cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Caffee Mooraa-Jimmaa

Jaalala_Qabaadhu Waaqayyoon jaaladhu; mootummaasaa jaaladhu; nama hundaa jaaladhu; jaalalli jaalala fida. Haa ta'uutii ati tajaajila kee akka hojiitti qofa, akka dirqamaatti, ykn kaayyoo ta'eef qofa akka ta'eetti kan ilaaltu yoo ta'e bu'aan kee maalinni?

نمایش بیشتر
فنلندة1 622زبان مشخص نشده استدین و مذهبی27 469
پست‌های تبلیغاتی
3 280
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+137 روز
+4630 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

TOOMAAS ✍Kibxatni ayyaana du'aa ka'uu boodaa yaadannoo duukaa bu'aan Toomaas waaqayyoon argee gooftaa koo waaqa koo jedhee dhugaa ba'e akka ta'uuf moggaafame. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos du'aa ka'ee mana cufaa keessatti duukaa bu'ootatti mul'atee nagaan isiniif haa ta'u yeroo jedhetti duukaa bu'aan kun isaan waliin hin turre.Yemmuu duukaa bu'oonni du'aa ka'uu gooftaa keenyaa itti himanis hangan ijaan argutti hin amanu jedhee ture.Kanaaf torbee isaatti gooftaan keenya bakka qulqulluun Toomaas jirutti duukaa bu'ootatti lammaffaa mul'atee nagaan isiniif haa ta'u jedhe. Qulqulluu Toomaasiinis"Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i" jedhe. Toomaasis harkasaa ilaalee, qubasaas madaa cinachasaa keessa kaa'ee  baruun gooftaakoo waaqa koo jedhee amane(Yoh20:21-30). Kanas abbooliin yemmuu hiikan Qaamasaa tuttuquusaan gooftaa koo jedhe, madaan cinaachasaa akka abiddaa isa gubnaan immoo waaqa koo jedhee amane jedhanii barsiisu. Ayyaana gaarii.
نمایش همه...
👍 5👏 1
CE'UU (MAA'IDOOT) ማዕዶት ✍Maa'idoot jechuun jechi isaa jecha Gi'iizii yoo ta'u hiikni isaa immoo "ce'e, ce'uu, ce'umsa" jechuu dha. Bu'uura madda kana irratti hundaa'uudhaan "Ce'e bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.Akkuma beekamu gaafa ayyaana faasikaa kan yaadatamuu qaban baay'ee isaaniitu jiru. Haa ta'u malee gaafa guyyaa faasikaa waa'ee tokkoo tokkoo isaanii dubbachudhaaf waa'ee isaanii keessattis immoo Iyyasuus Kiristoos isa fannifame lallabuudhaaf akkuma Qulqullichi Phaawuloos “...Waa'ee Gidewoon, Baaraaq, Siimson, Yiftaa, Daawit, Saamu'el akkasumas waa'ee raajotaa isinitti odeessuuf immoo yeroon ana hin ga'u’’. (Ibro11፡32) jedhee dubbate sana guyyaa tokkittii keessatti waan kana hundumaa ibsuudhaf yeroon hin ga'u. Kanaafuu manni amantaa keenya seenaan kun hundumtuu akka ukkaamamee hin hafneef jecha seenaa kana hundumaa keessattis ammoo Kiristoosiin lallabuudhaaf guyyoota faasikaadhaa booda jiran hundumaa maqaa itti moggaaftee nu barsiifti. MAA'IDOOT = Wiixata TOOMAAS   = Kibxata ALAAZAAR  = Roobii ADDAAM     = Kamisa Qulqulleetti Mana Kiristaanaa=Jimaata Dubartoota Qulqulluu = Sanbataa Du'aa ka'uu 2ffaa= Dilbata jechuudhaan hojii Gooftaa ittiin ibsiti. Kanaafuu guyyaan faasikaatti aanee kan jiru Wiixatni MAA'IDOOT jedhama. MAA'IDOOT jechuun akkuma armaan oliitti ibsuuf yaalle CE'UU jechuudha. Guyyaan kunis ayyaanni faasikaa kabajamee oolee erga buleen booda gaafa guyyaa wixataa kan yaadatamee ooludha. ✔️Kutaa inni jalqabaa ce'umsa fakkeenyawaa  ce'uumsa yeroo kan jedhuu ta'a. Kunis uummanni Israa'eel garbummaa biyya Gibxii jalatti waggaa 430 erga turanii booda Waaqayyo raajaa musee kaasee, dhiphuu, gidiraa fi gabrummaa lafa Gibxii jalaa isaan baasuuf akka ajajee fi innis ajaja sana fudhatee fedha waaqayyoon walabummaa isaanii kan of keessatti qabatuu dha. Waaqni abbaa dhiphuu fi gidiraa uummata Israa'eel irra ga'u jalaa akka ba'aanif Musee gargaaree yeroo isaan aduun miidhaman duumessa gaddisiisee, yeroo isaan dheebotan kattaa keessaa bishaan burqisiisuun obaasee, yeroo galaanni itti guute ulee Museedhan raajii hojjete bishaan akka gimbiitti dhaabee isaan ceesisuu isaa yaadachuun ce'uumsa jedhamee moggaafame. ✔️Kutaan inni 2ffaa immoo guyyaa fayyisaan keenya, qoricha keenya kan ta'e Iyyasuus Kiristoos 👉 Dukkana keessaa gara ifatti 👉 Du'a irraa gara jireenyaatti 👉Si'ool irraa gara Jannataatti 👉Abaarsa irraa gara eebbaatti 👉Salphina irraa gara ulfinaatti 👉Garbummaa irraa gara bilisummaatti 👉Gadda irraa gara gammachuutti.. Ce'uu keenya yaadachaa Waaqa oolmaa kana hundumaa nuuf oole kan ittiin lallabnuudha.Inni rakkina keenyaf furmaatadha.Inni dadhabbii keenyaf humnadha.Inni dhukkubbii keenyaf qorichadha. Inni gaaffii keenyaf deebiidha.Inni jireenya keenyaaf bu'uuradha.Inni eenyummaa keenyaf miidhaginadha. Kanaafuu isaatiin du'a irraa gara jireenyaatti ce'uu keenya waan beeknuuf guyyaa kana MAA'IDOOT jennee guyyaa ce'uumsa keenyaa sana ittiin yaadachaa Waaqa nu ceesise kanas jennee gochaa(hojii) isaa ittiin dhugaa baana. 1Yoh 3፡14  CEESISAA LUBBUU jechuudha. Ceesisaan lubbuu keenyaa kunis fayyisaa keenya, qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos dha. Egaa amantaan keenya Ortodoksii Tawaahidoon tokkummaa namoota ce'aniiti. Kanaafuu namni du'a irraa gara jireenyatti ce'e hin sodaatu waan ta'eef bara jireenya keessan keessanitti sodaatiinaa!. Namni raafama du'a jala ce'e hin raafamu hin raafamiinaa!. Namni yaaddoo du'aa jala ce'e hin yaada'u hin yaadda'iinaa!.
نمایش همه...
👍 6 4
❓GUYYAA SADAFFAA❓ ✍Kiristoos guyyaa sadii fi halkan sadii booda ka'e jedhamee yammuu barsiifamu hedduu keenyaaf ifa hin ta'u! Guyyyaa sadii booda ka'uun isaa duruma iyyuu raajotaan dubbatameera. Akkasumma gooftaanillee ofuma isaa dubbateera! Amma kan nama gaafachiisu akkamitti guyyaa sadi guuta kan jedhu malee gooftaan gooftaan kan ka'e guyyaa sadaffaattidha ykn miti kan jedhu miti. Kanas abbooliin karaa sadii akka lakkaa'mu ni barsiisu! #1.Gooftaan kan awwaalame Jimaata sa'atii 11:00 ttidha. Guyyaan halkan waliin akkasuma halkan guyyaa waliin lakkaa'ama akkuma jedhu,saa'atiin tokko kan jimaataa (11-12) tti jiru sun sa'atii 23n darban waliin lakkaa'ama. Haala kanaanis 👉Kamisa galgala kan jimaatatti barii'u- halkan 1ffaa 👉Jimaata guyyaa -guyyaa 1ffaa 👉Jimaata galgala kan Qidaameetti barii'u-halkan 2ffaa 👉Qidaamee guyyaa-guyyaa 2ffaa 👉Sanbata galgala-halkan 3ffaa 👉Sanbata guyyaa-guyyaa 3ffaa /halkan guyyaa waliin waan lakkaa'amuuf/ #2. Garaa duukaa bu'ootaa akka awwaalchaatti lakkaa'uun:- kunis gooftaan guyyaa kamisaa galgala duukaa bu'oota isaatiin "kunoo foon koo isa dhugaa, ......dhiiga koo isa dhugaa..../ jechuun Qurbaana kakuu haaraa hundeessuun Qulqulluu foonsaa fi kabajamaa dhiigasaa isaaniif kenneera. Kanaafuu kamisa galgalaa kaasee hanga sanbata guyyaatti haaluma 1ffaarratti ibsameen lakkaa'ma. #3. Jimaatni guyyaan halkanii fi guyyaa ta'ee ooleera. Kunis: 👉Yammuu gooftaan fannoorra turetti jechuunis 6:00-9:00tti guyyaan dukkanaa'ee ture. Kunis akka halkan 1ffaatti 👉Jimaata 9:00-12:00tti guyyaa 1ffaa 👉Kana booda Qidaamee fi sanbatni halkanii fi guyyaatiin lakkaa'amu. ✍#Walumaagalatti karaa adda addaan haa lakkaa'amu iyyuu malee hunduu guyyaa sadii fi halkan sadii dhufu. Kunis #Jimaata, #Qidaamee fi #Sanbata Halkanii fi guyyaan isaanii lakkaa'amnii jechuudha. 👏👏AYYAANA GAARII👏👏 https://t.me/DooniiNoh
نمایش همه...

👍 3 1
Repost from GODOLIYAAS
⚜️Kamisa Torbee Dhukkubbii⚜️ ➭Kamisni torbee dhukkubbii icciitiiwwan fi barumsawwan armaan gadiin ni yaadatamti. Bal'ina isaa link gadii "INSTANT VIEW" jedhuun seenuun dubbisaa! ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮             @Kalabhiyahu             @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══ https://telegra.ph/Kamisa-Torbee-Dhukkubbii-05-01
نمایش همه...
Kamisa Torbee Dhukkubbii

   ➭Kamisni torbee dhukkubbii icciitiiwwan fi barumsawwan armaan gadiin ni yaadatamti.  1. Guyyaa Miila dhiqaa [Kasoomina] (Yoh. 13:1-15) ➭Yeroo dabarfamee kennamuuf saa'atiin muraasni hafetti Barsiisaa fi Gooftaan, Kiristoos yeroo dhumaaf jaalala fi kabaja bartoota isaaf qabu agarsiisuuf; tajaajila duuka bu'ummaa fuldura isaanii jiruufis utubaa fi gudunfaa kan ta'e gadi of qabummaa isaan barsiisuuf gadi jedhee miila bartoota isaa dhiqe. Kiruubel Suraafel kan isaaf jilbeeffatan Inni gadi jedhee miila bartoota…

Jaalalli maal akka godhe ilaalaa. Galma ibiddaa Ariyaam keessaa harkifamee holqa Beetaliheem keessa mana horii keessa rafe. Inni ifa akka uffataatti uffate baala baalsamiin akka of maramu isa godhe. Waaqayyoo yeroo hin qabne daa'ima, daa'ima, daa'ima, nama guddaa godhe. jaalala... Ilma tokkicha abbaan isaa jaallatu Yihudoota biratti akka jibbamu godhe. Gooftaan ergamootaan galateeffamaa ture arraba hadhaawaa Fariisotaatiin akka arrabsamu godhe. Abbaan murtii dhaddachaa harka hidhatee murtii namaa barbaacha akka naanna’u taasifame. Jaalalli waaqa kiruubel duuba taa'uuf teessoo fannoo godhe. Siree awwaalchaa itti qopheesse. Jaalalli salphina ilma Waaqayyoo tuffatee gammachuu amantoota isa dura jiraniif qullaa akka fannifamu godhe! Qoricha ta'uudhaan hunda keenya dhukkuba cubbuu irraa fayyise.
نمایش همه...
18
⚜️ Roobii Torbee Dhukkubbii⚜️ ➭Guyyaan Roobii torbee dhukkubbiiwwanii keessa jirtu kun waan #sadiin yaadatamti. 1. Marii Tuuta Yihuudotaa ➭Tuutni Yihuudotaa guyyaa Gooftaan gaafa Hoosa'inaa gara Iyyerusaalem dhufe irraa kaasanii inaaffaan isaanii akka malee dabalaa waan dhufeef yeroo dhumaaf isa fannisuuf carraawwan barbaadaa turaniiru. Guyyaa kanatti garuu milkaa'eefii irratti waliigalanii waltajjii (Shongoo) isaanirratti murtoo isa ajjeesuu dabarsan. "Ergasii luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni sabaa, mana guddicha isa kan Qayyaafaa angafa lubootaatti walitti qabaman. Achittis walii wajjin karaa ittiin Iyyesuusiin haxxummaadhaan qabsiisanii ajjeesan in mari'atu turan..." Maat. 26:3-4 "Kanaaf jarri guyyaa sanaa jalqabanii, Iyyesuusiin ajjeesuudhaaf murtoo godhan" Yoh.11:53. ➭Guyyattii kanatti Ilmi Waaqayyoo tokkichi hundumaaf darbee kennamuu isaa ibsuuf hangafni lubootaa yeroo sanaa Qayyaaffaan osoo hin beekiin waltajjii isaanii sana irratti raajii dubbateefii ture. Kana yoo ibsu Qulqulluun Yohaannis, "Isaan keessaa tokko, Qayyaaffaa inni jedhamu, waggaa sanatti angafa lubootaa ture; inni, “Isin homaa iyyuu hin beektan. Sabni guutummaatti dhumuu mannaa, namni tokko sabaaf du'uun akka isiniif wayyus hin hubattan” isaaniin jedhe. Inni dubbii kana of keessaa fuudhee hin dubbanne; waggaa sanatti angafa lubootaa waan tureef, Iyyesuus saba sanaaf du'uuf akka jiru, raajii dubbate malee" jedha. Yoh 11:49-51. 2. Guyyaa Urgaa'aa Gaarii ➭Guyyaa kanatti osoo Gooftaan mana Simi'oon (Isa lamxii) jiruu dubartiin Maariyaam jedhamtu tokko urgooftuu foolii gaarii Naardoos jedhamu kan of keessaa qabu bilqaatii Albaasxiroos cabsuun mataa Gooftaa keenyaa irratti akka dhangalaaste ni yaadatama. Kana qofa osoo hin taane dubartiin kun fuula Gooftaa fulduratti imimmaan ishee luka Isaarratti dhangalaastee rifeensa mataa isheetiin qoorsaafii turte. Kanarraa ka'uun guyyichi kun 'Guyyaa Imimmaanii' s jedhama. Waan yeroo kana ta'e gaafa ibsu Qulqulluun Yohaannis akkas jedha; "Bartoota isaa keessaa tokko, Yihuudaan namni biyya Asqooroot, inni isa qabsiisuuf jiru garuu kana irratti, “Urgooftuun kun meetii dhibba sadiitti gurguramee, maaliif warra hiyyeessotaaf hin kennamne?” jedhee dubbate. Kana immoo hiyyeessotaaf gaddee miti; #hattuu waan tureef jedhe malee; korojoo horii isaanii isa baatu keessaas in fudhata ture" Yoh. 12:4-6 ➭Kunimmoo jaalala Yihuudaan qarshiif qabu ture hammam akka ta'es namatti mul'isa. Gooftaa isaa dabarsee akka kennuuf kan isa taasiste illee dhukkubuma qarshii jaalachuu kanadha turte! 3. Waliigaltee Yihuudaa fi Hangafoota Lubootaa ➭Dabalataan guyyaan kun guyyaa itti Yihuudaan Gooftaa isaa dabarsee kennuuf hangafoota lubootaa waliin walii galedha. "Yommus warra kudha lamaan keessaa tokko, Yihudaa nama biyya Asqooroot inni jedhamu, gara luboota warra angafootaa dhaqee, “Isa dabarsee yoon isinitti kenne, maal anaaf laattu?” ittiin jedhe; isaan immoo meetii (Qarshii) soddoma muraniif. Yihuudaan yeroo sanaa jalqabee dabarsee isa kennuudhaaf yeroo mijataa ni barbaada ture". Maat. 26:14-16 ➭Walumaagalatti guyyittiin kun guyyaa itti tuutni Yihuudotaa fannifamuu Gooftaa irratti waliigalanii murtoo dabarsanidha. Manni Kiristaanaas sababa kanaaf waqtii du'aa ka'umsaa irraan kan hafe waggaa guutuu guyyaa kana addatti soomaan ni kabajji. 🙏Waaqayyo, dhibee fi dhukkubbii; dheebuu fi dadhabbii tokko malee akkuma har’aan nu gahe guyyaa du’aa ka’umsa isaatiin nagaa fi gammachuun nu haa gahu. Ameen!🙏 Yaada ykn gaaffiif ➛ @lamtesh Facebook  ➛https://www.facebook.com/profile.php?id=100087224145170 WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaBrgmYISTkNBLeiTH37 Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
نمایش همه...
👍 4 3
“Maaloo amma fayyyisi!" — Far. 118:25 Imala Afuuraa guyyaa har'aa ayyaana Hosaa'inaa sababeeffachuun tokkummaa Caffee Mooraa Waldaa Sillaasee wiirtuu Jimmaan gara M/K/Q/ Sillaasee tulluu diimootti taasifamerratti suuraa fudhatame!
نمایش همه...
👍 3😢 2 1
Repost from GODOLIYAAS
#Ergaa Maatiiwwan Chaanela Godoliyaas (@Kalabhiyahu) akkam jirtu? Baga torban eebbifamaa Torbee Dhukkubbiiwwaniin isin gahe! YouTube Miidiyaa nu tajaajiluuf dhufe, "Miidiyaa Sootiriyaa" kan guyyoota  muraasa booda sin tajaajiluu jalqabu kana #Subscribe gootaniittuu? Yoo hin goone ta'e kunoo link gadiin seenuun ammuma subscribe akka gootan jaalala obbolummaan sin gaafadha! YouTube Miidiyaa Sootiriyaa👇 https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg Odeeffannoo dabalataaf►@lamtesh
نمایش همه...
👍 1 1
Repost from N/a
Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaa👇 https://youtu.be/uAbMnA23tJY
نمایش همه...
Faaruu Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaan!! Yeroo dhiyootti

Mijuu Og-aartii   Miidiyaa Sootiriyaa irraa ***Mana Kiristaanaa*** Samii irra kan turte gamtaa ergamootaa Tokkummaa hin cabne yaa'ii kiristaanotaa Bu'uura dhagaa tokkicha warra lapheetti baatu Warra Kiristoosif bultoo ta'ee isumas jiraatu Mana Kiristaanaa jennaan warra foo'amani Fannoo isaa baatanii kan isa duuka bu'ani Yeroo dhiyootti... Youtube

https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

Telegram: 

https://t.me/Soteriamedia

Facebook:

https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk

#church #Lallaba #Ortodoksii #Orthodox #faaruuortodoksii #faaruu #mezmur #sibket #ethiopianorthodoxtewahedochurch #spritual #coomingsoon #Tajaajila #salvation #tewahedo #amen