en
Feedback
Gaaffii Keessaniif Deebii

Gaaffii Keessaniif Deebii

Open in Telegram

Gaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG

Show more
6 255
Subscribers
-224 hours
+27 days
+1730 days

Data loading in progress...

Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
September '26
September '26
+24
in 0 channels
August '26
+125
in 0 channels
Get PRO
July '26
+134
in 0 channels
Get PRO
June '26
+138
in 0 channels
Get PRO
May '26
+112
in 1 channels
Get PRO
April '26
+140
in 4 channels
Get PRO
March '26
+101
in 1 channels
Get PRO
February '26
+62
in 0 channels
Get PRO
January '26
+123
in 5 channels
Get PRO
December '25
+141
in 2 channels
Get PRO
November '25
+122
in 0 channels
Get PRO
October '25
+26
in 0 channels
Get PRO
September '25
+14
in 1 channels
Get PRO
August '25
+19
in 0 channels
Get PRO
July '25
+12
in 1 channels
Get PRO
June '25
+19
in 4 channels
Get PRO
May '25
+22
in 0 channels
Get PRO
April '25
+53
in 3 channels
Get PRO
March '25
+91
in 3 channels
Get PRO
February '25
+50
in 0 channels
Get PRO
January '25
+139
in 3 channels
Get PRO
December '24
+77
in 0 channels
Get PRO
November '24
+147
in 2 channels
Get PRO
October '24
+236
in 0 channels
Get PRO
September '24
+395
in 1 channels
Get PRO
August '24
+1 291
in 1 channels
Get PRO
July '24
+121
in 2 channels
Get PRO
June '24
+183
in 0 channels
Get PRO
May '24
+185
in 1 channels
Get PRO
April '24
+318
in 7 channels
Get PRO
March '24
+322
in 4 channels
Get PRO
February '24
+157
in 3 channels
Get PRO
January '24
+136
in 3 channels
Get PRO
December '23
+248
in 30 channels
Get PRO
November '23
+180
in 2 channels
Get PRO
October '23
+251
in 23 channels
Get PRO
September '23
+385
in 0 channels
Get PRO
August '23
+384
in 0 channels
Get PRO
July '23
+77
in 0 channels
Get PRO
June '23
+92
in 0 channels
Get PRO
May '23
+61
in 0 channels
Get PRO
April '23
+68
in 0 channels
Get PRO
March '23
+47
in 0 channels
Get PRO
February '23
+41
in 0 channels
Get PRO
January '23
+102
in 0 channels
Get PRO
December '22
+108
in 0 channels
Get PRO
November '22
+138
in 0 channels
Get PRO
October '22
+89
in 0 channels
Get PRO
September '22
+78
in 0 channels
Get PRO
August '22
+93
in 0 channels
Get PRO
July '22
+138
in 0 channels
Get PRO
June '22
+68
in 0 channels
Get PRO
May '22
+69
in 0 channels
Get PRO
April '22
+105
in 0 channels
Get PRO
March '22
+72
in 0 channels
Get PRO
February '22
+56
in 0 channels
Get PRO
January '22
+130
in 0 channels
Get PRO
December '21
+131
in 0 channels
Get PRO
November '21
+69
in 0 channels
Get PRO
October '21
+53
in 0 channels
Get PRO
September '21
+50
in 0 channels
Get PRO
August '21
+49
in 0 channels
Get PRO
July '21
+75
in 0 channels
Get PRO
June '21
+79
in 0 channels
Get PRO
May '21
+82
in 0 channels
Get PRO
April '21
+132
in 0 channels
Get PRO
March '21
+83
in 0 channels
Get PRO
February '21
+45
in 0 channels
Get PRO
January '21
+62
in 0 channels
Get PRO
December '20
+1 593
in 0 channels
Date
Subscriber Growth
Mentions
Channels
08 September0
07 September+2
06 September+2
05 September+6
04 September+1
03 September+4
02 September+5
01 September+4
Channel Posts
Kennaa addaa namoota bara haaraa eenyummaa haaraan eegaluu barbaadaniif kenname
Eeebbifamoo Abbaa keenya Shiinoodaa 3ffaa

2
" Daabboon mana kee keessa jiru kan warra beela'eeti; uffanni ati hin fayyadamne kan kaabineetii uffata kee keessa jiru kan w
" Daabboon mana kee keessa jiru kan warra beela'eeti; uffanni ati hin fayyadamne kan kaabineetii uffata kee keessa jiru kan warra rakkataniiti; kopheen ati hin kaawwanne kan hiyyeessaa (kan kophee hin qabne)ti; maallaqni ati kuufatte kan hiyyeessaaf maludha... Mukti firii isaatiin, namnis immoo hojii isaaniitiin beekama. Hojiin gaariin yoomu hin badu. Hojii tola ooltummaa kan facaase hiriyummaa ni haama; kan gaarummaa dhaabe jaalala walitti qaba. "Caffata Qulqullaa'oo qofa dubbisuu hin qabnu; haa ta'u garuu waan dubbisnu irraa barannee guddachuu qabna. Wanti bu'aa hin qabne kitaaba Qulqulluu keessatti akka hin barreeffamne hubadhaa." Ammas jabinaaf, obsaaf, fayyinaaf, jijjiiramaaf yeroo qabdaa! Raftee jirtaa? Dammaqi! Cubbuu hojjetteettaa? Yoos hojjechu dhiisi." Qulqulluu Baasiloos kan Qeesariyaa https://t.me/Araaraat
1 004
3
#Tulluu_Taaboritti Yaa tulluu taaborii yaa Isa garaa dheeraa Gara kee kan dhufuu hundumtuu fayyeeraa Kan jalaa dhokaate arguu kan barbaaduu Taaboriin haa dhufuu ni ifaaf akka aduu Taabor tulluu seenaa tulluu qulqullooftu Tulluu milkaa'inaa bakka dhugaan iftu Tulluu aarsaan dhugaa irratti dhiyaatuu Tulluu haqni latee lalisee mul'atuu Tulluu Waaqni Abbaan irratti lallabee Tulluu diinni keenyaa irratti of dhabee Tulluu Raajiin Musee fuula uuma isaa hubate Tulluu Waadaan Musee Irratti raawwatee Tulluu hundaaf-iccitiin irratti raawwatuu Tulluu namni hunduu jaalala irra argatuu Tulluu irratti argannee foon keenyaaf nageenya Tulluu irratti Waaqni nuuf kaffalee beenyaa Tulluu jiraattoota balbala fayyinaa Tulluu taabor irratti hunduu wal arginaa Tulluu bultoo Waaqaa bakka wal ta'umsaa Balbala fayyinaa qee du'aa ka'umsaa Musee inni du'ee ka'ee awaala keessaa Eliyaasis dhufee kan ol-bahe duumessaan Abbaanis dubbatee sagalee guddaanii Ilmakoon jaalladhuu isaa dhaga'anii Jedhe dhugaa bahee iccitii mul'isee Dachee du'aa keessa inni kaasee Musee Kan dhokatee ture mul'isee Sadummaa Bartoota iccitiitti agarsiisee ogummaa Tulloota dhedheeroo jiran hunda keessaa. Taaboriin jiraachuun hundafuu ba'eessaa. Taabor kan jiraatu dhugaa hubatee gala Rakkoofi dhiphinasaaf ni argata fala Nutis wal haa baanu Tulluu_taaborittti Ifichaan miidhagnee wal geenya achirraatti           Ayyaana_Gaarii!       https://t.me/Araaraat
1 508
4
AYYAANA Tulluu TAABOR 👏Baga Geessan!👏 Ayyaanoota gurguddoo  Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos salgan(9) keessaa ayyaanni tulluu taaboor isa tokko dha. Ayyaanni kun amantoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa biratti 'Buhe' bakka tokko tokkotti immoo 'Ukee' jedhamuun beekama. Tulluun taabor maqaan gaara yoo ta'u tulluun galaana Galiilaa irraa karaa Kibba-dhihaa km 10 fagaatee argamudha. Waa’ee tulluu kanaa wangeelawwan (kitaaba kakuu haaraa) irratti kan ibsame tulluu dheeraa jedhamu (Maat.17:1) irraa kan hafe maqaa Taabor jedhee hin ibsine. “Taabor” jedhamuu isaa kan dubbatan yaa'ii duuka bu'oota irrattidha. Haa ta'u garuu kakuu moofaa keessatti waa'ee Tulluu taabor mul'inaa dubbatame jira (Mac. Abboota Firdii 4:6-14). Qulqulluun Daawiitiis waa'ee tulluu kanaaf dursee raajii akkas jedhu dubbateera.  “Tulluun Taaborii fi tulluun Harmooniyaa maqaa keetti in ililchu. Irreen kee humna kee waliini dha, harkii kees ni jabaatte mirgi kees ol ol jette”( Faar. 88/89:12-13) jechuu raajiin dubbatameeraaf. Gooftaan keenya Qisaariyaati “Namootni dhala namaan eenyuu jedhanii waamuu?” jedhee erga gaafate guyyaa jaha booda bartoota kaaniin tulluu jalatti dhiisee bartoota sadii: Pheexiroos, Yaaqoobiif Yohaannisiin qabatee gara tulluuttu ol-bahee. Tulluu irras yeroo turanitiis fakkiin gooftaa keenyaa akka aduu ifee, huccuun isaas akka cabbii adii ta’e. Yeroo kanas ifa waqummaa isaafi aangoo gooftummaa isaa ibseeraf(Luqaas 9:29) Tulluu kana irratti erga du’ee bara baay’ee kan lakkoofsiseefi awwalli isaa Waaqayyoon ala namni kamuu kan hin beekne Musee akkasumas Eeliyaas ibiddaa saragallaan gara biyya jiraattotaatti kan fudhatame ifa Waaqummaa Isaatiin akka namootni yaadan Musees, Eeliyaasis akka hin taane isaan hubachiisera. Inni uumaa Musee fi Eeliyaas malee akka isaanii uumamaa akka hintaanes namoota akkasitti yaadan hundaaf mirkaneesse jira. Egaa kana booda Tulluu Taabor irratti Akkeenyummaa Isaa, kabaja Isaa, walumaagalatti maalummaa Isaa kan ibse Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin kan arge Qulqulluun Pheexiroos tulluu kana irraa bu’uu hin barbaadne. Kanaaf “Yaa Gooftaa as jiraachuun nuuf gaariidha”jechuun hawwiisaa ibsate. Tulluun Taabor fakkeenya Mana Kiristaanaa keenyadha. Tulluun kun jireenya qulqulleettii Mana Kiristaanaa keenyaa baay’ee mul’ise agarsiisa. Qulqulluu Pheexiroos tulluu kana “Tulluu Qulqullaa’aa” jedhee waamee jira( 2phex 1:17-18). Qulqulluun Pheexiroos Tulluu Qulqullaa’aa kana irraa “as jiraachuun nuuf gaariidha” akkuma jedhe, nuufis Tulluu kanaan kan fakkeeffamte Qulqulleettii Mana Kiristaanaa keessa jiraachuun nuuf gaariidha. Keessattu bara qormaanni baay'ate kanatti, bara bahanii galuun ulfatee kana caalaatti bakka sana turun gaariidha. Taateewwan Guyyaa Ayyaanichaa taasifaman keessa tokko ijoolleen qaccee tolfachuun karaatti bahanii ni iyyisiisuu. Kunis Sagalee Waaqumma guyya sanaa mul'ate fi balaqqeessa guyyicha raawwatamee yaadachiisuuf akka ta'e abboonni mana kiristaanaa keenya ni barsiisuu. Inni lammaffaan immoo gaafa guyyaa buhee halkan isaa ibsaan  ni ibsama, kuniis ifa Waaqumma tulluu taaboor irratti muldhateef fakkeenya dha. Kana malee naannoo tokko tokkotti immoo daabboo Mulmulii qopheessu ayyaanicha ni yaadatu. Kunis gaara taboor irraattii gooftaan yeroo mul’atu Ifa tulluu iratti mulate irraa kan ka’e Tiksoonni dirree keessa tiksaa jiran akka galgalaa’e hin barre ture. Yericha hadhooliin Ijoollota isaanii fi Tiksitoota isaaniif daabboo Mulmulii fudhatanii deemuu isaanii yaadachuuf tolchiinee ayyaana kana irratti dhiyeeffama. Egaa guyyaan kun guyyaa Waaqayyo ulfinna isaa itti mul'isee waan ta'eef tulluun sun har’a qaama keenya ta’u qaba. Kunis ulfinaa fi ogummaan Waaqayyoo kan itti ibsamuu fayyisuun isaas kan itti muldhatuu jireenya eebifamaa qabaachuu keenyanii.               Ayyaana Gaarii!                         https://t.me/Araaraat
1 429
5
✍Ani Dheebotadha; Ati waraabduu warqeetii, ilmi kee bishaan jireenyadha. ✍Ani nama boolla irra darbuu dha; Ati riqicha; Mucaa
✍Ani Dheebotadha; Ati waraabduu warqeetii, ilmi kee bishaan jireenyadha. ✍Ani nama boolla irra darbuu dha; Ati riqicha; Mucaan kee bakka gammachuuti. ✍Ani hiyyeessa; ati Kuusaa ulfinaati; Ilmi kee faaya qaaliidha. ✍Ani madaa’aadha; Ati qaruuraa qorichaati, mucaan kee qoricha. ✍Ani qullaa dha; Ati meeshaa huccuu ti, mucaan kee uffata gonkumaa hin dulloomnedha." (Abbaan Giyoorgisiin kan karaa Sadiin ofiisaa, Gooftaa fi haadha isaa wajjin walitti firoomsuun barreessan irraa) ከየግዮን ወንዝ የተወሰደ https://t.me/Araaraat
1 931
6
#Ifoota_Biyyaa_lafaa #Phaawuloos_fi_Pheexiroos Manni Kiristaanaa keenya yaadannoo wareegamtota qulqulloota lamaan kanaa gaafa Adoolessa 5iin ni yaadatti. Ayyaanni kun Mana Kiristaanaa keenya keessatti maqaa "Ayyaana Duuka bu'oota" ykn Urjiiwwan mana kiristaanaa ykn Ifoota biyya lafaa, jedhamuun waamama. Guyyaan isaa waggaa waggaan dhaabbatadha.  Manni kiristaanaa keenya guyyaa kanaa ciminaa fi jabina duuka bu'oota kan lamaan kaasuun sirriitti ni barsiifti.  Duuka bu'oota kun lamaan waan itti wal fakkaata fi itti gargaar ta'an niqabu. Bakka #linkii  gadii xuquun dubbisaa https://telegra.ph/Phaawuloos-fi-Pheexiroos-07-12
1 933
7
No text...
1 502
8
#Gorsa_Kana_Mee_Dubbisi! "Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta'u, waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta'etti qabamaa jiraadhaa!  Jaalala obbolummaatiin ho'isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa! Waan dhimma baasuudhaaf hin dhibaa'inaa! Hafuura gubaa(humna qabu) qabaadhaa! Gooftichaafis of irraa bu'aa hojjedhaa! Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa! Warra Waaqayyoof qulqullaa'an rakkina isaaniitti gargaaruu keessaa qooda qabaadhaa! Keessummoota simachuutti dhimmaa! Warra isin ari'atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa! Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo'anii wajjinis boo'aa! Waa'ee walii keessaniif yaada tokko qabaadhaa; isin ol of qabuu hin yaadinaa, warra gad deebi'anii wajjin jiraachuu baraa! Nuyi ogeessota ofiin jettanii, ogummaa keessan of duwwaadhaaf hin godhatinaa! Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta'e yaadatti qabadhaa! Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa!"     (Room 12:9-18)   🙏lafa nagaa jiraadhaa!🙏 https://t.me/Araaraat
1 648
9
No text...
1 152
10
🍃🍃Abjuu Yooseef fi obboloota isaa.                ✍Ilmaan Yaaqoob keessa tokko kan ta’e Yooseef namaa abjuu fi mul'ataa  guddaa qabu ture.  Yooseef abbaa isaa biratti obboloota isaa kanaa caalaa nama jaallatamaadha. Akka jaallatamuus kan isaa taasise immoo adeemsa fi mul'ata isaadha. Abjuun isaa nama guddafi geggeessaa ta'uu ture. Jaalalli abbaan isaa isaaf qabuufi abjuun inni  fulduraatti ta'uuf abjoote Yooseefiin qormatni guddaa garaagaraa akka isaa qunnammuf sababaa ta'eera. Dhugaadha jireenya keenya addunyaa kana keessatti qormaanni guddaa kan nu qunnamuu akka Yooseef gaafa mul'ataafi abjuu qabannuudha. Namni mul'ata ta'ee abjuu hin qabnee michuu addunyaa kanaa waan ta'eef harka addunya fi akka addunyaatti jiraata. ✍Yooseefiin qormanni guddaan kan mudatee  obboloota isaaf hirkoo ta'uu malan irraa ture. Abjuus kan abjoote jireenya namaarratti osoo hin taanee jireenya mataa isarraatti. Utuuma ta'ees Yooseef yoo bakka abjuu isaa gahee maatiin isaa kan itti miidhaman osoo hin taanee irra fayyadamu malee. Yeroo tokko tokko wallaaluummaa irra kan kaanee namoota mul'ata fi abjuu gaggaarii qaban itti hinaafne jibbaafi aariyaacha yoo olluu ni mul'ata. Yeroo kana garuu namicha qofa miidhaa jirra osoo hin taanee of illee miidhaa akka jirru beeku qabna. Obboloonni Yooseef erga isa gurguraanii booda bakka mu'atafi abjuu isaatti hin baanee. Yooseefis waan gurguraameef kaayyoo isaa irraa duubatti hin jenne. Caalaattu Waaqayyo isa wajjiin ta'e gargaaree malee. ✍Kaayyoo fi mul'ata keenya ilaalte biyyi lafaa nuu dhibuu dandeessi garuu caalaatti yeroo sana yoo abdii hin kutanne Waaqayyo akka sii gargaaru beeki. Yooseef abjuu isaa galmaan gahachuuf karaa dalgaa hin fayyadamne. Atis galmaa yaadde ga'uuf tooftaa mataa keetti fayyadami garuu karaati filattee nama biraaf guufuu akka hin taaneef of eeggadhu. Egaa mul'ata kee kan jaallatu akkuma jiru kan jibbus jiraachuu isaa beeki imala eegaltu hundaaf qophaa'i. Namoonni har'aa si jibbaan bor akka harkaa keeti kufanii beeki gaafasii atimoo garummaa itti agarsiisi isaanuu ofitti ceepha'aa gara kee dhufuu. ✍Abjuufi mul'ata keef yaada gaarii qabadhu. Amma galma yaadde sana geessutti tasa garaa kee hin hiriin. Feedhii foon keeti guduunfi qabadhuu, hundaa hin fakkaatiin.  Yooseef osoo of hin qabnee ta'ee harka haadha manaa Phoxiifaar itti kufee ture. Of-qabuun isaa abjuu fi mul'anni isaa akka galma gahuuf isa gargaare. Yoo of hin qabne abjuu fi mul'ata kee akka galma hin geenye qaba akka jirtu beeki. ✍Namooni har'a mul'ata kee ilaalanii si jibbuu danda'u bor gaafa galma geessu yaadni isaanii jijjiramee gara kee ni dhufu waan ta'eef laphee qulqulluun simachuuf akkuma Yooseef of qopheessi. Obboloonni Yooseef kaleessa isaa gurguratanii turan gaafa rakkoon isa irra gahuu garuu abjuu isaa dhugoomsuun harka Yooseef irratti kufaan. Yeroos Yooseef garuu biyya bulcha ture, abjuun isaa kaleessas hiika argatteetti. Abjuu fi mul'ata gaarii qabaadhaa. https://t.me/Araaraat
1 593
11
No text...
1 047
12
Gorsa Simbiraa Namichi tokko simbira bareedduu tokko saaphana keessatti qabe ajjeesuuf osoo jedhu du'a isheen dura jecha tokko ykn lama akka dubbattuuf eyyama gaafatte. Akkasiis jette " Maaloo nan hin ajjeessin, gorsa barbaachisoo sadii siif kennaa. Gorsi inni jalqabaa wanta harka kee keessa jiru hin lakkisiin. Inni lammaffaa wanta ta'e hundaaf hindhiphatin" erga jette booda callistee. Gorsa isa sadeeffaa akka itti himtuuf gaafa gaafattu "Gorsi inni sadaffaa ijoollee kee fi ijoollee ijoolle keef barbaachisaa waan ta'eef yoo na lakkifte malee sitti hin himu" jette. Yeroo kana namichis gorsa isa sadeeffaa sana dhaga'uuf ariifatee waan tureef simbirti gaafa gad dhiisu muka tokkorra balali'uun baatee " Maaliin sin jedhe ture? Ni yaadatta?" Jette gaafatte. Innis "Wanta harka kee keessa jiru hin gadhiisin naan jette" jedhen. Inni lammaffaa hoo? "Wanta darbe hundaaf hin dhiphatin." jedhe Eyyee! Haa ta'u garuu wantan sitti hime hunda hin fudhannee. Osoo na hin lakkifne ta'ee warqee  dhala dhala keef kan ta'u  garaa koo keessa argatta turte. Kana ture" jettin. Namichi "Yoos sadaffaan hoo?" Jedhen Isheenis "Gorsi sadaffaa immaa isa lammaffaa irra deddeebi'uudha. Waan dhabdetti hin gaabbiin. Kana qofa. Nagaa ta'i. Gorsa koo yoo hin fudhanne hiyyummaa keessa jiraatta" jette. Dubbii kana irra waan lama hubanna. 1ffaan wanti harka keenya jiru yoomu nuuf warqee waan ta'eef akka dhagaatti ilaaluu akka hinqabne. Kanaaf osoo hin darbatin dura  xiyyeeffannaa itti kennuu akka qabnufi inni lammaaffaa immoo wanta darbeef dhiphachuun akka hin barbaachifneedha. Wanta darbeef dhiphachuun bu'aan isaa bowwuu mataa qofa waan ta'eef. Lafa nagaa oolaa. https://www.facebook.com/gutema.gobena.1 https://t.me/Araaraat
2 169
13
#Iccitii_Jireenyaa Barsiisaan barattoota isaatiin akkas  jedhe " Qormaanni guyyaa har'a baay'ee cimaadha. Barsiisonni mana barumsa kana, jirra ofiin jedhaniyyu osoo qoramanii hojjechu hindanda'an." Jechuun itti dubbata Barattoonnis baay'ee nahan, hin sodaatan. Dhugumayyuu qorumsichi baay'ee itti ulfate. Barattooni cimoodha jedhaman illee gaaffii tokko osoo hin hojjetin  walakkaan sa'aati darbe. Kun osoo jiruu barataan tokko barfate dhufe. Qorumsas fudhatee daqiiqaa kudhan keessatti xumuree itti kenne. Dhumarrattis barataan guyyaasisee seenee qofatu qabxii guddaa galmeesse. Kun iccitii jireenyaatti. Argitanii yeroo barsiisaan sun waa'ee cimina qormaata dubbatu barataan sun waan hin turreef sodaan isa hin miine. Diinni hamaa ilma namaa sodaadha. Namoonni mul'ata ati qabatteef wantota baay'ee nama sodaachisaan sitti dubbachuu danda'u, ati garuu dhaga'u kan qabdu #Amantii_laphee kee keessa jiru ta'u qaba. Namoonni tarii akkas sin jechuu danda'u; hindandeessu, sitti cima, ati eenyuu waan taateef hojjetta, baay'ee cimaadha, habaluun iyyuu hojjechu hindanda'u jechuun sodaa sitti uumu danda'u. Ati garuu jechoota sodaachisoo namoonni dubbatan mul'ata keerra akka si hin kuffisneef ofeegadhu! Imala kee fulduratti fufi. Ofii kee qofa dhaggeeffadhu. Warreen qorumsatti deemtan milkaa'aa. ✍https://t.me/Araaraat
2 195
14
No text...
1 771
15
Yaa namaa! Kan si miidhu qabeenya dhabuu ykn hiyyummaas miti. Nama kan miidhu yaada hamaadha. Yaadni ykn lapheen hamaa immoo
Yaa namaa! Kan si miidhu qabeenya dhabuu ykn hiyyummaas miti. Nama kan miidhu yaada hamaadha. Yaadni ykn lapheen hamaa immoo qabachuufi dhabuun kan dhufu miti. Yaadni hamaa lapheewwan hamoo kan biraa dhala. Ibiddi ibidda dhaluun akkuma mukoota hedduu gubu lapheenis akkasuma. Ati yaa namaa! Kana beeku ni jaallatta? Hojiin gaarii ykn hojiin hamaa  uumamaan kan argamu miti. Isaan kun hundi yaada gaarii ykn yaada hamaa irraa kan argamaniidha Qulq. Yohaannis Afaanwarqeen
1 838
16
“ደጋግመህ ኃጢአት ብትሠራም ደጋግመህ ንስሐ ግባ፡፡ ቤተክርስቲያን ሐኪም ቤት እንጂ ፍርድ ቤት አይደለችምና፡፡” ቅዱስ ዮሐንስ አፈወርቅ Irra deddeebitee cubbuu hojjettus irra deddeebii gaabbii galii. Manni kiristaanaa mana yaaladha malee mana murtii mititii! Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee #Dilbata_gaarii https://t.me/Araaraat
1 852
17
Nama ta'i! Milkaa'inni guddaan addunyaa kanaa; qabeenyan kabajamuu, beekumsan fagachuu ykn aangoo guddaa qabachuu miti. Milkaa'inni guddaafi cimaan "Nama ta'uudha". Jiraachuufi nama ta'uun garaagaraa. Jiraachuun kennaa uumamaati, nama ta'uun garuu bu'a ogummaa fi naamusa gaarii guyya guyyaan ijaaramudha. Namni nama ta'e! Oonneen isaa nama biraaf ni dha'ata. Safartoon ilma namaa inni dhugaan baay'inaa qabeenya isaan osoo hintaane hanga oonneen isaa namaaf ho'uun.  Yoo dandeesse carraa argatte hundaan gaarummaa facaasi. Gargaaruu meeshaalee qofa hiruu miti, namoota wajjiin bo'uu, gadduu fi gammaduu dabalata malee. Bara keenya kana keessa namni wanta inni dhabe qabeenya miti, nama malee. Nama namummaaf dhaabbatu. Jecha isaaf ni amanamaa. Kabajni fi eenyummaan kee kan safaramuu jecha ati dubbattuunii.  Jecha ofii kabajumti qofti kabaja guddaadhaa. Namni waan ati dubbattee caalaa waan ati hojjetten si amanaa. "Your words start to lose value, when your actions don't match" jedhuu. Dubbiin kee bu'aa kan dhabuu gaafa ati isaaf amanamuu dhiiftudha. Gad ofqabummaan ol jedhi. Qabeenyi fi beekumsi kee gaafa dabalu gad of qabummaan kees faana dabaluu qaba. Kabajni oftuulummaam argattu yeroo qofaaf. Jaalalli gad of qabumman argattu garuu bara baraafi. Gadi jechuun mo'atamuu osoo hintaane nama kabajuufi. Qorumsa fulduraatti jabaa ta'i. Jireenyi yeroo hunda mijaa’aa hintaatu. Bubbeen gaafa ka'u kan kufu osoo hintaane, muka hiddi isaa jabaate lafa keessa seene ta'i. Kufaatiin kee bakka turti jireenya kee osoo hintaane, caalaatti jabaatte boqonnaa itti aanuuf jabina siif ta'u qaba. Hamaa garummaan mo'aadhu. Namoonni waan hamaa sirratti  raawwattaniif hamaa hinta'in, yoos immaa hammeenyan mo'amteetta kaa. Ati garuu yeroo hunda namummaa keessa kee jiru garummaan dhugaa bahiif. Yoos nama taata! https://t.me/Araaraat
2 041
18
!Warri shamarranii dubbisame! ❖ Akkasumas isin yaa haadholii warraa, abboolii warraa keessaa tokko tokko, jecha isaaf kan hin ajajamne yoo jiraate, hojii gaarii dubartootaa irraa kan ka'e akka of arganiif, shakkii malee qaama isaanii akka fayyadaniif, abboolii warraa keessaniif abboomamaa! ❖ Sodaachuudhaan, qulqullummaadhaan adeemsa keessan bareechaa! ❖ Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'in! ❖ Haa ta'u malee fuuldura Waaqayyotti gatiin isaa baay'ee kabajamaa kan ta'e, garraamiifi afuura tasgabbaa'aa kan qabu, kan hin bannee fi kan hin mul'anne qaama laphee isiniif haa ta'u. ❖ Duris amantaa isaanii Waaqayyoo irra kan kaawwatan dubartoonni qulqullaa'oon, akkasuma abboolii manaa isaaniitiif bitamuudhaan ofii isaanii, ni miidhagsiifatu. ❖ Saaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin gaarii yoo gootan, doorsisa tokkos hin sodaattan yoo ta'e, ijoollee ishee ta'uu keessan. ❖ Akkasuma isinis yaa abboolii manaa, yeroo haadha warraa keessan wajjiin jirtanitti, haadha warraa keessan hin salphisinaa; uumamni dubartoota dadhabaadhaatii; akka kadhannaan keessan hin gufanneef, haadha warraa keessan kabajaa, isaan isinii wajjin kabajaa fi jireenya ni dhaaluutii. 1Pheexiroos 3:1-7 https://t.me/Araaraat
2 005
19
No text...
1 645
20
"Barsiisaan keenya Iyyesuus Kiristoos gaafa ol bahu akka Eliyaas uffata osoo hin taanee, Qaama isaa isa lafarratti uffatte Fo
"Barsiisaan keenya Iyyesuus Kiristoos gaafa ol bahu akka Eliyaas uffata osoo hin taanee, Qaama isaa isa lafarratti uffatte Fooniifi dhiiga isaa nuuf kennee." "የእኛ መምህር ክርስቶስ ሲያርግ የሠጠን እንደ ኤልያስ መጎናጸፊያውን ሳይሆን በምድር የለበሰውን አካሉን ስጋውንና ደሙን ነው።" ቅዱስ ዮሐንስ አፈወርቅ https://t.me/Araaraat
1 773