302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Repost from Jawar Mohammed
Bishooftuu: dargaggeessi akka bosonutti adamfamaa jira
Bishooftuu tti hooggansi tokko hamma nama 7tti dargaggoo waraana deemu akka fidu kootaan kennameef. Kanaafis daandii baaburaa duuba magaalaa sanaa bahu irra dargaggoo bashannana deemu(walk godhu) adamsaa oolu ukkaamsuuf.
Mana puulii fi mana DSTV bakka dargaggoon kubbaa miillaa ilaalu illee ni hordofu. Kan argatan birrii 7000 siif kennina jedhanii sossobanii oo dides dirqiin qabanii mooraatti geessu. Kana hunduu beeka."
Repost from Jawar Mohammed
Shoorarakaan daraggoota humnaan qabanii garii maallaqa irraa fuudhuu kaan ammoo waraanatti erguu Oromiyaa guututti geggeeffamaa jira. Fakkeenyaaf;
SHAWAA BAHAA, MOJO
“Magaalaa Mojoo fi gandoota Aanaa Lumee keessaa dargaggootaa fi namoota waraqaa eenyummaa hin qabne dirqiin waraana geessuuf store/Magaazana keessatti kuusaa jiru.
Kadiroonni xixiqqoon ammoo 'kootaa' itti kenname guutuuf ijoollee dirqiin qabanii geessu. Kan warri maallaqa qabu ammoo kuma 20 kaffalee nama isaa gadhiisa.
Uummanni ilmaan hiyyuummaan guudifate Mootummaan irbaataa rasaasaaf kaadhimachaa jira. Biyya dhaloonnii abdiin keessatti goge taaneerra!”
========
HARARGEE BAHAA, CINAAKSAN
“Cinaksaanitis Aradaa hundinuu nama 10 Akka waranaf kenan dirqamsisu jiran jolleen kana dhageysee Barnota dhiftee dhefaa waranatif kara Somali baqachuu jiran”
=====
JIMMA, AANAA DEEDOO
“Dubbin raayyaa ittisa Biyyaa Godina Jimmaattis cimeera! Mana Dalalaatii namni tokko Kuma 40n bitama Jira. Aanaa Dedoo kaachisaanii qabuu. Qarsaa fi limmuu saqqaa fi saqqaa coqorsaa keessatti gatiin raayyaa nama tokko 40 kunimmoo Qote bulaaf irra sassabamaa. Achii fuudhama marsaa raayyaa hundayyuu Magaalaa Jimmaa irra fudhatu Aanaaleen Martinu. Amma qarshiin isayyuu cimee nama tokko Kuma 40n fuudhani fidu bulchoonni Ganda.”
========
GUJII, MAAGAALAA SHAAKKISOO
“Magaalaa Shaakkisoo keessaatti dargagoo humna waraanaatti erguuf humnaan qaba jiru. bakka bashananaa , DSTV ,mana puulitti milishoonni itti seenanii tumanii 3f/patrooliitti fee'a jiru sodaa hamaa keessa jirra.”
=====
HARARGEE LIXAA, AANAA GUMBII BORDODDEE
“Q Dargaggoo fi barataan itti hanqateeti Aanaa Gumbii Bordoddetti Darasaa Qur'aana Qara'uuf manaa baatee juuzii saddet barattuu karaa kutaa 8 tti jijjiiraniifi Raayyaa oofaa jiru
Raayyaa oofuu Qofa osoon Taanee Asuma keeysaahuu Qoodamattu jira ijoollee fira milishaafi fira warra Aangoo Qabuu Raayyaa hin oofaan Kan Raayyaa deemuu ilmaan Haadha hiyyeessaa Qofa”
========
WALLAGGA LIXAA, AANAA BOOJJII BIRMAJJII
“godinaa walagaa lixaa anaa bojii dirmajii magalaa bilaa tis guyyaa haraa guyyaa gabba gudda ture dargaggoo haman bayye 50 ol ta,an ugurani hadholiin ilman issani wajjin dhufan jala qabaman ille amma kuno wajjiraa pollisi dura dhabatani bo,aa jiruu jaweko dubadhuf”
=========
HARARGEE LIXAA, AWWADAAY
“aweday irraan see barreesse
Magaala tanatti halkan humnaan nama badiyya jima fidatee fi ka magaala dalagatuus rayyaa ittisaa isin oofna jachuun ummata dirqiin guuru jiran yoo ergaa tana arkite sagalee ummata khanaaf tahi”
Hardhas dubbiin sanuma. Ummata rakkoo nageenyaatiin bahee-galuu fi oolee- buluu yaadda’utti qoosaan misoomaa himama. Tan simbiraaf lubbuu ijoolledhaaf tapha jedhama. Garuu ummanni guddaan kun maaliif akkas tuffatama? Kunis darbuuf deema!
Artist Halloo Daawwee sirboota akka "Oromoon fardaan dabaale!" jedhu fa'aan heddu beekamti.
Seenaa muuziqaa Oromoo keessatti weellistuu jalqabaa albama muuziqaa baastedha.
Muuziqaafi qabsoo Oromoo keessatti akkamiin yaadatamti?
👇🏾👇🏾
https://bbc.in/4iudWO0
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Wallagga_Bahaa Aanaa #Kiiramuutti hidhattoonni miseensota milishaa dabalatee namoota 15 ajjeesan
Naannoo #Oromiyaa godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti haleellaa hidhattoonni Ebla 22, 2025 raawwataniin miseensota milishaa dabalatee namoonni 15 ajjeefamuu jiraattonni DW'tti himan.
Haleellaan kun Kibxata darbe “bifa qindaawaa ta’een” ganama naannoo sa’aatii 1:00’tti kan eegale yoo ta’u, meeshaalee gurguddoon kan deeggarame ta’uu DW jiraattota wabeeffachuun gabaaseera. Haata’u malee, maqaa ykn eenyummaa hidhattoota kanaa ifatti hin ibsine.
Jiraataan aanichaa tokko, “haleellaa meeshaalee gurguddoo kan akka Dishqaa fi Bireeliin deeggaramee kanaan qonnaan bultoota dabalatee namoonni 15 ajjeefamaniiru. Kaan mana isaanii keessatti, kaan ammoo lafa qonna isaanii keessatti ajjeefaman” jedhe.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6160
Breaking news
Hangafa Dr. Lammaa Magarsaa kan ta’e Obbo Darajjee Margarsaa dabalatee maatiiwwan Dr. Lammaa hedduun mana hidhaatti guuramaa jiraachuu beekameera. Namoota hidhaman keessaa ilmaan eessumman Dr. Lammaa Magarsaa namoonni lama jechuunis Obbo Addaam Fayyisaa fi Obbo Geetuu Tashoomee akka jiran mirkaanaa’eera. Maatiin jumlaan hidhamaa jiran kunneen mana hidhaa Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Gudayyaa Jareetti yeroo geeffaman “isin maatii Lammaa Magarsaati” jedhamuun akka hidhaman beekameera. Obbo Darajjee Magarsaa ogummaa isaaniitiin bara dheeraaf sadarkaa aanaatti tajaajilaa akka turaniifii ji’a jaha dura immoo akka hojiirraa ariyatamanii qonna qotachuutti deebi’an mirkaneeffanneerra.
Ji’oota muraasa dura Dr. Lammaa Magarsaa bakka jiran Awurooppaa irraa qabanii biyyatti deebisuuf yaaliin mootummaan Abiyyi taasise akka hin milkoofne ni beekama.
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Wallagga_Bahaatti miseensi #WBO ajjeefamuu hordofee haleellaa “haloo ba’uu” raawwatameen lubbuun namoota 29 darbe
Naannoo #Oromiyaa godina Wallagga Bahaa aanaa Haroo Limmuutti haleellaawwan tibbana walduraa duubaan raawwatamaniin lubbuun namoota nagaa 29 darbe. Haleellaawwan kanneenif “ka’umsa” kan ta’e “wahila dhiyoo” ajajaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marroo kan ta’e Shoddeen humnoota mootummaatin ajjeefamuu akka ta’e himameera.
Maatiin namoota ajjeefaman, haleellaan gandoota Gorbaa Guddinaa fi Suggee keessatti Ebla 07, 2025 irraa eegalee gaggeeffame kun ajjeechaa Shoddeef haleellaa haaloo ba’uu “hidhattoota WBOtiin” raawwatame ta’uu himaniiru.
Jiraataan ganda Garba Guddinaa maatii namoota ajjeefaman waliin gaa’ilaan firoomu tokko hidhattoonni kunneen “miseensa WBO duraanii ajjeechaa Shoddeen shakkame waliin hidhata qabdu” jechuun daa’ima ganna 12 dabalatee “maatii nama Hirphoo jedhaman guutuu” ajjeesuu himan.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6158
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Guyyaa Gootota Oromoo...
Magarsaa Barii Tufaa jedhama. Maqaan qabsoosaa ammoo Bariisoo Waabeedha.
Qabsoo hidhannoo Oromootti makamee umurii dheeraa osoo hin turin qondaalota olaanoo ABO gara Somaaliyaa osoo imalanii Shinniga bakka jedhamutti dhuman keessaa Magarsaa Barii tokkoodha.
Magarsaa Barii umurii gabaabduu jiraate keessatti qabsoo Oromoo keessatti mal gumaache? Maalinis yaadatama?
👇👇 https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cn8000y2gdyo?at_campaign=ws_whatsapp
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Guyyaa Gootota Oromoo...
Magarsaa Barii Tufaa jedhama. Maqaan qabsoosaa ammoo Bariisoo Waabeedha.
Qabsoo hidhannoo Oromootti makamee umurii dheeraa osoo hin turin qondaalota olaanoo ABO gara Somaaliyaa osoo imalanii Shinniga bakka jedhamutti dhuman keessaa Magarsaa Barii tokkoodha.
Magarsaa Barii umurii gabaabduu jiraate keessatti qabsoo Oromoo keessatti mal gumaache? Maalinis yaadatama?
👇👇 https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cn8000y2gdyo?at_campaign=ws_whatsapp
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Abiy Ahimad har'a Ebla 6, 2017 ALI irraa eegalee Piroofesar Kindayaa Gabrahiwootiin sadarkaa Deetaa Ministiraatti Gorsaa Ministeera Barnootaa taasisuun muudaniiru.
Piroofeesar Kindayaan muudama kan dura Hogganaa Kaabinee Sekreetariyaatii Misooma Hawaasummaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo #Tigraay ta'uun tajaajilaniiru.
Kana malees, waggoota hedduuf Yunivarsiitii Maqalleetti piroofeesara fi pireezdaantii ta’uun tajaajilaa akka turanis ni beekama.
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Gulaallii: Haqa dhorkame: Erga Battee Urgeessaan ajjeefame waggaa tokko ta’us ammallee itti gaafatamummaan hin mirkanoofne. Callisuu fi adabbii malee jiraachuun haa dhaabbatu!
Qondaalli siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (#ABO), nama sodaa malee haqaaf falmu, fi hanga lubbuu isaa darbutti #Itoophiyaa keessatti jijjiirama dimokraatawaa dhufa jedhee amanaa kan ture Battee Urgeessaan erga ajjeefame waggaa tokko guute. Waggaa tokko booda, har’as itti gaafatamummaa, dhugaa fi haqa eeggachaa jirra.
Batteen erga ajjeefame ji’a tokko booda, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (#KMNI) ogeeyyonni isaa qorannoof gara #Maqii dhaqan hordofamuu, danqaan irratti uumamuu fi namoota haala ture ijaan argan hidhamuu hordofee ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti qorannoo gaggeessaa ture dhaabuuf dirqamuu ibseera.
Namni siyaasaa maqaa guddaa qabu akka Battee Urgeessaa ajjeefamee fi haqa dhorkama yoo ta’e, lammiileen idilee maal isaan eeggata? Lubbuun Battee kan galaafatame walitti bu’iinsa ykn hokkara gidduutti osoo hin taane, ajjeechaa itti karoorfamee fi duuba isaa kaayyoo siyaasaa qabuuni. Itoophiyaan ajjeechaa seeraan ala raawwatamu idileessuu itti fufuu hin dandeessu. Kana gochuun egeree waloo keenya dhabuu ta’a.
Guutummaa isaa dubbisaa ⤵️ https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6140
