaan pireesii Itoophiyaa haalaan gadi bu’uu” ibseera. Itoophiyaan qabxii 100 keessaa 36.92 galmeessuun biyyoota 180 keessaa sadarkaa 145ffaa irratti argamti.
Giddugalli Falmaa Mirga Namoomaa Itoophiyaa gama isaatiin ibsa kaleessa Caamsaa 02, 2025 baaseen, “dhiibbaan dhiheenya kana miidiyaalee Itoophiyaa irratti dabalaa dhufe baay’ee nu yaaddessa” jedheera.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6179
Repost from Jawar Mohammed
Injifannoowwwan qabsoon ummata keenyaa argamsiifte keessaa kan jalqabaa sirna fuuwudaalaa gombisuun lafti kan kan qonnaan bulaa taasisuu ture. Qabeenyi ummata harkatti hafe tokkichi lafa waan ta'eefi sun harkaa baanaan hiddaan buqqa'uu isaa ta'uun waan hubatamee gurguruufi jijjiiruunuu dhoowwame. Lafti akka qabeenya biriitti kan bitamee gurguramu yoo ta'e, dureeyyiin maallaqa kuufatan qonnaan bulaa rakkaataa irraa lafa bituun handaaratti gatuuf karaa waan saaquuf falli kun kaayame. Bu'urri heera mootummaa amma hojiirra jiruutis kanuma.
Labsiin dhiheenya kana manni maree ministeerota Bilxiginnaa baase injifannoo waggoota shantama dura aarsaa guddaan argame kana kan haquudha. Heerri mootummaa lammiileen biyyattiituu lafa waliigurguruu kan dhoowwu ta'ee osoo jiruu, labsiin amma baasan kun tujjaaronni biyya alaa akka dhuunfaafi kubbaaniyyaattis lafa bitatatnii itti abboomuuf kan hayyamuudha.
Akaakni labsii kanaa maali?
1) Qondaalonni mootummaa lafa magaalaa heera cabsuun gurguranii waan fixaniif ammma ammoo labsii kanaan fayyadamanii lafa qonmna baadiyyaa gurguruuf haala mijeeffachaa jiran.
2) Walwaraansa wagggoota dabranii geggeessuuf biyyoota Baha Jiddigaleessaa irraa maallaqa heddu liqeeffachuun iccitii namuu beekuudha. Gaafa liqeeffatan kana qabeenya uumamaa biyyatti qabdii kennuudhaani. Labsiin amma baasan kun waliigaltee iccitiin godhamaa ture saniif uwwisa seeraa kennuudha. Akka keessa keessa haasayamaa jirutti, lafti Abu Seeraa ( Bishooftuu) maqaa dirree Xayyaaraan ummatarraa saamameefi kan gaarreen Baalee qonnaan bultoonni naannawa Riiraa irraa kaafamaa jiran sun duruu kenname.
Labsiin kun hojiirra oollaan ummnni qabeenya takkittii harkatti hafte ifatti saamamuun harka qullaa hafuu isaati. Kaleessa maqaa Maastar Pilaaniitiin lafa naannawa Finfinnee kutanii gurgurachuuf karoorri baafatan qabsoon ummataan fashale. Har'a ammoo biyya guutuu gurgurachuuf seera qopheeffatan. Kunis fashaluu qaba. Ni Fashalas!
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Yeroo aangotti dhufan MM Abiy "Biyyattii keessa miidiyaan fayyaa qabu hin jiru" jechuun,dirree miidiyaa Itoophiyaa fooyyessuuf waadaa galanii ture.
Haata'u malee ammaa "Itoophiyaatti walabummaa pireesii mootummaatu siif kenna; mootummaatu sirraa fudhata" jedhu qeeqtonni.
Dhugaan jiru maali?
Dubbisaa: ↪️ https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cgjlqx0z782o?at_campaign=ws_whatsapp
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Artist Kadir Martuu dhukkuba akkamiitu isa mudate? Hangam yaaddessaadha? Eenyutu gargaara?
Haala inni keessa jiru iyyaafanneerra.
👇👇
https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c1mev725gx4o?at_campaign=ws_whatsapp
Repost from Jawar Mohammed
Tuni waan gaariidha! Kaabineen ilmaan hiyyressaa morma qabdee abidda waraanaatti oofaa baate amma ofiifis oofamuu heddi. Bulchitoonni godinaa, aanaafi gandaa leenjii waraanaa fudhachuun dirree lolaatti ergamuuf jedhu. Qonnaa namaaf safaraa bahanitti safaramuun hin ooltu makmaaksi jedhu sun kanumaafi fakkaata 😀
“Jawaar Atii wa'ee Dargaggoota waraanaatti guuramani dubbattaa Borii Kaasee immoo Bulchaa Aanaa, Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanaa, Bulchaa Gandaa Dabalatee Leenjii loltummaa tif deemuf qophaa'aa jiruu Akkaa Kooriyaa Kaabaa ta'u jennaa Nutiis taraa eeggachaa jirraa
Eenyummaa koo hin ibsiin
Repost from Jawar Mohammed
Dubbii Godina Jimmaa
“Jawar keenya waayeen Jimmaa kan ati barreesitee ol rakkoo hamaa keessa jirra.
Eenyutti himanna jennee callifne. Kooridariin nama baay'ee buqqisee hojii male,mana male nu godhee nama danuu daandii irratti nu hambisee jira. Karaan haarawni ijaaramaa jiru ganda sadii irraa nama buqqise hora gibee,booree fi woldaa irraa nama baay'ee buqqise namoota buqqa'an muraasaaf mana gandaa kennanii irra guddaadhaaf mana kireeffatanii jiru.
Buqqaatiin itti fufee paarkii baddaa bunaa hojjachuuf ganda jireen irra caalaa buqqisanii nama boroo ofiitti raafuu facaafatee fi jimaa dhaabbatee ittiin bulaa ture buqqisanii mana kutaa tokko tokko qofa kireeffatanii keessa kaa'anii jiru. as dhiheenyammoo ganda booreetii riil isteetii dhaaf namoonni baay'een buqqifamanii isaaniifis manni kireeffatamee kaa'amanii jiru. Namoota buqqa'an baay'ee keessaa nama 1000 hin guunneef manni gandaa kennameera.. nama 1000 hin caalleef manni jireenii fi qofeetti ijaaramee kennameefii jira. Namoota kanaaf lafti manaa bakkee ganjiitii kennameefii ture kan si ajaahibu ummata daaandii haaraa hojjatamaa jiruuf buqqifameef bakkee ganjiitii kennaniifii nutu isiniif ijaaraa hin ijaarratinaa ittiin jedhan dhiheenya kana worra riil isteetiidhaaf buqqisaniifis lafuma bakkee ganjii iddoma duraan kennan sana irra deebiin buqqaatota biraatiif kennanii isaan irra lafa nama biraaf kenname fudhatan kanaan immoo ijaarradhaa jedhaniin, ummanni ijaarrachuus sodaatee jira.
●an ganda keessan hojjadha ummata kanaaf garaatu na gubata garuu womaa gochuufii hin dandahu.
.... mana haadha iyyeessaa diiganii boochisuun magaalaa jimmaatti iccitii miti kanaaf viidiyoowwan bara darbe bosaa kittoo,bachoo booree fi booree irraa woraabamee miidiyaa irra deddeemaa ture ilaaluun gahaadha... kan bosaa kittoo OBN woraabaa abukaadoo fi muuzii, bunaa boqolloo doozariidhaan kaabinoonni dhaabatanii qabeenya haadha hiyyeessaa barbadeesaa turani.
kan ummata jimmaa Rabbi ha dubbatuuf male ummanni akka itti dubbatu dhabee callisee miidhamaa jira. Worri dur nuuf dubbatan amma bitamanii achii as nutti dubbatuu rakkanneerraa Rabbumaan nuu kadhaa.m jedhii oromootti nuu dhaami Jawaar keenya.”
Repost from BBC News Afaan Oromoo
''Tiraampi gonkumaa nu hin cabsu'' jedhan Maarki Keernii filannoo Kanaadaa mo'achuun.
Maarki Keernii dursaa paartii Liberaal yoo tahan Tiraampi garuu akka isaan mo'aman barbaadu ture.
Filannoon Kanaadaa kun maal jijjiira? 👇👇 https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c2ewyy8r0ngo?at_campaign=ws_whatsapp
