fa
Feedback
Caffee Mooraa-Jimmaa

Caffee Mooraa-Jimmaa

رفتن به کانال در Telegram

Jaalala_Qabaadhu Waaqayyoon jaaladhu; mootummaasaa jaaladhu; nama hundaa jaaladhu; jaalalli jaalala fida. Haa ta'uutii ati tajaajila kee akka hojiitti qofa, akka dirqamaatti, ykn kaayyoo ta'eef qofa akka ta'eetti kan ilaaltu yoo ta'e bu'aan kee maalinni?

نمایش بیشتر
2 945
مشترکین
-324 ساعت
-107 روز
-2130 روز

در حال بارگیری داده...

ابر برچسب‌ها
هیچ داده‌ای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
اشارات ورودی و خروجی
---
---
---
---
---
---
جذب مشترکین
ژوئیه '26
ژوئیه '26
+20
در 0 کانال‌ها
ژوئن '26
+27
در 0 کانال‌ها
Get PRO
مه '26
+36
در 3 کانال‌ها
Get PRO
آوریل '26
+70
در 5 کانال‌ها
Get PRO
مارس '26
+39
در 2 کانال‌ها
Get PRO
فوریه '26
+42
در 1 کانال‌ها
Get PRO
ژانویه '26
+46
در 0 کانال‌ها
Get PRO
دسامبر '25
+34
در 0 کانال‌ها
Get PRO
نوامبر '25
+90
در 3 کانال‌ها
Get PRO
اکتبر '25
+25
در 0 کانال‌ها
Get PRO
سپتامبر '25
+9
در 1 کانال‌ها
Get PRO
اوت '25
+9
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژوئیه '25
+6
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژوئن '25
+10
در 0 کانال‌ها
Get PRO
مه '25
+25
در 6 کانال‌ها
Get PRO
آوریل '25
+49
در 6 کانال‌ها
Get PRO
مارس '25
+51
در 3 کانال‌ها
Get PRO
فوریه '25
+20
در 2 کانال‌ها
Get PRO
ژانویه '25
+20
در 4 کانال‌ها
Get PRO
دسامبر '24
+44
در 5 کانال‌ها
Get PRO
نوامبر '24
+31
در 0 کانال‌ها
Get PRO
اکتبر '24
+25
در 1 کانال‌ها
Get PRO
سپتامبر '24
+17
در 0 کانال‌ها
Get PRO
اوت '24
+165
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژوئیه '24
+46
در 3 کانال‌ها
Get PRO
ژوئن '24
+48
در 0 کانال‌ها
Get PRO
مه '24
+61
در 0 کانال‌ها
Get PRO
آوریل '24
+73
در 6 کانال‌ها
Get PRO
مارس '24
+55
در 0 کانال‌ها
Get PRO
فوریه '24
+88
در 1 کانال‌ها
Get PRO
ژانویه '24
+122
در 3 کانال‌ها
Get PRO
دسامبر '23
+130
در 28 کانال‌ها
Get PRO
نوامبر '23
+150
در 3 کانال‌ها
Get PRO
اکتبر '23
+158
در 23 کانال‌ها
Get PRO
سپتامبر '23
+210
در 0 کانال‌ها
Get PRO
اوت '23
+204
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژوئیه '23
+24
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژوئن '23
+26
در 0 کانال‌ها
Get PRO
مه '23
+40
در 0 کانال‌ها
Get PRO
آوریل '23
+43
در 0 کانال‌ها
Get PRO
مارس '23
+50
در 0 کانال‌ها
Get PRO
فوریه '23
+35
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژانویه '23
+53
در 0 کانال‌ها
Get PRO
دسامبر '22
+72
در 0 کانال‌ها
Get PRO
نوامبر '22
+53
در 0 کانال‌ها
Get PRO
اکتبر '22
+45
در 0 کانال‌ها
Get PRO
سپتامبر '22
+45
در 0 کانال‌ها
Get PRO
اوت '22
+130
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژوئیه '22
+99
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژوئن '22
+92
در 0 کانال‌ها
Get PRO
مه '22
+74
در 0 کانال‌ها
Get PRO
آوریل '22
+178
در 0 کانال‌ها
Get PRO
مارس '22
+59
در 0 کانال‌ها
Get PRO
فوریه '22
+40
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژانویه '22
+55
در 0 کانال‌ها
Get PRO
دسامبر '21
+81
در 0 کانال‌ها
Get PRO
نوامبر '21
+64
در 0 کانال‌ها
Get PRO
اکتبر '21
+112
در 0 کانال‌ها
Get PRO
سپتامبر '21
+59
در 0 کانال‌ها
Get PRO
اوت '21
+95
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژوئیه '21
+114
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژوئن '21
+91
در 0 کانال‌ها
Get PRO
مه '21
+80
در 0 کانال‌ها
Get PRO
آوریل '21
+124
در 0 کانال‌ها
Get PRO
مارس '21
+110
در 0 کانال‌ها
Get PRO
فوریه '21
+98
در 0 کانال‌ها
Get PRO
ژانویه '21
+44
در 0 کانال‌ها
Get PRO
دسامبر '20
+1 941
در 0 کانال‌ها
تاریخ
رشد مشترکین
اشارات
کانال‌ها
17 ژوئیه0
16 ژوئیه+1
15 ژوئیه+2
14 ژوئیه+1
13 ژوئیه+1
12 ژوئیه+1
11 ژوئیه0
10 ژوئیه+3
09 ژوئیه+2
08 ژوئیه0
07 ژوئیه+2
06 ژوئیه+1
05 ژوئیه0
04 ژوئیه+3
03 ژوئیه+2
02 ژوئیه+1
01 ژوئیه0
پست‌های کانال
አብርሃሙ ሥላሴ ✍️Adoolessa 7 guyyaa Sillaaseen tokkummaa fi sadummaa isaatin mana Abrihaam itti seenedha.Kunis bu'uura seera uumamaa 18÷1-16 irratti barreeffamee jiruun akka armaan gadiitti dhiyaateera. ✍️Abrihaam walakkaa guyyaa yeroo inni dunkaana isaa fuuldura taa'ee jirutti sillaaseen muka ejersaa cinaatti isatti mul'ate. Yeroo ilaaluu sadi ta'uu isaanii hubate.Itti deemee fuuldura isaanitti kufee isaan simate. "Fuuldura keetti yoon fudhatamummaa argadhe garbicha kee bira hin darbin", jedheen. Qaama sadi ta'anii osoo jiranuu akka qaama tokkootti dubbachuun isaa tokkummaa sillaasee ibsa. ✍️Dabalees, "bishaan isiniif haa dhufu,miila keessan isin dhiqnaa", jedheen. Kun immoo qaaman sadi ta'uu isaanii nu hubachiisa. "Nyaata isiniif qopheessinaa, hanga sanatti muka kana jala boqodhaa",jedheen. "Akkuma jette taasisi", jedhanii deebisaniif. Haati manaa isaa Saaraan safartuu sadi kan ta'e qamadii irraa kan qophaa'e daabboo akka isheen qopheessitu ajaje. ✍️Jibicha isaa isa gaarii ta'es qalee akka isaan nyaataniif dhiyeesseef.Isaanis nyaatan, ni dhuganis jedha.Sillaaseen nyaata akka keenyatti nyaatu jechuu miti.Kun hojii waaqayyooti, hin qoratamu. Qamadiin safartuun sadi sadummaa isaanii kan ibsu yoo ta'u, tokko ta'ee tolfamuun isaa immoo tokkummaa isaanii ibsa. ✍️Sillaasen Abrihaamin, "waggaa har'aa yeroon deebi'ee dhufutti haati manaa kee Saaraan ilma dhiiraa ni deessi", jedheen. Yisi'aaq akka dhalatu raajii dubbachuu isaaniti.Tokkos Saaraa kan jedhamte wangeeladha jedhu abboonni hiikoodhaan.Yeroon foon namaa uffadhee biyyaa lafaa dhufutti wangeelli kiristaanota ni argamsiisti jechuu isaati. Saaraan umuriin ishee deemee waan tureef isa kana yeroo dhageessu ni kofalte. ✍️Sillaaseenis, "Saaraan maalif kofalte?, amma waaqayyoodhaaf wanti dadhabamu ni jiraa?", jechuudhan Abrihaamitti dubbate. #Nutis seenaa kana irraa wanti barachuu qabnu:- 1,Namni keessummaa jaallatu waaqayyoodhaan kan jaallatamu ta'uu isaa fi waaqayyoon illee akka namaatti mana isaa seenuu akka danda'u 2,Waaqayyoon akka Saaraadhaaf dulluma keessa ilmoo kenneef, nuufis jireenya keenya keessatti gaaffilee nuuf hin deebine guyyaa isaatti akka nuuf deebisuu fi wanti isaaf dadhabame akka hin jirre ni hubanna. Mana Abrihaam seenee kan eebbise sillaaseen hunduma keenyaaf kara laphee keenyaa nuuf haa seenu. Nutis nama akka Abrihaamitti keessummaa jaallatu ta'uuf haa jabaannu. Galanni Abbaaf Ilmaaf afuura qulqulluuf haa ta'u Ameen! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA

2
ጼጥሮስ ወጻውሎስ 1,Qulqulluu Pheexiroos ✍️Beetasaayidaatti abbaa isaa Yoonaa jedhamuu fi haadha isaa sanyii Simi'oon taate irraa dhalate.Kanaaf maqaan isaa jalqabaa illee Simi'oon jedhama. Obboleessa isaa Indiriyaas waliin Galiilaatti qurxummii kiyyeessaa guddate. Waggaa 55tti gooftaan isa waame. "Ati jiraataa ilma Waaqayyooti", jedhee gooftaaf ragaa bahuu isaatin kattaa jedhameera. ✍️Yohaannis fi Yaa'iqoob waliin duuka bu'oota icciitii sadan jedhamu. Galaana Xibriyaados irra miila isaan deemee gidduu gahee waan shakkeef yeroo inni liqimfame gooftan isa oolcheera.[Maar14÷22-23]. "Yaa gooftaa si dhiisnee eessa deemna?", jechuudhaan Qiffirnaahomitti jaalala gooftaaf qabu ibseera.[Yoh 6÷66-68]. ✍️Waan gooftaa jaallatuuf, "hin duutu", jechuu irraa eegalee yeroo gooftaan qabamu hojjataa hangafa lubootaa Maalkos jedhamu hanga gurra isaa irraa kutuutti gaheera.[Maat16÷23,Yoh18÷10]. Sodaachuu isaatin gooftaa halkan tokkotti yeroo sadi ganus booda imimmaan isaa dhangalaasee gaabbii galeera. Du'aa ka'umsa booda duuka bu'oota sooruuf kara qurxummii kiyyeessuu isaatti deebi'us gooftaan, "hoolota koo naaf eegi",jechuun kara duuka bu'ootatti isa deebiseera.[Yoh 21÷15]. ✍️Guyyaa paraaqilixoos wangeela barsiisee nama 3000 amansiisee cuuphun kiristaana taasiseera.Gaaddidduu isaan illee hanga dhukkubsattoota fayyisuutti kan gahe yoo ta'u xumura irratti adoolessa 5 bara 67 Neeron qeesaarin "akka gooftaa kootti fannifamuu hin qabu,gadi garagalchaa na fannisaa", jechuudhan wareegamummaa fudhateera. 2,Qulqulluu Phaawuloos ✍️Sanyii Biiniyaam irraa Xarseesitti dhalate. Maqaan isaa jalqabaa Saa'ul jedhama. Umurii 15 eegalee hanga 30 ta'utti Gamaaliyaal nama jedhamu biratti seera Ayihudotaa barate.Baruumsa gooftaa Iyyarusaalem keessatti dhagahaa kan ture yoo ta'u erga gooftaan olbahee kiristaanota ari'achuu eegale. ✍️Isxifaanoos yeroo ajjeefamu warra ajjeesaniif uffata isaanii eegaa ture. Kiristaanota balleessuf xalayaa baatee Damaasqoo deemaa osoo jiruu gooftan samii keessaa "Saa'ul Saa'ul maalif na ari'attaa?", isaan jedhe. "Ati kan na ari'attu ani Iyyasuus isa Naazireetidha,Sibiila waraansaa yoo jibbite ittuu sitti jabaata", jechuudhan akka inni daandii badii irraa deebi'u isatti hime. ✍️Gooftaanis, "Kan maqaa koo baatu meeshaa filatamaa kooti", jechuudhan akka inni Anaaniyaa nama jedhamu biratti cuuphamu taasise.Xarseesii hanga Antsookiyaa, Iyyarusaalemii hanga Niqoophiliyoonitti wangeela mootummaa waaqayyoo lallabaa ture. Adoolessa 5 bara 67 umurii isaa 74tti mormi isaa muramee wareegamummaan boqoteera. Eebbi qulqulluu Pheexiroos fi Phaawuloos nu waliin haa ta'u Ameen! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA
473
3
WAXABAJJII 30 DHALOOTA YOHAANNIS CUUPHAA ✍️Guyyaa kanatti gadaamessa haadha isaa keessatti gooftadhaaf kan sagadee fi laga yoordaanositti gooftaa kan cuuphe Yohaannis cuuphan dhalateera.Abbaa isaa Zakkaariyaas fi haadha isaa Eelsaabex irraa arjummaa waaqayyoon bara dulluma isaanii keessa kan dhalateedha. ✍️Maqaan isaa "Yohaannis" akka jedhamu afuurri qulqulluun dursee Eelsaabexif ibseera.Abbaan isaas yeroo sanatti dubbachuu kan hin dandeenye ta'us "Yohaannis ", jedhee biraannaa irratti barreesseera.Yeruma sana afaan isaa isaaf banamee waa'ee mucaa kanaa fi gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos raajii dubbateera. ✍️Heroods ijoollee Beetaliheem yeroo ajjeesu Zakkaariyaas mucaa kana fudhatee kara mana qulqullummaatti baqate.Ergamaan waaqayyoo Yohaannis fuudhee kara gammoojjii geesse.Loltoonni Heroods garuu mucaa kee maalif nu dhoksita jedhanii Zakkaariyaas ajjeesan. ✍️Hanga waggaa 30 guututti gammoojjii keessa erga jiraatee booda, "karaa waaqayyoo sirreessaa,mootummaan waaqayyoo dhiyaateeraa gaabbii galaa",jechuudhaan barsiisuu eegale. Gooftaanis, "kan dubartoonni dahan keessaa Yohaannis kan caalu hin jiru", jechuudhaan ragaa isaaf baheera.[Maat11÷11]. ✍️Yeroo gooftaa cuuphu waaqayyo abbaan, "Ilmi koo inni ani jaalladhu isa kana isa dhagahaa",yeroo jedhu fi afuurri qulqulluun bifa Gugeen yeroo gooftaa irra qubatu argeera.[Maat3]. Eebbi fi kadhannaan qulqulluu Yohaannis cuuphaa hunda keenya waliin haa ta'u Ameen!. Madda:- kitaaba Sinkisaaraa waxabajjii 30 YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA
873
4
ዘመነ ክረምት በኢትዮጵያ Waqtii Gannaa Itiyoophiyaatti    ✍️Waqtiiiilen bakka afuritti qoodamu.Isaanis መጸው (Birraa),ሐጋይ (Bona),ጸደይ(Arfaasaa) fi ክረምት(Ganna) jedhamu. Akka lakkoofsaa mana kiristaanaa ortodoksii tawaahidoo Itiyoophiyaatti waxabajjii 26 kaasee hanga fulbaana 25 kan jiru waqtii gannaa jedhamee beekama.Waqtii roobaa,midhaanii,yeroo itti biqiloonni marganiidha.Laftis biqiloota magariisa kanaan yeroo itti faayamtuudha. ✍️Waqtiilen arfan kun barreessitoota wangeelaa arfaniin ni fakkeeffamu. haaluma kanaan, Ganna-maarqosiin, Arfaasaa-maatewoosin,Birraa-luqaasin fi Bona immoo Yohaannisiin fakkeeffamu. #በዓተ ክረምት (Seensa Gannaa)-Inni kun waxabajjii 26 hanga adoolessa 18 kan jiruudha.Kunis, sanyii yookan duumessa jedhamee beekama.Duumessi samii uwwisuu isaa fi lafti rooba sirriitti kan argattu ta'uu ishee yeroo itti barsiifamuudha. Faarun qulqulluu Yaared yeroo kana dhiyaatus,‹‹ደምፀ እገሪሁ ለዝናም ሶበ ይዘንም ዝናም ይጸግቡ ርኁባን ይትፌሥሑ ነዳያን ወሠርዐ ሰንበተ ለሰብእ ዕረፍተ››, jedha. Kunis,‹‹Sagaleen miila roobaa dhagahame,yeroo bokkaan roobe kan beela'an ni quufu,hiyyeessonni ni gammadu,waaqni keenya ilmaan namaaf boqonnaa kan taate sanbata uume>>, jechuu isaati. ✍️Qulqulluun Daawitis,"ዘይገለብቦ ለሰማይ በደመና  ወያስተዴሉ  ክረምተ ለምድር  ዘያበቍል  ሣዕረ  ውስተ አድባር፡፡››,jedha.Faar146÷8.Kunis, ‹‹Samii duumessaan kan uwwisu,lafaaf rooba kan qopheessu,marga gaarren irratti kan biqilchu isa>>, jechuu isaati. ✍️Waqtiin kun lafti kan itti haareffamtuu fi jireenya ilma namaatifis waqtii murteessaa ta'eedha. Waaqayyoon inni waqtii waqtiidhan jijjiiree nu sooru haa ulfaatu. Nutis hojii waqtii gannaa hojjatamu hojjechaa waqtii abaaboo fi firiitin akka nu gahu immoo jabeessinee waaqayyoon haa kadhannu. Galanni waaqayyoof haadhasaa Dubroo Maariyaamiif ulfaataa fannoo isaaf haa ta'u Ameen.   Madda:- Barsiisaa Shifaarrawu Indaashawu YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA
623
5
‎An amma iyyuu in dhufta jedheen qara ilaalaa jira.[Luqa 15:-20]. ‎Bakka kee duraatti deebi'i, jaalala anaaf qabdu duriis itti fufi , biyyi lafaa si marartee narraa adda hin ba'in wanta darbuun hin goyyomfamin[1Yoh 2:-15--17]. ‎Kanaaf ati maal irraa akka kufte yaadadhu. Qalbii jijjiirradhuutii hojii kee kan duraa sana hojjedhu. Yoo ati qalbii jijjiirrachuu baatte immoo ani sittin dhufa; baattuu ibsaa keetiis iddoo isaatii nan fuudha. ‎Mulʼata 2:4-5 " ‎Siin jedha uumaan kee inni siif dhiiga isaa dhangalaase inni siif du'e! ‎✍🏻 Dn Aboo ‎⛪Doonii Nohi ⛪
810
6
Jaalala kee Isa duraa!💞 👉 Dubbisi! "Jaalala kee isa jalqabaa waan dhiisteef ‎waanan sirratti jibbun qaba" [Mul 2:-4]. ‎✍️Abbaan kee uumaan kee inni siif du'e , inni siif yaadu akkas siin jedha:- ‎"Jaalala kee isa jalqabaa waan dhiisteef waanan sirratti jibbun qaba, Ni yaadattaa dur yeroo daa'imummaa kee irraa kaastee mana koo keessa tajaajilta ture.Ni faarfatta waa'ee maqaa koof faarfattee faarfattee hin quuftu ture.Mana qulqullummaa koo keessaa galuun siif waan ulfaataa ture.Ni yaadattaa yeroos gaafa ati faarfattu namoonni baay'een raajeffatanii si ilaalu turan. Ati garuu laphee kee irraa kaastee waan faarfattuuf eenyu akka si ilaalaa ture illee hin yaadattu ture.Ni yaadatta mitii dur oobdii mana kootii keessaa sin dhabun ture.Akka tasaa inni eessa jira jedhanii yoo si iyyaafatan illee bakki argama kee mana koo keessa ture.Yeroo guddattes mana koo keessa tajaajiluu hin dhiisne ture.Namoonni baay'een waa'ee kee ni dubbatu ture. "dargaggummaan isa hin balleessine inni nama fakkeenya namaaf ta'uudha", jedhanii. ‎✍️Eeyyee atis dhuguma dargaggummaa kee faana buutee nan dagannee ture. ‎Afaan kee keessaa waan hamaan hin ba'u, jallina namaaf yaaduun si bukkee hin jiru ture.Garraamummaa kee irraan kan ka'e bineensaaf illee kan garaa laaftu turte. ‎Ni yaadatta mitii? Yeroo qiddaasee dhaan na galateeffattu sana sagaleen kee inni miidhagaan sun qalbii namoota baay'ee keessa jira. Yeroo ati qaddasaa turte sana sababa keen namoonni dhala isaanii diyaaqonii godhan baay'ee ture.Mucaan isaaniis akka kee akka ta'uufitti. ‎Of-tuulummaa hin qabdu,nama hundaaf mana koo keessaa ni ajajamta turte. ‎✍️Jaalala anaaf qabdu irraan kan ka'e waa'een dhiphina koo gaafa dubbatamu imimmaan fuula kee irra dhangala'a ture. ‎Mana koo keessatti ati rakkoo baay'ee dabarsitee ture.Rakkoon sun garuu sitti homaa hin fakkaatu ture.Yeroo rakkattu, yeroo gadditu , yeroo haalli jireenyaa sitti ulfaatu afaan kee keessaa jecha tokkotu ba'a ture, '' Jaalala Kiristoos irraa maaltu adda na baasa''Rom 8:-35 .Jechi kun afaan kee keessaa dhibee hin beeku.Dubbannaa kee kanaanis namoota hedduu jajjabeessita turte.Haalli ulfaataan yoo si mudate, ''humna kan naaf kennu Kiristoosiin waan hundaa nan danda'a", Fil 4:-13 kan jedhu jecha qulqullicha Phaawuloosiin yaadattee jajjabaatta ture. ‎Yeroo gadditus, "Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa" Fili 4:4. Jechi qulqulluu Phaawuloos kun siif jajjabina ture.Amma garuu akka kee durii sana miti.Akkan ijoollummaa kee irraa kaasee si beeku sana miti ni jijjiiramte. Jaalalli ati anaaf qabdu ni hir'ate. Isa dur faarfattee hin quufne amma sirbuu erga jalqabdee bubbulteerta.Mana koo dhufuun erga qaanii sitti ta'ee tureera.Amma yoo si barbaadan bakki argama kee lafa wacaaf sirbaa bakka halalummaan guuteedha. ‎Qiddaasee dhaan galata naaf dhiyeessuun boodatti hafummaa sitti fakkaachuu jalqabeera . Akkuma warra kaanii maal bu'aa qaba mana waaqayyoo guyyaa hunda deemuun ji'a keessaa ykn waggaa keessaa tokko deemnaan ni ga'a jechi jedhus afaan kee irraa ba'uu jalqabeera. ‎✍️Silaa ajajamuu waan jedhamu karaa kee ba'uu dhiiseera.Ati inni dur fakkeenya namaaf taatu amma muka mammaaksaa taate.Waa'een mana kootii sitti dhaga'amee hin beeku "maaltu qorra keessa na rakkise manatti immoo nan dhaga'uu", jettee erga hirriba filattees bubbulteerta.Yeroo gadditu dhugdee machaa'uu dhaan yeroo gammaddu mana sirbaa deemuudhaan dabarsuunis amala kee ta'eera.Ni yaadattaa naxalaa inni ati ittiin mana koo keessa tajaajilaa turte sun amma eessa jira? , dabtarri faarfannaa kee hoo? Silaa macaafa qulqulluu harkaan qabuun du'a sitti ta'eera.Jaalala kee isa jalqabaa waan dhiisteef waanan sirratti jibbun qaba.Mee deebi'i guyyaan ati gaabbitu utuu hin dhufin[Lalla 12:-1]. ✍️An baduu kee hin fedhu gara kootti deebitee akka ati jiraattu malee.[His 18:-32].Kanan siif du'eef akka ati duutuuf utuu hin taane akka ati jireenya qabaattuufidha.
789
7
WAXABAJJII 12 AYYAANA ERGAMAA QULQULLUU MIKAA'ELII ✍️Mikaa'el jechuun kan akka waaqayyoo hin jiru jechuudha.Tokkos ergamaa injifannoo jechuudha[Mul 12÷7]. Israa'eloota dursee kana'aan kan galche isadha.akka Amaaleqeenota injifatuuf Iyyaasuu kan gargaare,akka Gooliyaad injifatuuf Daawit kan gargaare,Izqi'eel raayyaa Sanaakireem irraa kan oolche,Soosinnaa barsiisota sobaa Ayuudotaa irraa, akkasumas Daani'eel leencan nyaatamuu irraa kan oolche ergamaa qulqulluu Mikaa'eliidha. Kanaaf መጋቤ ብሉይ(sooraa kakuu moofaa)jedhama. ✍️Ergamaa garraamii waan ta'eef "Seexanattiyyuu hamaa hin dubbanne",jedhameera.[Yih1÷9] Kanaaf hayyichi, "ሰላም ለልሳንከ በነቢበ ፅርፈት ዘኢተአበለ...jecha arrabsoo kan hin dubbanne afaan keetif nagaan haa ta'u ", jedheera. ✍️Daa'imman yeroo dhalatan eegee, eebisee akka inni guddisu Yaa'iqoob yeroo ijoollee Yoosef eebbisu dubbateera.[Uum48÷15]. #Afaan Diyaabiloos keessaa kan nama baasudha. ✍️Afoomiyaan abbaan warraa ishee yeroo du'u seexanni monoksee fakkaatee kara ishee dhufee heerumii jiraadhu jedheen. Suuraa qulqulluu Mikaa'elii itti agarsiisnan itti dhaadatee fuuldura ishee bade.Waxabajjii 12 lammaffaa deebi'ee ishee ajjeesuf yeroo ka'u, Mikaa'eliin dhufee isa balleessee ishees du'a irraa oolcheera. #Xaalayaa du'aa kara jireenyaatti kan jijjiirudha. ✍️Maatii gaarii irraa kan dhalate Baahiraan, Namicha hamaa ollaa isaanii jiru qabeenyaa isaa akka dhaalu qulqulluu Mikaa'eliin raajii dubbate. Namichis kana waan beekuf isa ajjeesuf xaalayaa du'aa barreesseefii kara warra isa ajjeesaniitti erge. Qulqulluu Mikaa'eliin karaatti xaalayaa sana, "qabeenya koo haa dhaalu,mucaa dubraa koos haa fuudhu",kan jedhutti jijjiireef.Baahiranis sababa kanaan qabeenya isaa dhaalee mucayyoo isaas fuudhe. #Hojii kan nuuf kennuudha. Kanaaf qulqulluun Yaared, "ለእንስሳ ሣዕረ ለሰብእ ተግባረ ሰአል ለነ ቅድመ መንበሩ ለእግዝእነ- Beeyladootaf marga,Ilmaan namaaf hojii akka kennuuf teessoo gooftaa keenya fuulduratti nuuf kadhadhu", jedhaan. Eebbi hangafa ergamootaa qulqulluu Mikaa'elii nu waliin haa ta'u! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA
1 669
8
Gaaffilee-deebii waliin (1).pdf
1 272
9
Gaaffileewwan kan Amantaa orthodoksii tewaahidoo hedduu kan of-keessatti hammate barruu kana buusaa dubbisaa; deebiin isaas xumura irratti katabameera. Irraas ni barattu; ofis ni madaaltu, hangaman beekee Jira?
1
10
Faarfannaa kana seenaa dhaggeeffadhaa; faarfannaa baay'ee Namatti toludha. Obboleessa keenyas haa jajjabeessinu. 'UTUU HIN BEEKIN'Faarfannaa Ortodoksi Tewaahidoo Haaraa Afaan Oromoon (F... https://youtube.com/watch?v=p-CS0D_Sv7Q&si=oWktphujkaHiarae
1 669
11
✍️Sobaan gooftaa irratti ragaa baatee kan fanniste addunyaa kana irratti akka inni ragaa bahu gooftaan, "Innis bahee cubbuudhaafis,qajeelummaadhaafiis,murtiidhaafiis addunyaa irratti ragaa ni baha", jedheera.[Yoh 16÷12]. 3.Nama kara dhugaatti deebisuuf ✍️Miila lubbuu keenyaa kara mootummaa waaqayyootti, miila laphee keenyaa immoo kara wangeelaatti kan nuuf deebisuudha. Kanaaf qulqulluun Daawit, "Afuurri kee qulqulluun kara lafa qajeeltutti na haa dursu", kan jedheef.[Faar141÷10]. 4.Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosif ragaa bahuuf. ✍️Kana qulqulluun Phaawuloos "Eenyumtuu afuura qulqulluudhaan yoo ta'e malee Iyyasuus gooftaadha jechuu hin danda'u",jedheera.[1Qor12÷3]. #Afuurri qulqulluun bifa maalin bu'e? 1,Obonboleettii ✍️Qilleensi kara itti bubbisu akka hin beekamne afuurri qulqulluunis hin qoratamu jechuudhaaf.[Yoh3÷8]. #Tokkos qilleensi qaama foonii keenya fi Biqiloota akka guddisu afuurri qulqulluun qaama afuuraa keenyaa nuuf guddisa. 2.Ibidda ✍️Afuurri qulqulluun akka ibiddaa guutuudha. #Tokkos akka ibiddaa hojii isaatin beekama malee harkaan hin qabamu. #Tokkos Ibiddi waan xiqqoo qabatee guddachaa akka deemu afuurri qulqulluun cuuphaadhaan nuuf kennamee amantii fi hojii gaarii keenyaan guddachaa deema. Galanni abbaaf Ilmaaf afuura qulqulluuf haa ta'u Ameen! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA
1 284
12
በዓለ ጰራቅሊጦስ #Du'aa ka'uumsa booda guyyaa 50'ffaan guyyaa itti afuurri qulqulluun duuka bu'ootaaf bu'eedha.Afuurri qulqulluun maali? 1.Uumaa addunyaa kanaati. ✍️Lafti yeroo uumamtu afuurri waaqayyoo lafa irratti buufatee akka isheen bishaan irratti jabaattu taasiseera.[Uum 1÷3] Iyoobis afuurri waaqayyoo na uume jdheera.[Iyo33÷4] Namnis yeroo uumamu afuurri waaqayyoo itti waan baheef kan inni jiraataa ta'eef.[Uum 2÷6]. 2.Waaqayyoodha. ✍️Abbaa fi Ilma waliin kan walqixxaatedha.Raaajaa Isaayyaas irra bule ummata isaa kan waamaa,balleessaa isaanii itti himaa ture isadha.[Isay 6÷1] Anaaniyaan yeroo qulqulluu Pheexiroos goyyoomsuuf yaalu qulqulluun Pheexiroos, "Ana miti afuura qulqulluu goyyoomsuf yaalte",jechuun waaqummaa afuura qulqulluu dubbateera.[Ho.du.bu5] 3.Qaama adda ta'e kan qabuu fi abbaa fi ilma waliin kan walqixxaatedha. ✍️Raajan Isaayyaas "Afuurri waaqayyoo na erge",jechuudhan qaama adda ta'e akka inni qabu ibseera.[48÷16]. 4.Maqaa isaatin addadha. ✍️Abbaa fi Ilmi yoomiyyuu afuura qulqulluu jedhamanii hin waamaman.Maqaa qaamaa waan ta'eef, qaamni isaanii immoo adda addadha.Garuu amalli waaqummaa isaanii tokkodha.Tokkos afuurri qulqulluun abbaa fi ilmaaf jireenya isaaniti. 5.Hojii isaatin kan baheedha. ✍️Kunis abbaa irraa kan baheedha.Gooftaanis, " abbaa irraa kan bahe afuurri qulqulluun yeroo dhufetti waa'ee koo ragaa ni baha", jedheera.[Yoh 15÷26]. 6.Bakka hundatti guutudha ✍️Addunyaa kan uume isa waan ta'eef barruu harka isaa keessa jirti.Qulqulluun Daawit, "afuura kee fuulduraa eessan dhaqa?,samiis yoon olbahe ati achi jirta,si'ooliis yoon bu'e ati achi jirta",kan jedheef kanaaf.[Far 138÷7]. 7.Kufaatii keessaa kan nama kaasudha. #Foonin yoo kufne raajidhaan, lubbuun yoo kufne immoo gaabbii fi baruumsan nu kaasa.Waan gaarii kan namaaf godhu afuura qulqulluu ta'uu isaa qulqulluun Phaawuloos, "beenyummaadhaaf kan ittiin chaappeffamtan afuura qulqulluu waaqayyoo hin gaddisiisinaa",nuun jedheera.[Ef 4÷30] 8.Kan nama jajjabeessudha ✍️Paraaqilixoos kan jedhameefis kanaafidha.Gooftaanis, "bara baraan isin waliin akka jiraatuuf jajjabeessaan biraa isiniif kennama",jedheera.[Yoh 11÷16] Duraan sodaatoo kan turan duuka buutonni erga afuura qulqulluu argatanii booda, "Nuti waan ilaallee fi argine dubbachuu irraa duubatti hin deebinu", jechuun jabaataniiru.[Ho.du.bu 4÷17]. 9.Icciitii kan namaaf ibsuudha ✍️Jandarabaa Baakosiif icciitii kan ibse afuura qulqulluudha.[Hoj.du.bu 8÷28]. Mul.22÷7 irratti, "Afuurri fi Misirrittiin koottu jedhu",jedha.Kunis icciitii mootummaa samii nu barsiisuuf kan nu waamu ta'uu isaa ibsa. "Afuurris hojii guddaa waaqayyoo osoo hin hambisin hundumaa ni qorata", kan jedheef qulqulluun Phaawuloos kanaaf.[1Qor2÷10]. 10.Kan nama qulqulleessudha ✍️Akka cubbuu hin hojjanne kan nu eegu,yoo hojjannee gaabbii galles kan nu qulqulleessu isadha. "Aareffamuu afuura qulqulluutin nu fayyise malee qajeelummaa nuti raawwanneenii miti",jedha qulqulluun Phaawuloos. [Tiit3÷5]. 11.Namoota kennaan kan dahuudha #Gooftaan, "Namni bishaan fi afuura irraa yoo dhalate malee mootummaa waaqayyoo galuu hin danda'u", kan jedheef kanaafidha.[Yoh 3÷5]. Erga afuuran dahee booda immoo amantii fi hojiidhan kan guddisuudha. 12.Mana kiristaanaa waaqeffannaa waaqayyoof kan kakaasudha. ✍️"Nuti afuura waaqayyoon kan waaqeffannu Kiristoos Iyyasuusinis kan of jajnuudha",jedha qulqulluun Phaawuloos. [Fil 3÷3]. "Afuurri qulqulluun Phaaphaasota godhee kan isin muude hoolota hundaa fi ofii keessaniif of eeggadhaa", akkuma jedhame abboota mana kiristaanaa illee kan muudu afuura qulqulluudha.[Ho.du.bu20÷28]. #Guyyaa 50'ffaa afuurri qulqulluun maalif bu'e? 1.Humna duuka bu'ootaf kennuuf. ✍️Kanaaf gooftaan, "Abdii abbaan koo kenne ani isiniifan erga.Isin garuu hanga humna argattanitti Iyyarusaalem turaa", kan jedheef.[Ho.du.bu1÷8] 2.Addunyaa sobduu kana irratti ragaa bahuuf.
930
13
ደብረ ምጥማቅ 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿 ✍️Ayyaanota dubree Maariyamii 33'n keessaa tokko kan ta'e caamsaa 21 kan yaadatamuudha. Dabra mixmaaq kun biyya Gibtsii keessatti kan argamuudha. Gooftan yeroo godaansaa achi yeroo turetti, "Iddoo kanatti maqaa keetin mana kiristaanaa ni ijaaru, maqaan isaas Dabra mixmaaq jedhama", jedhee isheetti hime.Inni kunis akkuma gooftan jedhe raawwatameera. ✍️Guyyaa kanattis dubree Maariyamiin aduu irra harka torba iftee,gulullaatii mana kiristaanaa irra teessee ergamoonni ishee galateeffachaa, duuka bu'oonni fi raajonni immoo harka ishee fuudhaa,isheedhaaf sagadaa mul'attee jirti.“እንዘ ትበርቂ በደብረ ምጥማቅ ወኃምሰ ዕለታት", Akka jedhe hayyichi Ifa waaqummaa ilma isheetin guyyoota shaniif gaara kana irratti faayamtee mul'attee jirti. Ergamoonni,qulqulloonni fi wareegamtoonni hundi isaanii dhufanii yeroo sagada kennaa isheedhaaf sagadan mul'atanii jiru.Guyyoota shanan kana ifa fuula ishee irraa kan ka'e halkanii fi guyyaan addaan bahee hin beekamu ture. ✍️Yeroo kana uffata isaanii kara isheetti ol darbatu turan. Isheenis eebbistee gad ergitiif ture.isaanis eebbaf isa kana addaan hiratu turan.Du'aa illee kaastee jireenyaan akka isaan gidduu deddeebi'u taasistee jirti.Warra amantaa qaban qofa osoo hin taane ormoota illee walumaan eebbisaa turte.Kanaaf kiristaanonnii fi ormoonni waliin ta'anii caamsaa 21-25 ayyaana kana tokkummaadhan kabaju. #Caamsaa 21 -guyyaa itti mul'attee raajii guddaa itti raawwatte. #Caamsaa 22 fi 23 Ifatti amantoota achitti walitti qabaman waliin dudubbachaa turte. #Caamsaa 24- guyyaa godaansan kara Gibtsiitti seentedha. #Caamsaa 25- Ilmi ishee gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos mukkeen gogan lalisiisee guyyaa itti raajii hojjateedha. ✍️"Yaa dubree afaan hundaan galateeffamuun kan siif ta'u ergamoota samii irra jiraatanii fi ijoollee Addaam lafa irraa jiraataniin yeroo hunda galanni siif ni dhiyaata ” ,Qiddaasee Maariyamii 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿 Eebbi fi araarsummaan haadha keenya qulqulleettii dubree Maariyamii nu waliin haa ta'u Ameen! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA
756
14
ሥላሴ አይቀዳደሙም SILLAASEN WAL HIN DURSAN ✍️Qaama Sillaasee keessatti wal dursuun hin jiru.Yeroo tokko itti jiraatee tokko immoo itti hin jiraanne hin jiru. Kanaaf abboonni:- ❝አሐቲ ቅድምናሆሙ ለሥላሴ ወዕሩያን እሙንቱ በቅድምና አሐቲ ክዋኔሆሙ ለሥላሴ ለሥላሴሰ አልቦሙ ሰዓት ከመ ቅጽበተ ዓይን — Dursummaan sillaasee tokkittiidha. walqixadhas.jireenyummaan isaanii tokko. Hanga libsuu ijaa illee wal hin dursan❞, jedhaniiru. Kan dahuu fi kan dhalatu, akkasumas kan bahu gidduu wal dursuun hin jiru.Gooftan isa kana yeroo qulqulluu Pheexiroos fakkeenyan barsiisu፦ ❝አቡየ ፀሐይ ወአነ ብርሃኑ ወመንፈስ ቅዱስ ዋዕዩ —Abbaan koo aduudha.Ani ifa isaati.Afuurri qulqulluunis hoo'a isaati❞, jedheera. (Kitaaba Qalamenxoos). ✍️Uumamni isa jalqabaa ta'uu hin danda'u.Uumaan garuu yeroo hundumaa isa jalqabaati. Qaamni abbaa,kan ilmaa fi kan afuura qulqulluu sadanuu osoo adda bahanii wal hin dursin jalqaba kan tureedha.Kanaaf፦ ❝Duruma isaan tokkodha ❞, jedhamu. ❝ Balaqqeessa galataan kan uwwifaman,Ibidda boba'uunis kan golgamaniidha.Tokko isa tokko,lammaffaanis isa sadaffaa hin dursu.Hanga fiigicha qilleensaa fi libsuu ijaallee wal hin dursan❞, jedha aabbaa Giyoorgis inni Gaasiccaa . (Kitaaba Icciitii 5÷1) ❝አኮ ከመ አብርሃም ዘይልህቅ እምይስሐቅ ወይስሐቅ ዘይልህቅ እምያዕቆብ አኮ ከማሁ ለመለኮት -Abrihaam Yisi'aaq akka caalu,akka dursus,Yisi'aaqis Yaa'iqoob akka caalu,akka dursu,Yaa'iqoobis Yisi'aaq irra akka xiqqaatu waaqummaadhaaf akkana miti.Caaluu fi walcaaluu,dursuu fi wal dursuu hin qaban❞, jedha aabban Iriyaaqos Qiddaasee Maariyamii irratti. ✍️Hayyoonni 318 qiddaasee isaanii irrattis፦ ❝አልብነ ቀዳማዊ ወአልብነ ደኀራዊ — Dursaa fi Itti aanaa hin qabnu❞, jechuudhan icciitii kana ibsaniiru. ✍️ Kanaaf dursummaan kun abbaa,ilmaa fi afuura qulqulluu keessa walqixa ta'ee kan jiruudha. Dursummaa sadi hin jedhamu, tokkodha malee.Dursummaa abbaa, ilmaa fi afuura qulqulluu jennee qoqqooduu hin dandeenyu.Dursummaadhuma tokkittii santu kan jara sadaniiti.Qaamni sillaasee dursummaa isaanitiin jabaatanii kan jiraataniidha.Kanaaf qaamni abbaa, kan ilmaa fi afuura qulqulluu ta'uutti,qaamni ilmaas kan abbaa fi afuura qulqulluu ta'uutti, qaamni afuura qulqulluus kan abbaa fi ilmaa ta'uutti hin jijjiiramu. ❝እስመ አነ አምላክ ዘኢይትዌለጥ — Ani waaqayyoon hin jijjiiramu❞, jedha. (Milk 3÷6). Tokkummaa fi sadummaa isaanin jabaatanii kan jiraatan Sillaaseef galanni haa ta'u Ameen! Barreessan :- D/n Hayila raagu'eel Afaan oromootti kan hiike:- YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA
668
15
ዕርገተ እግዝእ OL BAHUU GOOFTAA 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿 ✍️Ayyaanota gooftaa keenyaa gurguddoo salgan keessaa isa tokko kan ta'e ayyaanni olbahuu gooftaa, ayyaanni du'aa ka'umsaa kabajamee gaafa guyyaa 40ffaa kan kabajamudha. ✍️Guyyaa kanatti gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos foon keenya isa uffateen kara samiitti ol baheera.Innis erga du'aa ka'ee guyyaa afurtama booda kara samiitti ol bahe. ✍️"Hanga Biitaaniyaatti isaan fudhatee deeme. Harkasaa kaasees isaan eebbise. Isaan eebbisaas isaanirraa adda bahe. Gara samiittis ol bahe. Isaanis sagadaniifii gammachuu guddaadhaan gara Iyyarusaalem deebi'an. Yeroo hundaas Waaqayyoon galateeffachaa eebbisaa mana qulqullummaa keessa jiraatan." Jedha.[Luq 24:50-53]. ✍️Yeroo kana, "Kiruubel irra taa'ee olbahe,koochoo qilleensotaa irras taa'ee olbahe",kan jedhu raajiin qulqulluu Daawit raawwatameera. Dabalees,"Waaqni keenyi ililleedhaan, Waaqayyo sagalee faaggaadhaan olbahe, faarfadhaa Waaqa keenyaaf faarfadhaa",jedha.[Faar 46:5]. ✍️Olbahuu isaa kanaan warreen isatti amanan ulfinaan kara jiraatanitti kan olbahan ta'uun isaanii hubatame."Bakka mataan jiru qaamnis achi ni jiraata",jedhamee akka dubbatame. ✍️Addaam lafaa fi si'oolii keessa jiraachudhaan isa jalqabaa akkuma ta'e, Addaam inni lammaffaan gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos foon Addaam uffatee kara samiitti olbahuun isa jalqabaa ta'e. ✍️Shakkitoonni olbahuun isaa isa dhugaatii miti,kan fakkeeffamee hojjatameedha akka hin jenneef gooftan akkuma du'aa ka'een osoo hin taane guyyaa afurtama boodadha kan inni kara samiitti olbahe. Guyyoota afurtamman kanas jeeqamaa fi dhiphachaa kan turan duuka bu'ootaa isaa Jajjabeessaa ture. ✍️Guyyaa olbahuu isaa kana, "Halkaniin mul'ata nan arge,kunoo guddaan akka ilma namaa ta'e ni dhufe,kara bara isa dulloomsuutti gahe,fuuldura isaattis dhiyeessan,bittaa bara baraa,gooftummaa, aangoon mootummaa bara baraa isaaf kenname, Ormoonni hundi qe'ee tolchatanii waliin jiraatan qomoowwan fi mootonni hundi isaaf bitamu,bittaan isaa bittaa bara baraa,mootummaan isaas kan hin darbine,kan hin badne jiraatadha", kan jedhu raajin Daani'eel raawwatameera. #Eebbi olbahuu isaa hunduma keenya irra haa bulu Ameen! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA
5 418
16
Luq 13:24” balbala isa dhiphaadhaan seenuuf qabsaa’aa” H/E 14:22” rakkoo bay’ee keessa darbuudhaan mootummaa waaqayyoo galuun nuuf ta’aa” 2Qor 1:10” Waaqayyo du’a isa sodaachisaa jalaa nu fayyiseera, nu fayyisasi, amma iyyuu deebisee akka nu oolchuuf abdii keenyaa isarra kaa’anneerra.” “gara boqonnaa sanaatti galuuf ni qabsoofna” Ibr 4:11 ➪ #Qolosaayis 3:3-4 Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Kiristoos wajjin Waaqa keessa dhokfameera. Yommuu Kiristoos inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu. ➠ Kuni fayyina isa xummuraadha walumaa galatti fayyinni hafuuran kan eegalame jireenya dhala namaa keessatti kan itti fufuuf bara dhumaatti immoo xummura kan argatudha. ◈ #𝙁𝙖𝙮𝙮𝙞𝙣𝙚𝙚𝙧𝙧𝙖 Kan jedhu fayyina #𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬𝐢𝐧 argame ◈ #𝙁𝙖𝙮𝙮𝙖𝙖_𝙟𝙞𝙧𝙧𝙖 jireenya keenya hojiin kan argamu ◈ #𝙉𝙞_𝙛𝙖𝙮𝙮𝙞𝙣𝙖 kan jedhu immoo kabaja bara baraa kan ta'e xummuraa isa dhumaa agarsiisa. Galanni Waaqa nu fayyiseef haa tahu! Xumura keenya nuuf haa miidhagsu! https://t.me/DooniiNoh
1 044
17
Fayyineerraayi? Flip 2:12 "...sodaa fi hollannaan fayyina keessan raawwadhaa" ✝️ #Fayyinni_maali_eenyutu_nu_fayyise? ▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰ ✍︎ Fayyineerra fayyaas jirra gara fuulduraas ni fayyina jechuun maal jechuudha? ➥ Akka macaafolii qulqullaa'oof barumsa mana kiristiyaanatti fayyinni karaalee hedduun yeroo ibsamu ni agarra; fayyineerra fayyaas jirra gara fuulduraas ni fayyina. Kuni dabaree fayyinaa kan agarsiisu malee walii walii isaan kan wal faalleessu miti. 1☞︎︎︎ #𝐅𝐚𝐲𝐲𝐢𝐧𝐞𝐞𝐫𝐫𝐚 "Iyyasus kiristoos nu fayyisuuf dhufe" Q.Efreem ➥ Jechi kun kan nu agarsiisu karaa gooftaa fi fayyisaa keenya iyyesuus kiristoosin jalqaba irratti fayyinni xummuramuu ykn dhalli namaa fayyuu isaati. miindan cubbuu kanfalameera ; Duuti aangoon isaa harkaa mulqameera ; Gabrummaa seexanaa jalaa karaan ittiin baanu saaqameera. Iccitii cuuphatiin fayyisuu gooftaa iyyesuus kiristoos hojii isa waliin qooddachuun du'a cubbuu jalaa baanee jireenya hafuurawaa yeroo eegallu #𝐅𝐚𝐲𝐲𝐢𝐧𝐞𝐞𝐫𝐫𝐚 jechuu ni dandeenya.Akkuma qulqullichi phaawuloos erga isaa irratti dubbatetti ➪ #Efesoon 2:8 Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti. Dabalees ➪ #Qolosaayis 1:13 Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii; Galata Maariyaam Kibxata lakk 15 "Yaa Maariyaam haadhaafi tajaajiltuu Waaqayyoo kan taate gammadi. Isa ati haammatte Ergamoonni ni galateeffatu. Kirubeelis sodaadhaan isaaf sagadu, Suraafeelis utuu walirraa hin kutin kaattuu saanii diriirsanii "Mootiin galateeffatamu isa kana baayina dhifamasaatiin cubbuu addunyaa balleessuuf kan dhufe isa kanadha" jedhu 1Yoh 4:9-10 ”waaqayyo akka nuti isaan jireenya argannuuf ilmasaa tokkicha gara Addunyaatti erge” 2:☞︎︎︎ #𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚_𝐣𝐢𝐫𝐫𝐚 ➥ Kun immoo kan inni agarsiisu fayyinni jalqaba/eegala irra akka jirudha. Cuuphadhaan bu'uura fayyinaa yoo argannes garuu bara jireenya keenya keessatti cubbuu waliin; Addunyaaf diina keenya diyaabiloos waliin mormii guddaatu nurra jira. Kanaaf Kadhannaadhan ;Sooman; Gaabbii galuun;Foonif dhiiga gooftaa Iyyesuus Kiristoos fudhachuun Seera isaa eegun daandii fayyinaa kana irra imalaa jirra. Guddina hafuuraa cimsuun bartee cubbuu dhiisudhaan hojii hafurawaa kana irraa hirmaachun #𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚_𝐣𝐢𝐫𝐫𝐚 jechuudha. Qulqullichi phaawuloos hammas deebisee akkuma barreesse. ➪ #Fiiliphisiyuus 2:12 Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa. Jechuun fayyinni jireenya dhala namaa keessatti yeroo hunda akka barbaachisu ibsa. Yoh A-Werqee(Hangafa phaaphaasota Qusxinxiniyaa) dubbii Abbootaaa kut-2, 39. Hiika Ibr hiikaa isaaaf Keeyyata 7ffaa. "Kanaan booda isaatti amanuu, Abdii keenyaan barabaraan jabaannee jiraachuu, jabinaa fi tokkummaa yoo qabaanne bultoo waaqayyo taana" "Qabsuuuratti jabaannee , kan nuuf raawwatu amannee hojii gaarii jabeessinee yoo qabanne, abdiin isaa barabaraaan akka jiraatu nutti agarsiisaa."Ibr 3;7 “Haa ta’u malee cubbuu foonii akka balleessuuf isa waliin kan fannifame dhaqna keenya isa moofaa akka ta’e ni beekna. Kanaan booda lammaffaa cubbuudhaaf akka hin bitamneef itti hin deebinu ”(Rom 6:6,20:22). 1.3. 3:☞︎︎︎ #𝐍𝐢_𝐟𝐚𝐲𝐲𝐢𝐧𝐚 ➥ Inni xummuraa kuni immoo kan inni nu hubachiisu fayyinna isaa xummuraa yoo ta'u gara fuulduraaf immoo abdiidha. kunis gooftan keenya yeroo lammaffaa dhufu du'a keessaa kaanee; qaama kabaja qabu uffannee; gara mootummaa waaqayyootti yeroo galluuf waaqayyoo waliin bara baraan yeroo jiraannudha. Yeroo sana cubbuu, du'aaf dhiphuu hunda irraa bilisa ni taana. ➪ #Maatewos 10:22 Namni hundinuu sababii kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
905
18
‎CAAMSAA 11 ‎BOQONNAA QULQULLUU YAAREED ‎✍️Qulqulluun Yaareed sanyii luboota Aksuum keessaa dhalate.Barsiisaa isaa abbaa Geediwoon jala taa'ee yeroo baratu barumsi isaaf galuu didee isa rakkisa ture.Innis abdii kutee dhiphachaa muka tokko jala yeroo boqotu, raammoon tokko muka irra olbahuun ishee osoo rakkisuu yaalii baayyee booda yeroo olbaatu ilaala.Ishee irraa baratee gara barsiisaa isaatti deebi'uun barumsa isaa itti fufe.Yeroo gabaabaa keessatti kakuu moofaa fi kakuu haaraa xumuree diyaaqonii ta'ee muudame. ‎Simbirroowwan sadi Edoom gannatii dhufanii gara samiitti isa olfudhachuun isaan waliin olbahee galata luboota samii digdamii arfanii barate. ‎Gara lafaatti deebi'ee, "ሃሌ ሉያ ለአብ, ሃሌ ሉያ ለወልድ, ሃሌ ሉያ ለመንፈስ ቅዱስ..."Galanni abbaaf, galanni ilmaaf,galanni hafuura qulqulluuf haa ta'u.Tsiyoon ishee gaarii samii uume.Akka itti hojjatamtu immoo Muusee barsiise",jedhee galateeffate. ‎Galanni kun አርያም (Aariyaam) jedhama. ‎✍️Yeroo inni galateeffatu mootota dabalatee uummanni hundi isa dhaggeeffatu turan. ‎Yeedaloo sadi; gi'iizii,izilii fi araaraay jedhaman waqtiidhan qoodee qopheesse.Sagaleen allaattiiwwanii,kan namaas ta'ee kan bineensotaa yeedaloo kanaa ala hin bahan. ‎✍️Guyyaa tokko osoo mootii Atse Gabra Masqal waliin galateeffatanuu mootiin tasa ulee isaanii sibiilaatiin miila isaa waraananii dhiigni fi bishaan miila isaa keessaa yaa'e. ‎Qulqulluun Yaareed garuu hanga galanni sun xumuramutti akka miilli isaa waraaname quba hin qabu ture. ‎✍️ Mootiin ajaa'ibsiifachuun, "Maal akkan siif godhu ‎barbaaddaa?",jedheen.Qulqulluun Yaareed deebisee, "Gara gadaamii deemeen monoksee ta'ee jiraadhaa na gaggeessi", jedheen.Mootiinis osumaa garaan raafamuu gaggeesse.Kana booda qulqulluun Yaareed taabota Tsiyoon fuuldura dhaabbatee አንቀጸ ብርሃን (Baha ifaa) nuti har'a kadhannu kanaan dubree Maariyamii galateeffate. Yeroo galateeffatu kana hanga ciqilee tokkoo lafa irraa ol ol jedha ture. ‎✍️Kana booda gara kaabaatti imalee qabsuura baayyee erga taasisee booda guyyaa kana qabsuura isaa xumure. ‎Tokkos abboonni, "Gara biyya jiraattotaa (ብሔረ ሕያዋን) Waaqayyoon isa fudhatee", jedhanii nu barsiisu. ‎ ‎Eebbi Qulqulluu Yaareed nu waliin haa ta'u! ‎ ‎Madda : Sinkisaara Caamsaa 11 ‎YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA
923
19
ትወደኛለህን❓️ NA JAALATTAA❓️ [YOH 21÷15]. ✍️Qulqulluun Pheexiroos du'aa ka'uumsa gooftaa booda akka dursaa sanatti gooftan isaan waliin jiraachuu waan hin dandeenyef, "ani Qurxummiin kiyyeessuu kara galaana Xibriyaados deema", jedhe.Duraan maaddii gooftan eebbisu nyaatu turan.Hamma garuu gooftaa of biraa dhabanii rakkatan.Duuka bu'oonni kuunis abdii kutanii isa waliin deeman. ✍️Halkan guutuu Qurxummii kiyyeessaa bulanii garuu homaa hin qabanne jedha. Gooftan ganama itti mul'atee, "Yaa ijoollee koo mee waan nyaatamu qabduu?",jedheen.Akka isaan homaa hin qabne ni beeka.Garuu rakkoo isaanii akka himatan barbaadeeti. Isaanis homaa akka hin argatin yeroo itti himan, "Kiyyoo keessan karaa mirgaa darbadhaa nii aragattu",jedheen.[Yoh 21÷6]. Yeroo kana ajaja isaatin darbatanii hanga harkisanii olbaasuu dadhabanitti Qurxummiin kiyyoo isaanii guuteef. ✍️Abbaa jaalalaa kan ta'e gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos halkan beelan akka isaan bulan waan beekuf laga cinaatti maaddii qopheessee isaan soore. Kiyyoon fakkeenya wangeelaati.Karaa mirgaa darbadhaa jechuun isaa hojiin keessan kan eebbifamu yoo jaalalli koo keessa jiraatedha.Fedhii koo malee homaa hin hojjatinaa jechuu isaati. ✍️Kana booda gooftan Pheexiroosin, "na jaallattaa?" jedhee gaafate.Qulqulluun Pheexiroos deebisee,"Eeyyen yaa gooftaa akkan si jaalladhu atuu ni beektaa",jedheen. Gooftaanis, "Hoolota koo naaf eegi", jedheen.kunis yeroodhaaf duuka bu'oota 12'n yoo ta'u xumurri isaa garuu Barsiisota wangeelaa si booddee dhufan hundaa naaf eegi jechuu isaati. Lammaffaas deebisee, Yoo na jaallatte korbeeyyii hoolotaa koo naaf eegi",jedheen.yeroodhaaf gargaartota 72'n yoo ta'u xumuurri isaa garuu amantoota koo hundaa naaf eegi jechuu isaati. ✍️Sadaffaas, "Yoo na jaallattee Ilmoolee Hoolotaa koo naaf eegi",jedheen.Yeroodhaaf dubartoota 36'n yoo ta'u xumuurri isaa garuu amantoota hundaafidha. #Tokkos Hoolota kan jedhaman abbootii fi haadholii,Ilmoolee Hoolotaa kan jedhaman daa'imman,akkasumas korbeeyyii Hoolotaa kan jedhaman dargaggootadha. #Ofii isaatii halkan fi guyyaa osoo na eeguu abboota keenya illee tiksee godhee kan nuuf kenne gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosif galanni haa ta'u Ameen! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA
904
20
Afaanota akka Gi’iizii, Amaariffaa fi Afaan Oromoos dabalatee aadaa keenya keessatti, wantoonni baay’ee kabajamoo ta’an, jireenya kan kennanii fi jaalala guddaa qaban bifa guddisaa (waamicha kabajaa) saala dubartiitiin waamamu. Fakkeenyaaf: Biyyoo isheen nyaata nuuf kennitu, Aduun isheen ifa nuuf kennitu, Markabni balaa irraa namoota oolchitu, fi Manni Kiristiyaanaa isheen amantoota hunda sassaabdee guddistu seerluga dubartiitiin waamamu. Yeroo “Qulqulleettii” jennu, jecha amala saalaa ibsuuf osoo hin taane, jecha maalummaa araaraa fi gara-laafinaa (Feminine of Endearment and Majesty) agarsiisu fayyadamaa jirra. Kanaafuu, Manni Kiristiyaanaa Sillaasee “Qulqulleettii” jettee yommuu waamtu, fageenya jaalalaa fi kabaja guddaa akka warqee calaqqisu agarsiisuuf malee gonkumaa Waaqayyoof amala foonii laatteefii miti. Walumaagalatti, Manni Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo “Qulqulleettii Sillaasee” jettee yommuu waamtu, akka warri hubannoo hin qabne mufatanitti Waaqayyoof saala foonii laattee miti. Inumaayyuu, afaan namootaa isa hanqina qabu kanaan, jaalala Waaqayyoo isa madaalamuu hin dandeenye, dhiifama isaa isa akka haadhaatti nutti maramu, fi madda jireenyaa ta’uu isaa agarsiisuufidha. Guddinni Iccitii Sillaasee sadarkaa hubannoo foonii irra kan darbeedha; jechoonni nuti fayyadamnu hamma nuuf danda’ametti amala Waaqayyoo ibsuuf malee, Waaqayyoon daangessuuf miti. Warri fooniin yaadanii ‘maaliif dhiiraan hin waamne?’ jedhan, Waaqayyo Uumaa afuuraa ta’uu isaa irra darbuun, gadi buusanii madaaluu isaaniiti. “Qulqulleettii” jechuun Sillaaseef waamicha jaalalaa, waamicha amantoota onnee irraa madduudha. Kanaafuu, obboloonni yaada kana morman jalqaba xiyyeeffannoo fi hiika loogaatiif osoo hin taane, fageenya iccitii Waaqayyoo fi barumsa dhugaa abbootaa hubachuun isaan irra jiraata. Iccitiin Waaqayyoo fageenya loogaatiin kan daangeffamu osoo hin taane, bal’ina afuuraatiin kan baramuudha. Obboloonni dhugaa kana hubatanii onnee isaanii dhugaaf banuudhaan guddummaa fi araara Waaqayyoo jala buluun isaan irra jiraata! Channel kanatti makamuu hin dagatinaa! Dn Misganu Mulatu Caamsaa 7, 2018. https://t.me/DooniiNoh
704