Caffee Mooraa-Jimmaa
Open in Telegram
Jaalala_Qabaadhu Waaqayyoon jaaladhu; mootummaasaa jaaladhu; nama hundaa jaaladhu; jaalalli jaalala fida. Haa ta'uutii ati tajaajila kee akka hojiitti qofa, akka dirqamaatti, ykn kaayyoo ta'eef qofa akka ta'eetti kan ilaaltu yoo ta'e bu'aan kee maalinni?
Show more2 915
Subscribers
-424 hours
-97 days
-1530 days
Data loading in progress...
Similar Channels
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
September '26
September '26
+8
in 0 channels
August '26
+30
in 2 channels
Get PRO
July '26
+36
in 0 channels
Get PRO
June '26
+27
in 0 channels
Get PRO
May '26
+36
in 3 channels
Get PRO
April '26
+70
in 5 channels
Get PRO
March '26
+39
in 2 channels
Get PRO
February '26
+42
in 1 channels
Get PRO
January '26
+46
in 0 channels
Get PRO
December '25
+34
in 0 channels
Get PRO
November '25
+90
in 3 channels
Get PRO
October '25
+25
in 0 channels
Get PRO
September '25
+9
in 1 channels
Get PRO
August '25
+9
in 0 channels
Get PRO
July '25
+6
in 0 channels
Get PRO
June '25
+10
in 0 channels
Get PRO
May '25
+25
in 6 channels
Get PRO
April '25
+49
in 6 channels
Get PRO
March '25
+51
in 3 channels
Get PRO
February '25
+20
in 2 channels
Get PRO
January '25
+20
in 4 channels
Get PRO
December '24
+44
in 5 channels
Get PRO
November '24
+31
in 0 channels
Get PRO
October '24
+25
in 1 channels
Get PRO
September '24
+17
in 0 channels
Get PRO
August '24
+165
in 0 channels
Get PRO
July '24
+46
in 3 channels
Get PRO
June '24
+48
in 0 channels
Get PRO
May '24
+61
in 0 channels
Get PRO
April '24
+73
in 6 channels
Get PRO
March '24
+55
in 0 channels
Get PRO
February '24
+88
in 1 channels
Get PRO
January '24
+122
in 3 channels
Get PRO
December '23
+130
in 28 channels
Get PRO
November '23
+150
in 3 channels
Get PRO
October '23
+158
in 23 channels
Get PRO
September '23
+210
in 0 channels
Get PRO
August '23
+204
in 0 channels
Get PRO
July '23
+24
in 0 channels
Get PRO
June '23
+26
in 0 channels
Get PRO
May '23
+40
in 0 channels
Get PRO
April '23
+43
in 0 channels
Get PRO
March '23
+50
in 0 channels
Get PRO
February '23
+35
in 0 channels
Get PRO
January '23
+53
in 0 channels
Get PRO
December '22
+72
in 0 channels
Get PRO
November '22
+53
in 0 channels
Get PRO
October '22
+45
in 0 channels
Get PRO
September '22
+45
in 0 channels
Get PRO
August '22
+130
in 0 channels
Get PRO
July '22
+99
in 0 channels
Get PRO
June '22
+92
in 0 channels
Get PRO
May '22
+74
in 0 channels
Get PRO
April '22
+178
in 0 channels
Get PRO
March '22
+59
in 0 channels
Get PRO
February '22
+40
in 0 channels
Get PRO
January '22
+55
in 0 channels
Get PRO
December '21
+81
in 0 channels
Get PRO
November '21
+64
in 0 channels
Get PRO
October '21
+112
in 0 channels
Get PRO
September '21
+59
in 0 channels
Get PRO
August '21
+95
in 0 channels
Get PRO
July '21
+114
in 0 channels
Get PRO
June '21
+91
in 0 channels
Get PRO
May '21
+80
in 0 channels
Get PRO
April '21
+124
in 0 channels
Get PRO
March '21
+110
in 0 channels
Get PRO
February '21
+98
in 0 channels
Get PRO
January '21
+44
in 0 channels
Get PRO
December '20
+1 941
in 0 channels
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 07 September | +2 | |||
| 06 September | 0 | |||
| 05 September | +2 | |||
| 04 September | +1 | |||
| 03 September | +1 | |||
| 02 September | +1 | |||
| 01 September | +1 |
Channel Posts
Repost from Ortodooksiin Kan Hundaati
#Ol_fudhatamuu_Melketseediq
Namni natti amanu hin jiraata malee hin du'u. Yoh.8:50
Gaafa Qaammee 3 ayyaanota baay'eetu kabajama; Isaan keessaa tokko guyyaa itti Melke Tseediq itti ol ba'eedha. Hiikni isaas mootii nagaa jechuudha. sanyii kush qomoo #Kaam keessaa kan dhalateedha. Nohi bishaan badiisaa booda ijoollee isaa sadaniif addunyaa kana carraadhaan (Ixaadhaan) gargar qoqqoodee laateeraaf; haaluma kanaan Kaamiif kalattii Bahaatu laatameef dhaloonni isarraa dhalatan keessaa Seenduu namni jedhamu Baha Biiftuuti ka'ee biyya Gibxiin cee'ee warra Kaananiin mo'atee biyyicha dhunfatee ture iddoo sanas maqaa Beetasayidaa jedhee moggaase hiikni isaas mana dhiifamaa fi eebbaa jechuudha.
Seenduun namni jedhamu kun mucaa Saaleem jedhamu dhalche, Saaleem immoo Milkii fi Melka Tseediqiin dhalche. Saaleem namni jedhamu kun magaalaa Yerusaalemiin kan hundeessedha. Milkiin quxusuu Melka Tseediiq angafa ture abbaan saanii kun Waaqa tolfamaatti goree gaaf tokko ijoollee isaa lachuu keessa tokko Waaqa tolfamaaf aarsaa dhiyeessuu yaadee jennaan haati saanii mormite yeroo kanaa lamaan isaaniif yeroo carraa buusan carraan Milkii irratti baase. Melki Tsediiq yeroo kana argu maatii akkasii keessa hin jiraadhu jechuudhaan dhiisee ba'e. yeroo kana hafuurri Waaqayyoos isarra bulee hojjetaa Waaqayyo akka ta'uuf filame, lafee abboolii tulluu Qaraaniyoorra kaa'amee ture akka eegu, mootii nagaa ta'ee nagaa akka nagaa murteessu, luba bara baraa ta'ee akka tajaajilu Waaqayyo isa taasise. Maddi seenaa kanaa barruu Hameerii Waggaa 7 lakk 3 irraa dubbisaa.
Akkaata inni itti gara tulluu Qaraaniyootti ol ba'ees bishaan badiisaa booda Nohi yeroon boqonnaa isaatii gaafa ga'u ijoollee isaa keessaa Seemiin waamee qomoo Kaam keessaatii mucaa tolaan dhalateera isa maatii isaa irraa adda baasiitii kennaa qulqulluu Mikaa'el fi Gabri'eliin yeroo Hewaan uumamte harka Addaamitti kennaan, warqee, ixaanafi qumbii lafee Addaamii fi Hewaan akkasumas kan Seet iddoo Waaqayyo isatti agarsiise kaa'ee akka eeguuf itti kenni seera immoo seerradhuuf jedhe.
Qulqullummaan dubartii irraa adda ba'ee, mataa haaddachuu dhiisee utuu qeensa hin qoratiin bookaa fi coomaas dhuguuf nyaachuu irraa of eegee Duudaalem (walakkaa addunyaa kanaa) iddoo jedhamtu akka jiraatuufi iddoo sanas ixaanaan akka ulu lafee abbootaa fi kennaa qulqulluu itti kenname akka eegu Waaqayyo isa abboomee ture. Iddoon jedhame kun iddoo jalqaba Addaam itti uumame lafa inni itti awwaalames Qaraaniyoo iddoo jedhamuudha.
Abiraahamis mootota biyya 5nani gaafa injifatee deebi'u Waaqayyo gara Melketseediq deemee akka inni kudhan keessaa tokko itti laatu Melke Tseediq immoo ibistii eebbaa fi dhugaatii eebbaa akka laatuuf isa abboomeera. Dhala dhala isaatti akka dabarsuuf warqee ixaana qumbii sanas itti laateera. S/Um.14:17-18. Warqee ixaanaa fi qumbiin sun darbaa dabarsaadhaan warra sabaa sagal ga'ee warri sabaa sagal immoo giiftii keenya Maariyaamiif laataniiru Mat.2:1.
Egaa walumaa gala Melke Tseediq kun luba bara baraa jedhama. Barri jireenya isaas lakkoofsa hin qabu jedhama. Ibroota.7:1-13 dubbisaa.
Lubummaan isaa waaqa biraa kan kennameefiidha. Kan bara baraati jedhamuun isaa ammoo bara akkasii jalqabamee bara akkasii xumurame waan hin jedhamnefiidha.
Macaafa qulqulluu keessatti hanga kan jedhamu hiikkoo lama qaba isaanis kan xumura qabuuf hin qabne jechuudha. Kan xumura hin qabnee kan Waaqayyo qofa, kan Melke Tsediq garuu hanga bara baraatti kan jedhu bara dheeraa ta'uu isaa kan ibsuudha. Fkn. Akkuma Solomooniin bara baraan mohi akkuma jedhan jechuudha.
Melke Tseediq hanga dhufaatii Gooftaatti bara baraan kan jiraatu waan ta'eef. Egaa walumaa galatti tulluu Qaraaniyoo irra taa'ee Ixaana qulqulluu Waaqayyoof aarsaa, awwaala abbootii eegaa kan wal lole walitti araarsaa, kan dabe immoo qajeelchaa mootii nagaa tahudhaan bara dheeraa turee Qaammee gaafa sadii akka Henookii fi Eliyaas biyya jiraattotaatti 'ol ba'eera.
Guyyaa xumuraa sana yeroo ilmi badiisaa sun dursee dhufu wangeela dhugaa lallabuudhaan Henook, Eliyaas fa'aa faana wareegama M/Yoh. 11:4.
Ati akka Melke Tseediq Luba bara baraati. Far 110
| 2 | #QULQULLOOTA_TA'AA...#MUDAA_KAN_HIN_QABNE_TA'AA ...
Yeroo of qorachuu of wajjin taasisnu kana keessatti, xiyyeeffannoon keenya cubbuu irraa adda bahuu qofa hin ta'in. Nu Kiristaanota irraa kan barbaachisu qulqullummaa fi mudaa kan hin qabne ta'uu akka ta'e yaaduu qabna. Kanaafis macaafni keenya akkas jechuun nu ajaja: "Garuu ani qulqulluudhaatii isinis qulqulluu ta'aa jedhamee akkuma barreeffame, kan isin waame qulqulluu akkuma ta'e isinis immoo jireenya keessan guutuun qulqulluu ta'aa." (1 Phex 1:15-16). Gooftaanis immoo: "Egaa Abbaan keessan inni samii mudaa kan hin qabne akkuma ta'e, isinis mudaa kan hin qabne ta'aa" (Mat 5:48) jedheera. Gaabbii galuun tarkaanfii jalqaba cubbuu dhiisuudhaaf taasifamu qofadha. Sana booda garuu tarkaanfiiwwan gara jireenya mudaa hin qabneetti nu geessisan baay'eetu jiru. Kanaafuu gaabbii qofa irratti xiyyeeffachuu hin qabnu; qabsuurri keenya hundi cubbuu irraa gara guddachuu qofa ta'uu hin qabu. Caalaatti garuu qabsuurtı afuurawaa keenya hundi gaarummaa isa xiqqoo irraa gara gaarummaa isa guddaatti, kasoominaanis gara ol'aantummaatti ce'uu ta'uu qaba.
Eeyyee! Cubbuu dhiisuun hojii jalqabdootaa fi bakka ka'umsaa qofadha. Kanaafuu tuqaa ka'umsaa kana qofa irratti dhaabbannee hafuu hin qabnu. Caalaattis isa irra ceenee gara qulqullummaatti deemsa taasisuu qabna.
Hojii jalqabdootaa kana irra yoo hin darbine garuu, qaama Gooftaa akka ta'uu keenyaatti, Gooftaan qaamonni isaa akka isaaf ta'uu qabanitti deemuu dhiisuu keenyaaf nutti gadda.
Nuti garuu erga kufnee kaanee booda, gaabbii abdii godhachuudhaan, ammas irra deebiin iddoodhuma jalqaba kufnetti deebinee kan kufnu malee, gara jireenya qulqullummaa fi mudaa hin qabneetti kan hin ilaaalle, dadhabdootaa fi dhibaa'ota taaneerra. Ijoollota koo ani garuu isiniinan jedha; wantootni haala kanaan itti fufuu hin qaban. Umurii keenya guutuu gaabbii seenaa dabarsuu hin qabnu. Jireenya kee guutuu cubbuu faana wal falmaa fi gara gaabbiitti dhiyaachuuf tattaafachuun dabarsuu hin qabnu. Caalatti sadarkaa qulqullummaa Ergamootaa fi Qulqullootaan gammadaa, Waaqa bira dhaqqabuuf ariifachuu qabna. Karaa isa gara mudaa dhabummaatti nu geessu irras deemnee, sadarkaa qulqullummaa kurnaniin guddachuu qabna.
Barri kun bara eebbaan akka isiniif ta'uuf hawwii kooti. Gooftaanis ayyaana harkisee gara isaatti isin dhaqqabsiisuun sin haa eebbisu!
H.H pope Shenouda III
Laphee haaraa, afuura haaraa
https://t.me/DooniiNoh | 523 |
| 3 | Of qorachuunii fi of qeequun gara cinqii sammuu guddaattii fi hallayyaa abdii kutannootti akka si oofaa jiru yoo hubatte, dhiifamni Waaqaa fi jechi abdii isaa, cubbamoota kan turan hanga qulqulloota ta'anitti akkamitti akka jijjiire, akkasumas ati yeroo gaabbii galtu baay'ina dhiifamaa si'iif taasisu, ija qalbii keetiin ilaali. Kana yaaduu keenis duuka bu'aan Gooftaa "Abdiidhaan gammadaa" (Rom 12:12) akkuma jedhe, abdii kutachuun caala lapheen kee gammachuu afuurawaadhaan guutama.
H.H pope Shenouda III
Laphee haaraa, afuura haaraa.
Jabaan waaqa, horaa bulaa deebanaa!
👇👇👇Miseensa ta'uuf👇👇👇
Telegram https://t.me/OrtTewahidoteaching
Facebook https://www.facebook.com | 369 |
| 4 | #HUMNA_KEE_FI_JABINA_KEE_HUNDA_GARA_KALLATTII_FAYYAA_TΑHΕΕΤΤΙ_GAGGEESSI
Namaa kamuu ta'ee, si keessa humna dhokataa si balleessuu danda'utu jira. Humna kanas nama biroo irratti, jechuunis gara alaatti, yookaan cubbuuwwan mataa kee irratti jechuunis, gara keessatti akka xiyyeeffatu gochuu ni dandeessa. Humna kanaan gara alaatti yeroo xiyyeeffattu namas, ofii kees ni miita; gara keessatti yeroo xiyyeeffattu garuu badiiwwan kee madda isaanii wajjin balleessuuf sirriitti itti fayyadamta. Kanaafuu yeroo cubbuu hojjette humni kun si qofa irratti akka xiyyeeffatu gochuuf, haala gaariin gaggeessuuf yaali. Kallattiin jaalalaan kan bitame, fayyaalessa kan ta'ee fi qajeelummaa irraa kan madde ta'uu isaa hubadhu. Humni kunis kallattii isaa akka hin gadhiisne sirriitti of eeggadhu.
Haaluma wal fakkaatuun, namni kamiyyuu fakkeenya Waaqaan kan uumame waan ta'eef humni gaarii fi ijaaraa ta'e keessa isaa ni jira. Humna kana gara karaa qajeelaatti gaggeessinee seeraan faayidaa irra oolchuu qabna. Hunda dura jalqaba fayyina keenyaaf, sana booda waan gaariif, sana booda immoo daangaa Waaqni nuuf kaa'een warren biroof taasisuu qabna. Kana jechuunis humna keenya namoota kaaniif yeroo taasisnu, Waaqayyoon akka hin dagannee yookaan bakka Waaqaaf qabnu akka nu jalaa hin fudhanne of eeggachuu qabna jechuudha.
Kennaa ayyaanaa, Waaqayyoon siif kenne kamiyyuu gara gaarummaatti akka qajeelu gochuu qabda. Fakkeenyaaf beekumsaa fi sammuu yoo fudhanne lamman isaanii kennaawwan Waaqa irraa siif kennamanidha. Kennaa kana waan gaariif malee namoota biroo miidhuuf, dubbii xaxuuf, yookaan namoota kaan irratti of tuulummaan qajeelaa of gochuuf, falmii fi mormii moo'achuuf, yookaan hawwiiwwan kee hamoo ta'an ittiin guuttachuuf itti fayyadamuu hin qabdu.
Barri haaraan kunis jireenya kee keessatti bara moo'ichaa siif haa ta'u. Yeroo turtii ofii kee wajjin taasistu keessatti, gama jireenya afuurawaa keetiin iddoo itti dadhabaa taate sirriitti qoradhu. Akkamitti jiraachuu akka qabdus ofii keetti akkas jedhii himi: "Jireenya moo'ichaa jiraachuun qaba; kana yookaan sanaaf hin jilbeenfadhu; karaa warra moo'amanii irras hin bu'u; Gooftaan jecha abdii warra moo'ataniif kennes guyyaa dhumaa sanatti nan argadha." (Mul 2 fi 3). Barri haaraan kun bara guddina afuurawaa keetiin guyyaa guyyaan gara jireenya samiitti ol itti baatuu fi ol ol itti jettu siif haa ta'u.
Kanaafuu turtiin ofii kee waliin taasistuun gufuu, danqaa, fi qormaata hunda irraa fagaachuuf murtii keessa hin deebi'amne murteessi. Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti wantoota isa danqan baay'ee qaba. Kanaafuu, wantootni si danqanii fi si qoran maal akka ta'an qoradhu; isaan irraas fagaadhu. Gooftaan keenya danqaa cubbuu irraa akka fagaannu kan nu yaadachiisu, "Ijji kee mirgaa yoo si danqite, ofirraa baasii gati; ... harki kee mirgaas yoo si danqite ofirraa kutii gati." hanga jechuuttidha (Mat 5:29-30). Kanaafuu dhimma kana irratti kutataa ta'i.
Hanguma ofii kee danqaa irraa fageessitu immoo, namoota kaaniif danqaa akka hin taane of eeggadhu. Jecha Gooftaa "Egaa eesatti akka kufte yaadadhu; gaabbis seeni" jedhu yaadadhu (Mul 2:5). Dhimma kana irratti, ofii keetiif tasa hin gaddin. Iddoo kufte irraa ka'uuf of akeekkachiisuu fi adabuun yoo si barbaachise illee, gara dogoggorichaatti akka hin deebineef of akeekkachiisuu irratti kutataa ta'i' ofis adabi.
Inni: "Lubbuu isaa fayyisuu kan jaalatu; ishee ni balleessa" (Luq 9:24), "Lubbuu isaas waa'ee koof kan balleessu, ishee ni argata" (Mat 1:39), jechuun, waa'ee isaaf jettee lubbuu kee balleessuun barbaachisaa akka ta'e dubbateera; hamma ofii kee jaallattu caalaa Waaqayyoon jaalachuu qabda. Isaaf jettee "jireenyi kee illee osoo hin hafin jibbuu" akka qabdu dubbateera. (Luq 14:26) Kanaanis jireenya bara baraa ni argatta.
Kanaaf of qoradhu; waa'ee cubbuu keetif of itti gaafatamaa godhi. Garuu yeroo kana gootu hafuuronni hamoon abdii kutannoo keessa akka si hin galchine of eeggadhu. Eeyyee! Of yeroo qorattu ogummaadhaan haa ta'u; of yeroo akeekkachiistus hubannoodhaan haa ta'u. | 313 |
| 5 | #Hewaan_ishee_duraa_fi_Hewaan_ishee_haaraa
Hewaan dhala namaa hundatti badii fi du'a yeroo fiddu; haati keenya dubroon Maariyaam garuu qoricha foonii fi lubbuu nuuf deesseetti. S/um 3:16, Luq 2:11
Hewaan muka hamaa fi gaarii nama barsiistu kan ta'e firii Balasii akka hin nyaanne yeroo dhorkamtu, haati keenya garuu muka jireenyaa Kiristoosiin nuuf deesse. S/um 3:24, Yoh 15:1
Hewaan sababa cubbuun gara Gannataatti akka hin galle Ergamootaan yeroo dhorkamtu, haadha keenya garuu ergamootatu ishee eegaa ture. S/um 3:24, Mul 12:1
Hewaan ajajamuu dhiisuu isheetiin balballi Gannataa yeroo itti cufamu, ajajamuu haadha keenyaatiin immoo balballi Gannataa cufamee ture nuuf banameera.
Hewaan dhiphinaa fi ciniinsuun yeroo deessu, haati keenya garuu ciniinsuu fi dhiphina malee deessetti. S/um 3:16, Luq 2:6-7
☐ Hewaan mucaan isheen deesse inni hangafaa Qaayeel lubbuu namaa kan ajjeese ture, haati keenya kan deesse Iyyesuus Kiristoos garuu lubbuu ilmaan namaa kan fayyisuu fi jireenya bara baraa kan namaaf kennudha.
Hewaan fooniin haadha hundumaa yeroo jedhamtu, haati keenya dubroon Maariyaam garuu afuuraan haadha hundumaa jedhamteetti. S/um 3:20, F/D 86:5, Yoh 19:26
Hewaan balleessaa isheen yeroo itti murteeffamee gara biyya lafaatti darbatamtu, haati keenya garuu aangoo Ilma isheen du'aa kaatee ol-baateetti. F/D 131:8
Inni biraa haati keenya cubbuu daddarbaa/cubbuu Addaam/Xinte Aabbisoo hin qabdu. Ibr 7:4 Haati keenya hangam iyyuu mucaa Addaamii fi Hewaan taatu sababa Addaamii fi Hewaaniin cubbuun ilmaan namaa irratti daddarbaa ture sun haadha keenya hin arganne. Gooftaan akka beekuu fi akka hojii isaatti ishee eegeera.
#Yaa_maariyaam_kanaaf_si_jaalanna
Maaliif shakkitaa?
https://t.me/DooniiNoh | 818 |
| 6 | ጾመ ፍልሰታ(ሱባኤ ሐዋርያት)
✍️Hagayya 1 irraa eegalee hanga 14 duuka buutonni du'aa ka'uu fi olbahuu haadha keenya dubree Maariyamii arguuf kan itti subaa'ee qabataniidha.
✍️Subaa'een yeroo kadhannaa,soomaa,yeroo waaqayyoon waliin itti dubbatan fi dhiifama cubbuu itti argataniidha.
✍️Addaam subaa'ee qabatee waan kadhateef "ilmoo ilmoo kee irraa dhaladheen dhufee si fayyisa", waadaa jedhu waaqayyoo irraa argateera(Kitaaba Qalamenxoos).
✍️Kaayyoon subaa'ee:- waaqayyoon kadhachuu,jeequmsa addunyaa keessaa ba'anii isa waliin haasa'uu, jireenya keenya keessatti iccitii fi beekumsa nu jalaa dhokate akka nuuf mul'atuuf,eebba qulqullootaa argachuuf, waaqayyoon eeyyama isaa nuuf ibsee murtee jireenya keenyas ta'ee kana mana kiristaanaa murteessuuf subaa'een barbaachisaadha.
✍️Subaa'ee dhuunfaa:- "Mana keetti ol seenii balbala kee cufadhu, abbaa kee isa dhoksaan jirutti kadhadhu", bu'uura jedhuun kiristaanni tokko dhuunfaa isaatin kan qabatuudha.[Mat6÷6].
✍️Subaa'ee waldaa:- fakkeenyaf, waldaa mana kiristaanaa keessa jiru kan akka waldaa barattoota dilbataa fi amantoota dabirii sanaan taasifamuu danda'a.
✍️Subaa'ee labsii:- rakkoo tasaa biyya irra gahe hambisuuf akka biyyaatti kan labsamuudha.fakkeenyaaf akka ummata Nanawwee
✍️Subaa'ee galuudhaan dura:- kaayyoo isaa beekuu,eeyyama fi eebba abbaa gaabbii irraa fudhachuu, humna ofii beekanii qabsuura ofii daangessuu,dhiifama namaaf gochuudha.
✍️Yeroo Subaa'ee immoo :- waan hin barbaachisne dubbachuu irra callisuu,baayyisanii sagaduu,kadhachuu fi soomuu,xiqqeessanii nyaachuu,tajaajila mana kiristaanaa hunda irratti hirmaachuu, gadi of qabuu fi gorsa abbootii fudhachuun barbaachisaadha.
Waqtii subaa'ee keenyaa waaqayyoon nuuf haa eebbisu!.
YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA | 1 073 |
| 7 | AYYAANA ERGAMAA QULQULLUU GABRI'EELII
🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷
🌿Adoolessa 19 guyyaa itti ergamaa qulqulluu Gabri'eelin Qirqoos fi haadha isaa Iyyaluxaa bishaan danfaan akka isaan hin gubanneef isaan oolchedha.
✍️Kitaabni sinkisaaraa guyyaa kana dubbifamu akka ibsutti Iyyaluxaan mootii jalaa baqachuuf mucaa ishee Qirqoos fudhattee Room irraa kara biyya biraatti godaantus achittis mootii dheessitu kana argite.Innis waa'ee waaqeffannaa ishee gaafannaan, "Qirqoos gaafadhu inni waan hundaa sitti himaa", jetteen.
Mootinis, "Yaa mucaa gammachuu qabu akkam jirta?", jedheen.Qirqoosis, " Eeyyen anaaf gammachuun naaf ta'a,siif garuu gadda, boohicha fi ilkaan qaruudha.Kitaabnis,warri hammeenyonni gammachuu hin qaban", jedha jedhee deebiseef.
✍️Mootinis Qirqoos fi haadha isaa Iyyaluxaa gidiraa gara garaa isaan irraan gahe. Waaqayyoonis isaan oolchaa waan tureef Ormoonni illee ilaalanii amanuun wareegamummaa fudhachaa turan.
✍️Mootin Gaanii guddaatti bishaan dabalee ibiddaan danfise. Hurki bishaan ho'aa sanaa akka qaqawweessa gannaa ture.
Iyyaluxaan ilaaltee yeroo sodaattu Qirqoos garuu akka waaqayyoon ishee jabeessu kadhachaafii ture. Haadha isaas akka isheen sodaattee waaqayyoon hin dhiisnef ishee Jajjabeessaa ture. Kanaaf hayyichi "ይቤላ ሕፃን ለእሙ: ኢትፍርሂ እም ነበልባለ እሳት: ዘአድኃኖሙ ለአናንያ ወአዛርያ ወሚሳኤል ውእቱ ያድኅነነ ", kan jedheef. "Inni Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa'el fayyise nus nu fayyisaatii yaa haadha koo labooba ibiddaa kana hin sodaatin ", jedhee akka inni haadha isaa Jajjabeessaa ture dubbateera.
✍️Waaqayyoonis ulfina wareegamtoonni argatan isheetti yeroo agarsiisu sodaa ishee keessaa baatee jabaatte. Kanaaf "ኢየሉጣ ምስለ ወልዳ እሳተ ገብሩ ሐመዳ: ሰአሉ ለነ አስተምሕሩ ለነ ጻድቃን: እስመ በጸሎተ ጻድቅ ትድኅን ወኢትማስን",kan jedhameef. Kunis "Iyyaluxaa fi mucaan ishee ibidda daaraa taasisan,qulqulloonni nuuf kadhadhaa,nus araarsaa,Kadhannaa qulqullootaan biyyi ni fayyiti", jechuu isaati.
✍️Waaqayyoonis ergamaa qulqulluu Gabri'eelii ergee bishaan ho'aan sun qorraa akka ta'u taasise. "ገብርኤል ዉኩል ለረድኤተ ጻድቃን ኲሎሙ: አንግፈኒ እምነበልባል ኢያንጥየኒ ሕማሙ: ከመ አንገፍኮሙ ቅድመ ለቂርቆስ ወእሙ", kan jedhuuf kanaaf. "Yaa Gabri'eel qulqulloota hunda gargaaruf kan amanamte waan taatef dursitee Qirqoos fi haadha isaa Iyyaluxaa akka fayyiste anas rakkoon akka ana irra hin geenye labooba ibiddaa irraa na fayyisi", jechuu isaati.
✍️Qulqulluun Daawit, "Ergamoonni waaqayyoo naannoo warra waaqayyoon sodaatanii ni buufatu,ni fayyisus," kan jedheef kanaaf.[Faar33÷7-8].
Gargaarsi ergamaa qulqulluu Gabri'eelii nu waliin haa ta'u!
Kadhannaa fi araarsummaan qulqulluu Qirqoos fi haadha isaa Iyyaluxaa illee nu waliin haa ta'u Ameen!
YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA | 1 116 |
| 8 | አብርሃሙ ሥላሴ
✍️Adoolessa 7 guyyaa Sillaaseen tokkummaa fi sadummaa isaatin mana Abrihaam itti seenedha.Kunis bu'uura seera uumamaa 18÷1-16 irratti barreeffamee jiruun akka armaan gadiitti dhiyaateera.
✍️Abrihaam walakkaa guyyaa yeroo inni dunkaana isaa fuuldura taa'ee jirutti sillaaseen muka ejersaa cinaatti isatti mul'ate. Yeroo ilaaluu sadi ta'uu isaanii hubate.Itti deemee fuuldura isaanitti kufee isaan simate. "Fuuldura keetti yoon fudhatamummaa argadhe garbicha kee bira hin darbin", jedheen. Qaama sadi ta'anii osoo jiranuu akka qaama tokkootti dubbachuun isaa tokkummaa sillaasee ibsa.
✍️Dabalees, "bishaan isiniif haa dhufu,miila keessan isin dhiqnaa", jedheen. Kun immoo qaaman sadi ta'uu isaanii nu hubachiisa. "Nyaata isiniif qopheessinaa, hanga sanatti muka kana jala boqodhaa",jedheen. "Akkuma jette taasisi", jedhanii deebisaniif.
Haati manaa isaa Saaraan safartuu sadi kan ta'e qamadii irraa kan qophaa'e daabboo akka isheen qopheessitu ajaje.
✍️Jibicha isaa isa gaarii ta'es qalee akka isaan nyaataniif dhiyeesseef.Isaanis nyaatan, ni dhuganis jedha.Sillaaseen nyaata akka keenyatti nyaatu jechuu miti.Kun hojii waaqayyooti, hin qoratamu.
Qamadiin safartuun sadi sadummaa isaanii kan ibsu yoo ta'u, tokko ta'ee tolfamuun isaa immoo tokkummaa isaanii ibsa.
✍️Sillaasen Abrihaamin, "waggaa har'aa yeroon deebi'ee dhufutti haati manaa kee Saaraan ilma dhiiraa ni deessi", jedheen. Yisi'aaq akka dhalatu raajii dubbachuu isaaniti.Tokkos Saaraa kan jedhamte wangeeladha jedhu abboonni hiikoodhaan.Yeroon foon namaa uffadhee biyyaa lafaa dhufutti wangeelli kiristaanota ni argamsiisti jechuu isaati.
Saaraan umuriin ishee deemee waan tureef isa kana yeroo dhageessu ni kofalte.
✍️Sillaaseenis, "Saaraan maalif kofalte?, amma waaqayyoodhaaf wanti dadhabamu ni jiraa?", jechuudhan Abrihaamitti dubbate.
#Nutis seenaa kana irraa wanti barachuu qabnu:-
1,Namni keessummaa jaallatu waaqayyoodhaan kan jaallatamu ta'uu isaa fi waaqayyoon illee akka namaatti mana isaa seenuu akka danda'u
2,Waaqayyoon akka Saaraadhaaf dulluma keessa ilmoo kenneef, nuufis jireenya keenya keessatti gaaffilee nuuf hin deebine guyyaa isaatti akka nuuf deebisuu fi wanti isaaf dadhabame akka hin jirre ni hubanna.
Mana Abrihaam seenee kan eebbise sillaaseen hunduma keenyaaf kara laphee keenyaa nuuf haa seenu.
Nutis nama akka Abrihaamitti keessummaa jaallatu ta'uuf haa jabaannu.
Galanni Abbaaf Ilmaaf afuura qulqulluuf haa ta'u Ameen!
YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA | 961 |
| 9 | ጼጥሮስ ወጻውሎስ
1,Qulqulluu Pheexiroos
✍️Beetasaayidaatti abbaa isaa Yoonaa jedhamuu fi haadha isaa sanyii Simi'oon taate irraa dhalate.Kanaaf maqaan isaa jalqabaa illee Simi'oon jedhama.
Obboleessa isaa Indiriyaas waliin Galiilaatti qurxummii kiyyeessaa guddate.
Waggaa 55tti gooftaan isa waame.
"Ati jiraataa ilma Waaqayyooti", jedhee gooftaaf ragaa bahuu isaatin kattaa jedhameera.
✍️Yohaannis fi Yaa'iqoob waliin duuka bu'oota icciitii sadan jedhamu.
Galaana Xibriyaados irra miila isaan deemee gidduu gahee waan shakkeef yeroo inni liqimfame gooftan isa oolcheera.[Maar14÷22-23].
"Yaa gooftaa si dhiisnee eessa deemna?", jechuudhaan Qiffirnaahomitti jaalala gooftaaf qabu ibseera.[Yoh 6÷66-68].
✍️Waan gooftaa jaallatuuf, "hin duutu", jechuu irraa eegalee yeroo gooftaan qabamu hojjataa hangafa lubootaa Maalkos jedhamu hanga gurra isaa irraa kutuutti gaheera.[Maat16÷23,Yoh18÷10].
Sodaachuu isaatin gooftaa halkan tokkotti yeroo sadi ganus booda imimmaan isaa dhangalaasee gaabbii galeera.
Du'aa ka'umsa booda duuka bu'oota sooruuf kara qurxummii kiyyeessuu isaatti deebi'us gooftaan, "hoolota koo naaf eegi",jechuun kara duuka bu'ootatti isa deebiseera.[Yoh 21÷15].
✍️Guyyaa paraaqilixoos wangeela barsiisee nama 3000 amansiisee cuuphun kiristaana taasiseera.Gaaddidduu isaan illee hanga dhukkubsattoota fayyisuutti kan gahe yoo ta'u xumura irratti adoolessa 5 bara 67 Neeron qeesaarin "akka gooftaa kootti fannifamuu hin qabu,gadi garagalchaa na fannisaa", jechuudhan wareegamummaa fudhateera.
2,Qulqulluu Phaawuloos
✍️Sanyii Biiniyaam irraa Xarseesitti dhalate.
Maqaan isaa jalqabaa Saa'ul jedhama.
Umurii 15 eegalee hanga 30 ta'utti Gamaaliyaal nama jedhamu biratti seera Ayihudotaa barate.Baruumsa gooftaa Iyyarusaalem keessatti dhagahaa kan ture yoo ta'u erga gooftaan olbahee kiristaanota ari'achuu eegale.
✍️Isxifaanoos yeroo ajjeefamu warra ajjeesaniif uffata isaanii eegaa ture.
Kiristaanota balleessuf xalayaa baatee Damaasqoo deemaa osoo jiruu gooftan samii keessaa "Saa'ul Saa'ul maalif na ari'attaa?", isaan jedhe.
"Ati kan na ari'attu ani Iyyasuus isa Naazireetidha,Sibiila waraansaa yoo jibbite ittuu sitti jabaata", jechuudhan akka inni daandii badii irraa deebi'u isatti hime.
✍️Gooftaanis, "Kan maqaa koo baatu meeshaa filatamaa kooti", jechuudhan akka inni Anaaniyaa nama jedhamu biratti cuuphamu taasise.Xarseesii hanga Antsookiyaa, Iyyarusaalemii hanga Niqoophiliyoonitti wangeela mootummaa waaqayyoo lallabaa ture.
Adoolessa 5 bara 67 umurii isaa 74tti mormi isaa muramee wareegamummaan boqoteera.
Eebbi qulqulluu Pheexiroos fi Phaawuloos nu waliin haa ta'u Ameen!
YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA | 806 |
| 10 | WAXABAJJII 30
DHALOOTA YOHAANNIS CUUPHAA
✍️Guyyaa kanatti gadaamessa haadha isaa keessatti gooftadhaaf kan sagadee fi laga yoordaanositti gooftaa kan cuuphe Yohaannis cuuphan dhalateera.Abbaa isaa Zakkaariyaas fi haadha isaa Eelsaabex irraa arjummaa waaqayyoon bara dulluma isaanii keessa kan dhalateedha.
✍️Maqaan isaa "Yohaannis" akka jedhamu afuurri qulqulluun dursee Eelsaabexif ibseera.Abbaan isaas yeroo sanatti dubbachuu kan hin dandeenye ta'us "Yohaannis ", jedhee biraannaa irratti barreesseera.Yeruma sana afaan isaa isaaf banamee waa'ee mucaa kanaa fi gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos raajii dubbateera.
✍️Heroods ijoollee Beetaliheem yeroo ajjeesu Zakkaariyaas mucaa kana fudhatee kara mana qulqullummaatti baqate.Ergamaan waaqayyoo Yohaannis fuudhee kara gammoojjii geesse.Loltoonni Heroods garuu mucaa kee maalif nu dhoksita jedhanii Zakkaariyaas ajjeesan.
✍️Hanga waggaa 30 guututti gammoojjii keessa erga jiraatee booda, "karaa waaqayyoo sirreessaa,mootummaan waaqayyoo dhiyaateeraa gaabbii galaa",jechuudhaan barsiisuu eegale.
Gooftaanis, "kan dubartoonni dahan keessaa Yohaannis kan caalu hin jiru", jechuudhaan ragaa isaaf baheera.[Maat11÷11].
✍️Yeroo gooftaa cuuphu waaqayyo abbaan, "Ilmi koo inni ani jaalladhu isa kana isa dhagahaa",yeroo jedhu fi afuurri qulqulluun bifa Gugeen yeroo gooftaa irra qubatu argeera.[Maat3].
Eebbi fi kadhannaan qulqulluu Yohaannis cuuphaa hunda keenya waliin haa ta'u Ameen!.
Madda:- kitaaba Sinkisaaraa waxabajjii 30
YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA | 1 181 |
| 11 | ዘመነ ክረምት በኢትዮጵያ
Waqtii Gannaa Itiyoophiyaatti
✍️Waqtiiiilen bakka afuritti qoodamu.Isaanis መጸው (Birraa),ሐጋይ
(Bona),ጸደይ(Arfaasaa) fi ክረምት(Ganna) jedhamu. Akka lakkoofsaa mana kiristaanaa ortodoksii tawaahidoo Itiyoophiyaatti waxabajjii 26 kaasee hanga fulbaana 25 kan jiru waqtii gannaa jedhamee beekama.Waqtii roobaa,midhaanii,yeroo itti biqiloonni marganiidha.Laftis biqiloota magariisa kanaan yeroo itti faayamtuudha.
✍️Waqtiilen arfan kun barreessitoota wangeelaa arfaniin ni fakkeeffamu. haaluma kanaan, Ganna-maarqosiin, Arfaasaa-maatewoosin,Birraa-luqaasin fi Bona immoo Yohaannisiin fakkeeffamu.
#በዓተ ክረምት (Seensa Gannaa)-Inni kun waxabajjii 26 hanga adoolessa 18 kan jiruudha.Kunis, sanyii yookan duumessa jedhamee beekama.Duumessi samii uwwisuu isaa fi lafti rooba sirriitti kan argattu ta'uu ishee yeroo itti barsiifamuudha.
Faarun qulqulluu Yaared yeroo kana dhiyaatus,‹‹ደምፀ እገሪሁ ለዝናም ሶበ ይዘንም ዝናም ይጸግቡ ርኁባን ይትፌሥሑ ነዳያን ወሠርዐ ሰንበተ ለሰብእ ዕረፍተ››, jedha. Kunis,‹‹Sagaleen miila roobaa dhagahame,yeroo bokkaan roobe kan beela'an ni quufu,hiyyeessonni ni gammadu,waaqni keenya ilmaan namaaf boqonnaa kan taate sanbata uume>>, jechuu isaati.
✍️Qulqulluun Daawitis,"ዘይገለብቦ ለሰማይ በደመና ወያስተዴሉ ክረምተ ለምድር ዘያበቍል ሣዕረ ውስተ አድባር፡፡››,jedha.Faar146÷8.Kunis, ‹‹Samii duumessaan kan uwwisu,lafaaf rooba kan qopheessu,marga gaarren irratti kan biqilchu isa>>, jechuu isaati.
✍️Waqtiin kun lafti kan itti haareffamtuu fi jireenya ilma namaatifis waqtii murteessaa ta'eedha.
Waaqayyoon inni waqtii waqtiidhan jijjiiree nu sooru haa ulfaatu.
Nutis hojii waqtii gannaa hojjatamu hojjechaa waqtii abaaboo fi firiitin akka nu gahu immoo jabeessinee waaqayyoon haa kadhannu.
Galanni waaqayyoof haadhasaa Dubroo Maariyaamiif ulfaataa fannoo isaaf haa ta'u Ameen.
Madda:- Barsiisaa Shifaarrawu Indaashawu
YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA | 755 |
| 12 | An amma iyyuu in dhufta jedheen qara ilaalaa jira.[Luqa 15:-20].
Bakka kee duraatti deebi'i, jaalala anaaf qabdu duriis itti fufi , biyyi lafaa si marartee narraa adda hin ba'in wanta darbuun hin goyyomfamin[1Yoh 2:-15--17].
Kanaaf ati maal irraa akka kufte yaadadhu. Qalbii jijjiirradhuutii hojii kee kan duraa sana hojjedhu. Yoo ati qalbii jijjiirrachuu baatte immoo ani sittin dhufa; baattuu ibsaa keetiis iddoo isaatii nan fuudha.
Mulʼata 2:4-5 "
Siin jedha uumaan kee inni siif dhiiga isaa dhangalaase inni siif du'e!
✍🏻 Dn Aboo
⛪Doonii Nohi ⛪ | 1 014 |
| 13 | Jaalala kee Isa duraa!💞
👉 Dubbisi!
"Jaalala kee isa jalqabaa waan dhiisteef
waanan sirratti jibbun qaba" [Mul 2:-4].
✍️Abbaan kee uumaan kee inni siif du'e , inni siif yaadu akkas siin jedha:-
"Jaalala kee isa jalqabaa waan dhiisteef waanan sirratti jibbun qaba, Ni yaadattaa dur yeroo daa'imummaa kee irraa kaastee mana koo keessa tajaajilta ture.Ni faarfatta waa'ee maqaa koof faarfattee faarfattee hin quuftu ture.Mana qulqullummaa koo keessaa galuun siif waan ulfaataa ture.Ni yaadattaa yeroos gaafa ati faarfattu namoonni baay'een raajeffatanii si ilaalu turan. Ati garuu laphee kee irraa kaastee waan faarfattuuf eenyu akka si ilaalaa ture illee hin yaadattu ture.Ni yaadatta mitii dur oobdii mana kootii keessaa sin dhabun ture.Akka tasaa inni eessa jira jedhanii yoo si iyyaafatan illee bakki argama kee mana koo keessa ture.Yeroo guddattes mana koo keessa tajaajiluu hin dhiisne ture.Namoonni baay'een waa'ee kee ni dubbatu ture. "dargaggummaan isa hin balleessine inni nama fakkeenya namaaf ta'uudha", jedhanii.
✍️Eeyyee atis dhuguma dargaggummaa kee faana buutee nan dagannee ture.
Afaan kee keessaa waan hamaan hin ba'u, jallina namaaf yaaduun si bukkee hin jiru ture.Garraamummaa kee irraan kan ka'e bineensaaf illee kan garaa laaftu turte.
Ni yaadatta mitii? Yeroo qiddaasee dhaan na galateeffattu sana sagaleen kee inni miidhagaan sun qalbii namoota baay'ee keessa jira. Yeroo ati qaddasaa turte sana sababa keen namoonni dhala isaanii diyaaqonii godhan baay'ee ture.Mucaan isaaniis akka kee akka ta'uufitti.
Of-tuulummaa hin qabdu,nama hundaaf mana koo keessaa ni ajajamta turte.
✍️Jaalala anaaf qabdu irraan kan ka'e waa'een dhiphina koo gaafa dubbatamu imimmaan fuula kee irra dhangala'a ture.
Mana koo keessatti ati rakkoo baay'ee dabarsitee ture.Rakkoon sun garuu sitti homaa hin fakkaatu ture.Yeroo rakkattu, yeroo gadditu , yeroo haalli jireenyaa sitti ulfaatu afaan kee keessaa jecha tokkotu ba'a ture, '' Jaalala Kiristoos irraa maaltu adda na baasa''Rom 8:-35 .Jechi kun afaan kee keessaa dhibee hin beeku.Dubbannaa kee kanaanis namoota hedduu jajjabeessita turte.Haalli ulfaataan yoo si mudate, ''humna kan naaf kennu Kiristoosiin waan hundaa nan danda'a", Fil 4:-13 kan jedhu jecha qulqullicha Phaawuloosiin yaadattee jajjabaatta ture.
Yeroo gadditus, "Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa" Fili 4:4. Jechi qulqulluu Phaawuloos kun siif jajjabina ture.Amma garuu akka kee durii sana miti.Akkan ijoollummaa kee irraa kaasee si beeku sana miti ni jijjiiramte. Jaalalli ati anaaf qabdu ni hir'ate. Isa dur faarfattee hin quufne amma sirbuu erga jalqabdee bubbulteerta.Mana koo dhufuun erga qaanii sitti ta'ee tureera.Amma yoo si barbaadan bakki argama kee lafa wacaaf sirbaa bakka halalummaan guuteedha.
Qiddaasee dhaan galata naaf dhiyeessuun boodatti hafummaa sitti fakkaachuu jalqabeera . Akkuma warra kaanii maal bu'aa qaba mana waaqayyoo guyyaa hunda deemuun ji'a keessaa ykn waggaa keessaa tokko deemnaan ni ga'a jechi jedhus afaan kee irraa ba'uu jalqabeera.
✍️Silaa ajajamuu waan jedhamu karaa kee ba'uu dhiiseera.Ati inni dur fakkeenya namaaf taatu amma muka mammaaksaa taate.Waa'een mana kootii sitti dhaga'amee hin beeku "maaltu qorra keessa na rakkise manatti immoo nan dhaga'uu", jettee erga hirriba filattees bubbulteerta.Yeroo gadditu dhugdee machaa'uu dhaan yeroo gammaddu mana sirbaa deemuudhaan dabarsuunis amala kee ta'eera.Ni yaadattaa naxalaa inni ati ittiin mana koo keessa tajaajilaa turte sun amma eessa jira? , dabtarri faarfannaa kee hoo? Silaa macaafa qulqulluu harkaan qabuun du'a sitti ta'eera.Jaalala kee isa jalqabaa waan dhiisteef waanan sirratti jibbun qaba.Mee deebi'i guyyaan ati gaabbitu utuu hin dhufin[Lalla 12:-1].
✍️An baduu kee hin fedhu gara kootti deebitee akka ati jiraattu malee.[His 18:-32].Kanan siif du'eef akka ati duutuuf utuu hin taane akka ati jireenya qabaattuufidha. | 995 |
| 14 | WAXABAJJII 12
AYYAANA ERGAMAA QULQULLUU MIKAA'ELII
✍️Mikaa'el jechuun kan akka waaqayyoo hin jiru jechuudha.Tokkos ergamaa injifannoo jechuudha[Mul 12÷7].
Israa'eloota dursee kana'aan kan galche isadha.akka Amaaleqeenota injifatuuf Iyyaasuu kan gargaare,akka Gooliyaad injifatuuf Daawit kan gargaare,Izqi'eel raayyaa Sanaakireem irraa kan oolche,Soosinnaa barsiisota sobaa Ayuudotaa irraa, akkasumas Daani'eel leencan nyaatamuu irraa kan oolche ergamaa qulqulluu Mikaa'eliidha.
Kanaaf መጋቤ ብሉይ(sooraa kakuu moofaa)jedhama.
✍️Ergamaa garraamii waan ta'eef "Seexanattiyyuu hamaa hin dubbanne",jedhameera.[Yih1÷9]
Kanaaf hayyichi, "ሰላም ለልሳንከ በነቢበ ፅርፈት ዘኢተአበለ...jecha arrabsoo kan hin dubbanne afaan keetif nagaan haa ta'u ", jedheera.
✍️Daa'imman yeroo dhalatan eegee, eebisee akka inni guddisu Yaa'iqoob yeroo ijoollee Yoosef eebbisu dubbateera.[Uum48÷15].
#Afaan Diyaabiloos keessaa kan nama baasudha.
✍️Afoomiyaan abbaan warraa ishee yeroo du'u seexanni monoksee fakkaatee kara ishee dhufee heerumii jiraadhu jedheen.
Suuraa qulqulluu Mikaa'elii itti agarsiisnan itti dhaadatee fuuldura ishee bade.Waxabajjii 12 lammaffaa deebi'ee ishee ajjeesuf yeroo ka'u, Mikaa'eliin dhufee isa balleessee ishees du'a irraa oolcheera.
#Xaalayaa du'aa kara jireenyaatti kan jijjiirudha.
✍️Maatii gaarii irraa kan dhalate Baahiraan, Namicha hamaa ollaa isaanii jiru qabeenyaa isaa akka dhaalu qulqulluu Mikaa'eliin raajii dubbate.
Namichis kana waan beekuf isa ajjeesuf xaalayaa du'aa barreesseefii kara warra isa ajjeesaniitti erge.
Qulqulluu Mikaa'eliin karaatti xaalayaa sana, "qabeenya koo haa dhaalu,mucaa dubraa koos haa fuudhu",kan jedhutti jijjiireef.Baahiranis sababa kanaan qabeenya isaa dhaalee mucayyoo isaas fuudhe.
#Hojii kan nuuf kennuudha.
Kanaaf qulqulluun Yaared, "ለእንስሳ ሣዕረ ለሰብእ ተግባረ ሰአል ለነ ቅድመ መንበሩ ለእግዝእነ- Beeyladootaf marga,Ilmaan namaaf hojii akka kennuuf teessoo gooftaa keenya fuulduratti nuuf kadhadhu", jedhaan.
Eebbi hangafa ergamootaa qulqulluu Mikaa'elii nu waliin haa ta'u!
YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA | 1 671 |
| 15 | Gaaffilee-deebii waliin (1).pdf | 1 272 |
| 16 | Gaaffileewwan kan Amantaa orthodoksii tewaahidoo hedduu kan of-keessatti hammate barruu kana buusaa dubbisaa; deebiin isaas xumura irratti katabameera.
Irraas ni barattu; ofis ni madaaltu, hangaman beekee Jira? | 1 |
| 17 | Faarfannaa kana seenaa dhaggeeffadhaa; faarfannaa baay'ee Namatti toludha. Obboleessa keenyas haa jajjabeessinu.
'UTUU HIN BEEKIN'Faarfannaa Ortodoksi Tewaahidoo Haaraa Afaan Oromoon (F...
https://youtube.com/watch?v=p-CS0D_Sv7Q&si=oWktphujkaHiarae | 1 669 |
| 18 | ✍️Sobaan gooftaa irratti ragaa baatee kan fanniste addunyaa kana irratti akka inni ragaa bahu gooftaan, "Innis bahee cubbuudhaafis,qajeelummaadhaafiis,murtiidhaafiis addunyaa irratti ragaa ni baha", jedheera.[Yoh 16÷12].
3.Nama kara dhugaatti deebisuuf
✍️Miila lubbuu keenyaa kara mootummaa waaqayyootti, miila laphee keenyaa immoo kara wangeelaatti kan nuuf deebisuudha. Kanaaf qulqulluun Daawit, "Afuurri kee qulqulluun kara lafa qajeeltutti na haa dursu", kan jedheef.[Faar141÷10].
4.Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosif ragaa bahuuf.
✍️Kana qulqulluun Phaawuloos "Eenyumtuu afuura qulqulluudhaan yoo ta'e malee Iyyasuus gooftaadha jechuu hin danda'u",jedheera.[1Qor12÷3].
#Afuurri qulqulluun bifa maalin bu'e?
1,Obonboleettii
✍️Qilleensi kara itti bubbisu akka hin beekamne afuurri qulqulluunis hin qoratamu jechuudhaaf.[Yoh3÷8].
#Tokkos qilleensi qaama foonii keenya fi Biqiloota akka guddisu afuurri qulqulluun qaama afuuraa keenyaa nuuf guddisa.
2.Ibidda
✍️Afuurri qulqulluun akka ibiddaa guutuudha.
#Tokkos akka ibiddaa hojii isaatin beekama malee harkaan hin qabamu.
#Tokkos Ibiddi waan xiqqoo qabatee guddachaa akka deemu afuurri qulqulluun cuuphaadhaan nuuf kennamee amantii fi hojii gaarii keenyaan guddachaa deema.
Galanni abbaaf Ilmaaf afuura qulqulluuf haa ta'u Ameen!
YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA | 1 284 |
| 19 | በዓለ ጰራቅሊጦስ
#Du'aa ka'uumsa booda guyyaa 50'ffaan guyyaa itti afuurri qulqulluun duuka bu'ootaaf bu'eedha.Afuurri qulqulluun maali?
1.Uumaa addunyaa kanaati.
✍️Lafti yeroo uumamtu afuurri waaqayyoo lafa irratti buufatee akka isheen bishaan irratti jabaattu taasiseera.[Uum 1÷3]
Iyoobis afuurri waaqayyoo na uume jdheera.[Iyo33÷4]
Namnis yeroo uumamu afuurri waaqayyoo itti waan baheef kan inni jiraataa ta'eef.[Uum 2÷6].
2.Waaqayyoodha.
✍️Abbaa fi Ilma waliin kan walqixxaatedha.Raaajaa Isaayyaas irra bule ummata isaa kan waamaa,balleessaa isaanii itti himaa ture isadha.[Isay 6÷1]
Anaaniyaan yeroo qulqulluu Pheexiroos goyyoomsuuf yaalu qulqulluun Pheexiroos, "Ana miti afuura qulqulluu goyyoomsuf yaalte",jechuun waaqummaa afuura qulqulluu dubbateera.[Ho.du.bu5]
3.Qaama adda ta'e kan qabuu fi abbaa fi ilma waliin kan walqixxaatedha.
✍️Raajan Isaayyaas "Afuurri waaqayyoo na erge",jechuudhan qaama adda ta'e akka inni qabu ibseera.[48÷16].
4.Maqaa isaatin addadha.
✍️Abbaa fi Ilmi yoomiyyuu afuura qulqulluu jedhamanii hin waamaman.Maqaa qaamaa waan ta'eef, qaamni isaanii immoo adda addadha.Garuu amalli waaqummaa isaanii tokkodha.Tokkos afuurri qulqulluun abbaa fi ilmaaf jireenya isaaniti.
5.Hojii isaatin kan baheedha.
✍️Kunis abbaa irraa kan baheedha.Gooftaanis, " abbaa irraa kan bahe afuurri qulqulluun yeroo dhufetti waa'ee koo ragaa ni baha", jedheera.[Yoh 15÷26].
6.Bakka hundatti guutudha
✍️Addunyaa kan uume isa waan ta'eef barruu harka isaa keessa jirti.Qulqulluun Daawit, "afuura kee fuulduraa eessan dhaqa?,samiis yoon olbahe ati achi jirta,si'ooliis yoon bu'e ati achi jirta",kan jedheef kanaaf.[Far 138÷7].
7.Kufaatii keessaa kan nama kaasudha. #Foonin yoo kufne raajidhaan, lubbuun yoo kufne immoo gaabbii fi baruumsan nu kaasa.Waan gaarii kan namaaf godhu afuura qulqulluu ta'uu isaa qulqulluun Phaawuloos, "beenyummaadhaaf kan ittiin chaappeffamtan afuura qulqulluu waaqayyoo hin gaddisiisinaa",nuun jedheera.[Ef 4÷30]
8.Kan nama jajjabeessudha
✍️Paraaqilixoos kan jedhameefis kanaafidha.Gooftaanis, "bara baraan isin waliin akka jiraatuuf jajjabeessaan biraa isiniif kennama",jedheera.[Yoh 11÷16]
Duraan sodaatoo kan turan duuka buutonni erga afuura qulqulluu argatanii booda, "Nuti waan ilaallee fi argine dubbachuu irraa duubatti hin deebinu", jechuun jabaataniiru.[Ho.du.bu 4÷17].
9.Icciitii kan namaaf ibsuudha
✍️Jandarabaa Baakosiif icciitii kan ibse afuura qulqulluudha.[Hoj.du.bu 8÷28].
Mul.22÷7 irratti, "Afuurri fi Misirrittiin koottu jedhu",jedha.Kunis icciitii mootummaa samii nu barsiisuuf kan nu waamu ta'uu isaa ibsa.
"Afuurris hojii guddaa waaqayyoo osoo hin hambisin hundumaa ni qorata", kan jedheef qulqulluun Phaawuloos kanaaf.[1Qor2÷10].
10.Kan nama qulqulleessudha
✍️Akka cubbuu hin hojjanne kan nu eegu,yoo hojjannee gaabbii galles kan nu qulqulleessu isadha.
"Aareffamuu afuura qulqulluutin nu fayyise malee qajeelummaa nuti raawwanneenii miti",jedha qulqulluun Phaawuloos. [Tiit3÷5].
11.Namoota kennaan kan dahuudha #Gooftaan, "Namni bishaan fi afuura irraa yoo dhalate malee mootummaa waaqayyoo galuu hin danda'u", kan jedheef kanaafidha.[Yoh 3÷5].
Erga afuuran dahee booda immoo amantii fi hojiidhan kan guddisuudha.
12.Mana kiristaanaa waaqeffannaa waaqayyoof kan kakaasudha.
✍️"Nuti afuura waaqayyoon kan waaqeffannu Kiristoos Iyyasuusinis kan of jajnuudha",jedha qulqulluun Phaawuloos. [Fil 3÷3].
"Afuurri qulqulluun Phaaphaasota godhee kan isin muude hoolota hundaa fi ofii keessaniif of eeggadhaa", akkuma jedhame abboota mana kiristaanaa illee kan muudu afuura qulqulluudha.[Ho.du.bu20÷28].
#Guyyaa 50'ffaa afuurri qulqulluun maalif bu'e?
1.Humna duuka bu'ootaf kennuuf.
✍️Kanaaf gooftaan, "Abdii abbaan koo kenne ani isiniifan erga.Isin garuu hanga humna argattanitti Iyyarusaalem turaa", kan jedheef.[Ho.du.bu1÷8]
2.Addunyaa sobduu kana irratti ragaa bahuuf. | 930 |
| 20 | ደብረ ምጥማቅ
🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
✍️Ayyaanota dubree Maariyamii 33'n keessaa tokko kan ta'e caamsaa 21 kan yaadatamuudha. Dabra mixmaaq kun biyya Gibtsii keessatti kan argamuudha.
Gooftan yeroo godaansaa achi yeroo turetti, "Iddoo kanatti maqaa keetin mana kiristaanaa ni ijaaru, maqaan isaas Dabra mixmaaq jedhama", jedhee isheetti hime.Inni kunis akkuma gooftan jedhe raawwatameera.
✍️Guyyaa kanattis dubree Maariyamiin aduu irra harka torba iftee,gulullaatii mana kiristaanaa irra teessee ergamoonni ishee galateeffachaa, duuka bu'oonni fi raajonni immoo harka ishee fuudhaa,isheedhaaf sagadaa mul'attee jirti.“እንዘ ትበርቂ በደብረ ምጥማቅ ወኃምሰ ዕለታት", Akka jedhe hayyichi Ifa waaqummaa ilma isheetin guyyoota shaniif gaara kana irratti faayamtee mul'attee jirti.
Ergamoonni,qulqulloonni fi wareegamtoonni hundi isaanii dhufanii yeroo sagada kennaa isheedhaaf sagadan mul'atanii jiru.Guyyoota shanan kana ifa fuula ishee irraa kan ka'e halkanii fi guyyaan addaan bahee hin beekamu ture. ✍️Yeroo kana uffata isaanii kara isheetti ol darbatu turan. Isheenis eebbistee gad ergitiif ture.isaanis eebbaf isa kana addaan hiratu turan.Du'aa illee kaastee jireenyaan akka isaan gidduu deddeebi'u taasistee jirti.Warra amantaa qaban qofa osoo hin taane ormoota illee walumaan eebbisaa turte.Kanaaf kiristaanonnii fi ormoonni waliin ta'anii caamsaa 21-25 ayyaana kana tokkummaadhan kabaju.
#Caamsaa 21 -guyyaa itti mul'attee raajii guddaa itti raawwatte.
#Caamsaa 22 fi 23 Ifatti amantoota achitti walitti qabaman waliin dudubbachaa turte.
#Caamsaa 24- guyyaa godaansan kara Gibtsiitti seentedha.
#Caamsaa 25- Ilmi ishee gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos mukkeen gogan lalisiisee guyyaa itti raajii hojjateedha.
✍️"Yaa dubree afaan hundaan galateeffamuun kan siif ta'u ergamoota samii irra jiraatanii fi ijoollee Addaam lafa irraa jiraataniin yeroo hunda galanni siif ni dhiyaata ” ,Qiddaasee Maariyamii
🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
Eebbi fi araarsummaan haadha keenya qulqulleettii dubree Maariyamii nu waliin haa ta'u Ameen!
YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA | 756 |
