cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Caffee Mooraa-Jimmaa

Jaalala_Qabaadhu Waaqayyoon jaaladhu; mootummaasaa jaaladhu; nama hundaa jaaladhu; jaalalli jaalala fida. Haa ta'uutii ati tajaajila kee akka hojiitti qofa, akka dirqamaatti, ykn kaayyoo ta'eef qofa akka ta'eetti kan ilaaltu yoo ta'e bu'aan kee maalinni?

Більше
Рекламні дописи
3 285
Підписники
-324 години
+17 днів
+2330 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

⚜️ Ijoollee Sahaaraa Ta'aa⚜️ ➭Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa kanarratti haati manaa hammam abbaa manaaf fakkeenya guddaa ta'uu akka dandeessu, akkasuma kabaja haadhummaa yeroo ibsu akkas jedha (1Phex 3:1-6); ➭"Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta'an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatiin, amala isin warri haadholii manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo'amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa!  Isaan amala keessan isa qullaa'aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.  Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'iin!  Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta'u! Kunis afuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta'e sanaan haa mul'atu!  Bara duriitti dubartoonni Waaqayyoof qulqullaa'anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan.  Sahaaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin doorsisa tokko illee osoo hin sodaatiin gaarii yoo gootan, ijoollee ishee ta'uu keessan!" ➭Haadholiin akka waliigalaattis akka mana kiristaanaattis itti gaafatamummaa dachaatu isaanirra jira. Dhaloota gaarii duuba, tajaajila mana kiristaanaa gaarii duuba haadhummaa gaariitu jira. Makmaaksi hawaasaa, "Duuba abbaa manaa cimaa haadha manaa cimtuutu jira" jedhus gatii haadhummaa kana ibsa mitiiree! Haadhummaa hamma kana guddaa ta'eef gatii/xiyyeeffannoo gadi aanaa kennuun gaarii miti. Warri haadha ta'uuf jiran karaa hundaan of-qopheessanii itti seenuun barbaachisa; warreen ta'anii jiran immoo haadhummaa isaaniif gatii kennuu qabu! Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Показати все...
GODOLIYAAS

"Addunyaan hunduu ni darba; fedhiin fooniis ni bada; seera Waaqayyoo kan raawwatu garuu bara baraaf ni jiraata!" Yaadaa fi gaaffiif @lamtesh irratti nuuf ergaa! *Godoliyaas-Waaqayyo Guddaadha* FB ► *Godoliyaas*

👍 4
YAADA BADAA (HAMAA)✍✍✍ 🚸Yaa ijoollee koo! Jalqabarraa yaada hamaa yaaduu osoo dhiisnee gaariidha.Yoo dhuma yaadanillee garuu yoo xiqqaate baastanii hin dubbatinaa. Achumatti qalbii dhuma keessan keessatti  hambisaa; Daqiiqaa muraasa booda gara wanta hin jirreetti ni jijjirama. 🧍‍♂🚶👨‍✈️.Nuti namootadha.  Kanaaf yeroo baay'ee waan hamaa ,hin mallee fi xuraa'aa ; akkasumas jibisiisaa ta'e ni yaadna. Garuu yoo xiqqaate  yaadota  sana osoo baasnee dubbachuu dhiisnee; gara jechaattis osoo jijjiiruu baannee gaariidha.Gara alaatti baasuu dhiisnee ciniiffannee of keessatti yaa qabannu.Yeroo muraasaan booda nu keessaa hirdhachaa, dadhabaa fi bahaa deemu. 🦁 Bineensa tokko gara boollatti  darbattanii otoo boollichas duuchitanii; bineensi gara boollatti darbattan sun qilleensa ittin harganu dhabee ni du'a.Akka carraa ulaa xiqqoo qilleensi ittin galu yoo argatte garuu qilleensa gara ulaa sanaan seenuun lubbuun turuu ni danda'a . Yoo isa dhiphisu, hammeenyaan  isin miidhuuf isinitti dhaadata,erga boollicha keessaa baheen boodas sin miidha. 👉 Haaluma wal fakkaatuun isinis yaada hamaa sammuu keessan keessa deddeedi'u,ulaa (karra) ittin bahu yoo duuchitan ni du'a; Jiraachuu irraa gara wanta hin jirreetti  ni jijjiirama. 👅Arraba keessaniin dubbachuudhaan  ulaa xiqqoo yoo bantaniif,akkasumas akkuma bineensichaa hafuura baafannaa yoo eyyamtaniif garuu yaadni badaan hojii hamaa ni daha.Namas ni aarsa.Yeroo sadarkaa yaadaa irra jiru  caalaa hojiin dhalatee,jijjiiramee garmalee sin miidha. Madda :Kitaaba Gidiraa Kiristaanootaa. (Yohaannis Afaan Warqee)
Показати все...
👍 6🙏 3
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Waaqayyoof galatni haa ta'u! Fedha uumaa keenya Qulqulleetti Sillaaseen guyyaa har'aa(guyyaa yaadannoo ji'aa Qul.Sillaaseen) speaker(sagalee guddistuu) kana bitachuu dandeenyeerra. Warreen bakka adda addaa teessanii jaalala Xoofoo Sillaaseef qabdaniif maqaa Qulqulleettii Sillaaseen gargaarsa nuuf gochaa jirtan waaqayyo uumaan keenya bakka jirtanitti isin haa eegu, kan hafe isiniif haa eebbisu, guyyaa dhufaatiisaa nama mirgasaa dhaabbatu isin haa taasisu. Warreen nu gargaaruu barbaaddanis Herreega baankii maqaa Xoofoo keenyaan banameen akka nu gargaartan maqaa uumaa keenya Sillaaseen sin gaafanna. 1000421540687 Tofo Sillasie Jimma
Показати все...
👍 15👏 4
Repost from N/a
#Gadhiifameera Seenaa daawwadhaa! Baradhaa! Hubadhaa! Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru! https://youtu.be/yLTo4vSi190?si=WoaqpYFYY1AqKXAT
Показати все...
Akkuma dubbate ka'eera!! || Lallaba B/saa Guutamaa Goobanaatiin

Yaadaa fi gaaffii sagantaalee keenya irratti qabdaniif lakkoofsota bilbilaa +251982084408 / +25198208550 irratti nuuf bilbiluu dandeessu. Tajaajilicha bal'in...

AMANTAA ABBOOTAA "Obbolootaa nuti hoo akkasitti amannna: Kan hin dhalanne Waaqayyo Abbaan qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan dhalate Ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan jaalaterra kan bulu Afuurri Abbaa, Ilmaa Waaqayyo Afuura Qulqulluun qaama isaa adda ta'een tokkodha.Abbaan hin dhalanne, addunyaa dura Ilma dhale malee, Ilmis addunyaa dura Abbaarraa dhalate. Afuurri qulqulluus addunyaa dura Abbaa irraa bahe!" ✍Amantaa Abbootaa kan Atnaatewoos
Показати все...
🙏 13👍 1
Suuraa Guyyaa ayyaanaa galgala kaafaman
Показати все...
⚜️Dubrittii Dubbii Abbootiin⚜️ ➭"Waaqayyo osoo Mucaa dubaraa mooticha Heeroodsi irraa dhalateera ta'e arii'atamuun Isaa hafee mootummaa  isaa dhaala ture. Inni garuu mucaa warra hiyyeessaa kan taate Dubroo filate" Abbaa Giyoorgis Isa Gaasiccaa ➭"Yaa tulluu guddichaa! Mucaa xiqqoon kan si baatte atumti akka isheen dandeessee si baattu taasifteeti; Yaa ibidda guddichaa! Mucaa xiqqoon si baattee kan hin gubanne, akka isheen dandeessuuf ishee jabeessiteeti!"  Q. Efreem isa Sooriyaa ➭"Addunyaan kun kallattiidhaan Ilma Waaqayyoo Waaqa Abbaa irraa fudhachuuf kan gahe ta'ee waan hin argamneef, addunyaan akka ishee irraa fudhatuuf Ilma isaa tokkicha haadha isaa akka taatuuf Dubroo Maariyaamiif kenne!" Q. Awugisxiinoos ➭"Yaa gooftaa haadha kee eenyu jennee waamnaa? Haadha qofa akka hin jenne Dubroo taatee argine; Dubroo akka hin jenneef ilma haammattee argine. Yaa gooftaa haadha kee waamuuf akkas kan nama rakkisu yoo ta'e siin immoo mee maal jennee waamnaa?" Q. Efreem ➭"Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu jechi tokko na keessa dhufa. Kunis Museen tulluu Siinaarra dhaabbatee osoo jiruu, "mukni tokko yammuu ibbiddi isheerratti boba'u, ibiddichi mukittii osoo hin gubiin, mukittiinis osoo ibiddicha hin balleessiin" ilaalee 'akkamitti ibiddi kun  muka kana hin gubne? Raajii kana nan ilaala jedhee kalattii mukittiitti dhiyaate. Yammuu achitti dhiyaatu  garuu jechi tokko garasaatti dhufe, 'Gara kanatti hin  dhiyaatiin bakka ati dhaabbatte kan eebbifamte waan taateef kophee miila kee baafadhu!' kan jedhu; Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu "As hin dhiyaatiin!"waan jedhu natti fakkaata. Sababni isaas muka sanarratti kan boba'e ibiddadha. Dubroon Maariyaam kan baatte garuu ibidda Waaqummaati" Q. Saawuroos isa Antsookiyaa ➭"Dubroo qulqulleettiin dhugumatti waaqayyoon kan deesse ta'uushee ni dubbanna, Waaqayyo Ilmi/JECHI/ isheerraa foon waloomfateeraatii" Q. Gorgooriyoos isa Inzinaazuu Caamsaa 01; guyyaa kanatti dhaloonni ishee kan yaadatamu Eebbii fi araarsummaan Haadha Waaqaa Dubroo Maariyaam  nurraa adda hin bahiin! Ameen! Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Показати все...
GODOLIYAAS

"Addunyaan hunduu ni darba; fedhiin fooniis ni bada; seera Waaqayyoo kan raawwatu garuu bara baraaf ni jiraata!" Yaadaa fi gaaffiif @lamtesh irratti nuuf ergaa! *Godoliyaas-Waaqayyo Guddaadha* FB ► *Godoliyaas*

👍 8
ALAAZAAR ✍Guyyaan Roobii du'aa ka'umsa gooftaa keenyaa booda jiru yaadannoo du'aa ka'uu Alaazaar obboleessa Maartaafi Maariyaam akka ta'e manni kiristaanaa keenya ni barsiisti. Alaazaar Hoosaa'inaa dura Roobii du'ee guyyaa afur booda sanbat-duraa ka'eera. Du'aa ka'uun Alaazaar garuu du'arraa gara jireenyaatti osoo hin taane du'arraa gara du'aatti waan tureef du'atu isa eeggata. Kanaafuu du'aa ka'uu gooftaa booda kabajama. Alaazaar Bitaaniyaa keessa kan jiraatu waaqayyoon kan jaallatu ture. Guyyaa tokko dhukkubsatee du'ee awwaalame. Gooftaan keenyas erga inni du'ee awwaalamee booda dhaqee du'aa kaase. Kanaanis du'aa ka'umsiifi jireenyi anadha jedhe. 🙏Eeyyeen du'aa ka'umsiifi jireenyi isadha. Du'aa ka'umsaafi jireenya isaan nutis du'aa ka'uufi jireenya argannee jiraattota taane.
Показати все...
👍 8
TOOMAAS ✍Kibxatni ayyaana du'aa ka'uu boodaa yaadannoo duukaa bu'aan Toomaas waaqayyoon argee gooftaa koo waaqa koo jedhee dhugaa ba'e akka ta'uuf moggaafame. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos du'aa ka'ee mana cufaa keessatti duukaa bu'ootatti mul'atee nagaan isiniif haa ta'u yeroo jedhetti duukaa bu'aan kun isaan waliin hin turre.Yemmuu duukaa bu'oonni du'aa ka'uu gooftaa keenyaa itti himanis hangan ijaan argutti hin amanu jedhee ture.Kanaaf torbee isaatti gooftaan keenya bakka qulqulluun Toomaas jirutti duukaa bu'ootatti lammaffaa mul'atee nagaan isiniif haa ta'u jedhe. Qulqulluu Toomaasiinis"Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i" jedhe. Toomaasis harkasaa ilaalee, qubasaas madaa cinachasaa keessa kaa'ee  baruun gooftaakoo waaqa koo jedhee amane(Yoh20:21-30). Kanas abbooliin yemmuu hiikan Qaamasaa tuttuquusaan gooftaa koo jedhe, madaan cinaachasaa akka abiddaa isa gubnaan immoo waaqa koo jedhee amane jedhanii barsiisu. Ayyaana gaarii.
Показати все...
👍 8👏 2