Ortodooksiin Kan Hundaati
Open in Telegram
" Abbaan warra du'an kaasee akkuma isaan jiraachisu, ilmis immoo warra barbaadu in jiraachisa." (Yoh 5: 21) Yaadaa fi gaaffiif @NAbdi
Show more250
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Data loading in progress...
Similar Channels
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
February '24
February '24
+1
in 1 channels
January '24
+255
in 0 channels
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 06 February | 0 | |||
| 05 February | 0 | |||
| 04 February | 0 | |||
| 03 February | 0 | |||
| 02 February | 0 | |||
| 01 February | +1 |
Channel Posts
Isay 56:4
Mat 10:40-42; Mat 19:18
Luq 1:54; 1:72
Ibr 6:9
Yoh 20:23
M.Yoh 3:21
D. Sagadni kabajaa
akka isaaniif ta'u!
S.um 37:29; 33:6; 42:8
S.lakk 21:21(?)
M.Yoh 3:9
1Sam 28:14
Dan 2:46-48
HDB 10:28; 16:29
6. Waa'ee taabotaa
fi tsillaatii!
S.Bah 24:12
S.Bah 25:10
S.Bah 27:20-21
S.Bah 34:29
S.Bah 31:7-18
S.Bah 34:1-15
S.Bah 37:1-9
S.Bah 40:20-21
S.Bah 32:15-17
S.Bah 30:22-30
K.Deeb 10:1-6
S. Bah 33:6-9
1Mot 8:1-6; 9:1-9
1Sam 3:3-4
1Sam 4:1-22
S.Lakk 7:89
1Sam 5:1-12
1Sam 6:1-21
Ibr 9:4
M.Yoh 11:19
7. Waa'ee fakkii
qulqullootaa
S.Bah 25:18-21
S.Bah 37:6-9
S.Lakk 21:8-9
1Mot 8:6-8
1Mot 5:23-28
Ibr 9:5
K.Deeb 10:1-5
K.Deeb 30:17-18
Hiz 9:3; 10:1
S.Bah 20:4
Far 134:15-18
Iyas 7:6-9
Isay 44:9-20
Yoh 3:14-15
Gal 3:1-3
8. Waa'ee Ixaanaa
S.Bah 31:11
2Seen 26:16
Far 14:1-2
R.Milk 1:11
Luq 1:8-11
M.Yoh 5:8; 8:3-4
S.Lew 16:12
S.Lakk 16:35
9.Waa'ee Fannoo
1Qor 1:13
Efes 2:17
Qol 1:19-20
Qol 2:14-15
Gal 6:14
Filph 3:18
Far 13:17
10. Waa'ee
cuuphaa!
Hiz 36:25; 16:8-9
R.Mik 7:19
Mat 28:19
Marq 16:16
Yoh 3:5
HDB 2:38; 16:33
HDB 22:16; 2:38
Qol 1:12; 2:12
Rom 6:3
Gal 3:27
Efes 4:5; 5:26
Tiito 3:5
1Phex 3:12-21
Far 113:1
1Qor 6:11
1Qor 10:1-2; 1:16
HDB 8:36-30
Mat 19:14
2Mot 50:10-12
Filph 3:10
11. Waa'ee Gaabbii
S.Lew 5:5
K.Fkn 28:13
R.Hiz 18:30
Mat 3:6; 4:17
Mat 8:4; 11:20
Mat 21:28-32
HDB 19:18; 26:20
Yaiq 5:16
1Yoh 1:9
12.Waa'ee soomaa A. Sooma labsii
K.Izr 8:21:23
Yoh 3:5
R.Erm 36:9
Iyob 2:12-15
R.Zek 8:18-20
HDB 13:2
2Qor 6:6
B. Sooma Foonii fi
dhadhaa irraa Far 108:24
R.Dan 9:3; 10:23
R.Hiz 4:9-17
Rom 14:21
C.Sooma kakuu moofaatti
S.Bah 34:28
K.Deeb 9:9-18
A.Murt 20:26
1Sam 7:6; 31:13
K.Izr 8:21-23
Yon 3:5-8
K.Neh 1:4; 9:1-12
R.Zek 7:5
Far 34:13; 108:24
Isay 58:3-12
R.Dan 9:3
R.Erm 36:6
R.Iyu 1:14-20
R.Iyu 7:6-9
K.Iyob 2:12-15
K.Ast 4:6
Isay 9:31
K.Deeb 10:2-3
2Seen 20:3
2Sam 12:16
1Mot 19:6-10
D.Sooma kakuu
haaraatti
Mat 4:2-5; 5:6
Mat 6:16-18
Mat 17:21
Mat 9:14-15
Marq 2:18-22
Luq 2:35-38
Luq 18:12
HDB 14:13
HDB 13:1-3
HDB 6:1-5; 27:29
Luq 4:2
Rom 14:16-18
1Qor 6:6; 11:27
Ibr 3:9
13. Waa'ee Aangoo
Lubummaa
A. Lubummaa. Mat 8:1-13; 10:1-3
#mat18:18
Mat 28:20
Luq 5:13-14
Luq 24:44
Luq 10:10-16
Luq 9:1-3
1Xim 3:1-3
Luq 5:17-22
1Xim 4:14
Yoh 20:23
Yoh 21:15-17
HDB 1:25; 6:6
HDB 13:3; 1:5-9
HDB 14:23; 20:28
HDB 2:1-5
Filph 1:1
Tiit 1:5-9
Yaiq 5:14
B. Abbaa Gaabbii
Abboti.Murt 17:7-13; 18:18-20
Hiz 34:7
Mat 5:13
1Xim 5:5
C. Gaabbii Lubootaan
S.Lew 5:5; 12:8
Far 142:7
R.Erm 26:2
Mat 18:14-19
Luq 5:14; 9:4
HDB 20:23-29
2Qor 2:10-11
Yaiq 5:16
1Yoh 1:9
S.Lew 12:8
14. Waa'ee xabalaa
S.Lakk 19:1-22
2Mot 5:8-19
Yoh 5:1-9
15. Waa'ee kitaabolee dhalatoo fudhachuu
Yoh 20:30; 21:25
2Tes 2:15
2Xim 3:26; 4:13
3Yoh 1:9-13
JABAAN WAAQA HORAA BULAA DEEBA
Kanneen kana fakkaatan argachuuf
👇👇👇JOIN👇👇👇
Telegram https://t.me/OrtTewahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=61552736791708&
| 2 | 🙏🙏🙏CAQASA KANA QABI🙏🙏🙏
MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN
AFUURA QULQULLUU WAAQA
TOKKOON AMEEN!
RAGAALEE KITAABA QULQULLUU GAAFFIIWWAN AMANTAA ORTODOOKSII
WALOOMAA IRRATTI KA'ANIIF DEEBII TA'AN!
“Kan gaafatamtan hunda deebisuuf kan qophooftan ta'aa!” 1phex 3:15
1. Icciitii
sillaasee/sadummaa
A. Tokkummaa isaanii
S.um 1:1
K.Deb 6:4
R.milk 2:10
Yoh 10:30
Yoh 17:3
Efe 4:6
Yaiq 2:19
1Qor 12:6
1Yoh 5:8
B. Sadummaasaanii
S.um 1:26
S.um 2:18
S.um 3:22
S.um 11:7
S.um 18:2
S.lakk 6:24-26
R.Isay 6:3-8
Mat 22:31-32
Mat 3:16-17
Yoh 15:26
2Qor 13:14
Mat 28:19
1Yoh 5:7
C.maqaa "sillaasee"
jedhu Sirak 15:19-44
Henok 5:38
2. Icciitii
foonummaa /nama
ta'uu waaqayyoo
R.Isay 7:14; 9:6
Far 2:7
Luq 1:33
Yoh 1:14; 5:17-18
Yoh 9:39
Yoh 10:30-39
Yoh 14:7
Yoh 14:20-28
Rom 9:5
Efes 2:10
Filph 9:11;1:2
Ibr 1:6
1Yoh 5:20; 1:3
Dan 7:14
Waaqummaa Iyyesuus Kiristoos v S.Bah 3:14
M.Yoh 1:8
K.Deb 6:4
Rom 9:5
Far 2:1
Yoh 10:11; 1:1
HDB 1:11; 22:38
Isay 40:10; 45:21
R.Hos 13:4
Tiit 1:3
Luq 2:10-12
Yoh 4:42
Far 26:1
Yoh 8:12; 1:9-10
Yoh 12:46
Fat 46:5
Marq 16:19; 1:1
Far 49:2
HDB 4:12; 2:21
Tiit 2:12-13
Isay 44:6
Isay 48:12-16
M.Yoh 1:17-19
Rom 10:9-13
R.Zek 14:5
1Tes 3:12
3. Waa'ee
Qulqulleettii
Dubroo
Maariyaam
A. Haadha waaqayyoo
ta'uu ishii
Isay 7:14; 9:6
Mat 1:18; 2:11
Mat 1:21-23; 1:16
Luq 2:51-52; 1:31
Luq 1:35-43
Luq 2:5-10
Gal 4:4
B. Waa'ee dubrummaa
ishee. Hiz 44:1-3
Isay 7:14
Luq 1:26-27
2Qor 11:2
C. Waa'ee araarsummaa ishee Far 44:12
Yoh 2:1-1
Yoh 19:26-27
2Qor 11:12(?)
Wed 5:9
D. Waa'ee kabaja ishee Far 44:9; 44:12-13
Isay 49:23; 60:14
Luq 1:28
M.Yoh 12:1-6
E. Kabajnii fi galatni akka isheef ta'u M.Yoh 12:1-6
Luq 1:42-50; 1:28
Isay 60:14 ;49:23
Far 44:12-13; 44:9
F. Sagadni kennaa
akka isheef ta'u Far 44:12-13
Isay 49:23; 60:14
Luq 1:41; 1:48
G. Sanyii namoota
qulqulluu malee sanyii ergamootaa akka hin
taane!
Isay 11:1
Mat 1:18
Luq 1:36
Gal 4:4
4. Waa'ee
Ergamoota
Qulqullootaa
A. Uumama isaanii
Far 103:4; 91:11
Kuf 2:5
Isay 6:3
Dan 3:25; 10:1(?)
Luq 1:26
B. Waa'ee tajaajila
isaanii
Mat 2:13-19
Mat 13:24-30
Mat 4:11; 18:10
Luq 1:8-15
HDB 20:12; 1:10
HDB 16:25; 12:6
C. Waa'ee araarsummaa isaanii
S.um 16:10
S.um 19:1
S.Um 48:15-17
S.bah 14:19
S.Bah 23:20-32
Far 33:4-7
R.Dan 3:25; 6:22
R.Dan 10:13; 12:1
R.Zek 1:12
Luq 13:6-9
HDB 27:23
Ibr 1:14
D. Sagadni kabajaa
akka isaaniif ta'u!
S.um 19:1-4; 22:31
Iyas 5:14
1Seen 21:16
A. Murt 13:15-20
Dan 8:15; 10:9
Hen 14:28
M. Yoh 19:9; 22:8
5. Waa'ee namoota
qulqullootaa
A. Osoo hin
boqotiin/du'iin akka namaaf kadhatan!
S.um 14:19-21
S.um 18:22-23
S.um 20:6-11
S.um 25:21; S.Um 32:10-14
S.Lakk 12:9-15
S.Um 14:13-22
S.Um 21:8-9
S.Bah 32:9-14 ; 32:30-34
1Qor 4:12-14
2Qor 5:20
K.Deeb 9:18-20
K.Deeb 9:25-29
Iyas 10:12-14
1Sam 7:8-9
1Mot 13:4-6
2Mot 2:19-22
2Mot 4:32-37
2Mot 20:6
1Seen 21:16-17
1Seen 30:19-20
Efes 1:15-17
2Qor 9:14
Iyas 42:7-10
Isay 65:8
Far 105:21
R.Erm 42:1-12
R.Dan 9:1-19
Mat 10:40- 42;15:21-28
Mat 19:27-29
Luq 22:30
HDB 8:14-24; 10:34-37
Ibr 12:1
2Tes 1:11-12
B. Erga boqatanii
booda akka namaaf
kadhatan!
1Mot 13:23
1sam 8:3-20
Hen 9:21
Hen 12:33-39
HDB 5:13-16
Luq 16:19-31
M.Yoh 6:9
Far 111:7; 33:7
C. Yaadannoon isaanii
bara baraaf ta'uu!
Far 88:1-3; 110:45
Far 111:6; 115:6
2Qor 6:23
K.Fkn 10:10 | 584 |
| 3 | Eebbi Waaqayyoo, araarrii fi Kadhaan haadha keenyaa Dubroo Maariyaamii, Eegumsii Eramoota samii akkasumas Araarsummaan Qulqullootaa nuuf haa baay’atu. Ameen
Ayyaana gaarii
JABAAN WAAQA HORAA BULAA DEEBANA
👇👇👇👇👇JOIN👇👇👇👇👇
Telegram https://t.me/OrtTewahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=61552736791708& | 126 |
| 4 | 🎤🎤🎤CUUPHAA GOOFTAA KEENYA IYYESUU KIRISTOOS🎤🎤🎤
Amaleeffannoo dubbisuu yoo qabaattan dubbisaa.
“Samiin banamee Afuurri Qulqulluun bifa guuggeetiin muldhatee irra bu’e,sagaleenis samii irraa akka dubbate,ati ilma koo isa jaalatamaa dha, gamachuun koos sitti ni raawwatama” kan jedhu ni dhagahame(Luq 3:21).Gooftaan waggaa 30 tti(Luq 2:23) cuuphame.(Mat 3:17)
Hiika Cuuphaa – cuuphaa jechuun cuuphamuu, bishaan keessa seenanii bahuu jechuudha. Cuuphaan icciitiiwwan Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo keessatti raawwataman keessaa isa tokkoo fi kan jalqabaa yommuu ta’u, amantoonni kan mana amantaatti ittiin galan, mucummaa fi kabaja Waaqayyorraa kan ittiin argatan dha. Icciitii wanti jedhameefiis mucummaa Sillaasee (Sadummaa) isa ijaan hin argamne kan ittin arganuu fi warreen hin amanneef icciitii jedhama.
Afaan yoonaaniin ‘Ephifaanii’ jedhama hiikni isaas mul’achuu tokkummaa fi sadummaa Waaqayyoo jechuu dha. Akkuma wangeela Maat.3:13 irratti Iyyasuus cuuphamee akkuma baheen bantiiwwan samii hundi ni banamani achumaanis Afuurri Waaqayyoo akka gugeetti(Afuura Qulqulluun) isarra bu’uusaa arge. kunoo sagaleen(Abbaan) ammoo inni kun Ilma koo isan jaaladhu ittis gammadudha jedhe icciitiin tokkummaa fi sadummaan Sillaasee kan Yoordaanositti mul’ate waan ta’eef. Sababni isaa Gooftaan Iyyasuus Ilma Waaqayyoo ,waaqa ta’uusaa warreen shakkaniif ibsuuf.
Gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos raajiiwwan himamaa turan raawwachuuf, nuuf fakkeenya ta’uuf, bishaan eebbisuuf akkasuma cuuphaaf humna ta’uuf laga Yordaanositti cuuphame. Iyyasuus Kiristoos harka Yohaannisitti cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Yoordaanositti dhufuu isaa agarsiisuuf guyyaa ayyaana cuuphaa kana taabotni teessoo isaanirraa ka’anii lafa bishaan jiru bulu (Mat3:13).
Ayyaannii cuuphaa kun guyyaa Roobii ykn guyyaa Jimaataa irra yoo oole hin soomamu. Kunis kabaja Gooftaa fi ayyanichi kabajni isaa hammam guddaa akka ta’e ibsuu fi.
Gooftaan Iyyasuus Maaliif Laga Yoordaanositti Cuuphamee?
Gooftaan keenya Iyyasuus kan inni cuuphameef sababoota armaan gadiifi
1. Raajii abbaan keenya Daawit dubbate sana raawwachuuf. Faarsaa Daawit 113(114):3 irratti galaanni argee ni baqatee ,lagni Yoordaanoosiis gara boodatti ni deebite ati yaa yoordanoos maaliifi baqattee jedhee abbaan keenya Daawwit raajii dubbatee waan tureef, raga sana raawwachuuf Yordaanositti cuuhame.
2. Saboota adda adda turan tokko isaan taasisuuf laggeewwan laman Yoor kan gandoota ormootaa keessaa yaa’uufi Daanoos kan ganda Yihuudotaa keessaa yaa’anidha. Gooftaan bakka lageewwan lamaan kun walitti makamanitti cuuphamee. Inni Yihuudota qofaaf ykn ormoota qofaaf akka hin dhufnee fi dhala namaa maraaf akka dhufe kan agarsiisudha.
3. Seera cuuphaa nuuf kaa’uuf(nu barsiisuuf).
4. Addaam dargaggeessa umuriin waggaa soddoomaan Waaqayyoon gaddisiisee Jaannata keessa bahee mucummaa Waaqayyoo isa dhabee deebisuuf dhufuusaa yommuu ibsuu Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos umuriisaa waggaa soddomaatti harka Yohaannisitti cuuphame.
5. Xalayaa garbummaa Addaamii fi Heewaan yommuu gannata keessaa bahan seexanni dhagaa battee lama irratti “Addaam garbicha Daabiloos, Heewaan garbitti Daabiloos” jedhe mallattessisiisee tokko Sii’ool keessa tokko immoo galaana Yordaanoos keessa dhoksee ture. Gooftaaniis xalayaa gabrummaa sana sana balleessuuf galaana yoordaanositti cuuphame.
Gooftaan maaliif gara Yohaannis deemee cuuphamee?
· Gadi of qaqqabummaa barsiisuuf
· Seera nuuf tumuu isaati. Jechuun osoo Gooftaan Yohaannis bira deemee cuuphamuu baatee, mootoleen, abbootni qabeenya adda addaa manatti koottaa maatii keenyaa nuuf cuuphaa jedhani abboota luboota ni rakkisu turani. Kanaaf manni amantaa barumsa Gooftaa irraa argatte kanan ummata kamiyyuu osoo adda hin qoodiin mana amantatti ni cuuphti.
Manni amantaa Ortodooksii Tawaahidoos yeroo hunda amajjii 11 waggaa waggaan amajjii sirna ho’aa ta’een yaadannoof,eebbaaf akkasuma fayyina fooniif fi sugaaf ayyaana kana ni kabajji. | 117 |
| 5 | Kanaafuu Gooftaan cuphamuudhaaf lageewwan jiran keessaa yoordaanoosiin kan itti filateeru sababiin isaa inni tokko kanadha.
👉3ffaa= Tokko nu gochuu dhaafi.
Yoordaanoos maddi isaa tokkicha dha.
Gadi siiqee garuu Yooriifi Daanoos jedhamee gargar qoodamee gadi siiqee ammoo inni gargar qoodamee ture sun walitti deebi'ee tokko ta'a.
Bakki Gooftaan itti cuuphame kunis bakka deebi'ee tokko itti ta'e sanatti dha.
Maddi ilmoo namaas tokkicha Addaami dha.
Booda garuu warreen saba Waaqayyoof warreen halagaa jedhamanii gargar qoodamanii turan.
Kanaafuu Gooftaan uummata akkaataa kanaan gargar walqoidee jiru kana cuuphaa isaatiin tokko gochuudhaaf galaanni yoordaanoos bakka walitti dabalamee tokko ta'ee yaa'u sanatti cuuphame.
Qulqullichi Phaawulooss icitii tokkummaa keenyaa isa karaa Kiristoos tokko itti taanee jirru kana gaafa nuuf ibsu;
“Karaa Kristos Iyyesuus isin hundumti keessan tokko; Yihudii yookiis Giriikii, garba yookiis birmaduu, dhiira yookiis dubartii gidduu garaa garummaan hin jiru.” jedhee nu barsiise.
Gal.3፥28
6️⃣➞Maaliif bishaaniin cuuphame?
Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos cuuphaa isaa otoo bishaaniin gochuu dhiisee dammaaf aannaniin godheera ta'ee dammaaf aannan akka garaatti kan argatan soiressoota dha waan ta'aniif icitiin cuuphaa kan raawwatamuufiis sooressoota qabeenya qaban qofaaf ta'uu isaati ture.
Kanaafuu Gooftaan duuressis hiyyeessis wal qixxummaadhaan kan argachuu danda'an bishaanidha waan ta'eef namni hundumtuu icitii cuuphaa wal qixxummaadhaan akka argachuu danda'utti cuuphaa isaa bishaaniin Raawwate.
Gara biraatiin dammaaf aannaniin otoo uffata keenya miiccannee hinumaayyuu nu jalaa xureessa yoo ta'e malee xurii uffata keenyaa qulqulleessuudhaaf hin danda'u.
Gaafa bishaaniin miiccatan garuu ni qulqulleessa waan ta'eef nuti cubbuu keenya irraa akka ittiin qulqulloofnuudhaaf Gooftaan icitii cuuphaa kana bishaaniin nuuf raawwate.
Gara biraatiin dammiif aannan biqiltuu gogsee quucarsa yoo ta'e malee lalisee, dagaagsee, guddisuudhaaf hin danda'u.
Bishaan garuu jireenyaafi guddina biqiltuu keessatti iddoo guddaa qaba.
Nutis Afuuraan lalisnee guddannee dagaagnee firiidhaaf akka geenyuuf Gooftaan icitii cuuphaa kana bishaaniin nuuf raawwate.
7️⃣➞Maaliif halkan cuuphame?
Goiftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos kan innii cuuphameeru halkan sa'aa 10፡00 irratti dha.
Sababiin isaas otoo guyyaadha ta'ee gugee wa'iitu dhufee irra qubate malee Afuura qulqulluu miti jedhama ture silaa.
Garuu gugeen halkan sanaan sochootu hin jirtu waan ta'eef dhugumatti Gugeen mataa isaarra qubate sun Afuura qulqulluu ta'uu isaa ibsuudhaaf halkaniin cuuphame.
Walumaa galatti ayyaana cuuphamuu Gooftaa keenyaa Iyyesuus kiristoos kana irratti icitiiwwan kanaaf kana fakkaatan baldhinaan ni barsiifamu ni baratamu.
Baga kabaja ayyaana cuuphaa Gooftaa keenyaa Iyyesuus kiristoos kan bara 2016n nagaan isin ga'e nu ga'e!
Waaqayyo ayyaanicha ayyaana nagaa ayyaana eebbaa nuuf haa godhu!
Ameen!
Ayyaana gaarii!
JABAAN WAAQA HORAA BULAA DEEBANA
Telegram https://t.me/OrtTewahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=61552736791708& | 175 |
| 6 | BAGA KABAJA AYYAANA CUUPHAA GOOFTAA KEENYA IYYESUUS KIRISTOOS KAN BARA 2016N NAGAAN ISIN GA'E, NU GA'E!
Ayyaannii cuuphaa kun ayyaanoota gurguddoo kan Gooftaa keenyaa Iyyesuus kiristoos sagal keessaa isa tokko dha.
Ayyaana kana yeroo kabajnu gaaffiiwwan garaa garaa kaasuu ni dandeenya.
Gaaffiiwwan hundumtuu garuu deebii mataa isaanii danda'e ni qabu.
Fakkeenyaaf;
1️⃣➞Maaliif cuphamuun isa barbaachise?
Gooftaan na muudaa kan hin jenne Mootii,
Na kabajaa kan hin jenne kabajamaa ta'uun isaa beekamaa dha.
Egaa maaliif cuuphamuun isa barbaachiseree yoo jennu;
👉1ffaa= Icitii sadummaa isaa ibsuu dhaafi.
Kakuu moofaa keessatti tokkummaan isaa sadummaa isaa ottoo hin marmariin,
Sadummaan isaas tokkummaa isaa otoo hin diigiin wal eeguu dhaan jiraachaa turuun isaa beekamaa dha.
Haata'u malee icitiin Sillaasee sirritti ifa ba'ee waan hin muldhanneef icitii tokkummaaf sadummaa isaa ifatti muldhisuu dhaaf jecha cuuphamuun isa barbaachise.
Kunis yeroo Gooftaan galaana yoordaanoos keessatti cuuphamu Abbaan duumessa keessaan, Ilmi galaana keessa dhaabatee, Afuurri qulqulluunis bifa gugeedhaan mataa Gooftaa irra qubatee muldhachuudhaan mirkanaa'eera.
👉2ffaa= Raajii dubbatamee jiru dhugoomsuu dhaafi.
“Yaa Waaqayyo, bishaanonni si argan,
si arganiis ni hunkuraman;
tuujjubni galaanaa immoo ni raafame.”
Far.77፥16
👉3ffaa= Fakkeenya nuuf ta'uu dhaafi.
Gooftaan dursee ufii cuuphamee nutis bishaaniif Afuura irraa akka lammaffaa dhalachuun nurra jiraatutti fakkeenya nuuf ta'e.
2️⃣➞Gooftaan maaliif waggaa 30tti cuuphame?
Maaliif gadi bu'ee 29tti ol ba'ee 31tti hin cuuphamne?
Akka tasaa 30 irra bu'eetudhas akka hin jedhamne Waaqayyo biratti hojiin akka tasaa hojjetamu hin jiru.
Yoosoo wagga 30tti cuuphamuun isaa icitii mataa isaa danda'e ni qabaa jechuu dha.
Addaam yeroo uumame akka dargaggeessa waggaa soddomaattidha ture.
Guyyaa 40tti mucummaa Sillaasee argatee ture sana seexanaan waan uf harkaa fudhachiiseef Addaam inni lammaffaa Gooftaan keenyi Iyyesuus kiristoos mucummaa Addaam sadarkaa kanaan dhabee ture sana isaafii deebisuu dhaaf jecha waggaa 30tti cuuphamuun isa barbaachise.
3️⃣➞Yohaannisiin garasaatti waamuu otoo danda'uu maaliif
Gooftaan gara Yohaannisitti dhufuun isa barbaachise?
As irratti Gooftaan seera tumee nuu kaa'uudhaafi.
Mootiin moototaa Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos akkuma gara Yohaannisitti deemee cuuphame kana mootootni garaagaraafi warreen taayitaa kam irrayyuu jiranis bifa tuffiidhaan koottaatii manatti nu cuuphaa otoo hin jedhiin mucummaa Sillaasee argachuudhaaf gara mana qulqullummaa Waaqayyootti dhufuun fakkeenya Yohaannis cuuphaa kan ta'an gara Lubootaatti dhiyaatanii akka cuuphamaniidhaaf kallattii kanaan Gooftaan seera nuuf tume.
4️⃣➞Maaliif harka Yohaannisitti cuuphame?
Gooftaan keenyi iyyesuus Kiristoos inni dhugumatti Waaqa dha.
Rom.9፥5
Yoohaannis ammoo uumamaa dha.
Egaa Gooftaan otoo Waaqa ta'ee jiruu uumamaa isaa harkatti gadi bu'ee cuuphamuun isaa kasoomina nu barsiisuudhaafi.
Inni mataan isaa
Mat.11፥29 irratti anarraa baradhaa nuun jedheera.
Barnootni nuti boqonnaa lubbuu keenyaa argachuudhaaf isa irraa barannu kunis kasoomina ta'uu isaa qixa kanaan nu barsiise.
5️⃣➞Maaliif Yoordaanoositti cuuphame?
👉1ffaa= Raajii dubbatamee jiru dhugoomsuu dhaafi.
Kan akkas jedhu;
“Galaanni argitee ni baqatte, lagni Yordaanosis gara duubaatti ni deebi'e.”
Far.114:3
👉2ffaa= Xalayaa du'aa nurratti barreessamee ture sana nuuf barbadeessuu dhaafi.
Xalayaa du'aa nurratti barreessamee ture sana diyaabiloos isa tokko si'ool keessatti, isa tokko ammoo galaana yoordaanoos keessatti gadi dhidhimsee ture.
Yoo xalayaan du'aa kun barbadeessame maleemmoo ilmoon namaa garbummaa keessaa ba'uu hin danda'anu.
Kanaafuu Gooftaan isa si'ool keessaa yeroo fannisamee lubbuu isaa dabarsee laatee ture sanatti qaama lubbuudhaan gara si'oolitti dhaqee yeroo barbadeessu isa galaana yoordaanoos keessatti gadi dhidhimsamee ture kana ammoo yeruu cuuphamu namummaa isaatiin irra dhaabatee waaqummaa isaatiin nuuf barbadeesseera.
Qol.2፥14 | 149 |
| 7 | Baga Cuuphamu Uumaan uumamootaan nagaan GEESSAN itti dabaluun 👇👇👇dubbisa gaarii
#Sooma_Gahaadii!
GAADIIN /GAHAADII/ n MAALI?
Soomni kun sooma mana kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa torban keessaa isa tokko yoo ta’u soomannan jiran keessaa sooma gabaabaa fi guyyaa tokko qofaaf jala bultii ayyaana cuuphaatti kan soomamudha. ‘Gaad’ jedhama Gi’iziidhan isuma dhuunfachuun naannoon an jirutti Oromiffaanis ‘Sooma Gaadii’ jedhama. Garuu hiikkan inni Oromiffaa ‘ifatti ba’uu’ ‘muldhachuu’ jechuudha. Maaliif akkas jedhame yoo jennu ammoo guyyaa Gooftaan Cuphamuuf gara laga Yordaanos bu’etti Iccitiin Sadummaa waan ifatti muldhateef! Abbaanis “Ilma koo kanan jaaladhu” jedhee dubbate, Afuura Qulqulluun ammoo bifa guggeetiin bu’eera( Wangeela Maatewos boqonnaa 3:13). Ilmi ammoo foon keenna uffatee laga Yoordaanos keessa ture. Kanaaf Waaqayyo nuuf mul’ate nuuf of ibse jenna,iccitiin tokkummaa fi sadummaa beekamte jecuufi.
Maaf soomama ree yoo jennu,bakka buusa soomama. Bakka buusa guyyaa Roobii fi Jimaataa. Kunis ayyaanni cuuphaa fi dhaloota Gooftaa guyyaa Roobii fi Jimaata irra yoo oolan kabaja ayyanichaa kanaaf jecha guyyicha soomni hin jiru,guyyaa gammachuu waan ta’aniif. Kan ayyaana dhaloota Gooftaa silayyuu guutummaan sooma raajotaatu jira,kanaaf durumaanu soomamee soomichi guyyaa sana hiikkata. Kan cuuphaa garuu jiini isaa sooma waan hin qabneef jala bultii isaatti ni soomama.Ayyaanni cuuphaa Wiixata yookis Sanbata Guddaa/Dilbata/ yoo oole garuu sanbattan lamaan of beelechuun dhoorkaa waan ta’eef midhaan sooma qabu(aannan, dhadhaa,foon,anqaaaquu) irraa soomna malee of beelechuun hin jiru.
Mana kiristaana ortodooksii keessatti wanta addaa, ulfaata ta’e tokko soomanan fudhanna yookis arganna waan ta’eef iccitii kana of qulqulleessinee, bor kunii missiraachoo tana dhagayuu deemna, nyaata-dhugaatiin sirbaaf utaalachaan hin eegnuu sooman eegna jenneeti. Ayyaanni gurguddaan Gooftaa keennaa caalatti sooma keessa yookiis jalbultiin isaa soomana keeysa ta’a.
Toora Miidayaa DrDn Naahimii Fayyisaa!
JABAAN WAAQA HORAA BULAA DEEBANA
Telegram https://t.me/OrtTewahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=61552736791708& | 173 |
| 8 | " BAABILOON KESSAA BA'AA "ISAY 48:20
✍ Amajjii -7- Guyyaa Itti qooqi Namoota duraan Tokko ture ,Sababa Cubbuu namootaaf Sillasonni Dirree Baabiloon irratti gad bu'aanii gargar Guyyaa itti hiraniidha Uum 11:1-
Egaa Kabajamttoota Maatii waaqayyoo Sababa Cubbuu namootaaf Erga Qooqi duraan Tokko turee Sabni hundumttuu itti walii galaa ture sababa cubbuun Gargar Erga bahee
Mee Har'a Taa'aa itti yaadaa Saba bara Sanaa Caalaa nuti Cubbuu Hammamii dalagaa jirraa laata?????
Cubbuun Baabiloon nutti tahee
Gosummaan Baabiloon nutti tahee
Sanyummaan Baabiloon nutti tahee
Afaan/Qooqni Baabiloon nutti tahee
Hameenyi Baabiloon nutti tahee
Gandummaan Baabiloon nutti tahee
Jibbinsi Baabiloon nutti tahee
Dhiiga dhangalaasuun Baabiloon nutti tahee
Halaalummaan Baabiloon nutti tahee
Sagaagalummaan Baabiloon nutti tahee Nu rakkisaa Hin jiruu? Mee gara Qalbii keenaytti ha Deebinu
Harras waaqayyoo nu dheekamaa jira. Maatii waaqayyoo Kallattiidhanis al kallattidhanis meeqan keenyatu Qalbeefate laata ???
Ijoollee Nohi Sadeen ( Seem ,kaam fi yaafet ) Addunyaa kanarratti bakka garaagaratti facaa'anii jiraachaa turan Isaan kessaa Kaam kallatti bahan Jiraachaa ture .
Ilmaan isaa yoo ilaalle Kuush, Misraayiim, Fux, Kana'aan turan. Ilmaan Kuush immoo Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'imaa, Sabtekaas; ilmaan Ra'imaas immoo Sheebaa fi Dedaan. Kuush, Naamrudin dhalche;
Warreen Armaan olii kessaa Naamrudin mandaroota biyya Shiinaar isa “Baabilon” Jedhamee beekamu (Iraaq harraa ) kessa ilmaan isaa waliin jiraachaa ture
Yeroo kana Saboonni kun Dallaa Ijaarudhan waaqayyo bira deemna jedhanii Lafaa kaasanii asii ol gara samitti Dallaa ijaaraa turan Haa tahu Malee Laphee isaanii kessa Seexanni bultee hojii hamaa gaafa hojjechistu ,Sillaasonni arguudhanii Guyyaa harraa kana Gad buhuun Afaan isaanii walitti makuudhan akka isaan wal hin dhageenye guyyaa isaan itti taasisaanidha.
Sababa cubbuu isaanii irra kan kahe Malee Jalqaba Dhalli namaa Afaan Tokko dhagaha ture
Harras Sababa cubbuu keenya irraa kan kahe Dacheen biyya keenya Dheekamamaa jirti
Waaqayyo Arjummaa isaatiin nuha Yaadatu
Baabiloon Magaalaa cubbuu tahee laphee keenya isa nu rakkisaa jiru waaqayyo laphee keenya nufa qulqulleessu
Galanni Sillaaseef ha tahu
JABAAN WAAQA HORAA BULAA DEEBANA
🎤🎤🎤👇👇JOIN👇👇🎤🎤🎤
Telegram https://t.me/OrtTewahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=61552736791708& | 419 |
| 9 | Dubbi wareegamtoota K.2ffaa.pdf | 214 |
| 10 | Dubbi wareegamtoota K.1ffaa.pdf | 214 |
| 11 | 📢📢📢Itti Goraa dubbisaaa!!!📢📢📢
DHALOOTA GOOFTAA IYYASUUS ISA AJAA’IBA TA'E KANAAN RAAJONNI MAAL JEDHAN?
🙏 Baalaam akki jedhe “Ani isa nan arga, garuu amma miti, isa nan ilaala garuu dhihoo miti;urjiin Yaaqob keessaa as ni baha, uleen mootummaas Israael keessaa ni kaa; gaggeessitoota warra moaab ni buburuksa,mataa ilamaan sheet hundumas ni caccabsa”(Lakk 24:17).Booda warri harka fuudha Gooftaaf kennan sadan kuni sanyii Balaaam Kushota Afrikaadha cehan akka tahan galmee hedduurraa hubanna.
🙏 Guyyaan tun raajaa Isaayyaas guyyaa dubbateefi akkas jedhee ““Kanaafis Waaqayyo ofii isaatii mallattoo isiniif ni kenna, kunoo durbi ni ulfoofti, Ilmas ni deessi, maqaa Isaas Amaanu’eel jettee ni moggaafti, hiikkan isaas Waaqayyo nu wajjini jechuu dha.”(Isa 7:14;Maat 1:23) jedhe.
🙏Raajaa Hizqieelis akki jedhe kunoo karri kun hanga bara baraatti cufamtee jiraatti, namni achiin seenus hin jiru Waaqayyo Gooftan Israaeel akkuma cufamteen ni seena; cufamteetiin haa jiraattu jedhe. Karrichis dubrummaa haadha keenyaa kan ibsu kan Gooftaan keenya osoo dubrummaa sana hin saaqin dhalate isa dinqii tae sanadha(Hisq 44:1).
🙏Raaji Daaniel akki jedhe, “ kunoo halkaniin muldhatan arge,kunoo guddichi akka ilma namaa, duumessaan samiirraa dhufe, isa baraan dulloome duras gahe,fuula duraa isattis dhiyeessan,bulchinsi bara baraa gooftummaan mootummaan ni kennameef,uummatii amanee fi hin amanne, warri afaan gara garaa dubbatus akka isaaf bitamaniif gosaa fi sabni mootonni hundumtis isaaf ni bitamu.,bulchiinsi isaas bulchinsa hanga bara baraatti,mootummaan isaas kan hin dabarre kan hin badnedha. Dan. 7:13.
🙏Ammoos Isaayyas akki jedhe “"Daa’imni(Mucaan) nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera, humni mootummaa isaa gateettii isaa irra jira, maqaan isaa ‘Gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abba bara baraa, angafa nagaa ni jedhama” (Isa 9:6) jedhe.
🙏Raaja Eermiyaasis akki jedhe “Bara sanatti Daawitiif ifa nan baasa,biyya lafaa irrattis murtoo sirrii ni murteessa,Waaqayyos ka isatti bulan hunduma ni fayyisa jedhe.(Eer 23:5)
🙏Raaja Milkiyaas akki jedhe “Ati immoo yaa mandara Betelihem Efraataa, magaalota Yihudaa warra gurguddoo keessaa, ati ishee xinnoo dha, Isra’elin kan moo’u tokko si keessaa anaaf ni ba’a, hundeen isa si keessaa ba’uuf jirus, kan bara durii durii bara baraati.(Miikiyaas 5:2) Gooftaan Beteliheemitti dhalateerahooti.
🙏Raajaa Daawit akki jedhe “Waaqayo “ati ilma kooti,atis hardha anarraa dhalatteetta” jedhe…Far 2:7
Galanni waaqa jabaaf, Deessuu isaa Durbeef, Ulfaataa fannoosaaf haa ta'u.
Madda Fuula Telegram Enginer Giza Teshome
❤️❤️❤️JABAAN WAAQA HORAA BULAA DEEBANA!❤️❤️❤️
🍊🍊🍊@👇👇JOIN👇👇@🍊🍊🍊
Telegram https://t.me/OrtTewahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=61552736791708&
Yaadaa fi gaaffiif @NAbdi | 473 |
| 12 | ✓✓✓Mudde 19✓✓
Yaadannoo Q/Gebri'eeliidha.
👉 Q/Geebri'eel Diyaabiloos "Anatu isin uume" jedhee goolii kaasee yeroo ergamoonni jeeqaman "Bakka jirutti jabaannee haa dhaabannu!"jedhee kan isaan jabeessedha. Hangafoota ERGAMOOTA warreen 7 keessa tokko yoo ta'u dursaa Warra Raamaati. Waaqayyo nuuf haa eyyamuutii seenaa/barumsa waa'ee Ergamaa kana guyya biraa itti deebina. Ammaf kanumaan bira taruun waa'ee ayyana guyyaa Boruu muraasa dubbanna.
√Guyyaan kun guyyaa Anaaniyaa,Azaariyaa fi Misaa'eliin Ibidda boba'aa keessaa baasedha.
Bal'inaan Raajii Daani'eel boqonnaa tokkoo kaasnee haa dubbisnu!
Jechi isaan ittiin dhaadatan akkas jedha ture, "Waaqni nuti waaqessinu Ibidda boba'u keessaa nu baasa...nu baasuus yoo dhiise tasumaa waaqa harkeef hin sagannu."
Amantiin lapheerraa burqitu nagaa namaaf kenniti, fayyaa isaaniif dorsifni Ibiddaan durfamu osoo aaduu nagaa argatan. Amantii Dhugaan Obsa qabdi Waaqni Obsa nuuf haa laatu. Amantiin Laphee qulqullootaa keessatti biqilte diina ni mo'atti, humna qabdi, galma eebbifaamaa hawwiin eeggatii ...Waaqni ijoollota sadan amantii Laphee keessa maddeeen diina isaani akka injifataniif humna isaaniif kenne addunyaa cubbuu fi Du'aan nu doorsiftu akka mo'annuuf jabina irree isaan nu waliin haa ta'u........Ogeessi ogummaa isaan xiqqoo hubata Wallaalaan garuu doofumaa isaan waan danuun isaaf hiika hin kennuuf Waaqni solomoniif Ogummaa hunda boojitu kenneef nun dagatiin...K.Lall 11'''''''Ilaaluu dandeessa
Egaan goolaba dubbii keenyaaf Ergamaan kun misraachuu kan namatti himudha.
Lubicha Zakkaariyaasitti akka isaan Dhala argatan misraachuu himeera(luq.1:1-25
Dubroo maariyaamiins akka isheen Wàaqa deessuuf kan gammachiisedha!
🤲Eebbii fi Eegumsi🤲 ergamootaa nu waliin haa ta'u!
✝AYYAANA GAARII!!!✝
🎤Galanni Waaqaaf Haa Ta'u🎤
JABAAN WAAQA HORAA BULAA DEEBANA
Telegram https://t.me/OrtTewahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=61552736791708& | 630 |
| 13 | Meeshaalee Qulqulaawoo MKOT -WPS Office(1).docx | 382 |
| 14 | Galata(kennaa)Hidda wayini_100332 (1).mp3 | 172 |
| 15 | Galata(Kennaa) balbala ifa_100137 (1).mp3 | 168 |
| 16 | 🕊 [soomaa] 🕊
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Waan sadii! ]
"Sa'aatii soomaa keessanittis ta'e yeroo biraatti waan sadii qalbii keessan keessa akka qabattan isin gorsina."
Akka isiinii hamaa dubbachuu irraa of qusatan, nama kamiyyuu akka diinaatti ilaaluu irraa of qusatanii, kakaa ati amala godhatte irraa akka fagaatu!
Akkuma qonnaan bulaan haamaa jiru midhaan maasii isaa irraa al tokkotti sassaabuu dhiisee xiqqoo xiqqoo walitti qabu, hundi keenya gorsa kana hojiirra oolchuun yeroo soomaa kana shaakaluu fi amala gaarii keenya gochuu qabna.
Kana gochuudhaan ogummaa hafuuraa salphaatti maallaqa godhachuu dandeenya. Haala kanaan osoo addunyaa kanarra jirruu midhaan abdii gaarii qabu ni oomishna. Biyya samii dhufu keessattis sodaa malee, gammachuudhaan guutamee Kiristoos dura akka dhaabbannu nu gargaara. Ayyaana kanaaf malu argannee dhaaltota ulfina isaa dhaaluu ni haa tasiisuu amen. " † " .
[Qulqulluu Yohaannis Afaanwarqee].
Jabaan waaqa horaa bulaa deebana
Telegram
https://t.me/OrtTewaahidoteaching
Facebook
https://www.facebook.com/nugusa.abdi.2023?mibextid=ZbW | 410 |
| 17 | Seenaa MK(1).pdf | 245 |
| 18 | GAAFFII_SHAKKITOONNI_DURBOO_MAARIYAAM_IRRRATT_KAASANIIF_DEEBII.pdf | 225 |
| 19 | Taabonni maali.pdf | 233 |
| 20 | Maaliif_Adii_Uffannaa.doc | 238 |
